Oromoo Geema Tiktok Taphatuun Galii Guddaa Argataa jiran

Oromoon Dhimma Isaa Dagachuun Dhimma Namoota dhuunfaa Dhimma Isaa godhatee Tiktok irraa Duula Nama dhuunfaa Tujjaaromsuu Hojjataa jira.

Ilmaan Oromoo Tiktok irraa geema Taphatuun Galii Gurguddaa Argataa Jiran. Fakkeenyaaf Obboleessi keenya Abbaa Abdii Jedhamuun beekamu Geema Warra Ollaa Waliin Guyyaa Kaleessaa Taphateen Yoo Xiqqaate Doolaara Ameerikaa Kuma Kudhan Argateera. Akkaataan Itti Birrii Tiktok kana Argatan Namoota Lama waliin Taa’anii Daawwattoota Isaaniin Taptap godhaa jechuun gaafatu. Namni tokko taptap qofa gochuun Gara point sadihii galcha. Namoota Abaaboo sadi kennuu waliin Walqixa taha jechuudha. Abaaboon kennaa Tiktok irratti Namaaf kennamu keessaa isa tokko. Akkaataa Kanaan Kan kennaafi Taptap jedhamu sana baayyinaan argate Nama Isa waliin taphatu yoo caale isaatu Moohate jechuudha. Fakkeenyaaf yoo Nama waliin taphatu Kuma tokkoon moohate kana jechuun Doolaara Ameerikaa Shan argate jechuudha. Yoo miliyoona tokko argate ammoo Doolaara Kuma shan Argate jechuudha.

Abbaa Abdii fi Frewnintala jedhamtuudha
Abbaa Abdii Fi Intala Geema guddaa waliin taphatee moohameedha. Akkasuma Makii Oro fi Bahaliyaakeedha Namoonni suura kana keessaa muldhatan

Obboleessi keenya Abbaan Abdii Intala Kaleessa waliin Taphatan Sanaan Injifatame. Intalli Pooyintii miliyoona lamaafi wahi argatte, Inni Garuu Pointii Miliyoona 1800,000 oliin Lammaffaa bahe kana jechuun Intalli Doolaara Ameerikaa 10K argatte inni ammoo tapha kana qofarratti doolaara Ameerikaa 9500 olitti tilmaamamu argate. Haa tahuu malee Abbaan Abdii Erga Aaree bahe booda deebi’ee Taphatuun Poyintii gara kuma dhibba Afurii olii sassaabateen Galiin Inni Walii gala argate Doolaara Kuma Kudhanii Olitti Tilmaamama. Tahus garuu Oromoon akkamitti Na moosisuu didde jechuun Komii qabu Dubbataa ture. Yaadadhaa Oromoon Yeroo Ammaa kana Rakkoolee dhimma sabaa baayyee Kan silaa irraa dubbatuu qabu hedduutu jira tahullee Ajandaa Tapha Abbaa Abdii kana Hojii Godhachuun,Oromoon dhimma ofii dagatee Dhimma Anama dhuumfaa sooromsuu Ajandaa godhatee dhiichisaa jira jechuu isin hubachiisuu feena Waan dubbiftaniif galatoomaa Viidiyoo linkii gubbaa jiruun Dhaggeeffadhaa waliifis dabarsaa dhimma keessan Irratti xiyyeeffadhaa isiniin jenna horaa Bulaa deebanaa Unitedoromia