Jawar Waggaa Afurii Oliif Qeeqne. Mangistiin Keenya Guyyaa Afuritti Taayyee Hidhe.

Nuti Jawar Mohammed Waggaa Afuriif Arrabsoon Qeeqaa Turre. Mangistiin keenya Garuu Guyyaa Afuritti Qeeqa didee Obbo Taayyee Hidhe jedhuun Kaab Buttaa (Hordofaa Mohammed) Dubbate.

Nuti Abiyif jennee Waggaa Afur Jawar Qeeqne. Abiyyi Garuu Qeeqa Guyyaa Afurii Dadhabee Obbo Taayyee hidhe jechuun Kaab Buttaa Dubbate.

Obbo Taayyee Dendea Aredo ABO Shanee jedhamuun Himatame. Garuu Namni Hanga Obbo Taayyee Badhaadhina Utubuuf Jireenya isaa dhabe Hin jiru. Hubadhaa Warri Amma Taayyee Likkitti Galchina Jedhee Waa Barreessu kunniin Namoota Taayyeen Karaa Irraa Guuree Paartii Badhaadhinaa kanatti Galcheedha jechuun Deeggaraa Paartii badhaadhinaa kan Ture Obbo Kaab Buttaa( Hordofaa Mohammed) yaada kennateen ibse.

Nuti Sababa Paartii Kanaa Jireenya Namaa Keessaa baane. Akka Dubartii Ulmaatti Manatti Galuun Goda keessa Jiraataa Hanga Guyyaa Arraatti Akkasumaan Osoo Jirruu,Nama Nuti Karaa Dhugaa Paartii Badhaadhinaa Kana Akka Fudhannuuf Nu Jajjabeessaa Ture Obbo Taayyee Himata Shorarkeessummaa,Kan ABO Shanee Ittiin Himataniin Hidhan.

Biyyaatu Jawar Mohammed Dhabe Malee Jawar Mohammed Biyya Hin dhabne jedhe Hordofaan

Kanarra Dhaabannee Yoo Laallu,Paartiin Dhugaa Manafeestoo Badhaadhinni Afaanin Nutti Himaa Jiru Qabatee deemaa Jiruufi Dhugaan SababIsaatif Qabsootti jiru Paartii ABO Akka Nuti Jennu Nu taasise. Hanga Arraatuu Eessuma turre Maaltu Dhugaa Arguu Nu dhoowwe Jechuun Badhaadhinarraa Komii Qabu Obbo Kaab Buttaan Ifaan Ifatti Yaada kennatee dubbate.

Obbo Jawar Mohammed Waggaa Afur Qeeqne Garu Abiy Ahmed Qeeqa Guyyaa Afurii Dadhabee Obbo Taayyee Hidhe jechuun Kaab Buttaa dubbate.

Mee Nama Siyaasaati Jechuun Maal Akka Tahe Obbo Jawar Mohammed Irraa Baradhaa Jechuun Arrabsoo Obbo Jawar fi OMN Irratti Duulaa Turan Kaasuun, Arra Gaafa Jawar Mohammed Maatii Obbo Taayyee Dendeatif Sagalee tahuu isaa Kana Argu Hogganaa Dhugaa fi Biyyaan Deemuu Dandahu Akka Tahe Ragaa Baheef.

Biyyaatu Obbo Jawar Mohammed dhabe malee Jawar Mohammed Biyya Hin dhabne jedhe Hordofaan

Obbo Jawar Mohammed fi Abiy Ahmed walbira qabuun Ilaalaa jechuunis Fakkeenya Ummataaf godhee,Jawar Waggaa Afur Irratti Duulaa baane. Garuu Arra Narratti Duulan Jedhee Hijaa Osoo Hin Qabatin Maatii Obbo Taayyee Tan Abiyyi Manarraa Alatti Baasef sagalee tahe jechuun Yaada kennatee,Ati Eenyu Akka Taate Fakkenya Jawarirraa Fudhadhu Of ilaali jechuun Abiy Ahmadiif Dhaamsa Kaahe. Isin Maal jettan? Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Jawar Mohammed Yakka Obbo Taayyeef Maatii Isaa Rakkisuun Sirrii Miti jedhe

Barreeffamni Obbo Jawar Mohammed Guyyaa Arraa Maxxanse Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa tahe.

Yakka Obbo Taayyee Dendea Hojjateef Maatii Isaa Rakkisuun Sirrii miti. Jawar Mohammed

Waggaa Lamaan Dura Yeroo Obbo Jawar Mohammedfaa Mana Hidhaa Turanitti Obbo Taayyee Dendea Aredo Sababa Paartii Isaaniif Jecha Obbo Jawarfaa irratti Qoosaa Turan. Qoosaan Isaan Hayyoota Oromo Irratti Qoosan Oromoota Baayyee Mufachiisee ture.

Guyyaan Tokko Dabree Kan Biraa Dhufnaan Torbaanotatti Jijjiirame. Torbaanonnis Walitti Dabalamuun Ji’ootarraan Waggaa Lama Dabree Paartiin Obbo Taayyeen Isaanif Jecha Hayyoota Oromoo Xiqqeessaafii ture sun Isa Nyaate.

Obbo Jawar Mohammed Yaakki Obbo Taayyee Maatii Isaa Rakkisuu Hin Qabu jechuun Obbo Taayyee Dendeaf sagalee tahe.

Yeroo Ammaa Obbo Taayyeen Garee shorarkeessaa waliin Hidhata Qaba jedhamee Aangorraa Kaafamee Mana Hidhaatti Darbatame. Yeroo Ammaa Mana Obbo Taayyeen Maatii Waliin Keessa Jiraataa Turerraa Baasuun Dhagahamnaan garuu Obbo Jawar Mohammed Barreeffama Asii gadii Kana Barreesse.

Siyaasa biyya keenyaa keessaa wanti fokkisaan tokko namoonni/ murnoonni gaafa waldhaban maatii walii kan miidhaniidha. Nuti warri qabsoo/siyaasa hojii godhannee filanne aarsaafi wareegama dhuunfaan dhufuu malu beekneeti itti seenne. Garuu ammoo haati, abbaan, adaadaan, haati warraa, obbolaanfi daa’imman keenya murtii kana keessatti hirmaannaa hin qaban. Badii uumamuufis wanti itti gaafatamaniif hin jiru. Taayyee Danda’aas tooraafi tooftaa siyaasaa filateen aarsaa itti dhufe kafalus, maatii isaa miidhuun garuu fafa. Yeroma mana itti kireeffatanis osoo hin kenniniif daa’imman isaa mana jireenyaa keessaa ari’uun cubbuudha.

Gochi akkanaa qaroowwan siyaasaa (political elites) jiddutti gadoo dhuunfaa hammeessuun, bor gaafa yeroon jijjiramte walitti fayyuu rakkisaa godha. Siyaasni haaloo ( revenge politics) ammoo biyya balleessa.

Barreeffama Obbo Jawar Mohammed Kana Jalatti Oromoonni Kumaatamaan Yaadota Garagaraa Kennachuun Gara-Laafessa Namaa Kanaaf Sijaalanna jedhanii Hayyuummaa fi Gootummaa Obbo Jawar Himuun Leellisurratti Argaman. Isin Yaanni keessan Maali? Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Hidhamuu Obbo Taayyee Ilaalchisanii Namoonni Muraasni Abiy Ahmed Galatoomfataa Jiran.

Dhugaadha Obbo Taayyee Dendea Aredo Oromoota Baayyee Jechootaan Laalessaa ture. Sababni Inni Kana Gochaa Tureef ammoo Mootummaa Abiy Ahmed Kan Badhaadhina Jedhaniin Kana Utubuuf Kana Godhe jechuun Obbo Taayyeen Dhuma Barreeffama isaa keessatti Ibsuuf yaaleera.

Hidhamuu Obbo Taayyee Dendeatin Namoota Gammadee Abiy Galateeffatan sababni Maali?

Obbo Taayyee Dendea Aredo Jalqaba Dubbii Ida’amuu Mootummaan keenya Dhufeen Dhugaa seheen Itti Dabalamee,kanaaf jecha Ummata Oromoo warra Abiy Mormaa turanirratti Duulaa Hayyoota Baayyees Jechootaan Miidhaa Ture jechuu waan fakkaatu Dubbateera.

Haati Warraa Isaas Dubbii Kana Irra Deebiin Dubbatte. Sababa Inni Dhaaba Kanaaf Jecha Badiiwwan Hojjateef Ummannii fi Firoonni Isaatis Qeeqaa ture jechuun Himte. Tahullee Garuu Obbo Taayyeen Imaammanni Mootummaa keenya Dubbii Afaanin Dubbatame miti Jechuun Wajji Hojjachuutti Gaabbee Barreeffama Isaatin Ibse.

Hidhamuun Obbo Taayyee Dendea Namoota Gammachiiftee Abiyi Galateeffatan Ilaalchisee

Sababa Inni Kana Godheef yookaan Mootummichaan Sirrirra Hin jirtu,Afaanin Malee Hojiidhaan wanti Ummataaf Hojjatame hin jirtu Kanaafuu Kijiba Kana Dhiifnee Dhugaatti Haa deebinuu,Haa Mariyannuu Nagaha Ummata Keenyaaf Haa Buufnuu jedhee Mootummarratti Qeeqa dhiheesseef,Aangorraa Kaafamee Hidhame.

Haa tahuu malee Gaafa Inni Oromoo dura dhaabatee Mootummaaf Afaan Tahee Oromoo Laalessaa ture sana Namni Isatti Dubbate Mootummicha keessa Hin Turre. Inumaa Akka Gootaatti Dhaadamuufi Faarfamuu ture. Amma Garuu Waan Dhugaa Ummataa Dubbachuu eegaleef Hidhame. Mana Keessa Jiraaturraa Maatiin Isaa Baafame.

Kanaafuu Namoonni Kanarratti Abiyyiif Deeggarsa Qabdan Agarsiisaa jirtan Maalirra Dhaabattaniiti? Mee Gaafi Kana Deebisaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Mana Keessaa Akka Baanu Nutti Himame jette Haati Warraa Obbo Taayyee Dendea

Haati Warraa Obbo Taayyee Dendea Aredo Hidhamuu Abbaa warraa Ilaalchisee Yaaddoo keessa jiraachuu Himte.

Haati Warraa Obbo Taayyee Dendea Himata Isarratti Bananirraa Komii qabaachuu himte

Himannaan Abbaa warraa koorratti Baname Sirrii Miti jechuun Haati Warraa Obbo Taayyee Dendea Aadde Sintaayyoon Afgaafii OMN waliin Taasisfte keessatti Hinte.

Obbo Taayyeen Paartii Kana Utubuuf jecha Maatii fi Firootarraa Gargar Bahe tan jettu Aadde Sintaayyoon,Erga Halkan Guutuu Mana Keenya Sakatta’aa Bulanii Halkanirraa Sa’aa 10tti Humna Poolisootaan Fuudhamii Abbaan Warraa koo Eessa Akka Jiru Hin beeku jechuun Dubbatti.

Himannaan Obbo Taayyee Dendea irratti Baname Sirrii Miti jechuun Haati Warraasa komatte

Aadde Sintaayyoon Mana Mootummaan kenneef keessa Jiraataa turuu Kan Himtee fi Guyyaa Kaleessaa Natti Bilbilanii Guyyoota Sadii keessatti Akka Baatan jedhamnee Ajajni Nutti Kenname jechuun Himti.

Obbo Kaab Buttaa Haala Taayyeen keessa jirurratti Waliin Morkii fi Falmii dhiisaa Tokkummaa keenya Jabeessaa jechuun Dhimmicharratti yaada kennate. #UnitedOromia

Waliin Mormiin Obbo Taayyee fi Obbo Shimallis Gidduu Hinjifannoo Shimallisiin Goolabame.

Obbo Shimallis Abdiisaa Gochoota Hin Taane Fi Garajabinaa Ummata Oromoo Irratti Raawwataa Jira jechuun,Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromia Kana Komatuun Barreeffamoota Dhedheeraa Gama Fuula feesbuukii isaanii irratti Barreessaa Kan Turee fi Deetaa Ministeera Nageenyaa Tahuun Waggaa tokkoo oliif Tajaajilaa Kan Ture Obbo Taayyee Dendea Guyyaa Arraa Humna Shoorarkeessaa waliin Hojjattaa ture Jedhamuun Mana Hidhaa Galeera.

Atakaaroon Obbo Shimallis Abdiisaa fi Obbo Taayyee Dendea Gidduutti Jalqabe Hinjifannoo shimallisiin xumurame jedhan.

Rakkina Sirna Bulchiisa isaanii Keessa Turerratti Obbo #Shimallis Abdiisaa fi Obbo #Taayyee Dendea Gidduutti Atakaaroon Erga jalqabe Har’a Waggoota Lakkoofsiseera. Walmormii fi Gaarreffannaa Yeroo dheeraa booda Dubbiin Taayyee Dhagahamuu didee Guyyaa Arraa Obbo Taayyeen Hidhamuun,Obbo Shimallis Injifateera jechuun Namoonni Yaadota Garagaraatin Dubbataa jiran. Dhimma #Oromo fi #Oromia Ilaalchisee Obbo Taayyeen Barreeffamoota Yeroo garagaraatti Barreessaa Turan Kana Irra deebiin Isiniif Dhiheessineerra.

Atakaaroon Obbo Taayyee Dendea fi Obbo Shimallis Abdiisaa Gidduuti jalqabee ture Injifannoo Shimallisiin Xumurame jedhan.

Guyyaa Kaleessaa Sababa Inni Komii Mootummaa kiyyarratti Ofeef Aangorraa Kaase Jechullee baatu,Xalayaan Akka Inni Aangoo Gadi dhiisuu qabu Muldhiftu,Mootummaa Ethiopia Irraa Obbo Taayyee Qaqqabee,Obbo Taayyeenis Jechoota Jajjaboon Abiyyiif Deebi Kenneera.

Namoonni Baayyeen Sababa Taayyeen Ati Harki Kankee dhiigaan Laaqamaa Tahuu Ergan Hubadhen Sirni Kankee Kan Madamar jedhu Kuni Ummataaf Akka Hin Taane Hubadhee Kanaafin Siwaliin Dhaabaturra Gama Ummataa Yookaan Nagaha Buusuu Akka Qabdan Lallabe Jedhee Abiyif Deebii Kenneef,Abiy Ahmed Aaree Aangorraa Kaasee hidhe Jechuun Yaada kennataa jiran. Isin Maal jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Taayyee Dendea Aangorraa Akka Kaafamu Xalayaan Qaqqabe jedhan.

Obbo Taayyee Dendea Aredo Gidduu Kana Rakkoon Mootummaa Keenyaa Kuni Hundeerraa furamuu qaba jechuun Rakkoo Keessoo Mootummaa isaanii jirurratti xiyyeeffatee barreeffamoota Dhedheeroo baayyee barreessaa jira.

Obbo Taayyee Dendea Aangoo Irraa Kaafaman. Sababni Waan Mootummaa Abiy Qeeqef jechuun Obbo Kaab Buttaan Yaada kennatan.

Guyyaa Arraatis Barreeffama Mata-Dureen isaa Ijoollee Wareegamtootaf jecha Nagaa jedhu gama Fuula feesbuukii isaanii Irratti Barreessan.

Sababaa Obbo Taayyeen Barreeffamoota kanneen Barreessaniif Aangorraa Kaafaman jechuun Obbo Kaab Buttaa Yaada dhimmicharratti kennatan. Obbo Taayyee Dendea Aredo Lafee Dugdaa paartii badhaadhinaa Nama ture tahuun Osoo beekamuu Sababa Mootummaan Keenya Kan Abiy Ahmed Bulchaa jiru Kuni Sirrii Miti jedhee qeeqef Aangorraa Kaafame jechuunis Komii Isaa Ibsataa jira.

Obbo Taayyee Dendeas Xalayaa Isa Qaqqabe Gama Fuula Feesbuukii isaanii Irratti Maxxansuun Akkana Jedhee “ Kabajamoo Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimadiif

Yaada Ida’amuu dubbattee fi barreessite amanee isin hordofe. Dhawaata garuu nama waan dubbatu hin jiraanne qofa otoo hin taane cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe. Gaafan dhugaa sehee waraana bilaasha maqaa walabummaa biyyaatiin bantan, isa Itoophiyaanota wal-nyaachise, fi diinagdee biyyaa kuffise gegeessaa turtan deeggaretti na faarsaa turtan. Hardha gaafan dubbii argee gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu jennaan aangoo narraa fudhattan. Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada. Turtii waliin qabaannef galatoomaa!Hagan jirutti qabsoon nagaa fi obbolummaa ummataatiif godhu itti fufa!„ Yaada irratti kennateera.

Xalayaa Aangorraa Kaafamuu Obbo Taayyee Dendea ibsituu fi Yaada Obbo Taayyeen Abiy Ahmediif barreesse akkasuma Yaada Kaab Buttaa kennatan

Bakka Sheik Amin Ibro fi Ustaaz Raayyaan Argamanitti Muhaadaraa Guddoo Harargee Asabootitti Taasifame

Muhaadaraa Seena qabeessa Ustaaz Raayyaa fi Sheik Amin Ibro irratti hirmaatan Magaalaa Asaboot

Muhaadaraa Kana Sheik Ummata Magaalaa Asaboot Barsiisu Qubsiisuuf Kan Qopheessan Yemmuu tahu, Baayyinni Ummata Achitti Argamee Nama Ajaa’iba. Muhaadaraa dhimma Tokkumma fi Hubannoo Hawaasaa m/m/dhi/islaamaa God/Har/Lixaatiin Bakka ulamootaa fi D’uaatoonni Gurguddoon Argamannitti magaalaa Asabbotitti Qophaa’e

Muhaadaraa Kanarratti Yaada Gabaabaa fi Nashiidaa Isaatin Kan Ummata Booharsaa Ture Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa,Waan keessa Dabarre Yaadadhaa Rabbiif Galata Galchaa Jedhaniiru.

Sheik Amin Ibro fi Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Dabalatee Ulamaa’onni Baayyeen Muhaadaraa Harargee Magaalaa Asaboot taasisanirratti Hirmaatan

Akkasuma Sheik Amin Ibroo Qoosaa isaa Kan Ummata Hawwatu saniin Ummata Seeqqachiisaa Gorsa Bareeda gorseera. Hawaasni Oromo Godina Harargee lixaa Magaalaa Asaboot Akkasitti Baatanii Ulamaa’ota Keenya Gammachiisuu Keessaniif Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa isiniin jenna. #Unitedoromia

Obbo Taayyee Dendea Aredo Barreeffama Dheeraa Dhimma Oromo fi Oromia irratti Barreessan

Obbo Taayyee Dendea Aredo jedhama. Hogganaa Olaanaa Bulchiinsa Mootummaa Ethiopia keessatti deetaa Nageenya Ethiopia tahuun Nama Waggaa tokko oliif tajaajila kennaa jiruudha.

Obbo Taayyee Dendea Aredo Dhimma Nageenya Oromia fi Marii Araaraa Ilaalchisee Yaada kennan.

Obbo Taayyeen Dhimma Marii Nagahaa Kan Mootummaa Ethiopia fi ABO WBO gidduutti Biyya Tanzaaniyaa Odola Zanzibaari fi Daarusalaamitti Yeroo lamaaf Gaggeeffame hordofee, Mariin Kuni Milkii Malee Yeroo lamaaf Xumuramutti Gadduu Kan Ibsee fi Dhimma Kana Ilaalchisee Dhiheenya Kana Rakkoon Bulchiinsuma Mootummaa Isaanii Keessa Akka tahe Irra deddeebiin Yaada Isaa Maxxansaa jira.

Obbo Taayyee Dendea Aredo Gama Fuula feesbuukii Isaanii Irratti Barreeffamoota Dheeroo gadirra Jiran Kana Maxxanse.

Gaafii Erga deebi’ee Bubbule jechuun Sababa Mariin Araara Mootummaa fi WBO gidduu Fashaleef Kan Mootummaan isaanii Akka Sababaatti Dhiheeffatan Akka Mata-duree gochuun Jarana Wanti Isin jettan kuni dhugumaaree jedhee,Yaada Isaa Dhugaa Ummanni beeku qabu jechaa waan Fakkaatu Akka Armaan gadii kanatti Itti fufuu eegale.

Gaafii Erga deebi’e Bubbule Wanti kuni dhugumaaree??

Obbo Taayyee Dendea Aredo -Gaafi Erga Deebi’e Bubbule jettanii jechuun Barreesse

Yaaliin araaraa Dareesalaam gadadoo hamaa sabi ganna shaniif itti ture ni hiika jennee abdanne. Sun fashallaan guddoo gaddine. Ibsa mootummaa keenyaa isa “Warri Shanee gaafii dulloomaa erga deebi’ee bubbule kaasan” jedhu gaafa dhageennu ammoo ni rifanne. Balballi keenya nagaaf cufaa ta’uu as irraa hubanne. Kanaaf leelloo nagaa cimsine!

Ummati Itoophiyaa gaafiilee lafaa, eenyummaa fi dimokiraasii kaasuu seenaa irraa dubbifne. Darguun gaafii lafaa deebisee lamaan dhiise. ADWUI-n mirga eenyummaa jala dhokatee gaafii dimokiraasii ukkkaamse. Qabatamaatti ammoo, wanti yaalame jiraatus, gaafiileen sadanuu hin deebine. Otoo dimokiraasiin hin jirre gaafii kamuu deebisuun waan hin taane. Dhugaa kana sanadoota Paartii Badhaadhinaa keessatti irra deddeebiin barachaa barsiifne. Bara 2013 gaafa filannoof dhiyaannu, “Gaafiin erga deeb’ee bubbule” jechuuf otoo hin taane, gaafiilee bubbulan lakkoofnee hundeerraa deebisuuf waadaa seenne.

Gama keenyaan jechii fi gochi mootummaa wal-diduu bara 1992 filannoo marsaa lammataa irratti argine. Waan hin fedhin akka filannuuf dirqisiifamne. Gaafas irraa qabsoo murteeffanne. Bara 1996 waraanan gaafii sabaa deebisuuf manaa baane. Adeemsaan keessa ammoo qabsoo humnaatti amanuu dhiifne. Erga yaada fi nagaan qabsaayuu jalqabnee amma ganna saddeet guutuuf dhiyaanne. Ejjannuma kanaan OPDO seenuun achirraa ODP fi Badhaadhinatti ceene.

Haga nuuf galutti hardhas roorroo fi gadadoon sabaa hin dhaabanne. Kanaafuu gaafiin ummataa tokkoyyuu hin dulloomne. Gaafiin diinagdee (lafaa) akka malutti hin deebine. Lafa ilaalchisee Saamtutu geeddarame malee saamichi hin dhaabanne. Lafti dur harka Gultanyaa ture hardha kiisii dallaalaa seene. Dhugaa kana ammoo afaan muummichaa irraayyuu dhageenne! Hanni sarara diimaa ture afaa diimaa hundi irra deemu ta’uu nuyyuu dubbanne.

Kaleessa “Ormi saba qe’ee irraa buqqise” jechuun lallabne. Hardha ammoo ofumaa saba buqqisaa darbuutti kaane. Badii dur raawwate sirreessuun hafee badii dabalataa dhalchine. Dallaalaaf haala mijeessutti goojjoo hiyyeessaa diigne. Hiyyummaan yoomiyyuu caalaa amma hin hammaannee? Kan biraa hafee waan hojjataan mootummaa keessa jiru hubannee? Duuba akkamiin gaafii diinagdee (lafaa) dulloomsine?

Gaafiin eenyummaas duubatti deeme. Afaanin barannus qulqullinni barnootaa ni dhabame. Qormaata kutaa 12ffaa irratti Oromiyaan dhuma ta’uu hubatame. Ammoo sabichi yoomiyyuu caalaa hardha tuffatame. Bara tare otoo nu bulchinuu Booranni beelaan dhume. Ammas duutii isaa gaddisiisuun hafee, “Namni hjn duune” jechuun namooma isaa waakkachuutti seename. Wallaggi, Gujii fi Shawaan ganna shan guutuu ajjeechaa, saamichaa fi dhaanichaan dararame. Xiyyeeffannoon keenya garuu paarkii warri quufe itti bashannanuuf kenname. Sabi hafee jaalli keenya inni ummata waliin rakkatuyyuu ni irraanfatame.

Tuulamni kaleessa caalaa hardha harka hattuu fi dallaalaatti ergarame. Arsiin akka bara dargii qamadii dafqee oomishe bushoon gurguruuf dirqame. Jimaa Harargeetiin kara deematu duroome. Warri rakkoof baqate akkuma dur hardhas jawwee fi naachaan nyaatame. Jaarraa 21ffaa keessa sabi busaa fi koleeraan ajjeefame. Duuti saba nuti maqaa isaa himannuu bulchiinsa keenya jalatti akka du’a tisiisaatti ilaalame. Duuba gaafiin eenyummaa akkamitti dulloome?

Gaafiin dimokiraasiis qixaan hin deebine. Hagi tokko yaalamus danuutu hafe. Ragaa baldhaa dhiyeessuu dandeenya. Caffeen Oromiyaa otoo biyyi arguu fi dhagayuu sagalee koo hin ukkaamsinee? Akka Heera Oromiyaa keewwata 48(3)n tumametti, sun sagalee ummata naannichaa guututti ukkaamsu dha. Ammas Miseensonni Paarlaamaa Itoophiyaa masaraa beekamtii jaraatii ala qarshii biliyoona 500-niin ijaaramu irratti gaafii kaafnan hin ifatamnee? Dhibee dimokiraasii keenyaa ibsuuf kun qofti gahaa dha. Paarlaamaan raawwachiiftuu too’atuuf aangoo dhabnaan dimokiraasiin hidhameera. Kanaa alas agarsiiftoti danuudha. Yakka ilma ganna 30-tiif haadha dadhabnuu hin ajjeefnee? Waan Bara ADWUI-tuu hin tahin, badii dhirsaatiif niitii hin hiinee? Sirni haqaa Abbooy Sibaat-faa tasa hiikuun nu rifaasise hoo maaliif Abdii Raggaasaa fi Lammii Beenyaa-faa murtii malee hidhaatti rakkise? Warra Abbootii Gadaa Karrayyuu 14 ciibsee rashansiise hoo dimokiraasii akkamiitu aangoo irra tursiise? Nagaa ummata rakkoo keessatti nu filatee eegsisuu hin hanqannee? Otoo nu jirruu haati fi abbaan keenya bahanii galuu hin dadhabnee? Tan biraa hafee nu mataan keenya maatii gaafatuuf sochii gara qe’ee hin sodaannee? Nami seeraan hidhame mana hidhaatii baafamuun ajjeesamee bineensan hin nyaatamnee? Badii raawwatamu kamiinuu yoom nama gaafanne? Duuba gaafii dimokiraasii eessatti maaliin dulloomsine?

Amma sirnaan wal haa gaafannu. Gaafiin dulloome jiraaree? “Erga gaafii deebifnee bubbulle” jechaan dhugumaaree? Ijaarsi paarkii fi masaraa duruu gaafii sabaa hin turre. Dhimmoota sabaaf ijoo garii irratti ammoo waan hammaate malee waan fooyyate hin garre. Maaliif “Gaafii dulloome” jennee dhaadannaree? Amma sabaa fi biyyaaf ajandaa ijoon nagaa dha. Lafa nagaan hin jirretti gaafii deebisuu dhiisii jiruunuu eessa jira? Dubbiin asi!

Olaantummaan yaadaa qajeeltoo Badhaadhinaa ta’uu beekna..Kanaaf nagaan qabsoo yaadaa gegeessina. Utubaan badhaadhinaa nagaa ta’uu amanna. Kanaaf cabi siyaasaa keenyaa marii fi araaran akka hiikatu feena. Qumaara obboleeyyan wal-nyaachisuun qe’ee sabaa hongeessu dhaabuu qabna! Qarooma, tokkummaa fi cichooma saba keenyaa abdanna!Sabaa-sablammii waliinis hariiroo obbolummaa ni jabeeffanna! Duunus jiraannus hattuu fi shirtuu ni moona! Gaafiilee sadan deebisuun kabaja, qananii fi nagaa sabaas ni dhugoomsina!

Amma Mariin haa godhamu! Araarri fi nagaan haa bu’u! Nagaa, nagaa, ammas nagaa! Nagaan Badhaadha! Badhaadhinni nagaa alatti dhugoomu hin jiru! Jechuun Barreeffama Kana Obbo Taayyee Dendea Aredo Gama Fuula feesbuukii isaa irratti Maxxanse. Waan dubbiftaniif Galatoomaa Ulfaadhaa Yaada keessan Nuuf qooduu hin dagatinaa #UnitedOromia

Hamzaa fi Ashittiin Maal waliif tahan Jedha Namoonni

Jaalala Funny Obbo Hamzaa fi Aadde Ashittii

Hamzaa fi Ashittiin Erga Wal fuudhan Arra Ji’oota Lakkoofsisanillee Hanga Ammaa Walbira Hin Gahin Turaniiru. Kuni Ammoo Shakkii Namootatti Uumee Gumgummiin Baayyatte.

Obbo Hamzaa Hajii fi Aadde Ashittiin Akkuma Yeroo Jalqabaa Qoosaan Ummata Kofalchiisaa Jiran. Tahullee Haalli Isaanii Kuni Abbaa warraa fi Haadha Warraa Nama Hin Jechisiisu Jechuun Namoonni Muraasni itti qoosu.

Jaalala Funny Hamzaa Hajii fi Aadde Ashittii

Akkaataan Jaalala Isaanii Nama Hinaafsisullee garuu,Amma Akka Durii Sanatti Walmararfatuun suni Laaffateera fakkaata. Maraafuu Qoosaa isaanii Kanarraa Wanti Hubatamu,Jaalala waliif Qaban Akkuma Durii Tahus garuu Wal sodaachuun Waan Hirdhate fakkaata.

Akka Hundaafuu Tapha Isaanii Kana Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia