Yaanni Hayyoota Oromo Maalif Wal-dhahe? Obbo YaYa Beshir fi Dr Henok Gebbisaa

Haala Yeroo Biyya Keenya Keessatti Deemaa Jiru Ilaalchisee Hayyoonni Oromo Yaada Walii faallaa Barreessuun Namoota Muraasa Biratti Gaafii Uume. Obbo Yaaya Beshir Ani Gonkumaa Jara Kaayyoon Isaanii Oromoo Balleessuuf Qabsaahu waliin Hin dhaabadhu Jechuun Barreesse. Gama Biraatin Dr. Henok Gebbisaa Lakkii Gaafa Tigraay Irratti Duulli Banamu Warra Tigraay waliin dhaabannee Amma Gaafa Amaara Irratti Duulli Banamu Bilxiginnaa Waliin Hin dhaabannuu Jechuun barreesse. Kunis tahee sun Yaada Isaan Barreessan Linkii Vediyoo Gadii kanarraa dhaggeeffadhaa akkasuma Walduraa duubaan Barreeffama isaanii Gama jalaa Linkii Kanaatii Arguu Dandeessan.

Haala Yeroo ilaalchisee Faallaa Yaada Hayyoota Oromoo gidduu jiru Akkasuma Fokkoraan Eessa gahe?

Obbo Yaya Bashiir Barreeffama Isaa Guyyaa Lama dura Barreessa kanaan Akkana jedhe

Obbo Yaya Beshir

Kaleessa yeroo Amaara waliin tahanii Tigraay irratti duulan ni mormine. Firooma Tagaarummaa qabaannee miti kan lola sana mormine. Sababoota gurguddaa qabna ture.

  1. Lolli sun dantaa warra ristii deeffanna jedhuu guutuuf kan duulame waan taheef ‘nun laallatu’ jenne.
  2. Ummanni Tigraay wabii sirna fadaraalummaa sab-daneessaa keessaa isa tokko waan taheefi cabuun isaa oolee bulee caba sab-daneessummaa fida jennee lola san mormine. ‘Tigraay haa cabdu malee inni hafe galabaa dha’ jedhamaa akka ture yaadadhaa.
  3. Kana malees dhaadannoon yeroo sana ture saba tokko eenyummaa isaatiin lafarraa duguuguuf akka karoorfate dhoksaa tokko malee aaktaroota lolichaatiin himamaa waan turreef akka dhala namummaatti gocha kana jabeessinee mormine.

Akkan ofii koo itti amanutti Oromoon ‘risti-deeffattoota’ waliin diinummaa tarsiimoo bara dheeraa qaba. Tigraay waliin garuu dantaa yerootu walitti nu buuse malee diinummaa tarsiimoo wal nu dhabsiisaa bara baraan jiraatu hin qabnu. Wanni waggaa lama dura Bilxiginnaa jabeessinee mormineef ‘meeshaa rist-deeffatootaa’ tahuun Oromoo fi aydiyoolojii sab-daneessummaa diineffatan jenneeti.

Lola amma naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiruu fi lola kaleessa Tigraayitti tahe wanni wal fakkeessu anatti hin mul’atu. Duula Amaara akka Amaarummaatti irratti xiyyeeffatee lolamaa jirus hin agarre. Kan tahaa jiru walumaa galatti olaantummaa humni kun gaafa Toophiyaan jaaramtee qabee aadeffate xumura itti gochuun wal qixxummaa dhugaa amanee akka fudhatu dhiibuu dha jedheen fudha. Kun ammoo kaayyoo qabsoo bara dheeraaf wareegama itti kafalle keessaa isa guddaa tokko.

Kanaafuu, warri PP kaleessa yakka nurratti hojjetan hundumaa osoman yaadadhuu, hiriira amma jiru keessatti garuu abadan diinota seenaa keenyaa waliin dhaabbadhee irratti hin duulu. Kaleessa meeshaa warra ristee taatan jedhee mormaa bahee har’a ristee waliin dhaabbadhee isaan irratti duuluun logically illee fudhatama hin qabu. Bolola aangoo akkan hin qabne waanin of beekuuf diina dhalatu kamuu waliin dhaabbadhee murna aangoorra jiru jibbuu fi itti duuluu keessi koo hin fudhatu. Silaa kan dunuunfatee jara kana jibbee ”sheexana waliinuu tahu itti duullee PP buqqifna” jechuun irraa fakkaatu ana isa isaan obboleessa tiruu irraa nyaatan ture. Garuu lubbuun obboleessa kootii dantaa saba guddaa kana hin caalu. Kanaafuu humna siyaasaa Oromoo akka sabaatti salphisuu fi itti duulee balleessee ol’aantummaa kaleessaatti of deebisuu barbaaduuf sakoondii tokkoofillee naatoo qabaachuu hin danda’u.
Na ofkalchaa!

Gama Biraatin Dr Henok Gebbisaa Akkana Jechuun Yaada Isaa Fuula feesbuukii isaa Irratti maxxanse

Dr Henok Gebbisaa

Lola biltsiginnaan saba Oromoo fi Tigray irratti gaggeessite mudhii hidhattee mormaa baatee lola saba Amaaraa irratti baname daggaruun gaarii hinta’u!

Jiruuf jireenyi sirna Biltsiginnaa omisha walwaraansa sabaa gabaaf dhiyeessitu malee jiraachuu hindandeessu! Kana beeki.

Biltsiginnaan tartiibaan sabaa fi sablammii waraanti.

  1. OROMOO: Bara 2020 irraa eegalee ajjeechaa Haacaaluun walqabatee Oromoo irratti lola bante. Lubbuu kunaatamaan laaka’amtu bade. Oromoon 50,000 ol haga ammaa mana hidhaatti dararamaa jira.
  2. TIGRAAY: San booda Tigray irratti lola bante. Lubbuu 500,000 oltu duuguugamee bade. Yeroo nuti mormine Baandaa jechuun olola nurratti oofte. Deebitee nagaa uumte.
  3. AMAARA: Lola Tigray xumurtee amma ammoo saba Amaaraa kan akka meeshaatti gargaramtee saba Tigrayaa ittiin lolaa baate as deebitee ummata kana irratti maqaa meeshaa hiikkadhaa jedhuun lola bante. Amma darabeen kan saba Amaaraati jechuudha.
  4. Yeroo muraasa booda ammoo lola saba Amaaraa xumurtee san booda nagaa buustee Oromootti as deebiti jechuudha!

Biyya bulchuu jechuun akkasi? Gaafi kana gaafatee Dr Henok Yaada isaa goolabe. Gaafii Kana Yaada Keessa Katabuun Deebisuuf dandeessu

Dhimma Walloo fi Haala Yeroo ilaalchisee faallaa Yaada Hayyoota Oromoo gidduu

Gama Biraatin Obboleessi Keenya Barsiisaa Jechuun Namoonni Isa Beekan Kan Yaaman Obbo Yeroon geesseen Haala Qabatama Obboloota keenya Walloo ilaalchisee Rakkoo Deemaa Jiru himuun Ummata Keenyaaf Akka Tumsa taasisuun barbaachisu dhaamsa dabarse. Walii Dabarsaa Ummata Keenya Biraan Nuuf Gahaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa Deebanaa.

Galiin Intarneetarraa Akkamitti Argama?

Akkaataa Itti Tiktok,youtube fi feesbuukii fayyadamuun Galii argachuu dandeessan Kanaan dura Isiniif dhiheessuuf Waadaa gallee turre. Akkaatuma Waadaa Keenyaatin Guyyaa Arraa Maal gochuu akka qabdan fi Akkamitti Akka Feesbuukii fi youtube dabalatee Tiktok Namoonni Giiftii siif kennu irrallee Akkamiin Akka Duroomuu dandeessan Takka takkaan Fakkeenya Viidiyoo Gadii Agartan Kana ilaaluun Barattanii Isinis Galii argachuu dandeessan. Jalqaba Fakkeenya Gadii Kanaan Akkamitti Makii Oro fi Abduseen Taphatanii meeqa akka argatan kana Sirritti hordofaa.

Akkaataa Youtube,Facebook fi Tiktok irraa Galiin itti argamuu dandahamu fkn Makii Oro fi Abduse Tiktok

Akkaatuma Viidiyoo olii kana Dhaggeeffattaniin Galii Karaa salphaa tahee fi dadhabbii hin qabneen Tiktok irraa Galii Guddaa Ji’aan Argatuu dandeessan jechuudha. Namni tokko Guyyaa tokkotti Doolaara 300-500 Hojjatee yoo bule, Ji’aan Meeqa Argatuu dandaha? Namoonni Geema Tiktok taphatan Muraasni Akka Naaf himanitti Nama Guyyaan Doolaara 700-1000 hojjatuutu jira. Jiddu galeessaan Yoo doolaara 500 hojjate Ji’aan Doolaara 5000 hojjatuu dandaha jechuudha.

Akkaataa Feesbuukii youtube fi Tiktok irraa Galiin Itti argamuu dandahu Fakkeenya Makii Oro fi Abduse Viidiyoo Tiktok Irratti Meeqa argatan?

Gama Biraatin Galiin Feesbuukii fi Youtube irraa akka Argamuu dandahu Isin Beeysifnee turre Haa tahuu Malee Galiin Achirraa Argamu Kennaa yookaan Giiftii Namoonni Siif kennaniin Osoo hin taane, beeysisa Dhaabbileen Viidiyoo kankeerratti beeysifattuun Kafaltiin Siif kafalama jechuudha. Akkaataa Isaa Baldhinaan Yeroo biraa Viidiyoo hojjannee Kan isiniif dhiheessinu taha. Waan nu hordoftaniif Hedduu galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa #Unitedoromia

Ani ammoo Dabra Doolloo irraan dhufe/Qoosaa Addaa

Barattoonni Bakka Gargaraa irraa university Tahe wahii Tokkotti walgahan. Barattoonni Carraan walitti fidee Daree tokko keessa Waliin Baratuuf Walitti Qabamanii Barsiisaan Gaafatuu eegale. Akkaatuma Kanaan Barsiisaan Barattoota daree Keessa jiran kanaan wal baruudhaaf Ati Eessarraa dhufte jechuun Gaafii Gaafatuu eegale.

Barattoota Man-Baruumsa Garagaraa irraa University seenan Gaafiin Barsiisaa Qoosaa Uumte.

Akkaatuma Tartiibaan Barattoonni Taa’aa Jiraniin barataa Jalqabaa Maqaa Fi Naannoo yookaan Magaalaa irraa dhufan Gaafatuun eegale. Barataan Jalqaba Barsiisaan Gaafates erga Maqaa isaa himeef booda Akka Magaalaa Dabra-Birhaan irraa dhufe himeef. Barataan itti aanuf Gaafiin Walfakkaataan Dhihaate,Kunis Maqaa isaa himee Magaalaa Dabra-Maarqoos irraa akka dhufe himeef. Kan sadaffaa Barsiisaan Gaafii itti fufee Gaafate,Kunis Maqaa isaa Himee Akka Magaalaa Dabra-Taabor irraa Dhufe Himeef. Barsiisaan Osuma Gaafii Isaa Gaafatu Dabareen Barataa Dambi Doolloo Irraa Dhufe tokkorra gahe. Barataan Inni Dambi Doolloo irraa Dhufe kuni Hanga Barattoonni Magaalaa Dabara irraa Kaatu tana Himu Taa’ee Ajaa’ibsiifataa ture. Dabareen isa qaqqabnaan Erga Maqaa isaa Himeef booda Osoo Akkam jedhee Magaalaa Isaa Himee gaarii isinitti fakkaata? 😂

Yoo Barataa Kanaatii Jechi Dabra jedhu kuni waanuma Magaalaa Irratti Dabalamu Itti fakkaatee, Erga Maqaa isaa Himeef booda Anileen Magaalaa Dabra Doolloo irraan dhufe yeroo inni jedhuun Barattoonni Daree guutuu Koflaan Mana Iyyisiisuu daran Barsiisaan Gaafii Gaafataa Jiru Hanga Garaan dhukkubutti Koflee Daranuu Barattoonni akka Itti Koflan taasise.

Ani Kan Gaafii Natti Tahe Naannoo Amaaraatti magaalonni Baayyeen Jecha Dabra jedhu kana Durarraa qabu Maalif Dabra Maarree jechuun maqaan Itti moggaafame? Namni Beektan Yaada keessan Nuuf Qoodaa isiniin Jechaa Waan dubbiftaniif Galatoomaa. Dandeettii Viidiyoo hojjachuun Ummata Kofalchiisuu Yoo qabaattan Qoosaa Kanarratti Hojjadhaa Ummataan Kofalchiisaa Isiniin jenna. Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Muziiqaadhaan Nashiidaa jechuun hin tahu

Makii Oro Kijiba yeroo dubbattu Sirraa Hin Bareedu. Dirqama Joolleen shabaaba waan tahanii fi waan Sitti bareedaniif Muziqaa Osoo dhageenyuu Nashiidaa jettee Ummata Gowwomsuuf hin yaalin. Wanti Maqaan Ergamaa Rabbii Keessatti kaafame hundi Nashiidaa hin jedhamu. Kuni Muziqaadha. Atuu Gaafi dhihoo tana Raachuun Si gaafateef Wanti Kilaasikaala qabu hundi Musiqaadha dhoowwaadha jettee dubbatte Arra Akkamiin Nashiidaa sitti tahe? Qoosaa Akkasiitin Ummata Hin gowwomsin Akkuma Duraan dhugaa dubbattutti Dhugaa dubbadhu. Yoo kan Waan joollee jaalatte qofaaf kana jette garuu dhiifama Kophuma kee dhaggeeffadhu Ummataan hin sobin siin jechuun fedha.

Muziqaan Nashiidaa Hin taatu hin sobin Makii Oro

Gama Biraatin Makii Oro fi Abduseen Tapha Bareeda Osoo hin taane Tapha Wal gidirsan taphataa bulan. Lafti bona fakkaatti Walitti jabeessanii Ummata Gamaaf gamanaa walitti Aarsaa bulan Gadirraa dhaggeeffadhaa

Makii Oro fi Abduseen Adabbiidhaan Halaaka walitti Buusaa bulan

Akkaataa Youtube,Facebook fi Tiktok irraa Galii itti argatan

Akkuma Kanaan Dura Waadaa Isiniif Gallee turre Akkaataa Galiin Sooshaal Miidiyaa Fayyadamtan irraa itti Argamuu dandahu Kan Waliin ilaallu taha jechuudha. Jalqaba Karaa Ittiin Youtube irraa Galii argachuu dandeessan Hamma tokko Isiniif Ibsina. Youtube jechuun Bakka account kankee fayyadamuun Vediyoo Hojjattee irratti maxxansuun Hordoftoota Horachaa adeemtu fi dadhabbii Hojii keetiif ammoo Yoo Kan Ummanni Vediyoo ati Hojjattu kana Siif Daawwatan tahe Beeysisa Garagaraa Kan Dhaabanni Google Isiniif Irratti Beeysisu fayyadamuun Kanfaltii Argattan jechuudha. Kuni Akkamitti Taha Kan Jedhu Gadirraa Dubbisaa

Akkaataa Itti Youtube irraa Galiin Argamuu dandahu

1- Jalqaba Bilbiluma keetin Google Seentee Akkaataa Suuraan Olirratti Agartan Kanatti…… Isa Gmail jedhu Kana Google keessa seenuun Barbaaddee Account Banatta. Erga kana gooteen booda…..

2- Maqaadhuma Account Gmail itti banatteen saniin Youtube Seentee vediyoo hojjattee fe’uu(upload) gochuu eegalta.

3- erga Kana gootee Jabaattee Viidiyoolee baayyee fe’uun Hordoftoota(subscribers) heddummeeffatuun Erga Namoonni Hojii kee jaalatee Viidiyoo kee baayyinaan siif daawwatuu eegalan Booda Turtii Ji’oota Booda Yoo Vediyoo ati Youtube irratti feete Namni siif Daawwatee Jiraate Youtube ustudio keessa seenuun Monetize Bakka Jetturratti (Akkaataa isaa Vidiyoo hojjannee isiniif maxxansina) Tuqxee AdSense Kan jedhu Account jalqabaa Gmailuma sanaan bantee Youtube kee kanaan Walqabsiifta. Yeroo torbaan tokkoof Lamaa Keessatti Beeysifni Dhaabbata Google AdSense irraa Youtube kee irratti deemuu yookaan Viidiyoo kee irratti taphatuu eegala. Kana jechuun Vediyoo qofa hojjattee Ji’aan Kafaltiin Siif Kafalama jechuudha.

Akkamitti Galiin Tiktok youtube fi Facebook irraa Argamuu dandaha? Makii Oro fi Abduse

Akkaataa Itti Feesbuukii fi Tiktok Irraa Galiin Argamuu dandahu Xiqqo booda Asuma Jalatti Kan Isiniif Maxxansinu taha. Obsaan Nu eegaa Galatoomaa.

Waan shamarran Fedhan beeytuu? Gaafi Abduseen Gaafate

Shamarran Dhiirota Akkamii Jaalatu? Intala Maqaan Ishee siifoo jedhamtuu fi Jamiilaa Jedhamtu waliin Abduseen Afgaafii taasise kanarratti Intalli Isheen Jamiilaa Jedhamtu Akkana jechuun deebii kennuu eegalti.

Abdusee,Siifan fi Jamiilaa

Jamiilaan Dhiira Jaalattu Hoggaa Himtu Dheeraa Bifaan diimaa Tahee fi Kan ispoortii hojjatu gaafannaan Abduseen Amma argatta jechuun Daawwattoota isaa keessaa gaafataafi Ummata Kofalchiisaa Du’aaii godhaafii jira. Intalli isheen Siifan jedhamtu Qoosaa Abdusee erga Dhaggeeffattee booda yaada jijjiirtee Abduseef deebii kennurraa of qusatte tahullee garuu Deebii kennuuf yaalteetti. Nama Kofalchiifti Gadirraa dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf qoodaa Galatoomaa Ulfaadhaa

Afgaafii Abduseen Shamarran waliin taasise

Video olirraa dhaggeeffattanirraa Maal hubattan? Yaada keessan nuuf katabaa isiniin jechaa Waan Isin mufachiifne yoo jiraate Nu ofkolchaa Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa #Unitedoromia

Yeroo Makiin Raachuu Suuraa Kaafattu Tapha Jaalalaa Kutaa 33ffaa

Jaalalti Taphaa Makii Oro fi Raachuu Gidduu Akkuma Itti fufetti jira. Kutaa 33ffaa Kanaan Osoma Geema Taphatanii Akka wal faarsaniif Wal ajajaa Daawwattoota isaanii Booharsaa turan. Yeroo tokko Makiin Raachuu Moohattee akka Raachuun Bullukkoo Uffata Halkanii Uffatee Harka Maratee taa’u ajajje. Raachuunis Akkaataa itti Uffatee taa’u kana Akka irraa bareedu Ummata isa daawwatuu fi Makii gaafate. Makiin garuu Akka Inni Afaanin Dubbatu Hin jaalanne ture. Gama Biraatin Makiin Raachuu Suuraa kaafataa turte

Makii Oro fi Raachuu

Adabbii Adabuuf Waa sadi Rachuuf dhiheessite. San keessaa Tan Bishaan Saanitti waraabee matarra kaayatee Akka Dubraatti Harkaan Mudhii qabatee dhaabatu filate. Makiinis Akka Shamarran Moodeelii agarsiituu tahi jechaa Yeroo Raachuun Akshiniin agarsiisu hordoftoonni Garee lamaanuu koflaan Mana imoojii 😂 tana qofa godhan. Maaltu akkas Ummata kana kofalchiise laata? Linkii gadirraa agartan kanarraa dhaggeeffadhaa

Tapha Jaalalaa Makii Oro fi Raachuu Gidduu Kutaa 33ffaa Kanaan Makiin Raachuu Suuraa kaafatti

Egaa Akkuma Vediyoo irraa Dhaggeeffattan isaan dantaa Geema Isaanii Taphatuun Galii Argachuu qofaaf Walitti Dhufanillee ummanni garuu Waanuma isaan Onnerraa Wal jaalatan sehuun Tapha isaanii kana Tamsaasa kallattii Yooxiqqaate Namoota 3k oliitu isaan daawwataa Giiftillee Itti roobsaa ture. Garuu Dhugaa Akka hin tahin Irra deebiin yeroo hedduu isin hubachiisuf yaalleerra. Waan Nuwaliin turtaniif Galatoomaa Yaada Keessan Nuuf katabaa Horaa Bulaa Deebanaa. #UnitedOromia

Makii fi Abduseen Hoteela Walgeeffatan Oduun jettu soba

Geemii Waliin Taphataniin Waadaa waliif seenan. Akkaataa Kanaan Adabbiin Makii Oro fi Abduseen Wal Adabuuf Waada waliif seenan Hoteela Walgeessuun Abbaan Moohame Birrii Kafalee Akka Nyaachisuu qaburratti waliif galan.

Makii Oro fi Abdusee yeroo Hoteelatti Nyaata waliin Nyaataniidha.

Akkaatuma Waadaa Waliif seenaniin Makii Oro Abdusee yeroo lama Moohattee Adabbii Hoteela geessuu kana irratti murte. Guyyaa Lama Booda Abduseen Birrii Fudhatee Waadaa Seene bahachuuf Makii Oro fi Hiriyoottan isaa waliin deemanii Hoteela Qaalii tahe dhaquudhaan nyaata Ajajatan. Abduseen Maallaqa guddaa kana na kafalchiisa hinbseene Birrii Ethiopia Gara Qarshii Kuma 11 olii narraa baasan jechuun Dallanee Lolaa jira. Garuu Namoonni Maqballeessii Makii oro fi Abduseen Hoteela walgeeffatan jechuudhaan Olola Facaasuu eegalan. Haa tahuu malee Nuti Vediyoo guutuu Taatee sanii Waan Harkaa Qabnuuf Akkaataa Linkii jalarra jiru kanaan Ummataaf Ifa gooneerra. Video Guutuu dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan nuuf katabaa

Makii Oro fi Abduseen Hoteelatti wal Adaban https://youtu.be/-NWcO5grogA

Akkuma Vediyoo armaan Olii Kanarraa Hubattan Wanti Makii Oro fi Abdusee jidduu tahe tokkolleen hin jiru maqballeessii Warri oofaa jirtan dhiisaa. Oromoon wal jabeeffatuu qaba malee maqaa walii balleessuun sirrii miti jennee amanna. Waan dubbiftaniif Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #unitedoromia

Abbaa Qabeenyaa Mansuur Jemaal Makii Oro jaalatee?

Haadha warraa sadi qabda jechuun dhagahe jechuudhaan Obbo Manauur Jemaal Obbo Raachee Tasfaayee yookaan Raachuu Gaafate. Raachuunis Mataa mammaraa Hin dhageessee kanas jechuun Gaafi Mansuur Gaafiidhaan deebisuuf yaale. Ani Silaa Makii Oro Siin jaaladhe jechuun dubbii isaa eegale

Obbo Mansuur Jemaal fi Raachuun Makii Oro irraa yeroo walitti dubbatan Gadirraa dhaggeeffadhaa

Mansuur Haasaha Isaa Itti fufuun Makii Oro tana Silaa Duraan Ofiifan Jaaladhe inni jennaan,Rachuun Haay Mansuur Makii Guddifatuufimoo Akkam goota jedhee gaafate. Mansuur Akka Ganda Yookaan Warra Maakii Bira deemee Umrii ishee gaafateefi Warri isaanii Nama Quraana Haffaze qofatti Kennina Naan jedhan jechuun Dubbatee, Rachuunis Akka Quraana qara’aa Jiru Dhagahuu dubbannaan Raachuu Waa dubbate..

Mansuur Jemaal Akka Makii Oro Jaalate himuun Raachuu Naasise

Walumaa Galatti Qoosaan Mansuur Jemaal fi Raachuun Makii oro ilaalchisinii waliin qoosan Guutuun isa olirraa Linkiin Muldhatu kanaadha. Guutuu Viidiyoo isaanii Asirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa yoo isinitti tole waliif dabarsaa Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa bulaa deebanaa #UnitedOromia

Makiin Nama Hiyyeessa Jaalattee Itti Heerumtii?

Abdusee Serbiaa Waliin Afgaafii kan taasifte Makii Oro Gaafi Jajjaba Abduseen Gaafateef deebii kennuu yaalteetti. Gaafiin Abduseen Gaafate keessaa Tokko Osoo Nama Homaa Takka hin qabne hiyyeessa Surreeyyuu Bitatuu hin dandeenye jaalattee,Garuu Ati Haadha qabeenyaa taatee itti Heerumtaa gaafi jedhu dhihaatef. Makiin Deebisaa Ajibaa kennite

Makii Oro fi Abdusee serbia

Makii Oro Nama Surree bitatuu hin dandeenye haa feestaala Na uwwisuufin itti heerumaa jechuu Deebii koflaa deebifteef. Kana qofaa miti Makiin Osoo Jaarsa Namaarraa jaalalli qabee akkam gooti laata? Akkasuma Gaafi Dhimma Masaanuu waliin walqabatus Abduseen gaafatee Makiin Deebii kennuuf Rakkataa jirti. Linkii gadii kanarraa Guutuu Afgaafii kanaa dhaggeeffadhaa.

Afgaafii Makii Oro fi Abdusee sarbia Dhimma Jaalalaa fi Masaanuu Ilaalchisee

Makiin deebiin Gaafii masaanurratti gaafatamteef yeroo kannitu Ani Amma dura dubbii kana narra geenye Waan taheef Gaafa Narra gahe garuu uffata kiyya guuradhee waanin sokku Natti fakkaata jechuun Masaanun qoosuun akka hin taane himteef. Hundaafuu Viidiyoo guutuu Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa galatoomaa Ulfaadhaa #Unitedoromia