Murtee Obbo Baqqalaa Garbaa Dhaaba/KFO fi Kologaltummaa Ameerikaa fudhatuu

Obbo Baqqalaa Garbaa Haalli Yaachisaan biyya keenyaa Akkan Kologaltummaa USA fudhadhu Nataasise jechuun BBctti hime.

Murtee Obbo Baqqalaa Garbaa Dhaaba KFO keessaa Bahuu fi Kologaltummaa USA fudhatuu

Obbo Baqqalaa Garbaa dhaaba KFO keessatti Itti Aanaa Dura Taa’aa Tahuun Nama Tajaajilaa ture yemmuu tahu,Amma Garuu Sababaan Biyya Alaatti Kologaltummaa Fudhadheef jecha,Murtee Dhaaba Hogganuu dhiisuu kiyya Beeksisuun fedha jechuun BBC Afaan Oromotti Hime.

Obbo Baqqalaa Garbaa Haalli Biyya Keenyaa Kan nuti Gallee Ummata Ittiin Tajaajillu Abdii Dhabuu qofa Osoo Hin taane,Lubbuu Keenyaafuu Yaachisaadha jechuun,Kolagaltummaa Ameerikaa kana Akkan Fudhadhu na Taasiseera.

Obbo Baqqalaa Garbaa Kologaltummaa USA fudhatuu fi Dhaaba KFO Keessaa Bahuu Hime

Kana Dura Yeroon Gara Ameerikaa Dhufutti Carraa Kana Yeroo Lama Argadheen Cichee Ummata Koo Tajaajiluuf Gara Biyyaa Gale,gara Biyyaa Galee garuu Ummata Koo Hin tajaajille Mana Hidhaattin Darbame jechuun Haala Keessa Kute himee,Kan Ammaa Kuni Ammoo sanirrallee hammaataa fi Lubbuu Kiyyaafis Sodaachisaadha jechuun Dubbatanii,Hojii Duraan Qaburraahis Akka Soorama Baasan Himuun,Asuma Ameerikaa turuu Akka filate himeera.

Yaada Obbo Baqqalaa haasa BBC Afaan Oromoo waliin Taasise Olirraa Dhaggeeffadhaa isiniin jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Sheik Amin Ibro Naaf Birmadhaa Jechuun Dhimma Madrasaa Bilaalif Dhaamsa Dabarse

Salphina Kana Hunduma Keenyatu itti Xiqqaata. Dhimma Madrasaa Bilaal Magaalaa Harar

Sheik Amin Ibro Waamicha Dhimma Gargaarsa Masaraa Bilaal Magaalaa Harariif

Sheik Amin Ibroo Rabbii Gaditti Abdii teessanin Madarasaa Bilaal Kan Amma Sababa Isaa Ulamaa’onni teenya Isinitti Iyyataa Jirtu Kana Fuudhe. Sababaa Maallaqni Isarraa Hin kafalamin Barattoota Keessaa Baasun Nu Harkaa Deebisaa Jiran. Rabbiin Duniyaa Isiniif Kenne Kana Isiniif Haa Dabaluu Nu dhaqqabaa jechuun dhaamsa Hunda keessaniif dhaame.

Sheik Amin Ibroo Dhimmi Mana Barnootaa Dhimma Hegeree Ilmaan Keenyaati waan taheef,Namuu Madarasaa Kana Gargaaruuf Dirqama qabna jechuun Yaadachiisee,hubadhaa Namani waan qaburraa Madrasaa Kanaaf Kennate,Hanga Madrasaan Kuni Jirutti Sawaabni Isiniif Deema jechuunis Wanti Asirratti Baaftan Toltuu Biyya Lachuu isiniif Taati jechuun Yaadachiisaniiru.

Sheik Amin Ibroo Waamicha Dhimma Madrasaa Bilaal Magaalaa Harar Ilaalchisee taasise.

Dhimmi Madarasaa Kanaa Dhimma Muslimtoota Hundaa Akka tahes Himuun,Yoo Wanni Kuni Nu Harkaa Bahe Booda Rabbilleen Irraa Nu Gaafatuun sodaadha Jedheera. Akkasuma Akkuma Muslimtoota Tokkotti Maallaqa Xiqqaa Kana Kafaluu dadhabaaf Bakka Kana dhabne taanan Numaafu salphina jedhaniiru. Kanaafuu Hundi Keessan Hirmaadhaa Jechuun Waamicha Kana Akka waliif Dabarsuu qabdanis Yaadachiise. Hundi keessan Hirmaadhaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Paastar Sisaay Macaafatu Akkan Amantaa Islaamaa Seenu Na Ajaje jedhee ture Amma Garuu Dogongora Hojjatu Hime

Amantaa Islaamaa Akkan Seenu Kan Na taasise Wangeeluma kiyya jechuun Ragaa waliin Kan Himee fi Fedha isaatin Gara Islaamaa Akka dhufe Kan Qoma dhahatee hime paastar yookaan Faarfataa Sisaay Badhaadhaa Dubbiin Inni Tibbana dubbate Hawaasa walitti Mufachiisuun Waca uume.

Paastar sisaay badhaadhaa Ani Rakkinaaf jechan dogongore Islaama Tahe jedhe

Kanuma ilaalchifnee Wanta inni Jalqaba dubbatee ture,Ragaa waliin Akkasuma wanta inni torbee booda dubbate Takka Takkaan Viidiyoo olirraa agartan kana keessatti qindeessuun Hawaasni Naggaadee akkasii kanaaf Akka Walitti Mufatuu Hin qabnes gorsa laanneerra.

Hubadhaa Amantaan Daldalaa fi Ittiin qoosuu hin taatu. Maqaa Amantaatin Namni Birrii Barbaada Hawaasa Walitti Naqu Akkasii Kuni Ammoo Ummatarraa Dhaabatuu Akka Qabuu fi Namoota Kijibdoota Birriif Jecha Wanta Hin Malle Dubbatanis Akka Gorfamuu Qaban Hubachiifna.

Dhimma Paastar Siisaay Yeroo dhumaatif Dhaggeeffadhaa

Rabbiin Jalqaba Jiraataa fi Zalaam Kan Jiraatu Isa Aadamiin Biyyerraa Haadhaaf Abbaa Malee Uume,Isa Hawwaa Haadha Malee Aadamirraa Uume,Isa Nabi Iisaa Abbaa Malee Uumefi Isa Nuu Kana Haadhaaf Abbaa Irraa Nu Uume Tokkicha Gabbaramuu Haqa Godhateedha. Kana Ammoo Hundi Ni Amana. Warri Beekaa Dhugaa Kana Fudhatuu didus Mirga isaaniti. Walitti Bu’uun Hin Barbaachisu. Kanuma

Sheik Amin Ibro -Harargee Rakkoon Gosummaa Sheeka Keenya Boochifte Dhagahaa

Rakkoon Hawaasa Keenya Qilleensarraan Wal nyaachisan tuni Yaaddoo Hamaa Natti Uume jechuun Sheik Amin Ibroo dhaamsa Hatattamaa Dhaame.

Sheik Amin Ibroo dhibdee Gosummaa Ilaalchisee Dhaamsa Ariifachiisaa

Sheik Amin Ibroo Rakkoon Gosummaa Lalisuun Qilleensa Kanarratti Hawaasa Keenya Wal Nyaachisaa jiran tuni,Hirriba Na dhiowwite,Nan dhiisa jedhellee Nan dadhabe,Osoo Ulamaa’ota fi Beektota Meeqa qabnu Hawaasa keenya nagahaan waliin Jiraatu,Dhibdee gosummaatin,wallaaltonni Qilleensarratti Akka Wal nyaatan Gochaa jira.

Rakkoon Akka Amma Qilleensarraan Afuufanii Maqaa gosummaatin Wal nyaachisan tuni Hawaasa Keenya Biyya Alaa Jiraatu Caalatti Miidha jechuun Gorsa Kan Laatan sheik Amin Ibroo,Ani Waanin Qabatamatti argen qaba,Rakkoon Kuni Jaarsaaf Jaartii Addaan Baasuu Dubbatee,Maqaa Rabbiitin Isin qabee Dhaabaa Waan kana Jechuun Gaafateera.

Sheik Amin Ibroo Dhaamsa Ariifachiisaa Dhimma Gosummaan Hawaasa Diiguu Ilaalchisee

Namni Viidiyoo sheik Amin Ibroo Kana Agartan Rabbumaa jedhaa Hunda Namoota Gosummaa Oofuu biraan Gahaa isiniin jenna. Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. Yaada Keessan Nuuf Katabaa. #UnitedOromia

Mana Taaziyatti Akka Ulfeesse Himatte. Obbo Haarun Garuu Dubbii Kana Haaleera.

Takka jennee Lama Jenna. Gaafa Waliin Gangalatan Nuttin Himne Gaafa Walirraa Garagalan Maa Nu Rakkisan?

Mana Taaziyatti Obbo Haarun Aadde Aashaa Ulfeessu Himatte.

Akka Tasaa Tahee Taaziyaatu mana Obbo Haarun Ture. Shamarri Aadde Aasha jedhamtu Hiriyoota ishee sadi waliin Akka Taaziyaa sana dhaqan himti. Achiin Wanti Tahe tokko isaan lamaan jiddutti uumame. Intalli Wanta Tahe Hunda Ni yaadatti. Haarun garuu Dubbii Tana Liqimsuu dide. Maalif Dhugaa kana Nu dhossitaan gaafii manguddoota Akka Asliifaa biraa dhihaattedha.

Namni Fedhiin Itti Hammaatte akka Nama Machaaheti,Wanta Yeroo sana Uumame,homaa hin yaadatu,warri jedhee Akka Dagate Obbo Haarun Yaadachiisuf yaalanilleen ni jira. Akka Hundaafuu Shamarreen Himannaa Kana Dhiheessite,ilmoon garatti Hafuun Yaaddoo guddaa keessa seente. Maaltu Naaf Malaa Hiroota isheetin Mariyattee,Akka Dirree fasaadaa tan Takaatika sanirratti Manguddummaan Gaafattu Gorfamte.

Ashaan Akka Haarun Mana Taaziyatti Ulfeesse Asliifatti Himataa jirti

Haadha Eenyu siin jennaan,qoosaa Aslii Biraa dhihaattedha. Hiriyyaan Ishee Akka Haadha Naaf jedhii jedhee waamu itti Himnaan Biyyi Kofla Gangalate. Ee magan jedha warri keenya Gaafa waan akkanaa dhagahu. Gaafa Waliin Gangalatan nuttin himne Gaafa Walirraa Gala galan Maalif Nutti Himtaniin Yaada Hawaasa Afaan Qabatee dubbii kanatti seeqqataa dhaggeeffatuuti ture.

Kan Nama Dinqu Mucaan Ilmoon Tiyyaa Miti Jechuun Osoo Intalli Kakattee dubbattu Akka Ishee waliin Hin Rafin Afaan Guuttatee dubbatuu qofa Osoo hin tahin Akka Isheen Gara laafettii taate beekee Manguddoof himuu isaati. Ni Kofallaafi Boonyaa Addaan wallalle. Kiw jechuun ammagaa. Ilmi Nikaa Malee dhalate duraanuu Abbaan Isaa Diqaalaa Akka jedhamu Barataa turre.

Amma Furmaanni ishee maaligaa? Akkam Gochuu qaban? Tan duraan duraa,Mucaan Afaanin Nan kakadha jedhee Akka Ilmoon Tan Isaa Hin tahin Nutti Himuuf Yaalullee Kakatuu sodaateera. Kanaafuu Gaafa Ilmoon dhalatte mana Yaalaa Geessaa Dhiiga Laalaa Murteessaa warri jedhus Ni jira. Isin Maal jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Paastar Sisaay Akkam Tahe jettan? Ustaaz Hamzaa

Ani Paastariidha. Finfinnee keessa waggaa 15 oliif Tajaajila Wangeela Lallabuu Kennaa Jira. Amma Garuu Amantaa Islaamaa Qabaachuun Barbaada jechuun fedha isaatin Amantaa Islaamaa Akka seenuu Fedhu Kan Hime Paastar Sisaay Badhaadhaa,Amantaa Islaamaa Qabatee Ummannis Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Godhachuun Irraa Haasahaa ture.

Dhimma Paastar Sisaay fi Warra Harka tumuuf Dhaamsa Ustaaz Hamzaa

Paastar Sisaay Faarfataa Akka Ture Vediyoo Dabre Tokko Keessatti Dubbateera. Fedha Isaatin Amantaa Islaamaa Qabate. Tahullee Garuu Arra Amantaa Islaamaa Keessaa Akka Bahee Jiru Oduun Facaate. Hawaasni Muslimaatis Waan Dandahuun Tiktok irratti Gargaaree Akka Tureetu Dhagahame. Nama Amantaa Qabate Yoo Rakkina Qabaate Gargaaruun Akka Gadi Dhaaban Amantaa Islaamaatu Ajaje. Kanumaaf Ummanni Gargaaruutu dhagahame.

Paastar Sisaay Badhaadhaa Ilaalchisee Ustaaz Hamzaan Gorsa Ummataaf qaba.

Amma Ammoo Akka Waan Birriidhaan Isa Bitanitti Garee jaarratee Keessatti dubbataa turan. San Qofa Miti Fedhiin Isaanii Ummata Amantaan wal nyaachisuu Akka Tahe,Arrabsoo Garee Sana Keessatti Ittiin Amantaa islaamaa Xiqqeessan Yeroo Dhageenyu Baayyee Gaddine.

Wanti Akkasii Nama Amantaa Tokkorraa Hin eegamu. Amantaan Kamuu Kabaja qaba. Amantaa Jechuun Rabbii Gabbaramuu Haqa Godhatu jedhanii Yaadanitti Amanuudhaan,Ajaja Rabbii Gabbaranii Sanatti Buluudha,malee Ittiin wal xiqqeessuu miti.

Haalota Dhimma Kanneenin walitti Hidhaturraa Ustaaz Hamzaan,gorsa hoggaa Kennu,Amantaan Waan Ittiin Qoosan Miti. Kanaafuu Namoota Beekkamtii fi Birrii Barbaada Amantaa Qabanne jedhu Addaan Baafadhaa Maxxansaa Malee,Hunduma Namaa Amantanii Birriis tahee Beekkamtii Hin kenninaafi jechuun Gorsaa Jira.

Nasriin Oofuu Ni beeka Makii Oro waliin Tapha Funny

Guutuun Tapha Makii Oro fi Nasrii Aanolee Gidduu kuni isin kofalchiisa.

Funny makii Oro fi Nasrii Aanolee Tapha Kofalchiisa

Taphni Akkasii Kuni Namoota Hojiin Itti Baayyate Muraasa Ni booharsa malee Akka Maalaayaanii Fi Tapha Tahe yookaan Wanti Isaan Waliin Jechaa jiran Kuni Dhugaa Hin tahin Hunduu Ni beeka.

Tapha Kana Akka Ittiin Boohartaniif malee Akka hiika biraa kennitaniif miti Kan Siniif dhiheessineef. Dhaggeeffadhaa Yoo Yaada Qabaattan Nuuf katabaa.

Wanti Oofuu Ni beektaa waliin jedhanis Konkolaataa Oofuu Ni beektaa Jechuudha Malee Hiika Biraa warri itti kennitan Of Kabajaa 😂 Maraafuu Yoo isinitti Tole like Akkasuma Hiriyoota keetif Qoodi Itti Bashannansiisi kanuma waan Nuwaliin Turtii taasiftaniif Hedduu Galatoomaa Ulfaadhaa horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Funny Tapha Kofalchiisaa Makii Oro fi Nasrii Aanolee gidduu

Haadha Faaxee Dhimma Jaarsaaf jaartii Ilaalchisee Ibsa Kennitu Qabdi

Haadha Faaxee Jedhamti. Warri Gariin Haadha Dhungoos jedhee ishee waama. Osuma Qoostu Waan Shamarran Muraasa fi dhiirota muraasa Fayyadan Dubbatti.

Haadha Faaxee Yeroo qoosaa Ergaa Gorsa qabu dabarsituudha.

Haati Faaxee Qoosaa Yeroo Waa himtu Namoonni Baayyeen Haasaha Ishee kana Akka Dhugaatti Hin fudhatu. Haatahuu Malee Wanti Isheen Haasahaa jirtu kuni Waanuma Hawaasa keessa jiruudha. Bultiin wasaasaadha Akkuma Wallisaan jedhe,Namuu Bultii Seenuu dura Wanta Gochuu Qabuutu jira. Qoosaa Haadha Faaxe Kana Keessaa Waa baayyee agartu.

Tahullee garuu Haati Faaxee tuni Waan qoostuf Namoonni Ishee hin Amanan. Osuma Qoosaa isheen Taphataa Dhiheessitu kana Ittiin Booharaa warri kuunis Isherratti duula banaa jirtan,waan takka takka Irraa Fudhadhaa,Ittis Gorfamaan dhaamsa keenya Haadha Faaxee Yookaan Haadha dhungoo Hedduu Galatoomi yaada keetif. Akka hundaafuu yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa deebanaa. #UnitedOromia

Ibsa Haadha Faaxee Dhimma Dhiirotaa fi Dubartoota Bultii Kajeelanirraa kennameedha

Sheik Amin Ibroo Muhaadaraa 5ffaa Biyya UK irraa/Hawaasummaa

Muhaadaraa 5ffaa Biyya UK Irraa Sheik Amin Ibroo Guyyaa Arraa Taasisan Kanaan,Rakkoo Kijibuu,Oduu Kijibaa faffacaasuu fi Hawaasa Walirratti Jechaan tahus Gochaan Kaasuun Wal Nuaachisan Irratti Cimsee Ergaa Gurguddaa Hundi Keessan Dhaggeeffatuu Qabdan Dabarseera.

Sheik Amin Ibro Dhimma Oduu Simbirtuu fi Nama Jechaa fi Gochaan Ummata diiguu Ilaalchisee Gorse

Sheik Amin Ibroo Dhimma Kana Hoggaa Irraa Haasahu,Akkaan Gurra Keessan Naaf Liqeessaa jechuun,Jajjabeessee Akka Hundi Namaa Afaan Kana Beekuu dhaggeeffatuu qabu dhaaman. Dhaamsi isaanii Kuni Kan Diin qofa Osoo Hin Tahin Kan Duniyaatif Hundi keenya Hojirra Oolchuu Akka qabnus akeekkachiiseera.

Sheik Amin Ibroo Dhimma Oduu Simbirtuu jedhanii,Odeeffannoo Qulqulluu hin tahin faffacaasuu Ilaalchisee,Hammeenya Oduun Madda Hin qabne faffaca’uu Hawaasa jiddutti Uumtu Himuun,Dilii ishiin Namarratti lakkoossiftu himee,Namoota Oduu Kijibaa Faffacaasaniif Gorsa Ajaa’ibaa Dhaameera.

Osoo Hin Dubbatin Dura,Haasaha Dhageessan Tokko Akka Namaaf Hin Odeessines Cimsee Himuudhaan,Osoo Oduun Dhageessan suni Dhugaa taatellee,Osoo Nama Biraatif Hin Dabarsin dura Irratti Mariyattanii,Yoo Wanti suni Miidhaa Hawaasarra kan geessisu tahe,irraa Of qusatuun Faffacaasuu dhiisuu Akka qabnus dhaame.

Sheik Amin Ibroo Dhimma Oduu Simbirtuu fi Hawaasa Diiguf Jechaafi Gochaan Miidiyaa Hawaasummaa Irratti hafarfaman irraa Gorse

Gama Biraatin Namoota Jechaa fi Gochaan Jibba Hafarsaniif Dhaamsa Jabaa Dhaameera. Akkasuma Namoota Akkasii Jalaa Oduu Fuutanii Akka Hin Faffacaafnes Jajjabeessee Himuun,Haasaha Booharsaa Ummata Kofalchiisu Itti dabalaa Viidiyoo olirraa Agartan Kana Akka Ummanni Hanga Dhumaatti Taa’ee Dhaggeeffatus Taasiseera. Isinis Ittiin Booharaa,Irraahis Akka Barattan Isin Afeerreerra. Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Sheik Amin Ibro Saahiba Addaan Filatuu Ilaalchisee Gorsa Gabaabaa

Obboloota koo Mee Gorsa Sheik Amin Ibroo Kan Dhimma Saahiba Filatuu Ilaalchisee Gorse kana dhageeffadhaa

Sheik Amin Ibro gorsa Dhimma Saahiba Filatuu Ilaalchisee gorse Dhaggeeffadhaa

Saahibni Keenya Maal fakkaata? Saahibni Akka Dhukkubaa kan Sheik Amin ibroo Nutti Himu Kuni Kan Akkami? Mee obsaan Dhaggeeffadhaa.

Sheik Amin Ibroo Saahiba Addaan Filatuu Ilaalchisee gorsa gabaabaa kenneera.

Namni Sheik Amin Ibroo kana Dhaggeeffatu Halaalarraa dhaggeeffatuu baayyisu,Dhugumatti Yoo Nama Jallaa Qalbiin Goggooyde tahe malee Nagahaan Diin isaa tiyfatuu dandaha Obsaan Dhaggeeffadhaa waliin Gahaa.