Namni Keenya Maalif Akkanatti Dagamee? Gorsa Haadha Faaxee

Yeroo Garii Wantoonni Deemaa jiran kuni Gorsa Namoota Gurguddaa Haasawni Isaanii Ummata Biratti dhagahamu Hawaasa Barbaachisa.

Funny Haadha Faaxee Gorsa Gabaabaa Haala Hawaasni Keenya Oromo keessa Jirurraa

Gidduu Kana Tiktok Irratti Wantoota Silaa Nama Boochisu Kan Dhaloonni Ammaa Qoosaa yookaan Tapha Sehee itti koflun arge. Wantan Arge sana Hundumaa Dhiheessuf Natti Ulfaatullee,Ittiin Gorsuuf jecha Viidiyoo Qofa Fayyadame. Sababni isaas,Ijoollonni Abbaa Keenya Kana waan akkasii Livii Irratti Dubbachiisan Akka Gorfamanii Lammada Itti Hin deebineef jecha.

Abbaan Keenya Kuni Shamrree Risqoo Jedhamtu Waliin Dargaggoonni Muraasni Akka Haasaha Yookaan Wanta Fokkuu Risqoon Haasoftu Sanirratti Hirmaatee deebii Kennuuf taasisan. Kuni Ammoo Nama Umriin Guddaa Kan Boolla Afaan Jiru kana Masjidatti Galchanii Ibaadaa Akka Godhatuu fi Rabbii Isarraa Araarama Akka Argatu Taasisuu Caalaa Akka Fokkuu Garee Risqoo keessatti Hirmaatun Hawaasa Ofwallaale Kana Kofalchiisu Taasisuun Isaani Sirrii Miti Jedhee waanin Yaadef Akka Irraa Gorfamaniif Hawweetin dhiheesse.

Haala Amma Ummanni Keessa Jirurraa Gorsa Gabaabaa Haadha Faaxee Dhaggeeffadhaa oromo

Inni Lammadaa Akka Qoosaa Sehanii Ijoollee Wal arrabsiisan Yookaan Akkaataa Hawaasni Keenya Gaafa Walitti Bu’e Bahee Jedhu Agarsiisuuf Ijoollee Xixiqqoo Olbaasun Viidiyoo waraabanii Akkana Jedhi akkas jedhi jechuun Duuba Dhaabatanii Wanta Hin Malle Namoota Hojjachiisan Saniif Gorsa Akka Tahuuf Dhiheesse.

Inni Sadaffaa Gorsa Gabaabaa Haadha Faaxeeti. Gorsi Kuni Shamarran Fi Haadhaaf Abbaa Bara Kanaa Akkasuma Dargaggoota Ilaallata. Keessaafuu Namoota Nikaa Namaatin Heerumanii fi Heerumsiisaniif Gorsa Bareedaadha jedhee waanin Yaadefin dhiheesse. Ittiinis Booharaa Gorsa Kanas Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Tapha Jedhanii Dhiirti Wiigii Uffatuun Sirrii Miti. Dhiirti Shamaratti Fakkaachuun Faallaa Islaamummaati.

Taphni Akka Qaba. Tapha Yookaan Ummata Kofalchiifnee Jaalala Horannaaf Wiigii Matarra Ofkaayanii Qoosaa Akkasii Qoosuun Faallaa Islaamummaati. Dhiisaa Qoosaa Akkanaa Kana.

Tapha Gabaabaa Dhiirti wiigii uffatuu eegalte. Funny Haadha Faaxee fi Muzee akkasuma Kuulleefaa

Tapha Gabaabaa Haadha Faaxee fi Mucaa Dr Muzee Ofiin Jedhu Gidduutti Deeme Kanaan Namoonni Baayyeen Dallananii Yaada Kennataa turan. Ni Qoosa Fakkaata Muzeen Yeroo Wiigii Matarra Ofkaayee Haadha Faaxeetti qoosu. Tahullee Garuu Kuni Shari’aa Teenyallee Faallessuu jedhama Malee Qoosaan Akka kanaa Sirrii miti Jechuun Namoonni Qoosaa Kana Jibbanii Yaada Kennataa Turan.

Qoosaan Akka Kanaa Hin Barbaachisu Funny Oromo Comedy Tahuu Hin dandahu Islaamummaan faallaa

Akka Muzeen Jedhutti,shamarran keenya Rifeensi keessan Baayyee Gaggabaaboo Waan taheef jecha Kana Akka Bitattaniif Isin Agarsiisuf jechan Uffadhe jedhee Yaada Kennatullee garuu Haati Faaxee,Wiigii Haadha Warraa isaa Tan Isa Biratti Gatte Matarra Ofkaaye Jechuun Itti Qoosaa,Wanti Akkanaa Kuni Tasuma Shamarran Keenyaaf Akka Hin Taane fi Uffatuu Akka Hin Qabne Gorsa Laatteetti.

Nuti Gama Keenyaan Qoosaan Akka Kanaa Dilii isinirratti baayyisa Waan Taheef Wanta Akkanaa Kanaan Tasuma Hin Qoosinaa Jennee Yaada Keenya Biraan Geenyee jirra. Yaada Keessanis Simatuuf qophiidha. Yaada Nuuf Qoodaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Dhiira sadi Halkan tokkotti Jinbilfachiifte Funny Haadha Faaxee

Akka Shamarran Gariitti Kijibaan Maqaa sheekkotiitin Hin daldalattu. Haadha Faaxee Yookaan Haadha dhungoo jedhamuunis ni waamamti.

Funny Oromo Comedy Haadha Faaxee Dhiirota sadi Jaalala Qabsiisuu Himte

Haati Faaxee Afaan Faranjii Kana Humnaa Ol itti Rarraati. Afaan Faranjii Kanaan Jaalalti tolti waan jettu fakkaatti hoggaa Dargaggoota Faranjii Kana Jaalala Gaafattu. Baayyee Nama Kifalchiifti. Shamarran Maqaa Sheekkotiin Daldalatan Caalaa Miira Namoota Hataa Tan jirtu Haati Faaxee Arra Kiflumaan Muxuxii Nu baafte.

Funny Haadha Faaxee Dhiirota Sadi Halkan tokkotti Janjjantee milkaahu Ishee yeroo ibsituudha.

Dhiirota Sadi Janjjante. Afaan English itti Ulfaatullee Afaan Oromotin Itti Haasawatti. Kan Nama Dhibu Dargaggoonni Yeroo isheen Afaan Oromootin Itti Haasofti Akka waan hubatanitti ok jechuu isaaniti. Haatahuu Malee Jecha Ok jedhu kana Haadhuma Faaxee jalaa dhaalan fakkaatti. Haati Faaxee osuma Haasahan Gaafa Afaan Jalaa Bade Jecha OK kana Baayyinaan fayyadamti. Baayyee Nama Kofalchiifti.

Arra Dhiirota Sadii Turtii sa’aa Tokko Keessatti Janajjanti. Sadii Qalbii Laffifattee Lama Ofirraa Ariite. Sadeenirraa Lama Sirrumatti Najaalatan jechuun Daranuu Ofjajjabeessaa Biyya Kofalchiifti. Maarree Funny Haadha Faaxee kana dhageeffadhaa Ittiin Booharaa Yaada qabdaniif Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa jenneerra. #UnitedOromia

Haala Shamarran Keenya Tiktok irraa Keessa jiran Ilaalchisee Sheik Abdusalam

Haalli Nuti Yeroo ammaa Keessa Jirru Nama Yaachisa jechuun Sheik Abdusalam Gorsa Gabaabaa Ummata Keenyaaf Laate.

Sheik Abdusalam Gorsa Haala Ummanni Keenya Tiktok irraa keessa jiruuf dhaaman

Sheik Abdusalam Gorsa Kana Kan Laate,Haala Fokkotaa Shamarran Muslimaa Yeroo Ammaa Tiktok Irratti Tahaa Jirtuu fi Dargaggoonni Shamarran Kana Daranuu Akka Hayaa dhaban gochaa jiran kana Ilaalchisee Hayaa Jechuun Maal Akka Tahe Himuun,Haala Kanaan Gama Fuula Duraa Maaluma tahuuf jirra jedhee Yaaddoo qabus Ibsatuun Gorsa Jajjabaa Gorse.

Gorsa Bareedaa Haala Ummanni Keenya Tiktok Keessa irra jiranirratti Sheik Abdusalam dabarsan

Akkamitti Ilmoon Namaa Hawaasa Safuu Beeku keessaa dhalatte takka Safuu Dagattee,Jechoota Shamarran Muslimaa mitii, Dargaggeessa Durriyyee tokkorraahuu hin Dhagahamne Livi Irratti Yaatanii Dubbattan Jechuun,Jechoota fi Gochoota Ummanni Keenya Tiktok Irratti Fayyadamaa Jiran Kana Akkaan Balaleffatee Gorsa Haadisa Ergama Rabbiitin(S.A.W) Dabaalameen Ummataaf dhaame.

Gorsa Sheik Abdusalam Dabaran kana Olirra Guutuu isaa dhaggeeffadhaa Namoota Jireenyi Tiktok Dage hunda Biraan gahaan dhaamsa keenya Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Waca Sababaa Ayyaana Irreechaa Adeemu Ilaalchisee Yaada Gabaabaa Maammee

Irreechi Ayyaana Oromon Bara duriitii kaasee Kabajataa Turee fi Sirni Kadhannaa Hordoftoota Amantaa Waaqeffannaa keessatti Taasifamudha waan taheef Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Bakka Sanatti Argamuun Sirrii Miti jechuun Shekkotiin Akka Shirkii Tahe Hawaasa Islaamaa Barsiisaa turuun Beekamaadha.

Yaada Gabaabaa Dhimma Waca Sababa Irreechaa Banameef maammeen kennate.

Akkamitti Irreechi shirkiidha jettan,jechuudhaan Namoonni Gariin Duula Bananii Gamaaf Gamanaa Wacni Gidduu Oromootatti baayyate. Dhimma Kana Ilaalchisee Mohammed BinAljaziiraa Yaada Gabaabaa kennate. Yaada Isaa Kanaanis Wanti Sababa akkanaa Oromoo walitti duulchisuuf hin Jiru Jechuun gorsa kenne.

Erga Sheekkotiin Yookaan Dureewwan Amantaa Islaamaa Bakka Kana irraa Akka Qooda fudhachuu hin qabne sababa waliin Hawaasa Tajaajilaniif Himanii,Sababni Ani Akka Nama Islaamaa Tokkotti Bakka Kanarratti hirmaadhuf hin jiru Jechuun Yaada Isaa Kennatee,Islaamaf Ammoo Bakki Shirkii dhoorgaadha Waan taheef Jecha Nu Ofkolchaa Jechuun Yaada kennate.

Akka Maammeen jedhetti Sababa Wallaluma kootii waggoota Baayyeef Irreecha Dhaqee Irreeffataa Akka Turelle Himuun Rabbiin Nama Isatti Sharrakeef Hin Araaramu,kanaaf jecha Wanta Amantaa Kiyya Faallessurraa,ergan Hubannoo argadhe Dirqama Hafuu akkan qabu Murteesse jedheera.

Waca Sababaa Irreechaa Bahamerratti Yaada Maammeen kennateedha.

Sababa Kanaaf jecha Akka Nama Islaamaa Tokkotti Bakka Kanatti Argamuu dhabuun kiyya Ammoo Oromummaa Kiyyarraa Wanti Hirdhisu Tokkolleen Hin jiru waan taheef jecha Namoonni Akkasitti Yaaduun Hawaasa Islaamaa Komattan Ilaalcha keessan Sirreessaa jechuunis gorseera. Kanuma Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Kijibdoota Ustaazota Maqaa Balleessaa jiran Muraasa

Dubbiin Akka Taphatti Munashidoonni keenya Dubbatan Ajandaa Guddaa tahe.

Shamarran Maqaa Ustaazotaan Like fi follow Barbaada kijibaniif deebii gabaabaa

Ustaaz Ibsaa Namni Jaalattan Mee harka baasaa Kan Jedhan Manashidoonni,bakka gargaarsa Madrasaa Bilaalif Taa’anitti,Ummata Booharsuuf Yookaan Kofalchiisuf Dubbii Dubbatameedha. Tahullee garuu dubbiin kuni Ajandaa Guddaa Hama Baayyisee,Baayyee Namootaa Kofalchiisuu fi Boochisuun Gahee Taphataa Jiruudha taate.

Namni Dubbii Sana Jalqaba Utaalee irra Bu’e Artist Nasraa Gursum ture. Warri kuun Ammoo Nasraa Irratti Duula bane,Akka waan dhugaa Taatetti Ajandaa Irra deddeebiin Maxxansitee Ummatatti dhugaa Fakkeessite. Kuni maalif Tahe? Aadde Nasraan Qoosaaf Akka Hin jenne dubbatti. Garuu Namoonni Ishee beekan Follower barbaada fi Like barbaada Kijibdi jechuun Irratti duula banan.

Shamarran Maqaa Ustaazotaan Tiktok daldalataa jiraniif deebii gabaabaa kenninedha.

Ustaazonni Kijiba isaanii kana Homaa Irraa Quba Hin qaban. Amma Ajandichi babaldhatee,Ustaazota Gurguddalleen qoosamuu jalqabamee,shamarran Tiktok irraa Fasaada baayyiftu baayyeen isaanii Kopha Kophatti Ustaazotarraa Akka Jaalalti Isaan qabde Himuun Daldala Tiktok ittiin gabbifataa jiran.

Kanarratti Hundoofnee Gorsaa fi Dhaamsa Akkasuma Haala Isaanii Agarsiisuun Viidiyoo olirraa agartan sankeessatti Qindeessine isiniif dhiheessine. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Nasraan Ustaaz Ibsaa Jaalachuu Mirga qabdi Garuu Maqaa Ustaazaatin Qoosuun hin tahu beeki

Nasraan Ustaaz Ibsaadhan Jaaladha jechuun Iyyaa Jirti. Maaltu Dhimma Kana Ajandaa taasise?

Artist Naaraa Gursum Ustaaz Ibsaa Natti Fuudhaa jechaa jirti.

Aadde Nasraan Kan Dhimma Kana Ajandaa Godhatteef,akka Tasaa Ustaazonni Bakka Dhimma Gargaarsa Madarasaa Bilaalif Tumsa Gaafataa Jiranitti Qoosuma Keessa Mee shamarran Harargee Ustaaz Ibsaa Jaalattan Harka Baasaa Jennaan,Aadde Nasraan Ana jette Biyyi Aadde Nasraatti duula bane.

Sababaan Duula Kanaa Ammoo Aadde Nasraan Ustaaza Xiqqaa kanaan Akkamitti Natu Heeruma jetti Kan jedhuudha ture. Dubbiin Oowwitee lafa balleessite. Hundaafuu Dubbichi Qoosaadha malee dhugaa miti. Aadde Nasraan Ajandaa Uumuf malee Yoo Maraatte malee waa Ustaaz Hin kajeeltu Kan jedhu waa nama tokkoof lamaa miti.

Aadde Nasraa Gursum Ustaaz Ibsaa Jaalatte

Hundaafuu Rabbiin Akka Fedhu qaba. tanuma Sababa godhee Aadde Nasraa Yoo Nuuf qajeelche Maalitti Beeyna,Rabbi Haa milkeessu Garuu Manaaba Garii Keessaa Osoo Dammaqanii Gaaridha😂 Yaada keessan nuuf katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa Deebanaa. #UnitedOromia

Artist Caalaa Bultumee fi Andu’alam Gosaa Gidduutti Maaltu Tahe?

Oromoon Safuu qaba. Nama Waldhabes tahee wal miidhef Gaaddisa Jalatti Murtii Muramuutu jira.

Artist Caalaa Bultumee fi Andu’alam Gosaa Gidduutti Maaltu Uumamee ture?

Dhimmi Artist Caalaa Bultumee fi Artist Andu’alam Gosaa Gidduu Miidiyaa Hawaasummaa Dhuunfate. Maaltu Dubbii Araaraan dhumattu Rasaasaan Nama Namatti Kakaasa Wanti Jedhu Gaafi Hawaasaati.

Andu’alam Gosaa Yaada Arra Kennate Gabaabaa Kanaan Artist Caalaa Bultumee Akka Itti Balleesse himeera. Artist Caalaa Bultumee gama isaatin Guruppii Faannootu Yaalii Ajjeechaa Narratti Raawwatuuf Ture garuu Rabbi Na Oolche jechuun Ariifannaan Barreeffama Barreesse.

Artist Caalaa Bultumee fi Andu’alam Gosaa Ilaalchisee Yaada Gabaabaa

Artist Andu’alam Gosaa Gama Isaatin Caalaan Rasaasaan Na Rukute kuni Tahuu Hin Qabu Ture jechuun Komii qabu Himateera. Dhalaa Irratti Walitti Bu’an Oduun jettus Baayyee Hafarfamaa jirti. Andu’alam Garuu Nama Caalaan Rukutaa Jiru Dhiisi waanin jedheenif Na Rukute jechuun Himata. Akka Hundaafuu Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan nuuf katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa Deebanaa. #UnitedOromia

Shamarran Chaarjara Barbaadan Funny Maal jechuudha?

Chaarjara Barbaanna jedhee shamarran Livirratti bahan kun Maal jechuu? Kan Garii Ammoo Osoo Quraanni Banamee jiruu Asirraa Dhiirsa Barbaada Boochi.

Funny oromo comedy Qilleensarraan Jaalallee Filatu

Yeroo garii Haalli Keessa Jirru Nama Saalfachiisa. Chaarjaran barbaada jechuun Isaanii daranuu Nama sodaachisa. Maraafuu Haasaha Isinitti Hin dheeressu Qoosaa Akkanaa kana Silaa Ofirraa dhiiftanii gaaridha.

Duraan Sagantaa Kana Ittin Booharaa ture. Garuu Haalli Tokko Tokko Hedduu Nama Saalfachiisa. Shamarran Gatii keessan Ofxiqqeessaa jiraachuu hubachuu qabdan. Maraafuu Sagantaan Qilleensarraan Jaalallee Barbaadatuu kuni Gara Badii Nama Oofaa jira. Kanaafuu Osoo Dhiiftanii natti tola.

Funny Oromo comedy Jaalallee qilleensarraa filatuu

Mansuur Jamaal Osoo Jaartii Barbaadu Dhiira Argate Funny Oromo Comedy

Mana Ibsaa Abbaa Jaalalatti Mansuur Haadha Warraa Barbaada Olseene.

Tapha Kofalchiisaa Mansuur Jamaal Jaartii Barbaada Maal jedhe? Funny Oromoo comedy

Wanti Isa Mudate Ammoo Ummata Kofalchiise. mansuur Jamaal Abbaa Qabeenya Oromo Kan Online irraa Yemmuu tahu,Haadha warraa online irraa Barbaada Gudii Mudate. Ulaagaaleen Inni Kennes Nama Kofalchiisa ture. Haa tahuu Malee Mansuur Sababa Haadha Warraa Akkasii Gaafateef Dhuma Viidiyoo kanaa Irratti Mudannoo tokko Himuun Ummataaf Ifa Godhe.

Mansuur Jamaal Jaartii Barbaada dhiira Hirmaachise funny Oromo Comedy Jaalala Qilleensaarran

Tan Lammaffaa Takka Ammoo Afaan Jabaatuu qofa Osoo Hin tahin Nyaaras Haaddatte warri jechuun Maqaa Baasefis Ni jira. Nyaara Haaddatte jechuun Maali? Safuu Yookaan Saalfii Homaa Hin qabne jechuudha jedhu warri keessa jecha kanaa beeku. Intalli Ummata Kofalchiifte. Hamtuu hin dubbanne garuu dhugaa jirtu Himteef.

Mansuur Jamaal Shamarran Ulaagaa Inni Gaafate Guuttee argamteef badhaasa kennuu Akka Fedhu Hime. Yeroo Kana Himu Ammoo sababa Waliin Ummataaf Hime. Dhuguma Mudannoon Akkasii Ni jiraa Tan Jettu Gaafii Biraati. Maraafu Tapha Gabaabaa sana Dhaggeeffadhaa Ittiin Booharaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia