Ani Jaarsa Akkanarra Jaarsa Malee Hafa. Funny Aslii Fi Haadha Faaxee

Funny Haadha Faaxee fi Aslii Mohammed Dhimma Masaanuu ilaalchisanii

Jaarsa Kiyya Kanin Jedhuun Yoo Bahee Tan Biraa Laala Tahe Abadan Sireen kiyyaa fi Jireenyi kiyya Isarratti Haraamaya jetti Haati Faaxee.

Maalif Haraamaya? Atuu Kunoo Shamara Tiktok Irra Sa’aa 24 oolee buluudhaa jechuun Asliin Gaafatullee,Ani Hanga Jaarsi Kiyya Mana Keessa Na Jiru Abadan Tiktokirraa Seenuu mitii Manaahuu Gadi bahu.

Funny Haadha Faaxee fi Aslii Jimma Jaarsa lama fuudhuu irratti

Hayyee Yeroo Jaarsi Sibiraa Bahe Tiktok Seenta mitii? Jedhee gaafata. Eeyyeen Yeroo inni Hojiif Bahe Tiktokirraa Ummata Waliin Koflee taphadha. Jettee Deebifnaan,Akkas Taatu Ati Jaarsa Lama Qabda Tokko Ka Tiktok jechuudha jechuun Aslii fi Haati Faaxee Waliin Qoosan.

Maalif Heerumtan? Jaarsaaf Jaartiin Maal Waliif Tahan? Funny Haadha Faaxee

Tapha Ergaa Qabu Gabaabaa Kana Keessatti Gorsi Kuni Baayyinaan Shamarran Ilaallata.

Funny Ethiopian Oromo Comedy Haadha Faaxee Dhimma Jaarsaaf Jaartii Ilaalchiftee gorsite

Wantan Argeetu Na teessisa Kunoo Argaa Jechuun Gorsa laatuu Kan Eegalte Haati Faaxee,Shamarran Amaloota Akkanaa Qabdan Hanga Kana Dhiiftanitti Bultii Seenuuf Hin Rakkatinaa,Akka Kiyya Kanatti Jiraadhaa jette.

Gorsa Qoosaa Baayyatu Kana Keessatti Dhiirota Baayyetti Onnee Kan Horte Haati Faaxee,Dhiirota Amaloota Shamarran Baayyee Waliin Gangalatuu Qabanis,Miidhaa Deddeemun Dhiirotarraan gahe Himuudhaan,Jabeessitee gorsiteetti.

Funny Haadha Faaxee Dhimma Jaarsaaf Jaartii Irratti

Kan Namoota Baayyee Kofalchiisefi Shamarran Muraasaaf Liqimfamuu Dide Dubbii Ixaana Aarfadhaa Isheen jette sana tahullee Baayyeen Namootaa,Koflaan Garaan Bilchaate. Haati Faaxee Osoodhuma Taphattuu Ergaa Baayyee dabarsite.

Ergaa ishee Kana Dhaggeeffatuun Kan Itti Koflaa ture Muraasni,Atilleen Jaarsa Siif Haa Kennu,Gorsa Kana Nuuf Kennnuun kankee Kuni Kajeellaa Jaarsaa Muldhisa jechuun Kan Itti Qoosaa turelleen Baayyeedha. Akka Maraafuu Viidiyoo Gabaabaa Olirraa Muldhatu Kanaan Booharaa Yaada keessan Nuuf Katabaa isiniin jenna. #UnitedOromia

Karaa gabaabaa Kana Fayyadamuun Youtube irratti Milkaa’ina kee Mirkaneessi

Namoonni Baayyeen Akkaataa Itti Viidiyoo hojjatan Sababa Wallaalaniif,Dandeettii isaan keessa jiru Baasanii Ummata Biraan Gahuu Hin dandeenye. Yookaan Ammoo Dandeettii Comedy fi Artii Qaban Fayyaddamanii Ofii Isaanii Fayyaduu hin dandeenye. Kanarraa Kan ka’e Viidiyoolee Gaggabaaboo Hojjatan Tiktokirraa Kaahuun,Namoonni Isaan Jalaa Fudhatee Haarawatti edit gochuun Ittiin Of tajaajilaa jira.

How to create YouTube shirt From old videos. Akkaataa Itti Viidiyoo Gaggabaaboo Youtube hojjatuun dandahamu

Amma garuu barri Jijjiiramee,Viidiyoo Gaggabaaboo Akkaataa Itti Hojjatatuun Dandahamu Youtube fi Feesbuukiinis Haala Mijjeessuun Koottaa Ummata keessan Booharsaa,Galii Mataa Keessanis Argachuun of tajaajilaa jedhanii,Akkaataa Salphaa Taheen Haala Isiniif Mijjeessanii jiran. Ammas Garuu Baayyee Namootaatif Dubbiin Hin Galleef.

Kanumarraa Ka’uun Muxannoo Baroota dheeraa Argataa dhufnerra dhaabannee Ummata keenya Barsiisuuf Karoora Baafanne. Akkaataa Itti Fayyadama Miidiyaalee Hawaasummaa Isin Baraiisuuf Kutannoon Ka’uu keenya Keessi Keenya Nutti Hasaasa. Maarree Meeqa Keessantu Baratuuf qophiidha?

How to Create Short videos on YouTube Using your existing Videos. Akkamitti Akka Viidiyoo Gaggabaaboo Duraan Youtube irra jiranirra Hojjatuun dandahama?

Kunoo Guyyaa Arraa Takka Jennee Akkaataa Ittiin Viidiyoo Gabaabaa Youtube irratti Hojjatuu dandeessan Viidiyoo Olirraa Agartan Kanaan Isin Baraiisuuf Yaaleera. Akkasuma Akkaataa Ittiin Viidiyoo Lafatti Hoojjattanii fi Facebook irrattis Viidiyoo Gaggabaaboo itti Hojjatuu Dandeessan Takka Takkaan Kanan Isin Barsiisu taha. Viidiyoo arraaf qabannee dhufne Olirraa Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Haati Faaxee fi Shee Khaab Buttaan Maal waliin jechaa jiran

Funny Oromo Comedy Haadha faaxee fi Obbo Kaab Buttaa akkasuma Gorsa bareeda

Tapha kofalchiisaa Aadde Haadha Faaxee fi Obbo Kaab Buttaa kanaan Yoo kofaltan Maal jettu?

Funny Oromo comedy Haadha faaxee fi Kaab buttaa

Haati Faaxee Qoos QOOSTU Baayyee keessa Garuu ergaa dabarfataa jirti. Qoosaa isaanii Kana Akka Ittiin Booharaa ergaa isin akka dhageessan feenu Dhageessaniif qindeessine. Obsaan Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf qoodaa.

Yoo walin Banne Maaltu Nu Gaafata? Jedhan Kuullee Yusuf fi Kamaal Abdallaa

Funny Hojjanna Jedhanii Ummata Dura Taa’anii Kijiban Warra Jedhee yaada kennatuutu jira. Tahullee garuu Akka waan dhugaa tahetti wal janajjanan. Namoonni Jalqaba irraa Waliin dubbii Sheek Kamaal Abdallaa fi Kuullee yuusuf kana Argaa ture,Gaafa Haasaha isaanii Kana Argan Dhugaadha Jarri waluma Gaadaa jirtii Jechuun Yaada kennatan.

Aadde Kuullee Yusuf fi Sheek Kamaal Abdallaa Funny Oromo Comedy

Akka Hundaafuu Haasawni Edaa Kan Kamaal Abdallaa fi Kuullee Yusuf Gidduu kuni Tasuma qoosaa hin fakkaatu. Obbo Kamaal Abdallaa ijaan waa ofirraa eegaa hasaasa. Jaalalti Dhugaa Gidduu Jaraa jirti Nama jechisiisa.

Funny Adde Kuullee fi Obbo Kamaal Abdallaa.

Yeroo taphatan ammoo Wantoonni isaan dubbatan,Namoota Maqaa sheekaa qabu miti Namuma Durriyyee tokkorraahuu hin eegamu jechuun Namoonni komii qaban ibsataa turanis Ni jiran. Nuti Haasaha isaanii Kana Kan qindeessine dhiheessineef Sababa Ammatti Himuun Hin Barbaachifne Waan qabnuuf, akkasumas Namoonni Kanaan Booharu Jiraannanis Haa Ittiin Booharanii Jenneeti. Akka Hundaafuu Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Funny sheekaa Roobee Imala Jimmaa fi Jijjiirama jirurraa

Sheekaa Roobee Funny Aslii Mohammed waliin Biyya Abbaa Jifaar Irraa

Waadaan Ummata Kiyya Ummata Jimmaa Abbaa jifaarif seene waan taaheef jecha,Osoo Haati Warraa Koo Garaan Guutuu Dhiisee dhufe jechuun Gammachuu Biyya Abbaa Jifaar Irraa Argate Himuun Tapha Isaa Kan Eegale Sheekaa Roobee Jijjiiramni Guddaan Jiraachuudha hima.

Jimma Abbaa Jifaar Biyya Jaalalaa fi Kabaja Namaaf Qabdu Biyya Hayyootaa fi Biyya Nama Hawwattu Tahuu Ija Kiyyaan Dhufee arge jechuun Jimma Dinqisiifatee silaa Xiyyaaran miti Miilaan Dhufuu qaba jechuun Jaalala Jimmaaf Qabu Himee Tapha Isaa Kan Aslii Waliin Namoota Kofalchiisanitti dabre.

Sheekaa Roobee Biyya Abbaa Jifaar Irraa Aslii Waliin Funny Addaa Taasisaa jira.

Jijjiiramni Kana Caale eessa jira Aslii koo Mee atumti kunuu Ofilaali Bara Durii Maal fakkaatta Jechuun Qoosaa isaatin Ummata Gangalche. Oromoon Qilleensarraa Walitti wacu Kuni Ni kijibdi. Oromo Jechuun Biyya Keessa Lafarratti Ummata Jaalalaan Waliif Gaggabu tahus Ragaa Bahe. Waca Qilleensaa kana dhiisaa Tokkummaa fi Jaalala keenya duriitti haa deebinuu jechuunis gorse.

Yeruma takkaa Mucaa Laalteen Waan Waada keenya Gattee tarte Haadha Faaxee funny

Funny Haadha Faaxee Mucaa Jaalattee Bishaan taate

Ani Dhiirota Kutaa Oromia Afur keessaa Takkatti Heeruma isaanis Harargee,Wallaggaa,Shawaa fi Wallo Jechaa Nuun Dhaadataa Osoo Jirtu Takkumatti Bishaan Nujala yaafte Haati Faaxee

Maaltu Afgameree? Ammuma Yoonin Akkanattuu Du’eera tahe Isaan Biratti Na Awwaalaa jechaa Osoo jirtu,kuunnoo Biyya Turkii dhqxee takkumaan Jaalalaan qabamtee Bishaan Nujala yaafte. Funny Haadha Faaxee Ati Yoomuma Qalbiikee kana dhaabdee Nutti heerumtaan Gaafii ummataati.

Funny Haadha Faaxee yeroo Mucaa Jaalattee himtuuf Akkam jetteen

Akka Maraafuu Haati Faaxee Ni taphatti Qoosaafi Ummataan Booharsuuf Waa baayyee Haasotti. Tahullee garuu Ni kakatti. Tokkoffaa Nama Kofalchiisuuf Namni Kijibu Shari’aan Islaamaa keessaatti dhoowwaa fi jimmaadha. Dabalataan Kijibaratti Kakatuu Kanahoo Akkamiin Laalte laata? Maalif Kijibarratti Kakattan? Maaloo dhiisaa waan Akka kanaa jennee Yaada kennatuu feena. Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Afgaafii Funny Maammeen Shamarran waliin taasise

Bu’aan Ati Tiktok irraa Buufatte maali? Eenyu jaalatta? Fi kanneen biroo Gaafatee Deebisaan Isaan kennan Nama kofalchiisu

Maammee Jaalalli Sumarraa Na qabe funny Afgaafii Gabaabaa Maammeen Shamarran waliin taasise

Kuulleen Ammoo Jaartuma Reditti Waan aara qabdu fakkaatti. Silaa Argattee eenyu Akka si fuudhu feeta jechuun Maammeen Kuullee Gaafata. Kuulleen Ammoo Silaa Reditti Heerumeen Jaarti Isaa Garaa gugguba hin jettu seetanii😂 Maali Hijaa bahattamoo Kan jettu Gaafiin Baayyetu dhihaatef..

Afgaafii Funny Maammeen Shamarran waliin taasise

Shamarree Lammadaa Waliin Afgaafii Taasiseen Shamarri Waan Dubbiin Harkaa walitti Bu’e fakkaatu. Suma Kanarraa Jaalalli Na qabe Jechaa Akka Maammeen fuudhuu qabus Ajaja dabarsiti. Kuni Ammoo Akka Maammeen Daran Ija bababasu taasise. Akka maraafuu Viidiyoo gubbarra jiruun Viidiyoo Gabaabaa kanatti Booharaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Funny Asliin yeroo Afaan Englishiin Jaalala Gaafatu

Yeroo baayyee Ani Saba Kanaaf Jecha Waggaa 27 Biyya chaaynatti Baradheen Doktorummaa argadhe jechuun Namoota Kofalchiisaa Kan turan Obbo Aslii Mohammed Gidduu kana Namoonni Baayyeen Haasaha Isaa Kana Dhaggeeffataa Koflaan gangalataara. Maaltu gale laata

Funny Oromo Comedy Asliin Yeroo English Dubbatuun Janajanuu fi Seenaa Waliin Afgaafii taasisuun Ummata Kofalchiisaniidha.

Asliin Irra Baayyee Haasaha Isaa keessatti Funny yookaan Qoosaa qoosuun Daawwattoota isaa Booharsaa turuun Ni beekama. Erga Gama Tiktok dhufee garuu Afaan English Kan Duraan yaalu Jabeeffatuuf jecha,Akkuma Warra Diyaaspooraa Jechoota English Haasaha Isaa keessa makuun Hawaasaan booharsaa jira.

Funny Dr Aslii Yeroo Afaan English dubbatuun Shamarree Biyya Gana janajanu

Haalli Kun Amala Itti tahee Shamarree Biyya Gaanaa Takka Waliin Tapha Eegale. Kanaanis Afaan English Qofaan akka walitti haasahu qaban Himeefi Teessuma Bareechan. Doktorri Waggaa 27 Biyya chaaynatti Barate Afaan English Hin beekumo jechuun Komantiin Baayyannaan, Dhaggeeffadhaa Ani Waggaa 27 Afaan Chaaynaatin Biyya Chaaynatti baradhe malee Englishiin Baradhe yoomin isiniin jedhe gaafa Asliin Jedhu Biyyi Koflaan Garaa Bilchaate.

Akka Maraafuu Qoosaan Aslii Namatti Tola. Intala isaa Seenaa Waliin Afgaafii Taasisan Kanaanis Ummanni Baayyee Kan Boohareefi Dandeettii Ishee Kan Arge Ummanni Baayyee Dinqisiifataa ture. Isinis dhaggeeffadhaa Ittiin Booharaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Jimaa fi shee Ali Jimmaa Ilaalchisee Sheik Amin Ibroo

Dhimmi Jimaa Humna Qilleensarraa,Humna Lafootti Bu’eera jedhe sheik Amin Ibro

Sheik Amin Ibro Dhimma Jimaa fi Shee Ali Jimmaa Ilaalchisee Yaada kennate

Jidduu kana Dhimmi Jimaa Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Tahuun Baayyee Namootaatin Hafarfamaa jira. Dhimmi kun Saba Keenya Kana Wal Afaan deebisaa jiraachuu Kan Hubate sheik Amin Ibroo Yaada Fi Gorsa Gabaabaa Hawaasa keenyaaf dhaameera.

Sheik Amin Ibro Dhimma Jimaa fi Sheik Ali Jimmaa Ilaalchisee yaada kennate

Sababni Dhimmi kun Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa taheef,Sheik Alii Jimmaatu Osoodhuma Da’awaa Gochaa jiru,Jimaan Haraama Jechuun Dubbatan. Kanarratti Akkamitti Haraama Tahe Jechuun Daraaootafi sheekkota baayyeen Wal filmiin Uumame,Hawaasa Baldhaa jidduutti Owkara uume.

Dhimma Kana Ulamaa’onni Gurguddaan Baha Oromia,Kanneen Akka Sheik Muusaa Su’aalaa Namani Jimaan Haraama jedhu Nubira Dhufee Falmii Barbaachisu Gochuun Irratti Mariyanna jedhanii,Afeerraa taasisanii jiraachuu,Sheik Amin Ibroo Himuudhaan,Dhimma Kana Asumarratti Dhaabaa,Sheik Ali Jimmallee tasuma Kana booda Akka Hin Komanne jedhanii Gorsa Laataniiru.

Guutuu Haasaha Sheik Amin Ibroo taasisan kana Viidiyoo Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia