Warri Taa’ee Shamarran Boochisaa Birrii Nyaatu Ustaazota Keenya Maqaa balleessuu Jalqaban.

Ustaaz Hamzaa Hashim Jedhama. Ustaaz Qoosaa Hadiisa Ergamaa Rabbii Ummataaf Qooduu Keessatti Shoora Guddaa Taphataa jiruu fi Ustaazota Dhukkubbii Mataa Durriyyoota muraasa Tiktokirraa Dhiichisanii Tahan Keessaa Ustaaz Hamzaan Nama tokko.

Namoota Kijibaan Maqaa Ustaaz Hamzaa Haashim Balleessaniif Gorsa Gabaabaa

Akkuma Beekamu Jidduu Kana Dhimmi Viidiyoo Waraabuu fi Waraabamee ture Miidiyarratti Maxxanfamee Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Tahe. Dubbiin Kuni Namoota Dogongoree yookaan Wallaalan Viidiyoo Ofwaraabe Osoo Hin Taane Namoota Shamarran Dogongorsiisuun Viidiyoo Waraabbatee,kanaan Sodaachisaa Birrii Irraa Nyaatamu Kanarratti Xiyyeeffatamu Akka Qabu Hawaasni Irratti walii Galuun Rooba Dhukkeen Azooramuu Jalqabe.

Wanti Kuni Ammoo Namoota Viidiyoo Shamarranii Waraabanii Madda Galii Isaanii Taasifataniif Dhukkubbii Mataa Tahuun,Laagaa Keenya Cufaa Jirtan Waan jedhu Kan fakkaatu Olola Facaasuu eegalan. Namoota Irratti Ololamee maqaan akka Badu Irratti Hojjatame keessaa Ustaaz Hamzaa Haashim Nama Tokko.

Ustaaz Hamzaa Hashim Namoota Kijibaan Maqaa Ustaazotaa Balleessaniif Gorsa Laate.

Ustaaz Hamzaa Haashim Hiriyoota Isaa Waliin Isaa Viidiyoo Haasahu fi Viidiyoo Nama Biraa Walitti Hidhuun Akka waan ustaaz Hamzaan Viidiyicha hojjateetti Itti Fakkeessuun Maqaa xureessan. Wanni Kuni Zulmii Narratti Deemaa Jiru Waan taheef Ani Namoota,Dhimma Viidiyoo kijibaa kanaa Maxxansee fi Qooduun Kijiba Kana Dhugaa Fakkeessuuf Dhama’aa Jiran Hunda Rabbii Oltahettin Himadha jechuun Namoonni Wanta Akkanaa Kanaan Maqaa Namaa Balleessaa Jiran Rabbiin Galata Isaanin Malu Galchaaf jedhee,Hadiisa Ergamaa Rabbii (S.A.W) wabeeffatuun Gorsa Laateera.

Namoonni Wanta Akkanaa kana keessatti Hirmaattan akka Irraa Ofqusatuu qabdan Isiniif Dhaamaa,Rabbiin Nuhaa Sattaru Haqa Ustaazota keenyaas Rabbi Nuuf Haa Baasu Abbaa Nama Zallame Rabbiin Qixaaxa Isaatin Isa Qaxxa’uun Waan Hin Oolledha. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Yeroo Hunda Isinumatti Himnaa? Jechuun Sheik Anwar Yusuf Gorsa Shamarraniif Laate.

Sheik Anwar Yusuf Shamarran Viidiyoo waraabamee boohuuf Gorsa Laatan.

Yeroo Bayyee Shamarran Keenya Odeeffannoo Godhaa jennee irra deddeebiin Gorsa Isiniif Laataa turre. Tahullee garuu Shamarran Isin Dura Sababa Viidiyoo Waraabamniif Rookkoo Mudatanirraa Barachuu Hin dandeenye,gorsa keenya Hin Fudhanne Maalif Akkana Taatan Jechuun Sheik Anwar Yusuf Shamarraniif Gorsa Laate.

Sheik Anwar Yusuf Dhiiraafi Dhalaan Sooshaal Miidiyaa kana Fayyadamanii Qaama ofiirraa Satrii fuudhanii Waliin Haasahuun Haraama jechuun Jala Muranii Shamarran keenyaaf Himuu qofa Osoo Hin Taane,Abbaa Warraa fi Haati Warraa yookaan Jaarsaaf Jaartinuu Viidiyoo bananii Qullaa waliin Haasahuun dhoowwaa akka Tahe gorse.

Sheik Anwar Tusuf Gorsa Shamarran Video Qullaa Waraabamaniif Laatan.

Shamarran Islamaa Haala Kanaan Yeroo Hunda Miidhamuu fi Safuu Aadaa fi Amantillee Xiqqeessaa jirtan jechuun Gorsee,Rabbuma Keessaniif Jedhaa Ofillee Salphiftanii Aadaa fi Amantii keessanillee Hin Xiqqeessinaa Jechuunis Gorsaniiru. Viidiyoo Olirraa Agartanirraa Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Waliifis Dabarsan Dhaamsa keenya. Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Oromoon Maaluma Taate? Mee Yeroo Kanatti Ajandaa Dhimma Oromo Caalu Maaltu Jira jedhe kaab Buttaa

Oromoon Ummata isaa dhiisee Ajandaa Biraa Jala fiiguun Sirrii miti jedhe Kaab buttaan

Yeroo Tokko Tokko Haalli Keenya Nama Rifaasisa jechuun Haasaha Kan Eegale Kaab Buttaa yookaan Hordofaa Mohammed Waan Dubbatu qaba.

Kaab Buttaan Oromoon Dhimma Isaa Dhiisee dhimma Jaalalloota Lamaa Haasahuun Sirrii Miti Jechuun Rakkoo Ummanni Keenya Keessa Jiru Himee,Yoo Waan biraa gochuu dadhabdan Ummata Keenya Mana Hidhaa Saudi Arabia keessatti Rakkataa jiraniif Sagalee Tahaa Jedheera.

Kaab Buttaan Oromoon Dhimma Isaa Irratti Ofdagatuu Hin Qabu jechuun Dhaame.

Ijoollota Biyya Keenyatti Maqaa Raayyaa Ittisa Biyaatin guuramaa jiraniif Sagalee Tahaa Jechuun Yaada kennatuu Kan Eegale Kaab Buttaan,Mootummaan Ilmaan Waraanaf Guuree Haadha Ilmaanitiin Nyaata Milishaa Jedhee Dararuun Tan Nyaata Kennuu Dhabde Hidhuun Sirrii Miti jechuunis komii qabu ibsateera.

Dhumarratti Obbo Kaab Buttaa Oromoon Akka Wal dhaggeeffatuu qabuuf Hayyoonni Oromoo Dhimma Kanarratti Callisuu Hin Qaban Wal dhagahuun Akka Mariyatuu qaban Gaafate. Gama Biraatin Mootummaan Nagaha Ummataa Yoo Kan Barbaadu Tahe,Marii Karaa Nagahaatif Ofqopheessuu Akka Qabu Dhaameera. Isin Maal jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Wal barree Ji’a Saditti Waa Na Garsiifte. Amma Waggaa Sadi Ergan Irraanfadhe jedhe.

Dhimmi Obbo Rooberaa Isa Viidiyoo Aadde Sabboontuu Miidiyaa Hawaasummaa Irratti Facaase Ammallee Itti Fufuun Namoonni Baayyeen Akka Obbo Rooberaa Komatan Taasise. Rooberaan Viidiyooleen Sabboontuu Kan Biraas Baayyeetu Nabira Jira Waan jedhu Dubbatee Jara Araaraf Isa waaman Harka Darbee Akka bahe Viidiyoo Gadirra Jiru Kana keessatti Argitaniittu. Guyyaa Arraa Garuu Viidiyoo Haarawa Isuma Kana Gama Jalaa jirurraa Akka Dhaadannoo isaa daawwattan Isin Gaafanna.

Aadde Sabboontuu Iluu Fi Rooberaa Daniel

Shamarree Sabboontuu Iluu Jedhamuun Beekamtu Viidiyoon Ishee Kaleessa Muldhate Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Tahe.

Namni Viidiyoo Sabboontuu Waraabe Obbo Rooberaa Daniel akka jedhamu beekame.

Sabboontuun Akka Jechuun Yaada Kennattetti, Yeroo Sanatti Jaalala Dhugaa Keessa Seennee turre. Ofwallaala Keessa Dogongora Hojjadhee Viidiyoo sana Roobera Daniel Nama Jedhamu Kanaaf erge jechuun Himte. Obbo Roberaan Garuu Ija Qabatee Goggooyduu Kakate.

Video Qullaa koo Mullisuu fi Kan Isaas Baayyee Walitti Erginee Akkuma Inni Kankoo Ofbiraa qabutti Anilleen Kan Isaa Ofbiraa Qaba ture. Obbo Rooberaan Viidiyoo Kiyya Kana Dhimma Biraaf itti Fayyadamuu Fedhee Akka Qabu Aadde Sabboontuu Iluu Himte.

Obbo Rooberaan Maalif Manguddoo Isaaf Sabboontuu Araarsuf dhufan Harka Darbee bahe?

Guyyaa Tokko Ija Jabaatetuma Akkas naan jedhe jechuun Akka Roberaan Harmeen isaa dhukkubsattee Yoo Sabboontuun Birrii Hin Ergineef Viidiyicha Miidiyaa Hawaasummaa Irratti Maxxansuuf Deemu sodaachisuu Sabboontuun Isiniif Kakadheen Hima jechuun Himte. Tahullee garuu Rooberaan Dubbiin Kuni dhara jechuun Waakkatuuf Tattaafatullee Dubbiin Isaa Waldhahuun Ummata Isaan Daawwatu Koflaan Garaa bilcheessite.

Obbo Rooberaa Dani’eel fi Aadde Sabboontuu Iluu

Obbo Rooberaan Anaa fi Sabboontuun Kan Wal Baranne Hiriyaa Isaa irraan Akka Tahe dubbatee Erga Ji’a sadi Jaalala Keessa waliin Turanii Viidiyoo Sabboontuu Argee Hanga Waggaa Sadi Guutanitti,erga Gaafa Sabboontuu Sodaachisuuf Yaale Akka Sabboontuu waliin Hariiroon isaanii Muramte Hime.

Obbo Rooberaan Dhaadannoo Viidiyoon Sabboontuu Kana Qofa Miti jedhu Qaba jedhee Namoota Araaraaf Isa waaman Harka Darbee bahuun Maalifi Kan Jedhuuf,Rooberaan Viidiyoo Sabboontuu Kan Biraas Maxxansuuf karoora qaba shakkii jettu Uumee Sabboontuunis Komii qabdu Himte

Obbo Rooberaan Karoora Biraa Qaba Viidiyoo Sabboontuu Kan Biraas Baasuuf Karoora Qabamo jechuun Namoonni Komii Qaban Ibsataa jiran

Rooberaan Afaan Jabaatee Ani Viidiyoo Kana Osoo Sabboontuu waliin Hiriyummaa Hin Eegalin Arge jechuun Sobuuf Yaalullee Barri Bara Teeknooloojii Waan taheef Soba isaa sana Sirreeffatuuf Yaaleera. Akka Maraafuu Shamarran Haala Kanaan Birrii Nyaatamaa Jirtan Kana Booda Durriyyee Akkanaa Kana Baatanii Ummatatti Akka Ofirraa Himuu qabdan Isiniif dhaamneerra. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Mirgi Himatamuu Dhabuu Obbo Taayyeen Caffee Oromia Keessatti Qabu Kaafamuufi?

Akkuma Beekamu Obbo Taayyee Dendea Aredo Miseensa Caffee Oromia Tahee Osoo Jiru Mootummaa Fedraalaan Hidhame.

Mirgi Himatamuu dhabuu Obbo Taayyeen Caffee Oromia keessatti qabu Maalirra jira? Kaab Buttaa

Akka Seeraatti Namni Miseensa Paarlaamaa Ethiopia taheefi Namni Miseensa Caffee Naannolee tahee jiru Mirga Himatamuu dhabuu qaba. Obbo Taayyee Dendea Aredo Mirga Himatamuu Dhabuu Kan Caffee Oromia Osoo Irraa Hin Kaafamin Mootummaa Federaalaan Hidhame. Tahullee Hanga Ammaatti Himanni Ifatti Irratti Baname Hin Jiru.

Caffeen Oromia Mirga Himatamuu Dhabuu Obbo Taayyee Dendea irratti Maal Karoorse? Kaab Buttaa

Akka Odeeffamaa jirutti Obbo Taayyee Irraa Mirga Himatamuu Dhabuu Kaasuuf jecha Caffeen Walgahii Yaamuun Hasaasamaa Jira. Dhimma Kanarratti Obbo Kaab Buttaa Yaada Gabaabaa Kennateen Miseensota Caffee Oromiatif Dhaamsa Gabaabaa Kana Dhaame. Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia

Mana Hidhaa Saudi Keessaa Murtii Du’aafi Hidhaa W/11 Eeggataa Turte. Garuu Rabbiin Fure/Aadde Leeylaa Nasir

Aadde Leeylaa Naasir Jedhamti. Mana Hidhaa Saudi Arabi’aa Keessa Teessee Murtii Hidhaa Waggaa 11 fi Du’aa Eeggachaa Turte. Garuu Imimmaan Haadhaaf Abbaa Ishee Ilaalee Rabbiin furmaata Isaa Kenneefi Dubbiin Jijjiirame.

Oduu Gammachuu Aadde Leeylaa fi Obbo Taayyeen Badii Malee Hidhame jechuun Haati Warraa Isaa Yaada Arra OMNtti Himteen beeysifte.

Akkuma Nama Kamuu Hojjatattee Jireenya ishee fi Maatii Ishee Jijjiiruuf Biyyaarraa Baatee Saudi Arabia Mana Arabaa Hojjatatuu Eegalte. Jiddutti Taateen Tokko Tahe. Akka Tasaa Namoota Bira Hojjattuun walitti Buute. Gidduu Isaanitti Ol adeemaan ganna 11 miidhame. Mana Yaalaa geeffamee Yaalarra Turullee Lubbuunsaa Dabarte.

Aadde Leeylaa Murtii Du’aa Rabbiin Irraa Jijiire fi Obbo Taayyee Dendea Shakkamaa Seeraa osoon taane Hidhamaa dhuunfaati jette Haati Warraa isaa.

Maatiin Mucaa Lubbuun Dabartee Aadde Leeylaa Seera Jala Oolchan. Murtii Du’aa fi Hidhaa Ganna 11tin Akka Adabamtu Murtiin dabre. Aadde Leeylaan Rabbi Ishee Kadhachaa Hidhaa Ishee Raawwatataa jirti. Iyya Haadhaa fi Abbaa Ishee Rabbiin Lafattin Hanbifne. Ishee Waggaa Xumuratte,Du’aaf Qophirra jirtu Wanti Addaa Dhagahame. Maatiin Mucaa Yaada tokko dhiheessan. Viidiyoo Olirraa agartanirraa Guutuu dhaggeeffadhaa.

Obbo Taayyee Dendea Aredo Shakkamaa Seeraa Osoo Hin Taane Hidhamaa Dhuunfaa Tahuu Bira Gahame jechuun Haati Warraa Obbo Taayyee Dendea Aredo Turtii OMN waliin Taasifteen Himte. Obbo Taayyee Dendea Aredo erga Hidhame Torbee tokko gahullee Hanga Ammaa Mana Murtiitti Hin dhihaanne. Guutuu Dhimma Kanaas Viidiyoo Olirraa Agartan keessaa argattan. Garuu Hidhamaa Dhuunfaa jechuun Maal jechuudha? Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Taayyee Dendea Dhiifama Gaafachuu qaba Jedha Artist Kadir Martuu

Artist Kadiir Martuu Obbo Taayyee Dendea Aredo Mootummaa Dhiifama Gaafachuun Barcumaa Irratti Deebi’uu Qaba jechuun Dubbate.

Obbo Taayyee Dendea Dhiifama Gaafachuu qaba jedhe Artist Kadir Martuu

Dubbiin Artist Kadir Martuu Dhimma Obbo Taayyee Dendea Ilaalchisee Dubbate Baayyee Namootaatif Hin Galu. Tahullee Garuu Jechi Inni hatattamaan Dhiifama Gaafatee Barcumaa isaa irratti deebi’uu Qaba jechuun Dubbate Hiika Biraa qaba.

Akkana Jechuun Artist Kadir Martuu Kuni Obbo Taayyeen Barreeffamoota Isaa fi Afgaafii Isaa Keessatti Dhugaan Ummata Oromo Kan Inni Dubbate Soba Jechuu Namaaf akeeka Yookaan Akka Kadir Itti Yaade Isumaatu Beeka. Garuu Akkuma oromo Rakkisuu Turtan Sanatti Itti Fufaa Waan Oromoo Rakkisaa Turtaniif Firii isaa Nu Agarsiisaa yookaan Hanga Dhumaa Hammeenyuma Kanaan Itti Fufaa Jechuu Fakkaatti.

Obbo Taayyee Dendea Dhiifama Gaafachuun Barcumaa isaa irratti Deebi’uu qaba jedhe Artist Kadir Martuu.

Akka maraafuu Oromoon Haasaha Kadir Martuu Kanarraa Maal Hubate? Ani Dubbiin Kadiir Martuu Guutumatti Naaf Hin galle Garuu Viidiyoo Olirraa Agartan Keessatti Baldhinaan Yaada koo Irratti Kennadheera. Isin Maal jettan Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Yeroo Waraanni Mootummaa fi WBO Tiktokirraa Waliin Taphatu.

Viidiyooleen Waraana Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromo Isaanii TikTok irraa Waliin Qoosanii Taphatan Agarsiisu Baayyeen Muldhataa jira.

Yeroo Waraanni Mootummaa fi WBO’n TikTok irraa Koflanii Waliin Taphatan.

Namni Sirnaan Qalbifatee Ilaale,Ijoolleen Waraana Bilisummaa Oromo Keessa Jiranii fi Kan Waraana Mootummaa Keessa Jiran,Ijoollee Waliinuu Taphattee Hin Quufintu,Walitti Gaarreffatee Akka Walitti Dhukaasan Taasifaman Nama Jechisiisa.

Koflaa taphni Isaan Tiktok irratti Waliin Koflanii Taphatan Diina Osoo Hin Taane Ilmaan Abbaa Tokkoo Kan Halaala Irraa Walitti Qoosaa Jiruufi Jaalalti Isaan Waliif Qaban Ammoo Olbahee Muldhata Fakkaata.

WBO fi Waraana a Mootummaa Yeroo Waliin Qoosanii Taphatan.

Haa Tahuu Malee Ijoolleen Waliin Taphattee,Waliin Haasofteetu Hin Quufne tun Walitti dhukaafti Gaafa Jedhan Garaatu Nama Boohara. Ijoollee Miskiina Homaa Beeyne tannee Gidduu Seenee Kan Ummata Rakkisaa Jiru Qaamni Biroo Akka Jiruutu Dubbatamaa. Kanaatu Ummata Rakkisaa Jira Waan taheef Nagaha Kana Ummata Keenyaaf Buusuuf Ijoollee Tana Gidduutti Nagahaan Akka Bu’uu qabu Hundi keessan Mootummaa fi ABO-WBO gaafatuun Jajjabeeffamuu qaba. Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Sagalee Nagaa Sabaaf jecha Barreefamni Jedhu Taayyee Hidhaa Buusuutu Shakkame.

Barreeffama Kana Obbo Taayyee Dendea Aredo Kan Fuula feesbuukii isaanii Irratti Barreessan Gaafa December 3/2023 ture.

Barreeffama Obbo Taayyee Mana Hidhaa Buuse/Sagalee Nagaa Sabaaf jecha jedhu

Barreeffamni Obbo Taayyeen Sagalee Nagaa Sabaaf jecha jechuudhaan Mata-duree godhee Barreesse kuni Dhugumatti Haqa Oromo Kan Dhokate Keessaafuu Kan Abiy Ahmed Afaanin Qofa Oromo sobee Hojiidhaan Homaa Hin Agarsiisin Baase. Kanaaf jecha Abiy Ahmed Obbo Taayyeetti Mufatee Aangorraa Kaase jechuun Namoonni Baayyeen Yaada Kennatan.

Barreeffamoonni Obbo Taayyeen Sana Booda Barreessanii fi Barreeffamni Kuni Akka Abiy Taayyee Irraa Abdii Muratee Hidhu Taasise Jechuun Namoonni Hedduun Yaada kennataa jiran.

Barreeffamni Obbo Taayyee Sagalee Nagaa Sabaaf jedhu Taayye Mana Hidhaa Buuse jedhu Namoonni

Obbo Taayyee Dendea Aredo Erga Hidhamee Hanga Ammaatti Mana Murtiitti Hin dhihaanne. Abukaatota Isaa waliinis Akka Wal Hin Argine Dhoowwamuu BBC Afaan Oromo Gabaase. Gama Biraatin Haati Warraa Obbo Taayyee Dendea Aredo Rakkina Keessa Akka Jirtu Afgaafii OMN waliin Taasifte keessatti Beeksiftee jirti.

Haati Warraa Obbo Taayyee Mootummaan Lakkoofsa Herrega Taayyee fi Kankoo Akkasuma Kan Maatii Taayyee Namoota Muraasa akka Ugguree Jiru OMNtti Himte. Viidiyoon Yeroo Haadha Warraa Obbo Taayyee Dendea Mana Keessaa Baasuun Meeshaa fi Ilmaan Waliin Ala Teessu Muldhisu Guyyaa Arraa Muldhateera. Mootummaa Kanaan Isin Maal Jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Baqqalaa Garbaa Dabalatee Hayyoonni Oromo Taayyee Ilaalchisanii Maal jedhan?

Ani Obbo Taayyee Gootummaa Fi Nama Waan Itti Amane Hanga Galmaan Gahuu Jalaa Hin Hafne tahuu Gaafa Mana Hidhaa Dukkana keessa Waliin Turren Beeka Jechuun Obbo Baqqalaa Garbaa Murannoo fi Kutannoo Obbo Taayyee Dendea Ibsa.

Hayyoonni Oromo Gootummaa Obbo Taayyee Dendea Akkamiin Ibsan?

Obbo Baqqalaan Dhuguma Dubbachuuf Akkaataa Barreeffama Taayyeen Itti Barreessufi Jechoota Inni Barreeffamoota isaa Keessatti Fayyadamu Akkasuma Ergaan Barreeffamoota Isaa Akka waan Filmii ija dura Nama Qabaa Ijaan Nama Agarsiisanitti Nama Seena. Wanti Biraa Hafee Akkaataan Barreeffama Isaa qoftinuu Nama Hubannoo fi Beekumsa Qabu tahuu Namaaf Akeeka jechuun Obbo Taayyee Dinqisiifata.

Obbo Taayyeen Yeroo Nuti Mana Hidhaa Turretti Waa Baayyee Nuun Jechaa ture. Tahullee garuu Ofii isaarraa ka’ee Akka Nuun Waa Hin Jedhintu Natti Muldhata Kan jedhe Obbo Baqqalaa Taayyee Dendea Nama Dhugumaan Gootummaa fi Onnee Qabu Kan Kaayyoo Isaafi Saba Isaaf Jecha Waan Hojjatu Hundumaa Hojjatuudha jechuun Ragaa Baheef.

Hayyoonni Oromo Gootummaa fi Onnee Obbo Taayyee Dendea Qabu Ilaalchisanii Maal jedhan?

Namoonni Akka Taayyee Kuni Miliyoonota keessaa Tokko Argama Waan Taheef Nama Akka Kanaa Kana Ololaa fi Kijibaan Yookaan Akkasumaan Irratti Duulurraa Of Haa qusannuu jechuunis Ummataaf Gorsa Laatee Onnee Obbo Taayyeen Ittiin Abiy Ahmed Dura Dhaabatee Akkasiin Barreessef Suni Dhuguma Waan Abiyin Ibsu dhabe Kanatu Malaan jedhee barreessef waan taheef Nama Dinqisiifamuu qabuudha jedhe.

Dr Milkeessaa Fi Dr Bayaan Asoobaatis Gootummaa fi Onnee Obbo Taayyeen Mootummaa Sana Keessaa Taa’ee Ittiin Dubbate Dinqisiifachuun Badhaadhinni Taayyee Booda Nama Akka Isaa Tasuma Hin Argatan jechuun Yaada kennatanii Gootummaa Taayyee Dinqisiifataniiru. Isin Maal jettan? Viidiyoo Olirraa Agartan dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia