HAALA KEESSA JIRRUUFI BOQONNAA QABSOO ITTI AANU Jawaar Mahaammad Bitootessa 2023
Guutuu Linkii Kitaaba Obbo Jawar Mohammed Maxxansee kana Linkiin Inni Maxxanse is kanadha asirraa Dubbisuu feenan Kunooti https://www.facebook.com/Jawarmd Feesbuukii isaa jala seenuun irra gadi deemaa Maxxansa Isaa Kan Bara 2023/3/14 Maxxanse Laaluun Linkii sana banaa dubbisaa Yookaan Ammoo Asumarraa Gaditti kan jiru kana dubbisaa Galatoomaa
Haala Keessa jirruu fi Boqonnaa Qabsoo itti Aanu Jawar Mohammed irraa Bitootessa 2023 keessa barreesse
Fuula Tokko (1)
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu SEENSA Qabsoon Ummanni Oromoo geggeessaa ture yeroodhaa gara yerootti sadarkaaleefii haalota garagaraa hedduu keessa dabarte. Yeroo ammaa kana immoo boqonnaa qabsoo haaraa keessa jirra. Keessattuu bara 2018 as boqonnaa qabsoon keessa seente sirriitti gadi fageenyaan xiinxalanii ilaaluun injifannoolee argaman tiksuufi balaa nu mudatan jala dabruuf barbaachisaadha. Boqonnaan qabsoo bara 2018 booda seenne kun kanneen asiin duraatiin maalin adda? Maaltu tole, maaltu bade? Akka sabaafi biyyaatti maalitti ceene, garamittis adeemaa jirra? kan jedhu sirritti ilaaluun hedduu barbaachisaadha. Barruun tun, qabxiilee tibba dabre yeroon Ameerikaafi Awurooppaatti marii ummataa geggeesse dhiheesse irratti kan hundoofte yoo taatu, dhimmoota kana xiinxaluun tarkaanfilee hojiirra yoo oolan faayidaa buusuu malan akeekuu irratti xiyyeeffatti. Haalli ummanni Oromoofii qabsoon isaa yeroo ammaa keessa jirtu maal fakkaatti? Qabsoon tun bakka irraa kaaterraa hanga ammaa maalirra geesse? Ofduraaf garamitti deemuu malti laata? Balaa dhufuu malu hanqisuuf maal godhuutu wayya? Gaafilee jedhaniifis deebii barbaaduf kaayyeffatte. FUULA 2
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 1) BOQONNAALEE QABSOO Qabsoon Oromootis akkuma qabsoo sabaa (national struggle) kamuu boqonnaalee (phases) Afur keessa dabartee kan shaneessoo keessa seenaa jirti. Boqonnaan qabsoon sabaa keessa dabartus:
Boqonnaa Dadammaqiinsaa (Revival),
Boqonnaa Ijaaramiinsaa (Reconstruction),
Boqonnaa Biyyoomsuu (State Formation) fi
Boqonnaa Aangoo Qabachuu (Ascendancy to Power) ti
Boqonnaa Sirna Dimokraatawaa ijaaruu (Democratization) Mee boqonnaalee qabsoo afran duraa kanneen tokko tokkoon kanatti aansinee ilaallee kan boqonnaa itti aanu (5ffaa) gama bodaa irratti itti deebina. 1.1. Boqonnaa Dadammaqiinsaa (Revival) Ummanni tokko roorroo waloo ofirraa kaasuuf hunda dura dammaqiinsaa waloo (collective consciousness) ummachuu qaba. Kana jechuun Ummanni sun eenyummaa (aadaa, seenaa, afaan) waloo qabaachuu isaa, firaafi diina waloo akkasumas kan cunqurfames kan bilisa bahus waloon ta’uu isaa waliin amanuu qaba. Sirni cunqursaa tokko ummata wahii yeroo humnaan cabsee dhuunfatu, akka ummanni sun fincilee cabiinsa ofirraa hin qolanneef eenyummaa waloo uummata sanaa jalaa balleessuun tooftaa beekamaadha. Ummata Oromootis haalli kun isa mudatee ture. Qabsoo isaa yeroo eegalus dura kan godhe wal dammaqsuudha. Baroota 1960’moota irraa eegalee ummatichi aadaa, seenaafii afaan isaa akka jabeeffatu, akkasumas roorroo walfakkaattuufii hiree takka akka qabu hubachiisuuf duula cimaatu godhame. Sochiin Afran Qalloo, kan Maccaa Tuulamaa, kan Baaleefi Sochiin Pirooteestantii gama Lixaa akkasumas banamuun Raadiyoo Moqdishoo jalqabbii dadammaqiinsaati. Keessattuu hojii gama hawwisoo garagaraatiin walleelee dhiheessuun hojjatameefi gama raadiyootiin dalagame hojii dadammaqsuu kana keessaa isa guddaadha. Hojiin dammaqsuuf hojjatamaa ture bu’aa saffisaa buusuun boqonnaa itti aanu, kan ijaarutti, akka ce’amuuf karaa saaqe. 1.2. Boqonnaa Deebisanii Ijaaruu (Reconstruction Phase) Sirni cunqursaan ummata tokko yeroo waanjoo jala galfate booda akka itti hin fincilleef wantoota waloon inni qabu mancaasuun hojii waloo (collective action) dhoorguuf tarkaanfii fudhata. Mallattooleefi asxaalee waloo, aadaafi afaan isaa FUULA 3
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu akkasumas caasaa hawaasummaafi bulchiinsaa isaa diiga. Kanaafuu qabsoo sabaa keessatti boqonnaan lammataa ummata dammaqsuu eegalan san ijaarutti cehuudha. Kunis asxaa, mallattoo, dhaabasfi caasaa waloo itti tolchuudha. Akeekni sirni cunqursaaa aadaa, afaan, seenaa, mallaattoofi caasaa waloo ummata curnqurfamee balleessuuf barbaaduuf, ummati sun sadarkaa sabummaa (nationhood) akka dhabuufi. Kanaafuu hojiin deebisanii ijaaruu tarkaafilee sirna cunqursaa san faalleessuun ummatichi sun sadarkaa sabummaa akka horatu dandeessisuufi. Akeekni qabsoo sabaa ummataafi dachii isaa tokko godhanii (making the people and its territory congruent) hacuuccaa ormaa jalaa walaba baasuu waan ta’eef, hojii milkaa’ina pirojektii sabummaa keessaa tokko eenyummaa ummataafi lafa biyya sanii sammuu saba sanii keessatti deebisanii ijaaruunn (gadi dhaabun) ummatichi akka saba tokkoofi biyya tokko qabutti akka hubatu (imagined community) gochuudha. Qabsoo Oromoo keessatti hojiin deebisanii ijaaruu kun baroota dhuma 1960’mootaafi jalqaba bara 1970’moota keessa eegalee hojjatamaa ture. Odaa deebisanii asxaa sabaa gochuu, Gadaan sirna waloo ta’uu dhaadhessuu, jaarmaya siyaasaa waloo (ABO) dhaabuu, Qubee ittin afaan isaa katabatu bocuu, miidiyaalee (gaazexootaafi barruulee, akkasumas raadiyoo) Afaan Oromootiin ummata tajaajilan eegaluufi biyya Oromoon waloon qabaataa tureefi deebisee uummachuu barbaaduuf maqaa Oromiyaa jedhu laachuufi dhaadhessuun hojiileen biroo carraaqqi deebisanii ijaaruuti. Haalli sirna cunqursaa hamaa ta’us hojiin deebisanii ijaaruu kun baroota 1970’moota fi 1980’moota keessa bifa saffisaa ta’ee fi wareegama guddaan raawwatame. Maqaan Oromummaa kan mulqamee maqaa jibbaa fi sabichi ittiin of hin waamneen bakka bu’ee ture deebi’ee ‘Oromoo’ jechuun maqaa seerawaa sabichi ittiin of waamu tahe. Dhuma 1980’mootaa keessa sabni Oromoo jedhamu deebi’ee akka ijaaramaa jiruufi biyyi Oromiyaa jedhamtus sammuu sabaa keessatti habaqaalfamuun ishii hayyoota alagaatinis hubatamuu danda’e. Yeroo saniin booda eenyummaa saba kanaa haaluuniifi adda facaasuudhaan Itoophiyaa itti fufsiisuun akka hin danda’amne warra qabsoo Oromoo balfuufiyyuu ifa ta’aa dhufe. Agarsiisni aadaa kan bara 1974 magaalaa Finfinnetti geggeeffame ijaarsa sammuu fi qalbii namootaa kana sadarkaa itti aanutti furgaase ture. Ummata dammaqsan san aadaa, afaan, seenaa, asxaafi biyya waloo sammuu keessatti erga uumaniifi booda, boqonnaan itti aanu kan sammuutti tolfame san FUULA 4
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu lafarratti argamsiisuudha (actualizing the imagined.) Hojiin dammaqsuufi ijaaruu hamma tokko milkaa’inaan raaw’atamuun boqonnaa itti aanutti cehuuf haala mijeesse. 1.3. Boqonnaa Sirna Biyya Ijaaruu (State Formation) Akeekni qabsoo sabaa sirna biyyaa (state) sabaafi daangaan isaa beekame ijaaruudha. Sababni biyya dhaabbachuun barbaachiseef ummanni tokko dantaa waloo isaa tarkaanfachiisuudhaaf caasaafi jaarmayaa walitti qindeessee isa geggeessuu waan isa barbaachisuufi. Caasaalee hunda keessaa hojii waloo qindeessee dantaa waloo tarkaanfachiisuuf kan fayyadu sirna mootummaa (state is the highest form of social organization) dha. Dabalataanis ummata tokko mirgaafi dantaa matayyaafi dhuunfaa kan irratti sarbus sirna mootummaati. Kanaafuu akeekni qabsoo saba tokkoo sirna dantaa isaa miidhu san dhuunfachuun akka isa fayyadutti jijjiiruu ykn ammoo sirna mootummaa jiru san diigee ykn irraa fottoqee sirna haaraya ijaarrachuudha. Waldhibdeen biyya walaba ijaarranna moo tanuma jirtu dhuunfannee dantaa eegsifanna jedhu Oromoo keessatti ganamumaan kan dhalateefis sababuma kanaani. Bu’ureessitoonni qabsoo Oromoo barbaachisumaa sirna biyyaa (state) ganamumaan hubachuun irratti wal ta’anis sirna jiru dhuunfannee dantaa keenyaaf fayyadamna moo diignee irraa fottaqnee kan mataa keenyaa kophatti jaarranna kan jedhurratti falmaan ganamumaan dhalatte. Garagarummaan kun hoggansa jidduutti qoqqodama uumuun gatantara qabsoo fidus, yaada ‘hiree murteeffannaa’ jedhu irratti waliigaluun hojiin itti fufe. Kana jechuun gamni lachuu caasaan dantaa ummata Oromoo waloon tarkaanfachiisuu Oromiyaa jedhamu jaaramuu irratti waliif galuun, Oromiyaan kophatti baati moo Itoophiyaa keessatti itti fufti jedhu murtii gara fuulduraaf akka bultu godhame. Akkuma Oromoon waldhabbii cimtuu furutti yeroo rakkatu “haa bultu dubbiin” jechuun boruuf bulfatu, malli gaaffii kana haa bulfannu jedhu yaada silaa faca’uun gaaga’a guddaaf qabsicha saaxilu oolchuuf qooda kana hin jedhamne taphate. Bu’aa bahii kanaan booda bara 1991 Oromiyaan sammuu ummataafi kitaabbilee irratti ijaaramaa turte lafarratti mul’achuun akeekni saba ijaaranii sirna mootummaa itti tolchuu milkaaye. Afaan Oromoo qubeen isaaf tahu hayyotaan qoratamee filatamuun dhoksaan barsiifmaa tures Afaan hojiifi barnootaa ta’e. Oromiyaan ijaaramuun jijjiramoota (transformations) gurguddaa sadi kan baroota itti aananitti qabsoo sabichaa karaa qabsiisan fiddee dhufte. Isaanis; Afaan ofiitin barachuu (mother tongue literacy), Sirna bulchiinsaa (bureaucracy) fi FUULA 5
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Magaalomuu (urbanization) dha. Wantoonni sadan kun dhawaataan sabboonummaan daran akka cimuufi qabsoon akka humnooftu gochuun boqonnaa 4ffaatti akka ce’amuuf shoora guddaa taphatan. Sabbboonummaan (nationalism) jaarraa 19ffaa keessa biyyoota Awuroppaatti dhalate kan jedhamuufis sababa cehumsa dinagdee, cehumsa siyaasaa fi cehumsa hawaas- aadaa (economic, political, and socio-cultural transformations) dubbisiifi barreesuu, magaalatti galuufi birikosraasiin saffisaan babal’achuu fiduu isaatini. Jijjiiramoota gurguddoo sadeen kana bal’inaan ibsuuf; a) Afaan ofiitiin barachuu (mother tongue literacy) – Ulaagaalee ummata tokko sadarkaa sabaa geessan keessaa tokko Afaan waloo qabaachuudha. Sabbonummaan saba sanii akka dagaaguuf ammoo sabni sun afaan saniin sabqunnamtiif itti fayyadamuu, ittin barachuufi hojjachuun shoora guddaa qaba. Ummanni tokko sabbonummaa dagaagfachuu dura kan walii nahu (solidarity) firummaa dhiigaafi qubsuma lafaatiin walitti hirkannaa yoo qabaateedha. Kana jechuun balaan dhufu tokko kallattin miseensa garee sanii miidhuu waan maluuf walirraa faccisuuf waliin duula (direct risk to members of the group). Naatoon bifa kanaa garuu gartuu ummataa lakoofsaafi qubsuma lafaan murtaa’aa ta’eef hojjata. Ummata lakoofsaan guddaa lafa bal’aarra jiraatu kan walii naasisuufi waliif tumsiisuu danda’u hariiroofi hidhatni jiru kan qaamaa bira dabree kan sammuufi qalbii yoo ta’eedha (psychological rather than physical). Ummata lakkoofsaan guddaafi lafa bal’aa irra qubate akka walbeekuufi dantaa waloof akka waliif dirmatu kan taasisu keessaa guddaaan afaan ofiitiin barachuufi dubbisuudha. Awuropppaatti jaarraa 19ffaa keessa, gadaa warraaqsa industrii (industrial revolution) jedhamee beekkamu keessatti maashinni maxxansaa/ printing press/ kalaqamuunifi sababa warshaaleen (manufacturing) babal’achuutiin ummanni qonna dhiisee baadiyyaa irraa magaalatti galuun, barreessuufi dubbisuun akka babala’atu godhee sabboonummaan akka finiinu karaa saaqe. Impaayaroonni saboota heddu bakka tokkottu ukkaamsuun jaaramaa turanis sababa kanaan jijjiquun biyyoonni walabaa hedduu dhalachuu danda’an. Oromoon gama kanaan bara 1991 booda carraa guddaa argate. Afaan ofiin barachuu eegaluufi babal’inni barnootaa altakkaa walsimatee dhaloota haaraa sabboonummaan afaan ofiin barachuun qarame uume. Daataan Baankii Addunyaa irra argame akka akeekutti bara 1991 booda lakkoofsi daa’imman mana barnootaa seenanii ( Primary School Enrollment Rate) saffisa guddaan dabale. FUULA 6
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Figure 1: Daa’immaan biyyattii keessaa dhibbeentaa kanneen mana barnootaa sadarkaa duraa seenanii ( Gross primary school enrollment ratio) Dabalataanis, akkuma fakkii itti aanu irratti mul’atu dhibbeentaan ummata waliigalaa dubbisuufi barreessuu danda’u (literacy rate) bara 1991 booda saffisaan dabale. Daataan yeroo sanitti Baankii Addunyaa irraa argame akka agarsiisutti, bara 1974 gaafa Haylasilaaseen kufu keessa namni dubbisuufi barreessuu danda’u 12% qofa kan ture bara 2012 gaafa qabsoon Qeerroo karoorfamu 44.5%, gaafa qabsoo finiinu ammoo 50% akka gahutti tilmaamamee ture. Figure 2: Babal’ina Barnoota bara 1997 irraa hanga 2012 Fakkii armaan olii kanarraa akka hubatamutti bara sirna duraanii keessattuu bara impaayeraatti Oromoon baay’inaan barnootarraa ala ture. Lakkoofsi muraasni barate illeen sabboonummaa sana (kan bulchitootni fudhachiisuu barbaadan) gananii sabboonummaa Oromoo mataa isaanii gabbifatan. Bara 1991 booda sababa hojiin dammaqsuufi ijaaruu sabboonummaa Oromoo hamma tokko cimsee tureef, ukkaamsuuf rakkisaa waan tureef Oromoofi saboonni biroo Afaan ofiitiin akka barataniifi hojjatan hayyamuun dirqama ture. Dabalataanis sirnichi FUULA 7
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu biyyoota Lixaa irraa gargaarsa argachuuf uwwisi barnootaa akka babalatuuf hojjate (qulqillinni laafaa ta’us). Bara 1974’tti, uwwisni barnootaa Itoophiyaatti dhibbeentaa 12.0, Bara 1994’tti dhibbeentaa 22.4, Bara 2001’tti dhibbeentaa 29.5 fi 2022 dhibbeentaa 40 ol akka ta’e tilmaamama. Tilmaamni Reeshiyoo Galmee Waliigalaa sadarkaa tokkoffaa %91 fi Reeshiyoon Galmee Qulqulluu %71 akka ta’e agarsiisa. Lakkoofsi kun haalan olka’aa waan ta’eef shakkisiisaa ta’us, agarsiistota hawaasummaa birootiin yoo deeggaraman, baroota 1990mootafi 2000moota keessa sadarkaan dubbisuu fi barreessuu barabaraan saffisaan akka dabale waan haalamu miti. Carraan bal’inaan dubbisuu fi barreessuun ummataa kun ogeeyyii fi barsiisota Oromoofi Afaan Oromoo fayyadamuun hojiirra ooluu isaati. Osoo Afaan Oromoo afaan barnootaa hin ta’in dura barsiisonni Oromiyaa keessaa irra hedduun alagaa turan. Afaan barnootaa jijjiramuun barsiisonni hedduu Oromoo akka ta’an dirqisiise. Kun ammoo barsiisonnifi barattoonnis eenyummaa waloo akka qabaatan taasise. Hanqina barsiisota Afaan Oromoon barsiisuu danda’an furuuf leenjii saffisaa godhame keessatti, barsiisonni godinaalee heddu keessaa dhaabbata leenjiitti walgahuun sabboonummaan daran akka qaraman garagaaree ture. Dubbisuu fi barreessuun jumlaa kun yeroo boqonnaaleen qabsoo sadan, jechuunis dammaqsuu, ijaaruufi biyya uumuun hojjatamanii sabboonummaan Oromoo golee biyyattii hunda wal ga’ee jirutti hojiirra ooluun fedhiin sabichi ilmaan isaan barnootatti bobbaasuufi afaan ofiitiin barsiisuu hedduu akka dabalu taasise. Babala’achuun afaan ofiin barachuu kun hawaasa Oromoo fi hiree hegeree isaa irratti dhiibbaa jijjiiramaa fi duubatti hin deebine akkamitti qabaachuu danda’a? Akkuma olitti jenne, hawaasa dubbisuu fi barreessuu hin dandeenye keessatti eenyummaan kan bocamu taateewwan naannoo fi hariiroo kan akka maatii, hawaasaa fi hidhata teessuma lafaatiini. Ijoolleen Oromoo kutaa Oromiyaa hunda keessa jiran imaammata barnootaa (kaarikulamii) walfakkaataaf saaxilamuun isaanii eenyummaa fi ilaalcha sabummaa waloo cimaa akka uummatan taasise. Dubbisuu fi barreessuu danda’an ammoo jechuun yaadonni sabummaa (nationalist ideals) saffisaan akka babal’ataniif haala mijeessuun, hojii dadammaqiinsaa hojjachuuf walqunnamtiin fuulaa/qaamaa/ akka dirqii hin taane godhe. Akkasumas dandeettii hawaasni seenaa, ogbarruu fi sheekkoo galmeessuu fi dabarsuu haala ajaa’ibaatiin guddise. Seenaafi yaadannoon waloo (collective memory) sabichaa afoolaan daddabraa ture, hogbarruufi miidiyaan FUULA 8
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu galmaayuun kuufamuufi raabsamuuf tole. Kanaaf barnoonni dandeettii hawaasni yaada sabboonummaa dabarsuufi itti fufsiisuuf qabu dabaluudhaan namoota firummaa dhiigaa hin qabneefi qaamaan wal hin beekne gidduutti qunnamtiin hawaasummaa akka jabaatu taasiseera. Kana jechuun waggoota diigdama booda Oromoota barreessuufi dubbisuu danda’an keessaa dachaan heddu qubeen warra barate ta’e jechuudha. Yeroo duraatiif dhalattoonni saba Oromoo miliyoonotaan lakkaayaman kiloomeetira dhibbaatamaa adda fagaatanii qubatan kitaaba walfakkaataa irraa seenessa (story) walfakkaataa barachuun xinsammuun walitti hidhamaa guddachuu eegalan jechuudha. Dabalataanis hundi isaanii ganama ganama faaruu walfakkaataan biyya waloo Oromiyaaf jaalalaafi amanamummaa (allegiance) mirkaneesuun ummata seenaa, Afaan, cunqurfamaafi hiree tokko qabu akka ta’an matatti qabachaa qaamaa-qalbii godhachaa guddatan. Booda kana dhalootni qubee kan sochii Qeerroo finiinse dhaloota bifa kanaan qaramee guddateedha. Afaan ofiin barachuufi babal’inni barnootaa walsimachuu osoo baatee sochii Qeerroo san qabsiisuufi milkeessuun laayyoo hin ta’u ture. b) Sirna Bulchiinsaa (Bureaucratization) – Oromiyaan lafarratti seeraan beekkamtii argachutti aansee caasaa bulchiinsaatu ijaarame. Naannorraa kaasee hanga gandaatti caasaan kun hojjattootaan guutamuu qaba ture. Birokraasii jechuun caasaafi hojjattoota bulchiinsaa kana. Caasaan Oromiyaan ittiin buluu eegalte kan san duraa akkamiin adda? Duras taanaan gubbaa hamma gadiitti caasaan bulchiinsaa hojjattootumaan guutamee miti? Gaafilee jedhan kaasuun barbaachisaadha. Bara bulchiinsa Dargiifii san duraa keessatti caasaan jiru Afaan Oromootiin hin hojjatu. Kan taliigamus Oromootaan hin turre. Oromiyaa caasaan jedhamu waan hin jirreef godinni Oromoon keessa qubatu hundi kallattiin giddugaleessa Itoophiyaatti waamamu. Oromiyaan uumamuun godinaaleen Oromoon keessa qubatu kophaatti ijaaramanii kallattiin jiddugala Oromootti waamamuu eegalan. Yeroo duraaf hoggansi Oromoo walii isaatif waamamuu eegale. Waamamti isaatis sirna bulchiinsa Oromiyaaf (state) ta’e. Hangamuuyyuu sirnichi Wayyaaneedhaan alkallattidhaan kan too’atamu ta’ee Mootummaan Naannoo Oromiyaa aangoo guutuu dhabus, waliin hojiin hoggansa Oromoo jiddutti eegaluun birokraasiin Oromummaa walitti hidhameefi fi itti waamamni isaanii Oromiyaaf ta’e kalaqame. Maqaa bulchiinsa Oromiyaa jedhuun biirokraasii shaakaluunis sirna bulchiinsa dhugaa fi jabaa itti aanee jaaramuuf bu’uura kaa’e. FUULA 9
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Birookraasiin Oromiyaa kun adaduma lakkoofsi isaa guddachaa deemee dhuma bara sirna Wayyaanetti gara walakkaa miliyoonaa gahe. Kana jechuun bulchitoonni Oromoo 500,000 uumaman qofa osoo hin taane mindeeffaman jechuudha. Kun gita (class) haaraa tokko sabichaaf uume. Gitni kun humna saba Oromoo daran cimsee qabsoo bara 2014 dhoote keessatti tumsi keessoo sirna (internal ally) jabaa akka argannu taasise. Baroota san duraa Oromoonni sirna mootummaa keessa jiran baay’inaan hedduu xiqqaafi sunuu ammoo dammaqaniinsa gad aanaa qabaachaa waan turaniif qabsoon Oromoo irra jireessatti sirnichaan alaan godhamaa turte. Bara qabsoo Qeerroo garuu fincilli alaan godhamu warra sirnicha keessa jiraniinis gargaaramaa ture. Tumsi alaafi keessaa kun innifannoon akka saffisuuf shoora guddaa taphate. Gara biraan ammoo lakkoofsi Oromoota mindeeffamanii dabaluun gita (class) hawaasaa haaraya uume. Gita jireenyaa fi hegereen isaa Oromoo fi Oromiyaa wojjiin wolitti hidhame jechuudha. Giti kun warra olaantummaan biyya bulchuun walitti riiqataa oola. Kana jechuun tooftaan bulchiinsa alkallattii (indirect rule) Wayyaaneen fayyadamtu qonnaan bulaa biratti afanfajjii uumus gita birokraasii keessa jiruuf garuu kallattiin muldhata. Kanarraan loogiin sabummaa godhamu kallattiin gita kana miidha. Fakkeenyaaf dhalataan Oromoo tokoofi kan Tigree tokko yunivarsitii tokkorraa waliin eebbifamanii yoo hojii mootummaa eegalan, waggoota muraasa gidduutti sadarkaa jireenyaa garagaraatti argamu. Kun ammoo miidhaan akka sabaatti gahaa jiru sadarkaa dhuunfaattis akka dhandhamamu gochuuni, namoonni naatoo saba isaaniif qaban qofaan osoo hin taane xiiqoofi hinaaffaa dhuunfaanis qabsootti akka makaman haala mijeesse.Waliigalatti birokraasiin Oromiyaa ijaaramuun hoggansi (elite) Oromoo hojii waloo akka shaakaluuf haala mijeessuun, akkasumas namoonni sirnicha keessa jiran naatoo sabaaf qaban qofaan osoo hin taane hinaaffaafi xiiqoo dhuunfaan kaka’uun sirna cunqursaa alaan dhiibuu qofa osoo hin taane keessaan laamsheesuuf carraa uume. c) Magaalomuu (Urbanization) – Oromoo keessatti magaalaan bifa kamiin uumamte waan jedhu ilaaluun baay’ee murteessaadha. Kan duraa sababa daldalaatini. Magaaloonni akka Jimmaafi Dirree Dhawaa bifa kanaan uumaman. Bakkoonni buufata matootii Oromoo, fakkeenyaaf kan akka Jimma, Naqamtee fi kkf, dhawaataan gara magaalaatti guddachaa dhufan. Kan lammataa magaalotaa weerara Minilkiin wal qabatanii ijaaramaniidha. Minilik boodas eddoowwan waraanni Haylasilaasee kaambii godhatetu gara magaalaatti guddate. Oromoon magaalota kana itti gurguratee irraa bitatee gala malee keessa jiraachuu hin FUULA 10
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu filanne. Bulchitoonni aanotaa illee Oromoo kan ta’an yoo ta’e, guyyaa magaalatti tajaajila mootummaa kennanii galgala qe’ee isaanii kan baadiyyatti galu turan. Kunis sababa isa dhiibu (push factor) malee kan isa harkisu (pull factor) waan hin qabneef ture. Magaalatti galuun akka waan eenyummaa ofii xiqqeessufii kabaja ofirraa buusuutti ilaalama ture. Inumaa akka ‘Amaarayuutti’ ykn amantaa ofii lagatutti eddoon itti fudhatamus ture. Magaalonni teessoo waraana Oromoo cunqursuu ajjeesuufi saamuu waan taateef, akkasumas aadaafi afaan inni hin dubbannee waan qabduuf Ummata keenya yoo dhiibuu ta’e malee kan ofitti hawwattu hin turre. Silaa namni tokko baadiyyaatti dalagatee yoo qabeenya horate magaalatti galee qonnarraa bahee daldalatti gala. Oromoon garuu haalli magaalaa waan ofirraa dhiibduuf kan duroomees baadiyyumatti mana isaa guddifatee loon isaas baay’ifatee kiila lixa malee magaalatti kan galu baay’ee muraasa ture. Dhiibbaa seenaa kanarraa kan ka’e lakkoofsi Oromoo magaalota Oromiyaa keessa jiraatuu hedduu xiqqaa ture. Jiraattota magaalaa keessaa ammoo kan saba Oromoo ta’e hedduu xiqqaa ture. Akkuma Fakkii lama (2) armaan gadii kana irratti mul’atu bara 1991 booda haalli kun saffisaan jijjiramee, lakkoofsi ummata magaalota Oromiyaa keessa jiraatuu dhibbeentaan jijjiirama guddaa agarsiise. Maalif? Wantootni san dura Oromoo magaalaaraa dhiiban hir’achaa kan isa harkisan baay’ataa waan dhufaniifi. Table 1: Lakkoofsa Ummata Magaalaa bara 2018 hanga 2015 1984 % jiraattota magaalaa 1.7 Magaalota jiraattota 7 20,000 ol qaban 1994 4.6 17 2007 2015 9.2 21 32 46 Lakkoofsi ummataa magaalota Oromiyaa guddina giddu galeessaa qabanii fi dhibbeentaan ummata magaalaa keessa jiraatuu bara 1994 hanga 2007 gidduutti saffisa guddaan dabaluu agarra. Fakkeenyaaf, yeroo kanatti baay’inni ummata magaalaa Adaamaa %87 kan guddate yoo ta’u, kan Dirree Dhawaa ammoo %84 akka dabale tilmaamama. Lakkoofsi Ummata magaalaa sababa lamaan guddachuu danda’a. Tokko daa’imman magaalattii sanitti dhalataniin. Kan lammataa ammoo namoota baadiyyaa irraa gara magaalaa godaananiin. Baroota gubbatti kaayaman kana ummanni Itoophiyaa jiddugalaan 3% gadin dabalaa kan ture yoo ta’u baay’inni ummata magaalaa ammoo 5.4% dabalaa deeme. Dabalataanis lakkoofsi daa’immaan haati magaalaa takka deessuu tan baadiyyaati gadi waan ta’eef, FUULA 11
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu daa’amman magalota keessatti dhalatan dabaliinsa ummataa guddaa magaalota keessatti mul’ate kanaaf sababa gahaa ta’uu hin danda’u. Kanaafuu dabaliinsa ummata magaalaa kanaaf gahee guddaa kan qabu godaansa baadiyyaa irraa gara magaalaa godhame jechuudha. Ummanni baadiyyaa Oromiyaa qubatu ammoo irra jireessaan Oromoo waan ta’eef, namoota baadiyyaa gara magaalaa godaanaan keessaa harki guddaan Oromoodha jechuun ni danda’ama. Caasaan bulchiinsaa Oromootaan dhuunfatamuu, Afaan Oromoon baratamuufi hojjatamuun Oromoo magaalaatti hawwatan. Hanqinni lafa qonnaa baadiyyaa dabalaa deemuun, daragageessi lafa abbaa dhaaluuf eeguu osoo hin taane magaalatti galee daldalachuu ykn mindeeffamuuf dirqame. Magaalonni bakka hujii itti barbaadatanii itti argatan ta’aa dhufuunis lakkoofsi Oromoo magaalatti hedduummaachaa dhufuuf sababa biraa ta’e. Haalonni kun lakkoofsi Oromoota magaalaatti godaananii saffisaan akka dabalu godhe. Baroota Darguufi Nugusaa, magaalota keessa Oromoon jiraatu xiqqaa waan tureef, qabsoon Oromoo baadiyyaa irratti hirkattuu turte. Adaduma lakkoofsi Oromoo magaalaa jiraatuu dabaluun magaalaa keessatti qabsoo geggeessuf haalli mijaa’aa dhufe. Lakkoofsi Oromoo magaalatti baay’achuun kun qabsoo Qeerroon boodarra godhe keessatti shoora guddaa taphate. Gaafa lakkofsi Oromoo magaalaa jiraatuu xiqqaa turee magaalonni kun farra qabsoo Oromoofi maadhee farreen qabsoo turan. Lakkoofsi Oromoo magaalaa jiraatuu dabalaa deemuun magaaloonni farra irraa gara fira qabsootti akka jijjiraman haala mijeesse. Kanaaf ammoo ragaan qabsoon Qeerroo magaalota keessatti bifa milkaa’een geggeeffamaa turuu isaati. Qabsoon marsaa kanaa waggoota diigdamaaf qabataa – dhaamaa erga turteen booda sadarkaa laamshoftee jedhamu erga geesseen booda saffisa guddaan deemtee aangoo harka alagaatii baafte. Saffisa kanaaf ammoo shoora guddaa kan taphate wantoota sadan gubbatti tarreessine, afaan ofiin barachuun dhugoomuu, birookraasiin babal’achuufi magaalomuudha. Sochiin sirna Wayyaanee aangorraa qaarse kan tumsa dargaggotaa, birookraasiifi jiraattota magaalaatiin geggeeffameedha. Tarsiimoon baafames jijjiramoota sadan kana hubannoo keessa galchuudhaani. Darggeessa sabboonummaa ammaatin qarameetu fageenya lafaan osoo hin daangeffamin hubannoo walfakkaataa horate, kan birookraasii caasaa Oromiyaa dhuunfatee aangoofi leeccalloo FUULA 12
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu dhoowwatamuun xiiqiifi hinaaffaa keessa jiruutu magaalatti walgahee waliin fincile. Jiraattonni baadiyyaafi qonnaan bultoonni keenyas shoora guddaa taphatan. Ta’us garuu sirni Wayyaanee xiinxala koministii (communist) irraa ka’uun fincila qonnaan bulaa (peasant uprising) sodaataa waan tureef xiyyeeffannoo guddaa itti kennuudhaan caasaa tokko-shaneefi gooxiin xaxee qabee ture. Kanaaf qabsoon sirnicha kara cimina isaan osoo hin taane laafina (achilles heels) haleeluuf, akkasumas demography (lakkofsa/teessuma/qubsuma ummata) Oromoon irra aantii tarsiimawaa /strategic advantage/ itti qabu adda baasuun gaggeeffame. Waliigalatti akkuma armaan olitti ilaalle, qabsoon Oromoo boqonnaalee sadan armaan olii keessatti dhawaataan humna horachaa, danqaalee alaafi keessaan mudataniin gatantaruu bira dabartee humnoomaa dhufte. Sadarkaa Oromiyaa jaaruu (state formation) erga geessee booda boqonnaan itti aanu (logical next step) sirna biyyaa jaaran san irratti aangoo qabachuudha. 1.4. Boqonnaa Aangoo Qabachuu (Ascending Power) “Political power is the totality of means, influences, and pressures— including authority, rewards, and sanctions — available to achieve the objectives of the powerholder, especially those of government and he state,” Gene Sharp Aangoo jechuun gabaabatti karaa (means) qaamni tokko dantaa ofii itti raaw’achiisu jechuudha. Aangoo dhabuun harka nama ykn garee aangoo qabuutiin roorrifamuuf, saamamuufi miidhamuuf nama saaxila. Aangoo qabachuun ammoo miidhaalee kana ofirraa hambisanii dantaa hawaasummaafi diinagdee guuttachuuf gargaara. Kanarraa ka’uun yoo laallu, sabni Oromoo dammaqee, ijaaramee Oromiyaa ijaarrachuun Afaan ofiin baratee, birookraasii hundeeffatee magaalomus waan isa hanqatetu ture. Sunis aangoodha. Oromiyaa ijaarratus bulchiinsi ishii aangoo guutuu waan hin qabneef dantaa siyaasaafi diinagdee sabichaa galmaan gahuu hin dandeenye. Afaan ofiin barachuufi aadaa isaa calaqqisiisuu danda’us, afaaniifi aadaa san guddifachuuf leeccalloo irratti abbumaa hin qabu ture. Oromoon miliyoonotaan magaalatti galus, Oromootu magaalome malee magaalan hin Oromoofne. Magaalan takka saba san fakkaachuuf sabni sun aadaa, faaya (aartii), jiruufi jireenya magaalaa sanii irratti dhiibbaa godhuu of fakkeessuu danda’uu qaba. Kanaaf ammoo leeccalloo harkatti qabachuun dirqama. Bara 1991 booda aangoon harka alagaa waan turteef leeccalloonis garuma warra aangoo FUULA 13
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu qabutti waan yaatuuf Oromoon horii magaalaa ittiin Oromeessu hin qabu ture. Kanaaf ‘gaafiin Oromoo’ guututti waan hin deebi’iniif qabsoon itti fufte. Kanarraa ka’uun qabsaa’onnifi jaarmayoonni qabsoo Oromoo waggoota shantamaa oliif Oromoo dammaqsanii, ijaaranii, Oromiyaa uumanii, boodarra bara 2018 alagaa aangorraa buusuun, ‘kan ofii’ ol baasuu danda’an. Kanaaf waggooonni afran dabran kun amna qabsoo Oromoo keessatti boqonnaa 4ffaa fi haaraya jennee fudhanna. Boqonnaa aangoo jennee waamuu dandeenya. Boqonnaa kana keessatti Oromoon hireefi balaa haarayatu isa mudate. Kana keessatti waan fayyadames waan miidhames qaba. Boqonnaa haraya kanatti amaloota aangoo qabaachuu waliin dhufan sirriitti xiinxalanii tarsiimoo madaalawaa baasuun ummatichi fayyadamaa akka ta’u godha. Boqonnaa kana hubachuu dhabuunifi tooftaafi tarsiimoo kaleessaatiin deemuun immoo miidhaa hamaa qabaata. Amaloota boqonnaa aangoo kana xinxaluu dura, hariiroo ummanni Oromoofi sirnoonni aangoo mootummaa Itoophiyaa bara boqonnaalee qabsoo Oromoo afran waliin qabaachaa turan ilaaluu irraa haa kaanu. FUULA 14
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 2) BOQONNAALEE QABSOO OROMOOFI DEEBII MOOTUMMOOTA ITOOPHIYAA Baroota boqonnaalee Afran qabsoo Oromoo asii olitti ibsaman kana keessatti Mootummoota Afurtu angorra ture. Qabsoon bara sirna Haylasillaaseetti eegalte. Boqonnaan dadammaqsuu akkasumas kan deebisanii ijaaruu gamisni (walakkaan) tokko sirna san jalatti eegalame. Bara Darguu ammoo ijaaruun ciminaan itti fufe. Sirna mootummaa gadi dhaabuun immoo bara Wayyaanee geggeeffame. Boqonnaan aangoo qabachuu ammoo bara Bilxiginnaa dhufe. Bara sirnoota Afran kanaa hariiroon Oromoofi mootummootaa sunniinii maal fakkaata ture? Mootummoonni kunneen tarsiimoo akkamiin qabsoo Ummata Oromoo dhaamsuu yaalaa turan? Amma boqonnaa aangoo kana keessatti hariiroon mootummaa Itoophiyaafi Oromoo maalirra gahe laata? Table 2: Hariiroo Oromoofi Mootummoota Itiyoophiyaa (Ethiopian State Vs Oromo Relations Change & Continuity) Regime Extraction Strategy Nominal Concessions Repressive Aspects State vs Oromo relation Imperial Direct Rule (by others) Elite Cooptation
Cultural marginalization/ forced assimilation
Economic exploitation Securitized Dergue Semi-direct Land
Leadership elimination Securitized EPRDF Indirect
Self-governance – Culture and Linguistic rights
Political domination
Economic exploitation Securitized PP Direct (own)
Position and wealth for portion of the elite
Mass repression Securitized Fakkii armaan olii irratti akkuma argitan, bara Haylasilaassee tooftaan mootummaa sirna bulchiinsa kallattii (direct rule) ture. Direct rule jechuun yeroo gareen aangoo jiddu galeessaa harkaa qabu (core ruling elite) fi caasaan gama gadittii immaammata isaanii raaw’achiisu garee hawaasaa (fakkeenyaaf saba) walfakkaataa irraa maddan jechuudha. Haaluma kanaan bara Haylasilaasee san FUULA 15
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu aangoo jidduu galeessaas kan harkaa qabu, caasaa hamma araddaa jirus kan dhuunfatee immaammata raawwachiisu saba Amaaraa irraa waan turaniif sirna bulchiinsa kallattii jennaan. Bara Darguu xinnoo jijjiramaatu ture. Warraaqsa Nugusicha aangorraa kaasetti aansee sirni abbaa lafaa fi sirni nafxanyaa waan diigameef, caasaan gama gadii ummata (namoota) qe’ee sanii (natives) hirmaachisuu eegalee ture. Kanaaf sirna kanaan kan walmakaa (semi-direct rule) jechuunii dandeenya. Bara Wayyaanee ammoo sirna alkallattii (indirect rule) tti ceene. Kana gareen aangoo jidduu gala dhuunfateefi kan imaammata mootummaa san lafarratti raawwachiisu gartuu hawaasaa tokkorraa bahee miti. Sirni Mallasaa tooftaa kana kan baaseef sababa gurguddddoo qaba. Kan duraa dammaqiinsii sabootaa cimaa waan dhufeef akka sirnoota san duraa kallattiin gubbaa hamma gadii bulchuun rakkisaadha. Jecha biraatiin Mootummaa Jiddugaleessawaa /Unitary state/ ummanni itti fincilee waan kuffiseef sirna federaalizimii fakkeessaafis taatu fudhachuu qaba ture. Kan lammataa Wayyaaneen saba bicuu qarqara biyyattiirraa maddite waan taateef gubbaa hamma gadii caasaa mootummaaa dhuunfachuun geggeessuuf ni rakkisa. Kanarraa ka’uun sirna bulchiinsa gita bittaa alkallattii (indirect rule) warri Ingilizii sirna koloniyaalizimii ofii ittiin deemsifataa turan madaqfatte. Sirna kana keessatti aangoo murteessaafi diinagdee dhuunfachuu, ummatoonni biroo aadaa ofii akka calaqqisan hayyamuun, namoota isaan keessaa dhalatan, kan ammoo ummata biratti fudhatama hin qabneen sirna ofiin of bulchuu fakkeessaa (nominal self-rule) dhaabuudha. Sababni sadaffaan Wayyaaneen dhaaba sabummaan jaaramee olaantummaa warra Amaaraa ofirraa lolatu waan taheef, mirga sabummaa leellisuun kaayyoo siyaasaa isaa ganamaa ti. Ummatoota cunqurfamoo qabsoo sabaa geggeessaa turan waliin idiyoolojii walfakkaataa qaban ture. Hanga dantaa aangootiin itti hin dhufnetti warra caasaa siyaasaa sabummaa barbaadu akka isaa waliin hariiroo tarsiimawaa qabaatan fedhu turan. Mootummoonni kunniin martuu mormii Oromoorraa isaan mudatu irra aanuuf tooftaalee sossobbiifi ukkaamsaa waliin makuun qabsoo Ummataa dhaamsuuf yaalaa turan. Haylasillaaseen, sabboonummaan Oromoo dammaqaa jiru qacaletti akka cituuf tooftaa humnaan aadaa biraa jalatti liqimsuu (forced assimilation) Sirni Bilxiginnaa ammoo sirna bulchiisa kallattii (direct rule) deebisee fiduuf yaalaa jira. Garaagarummaan jiru, gaafa Hailasilaasee aangoo jiddugaleessaas kan gadi aanus Amaaratu harkatti qabatee Oromoo roorrisa, amma ammoo Oromootatu qabatee Oromootti roorrisa. FUULA 16
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu fayyadamaa ture. Aadaafi Afaan Oromoo ukkaamsuufi mancaasuun, Oromoon aadaafi afaan biyyaalessaa godhamee kan fudhatame aadaafi afaan Amaaraa akka fudhatuuf karaa hedduun dhibbaan godhamaa ture. Tooftaan kun keessattuu erga Xaaliyaan biyya qabattee Oromoo Lixaafi Baha jiru eenyummaa isaatiin gurmaa’uu eegalee booda, sabboonummaan Oromoo dhalatuu mala shakkiin jedhu waan cimeef, tarkaanfiin dhaloota kana kichuu kutuu cimee itti deemame. Gara biraatin ammoo dadammaqiinsi mul’achaa jiru hoggansa akka hin arganneefi ijoollee Oromoo abbootiin isaanii hawaasa keessatti dhageettiifi kabaja qabanii (abbootii amantii, dureessota, jaarsota beekamoo, abbootii lafaa) sirnichatti hawwachuu (elite cooptation) gama barnootaafi leenjii waraanaatiin sirnichatti makuuf tattaaffi guddaatu taasifame. Akeeknii tooftaa kanaa hoggansi jalaa dhufu sirna Itoophiyaa bulchuu keessatti qooda akka fudhatan mijeessuun dadammaqiinsa sabboonummaa Oromoo farra sirnichaa ta’e keessatti akka hin hirmaanneefi hoggansa hin taane yaadameeti. Hoggansi lafaa dhufu kun aangoofi qabeenya irraa qooda fudhatee, aadaafi eenyummaa Oromoo mulqatee yoo guddate, qabsoo Oromootti osoo hin taane mootummaa Itiyoophiyaatiif amanamummaa (loyalty) horata abdii jedhutu ture. Kanarraa ka’uun godinoota Oromiyaa mara keessaa dargaggeeyyii maatiin isaanii hawaasa keessatti iddoo guddaa qaban adda baasuun gama barnootaafi leenjii qondaalota waraanaatti galchuun dhuma baroota 1940’moota irraa eegalee cimee adeemsifame. Garuu tooftaan kun tura keessa akeeka mootummaan Haylasilaasee barbaadeef fala osoo hin taane farra ta’e. Hayyoonnifi qondaalonni waraanaa baroota 1960’moota fi 1970’moota keessa qabsoo Oromoo hogganutti dhufan hundi sadarkaa jechuu dandeenyuun warra silaa sirnichi ofitti madaqsee sabboonummaa Oromoo biqiluu dhoorguuf gama bornootaafi hoggansa waraanaatti hawwate turan. Jarri sun garuu jalqabarra ilaalchaafi eenyummaa sirnicha fudhatanis, adaduma aangoofi barnootaan guddataa deeman gita bittoota (ruling class) Amaaraatiin walitti bu’uu eegalan. Hamma fedhan hojiin mootummicha tajaajilanis shakkiin laalamuufi tuffatamuu jalaa bahuu hin dandeenye. Aangoo qondaalota Amaaraatiin dorgomaa ta’anii bahuun walshakkii gama lamaanii hammeessaa deeme. Dhiibamuun qondaalota Oromoo madaqfamanii kun dhawaataan hireen dhuunfaa isaanii kan waloo ummata keessaa bahaniin walitti kan hidhame akka ta’e hubachaa deeman. Kanarraa ka’uun dantaafi kabaja FUULA 17
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu dhuunfaa argachuufi sabni isaanii jabaachuun barbabaachisaa akka ta’e hubatan. Hubannaan kun gara saba ofii jaaruufi gurmeessuu akka fuulleffatan godhe. Bu’ureessitoonni qabsoo Oromoo irra jireessi bifa kanaan sirna mootummaa Itopphiyaa tajaajiluuf leenji’aniis gara qabsoo saba isaanii geggeessutti dhufan. Tooftaan elite cooptation sirni Haylasilaasee sabboonummaa Oromoo dhalachaa jiru hoggansa dhabsiisuuf hojiirra oolache, faallaa sanii hogganoota ciccimoo qabsichaaf gumaache. Walumaagalatti sirni Haylasillaasee gama tokkoon eenyummaa Oromoo ukkaamsaafi diinagdeen hiyyoomsaa, gama biraatiin hoggansa Oromoo ofitti qabuun yaaliin sabboonummaan Oromoo akka hoggansa dhabduuf godhe hin milkoofne. Sirni abbaa irree Darguu ammoo gama tokkoon gaafii belbeltuu yeroo sanii kan taate gaafii lafti qonnaan bulaaf haa kennamtu jedhu sirna abbaa lafaa diigee lafa ummataaf raabsuun deeggarsa argate. Labsiin kun keessattuu Oromoofi saboota Kibbaa kan lafti harki guddaan irraa fudhatamee lafuma ofii irratti humna isaatiin qotee callaa irboofi siisoo sirna Nafxanyaatiif galchaa turaniif waan guddaa ture. Gaafiin biroo sirna Haylasilaasee kuffifte gaafii mirga sabootaa turte. Darguun erga aangoo dhuunfatee booda jalqabarra hamma tokko eenyummaa sabootaaf bakka kennus, saboonnii keessattuu Oromoon hoggansa akka hin arganne gochuu akka tooftaa guddaatti fayyadame. Hoggansa siyaasaa qofa osoo hin taane, aadaa, amantiifi diinagdee gubbaa amma jalatti duula Goolii Diimaatiin (red terror) fi boodarras maqaa Wanbadee balleessuutiin, hoggansa Oromoo dhabamsiisuu (leadership elimination) akka tarsiimootti baafate. Hooggantoota siyaasaa jaarmayaalee garagaraa keessa turan dabalatee, abbootii amantii, dureeyyiifi jaarsolii biyyaa ajjeese. Ajjeechaan kun tooftaa hoggansa dhabamsiisuu (leadership elimination) Qabsoon Oromoo cimtee akka hin deebine ugguruudhaaf godhameedha. Gama kanaan hamma tokkos itti milkaayanii turan jechuun ni dandahama. Bara 1975-1985 jiddutti hoggansi siyaasaa Oromoo ijoon heddu waan galafatamaniif, baroota 1980’moota keessa Qabsoon Oromoo hedduu qancartee turte. Sirni Wayyaaneetis kan warra isa duraatirra tooftaa addaa baafate. Kunis akka warra duraa kallattiin (direct rule) bulchuu dhiisee karaa alkallattaawaadhaan (indirect rule) fayyadame. Kanaaf ammoo sababa kan tahe dadammaqiinsifi sabboonummaan cimaa dhufuun tooftaa sossobbiifi ukkaamsaa waliin makanii hojiirra oolchudhaan aangorra turame. Gama tokkoon gaafilee gurguddoo Oromoon qabu bifa fakkeessaa (nominal) ta’een hojitti hiikaa, aangoo qabatamaa irraa garuu Oromoo dhiibuutu tooftaa sirnichaa ture. FUULA 18
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Haaluma kanaan Oromiyaan akka hundooftufi afaan ofiin akka baratamu gochuudhaan Oromoon akka hafuura baafatu godhame. Garuu ammoo sirni federaalizimii uumame caasaa Oromiyaa Oromoof kennus aangoo siyaasaa, diinagdeefi nageenyaa garuu mootummaa jiddugaleessaa Wayyaaneen durfamutu qabate. Kanas hojitti hiikuuf hoggansaafi dhaabbilee dantaa ummataa bakka bu’an dhiibuun, kanneen ummata biratti fudhatama hin qabneefi sirnicharratti maxxanan ofitti qabe. Waliigalatti sirna Wayyaanee jalatti Oromoon mirga aadaafi caasaa mootummaa maqaaf (symbolically) dhuunfatee, aangoo qabatamaadhaan ajandaa isaa ittiin dhugoomfachuu dandahu dhoorkame. Sirni Bilxiginnaa ammoo bulchiinsa kallattii deebisee dhaabe. Garuu sirni bulchiinsa kallattii Bilxiginnaa sirnoota duraatiin adda kan ta’eedha. Garaagarummaa guddaan sirnoota duraaniifii kan ammaa jidduu jiru sirni bulchiinsa kallattii duraanii gubbaadhaa hanga gadiitti kan alagaadhaan hogganamu yommuu tahu kan ammaa garuu gareen aangoo jiddu galeessaa qabateefi caasaa gadii jirus eenyummaadhaan ummataan walfakkaataa qabaniin (direct rule by natives) kan hogganamu tahuu isaati. Garuu ammoo jaarmayaafi miseensi (institution and agency) aangoo qabate sirna alagaatiin filamee kan ijaaramee waan ta’eef ummata biratti fudhatama hin argadhu jedhee waan yaaduuf sirna diimokraatawaa osoo hin taane kan abbaa irreetin aangorra turuu filate. Kana jechuun sirni caasaafi miseensa alagaa buqqa’ee kan ofii (native) aangoo qabatus mirgaafi dantaan ummataa garuu eegamuu hin dandeenye. Saamichi, ajjeechaanfi roorroon garagaraa kan itti fufeefis sababa kanaafi. Sirnoonni afran kun tooftaan gita bittaa isaanii garagara ta’us hariiroon isaan Oromoo waliin qaban waan tokko irratti walfakkaata. Kunis sirnoota afraniifi Oromoo jidduu hariiroon jiru kan diinummaa (securitized relationship) tahuu isaati. Sirnoonni martinuu mirga Oromoo guututti waan hin kabajneef Oromoon mormuufi finciluu hin dhiifne. Kanarraa kan ka’e sirnoonni afranuu Oromoo ija shakkiifi diinummaatin ilaalu. Oromoonis mootummoota Itoophiyaa afranuu diinummaan ilaala. Fakkeenyaf saba Oromoo bal’aa maqaa Gammadaa jedhamuun yoo bakka buufne, Gammadaan gaafa Haylasillassee Shiftaa, gaafa Darqii Wanbadee, Gaafa Wayyaanee Ashabbaarii, gaafa Bilxiginnaa ammoo Shanee maqaa jedhu itti maxxansuun diineffama. Shiftaa, Wanbadee, Ashabbaariifi Shaneen maqa xureessii Oromoo sirnicha mormu dhabamsiisuuf itti maxxanfamuudha. Agarii Tulluufi Haamidoo Ibroo Haylasilaasee irratti waan fincilaniif shiftaa jedhaman. Shiftummaanis kan itti maxxanfamuuf sadarkaa isaanii finciltoota kaayyoo FUULA 19
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu dhugaa qaban osoo hin taane saamtota ummata dararanitti gadi buusuuf godhame. ABO’n sirna Darguutiin gaafa lolu gartuu hamtuu gurmaayee biyya diiguuf bosona seene malee kan bilisummaa saba isaatiif qabsaayu akka hin taaneetti duulli maqaa balleessii itti geggeeffamaa ture. Wanbadee malees maqaa Sargoo jedhu itti kennuun garee ergama biyya alagaa fudhatee luuxee biyya seene fakkeessuuf yaale. Gaafa Wayyaanee Oromoon sirnicha morme cufti shoorarkeessaa ummata nagayaa fixu fakkeessuuf, Ashabbaarii jedhamee kumaatamaan hidhaatti naqame, hedduunis ni ajjeefamee. Bara gadaa Bilxiginnaa ammoo maqaan qabsoofi qabsaa’ota Oromoo itti balfan Shaneedha. Ummanni Oromoos gama isaatiin irra jireessaan mootummoota kanniin akka kan ofitti fudhachuu didee akka cunqirsiitoota dantaa alagaa tarkaanfachiisuuf isa miidhanitti ilaalaa bahe. Waggoota afran kana erga OPDOn/ PPn angotti baates falmiin Mootummaan kun Mootummaa Oromooti moo miti’ jedhu kan adeemsifmaa tureef, alagaan aangorraa qaarifamee namniifi gareen Oromoo ta’e aangotti olbahus gochi ajjeechaa, saamichaafi hidhaa sirnoota durii keessatti baratame ammas itti fufuu isaatinis. Hamma hariiroon diinummaa sirna mootummaa Itoophiyaafi ummata Oromoo jidduu jiru kun hin jijjiramnetti Itoophiyaanis tasgabbii hin aragattu, Oromoonis dantaa isaa kabachiifatee jiraachuu hin danda’u. Keessattuu bara 2018 booda erga sirni gita bittaa alagaa buqqa’uun garee Oromoo keessaa biqileetiin bakka buufamee boodas, hariiroon kun jijjiramuu dhabuun warri aangoo qabates akka aangoo qabate hin jabeeffanne (consolidate), ummannis miidhaa mootummaan irra gahu jalaa akka hin baane taasisee jira. Haalli kun kasaaraa waloo (loose – loose) fidee waan jiruuf, qabsoo itti aanu keessatti hariiroo diinummaa mootummaafi ummata jidduu hanga ammaa jiru jijjiruun barbaachisa. Mootummoonni amma dura Oromoo diinomfataniis hamma tokkoof aangorra turuu kan danda’aniif hawaasa bu’ura isaaniif ta’e (base constituency) biraa waan qabaniifi. Kan ammaa garuu bu’urri hawaasummaa isaa Oromoodhuma. Akkuma waggoota afran dabran agarre yaaliin Oromoo alagoomsanii alagaa firoomchuuf godhame hin milkoofne, inumaahuu haalli kun sirnichaaf lama-dhabuu fide. Ummanni Oromoos sirnicha ammaa akkuma sirnoota amma duraa tooftaa alagoomsuu (othering) fayyadamuudhaan ofirraa qolachuuf yaaluun hedduu waan deemsisu miti. Tarsiimoofi tooftaan qabsoo sirna gita bittaa alagaa irratti FUULA 20
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu godhamu sirna cunqursaa ofuma keessa madde irratti hojjachuu dhabuu mala. Haala qabatamaa lafa jiru bu’uureffachuudhaan adeemsa qabsoo fooyyessuu (adjustment) barbaachisa. Waliigalatti, boqonnaalee qabsoo afran dabran darban keessatti Qabsoon Oromoo sirnoota mootummaa afur kan tarsiimoofi tooftaa cunqursaa garagaraa fayyadamaniin falmaa as geesse. Qabsoon Oromoo yeroo mootummaan durii jijjiramee mootummaan haaraan aangoo qabatu tooftaa jijjiramtu waliin tooftaa qabsoo ofii jijjirachaa deemuu dhabuun qabsoon akka harkifattu godhee jira. Sirni mootummaa amma jiruu kanneen isa duraatiin adda waan taheef haala qabatamaafi tooftaa sirna haarayaa kana sirritti hubatanii himata (narrative) fi tarsiimoo walgitu baafachuun barbaachisaadha. Haga ammaa kuni ta’uu dhabuun afanfaajjii hin barbaachifne heddu uume. Wareegama guddas gaafate. Haala addaa kana jalatti, qabsaa’anii mirga ummataa kabachiisuuf, tarsimoo, tooftaa f himata qabsichaa haaromsuun gaaffii belbeltuu yerooti. 3) GAAFII OROMOOFI BU’AAWWAN BOQONNAALEE AFRAN KEESSATTI ARGAMAN Boqoonnaalee afran armaan olitti ilaalle keessatti gaafiin Oromoo deebi’ee? Yoo deebi’e hammamtu deebi’e? Hammamtu hafa? Maalif guututti deebisuun dadhabame? Gaafilee jedhan kaasanii ilaaluun murteessaadha. Gaafiin Oromoo waliigalatti gaafii mirga abbaa biyyummaati. Mirgi abbaa biyyummaa kun wantoota gurguddoo sadi kan walitti hirkatan (interdependent) of jalatti qaba. Isaanis; Eenyummaa, Qabeenyaafi Aangoodha. Sirni cunqursaa alagaa gaafa saba tokko cabsu waan sadeen kana sarba. Hoggansa saba sanii dhabamsiisuun ykn jilbeeffachiisuun aangoo dhuunfata, aangoo kanatti fayyadamee qabeenya saama, akka ummanni waloon itti hin fincilleef ammoo eenyummaa waloo barbadeessuuf Aadaa, Afaan, Seenaa saba sanii hacuucuu, balfuufi diiguu irratti hojjata. Qabsoon sabaa gaafa dhalattu faallaa kanaa sochooti. Akkuma gubbatti ilaalle dammaqsuufi deebisanii ijraaruun eenyummaa waloo deebiftee gadi dhaabdi, fincila garagaraatiin saamicha leeccalloo hanqisuu irratti fuulleffatti, eenyummaa deebitee jaaramteen ummata waliin sochoosuun aangoo dhuunfatti. Halli kun garuu akka barreessinu kanatti saffisaafi suduudan kan milkaayu miti. Dhawaataan guutamaa deema. FUULA 21
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Fakkeenyaaf hojii dadammaqsuufi deebisanii ijaaruu godhameen warraaqsa bara 1974 booda Oromoon akka sabaatti beekkamtii argate, sirni abbaa lafaa diigame lafti qunnaan bulaaf hirame. Garuu ammoo eenyummaa isaan ijaaramee dantaa isaa daran kabajchiifachuu hin dandenye. Lafa deeffate imaammata isaaf maluun taligee hiyyummaa keessaa hin baane. Maalif yoo jenne aangoon harka alagaa waan turteefi. Bifuma walfakkaatuun bara 1991 Oromiyaa ummatus, saamicha ofirraa dhaabee misoomuu hin dandeenye. Afaan ofiin barachuufi hojjachuu eegalus Afaan san guddisuufi hammayyeessuu hin dandeenye. Birookraasii ijaarratus, dhaabni siyaasaa biyya bulchaa ture aamanamumaa alagaa (external loyalty) malee aamanamummaa ummataafi dandeettii dhuunfaatiin (meritocracy) waan filamee hin bobbaafaminiif naannicha guddisuuf aangoos dandeettis hin qabu ture. 4) QABSOO OROMOO BARA AANGOO BOODA Ummanni Oromoo qabsoo marsaa dhiheenya kanaa gaggeesseen aangoo harka alagaatii baasuu dandahee jira. Garuu har’as roorroofi hiyyummaan ittuma fufte. Maalif? Deebiin gabaabaan aangoo harka alagaatii baafanne harka nama/ garee Oromoo tokkoo galchine malee aangoon harka ummata Oromoo waan hin galiniifi. Akkamiin irra aanama? Waan jedhu sirritti ilalauun murteessaadha. Barruu kana keessattis gaafii kanaaf deebii kennuuf nin yaala. Fakkii armaan gadii irratti gaafileen Oromoo sadan hammaam akka deebi’an akeekuuf bifa salphaa (oversimplified) ta’een dhiyaate. FUULA 22
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Figure 3: Sadarkaa Deebiin Gaafiwwan Oromoo Irra Jiru Haala qabatamaa amma jirurra dhaabbannee yoo dubbanne, gaafiin eenyummaa walakkaan isaa deebi’era jechuu ni dandeenya. Maalif? Gaafiin mirgaa kallattii lama qabdi. Inni tokko negetiivii yommuu tahu inni lammeessoo immoo pozatiividha. Gaafiin negetiivii mirgoota sirni mootummaa tokko akka sirraa hin tuqne/ hir’ifne mormattuudha. Gaafin pozatiivii ammoo kan mootummaan akka siif guutu gaafattuudha. Fakeenyaaf gaafii mirga Afaanii yoo fudhanne, uggurriifi hacuuccaan gama mootummaan afaan tokkorra gahu akka dhaabbatu gochuun mirga negetiivii kabachiifachuudha. Afaan sun akka dagaaguufi leeccalloo gahaa akka ramadanii guddisan gaafachuun immoo mirga pozativiiti. Akkasumas saamichi lafaafi gibiraan ummatarra gahu akka dhaabbatu gochuun mirga negetiiviidha. Erga saamichi dhaabbatee booda imaammanni misoomaa sirriin bocameefii bajatni ramadamee lafti qonnaan bulaa akka misoomuu gochuun mirga posativiiti. Haala kanaan gaafii eenyummaa yoo fudhanne, har’a Afaan Oromoo dubbachuufi barachuu akka mootummaatti dhoowwaan erga dhaabbate waggaa 30 dabree jira. Garuu ammoo Afaaniifi aadaan Oromoo hin guddanne. Maalif jennaan mirgi negetiivii deebi’us mirgi pozatiivii kan mootummaan leeccalloo ramadee afaanicha guddiisuu qabuu hin guutamne. Gama mirga qabeenyaas yoo ilaalle, saamichi alagaadhaan Oromoorra gahu dhaabbatus, saamichi bifa haarayaan namootuma sabarraa dhalataniin itti fufe. Kana jechuun mirgi negetiivii walakkaa qofa deebi’e. Imaamaanniifi leeccalloon lafa qonnaan bulaa misoomsu ramadamee sabni hiyyummaa keessa bahaa waan hin jirreef mirgi pozatiivii bifa hedduu xiqqaa ta’een deebi’e. Gama aangoos yoo lalle, sirni bulchiinsa gita bittaa alagaa aangorraa qaarfamuun mirga negetiivii keessaa hammi tokko deebi’uu isaa mul’isa. Garuu ammoo sirna alagaatu ka’e malee miidhaan mootummaan sabarraan gahu hin dhaabbanne, daranuu itti hammaate. Sabummaa namootaafi garee aangorra jiruutu jijjirame malee gochi sirnoota duruutin tokkuma. Kanaafuu sini bulchiinsa alagaa ka’uun mirgi negetiivii xinnoo deebi’us roorroon mootummaan dhaqqabu itti fufuun mirgi negetivii muraasni qofti akka deebi’e akeeka. Waligalatti mirgi negetiivii mootummaan mirgoota san sarbuu dhiisuu yoo taatu mirgoonni pozativiin ammoo kan mootummaan guutuudhaaf leeccalloo itti ramaduufi imaammata itti baasuu gaafatuudha. Adaduma qabsoon Oromoo jabaachaa deemtuun mirgii negetiiivii fooyy’aa deema. Mirgi pozativii garuu FUULA 23
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu hedduu hin fooyyofne. Sababnis mootummaan tokko leeccalloofi immaammataan aadaa, afaan, diinagdeefi hawaasummaa isaa guddisuudhaaf sirna ummata iratti hirkate, kan maddi aangoo isaa ummata ta’e ta’uu qaba. Mootummaan ummataan filamee aangotti ba’e filannoo biraatiin aangoo akka hin dhabneef mirgoota negatiiivii ni kabaja, kan pozitiivi ammoo guutuudhaaf gama leeccalloofi imaammataan tattaafata. Kana jechuun roorroo gama mootummaan dhuftu ofirraa dhaabuufi (mirga negetiivii), leeccallllofi imaammataan fayyadamuuf mootummaa ummataan filame qabaachuun dirqama. Oromoofis mirgoonni lamaan armaan olitti tuqne, eenyummaafi diinadgee kan guutamu gaafa mirga sadaffaa, kan mootummaa ummataan filamee ummataan buufamuu danda’u jaarrachuu dhugoomfateedha. Armaan olitti qabsoon Oromoo boqonnaalee afur keessa dabartee jirti jennee jirra. Isaanis, Dammaqsuu, deebisanii ijraaruu, sirna mootummaa (state) tolchuufi aangoo harka ormaatii baasuudha. Aangoon harka ormaatii baatee nama/gartuu Oromoo tokko harka haa seentuu malee, mootummaan ummataan filame waan hin ijiraamaniifi gaafileen Oromoo guututti deebi’uu akka hin danda’inis agarree jirra. Inumaatuu mirgoonni Pozitivii guutamuun hafee kan negetiivi sirna amma duraa jalatte wayyayaa turaniiyyuu hir’achaa akka jiranis laallee jirra. Fakkeenyaaf Oromoon mirga lubbuun jiraachutuu kan durii caalaa dhabaa jira. Kanaafuu qabsoon Oromoo boqonnaa shanaffaatti ce’uu qabdi, ceetees jirti. Boqonnaa shanaffaa kana, ‘dimokraatessuu’ jechuunii dandeenya. Jechunis kan harka alagaatii baafanne san bakka mootummaa qubaan filannee qubaan buufnu harka kan itti keenyu. Amma boqonnaa 4ffaa irraa gara 5ffaa cehaa jirra. Sadarkaan amma Oromoon irra jiru kan baroota 1960moota biyyoonni Afrikaa, Laatin Ameerikaafi Eeshiyaa heddu gita bittaa alaga (sirna kolonii) jalaa akkuma bahaniin isaan mudateen walfakkaata. Biyyoonni kunniin sirna alagaa akkuma ofirraa buqqisaniin, gara bilisummaa guutuu mootummaa mirgaafi dantaa ummataa kabachiisu hawwanis milkoofne ture. Sirna gita bittaa kolonii ofirraa fonqolchanii takkaahuu sirna abbaa irree nama isaanii jala galan ykn ammoo gara walwaraansa waloo (civil war) tti seenan. Wanti Oromoon baroota shanan dabran kana mudate gara hedduun kanuma. Rakkoo kanaafi fala isaa booddee bal’inaan itti deebina. FUULA 24
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 5) CEHUUMSA GUFATE – BOQONNAA 4FFAA IRRATTI RAKKOLEEN MAAF MUDATAN? Akkuma armaan olitti ilaalle Qabsoon Oromoo, amna waggoota jahaatamaa (60) keessatti boqonnaalee sadiihin guddataa dhuftee bara 2018 aangoo harka gita bittaa ormaatii baasuun qabachuu dandeesse. Aangoon qabatame kun garuu akka hawwametti dantaafi mirga qabsaa’amaafi ture san kan galmaan ga’ee miti. Inumaatu warri aangoo qabates ta’ee ummatichi rakkoo hamaa keessa galanii jiru. Sirni alagaa erga fonqolee booda maaliif roorron Oromoo irraa dhaabbachuu dhabe? Aangoon harka namaafi gartuu Oromoo gale maalif Oromiyaafi Itoophiyaas jeequmsaaf saaxile? Kutaa kana keessatti dhimmota kana ilaalla. Qabsoon sabaa takka erga sirna cunqursaa alagaa ofirraa finqolchitee booda, aangoo san dhuunfattee dantaa ofii eegsiisuuf boqonnaalee Afur keessa dabarti. Kunniinis.
Aangoo Qabachuu (ascendance),
Aangoo Cimsachuu (consolidation),
Fudhatama argachuu/ dhugeeffachuu (legitimization) fi
Aangoo Tikfachuu (preservation) of keessatti hammata. Armaan gaditti rakkooleefi dogongoroota erga qabsoon Oromoo alagaa angorraa buuftee murni ofii olbaaftee booda mudatan ilaala. FUULA 25
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Qabsoon Oromoo wal’aansoo waggoota dheeraa booda bara 2018tti sirna cunqursaa alagaa ofirraa buuftee aangotti ol baate. Erga aangootti baatee booda gara aangoo san cimsachuutti (consolidation) ceete. Waggoota shanan dabran kana adeemsa aangoo cimsachuu kana keessa jirti. Jeequmsi keessoofi alaa Oromiyaafi Itoophiyaa raasaa jirus dogongora aangoo argame kana cimsachuudhaaf jecha raawwatameeni. Yaaliin kun garuu waggoota shan boodas hin milkoofne. Har’as sireen aangoo raafamaa jirti. Maalif? Dogongooroota akkamiitu raaw’atame? Akkamiin keessaa baana? Wantoota jedhan ilaaluun barbaachisaadha. 5.1. Rakkoolee Aaangoo Cimsachuu Dadhabuudhaaf Sababa Tahan Sababoota erga aangoon qabatamee booda cimsachuun dadhabameef heddu tarreessuun ni danda’ama. San keessaa ijoon: 5.1.1. Aangoon kan qabatame sochii ummataatiin (social movement) ta’uu isaa Qabsoon marsaa kanatti sirna Wayyaanee buqqisee namni/ murni Oromoo akka aangoo siyaasaa gonfatu taasise sochii ummataa (social movement)dhaani. Gaheen dhaabbilee siyaasaa xiqqaa ture. Sochiin ummataa sirna diiguu irratti bu’aa guddaa kan buusu ta’us sirna haaraa ijaaruu keessatti hanqina guddaa qaba. Sochiin ummataa utubaalee aangoo (pillars of power), kanneen akka jaaramaya siyaasaa, diinagdee, humna waraanaa, miidiyaafi kkf laamshessuun gartuu aangorra jiru kuffifti. Garuu ammoo utubaalee sirna abbaa irree haa diigduu malee kan mataa ofii hin jaarrattu. FUULA 26
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Fakkii 5 – Utubaalee Aangoo Yeroo qabsoo Qeerroo san kun waan hubatameef, jaarmayaalee jiran keessaa kan yeroo sanitti aangoo qabachuuf irra qophii ta’ee ilaaluun aangoon OPDOtti akka kennamu taasifame. OPDO’n jaarmaya siyaasaa dantaa gartuu biraa tarkaanfachiisuuf uumamte waan taateef utubaalee aangoo sirnichaa harkaa hin qabdu ture. Garuu ammoo jaarmayalee biroo turanirra wayyaa qabdi ture. Utubaalee aangoo dhuunfachuu baattus keessa waan jirtuuf, jijjiramni gaafa dhufetti dhuunfachuuf isaaniif irran aanjaya. Muxannoo utubaalee kana geggeessus isaantu qaba ture. Gareen aangootti bahe tokko aangoo cimsachuuf takkaahuu utubaalee aangoo dursee ijaarrate itti fayyadamuu qaba, yookiin ammoo utubaalee jiran dhaalee dhuunfachuun akka isa utuban taasisuu qaba. Qabsoon Oromoo utubaa ijaarrattee ol hin baane. Utubaaleen dhaalamanis yoo ta’e akkataa dantaa gartuu san dura aangorra ture tajaajilanitti waan ijaaramaniif garee haaraatti aangoo qabate danquu malee utubuuf hin mijjaayan ture. Utubaalee kana jijjiiruuf ammoo yookin waliigalteen takkaahuu humnaan ta’uu qaba. Gartuun Oromoo keessaa aangorra bahe humnaan dhuunfachuu filatee socho’e. Kun ammoo qaama siyaasaa san dura aangoorra tureen wal dura dhaabbachuu fide. Gartuun aangorraa bu’e yaalii humnaan utubaalee too’achuuf godhamu fashalsuuf caasaa lafa jalaa (deep state) fayyadamuutti seene. FUULA 27
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Raacitiin lola Tigraay achirraa eegale. Gartuun aangoo qabate warra isa duraa qofa miti kan dhiibe. Bolola aangoo kophatti qabachuun sirna abbaa irraa haaraya jaaruutiin masakamuun Gamtaa (coalition) humnoota aangotti isaa baases ofirraa dhiibe. Kun diina itti heddumeessuun humna laamshesse. Sababni akkuma aaangootti olbahameen booda raafamni eegaleefis yeroo gara yerootti hammachaa deemeefis kanuma. 5.1.2. Xiinsammuun qophaayuu dhabuu (lack of psychological preparedness) Hooggansiifi qabsaa’onni Oromoo yeroo dheeraaf siyaasaa qabsoo (resistance politics) keessa turan. Sammuun isaanii akkaataa sirna tokko itti mormaniifi laamshessan irratti qarame. Osoo qalbiin hoggansaafi qabsaa’ota Oromoo yaada diddaa keessaa baatee kan bulchiinsaa (governance) hin seeniin sirni alagaa bara 2018 kufe. Sammuun diddaaf qarame bulchiinsaaf ooluuf jijjiramuu (psychological transformation) gaafata. Yeroo sanitti kana gochuuf yeroo hin arganne ture. Waan kana dursee shakkee waanin tureef haasaan gaafa biyya gale galma Miliniyeemii keessatti godherratti siyaasa Oromoo saffisaan diddaa irraa gara bulchiinsaa jijjiiruun akka barbaachisu dubbadhe. Rakkoon kun daran ifa kan naaf ta’e gaafa tokko hogganoota Oromoo aangoo mootummaa harkaa qaban, hogganoota mormitootaafi gameeyyii qabsoo waliin masaraa mootummaatti walgeenyee laaqana gubbaatti osoo haasoynu warri aangoo qabus ta’e mormitoonni waluma qixa mootummaa Itoophiyaa komataa turre. Aangoon Itoophiyaa harka keenya galuufi rakkoo saba keenyaatiif furmaanni alagaa osoo hin taane nu ta’un akka keessa keenya gadi hin seenin (internalize akka hin godhamin) agarsiisa. Rakkoon akkanaa nu qofa osoo hin taane biyyoota sirna gita bittaa alagaa kolonii jala turan gaafa walaba bahan barii isaan mudataa tureedha. Hoggansi ummata cunqurfamee yeroofi beekkumsa isaa sirna alagaa kuffisuu irratti waan dabarsuuf, erga sirnichi kufee akkamittin biyya bulcha jedhee waan of hin gaafanneef dursee of qophheessuu irratti hanqinootatu isa mudata. Kanaafuu gaafa sirni alagaa bu’ee aangoon harka isaaniititti gale karooraafi tarsiimoon osoo hin qophaa’in aangotti ol bahu. Aangoo qabatanii borumtaa isaa muuxannoofi qophii biyya bulchuutin maletti rakkoolee hawaasa- diinaggee biyyaatin wal dura dhaabbatu. Ummanni waggoota dheeraaf sirna alagaatiin rakkaachaa tureefi ofirraa fonqolchuuf aarsaa guddaa kafale bulchiinsa ilmaan isaatirraa waan hedduu eega (high expectation). Hooggansi karooraafi tarsiimoo waan hin qabneef waan irraa eegamu san saffisaan guutuu hin danda’u. Akka bara qabsoo san ammoo FUULA 28
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu rakkoolee hunda alagaatti sababsuu (externalize) hin danda’u. Alagaa osoo hin ta’in isatu aangoo harkaa qaba kaa! Silaa rakkoolee diinaggeefi hawaasummaa ummataa furuuf qophiifi dandeettin jiraatee karaa saniin ummata gammachiisuun aangoo cimsachuun danda’ama ture. Qophiinifi dandeettin dursee horatame jiraachuu dhabuun gaafilee ummataaf furmaata qabatamaa laachuu mannaa gara humnaan ukkaamsutti ykn ammoo diina keessoofi alaa uumuun lola banee biyyatti siyaacha bulchiinsaa irra gara siyaasa waraanaa (securitized politics) geessa. Haalli kun biyyattii reef walaba taate san takkaahuu sirna abbaa irree (native dictatorship) dhalcha ykn ammoo walwaraansa walootti (civil war) nama geessa. Biyyoota qubaan lakkaayaman malee kanneen hafan hedduun barii sirna kolonii jalaa bahan takkaahuu sirna abbaa irree ofii ykn walwaraansa hamaa keessa galan. Kan sirna kolonii irraa kallattiin gara sirna tasgabbaawaa, misoomawaa fi dimokraatawa cehuu danda’an quban harka tokkoo hin caalan. Oromoos kanumatu mudate jechuu ni dandeenya. FUULA 29
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 5.1.3. Hanqina dandeettiifi muxannoo biyya bulchuu (lack of meritocracy & inexperience) Gaafa aangoon nu harka galtutti hoggansi siyaasaa (political elite) Oromoo gosa lamatu ture. Kan sirna Wayyaanee tajaajilaa tureefi kan sirna saniin ala ta’ee irratti qabaasaayaa ture. Akkuma gubbatti jenne, Wayyaaneen tooftaa bulchiinsa alkallattiitif akka mijaawuuf jecha namoota beekkumsaafi muuxannoon gahuumsa hin qabne akkasumas kanneen hawaasa isaanii keessatti fudhatama (credibility) hin qabne walitti guurtee OPDO ijaartee bulchiinsa Oromiyaa haaraa ijaarame itti kennite. Oromoon beekkumsa, muuxannoofi naatoo saba isaa qabu takkaahuu sirnicha irraa of fageessee itti qabsaaye ykn ammoo sirnichi ofirraa dhiibaa ture. Sababa kanaaf bara 2018 yeroo aangoon nu harka galu hoggansi Oromoo muuxannoo bulchiinsaa (administrative experience) qabu irra jireessi barnootaafi leejiin kan bilcheeffatee miti. Kan silaa barnootaan gahuumsa qabu ammoo sirnichaan ala waan tureef muuxannoo bulchiinsaa hin qabu. Yeroo qabsoo Qeerroo san ololli Mootummaan Wayyaaneefi warri alaas dhiheessan tokko, ‘Oromoon biyya bulchuuf gahuumsa hin qabu’ kan jedhu ture. Cehuumsicha gaafa karoorsinu rakkoo kana hubachuun, hoggansi gama lamaanii wal simsiisuun (leadership integration) haqina gama lamaanii jiru furra jennee turre. Akka yaadne hin taane malee. Gareen lamaan walsimachuun waliin hojjachuu dhabuun rakkoo sodaanne fide. Warri aangoo qabate muuxannoo qabaatus hanqina dandeettiif beekkumsaa (meritocracy) kan dhorame ta’e. Haqina dandeettii uumamaafi barnootaan malettis, akkuma warra Ingilizootaa Wayyaaneenis namoota saboota biroo keessaa filtee, raaw’achiiftuu imaammataa (policy implementers) akka ta’an gooti malee, sadarkaa tarsiimootti akka hogganan hin leenjifne. Dabalataanis hoggansa OPDO mariifi murtii tarsiimoo (strategic formulation) keessattis hin hirmaachiftu ture. Kana jechuun hoggansi aangotti bahe muuxannoo imaammata raawwachiisuu malee kan tarsiimoo imaammata baasuu hin qabu ture. Kanaafuu aangoon harka galtus, tarsiimoma warri isaan duraa baaseetti deebi’uu (default position) malee tarsiimoo haaraya sirna haaraya ijaaruuf dandeessisu baasuu hin dandeenye. Fakkeenyi kanaa guddaan rakkoolee qabu ammoo akka carraa barnootaa hin argatiniif leenjii akkaadamii gahummaa Warra sammuu cimaa qabu (desirable academic competence) bakka argatanitti erguu mannaa hojiidhumarratti maqaa ‘barnoota fagoo’ jedhuun digirii sobaa itti hirtee gowwoomsite. FUULA 30
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu siyaasaa isaan mudatan maraaf furmaata siyaasaa osoo hin taane kan waraanaa barbaaduudha (securitized solution for political problems). Wayyaaneen gaafii siyaasaaf deebii humnaa kan kennaa turteef, murna saba bicuu waan turteef, gaafii siyaasaaf fala siyaasaa kennuun sirnicha dimokoraatessutti waan deemuuf, sirna dimokraasii keessatti immoo aangoo dhabna jedhanii waan sodaataniifi. Murni amma aangoo qabate garuu gahuumsa waan hin qabneef, tarsiimoma warra Waayyaanee san madaqfatee itti fufe malee akka murna saba wayyabaa keessaa bahetti imaammataafi tarsiimoo bu’aa buusu baasuu osoo danda’anii aangoo cimsachuu ni danda’u ture. Tarsiimoon masakamanii bu’aa buufnaan gara sirna dimokraasiis yoo ceesisan carraan filannoon aangoo qabatanii itti fufuuf qaban guddaa ture. Waliigalatti, wanti hubatamuu qabu, gaafa aangoon nu harka galtutti, hoggansi Oromoo sirnicha keessa jirus ta’ee saniin ala jiru, dandeettiifi muuxannoo biyya bulchuuf dandeessisu hin horanne ture. Hanqina kana saffisaan akka hin furreef ammoo, walitti makamanii dandeetti waloo (collective capacity) guddifachuun hin danda’amne. Hanqinni muuxannoofi dandeetti biyya bulchuu kun aangoo cimsachuu dadhabuu keenyaafis sababa guddaa akka ta’eamananii fooyyeessuuf carrraaquun barbaachisaadha 5.1.4. Ilaalchifi karoorri hooggansi aangoo qabateefi hawwii (expectation) mooraa qabsoo Oromoo wal faallessuu Wanti Oromoonifi qabsaa’onni bilisummaa hawwaa turan sirni alagaa erga kufee booda sirna dimokraatawaa dantaafi mirga Oromoofi saboota biroo eegsisutu ijaarama kan jedhu ture. Sirni kunis mariifi waliigalteen ijaarama jedhamees eeggame. Hooggansi aangoo qabate garuu hawwii aangoo dhuunfaa cimsachuun sirna abbaa irree haaraya ijaaruu akka barbaadu ganamumaan ifa ta’uu eegale. Dabalataanis sirna federaalizimii saboonni naannoo ofii ofiin bulfataniifi aangoofi itti gaafatamummaa federaalaa qooddatan jaaruun eejjanno cimaa mooraa qabsoo Oromoo ture. Hoggansi aangotti dhufe garuu sabboonummaa busheessuufi federaalizimii diiguu akka fedhu akeekuu ganamumaan eegale. Garaagarummaan hawwii hooggansa aangoo qabateefi qabsaa’otaa Oromoo kun walshakkii uume. Kan aangoo qabate na kuffisu jedhee shakkuun, Oromoo caalaa ormatti hirkatutti deeme. Qabsaa’onni Oromoos sirna abbaa irree haaraa alagaa firoomfateef waanuma sabichi hanga ammaa argateeyyuu diiquu barbaadu jalatti kufuuf deemna jechuun siyaasa mormiitti deebi’uu eegalan. Haalli kun hoggansi aangoo FUULA 31
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu qabates hundee hawaasaa (social base) ofiitirraa deeggarsa dhabuun akka rarra’u godhe. Qabsoon Oromoos aangoo harkatti galfattetti fayyadamtee rakkoo furuu osoo hin taane, aangoon sun madda miidhaa haarayaa itti taate. 5.2. Aangoon Kaabarraa Gara Kibbaa Dabruu (Shift Of Power From North to South) Erga sirni mootummaa Itoophiyaa dhaabbatee kaasee aangoon gareelee saboota Kaabaa dhufanii harka ture. Cehuumsonnii bara 1974 fi 1991 dhufan jijjirama sirnaa (regime) fidanis aangoon gareedhuma Kaabaa tokkorraa gara kan biroo dabraa waan tureef hariiroo hawaas-diinagdeefi qorqalbiikeessatti jijjirama bu’uraa (fundamental transformation) fiduu hin dandeenye. Kan 2018 sun garuu jijjiramichis kan dhufe sochii Oromoon geggeesseen waan ta’eefi gareen aangoo qabates ifatti Oromummaa kan himatu ta’uun isaa aangoon yeroo duraaf Kaaba irraa gara Kibbaa waan ceete fakkeessee ture. Aangoon Kaaba irraa gara Kibbaa cehuun hariiroo hawaas-diinagdee biyyatti keessa jiru bu’uraan jijjiira sodaan jedhu dhalate. Cehuumsi aangoo gara Kibbaatti taasifame gartuulee yeroo dheeraaf olaantummaa qabaachaa tures waan sodaachiseef bifa garagaraan fashalsuuf socho’an. Hoggansi aangoo qabate mooraa Oromoo waliin walitti bu’uun qaawwa baneefitti fayyadamuunis cehuumsichi akka gufatuufi aangoonis akka hin cimsamne shoora taphachuu danda’an. Sababoonni armaan olitti tuqnee kunniif haalonni biroo walitti dabalamuun aangoon aarsaa meeqaan argame akka hin cimsamne, cehuumsi gara dimokraasii godhamuu malus akka gufatu taasise. Warra aangoo qabateefis ta’ee mooraa qabsoo Oromootiif kasaaraa ture. Warri aangoo qabate cimsachuu dadhabuun sirna bulchiinsaa kanneen isa duraa hundarra laamshoo (weak state and dysfunctional government) ta’e geggeessaa jiru. Biyyattii walwaraansa hamaa keessa galchuun kufaatii diinagdee hamaafi kasaaraa diplomaasii guddaan akka isa mudatu taasise. Gama ummata Oromootinis walwaraansa hamaa dhumaatiin takkaa isa mudatee hin beekne keessa galche. Ilmaan Oromoo baroota shanan dabran kana dhuman yoo ilaalle kanneen bara Haylasilaasee, Darguufi Wayyaanee dhuman hunda osoo walitti dabalamanii ni caala. Waliigalatti gaaga’amni aangoo cimsachuu dadhabuu (crisis of power consolidation) Oromoos Itoophiyaas gaaga’ama hamaa keessa galche. Dhihoo kana lolli gara Kaabaa qabbanaa’us lolli Oromiyaa keessaa garuu akkuma itti fufetti jira. Inumaatuu lolli gara Tigraay dhaabbachuun tumsa haaraya uuumun FUULA 32
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu lola haarayaaf biyyatti saaxiluu akka malu sodaatama. Kana qofaa miti. Worri Itoophiyaa bifaa fi sifa ofiin tolfatee ture, aangoo bara 30 oliif harkaa baate deeffachuuf jecha gara wolwaraansa biraatti ce’aa jira. Akkuma gubatti jenne qabsoon takka aangoo qabachutti aansee cimsachuufi aangoo san fudhatama argachiisutti cehuu qabdi. Aangoo cimsachuun kara lamaan danda’ama. Humnaan (coercion) takkaahuu woliigalteen/mariin (consensus). Gareen reefu taayitaa qabatu tokko humnaan aangoo cimsachuuf utubaalee aangoo keessaa yoo xinnaate sadeen gurguddoo, diinagdee, waraanaafi hawaasa harkaa qabaachuu qaba. Qabsoon Oromoo gaafa aangoo qabattu waraana ofii hin qabdu, diinagdeenis harka warra biraa ture. Utubaan tokkichu ture kan hawaasummaa bifa sabboonummaa Oromootin jiru ture. Hoggansi aangoo qabate faallaa sabboonummaa Oromoo deemuun utubaa kanallee of dhabsiise. Bakka utubaaleen kunniin harka hin jirretti humnaan aangoo cimsachuuf yaaluutu ummata, mootummaafi biyyas gaaga’ama keessa galche. 5.2.1. Rakkoolee fudhatama argachuu (legitimization) hanqisan Hojiin aangoo cimsachuu gufachuunifi cehuumsi karaarraa maqee Oromoofi biyyis jeequmsa keessa galuun, gara boqonnaalee itti aananitti, jechuunis fudhatama argachuufi tikfachuutti cehuu akka hin dandeenye taasise. Aangoo fudhatama argachiisuu jechuun hawaasa kee (base constituency), saboota biiyyatti kanneen biroofi hawaasa alaa birattis aangoon fedhiifi deeggarsa ummataan akka irra jirtu amansiisudha. Kana gochuuf ammoo gara mariifi filannoo amanamummaa qabuutti cehuu barbaachisa. Jeequmsi mooraa Oromoo keessatti uumameefi carraan warreen biroof bane lola hamaa keessa biyyi galuun mariin tasgabbaayaaniifi filannoon haqa qabeessa akka hin godhamne gufuu ta’e. Kanaafuu aangoo waraa alaa biratti (external parties) dhiisii saba ofii jidduuttu fudhatama (legitimacy) argachiisuun hin danda’amne. 5.2.2. Aangoo tikfachuu (power preservation) Aangoo qabatan takka erga cimsatanii fudhatama argachiisanii booda gara of harkatti ittisuu (preservation) ce’ama ture. Aangoo harkatti galfatan cimsatanii, hawaasa ofiifi kanneen biroo biratti fudhatama argamsiifnaan, hojiin ittisuu ni laaffata. Sababnis adeemsa aangoo cimsachuu keessatti utubaalee aangoo sirriitti dhuunfatta. Adeemsa aangoo san fudhatama argamsiisuu keessatti ammoo kanneen aangoo sanitti gaman mariifi filannoon sababa (cause) sirratti fincilaniif FUULA 33
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu dhabsiifta. Kun carraa aangoo jeequmsaafi fincilaan dhabuu hir’isa. Aangoon utubaa humna waraanaa qofaan hin tikfamu. Utubaa siyaasaa, diinaggee, hawaasaa, miidiyaa, diplomaasiifi ilaalcha (ideology) fayyadamuu barbaachisa. Hojii aangoo cimsachuufi fudhatama argamsiisuu milkiin raaw’achuu baannaan garuu utubaalee takka osoo hin dhuunfatin ykn hin jabeeffatin, fudhatama osoo hin argatin warri aangoo sanitti gamu sababa fincilaa akka argatan hireen banamaaf jechuudha. Waggoota shanan dabran kan agarre kanuma. Gartuun aangoo qabate boqonnaaleen aangoo cimsachuufi fudhatama argamsiisuu waan jalaa fashalaniif yeroo ammaa gara aangoo tikfachuu ce’ee jira. Bakka aangoo hin cimsatiniifi fudhatama hin argamsiisinitti, jechuun bakka utubaaleen aangoo guututti hin dhuunfataminitti, humni kamuu aangoo tiksuuf hin hojjatan. Hojiin osoo aangoo itti hin cimsatiiniifi fudhamatama hin argatiin godhamu fagoo hin deemsisu. Jeequmsifi laamsha’iinsi mootummaa baroota dabran argaa turres bu’aa kanaati. Aangoonis akka turtuufi biyyis jeequmsa keessaa akka baatu yoo kan barbaadamu taate, akka sabaattis ta’ee akka gartuu aangorra jiruutti dogongoroota baroota dabranii irraa barachuun jijjirama tarsiimoo gochuun barbaachisaadha. 5.3. Maaltu Sirraawuu Qaba? Qabsoon sabaa takka aangoo kan qabachuu barbaadduuf mirgoota negetiivifi pozatiivii gubbatti eeraman san guutachuufi. Jechuunis hammeenya mootummaan sabarraan gahu dhaabsisuufi toltuu mootummaarraa eeggamu guutuufi. Gara biraan qabsoon takka kaayyoo ishii bakkaan gahuuf aangoo siyaasaa dhuunfachuu qabdi. Aangoo sanitti ammoo sirnaan fayyadamtee mirgaafi dantaa waloo guuttachuu qabdi. Oromoon bara 2018 aangoo siyaasaa argatus mirgoota pozitiviifi negetiivii guuttachuu hin dandeenye. Dogongoroota aangoo cimsachuuf godhaman irraa kan ka’e gurmuun aangoo qabatedantaafimirgaOromooeeguuhindandeenye. SababakanaanOromoorraa deeggarsa aangoo cimsachuuf isa barbaachisus ta’ee fudhatamas hin arganne. Kanaafuu akkuma mootummoota ammaan duraa, haariiroon Oromoofi mootummaa ammaa jidduu jirus kan diinummaa (securitized) ta’ee jira. Tarkaanfii humnaan aangorra turuuf murni aangoo qabate fudhatuun Qeerroon bara 2018 aangotti isaan baase, bosonatti galee humna qawween buusuuf lola itti banee jira. Hariiroon bifa kanaa ammoo gama lachuu, ummataafi mootummaas miidhaa jira. Haala kanaan itti fufnaan mootummaan kunis carraan aangoo tiikfatee umriin dheerefachuuf qabu dhiphaadha. FUULA 34
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Ummataafis taanaan aangoon qabsoo yeroo dheeraa booda dhufte gara gartuu biraatti harkaa bahuun duubatti deebi’uu mala. Lolli gartuu aangoo qabateefi mooraa qabsoo Oromoo jiddutti baname saba adda qoodee, lubbuu kumatamaan galaafatee diinagdee saamicha ormaa irraa hafte barbadeessaa jira. Garee aangorra jirtuufis ta’ee qabsoo Oromoof dogongoroota hanga ammaa raawwataman sirreessaa deemutu faayidaa waloo mirkaneessa. Sabaa Oromoos ta’ee biyya gaaga’ama hamaa keessa galame irraa baraaruuf jijjiramoota godhamuu qaban keessaa kan armaan gadii jajjaboodha. Kunniinis himata sirreessuu (narrative adjustment), daneessummaa keessoo sirnaan taliguu (diversity management) fi hariiroo alaa walqixxeessuudha. Qabxiiwwan kanneen tokko tokkoon haa ilaallu. 5.3.1. Himata sirreessuu (narrative adjustment) Akkuma jalqabarra jenne, qabsoon Oromoo sirna mootummaa Itoophiyaa kan eenyummaa waloo sabichaa balleessuu yaale, qabeenya saamaa ture ofirraa faccisuuf eegale. Kanaafuu qaama qabsoo kanaa keessaa himata (narrative) sirna mootummaa Itophiyaa diigaa (deconstruct), faallaa sanii ammoo kan Oromoo ijaaruu (narrative reconstruction) ture. Kana jechuun himatni Oromoofi kan mootummaa Itoophiyaa (Ethiopian state narrative) walii faallaa (antithesis) turan. Sirni Itoophiyaa Oromoofi saboota biroo humnaan of jala galchuu akka qaroomsuu (civilizing mission) dhiheeffata. Oromoof ammoo gochi kun akka gabroomutti ilaalama. Sirni Itiyoophiyaa Gadaa dabalatee aadaaleefi duudhaa Oromoo akka booddetti hafummaatti abaaruun balleessuuf yaale. Qabsoon Oromoo ammoo hambaalee aadaa kana akka madda qaroomina saba kanaatti dhiyeessite. Adeemsa keessa qabsoon Oromoo Itoophiyaa akka madda rakkoo waan hundaatitti fudhachuun diineffatte. Sirni Itoophiyaas, akkuma gubbatti ilaalle, Oromoo maqaa garagaraa itti moggaasuun diineffachuun qabsoo isaa cabsuuf tattaafate. Haalli kun hariiroon sirna Itoophiyaafi kan Oromoo kan wal lolaa (securitized) akka ta’u godhe. Hanga gaafa aangoon siyaasaa Itoophiyaa harka gita bittuu alagaa harka turetti himanni Oromoo kan Itoophiyaa alagoomsuufi diinomsu kun ni hojjata ture. Erga murni qabsoo Oromootiin baadhatamee aangotti bahee booda hoo? Himatni gaafa gartuun ormaa aangorra jiru ittin deemaniifi gaafa murni cunqursituu ofii aangotti baate dhiheeffatamu jijjiramuun barbaachisaadha. Waan kana daran ibsuuf fakkeenya tarree siyaasaa (ideological spectrum) armaan gadii kana haa fayyadamnu. Tarreen ilaalchaa /Ideology/ bitaa, jidduufi mirgatti qoodamee laalama. Dimshaashatti gartuun aangoo siyaasaafi leeccalloo biyya FUULA 35
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu takkaa keessatti ol’aantummaa qabu tarree siyaasaa gara mirgaa irratti argama. Isaan kunuu bakka lamatti qoodamanii laalamu. Gareen tokko conservative jedhamu. Haalli qabatamaan (status quo) waan isaan fayyaduuf akka haalli jiru tikfamuufi itti fufu barbaadu. Warri tarree mirgaa gara fagoo (far right) jiran ammoo ultra-conservative (reactionary) yoo jedhaman haalli amma jiruuyyuu kan kaleessarra waan hammaateef gara duubaatti haa deebinu jedhu. Warri tarree siyaasaa gara bitaa jiran waliigalatti haala jiru keessatti miidhamaa waan ta’aniif jijjirama barbaadu. Qabsoon sabaa, kan gitaa, koorniyaa (gender) kkf gara bitaatti jiru. Warri gara bitaa kunis bakka lamatti qoodamu. Kanneen sirni jiruu guututti diigamu malee (revolutionary change) falli hin dhufu jedhan radical jedhamu. Kanneen sirni jiru osoo guututti hin diigamin imaammata, hoggansaafi caasaa fooyyeessuun (reform) gahaadha jedhan ammoo liberal reformist jedhamu. Qabsoon Oromoo tarree siyaasaa gara bitaa irra turte. Tarreelee gara bitaa jiran lamaan keessa kamtu qabsoo Oromoof fayyada kan jedhu mormii dhaloota qabsoo irraa eegalee tureedha. Gara tokkoon dhaadannoo ‘Impaayera Itoophiyaa diiguun Oromiyaa walaba taate ijaaruu’ jedhu tarree radical jalatti ramadama. Gara biraan Itoophiyaa osoo hin diigin dimokraatessuun sirna federaalizimiitiin saboota biroo waliin walqixummaan jiraachuun ni danda’ama kan jedhu ammoo liberal jalattti ramadamuu danda’a. Garaagarummaan hamma sirna diigna moo sirna fooyyeessina jedhu jiraatus ilaalchi /Ideology/ qabsoo Oromoo waliigalatti tarree siyaasaa gara bitaarra turte jechuudha. Figure 4: Sadarkaawwan Ilaalcha Siyaasaa Bara 2020n booda kallattiin qabsoo Oromoo fakkii asii kanaan ibsamuu dandaha. FUULA 36
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Waan arganne jabeeffataa of dura injifannoo gonfachuuf gara asii gadii kanatti cehuu qabna. Erga qabsoon Oromoo murna alagaa aangorraa ariitee murna ofii qabsiiftee booda afaanfajjii tarree siyaasaatu uumame. Akkuma gubbatti jenne gartuun aangoo siyaasaafi diinagdee harkatti galfate, aangoo san tikfachuuf jecha tarree siyaasaa gara mirgaa adeemsisa. Warri mootummaa irraa miidhaa himatan ammoo gara bitaa jiru. Bara 2018 booda murni Oromoo gariin aangoo mootummaa Itoophiyaa qabatee fayyadamaa ta’e, gariin ammoo miidhamaa aangoo sanii ta’e. Kanaafuu Oromoon bara 2018 booda matuma isaatifuu tarreelee siyaasaa bitaafi mirgaatti qoodame. Gartuun aangoo qabate gara mirgaatti, warri dhiibame ammoo gara bitaa gore. Figure 5: Ilaalcha Siyaasaa Oromoo Bara 2020n boodaa Baqaqiinsi kun humnoota Oromoo jidduutti walitti bu’iinsa waan uumeef gamni lachuu gara fiixeetti wal dhiibe. Qabsoon Oromoo gara iddoo durii (default position) radical militancy tti yoo deebi’u, murni aangoo qabate ammoo deeggarsa Oromoorraa dhabe warra biraa irraa bakka buufachuuf gara mirgaa furguggaayuun reactionary nationalism keessa seene. Haalli kun humnoota siyaasaa Oromoo addaan qoqqoodee walwaraansa keessa seensise. Waliif duuluu osoo hin taane orma waliin tumsa tolfachuun akka walitti duulan taasise. Haalli kun kanaan itti fufnaan murna aangorra jiruufis ta’ee ummata Oromootifis kasaaraa irraan dabalaa deema. Kana jijjiruuf gara lamaaninuu himata sirreessanii gara jiddutti dhufuun barbaachisaadha. FUULA 37
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Figure 6: Ilaalcha Siyaasaa Oromoon Ofduratti Irratti Xiyyeeffachuu Qabu 5.3.1.1. Gama murna aangorra jiruutin Humni siyaasaa saba/garee cunqurfamaa ture keessaa dhufe tokko gaafa aangorra bahu himata hawaasa isaa suuta suutaan gara jiddutti fiduutu isa fayyada. Aangoo harka galte tiikfachuu waan qabuuf gara bitaa turuu hin danda’u, gara mirgaatti cehuu qaba. Garuu ammoo gara mirgaatti fagaatanii furga’uunis miidhaa qaba. Hawaasichi murni reef aango qabate sun gaafiin qabatee deemaa ture hamma deebisuufitti ykn ammoo sirna mootummaa sanirraa bu’aa gahaa argachuu hamma danda’utti jijjirama itti fufsiisuu barbaada. Kanaafuu humni aangoo qabate gama tokkoon aangoofi sirna biyyaa balaarraa ittisaa, dantaafi mirga hawaasa keessaa bahees bifa madaalawaan deebisaa deemuu qaba. Waggoota shanan dabre kan agarre garuu murni aangoo harkaa qabu gara mirgaatti fagaatee furga’uu isaati. Sabaafi biyya gara fuulduraatti deemsisuu mannaa sirnoota durii faarsaafi jijjiramoota waggoota 50n dabran dhufan busheessuutti ce’uun reactionary nationalism san fudhate leellisuutti seene. Adeemsi siyaasaa /Ideology/ akkasii ammoo garee hawaasaa sirnoota durii irraa fayyadaman hawwata malee kanneen sirnoota saniin miidhaman nu muufachiisa. Gara biraatin murni aangoorra jiru hawaasa sirna duriirraa fayyadamaa ture hawwachuuf ilaalcha isaanii dhaadhessus deeggarsa bu’uuraa cimaa qabu (sustainable support) argamsiisuufi hin danda’u. Waggoota sadan dabre wanti qabatamaan argines kanuma ture. Baroota sadan dabran lola Kaabaafi Kibbaan keessa galeef deeggarsa garee tokkoo horachuuf carraaqaa ture. Adeemsi sun yeroo lolaaf fayyadus gartuu hawaasa ilaalcha san qabuufi kan aangoo harkaa qabu jidduu garaagarummaan bu’uuraa waan jiruuf hedduu deemuu hin danda’u. Inumaayyuu, yeroo ammaa humni reactionary nationalism leellisu, kan worri 2018 aangotti bahe fira godhate, worri aangoo fudhate fedhii isaa guutuufii waan hin dandeenyeef diina ta’uu ifatti labsaa jira. Kanarraa kan ka’e humni aangoorra jiru, koorarra jira malee farda of jalaa hin qabu. Kanaafuu falli jiru murni aangoorra jiru gara jiddutti as deebi’uun hundee hawaasa isaatiin wal simachuu qofa. Jechuunis gama tokkoon akka gartuu aangoo harkaa qabuutti itti fufiinsa sirna mootummaa mirkaneessaa gama biraan ammoo cunqursaa kaleessa tureef dhugaa galchuun jijjiramni akka barbaachisu fudhachuudha. Kanaaf ilaalchi siyaasaa /Ideology/ mootummaa barbaachisu tarkaanfataa /progressive patriotism/ osoo ta’ee dansaadha. Progressive FUULA 38
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Patriotism yaadota lama walsimsiisanii deemuu gaafata. Progressivism jechuun rakkoolee hawaasummaa, diinaggeefi sarbama mirgaa tarkanaafii siyaasaatiin furaafi fooyyeessuun akka barbaachisu amanuudha. Patriotism ammoo jaalala biyyaa qabaachuu, biyya san tursiisuufi aggaammii alarraa tiksuuf of kennuu jechuudha. Yaadota lamaan walitti yeroo fidne progressive patriotism jechuun biyya takka jaalachaa, tokkummaafi itti fufiinsa isiitiif dhaabbachaa, garuu ammoo miidhaaleefi loogii ummatioota biyyaattiirra gahaa turan osoo hin haalin, akka furamuu qaban amanuudha. Jecha biraatiin, progressive patriotism biyyaafi haqa ummataaf ( social justice) bifa walmadaaleen walfaana dhaabbachuu jechuudha. Hoggansi Oromoo aangoo qabate gama lamaanuu shakkamaadha; ummata ofiitinis warra sirna durii irraa fayadamaa tureenis. Ummatichi hoggansi ammaa sirnichuma kaleessa nu miidhe itti fufsiisa jedhee shakka. Sirnichi ammoo gaafii Oromoo yoo qabate na diiga jedhee shakka. Kanaafuu ilaalchi tarkaanfataan /Progressive patriotism/ shakkii kana lamaan araarsuun furuuf fayyada. Bara Wayyaanee yaadni paartiinis ta’ee biyyi itti gurmaa’u democratic centralism ture. Yaadni kun biyya sabdaneessaa keessatti sirna abbaa irree ijaaruuf yoo ta’e malee danummaa waldandeessisanii biyya jaaruuf hin fayyadu. EPRDF irraas kanuma agarre. Biyya sabdaneessaatiif yaadni gurmaa’insaatiif garuu democratic plularism yoo ta’e wayya. Yaadni Democratic Pluralism waan sadi of keessatti hammata. Murtii siyaasaa keessatti olaantummaa hogganaa ykn murna tokkoo qofa osoo hin taane fedhiifi hawwii gareelee biyyattii keessa jirani hedduutu gahee qabaata. Aangoon kan qabatamu humnaan ykn gubbaa gadi kan fe’amu osoo hin taane fedhinnaafi filannoo ummataan ta’a. Sadaffaan irni bulchiinsaafi aangoon nama/ garee tokkoofi sadarkaa gubbatti qofa kan too’atamu osoo hin taane, bifa sadarkaa adda addaatti kan qoqqodame ( decentralized power and administration) ta’a. Biyya akka Itoophiyaa seenaa abbaa irrummaafi loogii gareetiin miidhaan hedduun gahaa ture tan gadoofi goddannisni hanga har’aa hin waldhaanamin, kan yeroo ammaatti dammaqiinsi sabummaa sadarkaa olaanaarra gahee jiru ( heightened nationalist consciousness) keessatti, aangoo gubbatti hudhanii qabanii olaantummaa nama/ garee tokkootiin murtii gubbaa gadi buusaa biyya ijaaruu dhiisii tursiisuun hin danda’amu. Kanaafuu yaadota armaan olii kana daran gabbisanii bifa dimokraatawaa ta’een mirga dhuunfaafi waloo eegaafi eegsisaa deemuun sabdaneessummaan rakkoo walitti bu’iinsaa akka hin taane dhoorkuuf fayyada. FUULA 39
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 5.3.1.2. Gara mooraa qabsoo Oromootin Akkuma armaan olitti irra deddebi’amee kaafame gaafiin Oromoo guututti deebi’uu baatus, himata, tooftaaleefi tarsiimoo sirnoota kaleessaa irraatti fayyadamneen sirna amma jirurratti qabsaa’uun bu’aa barbaadamu saffisa barbaadamuun argamsiisuu hin danda’u. Kanaafuu jijjirama himataa, tooftaafi tarsiimoo fiduu feesisa. Sirreeffama kana fiduuf sirni alagaa dur itti qabsaayaa turre buqqa’ee sirna cunqursituu murna Oromoo keessaa baheetiin bakka buufamuu isaa fudhachuu feesisa. Abbaa irree ormaatiifi si keessaa bahe lachuu yoo si miidhanis bifa walfakkaataan irratti qabsaa’uu hin dandeessu. Namni alagaa tokko sangaa yoo si jalaa hate maatii kee hundi bifa barbaachisu hundaan si waliin irratti duulee irraa siif deebisa. Garuu ammoo obboleessi kee yoo hate hoo? Haqni kee akka deebi’u waliigalanis, akkaataa itti deebifamu irratti qoqqodama yaadaatu uumama. Foon ifii miidhuu irratti hundi wal qixa garaa hin jabaatu. Qobsoon murna hawaasa kee keessaa bahee irratti godhamus rakkoo akkanaa qaba. Gara biraatin gaafa alagaan aangoo mootummaa harkaa qabu san sirnicha guututti diineffataa turre. Tooftaan sunuu erga Wayyaaneen aangoo qabattee Oromoon sirnichitti makamee booda hedduu hin deemsifne. Kana hubachuun yeroo qabsoo Qeerroo san sirnicha guututti diineffaturra adda adda baafnee itti duullee (selective targeting). Yeroo ammaa yeroo murni Oromoo aangoo qabatee jirutti sirnicha guututti diinefachuun bu’aa baay’ee hin buusu. Gaafiin irra deddeebi’ee diipplomaatota biyyoota garagaraa irraa ka’us kana agarsiisa. “Erga murni Oromoo aangoo qabatee Oromoon ammas maalif qabsoo itti fufe? Maal barbaada?”jedhanii irra deddeebi’anii gaafatu. Deebiin yeroo heddu hoggansa qabsoo irraa kennamu, kanuma durii (default answer) ta’ee argina. Kunis ofiin of bulchuu (autonomy) barbaanna, riifirandamii barbaanna kkf kan jedhuudha. Deebiin isaanii, “murna Oromoo tokkorraa fottoquu barbaaddanii?” kan jedhudha. Hin amansiisu. Kanaaf sadarkaa qabsoon tun irra geessetti Oromoon sirna waliigalaan balaaleffachurra gocha (act of commission and omission) sirnichaa irratti fuulleeffachuutu isa baasa. Kanaafuu dhimmoota hawaasummaa, diinaggeefi siyaasaa mootummaan dhiisuufi guutuu qabu adda baasanii irratti qabsaa’uutu irra wayya. Kana yoo jennu murna amma aangorra jiru mormuu hin barbaachisuu miti. Murna aangorra jiruufi sirna mootummaa adda baasanii ilaaluun, gocha murnaa irratti fuulleeffachun murni badii akka FUULA 40
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu sirreesu ykn ammoo hoggansa biran akka bakka bu’u godhuu irratti fuulleffachuutu barbaachisa jechuudha. Qabsoon sabaa takka murna alagaa aangorraa buuftee murni ishii keessa madde aangoo qabatee sirna abbaa irree yoo jaare, mirga guutuu goonfachuuf qabsoo itti fufuun barbaachisaa ta’us himata sirreeffachuun dirqama. Yeroo sirna abbaa irree alagaa irratti qabsaa’amu liberation narrative fayyadamaa turame, gaafa murna abbaa irree ofiitti qabsaa’amu ammoo gara democratization narrative ceesisuutu fayyada. Liberation narrative aangoo harka alagaatii baasuuf fayyada. Aangoo murna abbaa irree hawaasa kee keessaa madde harkaa fuudhuun harka ummataa galchuuf democratization narrative fayyadamuu barbaachisa. Ormarraa malee jallataa keetirraa walaba hin baatu. Himata jijjiruu kana keessatti wanti ifatti hoggansifi ummanni Oromoo murteessuu qabutu jira. Kunis akkuma sila jenne jalqaburraa kaasee mirgaaafi dantaa Oromoo kabachiisuufi biyya kophaa jaarranna moo tanuma jirtu dhuunfannee akka nuufi warra biraafis taatutti tolfanna kan jedhu dhimma wal falmisiisaa ture. Dhawaataan yaadni aangoma sirna Itoophiyaa too’achuun dantaa keenyaafi kan saboota biroos eegsisuuftu fayyada jedhu olaantummaa argataa dhufus, yaadni Oromoon fottoquu barbaada jedhu saboota biroo biratti afaanfajjii, shakkiifi sodaa uumee jira. Keessattu saboonni gama Kibbaafi Bahaa nu facaasanii deemu sodaa jedhu qabu. Dhugaas qabu. Miidhaa hamaas saaxilamu. Yaadni Oromoon fottoquu barbaada jedhu erga murni Oromoo aangoo qabates hin dhaabbanne. Kun fudhatama (legitimacy) aangoo Oromoo miidhaa jira. Kanarra aanuuf himata qabsoo Oromoo tooftaan jijjiraa deemuu barbaachisa. Hojjatamaas ture. Baroota 1990moota keessa mariin himata sirreessuu kun ABO keessatti eegalee falmaa cimaa uume. Yaadni Itoophiyaa dhuunfachuu qaanii (taboo) ta’uun isaa cabee marii bal’aaf saaqame. Bara qabsoo Qeerroo of eegganno cimaan osoo alaafi keessaanis nutti hin dammaqamin hima Oromoo gara jidduutti fidne. Kunis qabsoo Oromoo farra Itoophiyaa (antithesis) ta’uurraa gara fedha Itoophiyaan naan maltiitti jijjiirre. Jijjirmani himataa (narrative transformation) kun bilchaatee sirba Haacaaluun galma Barkumeetti sirbeen ’Arat Kiiloof situ aane’ jedhuun ifatti lallabame. Erga aangotti dhufameeyis himata qabsoo Oromoofi sirna mootummaa Itoophiyaa wal simsiisuuf (narrative reconciliation and integration) hojiin eegalamee ture. Gahee Oromoon biyyattii jaaruufi tiksuu keessatti qabu FUULA 41
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu agarsiisuuf xiyyeeffannon wantoota waloo akka Injifannoo Adwaa ol baasuufi Haacaaluufi artistoonni biroo godhaa turan qaama kanaati. Garuu ammoo yaaliin hima lamaan walitti araarsuuf eegale, sababa moraa Oromoo keessatti lola dhoohuutiin gufatee jira. Murni aangoo qabate gara ilaacha booddeessaa (reactionary) deemuuniifi, qabsoon Oromoo ammoo siyaasa qabsootti deebitee himata durii (default narrative) dhaadhessuu eegaluun, yaalii himata lamaan walitti araarsuu gufachiise. Murni aangoo qabate ilaalocha Itoophiyaa durii dhaadhessuun ilaalcha qabsoo Oromoo xiqqeessutti deeme, moraan qabsoo Oromoo ammoo himata Itoophiyaa dhuunfachuu gatuun gara balaaleffachuu deebite. Oromoodhaaf fottoquurra sirna federaalawaafi dimokraatawaa ta’e ijaaruun dantaa ofii eegsifachaa saboota biroo waliin biyya takka keessa jiraachuu wayya yaada jedhurratti waliigama taanaan himata qabsoo Oromoofi sirna Itoophiyaa walitti araarsuun dirqama. Kana gochuuf lamaanuu gara jidduUtti fiduu feesisa. Yaalii hanga ammaatti godhameen dogongoroota hojjataman irraa sirreeffamuu qabna. Fakkeenyaaf namnifi murni sadarkaa Itoophiyaatti aangoo qabate yeroo heddu himata qabsoo Oromootti qaanfachuun irraa of fageessuun kan Itoophiyaa qofa leellisuutti deema. Kun dogongora. Kara biraatiin hoggansi qabsoo Oromoo ammoo Itoophiyaa abaaruufi busheessuu akka tooftaa sabboonummaa calaqqisiisutti kan fayyadamus jira (populist tactic). Wanti irra wayyu kan aangoo qabate himata Oromoo osoo hin gatin fooyyeesse (modify) godhee akka saboota biraa hammatutti fayyadamuu, kan Itoophiyaas gara jiddutti harkisee akka Oromoo hawwatutti dhimma bahuu qaba. Himata lamaan kana walitti araarsuuf waldhibdee (contradiction) murna aangorra jiruufi qabsaa’ota Oromoo adda fageessite furuun gamni lachuu gara jidduu dhufan gochuun dirqama. Oromiyaa ijaaruuf Itoophiyaa diiguun, Itoophiyaa ijaarufis Oromoo xiqqeessuun barbaachisaa akka hin taane irratti waliigalamuu (consensus) barbaachisa. Dabalataanis garaagarummaa ilaalchaafi waldhibdee qaamota siyaasaa Amaaraa waliin qabnu dhiphisuun barbaachisaadha (dhimma hariiroo Oromoofi Amaaraa kana boodarra bal’inaan itti deebina). Himatni siyaasaa (political narrative) humni siyaasaa tokko akkaataa taatewwan kaleessa, har’aafi boru itti dhiheessu irratti hundaaya. Fakkeenyaaf saboonnifi gartuuleen cunqursaa keessa jiran, seenaa kaleessaa kan gaafa bilisa ta’anii guddisanii laaluun dhaadhessu (glorious past). Baroota erga sirna cunqursaa alagaa jala galanii ammoo akka bara abaaramaatti (degraded present) dhiheessu. FUULA 42
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Gara fuulduraa bara roorroo jalaa itti bahan ammoo hawwii guddaan miidhagsanii dheessu (utopian future). Himata qabsoo Oromoo yoo ilaalle, baroonni weerara Minilik duraa bara bilisummaafi qananiitti ilaalamu. Gadaan akka mallattoo seenaa boonsaa durii sanitti dhiyaata. Weerara Minilik booda barrooni jiran ammoo bara kufaatii, salphinaafi cunqurfamuuti. Gaafni sirni cunqursaa alagaa ka’e ammoo bara bilisummaafi misoomaatti abjootama. Himati Oromoo kun himata sirni mootummaa Itoophiyaa irratti hundaayee as gaheen walfalleessa. Baroonni Oromoof akka badhaadhinaafi qananii dhiheeffatu, himata Itoophiyaa keessatti akka kan doofummaafi duubatti hafummaatti dhiyeeffamaa ture. Bara Oromoon kan roorroofi salphinaatti ilaali, sirni Itoophiyaa ammoo akka bara Itoophiyaan ijaaramtee guddinaafi misooma sentetti dhiyeeffata. Erga sochiin Oromoo aangoo qabatee booda waldiddaa himata qabsoo Oromoofi sirna Itoophiyaa jidduu jiru kana tooftaan walfudhchiisuu barbaachisa. Tooftaalee kana keessaa tokko, akkuma Hacaaluun godhaa ture, dhimmoota himata lamaanuu biratti ija gaariin laalaman (positively viewed) olbaasuun dhaadheessuu faa dabalata. Kana yoo goonu garuu himata Oromoo kaleessa dhiheeffataa ture akka hin faallessinetti of eeggannoo cimaan hojjachuun barbaachisaadha. Waggoota shanan dabran kana murni aangorra jiru dogongora akkanaa irra deddeebin yoo raaw’atu argaa turre. Himanni kaleessa qabaachaa turre fooyya’uu (adjust) yoo jennu faallessurraa adda. Himati kaleessaa bu’ara (foundation) Himata kaleessaa gara faalleessuufi xureessuu deemnaan hima har’a tolchuuf deemamuu jalaa bu’ura diiguu jechuudha. Roorroo kaleessa Oromorra gahe xiqqeessuufi haaluuf deemuun, aangoo har’aas sababa (justification) dhabsiisuu taati. Dhimmoota himata lamaan hedduu adda fageessan (extreme contradiction) irra dabruun danda’ama ta’a; guututti haquufi haaluuf yaaluun garuu rakkoo qabaata. Walumaagalatti Oromoon aangoo sirna Itoophiyaa erga dhuunfatee himata biyya san bulchuuf isa dandeessisuufi fudhatama (legitimacy) argamsiisuuf tolfachuu qaba. Himata akkasii ammoo kan tolfatu himata qabsoo isa asiin geesse gatuufi waakkachuun osoo hin taane fooyyeessuun gara jidduutti fiduun; akkasumas himata sirna Itoophiyaa ammoo takkaa akka qabsoon Oromoo godhaa turte balaaleffachuun ykn ammoo kanuma sirnoonni amma duraa oofan guututti madaqfachuun osoo hin taane, fooyyeessuun gara jiddutti fiduuni. FUULA 43
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 6) BOQONNAA 5FFAA QABSOO OROMOO Akkuma gubbatti jenne gaafileen Oromoo sadan hanga ammaas guututti hin deebine. Gaafilee san deebisuufis isaan keessaa kan sadeessoo, jechuunis aangoo mootummaa qabachuun barbaachisaa akka ta’e eerameera. Aangoo harka ormaatii baasuun murna ofii harka kaayuun jijjirama ta’us, hanga mootummaan ummataan filame ijaaramutti mirgoonni negetiiviis ta’ee pozitivii guutamuu hin danda’an. Kanaafuu qabsoon Oromoo boqonnaa shanaffaatti ce’uu qabdi jechuudha. Boqonnaan kunis mootummaa ummataan filame dhaabbachuu, akka biraan yoo ibsine, sirna mootummaa dimookraatawa ijaaruudha. Qabsoon tun boqonnaa dammaqsuu, ijaaruu, lafa qabsiisuu (state formation), aangoo qabachuu keessa dabartee yeroo ammaa gara dimokraatessuu cehaa jirti jechuudha. Boqonnaaleen kunneen kan walirra bu’an (overlapping) ta’anis, hojiilee boqonnaalee dabranii cimsaa caalaatti garuu kan haarayaa irratti fuulleeffachuun barbaachisaadha. Qabsoo boqonnaa shanaffaa, kan sirna dimokraatessuuf godhamu keessatti hojiilee hojjatamuu qaban keessaa inni duraa ilaalcha sirreeffachuudha. Yeroo dimokraasitti cehutu nu fayyada jenne ilaalcha lamatu dhihaata. Tokko haalaafi biyya san keessatti dimokraasii fiduun hin dandamu kan jedhu mormitootaafi hayyoota gariin kan tarkanfachifamu yoo ta’ u kan lammataa ammoo dimokraasin biyya kana keessatti hin barbaachisu kan jedhu kan murna aangorra jiruufi deeggartoota isaatiin dhiyaatuudha. Ilaalchota lameen kanneen tokko tokkoon haa ilaalluu. a) a Dimokraasiin hin danda’amu Warri dimokraasiin hin danda’amu jedhan yaada isaanii kana cimsuuf sababoota hedduu tarreessu. Kanneen keessaa gurguddoon Afrikaa keessatti, sanuu Itoophiyaa ilaalcha Abisiiniyaatiin hoogganamtu keessa dimokraasin dhalachuus ta’ee guddachuu hin danda’u kan jedhu. Ilaalchi fi hojmaatni Afrikaa keessaa akkasumas aadaan siyaasaa Itoophiyaa faallaa dimokraasii ta’uun waan haalamu miti. Garuu aadaan ummataafi saba kamiitu kan dimokraasiif mijaawaa tahee uumame hin jiru. Sirni dimokraasii samii bu’es hin mul’anne. Ummanniifi biyyoonni sirna dimokraasii ijaarrachuurratti milkaayan qabsoo yeroo dheeraafi aarsaa guddaa booda itti fuulla’an. FUULA 44
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Biyyoonni Afrikaa heddu dhiittaa abbaa irreefi walwaraansa yeroo dheeraa booda tibbana gara dimokraasii tirataa akka jiran agarra. Ollaa keenya Keeniyaafi Somaaliyaa ilaalun ni danda’ama. Nu biras taanaan, rakkoon sabaafi biyya keenyaa sirna abbaa irreetiin akka hin furamne erga waliigallee, dheeratus ulfaatus gara dimokraasii ce’uu irratti hojjachuu malee falli irra wayyaa hin jiru. Yaadni biraa dimokraasiin hin danda’amu jedhu, murni amma jiru humnaan malee tola hin beeku, dimokraasiis hin barbaadu kan jedhurraa madda. Dhugaadha, namnis ta’e murni aangoo qabate tokko aangoo tolaan gadi lakkisuu waan hin barbaanneef, waan danda’e hundaan cehuumsa gara dimokraasii gufachiisuu barbaada. Kan karaa dimokraatawaan filameeyyuu osoo danda’ee humnaan angorra turuu haawwa. Ameerikaatti yaaliin Donald Trump bara dabre godhe kanaaf ragaadha. Dimokraasiin fedhii namaafi murna aangorra jiruun dhufee tiikfamus hin jiru. Dimokraasii kan fidus kan tiksuus qabsoo ummataati. Akkuma gubbaatti tuttuqne qabsoon sabaa takka guututti galma gahuu kan dandeessu gita bittuu alagaa ofirraa buqqisuu qofaan osoo hin taane, mootummaa ummataan filatameefi ummatichumaan tooa’atamu ijaaruu qofaani. Murna aangorra jiru tokko kan biraatin jijjiirunis kophaa isaatti bu’aa hin qabu, yoo fedhiifi filannaa ummataan bakka bu’e malee. Kanaafuu sirna dimokraasiif qabsaayuun nuffisisaafi yeroo kan fudhatu ta’us faloota jiran birootirra isuma wayya. b) Dimokraasiin hin barbaachisu Hooggansifi murni aangoorra jiru ammoo dimokraasiin hin barbaachisu jedha. Sababoota kana keessaa tokko erga sirni alagaa buqqa’ee nama ‘keenyaan’ bakka bu’ee booda gahaadha kan jedhu. Kun dhugaa akka hin taane taatewwan waggoota shanan dabranii ilaaluun qofti ragaadha. Bulchiinsi alagaa qaari’ee ‘keenya’ bakka bu’us ajjeechaan, saamichi, diineffamuun hin dhaabbanne. Inumaatuu itti hammaate malee. Yaadni biraa ka’u, dimokraasiin dhufnaan aangoo dhabna kan jedhuudha. Dhugaadha sirna dimokraasii dhugoomsuun namootaafi murnoota aangoo dhabsiisuu mala. Akka sabaatti garuu Oromoon dimokraasii keessatti wanti dhabu hin jiru. Inumaatuu maqaa isaatiin murni tokko sirna abbaa irree ijaaree turuun sabooota ollaa waliin walitti isa diinomsa. Waggootuma shanan kanattuu saboota waliin jiraannu waliin wal waraansa keessa nu seensisee jira. Kanaafuu Oromoodhaaf wabiin mirga keenya eegsisuus ta’ee aangoon gara ormaa akka hin deemne ittisuu, sirna dimokraatawaa dhaabuudha. Sirni abbaa FUULA 45
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu irree hammamuu yoo ture kufaatiin isaa hin oolu. Gaafa kufu garuu balaan isaa qondaalota qofaas osoo hin taane saba keessaa bahanis kan kasaarsuudha. Kanaaf fakkeenya fagoo osoo hin deemne murna Wayyaanee laaluun ni danda’ama. Isaanis akkuma jara keenya ammaa dimokraasiin hin barbaachisu humnaan turuutu dhaabaafi saba keenya fayyada jechaa turan. Gaafa kufan garuu wanti isaan waggoota 27 ijaaran wagoota shanii gaditti daaraa ta’e. Kanaafuu yaaliin murni amma aangorra jiru sirna abbaa irree jaaruuf tattaafatu miidhaa bara aangoorra jiru geessisuun dabalata gadoo hamtuu saboota ollaa waliin uumuu danda’a. Dimashaashumatti boqonnaa 5ffaa qabsoo Oromoo itti seenaa jirru kun kan sirna mootummaa ummataan filamee mirgaafi dantaa ummataa eegee eegsisu itti ijaaruuf carraaqnuudha. Wanti wal yaadachiisuu qabnu tokko sirna dimokraasii jaaaruuf qabsoofna jechuun dhaloonni keenya irraa fayyadamaa ta’a jechuu ta’uu dhabuu mala. Abbootaafi akaakoowwan keenya gaafa qabsoo sirna alagaa ofirraa kaasuu eegalan lubbuun jiraannee firii bilisummaa sanii fayyadamna jedhanii miti. Akkuma Waaqoo Guutuu jedhe danda’an hiddaan buqqisuuf dadhaban ilmaan itti guddisuuf murteessanii itti seenan. Hedduun isaanii akka wareegamaniifi jijjirama hawwan san ijaan arguu hin dandeenye inuma beeku ture. Garuummoo isaan aarsaa ta’anis hawwiin isaanii ilmaan isaan itti guddisaniin milkaayuu danda’eera. Aarsaan boqonnaa qabsoo tokkooffaaf kafalamu kan boqonnaa lammaaffaatiif karaa saaqe. Kan lammaffaa kan sadaffaaf haala mijeesse. Kan sadaffaa ammoo 4ffaaf haala mijeessee aangoo harka alagaatii baasise. Kan afaraffaa ammoo kan shanaffaaf karaa saaquun aangon harka abbaa-irrootaatii baate harka ummataa akka galtu gochuuf akka dandeessutti qabsaa’uun barbaachisaadha. Jechuunis dhaloonni kun aangoo harka galte akka harkaa hin baaneefi ummata hin miinetti fayyadamuun dabalataan sirna dimokraasitti biyya ceesisuun ummanni Oromoofi saboonni biyyattii cufti roorroo sirna abbaa irreefi loogii jalaa bahee mootummaa ofii filateen akka of bulchu dandeessisuun dirqama boqonnaa 5ffaa kana jalatti qabsaa’onni bahuu qabaniidha. Akkuma gubbatti jenne boqonnaaleen qabsoo walirra aanu (overlap). Jechuunis boqonnaa tokkorraa kan itti aanutti ce’amus, kan duraa sun hin dhaabbatu, ittuma fufa. Boqonnaaleen walitti aanaan walirratti hirkataafi wolgabbisaa deemu (interdependent and feed into each other). Boqonnaa 4ffaa keessa jirru kan aangoo qabachuu, cimsachuu, dhugeeffachuufi tikafachuu ittuma fufa. Hojiin boqonnaa 4ffaa milkaa’inaan hojjatamuun boqonnaa shanaffaaf karaa saaqa. Gufachuun FUULA 46
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu ammoo duubatti harkisa daranuu ammoo ni laamshessa. Nus kanatu nu mudate. Gatantarriifi dogongorri boqonnaa 4ffaa keessatti raaw’atame kan 5ffaa tursiisee jira. Ta’us amma gara boqonnaa shanaffaa ce’uun akeeka boqonnaa 4ffaa san bakkaan gahuuf fayyada. Kana jechuun biyya gara dimokraasitti ceesisuuf carraaquun aangoo cimsachuu, dhugeeffachuufi tikfachuuf ni fayyada. Aangoon cimtee, dhugeeffamtee tiikfamte ammoo sirna dimokraasii waaraa (sustainable democracy) uumuuf faaydaa qaba. Yeroo cehuumsa boqonnaa afurii gara 5ffaa godhamu kana keessatti hojiilee waliif tumsaniifi wal gabbisan hojjachuu feesisa. Jechuunis dogongoroota boqonnaa 4ffaa keessatti raaw’ataman furaa, kan 5ffaaf hojjatamaniif bu’ura kaayaa deemna. Hojiilee hojjatamuu qaban ijoofi muraasni armaan gaditti ilaalla. 6.1. Nagaa Buusuu Akkuma olitti laalle qabsoon Oromoo aangoo harka ormaatii baaftee murna ofii harka erga seensiftee booda, adeemsa aangoo cimsachuu keessatti walwaraansa keessoofi alaa keessa seentee jirti. Waggoota afran dabran kana humnoonni siyaasaa Oromo lola bifa lamaa keessa turan. Keessoodhan kan Oromiyaa keessatti ofii wal waraanaan yoo ta’u, alaan ammoo murnoota Tigraayifi dabree dabrees kan Amaaraa waliin lola taasifamaa tureedha. Lolli kunniin utubaalee aangoo miidhuun murni aangoo qabu akka hin cimsanne godhe. Baasiin lolaaf bahuufi qabeenyi manca’u utubaa diinaggee laaffise. Walwaraansi Oromiyaa keessaa bu’uura hawaasummaa (social base) addaan baqaqsee laaffise. Lolli alaa (external) ammoo hariiroo sabootaa hammeesse. Dhumaatiifi yakkoonani lola keessatti godhaman kufatii diplomaasii fidan. Kun hundi walitti dabalamee aangoo cimsachuun akka hin danda’ame taasise. Kanaafuu aangoo cimsachuufis ta’e gara dimokraasitti ce’uuf lolli dhaabbachuufi nagaa waaraa buusuun barbaachisaadha. Lolli itti fufuun rakkooleen gubbatti eeraman daran hammachaa deemuun kufaatii warra aangorra jiruu qofa osoo hin taane diigamuu ummataafi biyyaa dhaqqabsiisuu danda’a. Nagaan jiraachuun dhumaatii ummataafi barbadaa’uu qabeenyaa hanqisuu qofa osoo hin taane fayyaa siyaasa biyya tokkoof murteessaadha. Wantoota (factors) cehuumsa gara dimokraasii danqan keessaa tokko walwaraansi jiraachuudha. Biyya lolli keessatti adeemsifamu keessa siyaasaa waraanaatu (securitized politics) uumama. Kun ammoo murnoota angoo qabatanii sirna abbaa irree uumuu fedhaniif dirree siyaasaa dhiphisuuf sababa ta’aaf. Keessattuu tapha siyaasaa keessatti ni caalamna jedhanii warri yaadan tooftaa siyaasa waraanaa FUULA 47
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu biyyatti fiduu fayyadamu. Dirreen siyaasaa dhiphachuun mariileefi hojii gara dimokraasitti ceesisu hojjachuuf rakkisaa ta’a. Kanaafuu lola dhaabuun tasgabbii buusuun warra taaytaa harkaa qabuuf aangoo cimsachuuf, ummataaf ammoo kasaaraa lola waliin dhufu hanqisanii gara dimokraasii cehuuf murteessaadha. Kanarraa ka’uun hojiin nagaa buusuu xiyyeeffannoo sadarkaa duraa argachuun hojjatamuu qaba. Akka Oromootti nagaa keessaafi alaas buusuu irratti fuulleffachuu qabna. Nagaa keessoo buusuf bakka irraa eegalamu humnoonni qawween walwaraanaa jiran, gara marii araaraatti akka dhufan gama maraa dhiibbaafi tumsa gochuudha. Murni aangoo harka qabu aadaa ‘kophaan nyaadhaa’ warra isa dura aangorra turanirraa dhaaleen balaa dhaqqabe hubachuun aangoofi itti gaafatamummaa hiruudhaaf of qopheessuu qaba. Gama kaaninis humnoonni qabsoo hidhannoo keessa jiran qawwee kaasuuf sababa amansiisaa gahaa qabaatanis lolli itti fufuun saba kanaaf kasaaraa hamaa akka fidu beekuun nagaaf of qopheessuu qabu. Gareeleen dirree waraanaatti walwaraanaa jiran waliigaltee lola dhaabuu irra erga gahanii booda dhaabbileen siyaasaa hafaniifi hayyoonni biyyaa hirmaachuun waliigaltee siyaasaa (political settlement) cimaa gama hunda fayyaduufi amansiisu irra gahamuu barbaachisa. Humnoota Oromoo jiddutti nagaya buusuun lola humnoota saboota biraa waliin godhamus dhaabsisuuf fayyada. Humni Oromoo itituun warreen biraa waliin cimina (position of strength) irra dhaabbatanii haasayuuf fayyada. Akkasumas sirna hawaasa bu’uuraa isaa waliin walhubannaa qabuutu jira jechuun kanneen humnaan dhiibuu malan sodaaachisuun lola hambisa (deterrent effect). Walwaraansi gareelee saboota biraa waliin godhamus akka dhaabbatu hojjachuun dirqama. Lolli Kaabaa bifa faayidaa gaarii qabuun goolabamaa jira. Walitti gaarreffannaan Amaara waliin godhamaa jirus tooftaafi bilchinaan too’atamuu qaba. Hariiroo biyyoota ollaa waliin qabnus sirreeffachuun haala waldhibdee keessoo keenyaa keessa akka hin gallee taasisuun barbaachisaadha (hariiroo saboota ollaafi biyyoota ollaa waliin qabnu irratti gara boodaatti itti deebina). Walumaagalatti hojiin guddaan yeroo ammaatti Oromoon irratti fuulleffatuu qabu nagaya buusuudha. Nagaa buusun aangoo cimsachuufis ta’ee gara dimokraasitti ceenee gaafilee ummata keenyaa guututti deebisuuf murteessaadha. FUULA 48
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 6.2. Daneessummaa Keessoo Taliguu (Managing Internal Diversity) Oromoon saba baay’ina ummataan guddaafi lafa bal’aarra qubatee jiruudha. Dabalataanis gosoota heddutti qoqqoodamee kan jiruufi amantiilee garagaraas hordofa. Kana jechuun Oromoo saba daneessummaa keessoo bifa garagaraa qabuudha. Saba akkanaa dammaqsanii, eenyummaa waloo isaa deebisanii jaaranii humneessanii cunqursaa alagaa jalaa baasuun hojii hedduu ulfaataati. Qabsoon Oromoo garuu itti milkooftee jirti. Milkaayinni kun rakkinoota (challenges) danummaan qabu kana irra aanuun as gayame. Gaafuma qabsoon reefu dhalatturraa danummaan madda murnaa ta’uun qabsoof rakkoo uumaa turte. Yeroodhaa gara yerootti qoqqodama jaarmayaafi hooggansaa dhalchuun qabsoon saffisa barbaadameen akka hin deemneef sakaalaa turte. Rakkooleen qaawwaa danummaa fayyadamanii dhalatan qabsoo Oromoo keessatti naannummaa ykn gandummaa jedhamanii beekaman kun madda lama qabu. Kan uumamaafi nam-tolchee. Kan uumamaa sabni kun uumamumaan gosaafi goda qaba. Gosa hedduu irraa ijraame. Goda/ qubsuma baddaafi gammoojii, raareefi gaaraa irra qubata. Kan nam-tolchee ammoo qoqqodama humni gita bittaa alagaafi jaarmayaaleen siyaasaa kalaqaniidha. Babal’ina ummataafi sosochii (population growth and movement) godhaa tureen sirni Gadaa laaffataa yeroo dhufetti alagaan cabsame. Alagaan sun ammoo sabni kun tokko ta’ee kaanaan sirna cunqursaa akka ofirraa buqqisuu waan beekuuf sabicha qubsuma lafaan qoodee saboota biroon walitti hidhe. Kun Oromoon caasaa bulchinsa waloo qabaatee hojii waloo (collective action) irratti akka hin bobbaane dhoorguuf ture. Sababa kanaan namni eenyummaa waloo sabummaarratti hundaa’een osoo hin taane godina alagaan uumeen akka of beekuufi of waame (self-identification) godhe. Qabsoon Oromoo akkuma eegalteen rakkoolee kanarra aanuuf hojii guddaatu hojjatame. Keessattuu Waldaya Maccaa Tuulama keessatti gosaafi qubsuma lafaa uumamaan jirtu dabalatee qqoqqoodama amantiifi godinaa irra aanun tokkummaa Oromoo deebisanii jaaruun akeeka guddaa ture. Yeroo gabaabaa keessattis itti milkaayamaa dhufe. Qabsoon Oromoo hogganoonni mul’ata qaban hedduu baroota 1970mootafi 1980moota gara jalqabaa wareegamaan dhabuun jaarmayoonni qabsoo Oromoo madda gandummaafi naannummaa ta’aa akka dhufan godhe. Hoggansi mul’ataafi dandeettii qabu dhumuun itti gaafatamummaan gara warra mulataafi dandeettiin hanqattuu harka akka buutu godhe. Hogganaan mul’ataafi dandeettii FUULA 49
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu qabu tokko bu’aa buusa. Hoggansi bu’aa buusuu danda’u tokko (effective leader) bu’aa saniif deeggarama, jaalatama. Bu’aa san daran guddisuuf ammoo namoota dandeettii qaban ofitti harkisa (merit-based recruitment and promotion). Hoggansi bu’aa argamsiisuu dadhabe ammoo ni qeeqama, aangoo isaattis itt gamama. Aangoo san tiiksfachuufi dadhabbii ofiis dhokfachuuf namoota dandeetti qaban osoo hin taane amanamoo ofitti qabuu filata (loyalty over merit). Hawaasa durumaanuu qanqummaa uumamaafi qoqqodama alagaatiif saaxilee jiru keessatti amanamummaan firummaafi walitti dhiheenya qumsuma lafaatiin dhufti. Hoggansi bu’aa buusuu dadhabe kenatti fayyadamuun namoota dandeettii qaban osoo hin taane kan amanaman gosaafi lafaan itti dhiyaatanii of marsa. Kun murnummaa uumee jaarmaya daran laaffisa. Haala kanaan dhumaatiin hoggansa mulataafi dandeettii qabuu danummaan Oromoo murnummaaf hojiirra akka ooltu kaaraa saaqe. Murnummaan danummaa irratti hundaaye kun qabsoo miidhuu qofa osoo hin taane illaa (dhukkuba) ammas siyaasa Oromootti balaa taate dhalche. Rakkoon danummaa irraa dhufu kun bara qabsoo caalaa erga aangotti dhufamee irra hammachuu mala. Sababnis bara qabsoo murnoonni kan uumaman garaagarummaa adeemsaafi tarsiimoo qabsoo irratti hooggansa jiddutti dhalaturraayi. Diinni waloo alaa (external common enemy) jiraachuun baqaqa bara qabsoo uumamu irra aanuuf fayyada ture. Erga aangoon harka alagaatii baatee murna Oromoo harka galtee garuu diinni waloo alaa hin jiru. Daran ammoo aangoo biyyaa (state power) qabachuun leeccalloofi humna biroos dhuunfachuu waan ta’eef qoqqoodamni murnaa wal miidhuuf karaa saaqa. Namni ykn murni aangoo qabate warreen isa mormaniifi deeggartoota isaanii gara qabeenyaafi dhibbaa biroon miidhuuf humna qaba. Saba danummaa keessoo qabu keessatti ammoo walmiidhuuun tun bifa naannoofi amantii horachaa deemti. Haalli taaytaatti dhimma bahanii gareen walfayyaduufi wal miidhuu kun ammoo sabummaa aarsaa guddaan ijaaramee aangoof geessise san bu’ura diiguu jechuudha. Aangoon rakkoo daneessummaa daran akka hammeessitu muuxannoo waggoota shanan darbaniitin agarree jira. Akkaata murni aangoo qabate of tiksuuf loogii godhaa tureen silaa balaa kanarra hamaatu dhalachuu mala ture. Garuu ammoo hojiin Oromummaa jaaruuf waggoota shantamaa oliif dalagame cimaa ta’urraa kan ka’e tokkummaan sabichaa hanga ammaatti dandamachuu danda’e. FUULA 50
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Kanaafuu bara aangoo harkaa qaban keessatti dhimma daneessummaa of eeggannoo guddaan qabuun dirqama. Rakkoo daneessummaan fiduu malu hanqisuuf falli jiru ganamumarraa kaasuun qoodamni aangoofi leeccalloo qaamota hawaasa mara bifa haqa qabeessa ta’een (fair and equitable distribution of power and resources) akka jiraatu gochuudha. Kana milkeessuuf ammoo hooggansi Oromiyaafi jaarmayoota Oromoo daneessummaa sabichaa akka calaqqisutti tolfamuu qaba. Kanarratti murni aangoo gubbaa jirus ta’ee mormitoonni of eeggannoo fi hubannoo cimaan socho’uu qabu. Karaan biraa daneessummaa itti taligan walitti makama qaamolee hawaasaa (social integration) jajjabeessuudha. Kunis dargaggeeyyiin daangaa gosaa, amantiifi godinaa cehuun akka walfuudhan jajjabeessuu dabalatee ramaddiin barattoota yunivartiileefi hojjattota mootummmaa yeroo geggeeffamu waljala dabrsuun gaariidha. Hojii aadaafi afaan waalteessuu jajjabeessuun gaarii ta’ee, duudhaafi loqodni waloo omishamu kan naannawni tokko olaantummaa itti qabu osoo hin taane kan hunda hammate akka ta’utti hojjachuun barbaachisaadha. Tokkummaafi walitti makama hawaasaa gaarii kan fidu wal-liqimsuu (assimilation) osoo hin taane walsimsiisuu (integration) waan ta’eef Orumummaan calaqqee gosaafi goda ishii maraa akka taatutti deemuu feesisa. Daneessummaan dhugaa (fact) hawaasni kamuu waliin uumame ta’uu beekne haqa kutaa hawaasa hundaa eeguun barbaachisaa ta’uun akkuma jirutti ta’ee, tarkaanfilee daran ummata adda facaasan irraa of eeguunis gaariidha. Fakkeenyaaf akkaataan caasaalee bulchiinsaa akka godinaafi aanaa itti jaaramaniifi moggaafaman maqaa gosootaa ta’uun, falmii abbummaa kaasa. Gosooonni hedduun walkeessa qubatanii waan jiraniif dhimmi abbummaa kun ummata addaan fageessa. Haaluma kanaan moggaasa bulchiinsaa alagaan Oromoo ittii qoqqodaa tures jijijjiiruun yaadannoo (legacy) san haquun daangaa (barrier) bara san uumame hanga har’aa madda naannummaa ta’an hambisuuf fayyada. Kanaafuu bulchiinsi godinaas ta’ee aanaa maqaa goso tokkoon moggaasurra maqaa gaarreeniifi laggeeniin moggaasutu irra wayya. 6.3. Hariiroo Saboota Waliin Qabnu Tolchuu Erga sirna mootummaa Itoophiyaa keessatti buluu eegalee Oromoon saboota ollaa waliin hariiroo gosa lamaa qaba. Saboota Kaabaa waliin, sababa murnoonni isaan keessaa bahan Oromoo cunqursaa turaniif, hariiroo waldura dhaabbannaa qabaachaa ture. Madaafi gadootu jidduu keenya jira. Warra gama Kibbaafi Baha FUULA 51
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu biyyattii waliin cunqurfamaa waan tureef hariiroo waliif nahuufi waliif tumsuu qaba. Madaa waloofi hawwii waloo qabna jechuudha. Saboota Kaabaa waliin haala gadoofi goddaannisni kaleessaa itti fayyuu danda’uufi gara fuulduraa nagaafi walkabajaan itti jiraannu irratti waliin dubbii sirnaa geggeessuu feesisa. Keessattuu warra Amaaraa waliin seenaa kaleessaa qofarratti osoo hin taane fuulduree biyya tanaa irrattis garaagarummaa guddaan waan mul’atuuf, garaagarummaan kun gara walwaraansaatti akka hin geessifne gamanumaan mariin karaa seeraafi dimokraatawaa ta’een furuuf hojjachuun barbaachisaadha. Amaaraafi Oromoon hubannaa seenaafi fuuldure wal falleessu qabaatus bal’inaan wal keessa qubatee waan jiruuf walitti bu’iinsaaf saaxilamaadha. Qubsumni wal keessaa kun ammoo rakkooleen jiran lolaan hiikamuu akka hin dandeenye xaxa. Kanaafuu hamma fedhes nuffisiisaa ta’u Amaara waliin karaa nagayaan bifa ittiin wal hubannee deemnu barbaadun dirqama. Amaaraafi Oromoo jiddutti dhimmoota gurguddoo jaha ( 6) irratti garaagarummaan akka jiru mariin hooggansi Oromoofi Amaaraa baroota 2019- 2020 gooneen adda baafnee turre. Kunis:
Akkaataa seenaan biyyattii itti hubatamu (politics of historical memory)
Dhimma Finfinnee
Dhimma daangaa naannolee lamaanii
Dhimma dhalattoota saboota lamaanii naannawa lamaan keessa jiraatanii
Heera mootummaa
Dhimma Afaanii Dhimmoonni kun gara walwaraansaatti akka hin geessine, gama tokkoon cimina keessoo keenyaa jabeessaa (as deterrence tactic) gama biraan ammoo mariin sirnaawaa hoggansa isaanii waliin gochuun barbaachisaa ta’a. Humnoonni siyaasaa Amaaraa himata Itoophiyaa dur fayyadamaa turan dhiisuun gara sabboonummaa Amaaraa ce’aa waan jiraniif, cehuumsi akkasii ammoo danfa (turmoil) kan qabu waan ta’eef, gara lolatti akka hin seenamne gara Oromootin bilchina guddaa, tooftaafi tarsimoo cimaa gaafata. Sabboonummaan bifa lamaan finiinuu mala. Tokko gareen cunqurfame tokko miidhamaroorroo saniin xiiqiifi aarii keessa seenee yoo socho’eedha. Kan lammataa ammoo gareen dura ol’aantummaa qabaachaa ture (dominant group) ol’aantummaa san dhabuun yeroo dallanuudha. Garaagarummaan jara lamaanii akkana. Kan duraa fuuldurrri kiyya ifaadha jechuun abdiin qabsaaya (optimism FUULA 52
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu as driving incentive). Hammamuu roorroon hammaattee bilisummaan fagaattu, guyyarraa gara guyyaatti bilisummaa hawwe sanittin dhaqa jechuun abdiin socho’a. Sabboonummaan bifa lammataa ammoo guyyarraa gara guyyaatti ol’aantummaan gama siyaasaa, hawaasummaafi diinaggee jalaa hir’ataa waan deemtuuf miiraa gaabbii, aariifi abdi-kutannaan (desperation and frustration as incentive) socho’a. Gama biraatin sabboonummaan garee cunqurfamee turee miira abdii bor aduun naaf baati jedhuun yoo oofamu kan warra ol’aantummaarra turee dhabuuf deemuu ykn dhabee ammoo miira aduun natti dhihuuf deemti jedhuun abdi-kutannaan finiinfama. Haaluma kanaan Amaarri sababa loogii biyyi itti ijaarmateen kan ka’e caasaa birokraasii federaalaafi diinaggee keessatti ol’aantummaa qaba. Ol’aantummaan kun garuu, adaduma saboonni biroo dammaqaafi sirni walqixummaa dhufaa deemu hir’ataa deemaa jira. Sabbonummaan miira ol’aantummaa dhabuu (status loss) irraa dhufuu hedduu lola kaasuun beekama. Sabboonummaan warra Sarbiyaa fakkeenya kanaati. Yeroo ammaa biyya Ameerikaafi Awuroppaa kan raasaa jiru sabboonummaan warra adii baqataan sanyii biraa ta’e ol’aantummaa keenya fudhataa jira kan jedhuun danfaa jirus sabboonummama bifa kanaati. Diyaagraamii armaan olitti ilaalee kan himata siyaasaa durii, har’aafi boru san fudhannee himata siyaasa Amaaraafi Oromoo akka itti faallessu laaluun gaariidha. Figure 7: Garaagarummaa himata seenaa Amaaraafi Oromoo Himatni siyaasa Amaaraa sirni hanga gaafa Haylasillaasee aangorraa bu’etti (1974) akka bara sadoofi qananiitti (glorious past) dhiheessa. Ergasii kaasee hanga ammaatti bara kufaatii kan rakkoofi gadadootti ilaala. Akka falaattis haallifi sirni isaa bara 1974 duraatti akka deebi’u leellisu. Kanaafuu tarree ilaacha siyaasaa (ideological spectrum) armaan olitti laalle irratti sabbonummaan Amaaraa reactionary nationalism ta’a jechuudha. Kufaatiin kun bara 1991 booda ni hammaate jedhee himata. Ta’us murni aangorra ture saba bicuu keessaa waan FUULA 53
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu baheefi hidhata aadaas waan qabaniif takkaa aangorra hin turuu nuuf deebiti, ykn ammoo haala nuuf mijaawutti sirraaya jedhanii abdatu turan. Bara 2018 booda murni Oromoo aangoo qabate humna siyaasa Oromoo dheessee kan Amaaraa firoomfatuun himata siyaasa Amaaraa madaqfachuun abdii itti horee ture. Lolli Tigraay dhaabbatuun murni aangoo qabu hirkattummaa isaanirra qabu hir’isuun gara jiddutti deebi’uu agarsiisaa dhufuun abdi-kutannaa (desperation) isaanii hammeessaa dhufee jira. Waggoota as deeman keessatti aariifi abdi-kutannaan kun daran hammaataa deemuu mala. Kanaafuu balaa sabboonummaan bifa kanaa fiduu malu dursanii hubachuun tarsiimoo itti too’atamu qopheessuun barbaachisaadha. Tarsiimoon qophaahu kunis waan lama madaalchisuu qaba.Gama tokkoon humnoonni siyaasaa Amaaraa ol’aantummaa kaleessaa deeffachuu akka hin dandeenyeefi carraan akka hin jirre kan amansiisu yoo ta’u gama kaanin ammoo sirna walqixummaa keessatti qooda isaanin malu akka argataniifi loogiin akka hin miidhamne wabii kan kennuuf ta’uu qaba. Gama Tigraay yoo dhufnu Oromoo waliin garaagarummaan himataa guddaan hin jiru. Garaagarummaan dhimmoota lama irratti jira. Tokko baroota aangorra turaniin miidhaa geessisaniin godaannisni hanga ammaa jiraachuu. Kan lammataa fuulduree biyyattii irratti hawwiin ol’aantummaa baroota dabran deeffachuuf calaqqisiifamaa tureedha. Dhimmoota kana dursiinee waan beeknuuf bara qabsoo Qeerroo san waan sadi dhiheessineefi osoo lolli hamaan hin uumamin aangoo akka gadi lakkisan gochuun danda’ame. Kunis tokko yakka gaafa aangorra turtaniitif haaloo hin baanu. Lammaffaa qabeenya bara aangoo kuufattan hin deebisiifnu kan jedhuudha. Kan sadaffaa ofiifis isin hin waraannu warri biraas akka isin waraanan calllisnee hin laalludha kan jedhan ture. Walligalteen kun hojitti hiikamuu dhabuunifi humni Tigree gamni tokko ol’aantummaa dhabuu san guututti fudhachuu dadhabuun murna Oromoo aangoo qabateefi humna Tigrootaa lolatti galche. Lolli sun mariin (negotiated settlement) xumuramuun bifa haarayaan hariiroo uumuuf carraa banee jira. Gamni lamaan waliif barbaachisaa akka ta’ee hubatamaa dhufaa waan jiru fakkaata. Tigrootaaf yeroo ammaatti dhimmi guddaan nageenya (security) dha. Murna Oromoo taaytaarra jiruuf ammoo aangoodha. Tigroonni diinota isaan marsanii jiran irraa of baraaruuf tumsa Oromoo akka isaan barbaachisu baratanii jiran. Murni Oromoos aangoo cimsachuuf tumsi Tigrootaa ni fayyada. Yoo xinnaatee aangoo isaatiif akka hin FUULA 54
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu shakkisiifne wabii argachuu barbaada. Murni Oromoo Tigreef wabii nageenyaa kenninaan, Tigreen ammoo murna Oromootiif wabii aangootti gamuu dhabuu kenninaan tumsa walii ta’uuf carraan jira. Ummatoota Kibbaafi Baha biyyattii jiran waliin Oromoon gadoo seenaa hin qabu. Garaagarummaa himataa guddaas hin qabu. Walitti bu’iinsas yoo taate gosoota daangaarra jirantu dabree dabree wal qoccola malee sadarkaa sabaatti wal madeessuun hin jiru. Qabsoon Oromoon geggeessaa ture injifannoo yeroo argamsiise mara saboonni kunis fayyadamaa turan. Gaafa Haylasillaaseen kufee Darguun lafa qonnaan bulaaf deebisu Oromoo qofa osoo hin taane saboonni cunqurfamoon biroos fayyadamoo ta’an. Qabsoon Oromoo sirna federaalizimii yoo dhalchitus saboonni biroos mirga naannoo ofii uummachuufi afaan ofiin fayyadamuu argatan. Gaafa murni Oromoo aangoo qabates, sabni Oromoo miidhaan irraa dhaabbachuu baattus, saboonni biroo fayyadamoo turan. Saboota akka Sidaamaaf gaafiin naannoo yeroo dheeraa deebi’uufi danda’e. Naannoleen biroo ammoo walabummaan of bulchuu (autonomy) amma dura turerra hedduu kan wayyaa ta’e argachuu danda’anii jiran. Saboonni Kibbaafi Bahaa kun qabsoo Oromootirraa fayyadamaa ta’anis olola farreen Oromoo irraa godhamuufi wantoota qabatamaan argan irraa Oromoo sodaachuufi shakkuun ni jira. Shakkiin isaanii kunis bifa lama qaba. Tokko tarii murni Oromoo aangoo qabate akkuma murnoota Amaaraafi Tigree isa duraa san ol’aantummaa saba ofii ijaaruun nu cunqursaa laata kan jedhuudha. Kan lammataa ammoo tokko ta’ee danda’ee biyyatti bulcha moo wal jeeqee nus jeequmsa keessa nu galchaa laata kan jedhuudha. Shakkii duraa saniif murni Oromoo abbaa irree ta’uu fedhuuyyuu saboota kana miidhuuf fedhii akka hin qabne waggoota shanan kana arganii jiru. Gaafiin naannoo ofii ummachuu saboota akka Sidaamaa humnaan ukkuumsuuf yaaliin godhameefi kan Walaaytaafi Guraagee ammoo ukkaamfamuun garuu shakkicha cimsa. Shakkii lammataatif furmaata barbaaduuf garuu hojii guddaa gaafata. Walwaraansi Oromoo jidutti uumameefi jeequmsi waggoota shanan biyyattii raasaa jiru olola shakkii ‘Oromoon biyya bulchuu hin danda’u’ jedhame hafarfamaa ture san daran cimsa. Oromoon aangoo cimsatee, biyya tasgabbeessuun shakkii saboota Kibbaafi Bahaa kana furuuf akkaan murteessaadha. Oromoon aangoo qabate madda balaa (liability) moo tumsa cimaa (reliable ally) mirgaafi dantaa yeroo dheeraaf jalaa sarbame deeffachuuf gargaaru kan jedhu gaafii hoggansiifi hayyoonni saboota kanaa yeroo ammaatti of FUULA 55
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu gaafachaa jiran ta’uu beekuun deebii amansiisaa dhiheessuun barbaachisaadha. Deebiin kunis Oromoon aangoo cimsachuu akka danda’u, Oromoo saboota biraa akka hin cunqursinefi Biyyis gara jeequmsaafi diigamuu akka hin deemne qabatamaan agarsiifnaan, saboonni kun tumsa cimaa nuuf ta’u. Kana mirkaneessuu dadhabnee jeequmsi keessoofi alaa itti fufnaan garuu of baraaruuf jecha gara faallaa keenyaa dhaabbachuus deemuu danda’u. Yaraa haadha qofatu jaalata! Dhiheenya kana dhalataa saboota gama Kibbaa keessa tokko waliin osoo haasofnuu gaafii cimtuu takka na gaafate. Gaafiin isaas “bara Amaarri aangorra ture sirna mootummaa Itoophiyaa (state) jaarame. Bara Tigreen aangotti dhufte ammoo sirna federaalizimiitin hamma tokko of bulchuu eegalle. Bara Oromoon aangoo qabate hoo maal nuuf dabaltan lata?” kan jedhu ture. Anis waan inni yaadee na gaafate barachuuf ‘mee bara aangoo Oromoo irraa maal eegdan?’ jedheen gaafadhe. Deebiin isaas gabaabaa ture. Dimokraasii kan jedhu. Sirrii jedhe. Hojiin ijaarsa biyyaa (state building) sadarkaalee gurguddaa sadi keessa dabra. Kan duraa lolaafi tolaanis biyya san daangessuu (territorialization) dha. Sadarkaan kun mootiin ykn gartuun tokko ummatoota naannaawa san jiran humnaan cabsuun ykn ammoo waliigalteen daangaa of jalatti deebisuun gabbarsiisuu, ol’aantummaa humnaa (monopoly of the means of violence) uummachuufi biyyoota biroo biratti beekkamtii argachuudha. Bara Minilik kan raaw’atame jechuu. Adeemsi daangessuu kun yeroo hedduu humnaan kan geggeeffamuufi ummotoota daangaa biyyaa san keessatti dhuunfataman biraa mormii kaasa. Mormiifi fincilli kun gara sadarkaa lammaffaatti ceesisa. Kunis caasessuu (structuring/restructuring) dha. Baroota 1970’moota irraa kaasee mormiin sabootaa cimaa deemuun sirni Haylasillaasefi Darguu caasaalee bulchiinsaa garagraa jijjiiruun ummaticha amansiisuu yaalan. Caasaaleen sunnin garuu gaafilee sabootaa waan quubsuu didaniif bara sirna Wayyaanee sirni federaalizimiin sabummaa irratti hundaaye jaarame. Caaseffama ummata biyyattii keessatti daangeffame wayyabaan fudhatama argatee erga jaaramee booda sadarkaan itti aanu sirna aangoon siyaasaa itti qoqqodamuufi daddabru tolchuudha (development of rule of the political game). Gara biraan yoo ibsamu sirna dimokraasii ijaaruu jechuudha. Itoophiyaan sadarkaalee lamaan san xumuruun gara sadaffaa ce’aa yeroo jirtu kanattiidha FUULA 56
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu qabsoon Oromoo orma harkaa aangoo baaste harka murna ofii kan keesse. Kana jechuun adeemsa biyya ijaaruu keessatti hojiin sirna dimokraatawaa hundeessuu adda dureen dirqama hooggansa Oromooti jechuudha. Hin barbaanne malee, Murnoonni amma dura aangorra turan biyyattii gara dimokraasii ceesisuuf carraa qaban ture. Kanaaf ammoo sababa qabu. Dimokraasiin sirna aangoo warra lakkoofsaan wayyaba ta’eef kennu waan ta’eef sodaatan. Oromoon garuu waan sodaatuuf hin qabu.Kana yoo jennu Oromoon lakkoofsaan guddaa waan ta’eef yeroo mara hogganaa filamu marti Oromoo ta’a jechuuf miti. Hogganaan saba fedheerraahuu filamu, akka ummata paarlaamaa biyyatti keessaa sagalee ( voting block) guddaa qabuutti, imaammataafi tarsiimoo biyyattii irratti dhiibbaa guddaa ( veto power) qabaata jechuudha. Sirna dimokraasii keessatti qooda aangoo isaan malu qabatee mirgaafi dantaa saboota biroos kabajee kabachiisuu danda’a. Kanaafuu, saboonni Kibbaafi Baha biyyattii hooggansa Oromoo irraa sirna dimokraasii eegu. Sirna dimokraasii kan mirga waloofi dhuunfaa eegsisu. Kan mirga ofiin of bulchuu sabootaa kabaju. Kan saboonni hundi qooda isaaniin malu sadarkaa federaalaa irraa argatan. Sirna dimokraasii san ijaaruuf ammoo dursa Oromoon keessoo ofii tasgabbeessee biyyas akka tasgabbeessu barbaadu. Saboonni kun nu waliin cunqurfamuu qofa osoo hin taane hidhata hawaasummaafi diinagdee guddaa qabu. Hojiin diinagdeefi hawaasummaa keessatti fayyadamoo akka ta’an hojjachuu feesisa. Godinaaleefi aanaalee Oromiyaa saboota kanaan waldangeessan keessatti hojiin misoomaa hojjatamu daangaa ce’uun fayyadamoo akka isaan taasisu gochuu feesisa. Aangoofi taaytaa mootummaa federaalaa keessatti bakka bu’ummaa isaaniin malu akka argataniif Oromootu dhiibbaa godhuufi qaba. Akkasumas saboota kana jiddutti tasgabbiifi waliif tumsuun akka jiraatu gargaaruun gaariidha. Ummatoonni kun humnaayuun Oromoo humneessuu akka ta’e beekuun hojjachuun barbaahisaadha. Waliigalatti saboota Kaabaas ta’e kanneen Kibbaaf Baha biyyattii jiran waliin biyya nagaa, tasgabbiifi saffissaan misoomtu qabaachuuf dirqamni guddaan hoggansa Oromoorra jira. Hanga har’aatti hariiroon mootummaa jiddugalaafi saboota jidduu jiru kan saamichaa, roorroofi moggeessuu (marginalization) ture. Kana jijjiiruun hariiroo saboonni qe’ee ofii irratti abbummaan isaanii mirkanaaye kan sadarkaa jiddu galeessatti aangoofi qabeenya isaanin gitu hirmaatan uumuf hariiroo haaraa (new social contract) tolfachuu feesisa. Dhumarratti himatni sirna bara 2018 booda dhufeen ‘mootummaa Oromoo’ jedhus sirraayuu qaba. Himata mootummaa Oromoo jedhu kana murni angora FUULA 57
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu jiru Oromoo ittiin hawwatuuf, warren biro ammo saboota biraa biratti jibbisiisuuf fayyadamu. Sadarkaa Oromiyaatti mootummaa Oromoo ummataan filame dhaabbachuun fedhii saba kanaati. Garuu ammo sadarkaa biyyaattii ‘mootummaa Oromoo’ saboota hundarratti fe’uun kaayyoo qabsoo Oromoo ta’ee hin beeku. Hawwiin Oromoo sadarkaa federaalaattii mootummaa ummatoota Itoophiyaa ijaaruudha. Kanaafuu mootummaa federaalaa jechaafi gochaan, qabiyyeefi imaammataan, hirmaannaa aangoofi leeccallootiin sabaafi sablammoota biyyattii bifa mul’ataa taäeen calaqqisiisuu jaaruun maqaa kana ofirraa faccisuun barbaachisaadha. 6.4. Hariiroo Alaa (Foreign Relations) Cimsuu Wantoota yeroo lola Tigraay agarre keessaa tokko murni Oromoo aangorra jiru guutumatti kara diplomaasiitiin caalamuu isaati. Laafinni Oromoon gama diplomaasiin qabu kun durirraa kan eegaleedha. Minilik humna Oromoo lolaan cabsee dhuunfachuu kan danda’eef hariiroo biyyoota alaa waliin qabutti fayyadamuun meeshaa waraanaa ammayyaa argachuu isaatiini. Erga qabsoon eegales tumsa alaa argachuuf carraaqqiin godhame hedduu kan milkaaye hin turre. Hariiroon amantii gareeleen Kaabaa warra Lixaa waliin qaban hariiroo diplomaasiin qunnamtii dursaafi ol’aantummaa akka argatan carraa (advantage) kenneef. Ol’aantummaa diplomaasiin ganamaan goonfatan kana bara aangoo irra jiran hariiroo hawaasummaafi diinaggee cimaa warra Lixaa wajjiin jaarachuun akkasumas gaanfa Afrikaatti fira jabaa jaraa (warra lixaa) of fakkeessuun daran jabeeffachuu danda’an. Ol’aantummaa aangoofi diinaggeen qabaniin ilmaan isaanii barsiifachuun akkasumas hariiroo (network) namoota Lixaa waliin qabaniin fayyadamuun ogeeyyota heddu jaarmayaalee addunyaa (international organizations) keessa galfachuu waan danda’aniif olaantummaan diplomaasii isaanii daran akka guddatu godhan. Aangoo biyyaa qabachuun hariiroo diplomasiin ol’aantummaa argachuuf ni fayyada. Garuu ammoo sababa gareeleen kaabaa jaarraa tokko oliif ol’aantummaa qabaachaa turaniif, murni Oromoo aangoo qabate mootummaas dhuunfatee diplomaasiin caalamuu danda’e. Hayyotaafi Oromoota biyya alaa jiraatan waliin waldhabuun ammoo tumsa hamma tokko argachuu danda’us dhabsiisee kophaatti hambise. Qabsoon Oromoo gara diplomaasiin wanti milkaayuu dadhabdeef sababa gurguddaa sadi ture. Tokko warri Oromoo hariiroo hawaasummaa cimaa ta’e FUULA 58
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu lammiileefi dhaabbilee biyyoota alaa waliin qabaachuu dhabuu isaati. Kan lammataa aangoofi diinaggee biyya isaa irratti abbaa waan hin turreef dantaa biyyoota alaa eegsisuu hin dandeenye. Waan nutti haajamaniif hedduu hin turre jechuudha. Kan sadaffaa ammoo qabsoon isaa akka madda jeequmsaafi badii naannawa kanaatti dhiheeffamuun, farra dantaa warra alaa ta’ee laalamaa turuu isaati. Akkaataan gaafiin Oromoo itti dhiheeffamaa (frame) tures shakkii kana kan jabeessu ture. Aangoo harkatti galfachuun dantaa biyyoota alaa guutufis ta’ee miidhuuf carraa waan kennuuf cimina diploomaasiif faayidaa guddaa qaba. Maarree murni Oromoo erga gara aangotti dhufee hoo maaf gama diplomaasiin caalame? Tokkoffaan ol’aantummaan dursee ture (embedded and pre-existing comparative advantage) irra aanuuf yeroo fudhata. Kan lammataa ammoo mootummaan haarayni ganamumaan hundee (base) isaa waliin lola keessa seenuun fi warreen biroon lolli itti banamuun laafee akka mul’atuufi aangorra turuu danda’uun isaa mamii keessa seenuun dantaa warra alaa kabachiisuun humna akka hin qabnetti muldhachuu isaati. Kan sadaffaa ammoo murni aangoo qabate diplomaasiif xiyyeeffannaa xiqqaa kennuu isaati. Ministeerri haajaa alaa akka waggoota shanan as aananii laaffatee hin beeku. Jalqaba barruu kanaatti akkuma xuqne diplomaasiin utubaa aangoo keessaa tokko. Utubaa kana takkaa dursanii qabatanii aangotti bahuu ykn kanuma jiru dhuunfatanii faayidaa ofiif oolchuun akka danda’amutti jijjiruu barbaachisa. Murni aangotti bahe kana gochuu hin dandeenye. Waliigalatti humni siyaasaa Oromoo aangoo qabates hanga ammaatti gama diplomaasiin milkaayuu hin dandeenye; akkuma caalametti jira. Diplomaasiin caalamuu keenya kana beekuun sirreessuuf hojii guddaa nu gaafata. Tarsiimoon diploomasii itti cimsannu qorannoo bal’aa geggeessuu, baasuufi hojitti bobba’uu barbaachisa. Ammaaf garuu qabxiilee muraasa haa eerru. Bu’uurri hariiroo diplomaasii dantaa biyyootaati (national interest). Dantaaleen kun kan diinaggee ykn nageenyaa (security) ta’uu malu. Hariiroo biyya ta’e wahii waliin godhachuuf yeroo yaadnu wanti dura lafa kaayamuu qabu biyyi sun biyya keenya ykn naannawa sanirraa dantaa akkamii qabdi kan jedhu adda baafatanii beekuudha. Akkasumas nuti hoo biyya sanirraa faayidaa akkamii barbaanna kan jedhu adda baasudha. Hunda caalaa ammoo dantaa biyyoota firoomfachuu barbaannuu guutuufi keenyas akka nuuf guutan gochuuf, akkasumas kan warra nu miidhuu barbaaduu ofirraa faccisuuf sirna mootummaa tasgabbii qabuu ijaarrachuun murteessadha. Bu’uruma kanaan biyyoota FUULA 59
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu naannawa keenyatti dantaa qaban waliin hariiroo diplomaasii cimsuuf wantoota hubachuu qabnu irraa muraasa armaan gaditti yaa tuqnu. 6.4.1. Hariiroo biyyoota ollaa waliin Waa’een diploomasii yeroo ka’e yeroo hedduu xiyyeeffannaan biyyoota humna guddaa qaban (superpowers) keessattuu kan warra Lixaaf kennama. Imbaasiin gurguddaan humna namaafi leeccalloon wayyaan biyyota sanitti argama. Biyyoota ollaa dhihoo jiraniif (Afrikaa Bahaafi biyyoota Arabaa) Imbaasilee bututaa humna namaafi leeccalloon hedduu xiqqaatu ramadamaaf. Hubannaan nuti diplomaasiif qabnu kun sirraayuu qaba. Hariiroon diplomaasii sadarkaa dantaa diinaggeefi nageenyaa biyya tokko waliin qabnu irratti kan hundaayu erga ta’ee maqaa biyyootaa laaluun osoo hin taane hidhata diinaggeefi nageenyaa ammaafi gara fulduraaf qabnu/ qabaachuu mallu xinxaaluu irratti hundaayuu qaba. Kanarraa kaanee nageenya keessoo keenyaatiif biyyoonni ollaa hunda caalaa dhiibbaa guddaa qabu. Lola Itoophiyaa keessatti godhamaa turan keessatti biyyoonni ollaa hirmaannaa godhaa turan. Kanaafuu hidhata diploomasii cimaa biyyoota ollaa waliin qabaachuun nageenya keessoof murteessaadha. Gama diinaggeetin yoo fudhanne daldalli keenya hammam warra ollaa waliin akka hidhata qabu yeroo hedduu hin hubatamu. Fakkeenyaaf Somaaliyaa, Sa’ud Arabiyaa (KSA) fi Yuniitid Arab Imereetes (UAE) biyyoota Itoophiyaan daldala waliin qabdu keessaa sadarkaa shanan duraa keessatti argamu. Ciminni Imbaasilee nuti biyyoota kana keessaa qabnuu hammami? Baay’ee laafaadha. Hariiroo daldalaa kana biyyoota kanaaf olloota birootti babal’isuuf carraa guddaatu jira. Damee qonnaa keenya babal’isuun, saba dhiheenya lafaatiin, oomishni keenya gabaa biyyoota jidduu galeessaa bahaa keessatti laayyotti ol’aantummaa argachuuf dandeessisa. Humna namaa (labor force) guddaa waan qabnuuf maallaqni biyyoota Arabaa jiru Industiriifi warshaalee babal’suuf hedduu gargaara. Industirii babal’ifne jechuun ammoo oomisha keenya biyyoota Afrikaa ollaa keenya akka Keeniyaafi Suudaan jiran biraatti gatiidhan daran dorgomaa ta’uu danda’a. Qulqullina leenjii humna namaa keenya dandeettii teeknikaafi afaanitiin yoo cimsine fedhii humna namaa (labor demand) biyyoota Arabaaf dursa arganna. Ammatti humna namaa gahuumsa (skills) gahaa hin qabneetu garas deemuun hojii humnaatti (manual labor) bobba’ee galii hedduu xiqqaan hojjata. Waliigalatti FUULA 60
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu diinaggee keenya cimsuuf hariiroon diploomasii biyyoota ollaa waliin qabnu cimsuun akkaan barbaachisa. Biyyoota ollaa keenyaa keessaa sadi waliin hariiroo seenaafi hawaasummaa addaa waan qabnuuf imaammanni keenyas san irratti hundaayuu qaba. Eritiriyaa waliin sirni mootummoota Itoophiyaa hariiroo diinummaa qabaachaa ture. Qabsoo Oromootif ammoo fira turan. Waggoota shanan dabran kana murna Oromoo aangoo qabateen fira ta’an. Nageenyiifi diinaggeen Eritiriyaafi Itoophiyaa walirratti hirkannaa (interdependent) guddaa qaba. Kana hubachuun hariiroo diploomasii biyyoota lamaaniifi tasgabbiifi guddina fiduu uummachuun barbaachisaadha. Ilaalchi hanga ammaa jiru, ‘yoo tokko jeeqame malee kuun nagaa hin argatu’ jedhu kasaaraa waloo qofa fide malee hin fayyadne. Hariiroon oowwaan waggoota shanan kana Finfinneefi Asmaraa jidduu ture kan qondaalota irratti hundaayeedha. Kanarra cehuun hariiroo ifaafi seeraa dhaabbilee biyyoota lamaanii irratti hirkatutti ol guddisuu feesisa. Waldhibdee Eritiriyaan Tigraay wajjin qabdus of eeggannoo guddaan fooyyeessuun nageenya biyyoota lamaanii akka hin jeeqne gochuun barbaachisaadha. Mootummoonni biyyoota lamaanii humnoonni gama lamaanii ka’an balaa narraan gahu shakkii jedhu bifa amansiisaan furuu feesisa. Fayyadama buufata doonii Asabiifi dhimmoota diinaggee biroo irrattis ifatti haasayuun waliigaltee yeroo dheeraaf gama lachuu fayyadu irra gahuu qabna. Hoggansi Oromoo hariiroo seenaafi waaytawaa hooggansa Eritiriyaa waliin qabu fayyadamuun biyyoota lamaan jiddutti nagaan waraafii tumsi diinaggee cimaan akka uumamu gochuuf carraa qaba. Somaaliyaa waliin hawaasa daangaa dabree walkeessa (walitti makamee) jiraatu qabna. Hamma Somaaliyaa biyyi Afrikaa hariiroo diinaggee waliin qabnu hin jiru. Qabsoo Oromoofis fira yeroo dheeraati. Siyaasaa keessoo Itoophiyaattis Somaalonni nuuf waahila tarsiimooti (strategic partner). Kanarraa ka’uun hariiroo dipolomaasii qaamota siyaasaa Soomalee daangaa keessaafi alaa waliin qabnu cimsuun faayidaa guddaa qaba. Hariiroon kun sadarkaa mootummaattis sadarka hawaasattis cimuu qaba. Yeroo dheeraaf mootummaanni Itoophiyaa akka farra Somaaliyaatti laalamaa turan. Dubbiin tun dhugaas qabdi. Mootummoonni Itoophiyaa dabran murnoota Soomaalee garagaraa tumsanii biyyatti unkuruu keessatti shoora guddaa taphachaa turan. Waggoota shanan darbe kana haalli sun jijjiiramaa jira. FUULA 61
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Atakaaroo keessoo humnoota Soomaalee jiru of eeggannoon qabuun, yaaliin sirna mootummaa (state) Somaaliyaa deebi’ee akka jaaramuuf godhamaa jiru tumsuun faayidaa guddaa nuuf qaba. Somaaliyaan tasgabboofte gama diinaggeefi nageenyaafis nuuf gaariidha. Keeniyaa waliinis hariiroo hawaasummaa qabna. Oromoofi Somaaleen gama lachuu waan jiraataniif hidhata gaariidha. Hariiroon hawaasummaa kun hubatamee biyyoota lamaan daran walitti harkisuuf hojjachuun barbaachisaadha. Hidhanni hawaasummaa kun nageenya daangaa lamaaniif yaaddoo osoo hin taane fala akka ta’utti hojjachuu qabna. Gama diinaggeetin hariiroon biyyoota lamaanii laafaadha. Daldala biyyoota lamaanii daran guddisuuf carraa hedduutu jira. Projektoota akka LAPSSET (Lamu Port-South Sudan-Ethiopia-Transport) akka milkaayan godhuun hariiroo diinaggee daran cimsa. Al-ergiin (export) Kibba Itoophiyaa heddu fageenya dheeraa deemee gara Jibuutiin ergama. Kun yeroofi maallaqa qisaasuudha. Gama Keeniyaan bahuun yeroofi baasii qusachuu qofa osoo hin taane ummata daangaarraa yeroo heddu hoongeen miidhamu fayyada. Dabalataanis naannawa daangaa lamaanitti bu’uraalee misoomaa waliin hojjachuufi gabaa babal’isuun rakkoo hoongee kanaaf furmaata tokko. Keeniyaan jiddugala diplomaasiifi daldala Afrikaa bahaa ta’aa waan jirtuuf hidhata diplmaasiifi diinaggee isaan waliin qabnu cimsuuf hariiroo dhaabbileefi biyyoota biraa waliin qabnu daran fooyyeessuufis ni tajaajila. Dhimmi biyyoota Gaanfa Afrikaa kana walitti hidhuu (regional integration) yeroo hedduu dubbatama. Yaada gaariidha. Biyyoonni kun daran walitti dhihaachuun nageenyaafi misoomaafis barbaachisaadha. Garuu adeemsi walitti hidhuu kun tartiiba (sequence) eeggatee dhawaataan deemuu baannaan biyyoota kana walitti siqsuun hafee daran adda fageessuu mala. Sababnis seenaa weeraraafi walwaraansa kaleessaatiin kan ka’e walshakkiin waan jiruufi. Kanaafuu walitti hidhanni kun dursa diinaggee irraa ka’uu qaba. Nageenyi (security) itti aana. Dhumarratti siyaasatti deemna. Tartiiba kanarratti yeroo hedduu siyaasa dursuutu mul’ata. Yaaliin akkasii dafee fashala. Sababnis hoggansi siyaasaa gamaa-gamanaa yaalii siyaasa biyyoota lamaafi sanii olii walitti makuuf yaalamuun aangoon dhaba jedhee waan sodaatuuf danqaa uuma. Sanirra diinagdeerraa eegaluun hoggansi siyaasaa sodaan danqaa akka hin taane godha. Dabalataanis diinaggee biyyoota ollaa daran walitti hidhuun qaamota hawaasaa gama lamaanuu fayyada waan ta’eef hidhatni FUULA 62
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu sun deeggarsa cimaa hawaasa keessatti horachaa deema. Hidhatni diinagdee guddatuuf tasgabbiin barbaachisaa waan ta’eef qaamonni nageenyaa biyyoota ollaa waliin dalaguuf dirqisiisa. Adaduma qaamonni nageenyaa waliin hojjataa walbaraa deemaniin wal amantaan hoggansa siyaasaa cimaa deema. Faayidaan namoonni dhuunfaafi gareeleen hawaasaa diinaggerraa argatan, akkasumas walitti dhiheenyifi wal amantaan qaamota nageenyaa tura keessa hooggansi siyaasaa walitti dhihaachaa waliin hojjachuuf akka wal amanan dhiibbaa uuma. Walitti hidhata naannoo (regional integration) milkaayan kanneen akka Gamtaa Awuroppaa yoo ilaalle tartiiba diinaggee/ nageenya, siyaasaa walduraaa duban hojitti kan hiikaniidha. Gamtaaleen akka ECOWAS (Afrikaa Lixaa) fi ASEAN (Eeshiyaa Kibba Lixaa) haaluma kanaan dursa diinaggeef kennuun daandii milkaayinaarra jiran. Gaanfa Afrikaattis hariiroo diinaggee cimsuufi nageenya waloo mirkaneessuuf dursa kennuun siyaasaa waloo duubatti tursiisuun deemuu barbaachisa. Inumaatuu gara jalqabaarratti hamma danda’ametti siyaasa keessoo irraa hedduu of qusachuun gaariidha. 6.4.2. Hariiroo biyyoota Lixaa waliin Warri Lixaa dantaan isaan Itoophiyaa irraa qaban kan nageenyaati. Dantaa gaanfa Afrikaafi Galaana Diimaa irraa qabaniin walitti hidhata qaba. Itoophiyaan naannawa kanatti dantaa nageenyaa isaanitiif akka tumsa taatu barbaadu. Itoophiyaan dantaa kana guutuf ammoo, kan barbaadan, mootummaa cimaafi sirna tasgabbaayaa ta’e qabuudha. Mootummoonni Itoophiyaa dantaa kana guutaafi waan turaniif qabsoo Oromoo akka farraatti laalu turan. Dabalataanis Oromoon aangoo yoo qabate sirna tasgabbaayaa uumuu hin danda’u olola jedhu amanaa turan ykn ilaalcha san fakkaatu qaban ture. Bara qabsoo Qeerroo sirni gaafas aangorra jiru tasgabbii deebisee uumuu akka hin dandeenyeefi Oromoon akkaaf akka maleettuu aangotti dhufuun ifa ta’aa yoo deemu ejjannoo jijjiirratanii nuuf tumsuu eegalan. Murni Oromoo aangotti ol bahe ganamumaan tumsa cimaa warra Lixaa irraa argachaa ture. Garuu ammoo osoo hin turin shakkii isaan Oromoorraa qaban san dhugoomsaa dhufe. Oromoon waljidduuttiifi gareelee biraan walitti bu’uun biyyatti tasgabbii dhabsiisuun tumsa amanamaa (reliable partner) ta’uu akka hin dandeenyetti fudhachuu eegalan. Dhiibbaan yeroo lola Tigraay sun godhaa turan hamma tokko kanarraa madda. FUULA 63
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Warra Lixaa waliin tumsa diploomasii cimaa tolfachuun barbaachisaadha. Hamma diinagdeen jabaatee hirkattummaa gargaarsaa jalaa baanutti tumsi isaanii dirqiidha. Sirna dimokraasii ijaarufis beekkumsi mootummoota, dhaabbileefi namoota Lixaa barbaachisaadha. Tumsa kana bifa itti fufiinsa qabuun argachuuf hojiin guddaan biyya nagaafi tasgabbii qabdu, waraanafi damee tikaa cimaa ijaaruun nu barbaachisa. Dabalataanis ogeeyyota heddu dhaabbilee biyyoota Lixaafi jaarmayaalee addunyaa (international organizations) keessa galchuu gaafata. Hawaasa biyya alaas gurmeessuun biyyoota keessa jiraatan keessatti hojii diploomasii akka geggeessan godhuun ni fayyada. Kun ammoo waldiddaa mooraa siyaasaa Oromootti nagaafi waliigaltee fiduu gaafata. 6.4.3. Hariiroo Chaaynaa waliin Dhiibbaan (influence) Chaaynaan Afrikaa irratti qabdu baruma baraan guddataa dhufuun warra Lixaa waliin waldorgommii cimaa keessa seentee jirti. Warri Lixaa gargaarsaafi siyaasaan dhiibbaa uumuu yoo filatan, Chaaynaan gama daldalaafi investimantiin deemti. Warri Lixaa siyaasaa biyyoota guddataa jiranii keessa seenuun akka isaanii tolutti tolchuu yaalu. Chaaynaan garuu siyaasaa biyyootaa keessaa hammas dantaa hin qabdu. Kan angoo qabate mara waliin hariiroo daldalaafi invastimentiin qabattee dhiibbaa uumti. Garaagarummaa tarsiimoofi imaammata warri Lixaafi Chaaynaa Afrikaa irratti qaban kana sirritti hubachuun tarsiimoo gama lachurraa bu’aa buufatuu dandeessisu baafachuu qabna. Chaaynaan mootummaa Wayyaanee waliin hariiroo cimaa qabaachaa turte. Sanii as garuu sababa dhabiinsa tasgabbiitin hariiroon jiru laaffatee jira. Kana fooyyeessuu barbaachisa. Keessattuu ijaarsa bu’uuraalee misoomaatiif hedduu nu barbaachisu. Bu’uuraalee kanaaf yoo affeerru garuu rakkoolee biyyoonni Afrikaa hedduu keessatti kufan irraa of eegu qabna. Chaaynaan liqii/liqaa yoo kennitu siyaasaaan waan wal hin qabsiifneef (political conditionalities) biyyoota hedduu ni hawwatti. Garuu ammoo liqaa kana dhala (interest) guddaa qabuun kenniti. Liqaan kun humna biyyoonni kafaluu danda’anii ol deemuun bu’uuraalee biyyaa gurguddaa dabarsanii akka kennan isaan dirqisiise. Haala kanaan biyyootni hedduun bu’uuraalee misoomaa biyya isaanii gurguddoo chaaynaaf kennuuf dirqaman. Kun ammoo walabummaa (sovereignty) biyyaas rakkoo keessa kan galchuufi diinagdees kan quucarsu waan ta’eef liqaan gamasiin dhufu of eeggannoo cimaan simatamuu qaba. FUULA 64
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 6.4.4. Hariiroo biyyoota ol’aantummaa naannoo Afrikaa Bahaatti qabachuuf waldorgomaa jiranii Yeroo dheeraaf siyaasni addunyaa biyyoota lamaa-sadi humna guddaa qabaniifi waldorgomaniin (superpowers) raafama ture. Diplomaasiin qabsoon ummatootas ta’e biyyoonni hiyyeeyyiin waldorgommii abbootii humnaa kana irratti hirkataa ture. Ammas humnoonni gurguddoon sadan Ameerikaa, Raashiyaafi Chaaynaan siyaasaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qabu. Garuu ammoo baroota as aanan biyyoonni saffisaa diinagdeen guddataniifi hawwii dhiibbaa ji’oopolitikaa (geopolitics) guddaa qaban dhalachuun, bifa haarawaan adeemsa siyaasaa naannolee garagaraa irratti gahee guddaa taphachuu eegalanii jiru. Naannawa keenyaaf biyyootni akka Turkiyee, Emirates fi Qatar adeemsa diinagdeefi siyaasaa keessatti shoora guddaa taphachuu eegalanii jiru. Biyyoonni kun humna diinagdeefi waraanaa saffisaan jabeeffachaa jiranitti fayyadamuun adeemsa siyaasaa keessoo biyyootaafi hariiroo biyyoota jidduu jiru akka isaanii mijatutti karaa qabsiisuuf hedduu socho’aa jiru. Hawwii qabaniifi tatttaaffii ol’aantummaa argachuuf godhan keessattis waldorgommii cimaa keessa seenanii jiru. Waldorgommin kun biyya keenyaaf carraas balaas ta’uu danda’a. Gaaga’ama waldorgommiin biyyoota akkanaa nurraan gahuu malu irra aanuf waan lama gochuu qabna. Tokko ammas tasgabbii keessoo mirkaneessuudha. Murnoota siyaasaa jiddutti walwaraansi jiraannaan biyyoonni kunniin gamaa gamanaan deeggarsa kennuun lola hin dhaamnefi biyya unkuteessu keessa galchu. Biyyoota akka Libiyaa, Siiriyaafi Yaman keessatti kanaatu mudate. Akkasumas biyyonni kun hariiroon isaan qaban gama mootummaa qofaan akka ta’u haala mijeessuufi karaa biraa jalaa cufuun gaariidha. Kan lammataa hariiroon biyyoota waldorgoman kana waliin uummannu kan tokko ofittti qabee kaan moggeessuu akka hin taane of eeggannoo gochuun gaariidha. Tokko hedduu nutti dhiyaatee kaan akka waan dhiibamee itti fakkaannaan murna isaaniif tolu aangotti baasuuf jecha siyaasa keenya keessa harka galfachuun jeequmsa uumuu malu. Rakkoon Somaaliyaan deebitee mootummaa jiddugaleessaa cimaa akka hin qabaanne gufuu itti ta’e kana. Waliigalatti biyyoonnii kunniin humna diinaggee saffisaan guddataa jiruufi hawwii dhiibbaa isaanii babal’ifatuuf qaban diinaggee keenya akka guddifnuuf carraa gaariidha. Carraa kanatti fayyadamuun yeroo sochoonu waldorgommiin isaanii balaa jeequmsaa akka nutti hin fidne of eeggannoo gochuu qabna. FUULA 65
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu 6.5. Humna Nageenyaa Cimsuu Humni nageenyaa (tikaafi waraanaa) dugugurruu sirna mootummaa ta’uun beekamaadha. Damee nageenyaa cimina humna namaa, leeccalloofi tarsiimoo jabaa qabaachuun tasgabbii siyaasaa keessoo qofaaf osoo hariiroo diploomasii biyyoota dhihoofi fagoo waliin jiraatuuf faayidaa guddaa qaba. Humni nageenyaa Itoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf hirmaannaan Oromoo jiraatus, humni sun dantaa gartuulee aangorra turanii kan fayyaduufi Oromoo kan miidhu ture. Yeroo murni Oromoo aangotti dhufutti utubaan aangoo nageenyaa murna alagaa fayyaduuf jaarame dhaale. Humni nageenyaa murni Oromoo dhaale kun utubaa aangoo cimsuuf fayyadu akka ta’uufhaaromsa (reform) garagaraa gochuuf yaalani hamma tokkos itti milkaayanii jiru. Keessattuu sababa lola Tigraayiin humni nageenyaa akka fedhiifi dantaa murna aangorra jiruu calaqqisutti jijjiiramuun diqama waan tureef hojiin bal’aan hojjatameera. Ta’us hojiin humna nageenyaa biyyattii akka dantaa Oromoofi sabaaf sablammoota biyyattii eegsisuu danda’utti haaromsuufi cimsuun barbaachisaadha. Humna nageenyaa biyyattii daran cimsuuf hojiilee hojjatamuu qaban muraasa asitti akeekna. Akkuma dura jenne hariiroon Oromoofi sirnoota mootummaa Itoophiyaa jidduu ture kan diinummaati. Hariiroon sun waggoota shanan murni Oromoo aangoo qabate kanas ittuma fufe. Kanarraa ka’uun murni aangoo qabate Oromiyaa keessatti lola keessa seenuun humni nageenyaa biyyattis Oromoo akka hin hawwannefi Oromoo miidhuu akka itti fufu godheera. Yaaliin dargaggeeyyii Oromoo Raayyaa Ittisa Biyyaafi qaamolee nageenyaa birotti hawwatuuf godhamaa turan hedduun hin milkoofne. Dargaggeessi barnootaafi dammaqiinsa qabu kan silaa humna nageenyaa gabbisu waraana biyyaa lagachuun riphee loltootatti makamuu filatee jira. Hanga Oromoofi sirni mootummaa Itoophiyaa hariiroo diinummaa kana gara firummaatti hin jijjiirretti humni nageenyaa biyyatti Oromoo miidhuu hin dhiisu. Hamma miidhan sun itti fufetti ammoo carraan dargaggeeyyii gahuumsa qaban gara humna nageenyaa harkisuuf jiru diphaadha. Keessattuu lola Tigraayitti godhameen qondaalonni jiddugaleessaa (midlevel officers) hedduun waan miidhamaniif, kana saffisaan bakka buusuf dargaggoota sadarkaa barnootaa ol’aanoo gahan gara leenjii qondaalummaatti (officer corps) seensisuun barbaachisaadha. Damee tikaas yoo taate dargaggeeyyi gahuumsa barnootaafi dammaqiinsa qalbii cimaa qabantu hojii akkasiif barbaachisa. FUULA 66
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Kanaafuu humni nageenyaa sadarkaa naannoos ta’ee federaalaa Oromoo fayyadee akka irraa fayyadamu yoo kan barbaadamu taate, lola Oromiyaa keessaa dhaabuun hariiroon Oromoofi mootummaa diinummaa keessaa akka baatu gochuun dirqama. Humna nageenyaa cimaa ijaaruuf hidhannoo meeshaa caalaa kan barbaachisu hidhannoo sammuuti. Loltuunis ta’e qaruuxen tikaa kaayyoo ifa ta’eefi isaan amansiisu faana hirirraan hamma lubbutti of kennuun hojjachuun bu’aa buusu. Loltuus ta’e qaruuxen tokko lubbuu isaa dabalatee aarsaa barbaachisu kafaluuf ammoo barsiisa (doctrine) amansiisaa barbaachisa. Kaayyoon loltuu dhuunfaa himalee kakakaasuuf gareedhaan ammoo tokkummaan akka socho’aniif barbaachisaadha. Kaayyoof ergamni kun ammoo gara himata bulchiinsaa (governing narrative) garee aangorra jiruu sanirraa madda. Qaamni nageenyaa Itoophiyaa sirnoota darban jalatti barsiisa garagaraa hordofaa ture. Bara sirna murni Amaaraa aangorra ture ‘tokkummaa Itoophiyaa’ eegsisuu kan jedhu ture. Bara Tigrootaa ammoo mirga sabaafi sablammootaa dimokraasii warraaqsaa (revolutionary democracy) keessatti hammatame tiksuu ture. Bara murni Oromoo aangoo qabate hoo? Hanga ammaatti ifatti wanti dhihaate hin jiru. Gara jalqabaarratti barsiisa (doktirinii) Wayyaanotaa busheessuun kan haaraan bakka buufna jedhamaa ture. Yeroo lolli Tigraay eegalu barsiisa Itoophiyaa takkaa kan bara Haylasillaasefi Darguutu deebi’ee dhufe. Barsiifni sun garuu miseensota waraanaafi tikaa Oromoofi saboota Kibbaafi Bahaa dhufan, kan himata sabboonummaa sabaatiin qaramanii guddatan hawwachuu hin dandeenye. Sababa kanaan loltuu dhuunfaas hamilchiisuu hin dandeenye, tokkummaa Raayyaa (cohesion) cimsuuf hin fayyadane. Inumaatuu ni qoqqode. Kanaafuu akkuma himata bulchiinsaa barbaachisu, barsiifni qaamonni nageenyaa ittiin masakaman qopheessuun dirqama. Qabiyyeen isaa qorannoo ogeessotaa irratti kan hundaa’u ta’us, dimashaashatti garuu mirga sabaaf sablammootaafi tokkummaa biyyaa kabachiisuun ijoo dubbii yoo ta’e ilaalchota gamaa-gamanaan jiran walitti harkisuuf gaariidha. Progressive Patriotism fi democratic pluralism gubbati kaafne san jechuudha. Dhimm humna nageenyaa kanaan walqabatee adeemsi naannoleen maqaa poolisii humna addaatiin waraana mataa ofii akka qabatan gochuu kun saffisaan jijjiiramuu qaba. Sirna federaalizimii keessatti naannoleen mirga ofiin of bulchuufi nageenya qe’ee keessaa (local peace and security) eegsisuu qabaatanis humna waraanaa qabaachuu hin danda’an. Nageenya qe’ee keessaa eegsisuuf ammoo FUULA 67
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu poolisiin idileetu gahaadha. Rakkoo nageenyaa poolisii idileetii ol ta’eef humna nageenyaa federaalatu bobbaafama. Kun hafee naannoleen haalli amma maqaa poolisii humna addaatiin raayyaa waraanaa jaarratanii jiran kun madda jeequmsaafi diigumsa biyya akka ta’e qabatamaan mul’ataa jira. Gara moggaatti naannoleen wal dangeessan akka wal lolan irraa-gadee ammoo federaalaafi naannoo jiddutti walwaraansi akka uumamu taasiseera. Falli jiru humnoota addaa naannoleen qaban san gara humna nageenyaa federaalaa (poolisiifi waraana) ol fudhachuudha. San booda naannolee keessa kaambii jaarrachuun yeroo rakkoon nageenya humna poolisii idileetii ol ta’e gaafii qamoota nageenyaa naannicha irraa dhihaatun bobbaafamuu danda’u. 6.6. Diinagdee Taliguu Diinagdeen utubaalee aangoo keessaa hedduu murteessaa kan ta’eedha. Akeeka qabsoo Oromoo keessaa tokko saamicha geggeeffamu dhaabsisuun mirga abbummaa mirkaneeffannee, immammata sirriin masakamaa misoomaan hiyyummaa keessaa bahuudha. Sababni qabsoon sabaa aangoo dhuunfachuu barbaaddufis kanuma. Gama diinagdeetiin hojiilee sadi gurguddaa iratti xiyyeeffachuu barbaachisa. Saamicha dhaabsisuu, guddina (growth) fiduufi qabeenyi biyyattii bifa haqa qabeessa ta’een akka ummatoota fayyadu (equitable distribution) gochuudha. Akkuma olitti agarre sirni alagaa bu’ee murni Oromoo dhaabbatus saamichi ummatarraa hin dhaabbanne. Keessattuu saamichi lafaa daran itti hammaatee jira. Maalaamaltummanis sadarkaa qaanfachiisaa irra gahee jira. Akkan hidhaa baheen jaarsi tokko Laga Xaafoo irraa na gaafachuu dhufee osoo haasayaa jirru akkana jedhe. “Gaafa Maastar Pilaanii dhaabsisuuf qabsooftan san waan nu fayyaddan nutti fakkaatee ture. Qabsoon keessan garuu nu miidhe” naan jedhe. Anis rifadhee maal jechuu keessani? jedheen. Jaarsis ‘farda lugaamaan kaloo keenya dheedu, lugaama irraa baaftanii nutti gadi lakkiftan’ jedhe. Maal jechuu akka ta’e yoon gaafadhu ‘bara Wayyaanee san kaadireen OPDO sodaachaa lafa gurguratti ture. Erga Wayyaanen buutee OPDO’n aangoo waan dhuunfatteef dhoorkaa tokko malee nu saamaa jirti’ jedhe. Dhugaadha waggoota shanan dabran saamichi lafaafi malaammaltummaan bifa garagaraa hedduu hammaate jira. Saamicha kana kan hammeesse murni aangorra bahe Oromoo waliin lola keessa seenuun deeggarsa siyaasaa dhabe maallaqaan deeggarsa horachuu waan barbaadeefi. Kanaaf ammoo namoonni saamicha lafaafi malaamaltummuuaa irratti akka bobba’an jajjabeessuun mufii siyaasaa qaban FUULA 68
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu faaydaa diinagdeef jecha irra dabranii sirnicha akka tumsaniif tooftaa baafame ifatti hojitti hiikamaa tureedha. Wanni nama gaddisiisu dabballonni mootummaa saamicha kanarratti bobba’an kun waan saaman qusatanii faaydaa boruutiif hin oolchan. Harkumaa harkatti bashannana irratti qisaasu. Akkaataan isaan maallaqa itti qisaasan kun jibbaafi duula maqa balleessii ‘ተረኛ’(taranyaa) jedhamee oofamuuf akka ka’umsaatti fayyadaa jira. Gita bittoonni kaleessaa Oromoofi Oromiyaa wanti saamaniif namaaf gala. Kan saaman qabeenya ormaa waan ta’eef bor aangoo dhabuu waan malluuf har’uma saamnee dantaa dhuunfaa ykn kan garee guuttanna jedhaniiti. Murni amma aangoo qabu hoo biyya abbaa isaa maaf saama? Miidhaan malaammaltummaa daangaa dabre kan waggoota as aanaa kana mul’atu kanaa saamicha qabeenya ummataa qofa miti. Barnootaa, birokraasiifi khalaqa /entrepreneurship/ ajjeesaa jira. Har’a kantiibaa magaalaa ykn bulchaa aanaa wahii ta’uuf dandettiin osoo hin taane matta’aan muudamuun ni danda’ama. Barataan yunivarsitiirraa qabxii ola’aanaan eebbifame hojii dhabee osoo jiruu kan sadarkaa lammaffaatti mana farsoofi barcaatti biraa hafe aangoo qabatee mana ijaarrattee konkolaataa qabatee bira dabra. Daa’imman lafaa dhufan kana argaa waan guddataniif barnoota barachuufi ogummaa horachuun akka bu’aa hin qabnetti fudhachaa jiru. Kun ammaaf kufaatii qulqullina barnootaa fida, boru ammoo hanqina humna namaa dandeettiifi gahuumsa qabuu dhabamsiisuun kufaatii hamaa fida. Saffisaan duroomufis jabaatanii hojjachuu osoo hin taane qondaala ol’aanaan hidhata qabaachuutu madda milkii ta’a. Waggoota shanan kanatti daldalaan halkanii guyyaa carraaqatuufi maallaqa qusatu qancaraa, iyyaalonni karaarraa dhufan osoo waan tokko hin hojjanne ‘investara’ maallaqa biliyoonaan sochoosan ta’anii muldhatanii jiru. Kun daldaltoota ciminaafi khalaqaan (innovative) hojjatan hamilee cabsuun jabaatanii hojjachuura gara hannaan duroomuuf yaalutti akka ce’an godha. Godhaas jira. Kanaaf qabsoon tokko saamicha hammaataa dhufe kana dhaabsisuu irratti fuulleeffachuu qaba. Qabeenyi (Asset) Oromoof hafte takkittiin lafa. Qabeenya heddu keessa qoodni Oromoo baay’ee baay’ee xiqqaadha. Lafa kana jalaa gurguranii fixnaan harka duwwaa hafe jechuudha. Haaluma kanaan malaamaltummaa maallaqa liqaafi gargaarsaan bu’uraalee misoomaaf dhufu irratti godhamu too’achuun fuulleeffannaa qabsoo ta’uu qaba. Kana galmaan FUULA 69
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu gahuuf ammoo miidiyaalee ciccimoofi dhaabbilee farra maalammatummaa dhaabuufi kan jiranis daran jabeessuu qabna. Hojiin lammataa diinagdee irratti hojjatamuu qabu guddina diinagdee fiduudha. Erga gaafa qabsoon Qeerroo eegalerraa kaasee diinagdeen Itoophiyaa baruma baraan gadi deemaa jira. Ragaa baankii addunyaa (World Bank) armaan gadii kana yoo laallee bara 2013 irraa kaasee guddina diinaggee biyyattii gaduma deemaa jira. Barri 2013 kan qabsoon Qeerroo itti eegale ta’uu haa yaadannu. Erga qabsoon milkooftee murni Oromoo aangotti bahees diinagdee bayyanachiisuun akka hin danda’amin agarra. Inumaatuu itti hammaachaa deeme. Keessattuu waggoota sadan dabran kana sababa walwaraansaatiin kufaatii guddaa keessa gallee jirra. Qabeenyi lolaan barbadaa’uun, bittaa meeshaa waraanaaf maallaqni guddaan bahuun, sosochiin qonnaafi daldala biyya keessaa ugguramuun, investimentiin biyya alaatii dhufu (foreign direct investment) dhaabbachuufi qoqqobbii biyyoonni alaa nurra kaayaniin liqaafi gargaarsi misoomaa dhaabbachuun diinagdee laamshessee jira. Figure 8: Guddina diinaggee Itoophiyaa bara 2013-2021. Kasaaraan lolli kun fide guddina diinagdee biyyattii waggoota hedduun duubatti deebiseera. Diinagdee kana lolarraa dandameechiifnee daandii misoomaarra FUULA 70
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu kaayuuf maallaqa guddaafi qindoomina hojii jabaa gaafata. Oomishtummaa biyya keessaa guddisuun nagayaaf tasgabbiin deebi’uu qaba. Yeroo hedduu kasaaraa lola Kaabaatti gahetu himama. Garuu ammoo Oromiyaa keessatti, waggoota sadan dabran, godinoonni omishtummaan beekkaman Wallagga Afran, Shawaa Bahaa fi Kibba Lixaa, Gujii, Ilu Abbaabooraa gamisni tokko, bara dabre kana ammoo aanaaleen Godinoota Arsii Bahaafi Shawaa Bahaa keessatti argaman sababa walwaraansatiin takkaa hin facaafanne ykn ammoo oomisha ooyruu irraa galfachuu hin dandeenya. Tasgabbiin godinoota kanatti deebi’ee hojiin qonnaa idilee eegaluu baannaan oomisha qonnaa qofa osoo hin taane galiin daldalaafii albuuda irraa argamu hammaatatuma deema. Bifuma walfakkaatuun, liqaa, gargaarsaafi investimantii biyya alaa bifa gahaa ta’een harkisuufis walwaraansa jiran dhaabuu qofa osoo hin taane siyaasa keenya sirreeffachuun lolli deebi’ee ka’uun diinagdee akka hin burkuteessine biyyootaafi dhaabbilee alaa amansiisuu qabna. Diinaggee lola keessa jirutti (war economy) invastimantii dhangalaasuufis ta’ee liqaafi gargaarsaan bira dhaabbachuu warri barbaadu hagoodha. Kanaafuu imaammata diinagdee biyya guddisu baasuuf beektota barnootaafi muuxannoon gahuumsa qaban sassaabuu, maallaqa diinagdee deebisanii olkaasuuf dandeessisu maddisiisuun barbaachisaadha. Kana godhuuf ammoo nageenya amansiisaa buusuun waan yeroon itti kennamuu qabu miti. Dhimmi sadaffaan qabeenyi biyyattii bifa haqa qabeessa ta’een ummatoota akka fayyadu taasisuudha (equitable distribution of wealth). Wantoota walitti bu’iinsa uumanii diinagdees quucarsan keessaa qabeenyi biyya tokkoo bifa loogii qabuun garee tokko fayyadee kanneen biroo hoongessuudha. Sirnoonni dabran bifa kanaan Oromoofi saboota biroo miidhaa turan. Sababni sirni federaalizimii itti barbaachiseefis tokko kanuma. Gara fuulduraatti sirni federaalizimii diinagdee (fiscal federalism) dhugatti hojirra ooluun ummatoonni biyyattii faayidaa haqa qabeessa akka argatan mirkneessuun dirqama. Oromoo jidduttis godinaaleen bifa haqa qabeessaan hojii misoomaafi carraa hojiirraa akka fayyadaman gochuun tokkummaa eegsisuuf murteessaadha. Waliigalatti sababa tasgabbii dhabiinsaafi hammaachuu malaamaltummaatiin baasiin mootummaafi biyyi baasan kan galurra dachaa hedduun guddataa deemaa jira. Biyyi waggoota muraasa dura ‘developmental state’ jedhamuun faarfamtu amma ‘consumer state’ taate yoo jedhamu dhugarraa waan fagaate miti. Birookrsaasiin biyyattii namoota dandeettii qabaniin (meritocratic) osoo hin taane kanneen malaammaltummaan ol bayaniin waan guutameef hojiidhaan bu’aa buusee diinagdee guddisaa hin jiru. FUULA 71
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Gama kaaniin ammoo sababa lolaan hojiin misoomaa danqamee baasiin lolaa samii tuqee jira. Biyyi akkasii ammoo gumbii jalaan uratteedha. Hammamuu turtu qullatuun hin oolu. Waggoota kudhan dura saffisni diinagdeen Itoophiyaa itti deemaa ture bara 2025tti biyyoota galii jiddugalaa ( middle cime country) taati jedhamee tilmaamama ture. Har’a garuu hiyyummaa keessaa baatee warra duroomanitti dabalamuun haa hafuu, gaafiifi shakkiin jiru akka biyyaattuu itti fufti moo addan facaati kan jedhuudha. Kufaatiin kun bara ‘mootummaa Oromoo’ gahaa waan jiruuf murna aangorra jiru qofaaf osoo hin taane saba kanaafis qaanii guddaadha. Kun ammoo, warreen kaleessa ‘Oromoon biyya bulchuu hin danda’u’ nuun jechaa turaniif ragaa bahuudha. Biyya tasgabbeessanii, hanna hirdhisanii, caasaa bulchiinsaa namoota gahuumsa qabanitti kennanii diinagdee biyyattii akka bayyanatu gochuun dhimma yeroon itti kennamuu hin qabneedha. 6.7 Beekkumsa Oomishuufi Tamsaasuu (Knowledge Production and Dissemination) Wanti lammileen biyyaatifi warri alaa waa’ee taatewwan seenaafi haala yeroo irratti barataniifi dhagayan imaammataafi tarsiimoo biyti takka ittiin bultuufi hariiroo biyyoota biraa waliin qabdu irratti dhiibbaa guddaa qaba. Beekkumsi seenaafi haala yeroo ammoo akkaataa murna maddisiise fayyadutti haqaaramee dhiyaata. Seenaas ta’ee haalli yeroo waan lama hammata. Taateefi akkaataa taateen sun itti ibsamu (fact and interpretation of it). Abbaan seenaa barreessu, qindeessu, gabaasu fi miidiyaan tamsaasu, taatee tokko haquun ykn ammoo khalaquun (omission or fabrication) akka isa fayyadutti dhiheessa. Takkaahuu ammoo taateen sun akkuma jirutti ta’ee sababa, akkaataafi haala itti ta’e jallisuun tolfata. Haaluma kanaan beekkumsi waa’ee biyyootaa yeroo heddu akkaataa gartuulee aangoo siyaasaa harkaa qabaniifi kanneen ol’aantummaa diinagdee qabanii fayyaduun dhiyaata. Beekkumsi waa’ee Itoophiyaa hanga ammaa jirus kan ilaalchaafi dantaa warra Kaabatiif loogii godhu ture. Aadaafi seenaa Itoophiyaa jedhamee kan barsiifamuufi warreen alaatti kan himamus isuma. Taatee haala yeroos yoo ta’e waanuma gamasii dubbatamutu miidiyaa biyyattii too’ata. Kanumatu gurra warra alaas gaha. Diplomaatonnifi dhaabbileen addunyaa Finfinnee dhufan seenaafi dhugaa saboota biroo takkaa hin dhagayan ykn kan jallate (distorted) ta’e argatu. Kanuma qindeessanii waajjira muummee mootummoota isaaniitif gabaasu ykn dhiheessu. Haalli kun imaammata FUULA 72
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu biyyoonni alaa biyya sanirratti qabaniifi miidiyaaleen gurguddaan gabaasan jallisa. Kanaafuu haala beekkumsi waa’ee biyya sanii itti omishamuufi tamsaafamu kan saboota hunda calaqqisiisu taasisuun ummanni biyyattis ta’ee warri alaa ilaalcha madaalawaa akka horatan dandeessisuun ijaarsa biyyaatiif bu’aa guddaa buusa. Sirreeffama kana fiduuf imaammata (kaarikulamii) barnootaa sirreessuun qofti gahaa miti. Yunivarstileenifi wiirtuuleen qorannoo (think tanks) hojii qindaawaa hojjachuu qabu. Yunivarsileen qorannoo ragaa cimaan deeggarame akka dhiheessaniif barattootaafi hayyootaaf haala mijeessuu qabu. Wiirtuuleen qorannoo ammoo qorannoo yunivarsileetti hojjatame haxeeraranii (cuunfanii) bifa tarsiimawaa ta’een qopheessuu qabu. Miidiyaaleen ammoo bifa waaytawaa ta’eefi xiyyaffannaa qabuun tamsaasuu qabu. Gama kanaan hedduu duubatti hafnee jirra. Aangoon dhuftee waggoota shan boodas beekkumsi madduufi tamsa’u kanuma warra kaleessaati. Olaantummaa birokraasii mootummaa, dhaabbilee miidiyaa, Imbaasileefi jaarmayoota alaa keessatti qabanitti fayyadamuun himata loogii qabuutu tamsa’aa jira. Kana sirreessudhaaf akkuma gubbatti jennee dhaabbileefi hayyoonni keenya qorannoo tarsiimoon masakame geggeesuu irratti cimuu qabu. Miidiyaaleen mootummaa loogii akka dhaaban qofa osoo in taane galtee (input) argatan beekkumsa madaalawaa irraa maddeen kan dhiyaatu gochuu feesisa. Dabalataanis dhaabbilee federaalaa hunda keessatti hojjattoonni sabaaafi sablammoota hunda keessaa bifa madaalawaa ta’een kan hirmaatan gochuun dirqama. Dhaabbilee biyya alaafi imbaasilee keessattis olaantummaan garee tokkoo lamaa amma jiru kun jijjiiramee ummatoota biyyattii bifa calaqqisiisuu akka ta’u gochuun barbaachisaadha. Kana hunda qindeessuuf ammoo hooggansi gamaagamana jiru kan itti hirmaatu, waljattajjiin qorannoofi marii (Strategic research and planning forum) jiraachuu qaba. Waltajjii akkasii sanitti beekkumsi sadarkaa yunivarsitiiletti madde wiirtulee qorannootiin haqaarame hogganootaan irratti mari’atamee bilchaatee bu’ura imaammataafi tarsiimoo ta’ee gadi buufamuun qaamota garagaraan hojitti hiikama. Dimshaashumatti angoo qabatanii adeemsa beekkumsa maddisiisuufi raabsuu karaa qabsisuu baannaan kufaatiin fagoo akka hin jirre hubachuu qabna. FUULA 73
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu
GOOLABBII Barruu kana keessatti amna dheeraafi aarsaa guddaa booda qabsoon Oromoo bakka irra geesse, rakkoolee tibbana mudataa jiran, balaa gara fuulduraa mudachuu malu xiinxaluun, injifannoolee hanga ammaa argaman tiikfachaa, milkiilee gara fuulduraatiif karaa saaquuf hojiilee hojjatamuu qaban eeruun yaalameera. Qabxiin jabaan hubachiisuuf yaalame aangoo qabachuu waliin balaa hamaafi carraan bal’aan walbira dhufuu; waggoota shanan dabran balaa ofirraa maqsuun carraatti fayyadamuu dadhabuu keenya amanuu akka qabnuudha. Sababa kanaan aangoo cimsachuus ta’ee gaafii ummata keenyaa deebisuu akka hin dandahinis hubachiisudha. Sabni keenyaafi biyyis balaa hamaaf saaxilamtee jirti. Dogongoroonni waggoota shanan kana raaw’ataman irraa deebi’amanii laalamuun saffisaan sirreeffamuun barbaachisaadha. Fuulduraafis dogoggora walfakkaata raaw’achuu irraa of qusachuun barbaachisaadha. Dursa walwaraansa biyyattii kallattii garagaraa dhaabsisuuf xiyyeeffannoo kennuu feesisa. Saniin cinatti himata, imaammata biyya ittiin bulchan baafachuun, gahuumsa hooggansaa ol guddisuun, utubaalee aangoo ijaaruu, jijjiiruufi haaromsuun hojiilee bilchina guddaan dalagamuu qabaniidha. Hariiroo saboota wajjiin qabnu tolfachaa, hojii laafina gama diplomaasiin jiru sirreessuuf qajeelchuunis hojii nu eeggatuufi yeroon itti kennamuu hin qabneedha. Ololli ‘Oromoon biyya bulchuu dhiisii waluu bulchuu hin danda’u’ jedhu dogoggoroota waggoota shanan dabraniitin fudhatama argataa akka jiru waan haalamuu miti. Kun ammoo xiinsammuu ummata keenyaa irratti miidhaa guddaa fida. Haariiroo saboota biyyattiifi biyyooota alaa waliin qabnus balleessaa jira. Kana hubachuun hawwii dhuunfaafi ilaalcha murnummaa moggaatti dhiisuun maqaa waloon nu badaa jiru qulqulleeffachuuf hojjachuun barbaachisaadha. FUULA 74
Boqonnaa Qabsoo Itti Aanu Dhaloonni nu duraa Oromoo dhabamurraa oolchee, dammaqsee, ijaaree Oromummaafi Oromiyaa lafa qabsiise. Dhaloonni keenya gateettii isaanitirra ejjatee aangoo harka alagaatii hanqaaqee baasee murna ofii harka kaaye. Aangoo san garuu cimasachuufi dhugeeffachuun dantaa ummataaf oolchuu hin dandeenye. Hojiin itti aanu dogongoroota erga aangotti dhufame uumaman kana sirreessuun, biyya tasgabbeessuun, diinagdee daandii guddinaatti deebisuun, cehuumsa dimokraasiif karaa saaquun, dhaloonni itti aanu walwaraansaafi hiyyumma akka nurraa hin dhaalle mirkaneessuudha. Oromiyaafi Itoophiyaa misoomteefi dimokraatofte bara jireenya keenyaa arguu dhabuu malla. Garuu Yoo xiqqaate Oromoo walnyaattuufi biyya diigamte dhaloota dhufutti akka hin dabarsine waadaa ofii gallee ciminaan hojjachuu qabna. Yaadonnifi xiinxalli barreeffama kana keessatti dhihaatan guutuus sirriis ta’uu dhabuu malu. Akeekni barruu kanaa marii godhamuu qabuuf bifa si’eessituutin karaa saaquudha. Barreeffamicha irratti qeeqaa dhiyeessuun gaarii ta’ee, karaa irra wayya jedhamee yaadamu dhiheessuun daran faayidaa qaba. Barreeffamicha gabaabsuufi wantoota garii ifatti baasuu diddaaf jecha qabxiilee heddu bifa dimshaashawaa ta’een kaayuun filatameera. Qabxiileen ifa hin taane marii qamaafi sabqunnamtii garagaraatiin goonuun daran ibsuuf qophiidha. ……………….. //………………. FUULA 75