Mariin Araara WBO Fi Mootummaa Gidduu Maalif Fashale? Jedhani Jawar Mohammed Gaafatan.

Afgaafiin Obbo Jawar Mohammed Arts Tv worlds waliin Taasise Kutaa 2ffaan Kaleessa Maxxane. Kanarratti Gaafii Dhimma Fashaluu Marii Araara WBO Fi Mootummaa Gidduu Gaafatame.

Jawar Mohammed Mariin Araara Mootummaa fi WBO Gidduu Maalif Fashale? Jedhani Gaafatan

Obbo Jawar Mohammed Mariin Araaraa Suni Hanga Ani eege Olitti Waa Baayyee Irratti Waliif Galameera. Biyyi Keenya Siyaasa Mariitif Haarawa Waan taheef Rifatame malee Milkaa’ina Baayyeetu Maricharratti Argame jechuun Haala Marii sanii Hime.

Gareen Lachuu Fedhinnaan Isaan Araara Buusuuf Qaban Guddaa Tahurraa kan Ka’e Achitti Argaman. Yoo Akkas Tahe Miidiyaalee Mootummaa Irraa Gaafa Mariin Eegalu Ololli Damassasne fi Caccabsine jedhu Maalif Lallabamaa ture Jedhee Jawar Gaafate.

Mariin Araara Mootummaa fi WBO Gidduu Maalif Fashale? Obbo Jawar Mohammed gaafatan

Obbo Jawar Mohammed Akkan Ani Yaadutti Akka Waan Moohatanii Harka Kennachiisanii yookaan Dirqamaan Marirratti Akka Hirmaatan Taasisan Wahitti Ummatatti Fakkeessuf Yaalameeti taha malee Gareen Lachuu Fedhinnaan Isaan Nagaya Buusuuf Qaban Guddaa Akka Ture Himeef.

Biyya Sanitti lolli Faannoos tahee WBO waliin Adeemsifamu Marii Araaraa Qofaan Xumurama Kuni Garuu Biyya Keenyaaf Siyaasa Haaraa Waan Taheef Obsaan Itti Deemamuu Akka Qabus Himuun Olola Garee Lamaan Addaan fageessurraa ofeeggatuun Barbaachisaa Akka tahe Dubbateera. Afaan Oromotti Jijiireera Viidiyoo Olirraa Agartanirraa Guutuu isaa Obsaan Dhaggeeffadhaa jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Taateen Tibbana Magaalaa Finfinnee Keessatti Tahe Muslimtoota Ethiopia Gadda Uwwise.

Guyyaa Kaleessaa jechuunis Ammajjii 6 Bara 2024 taateen Tokko Magaalaa Finfinneetti Tahuun Muslimtoota Ethiopia Gaddaan Haguuge.

Ethiopian Sheik Abdu Yasin Magaala Finfinneetti Qaama Hin Beekamneen Ajjeefaman.

Sheik Abdu Yasin Jedhama. Hayyuu fi Barsiisaa Amantaa Islaamaa Tahuun Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Jedhamutti Nama Diinii Islaamaa Qaraasisaa turee fi Masjida Badir jedhamuttis Akka Duree yookaan Imaama Masjidaatti Nama Salaachisuu fi Guyyaa jum’aa Kuxbaa Gochuun Hawaasa Muslima Naannawa Sanaa Nama Tajaajilaa Tureedha.

Ammajjii 6/2024 galgala Erga Salaata Ishaa’ii Salaatanii Masjida irraa Gara Manaa Deemuu eegalan Karaatti Balaan Mudate. Qaama Ammatti Eenyummaan Isaa Hin Beekaminiin Rasaasni Duuba isaatin Itti Dhukaafame. Lubbuu Isaa Baraaruf Gara Hospital Abet jedhamu Geeffamee Yaalamuuf Tattaafatamullee Garuu Lubbuun isaanii Hafuu Waan Hin Dandahiniif Gama Fuula Rabbii Deemanii jiran.

Sheik Abdu Yaasin Magaala Finfinneetti Ajjeefaman

Taatee kana Kan Balaaleffate Ustaaz Kamil Shamsuu,Hamma Eenyummaa Nama Gocha Fokkisaa Akka Kanaa Raawwate Addaan Baafamutti Miidiyaa Hawaasummaa Irratti Shakkiidhaan Akka Waa hin Barreessine jechuun Hawaasa Sirna Awwaalcha Sheik Abdu Yasin irratti Hirmaatef Dhaamaniiru.

Eegaa Sheik Abduu Yasin Rabbi Jannataan Haa gammachiisu jechaa Mootummaan Lubbuu Lammiilee Nagahaa Haala Kanaan Magaalaa Finfinnee keessatti Darbaa jiran Kana Qoratee Namoota Gocha Akkanaa Kana Raawwatan Akka Seera jala oolchu kabajaan Gaafanna. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Marii Malee Simannee Hulaan Galaanaa Mallatteeffame Odeeffannoo Kaabutaa

Hulaan Galaanaa Biyya Keenyaaf Waan Gammachiisaa fi Nuboonsu tahee Osoo jiruu garuu Mariidhaan Tahuu Akka qabu Kaabutaan Irra deebiin Gaafatuun,Odeeffannoo Haarawa Jiru Akkanaan Himaa jira.

Dhimma Hulaa galaanaa Ethiopiaf somalilan Ilaalchisee Odeeffannoo Haarawa Kaabutaa

Akka Kaab Buttaan Odeeffannoo Keessoon Arganne jechuun Himaa Jirutti,Mootummaan Naannoo Somaliyaa Obbo Musxafeen Dhimma Hulaa Galaanaa Kanarratti Mootummaa Biyya Somalia waliin Akka Bilbilaan Haasahan Dubbatan Himee,Haasaha Waliin Taasisaniinis Dhimma Hulaa Galaanaa Kan Ethiopian Somaliland waliin Mallatteessiterraa Obbo Musxafeen Humaa Akka Qubaqabne Itti Hime jedhe.

Obbo Musxafeen Ani Akkan Peresdaantii Somaliland Simadhu qofan ajajame malee Maalirratti Akka Waliigalameefi Maalif Akkan Simadhu wantin Beeku Hin Jiru Jechuun Mootummaa Somaaliyaatif Hime jechuun Odeeffannoo Keessoo Mootummaa Isaanii irraa Argate Nuuf Hima.

Oduun Hulaa Galaanaa Maaltu jira? Kaab Buttaa

Akkuma Obbo Musxafeen jedhe Itti Aanaan Mumicha ministeera Ethiopia Obbo Demmeqaa Mokonenis Namni Dhimma Hulaa Galaanaa Kanarratti Nuun mariyatamee Taasifame Hin Jiru. Nutis Guyyuma waliif Mallatteeffamu qofa dhageenye jechuun Waltajjii Marii Naannoo Amaaraa keessatti taasisanirratti Akka Dubbatan Hima Kaabutaan.

Gama Biraatin Dhimmi Kuni Marii Hayyoota fi Qaama Dhimmi Ilaallatu Hunda Hirmaachisuu qaba Jechuun Yaadachiisee, Waan Tahu Hin Beekamu Ummanni keenya Biyya Simaliyaa Keessa Jiraatan Ofeeggannoo Gochuu Akka qabu gorseera. Isin Maal jettan? Viidiyoo Olirraa Gartanirraa Guutuu Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Jaal Hangaasaa Ibraahim Eessatti Riphan?

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Miidiyaa Irraa Eessatti Badaniin Gaafii Ummanni Gaafataa jiruudha.

Obbo Hangaasaa Ahmed Miidiyarraa Dhabamuun Yaaddoo Namootaa Tahuun Gaafataa jiran.

Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Jaala Obbo Taayyee Dendea Kan Turanii fi Miseensa Paarlaamaa Ethiopia Tahuun Waggaa Lamaa Oliif Tajaajila Kennaa Kan Turan Miidiyaa Hawaasummaa Irraa Baduun isaanii Akka Ummanni Iyyaafatu Taasise.

Hangaasaan Yeroo Garagaraatti Miseensa Paarlaamaa Tahee Osoo Jiruu Haala Rakkisaa Oromia Keessa jiruu fi Dhimmoota Ethiopia Ilaalchisee Shira Deemaa Jiru jechuun,wantoota Ragaa Itti qabnu jedhee Rakkoo ummataa Gama Fuula feesbuukii isaanii Irratti Liivii seenuun Dubbataa turan.

Obbo Hangaasaa Ibraahim Maalif Miidiyaa irraa dhabaman jechuun Hawaasni Gaafataa jira.

Tahullee Jidduu Kana Sagaleen isaa Miidiyaa Hawaasummaa Irraa fi Fooddaa Tv Mootummaa keessattis Muldhatuu Dhabuun Hawaasatti Yaaddoo Uume. Keessattuu Jaalli Isaa Obbo Taayyee dendea Hidhamuu waliin Hangaasaan Hanga Ammaatti Homaa Dubbatuu dhabutti Yaaddofneerra jedhee Namoonni Yaada kennatanis ni jiran.

Tarii Obbo Hangaasaan akka Hin Dubbanne sodaachifamemoo sababni Inni Badeef Maali Jedhanii Gaafatanillee Hangaasaan Hanga Ammaatti Homaa Jechurraa Ofqusateera. Kanaafuu Obbo Hangaasaan Bahee Akka Jiraachuu fi Nagaha qabaachuu isaa nuuf Mirkaneessu Akkasuma Haala Jirurratti Yaada Nuuf Laatan Kabajaan Gaafanna jechuun Jaalattoonni Isaa Gaafataa jiran. Isin Maal jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Hulaa galaanaati moo Hulaa Abiddaa Bantan/Kaabutaa

Dhimma Hulaa Galaanaa Jedhamee Lammiileen Ethiopia Gammachuu Ibsataa Jirurratti Kaabutaan Yaada kennate.

Hulaan Galaanaa Ethiopian Argatte Akka Hulaa Abiddaa Hin Taane jedha kaabutaa

Hulaan Galaanaa Biyya Keenyaaf argamuun Waan guddaa fi bareeda kan jedhe kaabutan Garuu Wanti Kuni Hulaa Galaanaa Kan Nu Fayyadumoo,Hulaa Abiddaa Kan Nu Laboobu yaada jedhu kaasan. Sababni Isaas Biyyi Somaaliyaa Dhimma Kana Ilaalchiftee Komii qabdu ibsataa jirtis jedhee Yaada Isaa Itti fufa.

Ethiopian Biyya Beekkamtii Idil Addunyaa Hin qabne Somaliland waliin Akka Biyya Beekkamtii qabduu takkatti Waan Mallatteessiteef Gumgummiin Somaliyaa irraa Nutti Ka’e. Kanaafuu Hulaan Galaanaa Kuni Wahi Hulaa Abiddaa Nutti Tahaa laata shakkii jedhun qaba jedhee,wanti kuni Lola Malee Karaa Nagaatiin Akka Xumuramuu qabus Yaada kennate.

Hulaan Galaanaa Ethiopian Argatte Akka Hulaa Abiddaa Nujalaa Hin taane jedhe Kaabutaan

Dabalataan Kaabutaan Mootummaan Ethiopia Ajandaa Hulaa Galaanaa Kana Kan Nuuf Laatef Sababa Mootummaa fi WBO’n Araara Buusuu qaba Jedhee Dhiibbaa Gochuu jabeesseef Ajandaa Kana Ukkaamsuuf Kana Godhe jechuunis Yaadachiisee, Mootummaan Gama Araaraa Akka Socho’uu qabu Gaafatuun,Ummanni Keenya Ajandaa Hulaa Galaanaa Kana Dhiisaa Mootummaafi Waboon Akka Gama Marii deemuun Araara Buusanirratti Dhiibbaa Godhaa jechuun Gaafateera. Olirraa Viidiyoo Agartan Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Jawar Dabalatee Igad fi Ibsi Mootummaan Dhimma Waliigaltee Ethiopia fi Somalilandirratti Komii ka’eef baasan Maal jedha?

Waliigalteen Hulaa Galaanaa Kan Ethiopia fi Somaliland Giddutti Mallatteeffame Somaliyaa irraa komii kaase.

Jawar Mohammed Kanneen Biroo Waliigaltee Ethiopia fi Somaliland Ilaalchisee Maal jedhan?

Dhimma Kanarratti Obbo Jawar Mohammed Yaada kennateen Akka Jedhetti,Biyyi Keenya Hawwii fi Fedhii Guddaa Hulaa Galaanaa Argatuu Kanatti Gammaduu fi Akkasuma Waliigalteen Akka Kanaa Qaama Na Ilaallata jedhu hunda Hirmaachisuu Akka Qabu Yaada kennate.

Mootummaan Somaliyaa Qaamni Somaliland Qaamakoo taatef Beekkamtii Biyyummaa Nan kenna jedhu yoo jiraate Hadheeffannee balaaleffanna Jechuun,Kuni Birmadummaa Biyya kootti Waan Qiyyeeffatameedha Jettees Akka Balaaleffattu Irra deddeebiin Ibsaa jirti.

Waliigaltee Ethio fi Somaliland Somaliyaa Mufachisurratti Yaada Jawar Mohammed fi Igad Akkasuma Ibsa Mootummaan kenne

Igad Gama Isaatin Biyyoonni Lamaan Dhimma Kana Mariidhaan Hiikkachuu Akka Qabaniifi Biyyoonni Lamaan Gaanfa Afrikaaf Murtees Akka Tahe Yaadachiise.

Mootummaan Irra deebiin Ibsa Baasen Waliigalteen Dhimma Hulaa Galaanaa Irratti Ethiopian Somaliland waliin Mallatteessite Kennanii fudhachuu Kan Hammateedha Jedhanii, waliigaltichi Amantiis tahee Seerri Faallessu Akka Hin jirre Ibsaniiru. Guutuu Taatewwan Dhimma Kanaa Viidiyoo Olirraa Agartanirraa Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Ethiopia fi Somaliland Hulaagalaana Fi Biroo irratti waliigaltee Mallatteessan. Garuu Somaaliyaan Mormite

Ethiopia fi Somaliland Waliigaltee Guddaa Mallatteessuun Biyya Lachuu gammachiise. Tahullee garuu Somalian Gocha Kana Mormuun Ethiopia komatte.

Somalian Waliigaltee Ethiopia fi Somaliland Taasisan mormite. Sababni Maali?

Ethiopia Malee Biyyoonni Ethiopia dangessan Marti Hulaa Galaanaa qabu. Taateen Kaleessa Argame Ummata Ethiopia Hunda Gammachiise. Somaliland irraan Hulaa Galaanaa Akka Argattu Waliif Mallatteessan. Tahullee Garuu Somalian Gochi kuni sirrii miti jechuun Mormite.

Somaliland Biyya Somaliyaa Keessa jiraattudha. Bara 1991 Keessa Finciluun Walabummaa Lallabattullee Beekkamtii Biyyummaa Hanga Ammaatti Hin arganne. Kanaaf Somaliyaan Naannoo Biyya Kiyya Keessa Jiraatudha Waan taheef Ethiopian Maalif Waliin Mallatteessiti Yaada jedhu kaaftee,Beekkamtiin biyyummaa Ethiopian Seera Idil Addunyaa Cabsuun siif kennitu Hin jirtu jettee Komatte.

Somalian Walii galteen Ethiopia fi Somaliland Waliif Mallatteessan sirrii miti jechuun komatte.

Peresdaantiin Somaliland Akka Walii galtee Kanaatin Ethiopian Beekkamtii biyyummaa Akka Nuuf Kannitu Abdanna jedhaniiru. Gama Biraatin Daandii qilleensa Ethiopia Akka fayyadamtu Ruduwaan Husseen Himaniiru. Garuu Yeroo Hammamii fi Qooda Hangamii Akka Qabaattu Wanti Beekame Hinjiru.

Waliigalteen Jaraa Kuni somaliyaa Mufachiisuun Paarlaamaan Somaaliyaa Walgahii Arra Hatattamaan Yaamee Dhimmi Waliigaltichaa kuni sirrii miti jechuun Ibsa Baasaniiru. Ibsa Isaanii Kanaa fi Dhimma Walii Galtee Kana Viidiyoo Olirraa Agartan Kanarraa Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Afgaafii Jawar Mohammed Arts Tv waliin Taasise Addunyaatu Ajaa’ibsiifate.

Jawar Mohammed Badhaasa Oromoo fi Ethiopiati jechuun Kaab dubbatee Akka Addunyaan Ajaa’ibsiifatte Dubbata.

Nama Dhiisi Jinnii Hundaatu Jawar Dhaggeeffatee Walitti Hasaase jechuun Dinqisiifannaa Obbo Jawar Mohammediif qabu Dubbatuu Kan Eegale Obbo Kaabutaan Dhugumatti Nama Kana Rabbiin Oromoo Numa Badhaase jedhee,Osoo Jawar Mohammed Nutti Himuu Dhagahuu Dinnee Lafa Fasaannee Hallayyaa Buune Jedhe.

Jawar Mohammed Jechuun Hayyuu Biyyi Ethiopia Abdattuu fi Biyyattiin Akka Isaan Hogganamuu qabdu Afaanin Dubbattee Lallabataa jirtu tahuus Qoosaa Fakkeessuun Himee,Obbo Jawar Mohammed Biyya Sana Higganuuf Of qopheessuu akka Qabus Dabalee Gorsuun,Jawar Hanga Gahu Kana Waan Ofbare Hin fakkaattu Jedhees,Yaada Isaa Gargar Baasee Dubbata.

Gama Biraatin Ijoo Haasaha Obbo Jawar Mohammed Kaleessa Taasisanii Viidiyoo Gadii Agartan Kanarraa Obsaan Dhaggeeffadhaa jechaa Obbo Jawar Mohammed erga Yeroo dheeraaf Miidiyaarraa fagaatee,Barbaada Jabaniin Arts Tv World Argatee Afgaafii waliin Taasise.

Afgaafii Obbo Jawar Mohammed Arts Tv World waliin Taasiserraa Maal Hubattan?

Afgaafiin Isaa Kuni Yoom gad-dhiifama jechuun Jaallattootafi Irraa Baareydoonni Yookaan Jibbitoonni Isaas Qalbii Hiruun Guyyaan Sabata Guddaa Itti Dheerate. Osoo Abdii Hin Murin Dinqisiifattoonni fi Jaalattoonni Jawar Mohammed Obsaan Eeggataa turan. Guyyaa Beellamaa Gahee Hulaa Nutti Dhidhoonnan Osoo Livin Hin eegalin Gara Nama 3k oliin Taa’anii eegaa turan.

Afgaafiin Jawar Mohammed Addunyaan Ajaa’ibsiifamee dinqisiifame.

Hulaan Duraa Banamee Youtube Arts Tv World irraan Gurbaan Diimaan(Jawarmohammed) Ija Ummataatti Asbahee,Ummanni welcome Dada jechuun Simannaa Komantiin Dachii Girgireeysan. Daqiiqaa Muraasa Keessatti Namoonni 20k oliin Teenyee daawwatuu Itti fufnullee Namoonni Daranuu Baayyinaan Seenuun Jiddugalatti namoota 56K oliin Guutuu Livii Part1 xumurre.

Jawar Mohammed Badhaasa Rabbiin Oromo fi Ethiopiaf kenneedha jedhe Kaabutan

Obbo Jawar Mohammed Haala Siyaas diinagdee Biyya keenyaafi Raafama Siyaasa Biyyattiin Keessatti Kufte Ilaalchisuun Gaafi Gaafatame Baldhinaan Isumaa Himuu eegale Buna Dhugna jedhanii Oaartiin tokkoffaan Nurratti Dhumate. Sanbata Guddaa yookaan Dilbata Dhufu Galgala Sa’aa 3 Akka Lakkoofsa Ethiopiatti Nuuf Baallamame. Hangasuu Obbo Jawar Mohammed Maalfaa Akka Dubbatan Viidiyoo Olirraa Agartan kanarraa dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Afgaafiin Obbo Jawar Mohammed Taasise Osoo Hin Maxxanin Waca kaase/kaab Buttaa

Obbo Jawar Mohammed Miidiyaa Asrat Jedhamu waliin Afgaafii Taasise. Namoonni Baayyeen Dhiiroo Maaluma Nuun jedha Jechuun Mata-dure Afgaafii Sanaa Kan Miidiyaan Asrat Jedhamu Maxxansuun Sanbata Guddaa Nu eegaa jedhe Jalaa Qooduun Yaada Garagaraatin Dabaaluu eegallaan garuu Garee Namoota Muraasaa Dallansiisee,waccisiise. Kuni Maal Agarsiisa jechuun Kaab Buttaan Yaada Isaa qooddate.

Afgaafiin Jawar Mohammed Maalif motummaa Keessaa Waca kaase? Kaab Buttaa

Obbo Jawar Mohammed erga Yeroo dheeraa miidiyaa irraa fagaate Booda Afgaafii Miidiyaa Asrat waliin Taasise. Afgaafii Kana Keessatti Wanti Jawar Dubbate Namoota Baayyee Afaan Qabachiise. Ani osoon Hin Hidhamin dura Waa Lama Akka Na qunnamuuf Jiru Bareecheen beeka jechuun Dubbiin Inni Viidiyoo Akka Seensatti Maxxanfame Miidiyichi Maxxanse Keessaa Dhagahame Garee Muraasa Mufachiise.

Afgaafiin Obbo Jawar Mohammed Taasise Waca Kaase jedhe Kaab Buttaan

Kan Garee Kana Mufachiise Shira keenya Hayyummaa Isaa Sanatti Fayyadamee saaxila Waan jettuudha jechuun Obbo Kaab Buttaan Yaada Isaa Itti Fufee,Ani Intarviiw yookaan Afgaafii Akkanatti eegamte Hin Agarre jedhees Dinqisiifannaa Obbo Jawariif qabu Himuun Nama Kana Oromoon Jabeeffatuu Akka Qabu Dhaame.

Oromoon Osoo Hayyuu Akka Jawar Mohammed Kana Jala Hiriiree Silaa Akkanatti Faffaca’ee Qe’een isaa Yeroo Mara Boohicha Hin Taatu Jechuudhaan,Haasaa Jawar Duraan Taasise Kan Qabatamatti Amma Itti Dhufame Himuun Gurbaan Diimaan Kuni Hayyuu Oromoo qofa Osoo Taane Kan Addunyaati jechuunis Jajeera. Maraafuu Viidiyoo Olirra Jirurraa Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia

Namoota Sadiitu Rooba Dheefa Goda Seenanii Rabbiin Goda Itti Cufe. Akkamitti Bahan? Ustaaz Hamzaa Takluu

Seenaan Kuni Waan Baayyee Garaa Nama Nyaatufi Ammoo Hojiin Bareedduun Ati Rabbiif Jecha Hojjattee qabdu Yeroo Rakkoo Nama Furuu Asirraa Baratta.

Namoota Sadi Goda Seenanii Rabbiin Goda Itti Cufe Akkamiin Bahan? Seenaa Kana Ustaaz Hamzaa Irraa Dhaggeeffadhaa

Seenaa Namoota Sadii Rooba Dheefa Goda Seenanii Gonni Itti Cufamee Rabbiin Rahmata isaatin Goda Sana Keessaa Baase. Hadiisa Ergamaa Rabbii (S.A.W) Nutti Odeessuun Seenaa Kan Kan Nu Yaadachiise Ustaaz Hamzaa Takluu Obsaan Dhaggeeffadhaa Isin Fayyadaa jedhee Ummataaf Himuu eegale.

Seenaa Ummata Banii Israa’il keessatti Tahe Kana Ergamaan Rabbii (S.A.W) Nutti Odeessan Jedhe. Namoonni Sadan Tokko Osoo Deeman Gaara Keessatti Roobni Isaan Qabee jennaa,Rooba Kana Dheefa Goda Seenan. Goda Kana keessa Akkuma Seenaniin Dhagaan Konkolaatee Gonni Itti Cufame. Yeroo Kanatti Yoo Iyyanis Namni Isaan Dhagahu Tokko Hin Jiru. Ofiif Ofirraa Bananii Bahuus Dadhaban. Amma Namuu Hojii Bareeda Duraan Hojjatanii Lafaa Qabaniin Rabbi Kadhatuu Eegalan.

Jara Sadii Goda seenee Rabbiin Goda Itti Cufe. Akkamiin Bahan? Ustaaz Hamzaa

1, Akkana Jechuun Kadhatuu eegale. Yeroo Hunda Haadhaaf Abbaa Isaa Kaddama(Tajaajila) gaafa Tokko Osoo Inni Aanan Hin Obaasin Haadhaaf Abbaan Isaa Isa Duratti Rafan. Namni Kuni Ilmaanif Maati Dhuunfaa Isaa Dura Haadhaf Abbaa Isaa Kaddamaa Turuu Seenaan Isaa Kaafti. Hanga Haadhaaf Abbaan Hirribarraa Ka’anii Aanan Elmee dhufe Harkatti Qabatee Dhaabbataa Buluu fi erga Isaan Hirribaa ka’an Obaasuu Isaa Dubbatee,Yaa Rabbi Yoonin Ani Siif Jecha Kana Godhe Nurra Bani jedhee Kadhannaan Dhagaan Itti Cufamee Ture Xiqqo irraa Saaqame.

2, Kan Lammadaa Taraan Geenyaan Akkana jedhe. Intala Abbeeraa Kiyyaa Takkaatu Ture. Isheen Baayyee Bareeddi Onnee Nafuute. Waliin Rafuu Kajeeleen Gaafadhe. Na Diddee Deemte. Yeroo Dheeraa Booda Rakkannaan Akka Hayyamtee Waa Irraa Fudhattee waliin Rafuuf Murteessite Himteef. Innis Wanta Isheen Feetu Godheefi Wajjiin Rafuuf Haala Mijjeeffate. Yeroo Kana Akkuma Luka Jidduu seenen Aboo Rabbi Sodaadhu Badii Nattin Hojjatin Naan Jette. Anis Rifadheen Jechi Ishee Onnee Na seenee Dhiise. Yaa Rabbi Yoonin Jecha Ishiin Rabbi Sodaadhu Naan jette saniif Dhiise Nurraa Bani jedhee Kadhannan Ammas Rabbiin dhakaa Goda Cufe sana Xiqqo Irraa Dhoosuun Baldhise Garuu Ammas Bahuu Hin Dandahan.

3, dabareen Gurbaa Isa Sadaffaa Sana Geesse. Inni Akkana Jedhe. Nama Wahiitu Midaa Fudhachuun Na Bira Hojjataa Ture. Midaa Isaa Dhiise Turtii Yeroo Dheeraa Booda Na Biratti Deebi’e. Anis Midaa Inni Na Biratti Irraanfatee deeme saniin Beeladoota Bitee,beeladoonni sunneen Akka malee Wal Hiranii Baayyatanii jiran. Gurbaan Kuni Yeroo Dheeraa Booda Natti deebi’ee Mindaa isaa Sana Na Gaafate. Anis Kuni Hundi keeti jedheen Haqa Isaa Guutuu kenneef. Yaa Rabbi Yoonin Kana Siif jecha Godhe Nurraa Bani Inni Jennaan Guutumatti Dhagaan Goda Cufe Dhoohee Baname jedhe.

Kanarraa Wanni Hubatamu Hojiin Gaariin Ati Gaafa Baldhoo Rabbiif Jecha Hojjatte,Gaafa Ati Rakkina Mudatte Akkasiin Nama Furuu Irraa Hubatta. Maraafuu Viidiyoo Olirra Jirurraa Obsaan Akka dhaggeeffattan Isin Gaafadha. Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia