Mudannoo Kofalchiisaa Aslii fi Raachuu

Aslii Durii fi Aslii Ammaa Turtii Kofalchiisaa Raachuu waliin taasisan

Asladdiin Mohammed yookaan Aslii Onnee Saba Oromoo fi Raachuun Seenaa Bara Jireenya isaanii keessatti Mudannoo Isaan Mudaterraa Ummatatti himuun Ummata kofalchiisan

Mudannoo Kofalchiisaa Aslii fi Raachuu Ittiin Booharaa

Akka Asliin Mudannoo isaa Ummataaf Himutti Intala Jaalataa Ture takkaaf Teephii isaa fuudhee kenneef. Ergasii Gara Saudi Arabia biraa deemee Waggaa Muraasa Yookaan Waggaa sadii Biyya Arabaatti Ishee Osoo yaadu dabarse. Turtii Waggaa sadii booda gara biyyaatti deebi’e Intala Miilli ishee babbaqaqe tan Shunkurtaa Gurgurataa Oolte Magaalarraa Harree Oofaa Galaa jirtu arge. Ishee tahuu amanuu didee fuula dura bahee Ija keessa ilaallan isheedhuma. Asliin waan godhu wallaalee taa’ee boohaa akka tureefi intalli inni jaalatu erga Waggaa saditti haadha ilmaanii taate dhiisee gara Adaamaa Osoo boohu akka deeme himuu fi kan biroos linkii olii irraa dhaggeeffadhaa Ittiin booharaa

Aslii Fi Raachuu Mudannoo Isaan mudatee ture yeroo himaniidha

Aslii fi Raachuun Suuraa Isaanii duritti Koflaaru

Aslii mohammed yookaan Aslii Onnee sabaa fi Raachee Tasfaayee Yookaan Raachuun Kaleessa Galgala Suuraa isaanii duriitin wal adabaa bulan. Suuraan Isaanii Durii Maal fakkaata? Namoonni suuraa isaanii kana ilaalan Baayyee Koflan.

Aslii fi Raachee Suuraa aslii Raachuun duuba keewwatee Yeroo qoosudha.

Raachuun Suuraa Aslii Kana Ilaalee Qoosa Isaa keessatti Kankee seenaatu jijirame miti sumaatu jijjiirame jechuun itti kofla. Asliinis Amma Kofla Dhiisii Na faarsi Jedhaan Achumaan Raachuun Sirba Fayyisaa Furii isa Lakkii Dhiisi fira kiyya jedhu sirbeefi daran Biyya booharsan.

Asirratti Ammoo Suuraa Aslii Fi raache kan Asliin Raachuu duuba keewwate agartu

Akka Asliin Jechuun Suuraa Raachee Jajutti Bara sana Ati Maaltu Akka Hilleettii gurra Si keessaa baase Dheeresse jechuun itti kofalchiiseera.

Tapha isaanii kana Asirraa dhaggeeffadhaa Aslii fi Raachee

Suuraa Biraa Takka Irratti Raacheen Asliidhaan Goota Oromoof jecha Lafeedhaa Addunyaa guutuu zoore jechuudhaan Hanga Garaan nu dhukkubutti nu kofalchiiseera.

Mudannoo Maammee Biyya Arabaatti Mudate

Mohammed Bin Aljaziiraa Jedhamuun Kan beekamu Obboleessi keenya Maammeen Yeroo dheertuuf erga Biyya Arabaa Ture Sababa Tahe wahiitif Qabamee Biyyatti galuun isaa Niyaadatama. Jireenya Biyya Arabaa Dabarse keessatti Mudannoo baayyee qabaachuu kan himu maammeen Waan Ajaa’ibaatu Na mudate jedha.

Mudannoo addaa Mohammed Bin Aljaziiraa Biyya Arabaatti mudate keessaa

Eegaa Maammee Yeroo baayyee qoosaa jaalata Haa tahuu malee Mudannoo Isa Mudate kana yeroo himu Wahillaan isaa yookaan Hiriyyoota isaa kan Yeroo sanatti waliin turan Afeeruun Mudannoo bara sanaa himee Ummata kofalchiisaa jira.

Mudannoo Maammee Biyya Arabaatti Mudate Asirraa Dhaggeeffadhaa

Maliif TPLF Shorarkeessummaa Jalaa Baha jechuun Abin fi Izeemaan Ibsa Baase

Guyyaa Kaleessaa Manni Maree Bakka bu’oota Ummataa paartii Abut yookaan TPLF Garee Shorarkeessummaa jalaa akka bahu sagalee caalamaatiin Raggaasise.

Paarlaamaan Ethiopia Garee TPLF Shorarkeessummaa jalaa Bilisa baase

Mana maree Bakka Bu’oota Ummataa Kanatti Kanneen Miseensa tahan Gareewwan Mormituu Izeemaa fi Abin Murteen Mana Maree kan Garee Abut yookaan TPLF Garee Shorarkeessummaa jalaa bilisa Baasuu kuni sirrii miti jechuun Ibsa baasan.

Paartiin Mormituu Izeemaa fi Abin Sababaa Manni Maree Garee TPLF Shorarkeessummaa jalaa bilisa baasef kana mormuun ibsa baasan.

Dura Buutota Garee Paartii Mormituu Abin fi Paartii Izeemaa

Dr.Biraanuu Naggaa Dura Bu’aa Garee Izeemaa fi Dura Bu’aa Garee Abin Dr Dassaaleny Caannee

Akka Ibsa Gareen Izeemaa fi Abin Baasan kanaan Manni Maree Bakka Miseensonni Paarlaamaa hundi hin jirretti Garee TPLF kana Bilisa Baasutti Gadduun Rakkoo Biyyattii kana keessatti Gareen TPLF kuni Gaggeessuuf malu akkasuma Kan kana dura Balleessanillee Paartiin Bilxiginnaa Itti gaafatamummaa fudhatuu qaba jechuun Ibsa isaanii kanaan Beeysisaniiru.

Paartiin Abin Fi Paartiin Izeemaa Murtee Paarlaamaa Ethiopia Mormuun Ibsa baasuu fi MM Ethiopia Abiy Ahmed Muudama Obbo Geetaachoo Raddaa Raggaasisuu

Torbaan Tokko Dura Obbo Geetaachoo Raddaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Tahuun garee Mootummaa Naannoo Tigraayin Filatamuun Kan yaadatamuudha. Akkaataa Waliigaltee Mootummaa fi TPLF kan Pritooriyaatti Mallatteessaniin Ammoo Muudama Naannoo Tigraayitti taasifamu kamuu Mootummaan Fedraalaa Raggaasisuu qaba waan taheef jecha, Guyyaa Arraa Misteerri Muummee Ethiopia Dr.Abiy Ahmed Muudama Obbo Geetaachoo Raddaa Kana Ifatti Raggaasisuun Guyyaa Arraa Miidiyaaleen Ethiopia Gabaasaniiru

Muummeen Ministeera Ethiopia Dr.Abiy Ahmed Muudama Obbo Geetaachoo Reddaa Muudama Mootummaa Naannoo Tigraay Argatee ture
Raggaasiseera.

Soomana Jechuun Maali? Maaltu Soomana Balleessa?

Duraan dursee Baga Baatii Kabajamtuu fi Jaalatamtuu Ramadaanaatin Isin Gahe. Warra Guutuu Amataa Deebi’u Rabbiin Nuhaa Taasisu isiniin jechaa Waan Soomana Jechuun Tahee fi wantoota Soomana Furan Hamma tokko waliin haa ilaalluu.

Soomana Jechuun Maal jechuudha? Maalfaatu Soomana Namarraa Balleessa?

Sooma الصيام

“Sooma jechuun Afaan Arabaati. Hiikkaan isaa Afaan keenyaan ‘Of-qabuu’ jechuudha. Akka shari’aatti Nyaata fi dhugaatii akkasumas waan sooma balleessan erga Fajriin bahee hanga Aduun Lixxuu yookaan seentee Azaanni Maghribaa azaanamutti Rabbiif jecha of-qabuudhaan Rabbii Guddaa, Qulqullaayaa fi Ol-ta’aa ta’e gabbaruudha. Murtiin isaas dirqama. Soomni Dalagaa Hamturraa Nama Dhoorga. Ergamaan Rabbii Nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaanirra Haa Jiraatu(Sallallaahu aleeyhi Wasallam) akkana jedhan: -Soomanni gaachana ibidda irraa nama eeguu fi badii ykn cubuu dalaguu irraa nama tiksuudha,…” Sahiiha {Al-Bukhaarii: 1904} irraa odeefanne.

Soomana Jechuun Maal jechuudha? Maalfaatu soomana balleessa?

Egaa Soomana Yeroo Jedhamu Namoonni Gariin Waanuma Rabbiin Kan Gabbaramuu qabu Yeroo Soomanaa Qofa Itti fakkaata. Garuu Akkas miti Obboleeyyan kiyya. Rabbiin Kan Gabbaramuu qabu Waggaarraa waggatti Hamturraa Ofeegaa Rabbiin gabbaruu qabda jechuudha. Harkaanni islaamaa Shani tokkoffaan Rabbiin Malee Rabbiin Biraa Hin jiru Jettee Isa dhugoomsuun mohammed Ergamaa Rabbii tahuu Ragaa Bahuudha. Lammaffaan Salaata Salaatuu,sadaffaan Zakaa Baafatuu, Afraffaan yoo dandeesse Hajjii Dhaquu fi Soomana Soomanuudha. Harkaan Islaamaa Shanan Soomana Dabalatee Soomanuu qabda jechuudha. Soomanni Harkaana Islaamaa keessaa isa tokko fi waggaatti Ji’a Ramadaanaa Kana keessa Soomama. Haa tahuu malee Soomana Kana yoo Osoo Soomanaa Jirtutti Rakkoon si mudatte Yookaan Si dhukkubuu fi Imala dheeraafaa imaltee yoo Furte Yeroo Baatiin Ramadaanaa Dhumatte Baatii Biraa keessa Guyyaa Hanga Furte san Qadaa baafta jechuudha. Gama Biraatin

Wantoonni Yoo tasa Goote Soomana Kankee Balleessuu Dandahan Maalfaadha?

Kan Asii gadii kana sirritti dubbisaa


1 -Beekkumsaan warra ofii wajjiin rafuu (walqunnamtii saalaa taasisuu )

2 -itti yaaddee osoo beeytuu Fedhii ofirraa baasuu garuu Yoo Osoo Raftuu Manaabaan tahe Hin balleessu

3 -waa Nyaatuu yookaan Dhuguu Yookaahuu Yoo Irraanfataan Bishaan fi nyaatas nyaatte Soomanni Hin Badu jechuun sheekkotiin nu barsiisu

4 -Furuu Yookaan Erga Yeroon Furaa gahe Azaaname Yoo furte jechuudha Kuni Soomanaan Ooltee yoo furteedha malee Soomana kee balleesse miti Garuu Wantoota Sooma Furan yookaan Balleessan keessatti hirmaata jechuudha

5 -Qoricha afaaniin fudhachuu yookaan Yoo Si dhukkubee Dawaa Liqimsite jechuudha.

6 -Qoricha Funyaaniin fudhachuu Yookaan Funyaanitti of Naqxee Yoo Huuruu gahee Laaagaa seenee Sooma balleessa jechuudha

7 -Akii erga buqqa’e liqimsuu Yookaan Aaak jettee erga Akhii Guddoo ofirraa Buqqaafte booda deebiftee yoo liqimsite Ni fura jedhan sheekkotiin Akka Sheekkotarraa Dhagahetti Hancufti Afaan keessaa Kan bishaan Hin tuqin Sooma Hin furtu. Yoo laagaan jiifatte jechaadha.

8 -Oldeebisuu(haqqisuu ) yoo Osoo Beeytuu Nyaanni Narraa hin hojjanne jettee Quba Laagaa Ofkeessee Of Haqqisiifte balleessite jirta jechuudha garuu Akka tasaa Machooyteefaa fedhii kee malee yoo sirraa bahe yookaan si haqqisiise hin balleessu jedhan sheekkotiin garuu yoo beekaa dawaa fayyadamuun fi quba ofkeessee ofirraa baafte badeera.

9 -Aara dhuguu kanneen akka sigaaraa fi shiishaa

10 ol nannaquu aara beekkumsaan yookaan yoo Aara Sigaaraa fi shiishaa yookaan Nyaataa fi kan biroos Itti haajamteefaa fedhii keetiin Haraaraa kee fi beelafaa na baasa jettee ol ulatte

11 -dhiiga laguu yookaan Dhiiga Shamarranitti ji’aan dhufu Hanga Irraa qoorutti yookaan gogutti Soomanni ishee hin jiru jechuudha.

12 -Dhiiga da’umsaa yookaan Shamarran Ulfaa yoo dhiigni da’uumsaa itti dhufe jechuudha

13 -koobbachuu,inni koobuu fi ka koobees jalaa bada, garuu adillaa jabduun hin jirtu jedhan sheekonni muraasni

14 -dalaandalachuu ykn muummuruun dhiiga ofirraa baasuu yoo beekaa Of mumurtee ofirraa baafte jechuudha.

15 – dhiiga aay’ee baasuun yookaan Of mummurtee yookaan Midhaan sirra gahee jechuun Yaada kennatan sheekkotiin.

16 -kalee dhiqachuu namani yeroo kallee dhiqatu ofwallaala waan a’eef

17 -Dhiiga fudhachuu ujummoo dhiigaatiin

18 -Marfee akka soorataa fayyadamuu fkn glucose

19 -naman niyyatin soomana fardiitiif yookaan Galgalarraa Boru Nan soomana jettee Qalbiidhaan Niyyatuudha. Akka sheekkotiin Naa himanitti Gaafa Garii Niyyaa kana Dagachuu mala waan taheef gaafuma Jalqaba Soomanni Seenu Kana Ji’a Ramadaanaa Kana Guutuu Nan soomana Jedhii Niyyadhu Yoo Akka tasaa Irranfattef Gaaridha jedhan. Niyyaa Teenya nuuf Haa Bareechu.

20 -Niyyaa soomanaaf Niyyatte adda muruu yookaan Osoo Soomana Guutuuf niyyatte Jirtuu Jiddutti muruun osoo soomana hin fixin

21 -Waa beekuun namarraa deemuu yookaan Aqlii dhabuu Sammuun Shir tahuu yookaan Maraatuu akkasuma Dachiin siin zooruun gaggabuufaadhaan yoo Yeroo dheeraa sirra ture osoo gaggabarraa hin bayyanatin jechuudha

22 -Amantirraa garagaluu Amantii Islaamaa keessaa Bahuunis Akkasuma Soomana Fursiisanjechuudha

Egaa Obboleeyyan kiyya Kanneenifi Kan birootis Waan sooma Balleessaa kanarraa Of eeguun Niyyaa teessan Tolfadhaa Isiniin jechaa Baga Isiniin gahe baga Walumaan geenye warra Ji’a Kana Nagahaan Geeffatee baafatu nuhaa godhu Jabaadhaa Ramadaan Mubaarak isiniin jenneerra

Obboleeyyan keenya Muslimaa baga Warra Baatii Kabajamtuu fi Ulfeeffamtuu soomanaa tana gahuun, Keeyrii isii keessa jirtuu fi Ibaadaa godhamuu qabu qoodachuun soomana milkii, Kan rizqii fi rahmata isaa argachuun Araarama Rahmaan itti argannu nu haa taasisuu jechaa, Warra Baranaa kan Bara hegeree, Guutuu deebi’u nu haataasisuu jedha.

🌙Ramadaan Kariim🌙For All Ikwatul_Muslim🙏
🤲🤲🤲Afoownaalillaah 🤲🤲🤲
Rabbiif Jecha Waan Walitti balleessineef Nu ofkolchaa waliif Dhiifama godhaa Waliif dhiisaa Galatoomaa Rabbiin Nurraa Haa qeebalu

Miseensonni Paarlaamaa Ethiopia Gamtaa Afrikaaf Xalayaa Katabe

Miseensonni Paarlaamaa Ethiopia kanneen Naannoo Oromia irraa Bakka Bu’uun,Bakka Bu’oota Mana Maree kana tahan Akkuma Kana dura Mootummaan Ethiopia Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) waliin Nagaha Buusuu qaba jedhee Gaafataa ture, wiixata Dabre Kanallee Gamtaan Afrika Dhimma Naannoo Oromia kana Ilaalchisee Mootummaa fi WBO Akka Walitti Araarsuf Xalayaa Barreessee Qaamaan Dhaabbata Gamtaa Afrika akka geessee Jiru Turtii BBC Afaan Oromoo waliin Taasisaniin Addeessan.

Akka Mootummaa fi WBO araarsuf Miseensonni Paarlaamaa Ethiopia Gamtaa Afrikaatif Xalayaa katabe.

Akka Miseensonni Paarlaamaa Ethiopia kunneen Xalayaa Irratti Barreessuun Gamtaa Afrikaaf dhiheessanitti,Kanaan Dura Mootummaa Fedraalaa fi TPLF Araarsuuf Gaheen Guddaan Kan Gamtaa Afrika ture. Akkasuma Goolama Naannoo Oromia Keessatti deemaa jiru kanas akka Laaltanii Giddu seentummaa Jaarsummaatin wal dhibdee Mootummaa fi WBO kana Araarsitan jechuun gaafatan jedha Gabaasni BBC Afaan Oromoo Baase.

Gamtaan Afrika Gidduu seenee WBO fi Mootummaa Araarsuu Akka Qabu miseensonni Paarlaamaa Ethiopia Gaafatan.

Heera Malkaa Tarramuu Fi Seenaa Odaa Bultum

Oromoon Bara Duriitii kaasee Haara fi Seera Ittiin Bulmaataa Qaba. Akkaataa Sirna Gadaatin Heera Fi seera Baafachuun Seenaa Ittiin Bulmaata Sirna Gadaa Dhaloota Dhaalchisaa Har’a gahe

Sirna walharkaa fuudhinsa Halangaa Ardaa Jilaa Odaa Bultum irratti suuraa kaafamteedha

Oromoonni Ituu Turtii yeroo dheertuu Man-Bultii Odaa Bultumitti taasisaniin seerota Oromoon Baafattee ittiin Bulaa turte Qorachuun Wantoota sirrattuu qaban sirreessanii Kan Itti Dabaluun barbaachises dabaluudhaan Heera Malkaa Tirramuu jedhu Kan Gosoota Oromoo hunda Hirmaachiseen Raggaasifamee Hanga Arraatti akkaatuma Sirna gadaa kanaan Heerri Oromoon Ituu bara sana keessa wixineessan Kan Malkaa Tarramuu jedhamu kun Hojirra Oolaa jira.

Sirna Walharkaa Fuudhinsa Halangaa gadaa Oromoota Ituu Ardaa Jilaa Odaa Bultum Jalatti taasifamee fi Seenaa Odaa Bultum Akkasuma Heera Malkaa Tirramuu Baldhinaan Linkii kanarraa dhaggeeffadhaa.

Gabaabumatti Odaan Bultum Odaa Oromoo shanan keessaa isa tokkoo fi Quxusuu akkasuma Odaa Heeraan Hangafaa jedhamuun beekama. Iddoon Odaa Bultum Itti Argamu Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum Fageenya Xiqqoo Magaalaa Baddeessaa irraa fagaatee Jiruudha. Odaa BultuJalatti Heerri Malkaa Tirramuu Jedhamu Kan Oromoota Ituutin Wixineeffamee Gosoota Oromoo hundaan Raggaasifameedha. Sababa Heera Kanaati Odaan Bultum Odaa Heeraan Hangafaa Jedhamuudhaan beekama. Odaa shanan hafanirraa Wanti Adda taasisu Tokko isa kana akka tahes Hayyoonni seenaa dubbatu

Seenaa Odaa Bultum fi Heera Malkaa Tirramuu Sirna Gadaa Oromoota Ituu

Maammee Mudannoo Addaatu Ummata Duratti mudate

Abbaa Imaanaa Finfinnee Jedhamuun Namoonni Maqaa Masoo itti moggaasanii Yaamaa kan Turan Maammeen Guyyaa Arraa Osuma taa’ee Seenaa Bara jireenya isaa keessatti Isa mudaterraa Osoo Waa’ee Intala Harka Ceekurra Isa kaayatte takka himaa jiru Mudannoon Addaa Isa mudate.

Maammee Yookaan Abbaa Imaanaa Finfinnee Maqaa Masoo itti moggaasaniidha.

Eegaa Guyyaa Arraa Maammeen Mana Asladdiin Mohammed yookaan Aslii Onnee Saba Oromoo Jedhamuun Kan Intarneeta Irratti namoonni baayyeen beekan livi Namoota Afeerun Mudannoo isaanii Gaafatuun Himsiisaa Ummata booharsaa ture. Yeroo kanatti Kan Presdaant Maammee jechuun Ofwaamu Seenaa isaa Ummataaf himuu eegale. Ummannis Gurra kenneefi ittiin booharaa Dhaggeeffata. Keessattuu yeroo inni Ani Ye Araadaa lijiidha ofiin jedhu baayyee itti booharuun waa’ee isaa yaadataa koflaan Dubbii inni dubbatu kana dhaggeeffata. Maammeen Haasaha isaa itti fufuun Akka intalli takka Harka Ceekuu isaarra kaayatte dubbata. Anis Harka Narra kaayatuu ishee kana osuman arguun haala mijjeessefi daranuu tottofattee keessa isheetti Mucaan Ye Araadaa lijiidha jechaa Dhaabataa Osoo jirtu Ani Harka ishee kana Fuudheen akkuma inni jedhetti Haati warra isaa shaayii danfifteefii dhufte Fiddee kennuufif jennaan, Maammeenis Irraa fudhatuuf harka laate. Gidduu kanatti Barraadaan yookaan feermuuziin shaayii maammee harkaa Lafa Bu’uun Caphee Shaayiin oowwituun Maammerratti gadi naqamee uuy jechaa fiigee miila isaa ilaalaa jira.

Maammee yeroo miila isaa shaayin laballabe yookaan Balbalchee gubate ilaaludha .

Taatee kanatti kan Koflan Namoonni Isa waliin Livii sanarra jiran kanneen Akka Aslii Akka Qoricha itti dibu ajajuun dibataa Jira. Yeroo kana booda maal jedhe Yaada isaa linkii kanarraa dhaggeeffadhaa

Mudannoo Osoo himu mudannoo biraatif Ummata Duratti Saaxilamuu Maammee

Eegaa Maammeen Yeroo baayyee qoosuun beekama. Qoosaa isaa keessatti Obboleessa isaa Mubaarak Musammaa Akka waan jibbuutti maqaa isaa Bakka baayyeetti yaama. Eda galgala Mana Makii Oro Osoo seene haasahu Maqaa Mubaarak Kaafnaan Makiin Lolteenii Dhiisi Maqaa namaa Asitti hinbyaaminii kuni Mana kiyya malee mana kee kan livirratti Jaartii kee kiisii gootu sana miti isheen jennaanin Maammeenis Makii Ati Kiisiingii ni jaalattaa jennaan Makii Oro qaanfattee Maammee buusuun itti koflaa turte. Sana boodas Galee Akka Ye araadaa lijii tahe himeefii Firijii mataan seenee Appilii fudhachuun Namoonni Gariin Akka kiyya kana ye Araadaa lijii taana jedhanii Firijii mataan seenuuf taa’u Jechuun Ummata kofalchiisaa ture.

Makii Oro fi Maammee yookaan Abbaa Imaanaa Finfinnee jedhamuun namootan kan yaamamu

Araara Mootummaa Ethiopia Fi WBO gidduu ilaalchisee

Qabsaan duraanii Obbo Raayyaa Abbaa duraa Abbaa Garoo Dhimma Araara Mootummaa Ethiopia fi Waraana Bilisummaa Oromoo ilaalchisee yaada kaasen,Araarri Ummata keenyaaf bu’uu akka qabuu fi Waldhabdeen kun Yoo araraan furame Ummanni keenyas haara galfata Kanaafuu Dhimma Araara Buusuu kanarratti Hundi keenya Haa Hojjannuu malee gareetti wal qoonnee walirratti duuluu kana haa dhiifnuu jechuun dhamsa dabarfate.

Raayyaa Abba duraa Abbaa Garoo Dhimma Araara Mootummaa Ethiopia fi WBO irratti yaada kennate

Nageenya Kan jibbu seexana qofa jechuun Namoonni yaada kaasaa jiran Baayyeedha. Akka Namoonni Baayyeen jechaa jiranitti Ummanni Keenya Yeroo dheeraaf Sababa Oromia keessatti walitti bu’iinsi WBO fi Waraana Mootummaa hammaatef,Ummanni keenya Ganna Lamaaf sadi qalbii takkaan hin qotanne kanaafuu Haalli Ummata keenyaa Kuni Gara fuula duraatti Yaaddessaadha. Kanaafuu Mariin Araara Mootummaa fi WBO Gidduu Hundumti keenya Akka deeggarru Jechuun Waamichi dhihaataa jira

Raayyaa Abbaa Dura Abbaa Garoo dhimma Marii Araaraa Irratti Yaada kennateedha. https://youtu.be/SUu86sHZYPU

Makii fi raachuun walmararfatan kutaa 30ffaa

Taphani Jaalalaa Kan Dhugaa moo sobaan Addaan namaaf bahuu dide Makii Oro fi Raachuu Gidduu Akkuma itti fufetti jira.

Makii Oro fi Raachuu

Ijoolleen tuni lameenuu Waan wal jaalatan haa fakkaatan malee Jaalala dhugaa miti jechuun Namoonni Waa’ee isaanii sirritti beeku ni dubbatu. Deeggartoonni isaanii ammoo Namoota Jaalala dhugaa miti jedhee yaada kaasu yoo argan Shimalaan haleeluu yaalu. Makii fi Raachuun Jaalala Dhugaa waliif qabaatanillee Tan Abbaa Warraa fi Haadha warraa waliif tahan sana miti. Fedhiin isaanii Maqaa jaalalaatin Ummata taa’ee isaan daawwatu qabaachudha. Yoo akkas hin tahin Ummanni Geema isaan taphachuun Galii argatan kana Dhufanii taa’anii hin daawwataniif sababa kanarraa ka’een Akka waan wal jaalatanii fakkeessuun ummata qabataa jiran malee Jaalala Dhugaa Onneerraa wal jaalatan sana akka hin taane isaanuu Yeroo garagaraatti dubbataniiru.

Makii fi Raachuu kutaa 30ffaa Jaalala Taphaa dhugaa fakkaatu