Namoonni Afaanin Waan Jaalala Ethiopia Qaban fakkaatu Garuu Keessaan Shira Yaaduf Deebii Raachuu

Namoota Afaanin Ethiopia Jechaa Keessaan Sabaaf Sablammii Ethiopia irratti Shira Yaadan Baayyeetu jiru. Yeroo Namoota Akkasii sana ilaalte Isaan malee Namni Biraa Waan Biyya Ofii jaalatan hin fakkaatan,Garuu Isaan Akkasi miti. Sabaaf Sablammoota Ethiopia Maqaa Fokkuu itti baasuun waamu. Yeroo Duula Biyyaaf duulamu goda seenu. Erga Injifannoon Argame garuu Bahanii Nuutu Ethiopiaf Lole jechuun seenaa Warra Dhugaan Hojjatee hatu.

Raachuu fi Saahiba Inni Yeroo baayyee waliin geema taphatu Dhimma Ethiopia irratti waliin dubbatan

Yeroo baayyee Namoonni Kijibaan Afaanin Akka waan Ethiopia Jaalatanii Fakkaatun Miidiyaa Hawaasummaa kanarraa Kijiban Hundi Isaanii dhugaa miti,irra baayyeen isaanii Warra Ethiopia Jibbaniidha jechuun Raachuun Nama waliin geema taphataa jiru kanaaf Waan Ethiopian taate Himuu fi Linkii gadii kanarraa Tapha Makii Oro fi Asliin Waliin Taasisanii Ummataan booharsan kana dhageeffadhaa waliin gahaa galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa #unitedoromia

Namoota Ethiopia jaalanna jedhuuf Deebii Raachuu fi Tapha Kofalchiisaa Aslii fi Makii Oro taasisan

Fakkeenya Qamalee Abiy Ahmed Kenneen Mufatan

Guyyaa Lama Dura Paarlaamaan Ethiopia Teessuma Taa’een Gaafii Baayyeetu MM Ethiopia Dr Abiy Ahmediif dhihaate. Kana Keessaa Tokko Gaafii Mootummaan Biyya Ijaaraa Jira jettan Malee Biyyi Diigamurratti Hojjataa jirtan kan jedhuufi Mootummaan Gaafiin Baayyinaan itti ka’ee gaafii ummataa Deebisuu dadhabe ammoo Aangoo gadlakkisa waan taheef Isin Aangoo gadilakkisuuf qophiidhaa Gaafi jettuutu Miseensa Paarlaamaa Kan paartii Abin Bakka Bu’uun filamerraa dhihaatef. Abiy Ahmed Akkana jechuun deebii kennuufii eegale

Abiy Ahmed Fakkeenya Qamalee Fudhatuun Deebii Gaafii Gafatameef kennuu eegale

Osoo Nuti Biyya Diigaa Jiraannee eenyutu nu dhaabaree? Manni Maree Kuni Yoo dagatellee Ummanni Ethiopia guutuun Rakkoowwan Biyya keenya diiguuf nu qunnaman,Akkamitti akka dura dhaabannee Biyya Keenya Akka Hin diigamne goone,Ummanni Guutuun Ragaadha. Kana waan taheefuu Nuti Biyya ijaaraa jirra Garuu Namoota Gaafii Akkasii Dhiheessan biratti dhugaadha Biyyi diigameera. Maalif yoo jettan Namni Sammuun isaa Diigame Waanuma biyyi diigame itti fakkaata waan taheef Sammuun diigame Akkuma waan biyyi diigametti yaada malee kana caalaa yaaduu hin dandahu waan taheef jechuun deebii itti fufaa

Fakkeenyi Abiy Qamaleen walitti hidhee deebii kenneef Jara Baayyee mufachiise.

Dhimma Yakkaa fi Aangoon wal qabatuuf gaafi ka’eef ammoo Abiy Ahmed Fakkeenya Qamalee Fudhatuun Deebii Gaafii Gafatameef kennuu eegale. Fakkeenyi Isaa Akkaataa Kaaba Biyya Hindiitti Qamalee Karaa salphaa taheen itti kiyyeessanii qaban Himuun Eegaleef. Haasa fi Akkaataa Qamaleen Itti qabamte kan agarsiisu Linkii gubbaa jiruun Dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan Nuuf qoodaa Galatoomaa Ulfaadhaa Deebanaa isiniin jenna #Unitedoromia

Makii fi Raachuun Yeroo Manzuumaa Fandisheetin Shubbisan

Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar fi Raachuu yookaan Raachee Tasfaayee Yeroon Soomana waan taheef Sirba Wal hin afeerru Manzuumaan Shubbisna jechuun Manzuumaa Artist Fandishee banatanii shubbisaa jiran.

Makii Oro fi Raachuu yookaan Makfiraa Muniwar fi Raachee Tasfaayee

Ofii Manzuumaa Sheekkotiin akkamiin Ilaalti? Sheekkotiin baayyeen Manzuumaa Ritimii yookaan Gitaara fi dibbee jalaa qabu Dhoorgaa fi Musiqaadhaan tokkuma jechuun Akka Haraama tahetti ummata barsiisu. Dhimmuma kana ilaalchisee gaafi Namoonni isaanii Manzuumaadhaan Shubbisu Arganii yaada Komantii Irratti barreessaniif. Makiin Gaafi raachuu deebisuun eegalti Obsaan linkii gadii Irraa Viidiyoo Guutuu Dhaggeeffadhaa.

Makii Oro fi Raachuu yeroo Manzuumaa Wal afeeran

Yaada yoo qabaattan Komantii nuuf katabuu hin dagatinaa Waan Nu waliin turtaniif Hedduu galatoomaa waliif dabarsuun ummata keenya biraan nuuf gahaa galatoomaa Ulfaadhaa horaa bulaa deebanaa. #Unitedoromia

Aangoo Maalif Gadilakkifne? Jechuun gaafatan Abiy Ahmed Deebii Ajaa’ibaa kenneef

Oolmaa Paarlaamaa Ethiopia Guyyaa Arraatin Gaafiwwan Baayyeetu MM Ethiopia Abiy Ahmed gaafatame. Kanneen keessaa Tokko Mootummaan Biyya Ijaaraa Jira Jettan Malee Biyya Diigaa jirtanii Kuni Maalif tahe Kan jedhuudha ture.

Aangoo Maalif Hin lakkifne jechuun Kan Gaafate Miseensa Paarlaamaa Paartii Abin Bakka Bu’uun Paarlaamaa seene Obbo Kiristiyaan Taaddalaati

Gaafi Mootummaan Kuni Biyya Diigaa jira Malee Biyya Ijaaraa Hin jiru jettuu fi Maalif Aangoo Gadi lakkifne Erga Biyya Diigaa jiraattan jechuun Kan Gaafate Obbo Kiristiyaan Taaddalaa Nama Paartii Abin Irraa Bakka Bu’ee Miseensa Paarlaamaa Ethiopia Tahuun tajaajilaa Jiruudha. Linkii Jalaa Kanarraa Deebisaa Abiyyi Ahmed Nama Kanaafi kan biroof deebise dhageessu

Biyya Diigaa Jirtaa Aangoo Gadi lakkiftaa jechuun Abiy Ahmed Gaafi gaafate deebiin Abiy Maal ture?

Gama Biraatin Dhimma Araara WBO fi Mootummaa Maalirra Gahe jedhamuun Kan gaafatame Abiy Ahmed Hojiin Araaraaf Karoorfame Cimee itti fufee jira. Sheexana malee Nagaha Kan jibbu hin jiru jechuun Deebii Kannaniiru.

Raachuun Aziizaa Jaalala Qabaiisee?

Raacheen Yeroo Kijibee Ummata Kofalchiisu Ani Tokkummaa Oromoof jedheen Dubartii Kudha tokko Fuudhuuf Naaf Hayyamame Jechuun Kutaa Oromia 11 irraa Shamara Takka takka akka fuudhuu fedhu ummatatti Himaa turuun kan yaadatamuudha. Akkaatuma Kanaan Shamarree Aziizaa Jedhamtu waliin Osoo taphataa jiru Atis Namoota 11 Ani fuudhuu fedhu keessa si galchaa Akkam jetta jedhee Aziizaa Gaafata. Aziizaanis Tole Anoo Sirraa Na qabeera jechuun Kutaa Arsii keessaa Ishee akka fuudhuf Gaafatte

Raachuun Aziizaa Jaalala Qabsiise Tapha isaatin ummata booharsaa jira.

Haa tahuu Malee Aziizaan Arsii Tahuu Erga dhagahe Arsirraa Si dura Intala Jaaluu jedhamtu jiraa Ati Yoo wallaggarraa fira qabaatte Wallagga Bakka bu’i Jechuun Gaafata. Aziizaan Lakki Ani Arsiidha Anumaatu Arsirraa Sitti Heeruma jechuun Tapha Isaanii Daranuu bareechuun ummata booharsaa jiran. Hubachiisa Kuni Taphaan Ummata Booharsaa Geema Tapahatan Ummata Daawwachiisuf Qofa malee Dhugaa Akka hin taane Hubachuu qabdan. Galatoomaa Vediyoo guutuu linkii Olirra jiru daawwadhaa itti booharaa galatoomaa.

Raachuu fi Aziizaa Jaalala Tphaatu Walirraa qabee?

Makii Oro Filannoo Dhiirotaa Taasifteen eenyu filatte?

Akkuma Taphaa Gaafi Waliif dhiheessuu eegalan. Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar fi Aslii Mohammed Yookaan Kan Makiin Abbaa jechuun waamtu Akkuma Taphaatti Gaafi Walgaafatuu eegalan. Dursee Makiin Gaafi Asliidhaaf dhiheessitee Biyya Asliin deemuu qabu gaafattee Achiin Asliin Makii Gaafatuu eegale.

Makii Oro Akka Dhiirota Keessaa filatuu qabu Asliin Gaafi dhiheesse fi Makiin Filannoodhaan Mirkaneessite

Filannoo Dhihaatef Osuma Itti Ulfaatu Makiin deebisuuf yaalte. Raachuun Namoota Yaamaman keessaa isa Bishaanitti darbamu tahe. Redi Adam Kan fooqirraa Darbamu tahe. Akkasuma Mubaarak Musammaa fi Nabil Nama jedhamu kan giiftara Maakii tokkootu hafe Turtii yeroo dheeraa booda Mubaarak Akka Alatti Ari’amu himuun Nabiil Filatte. Hubadhaa Wanti Kuni dhugaa miti Ni qoosan Osoo taphatti jiranii malee akka dhugaatti Hin Yaadinaa Jaalattoonnii Makiif raachuu. Hundaafuu Vediyoo Hamma dhumaa Obsaan Dhaggeeffadhaa achirraa ni hubattu.

Makii Oro dhiirota kanneen keessaa eenyuun filattee?

Makii Oro Quraana Barachuuf fedhii Qabaachuu Himte

Obboleettiin Teenya Makfiraa muniwar yookaan Makii Oro Haalli Ishee Kan Duraan Keessa Turte yeroo Isheen Quraana Barachuuf Fedhiin Guutamte kana Namoota Hamilee Nama Buusaniin Akka Ofduuba Hin deebineefi Namoota Ramadaaniyyoota Namaan Jedhanii Akka Namni Hamilee muratuuf Namarratti Duula Banan ilaalchisee Gorsa Gabaabaa Kennite

Makii Oro Quraana Qara’uuf Fedhii qabaachuu Himte.

Egaa Akka Makii Oro Jettetti Joollummaa Isheetti Quraana Qara’aa Akka Turteefi Sababa Yaadaan Quraanarraa Fagaachaa dhufteef Quraanni ishee jalaa galee Akka Dagattee yeroo quraana qara’uu feetu dogongora uumtu dubbatuudhaan, Amma Garuu gaafi Namoonni Baayyeen Akka Makii Oro Quraana Qaraatuf gaafataa turan ilaalchisee Akkasuma Fedhii Quraanaa kan Keessa ishee jiru waliin Yaada Ishee Madaaltee Quraana Qara’uuf Akka Karoorfattee jirtu dubbatte.

Makii Oro Fedhii Quraana Barachuu Akka qabduu fi Namoota Hamilee Namaa Caphsaniif Dhaamsa qabdu Linkii kanarraa Dhaggeeffadhaa

Akka Makii Oro Jettetti Ilma Namaa Tahee kan Hin dogongore Hin jiru. Qulqulluun Rabbi Qofa akka tahe himuudhaan Fedhiin Lubbuu teenyaa Akka Hamtuu Baayyee Nuti hojjannu Nu taasise jechuudhaan dubbattee, Kana Booda Garuu Hundi Keenya Karaa Ergamaan Rabbi Nu barsiisan qabannee Haa Hojjannuu jechuun Dhaamsas Ummataaf Dhaamte. Gama Biraatin Namoota isin Yeroo Ramadaanaa Qofa Hijaaba Uffattanii jechuun Ummata Hamilee Buusanis Akka Isaan Jechoota Akkanarraa Of qusatuu qaban gorsitee, Yoo Rabbiin Jedhame Hijaaba Akkanatti Nurraa Bareedu kana yeroo Ramadaanni Bahellee Uffannee Waan Gaggaarii Hojjatuu Itti fufna jechuun Ejjennoo qabdu Ummataaf himte. Gama Biraatin Akka Yeroo baayyee dannasuu jaalattu himtee Ummanni Kiyya Akka Rabbiin Amala Kiyya Kana Naaf sirreessu Du’aa’ii Naaf godhaa jechuunis Ummata Gaafatte akkasuma Namoota Nubiraa Gama Akhiraa Godaanan Rabbiin Saddeettan Jannataatin Haa qananiisu jechuunis Du’aa’ii Gootefi Jirti. Rabbiin Sirraa Haa jaalatu Nuuf Jaraadhu Jabaadhu Jennee Si Jajjabeessuu feena Jabaadhu Rabbiin Karaa Ofii Jaalaturratti Sihaa tissu Jenna. Yaada Keessan Katabuufin akka jajjabeessitan Kabajaan Isin gaafanna. Horaa Bulaa deebanaa.

Fedhiin Shamarran Keenyaa Nama dhiba Dhiirota Akkamii Fedhan?

Amalli Shamarranii Baayyee Gargar tahuu dandaha. Haa tahuu malee Filannoon Isaan dhiirota Filatuuf qaban wal fakkaatun Amaloota shamarranii baayyee walitti dhiheessa

Filannoo Shamarran dhiira Akkamii akka fedhan himuun filatanii

Shamarran Dhiira Amala qabeessa Bareedaa fi bifaan Hedduu diimaa hin tahin akkasuma Gurraacha hin tahinii fi Gabaabaa hin tahin kan Funyaan isaa dheeratu akkasuma Kan Hin furdanne kan Qaamni isaa ispoortiin guutame jaalatu. Haatahuu malee dhiironni akkasii takkee malee baayyinaan hin muldhatan. Tahullee garuu shamarran Dhiira akkasii akka Filannootti yaamu

Shamarran Oromoo dhiira Akkam jaalatu? Asirraa dhaggeeffadhaa

Dhiironni hoo shamarran Akkam jaalatan? Akka dhiirota baayyee yeroo isaaan Shamarran Jaalatanirraa dubbatan Dhagahetti Dhiironni Shamara Qalloo Mudhiin sonsaa tan Dabbaa qabdu osoo argatanii baayyee jaalatu. Shamarran Muudhii sonsaa Tan Hedduu hin qallanne Tan Hin furdanne tan Amala Bareedaa qabdu Yoo Magaala taate hedduu diimatuu baatte akkasuma hedduu gurraachomuu baattee Osoo argamtee Dhiironni baayyee jaalatan. Bara kana keessa Wanti Ati hawwitu Hundi guutuu tahee hin muldhatu. Shamarran Gariin Mudhiin sonsa taatee Bifaan Fokkotti yookaan Amalli ishii Fokkotaa tahuu dandaha. Yookaan Shamara Amala qabdu tan Qaamaan furdattu tahuu dandaha Kanaaf Fedhiin dhiirotaas tahee Kan shamarranii Yeroo hunda Filannoo Guutuu tahee hin argamu Kanaafuu muka Kanuma jiruun mana ijaaran jedha makmaaksi Oromoo kana waan taheefuu tanuma argattan qabadhaa waliin jiraadhaan dhaamsa keenya Nagahatti nuuf Oolaa Nagahaan nuuf bulaa Galatoomaa horaa bulaa. Yaada keessan Nuuf qoodaa galatoomaa Ulfaadhaa

Oromoon Guyyaa Dhalootaa Kabajachuu eegaleera

Namoonni Baayyeen Biyya keenya keessatti Guyyaa dhalootaa kabajachuu dhiisii Baraa fi ji’a akkasuma Guyyaa keessa dhalate hinbeeku. Haa tahuu malee Namoota tokko tokko Bara Mana diiggaa,Gaafa Ayyaana Iidaa akkasuma Bara Mootummaan abaluu Aangorra dhufe Waggaa tokkoffattifaa jechuun Guyyaa dhaloota isaani Kanneen Maatin Himaniif ni jiru. Egaa Kan linkii fi Suuraa Irratti agartan kuni Raachee tasfaayee yookaan Raachuu kan Hordoftoonni isaa jedhuun waamaniidha. Har’a guyyaa dhaloota isaati jedhamuun kabajataa jira.

Raache Tasfaayee Guyyaa dhaloota isaa Waggaa 27ffaa isaa hiriyoota isaa waliin kabajataa jira.

Akka Raachuun jechuun Daawwattoota isaatif ibsetti Sababni ijoon Miidiyaa Irratti Bara dhaloota isaa kabajatuuf Murteesseef, ergan Livii seenuun ummata kana waliin walbaree Waggaa Tokkoffaa kooti. Ummanni kiyya kabaja Anaaf Malurra guddisanii jaalala naaf kennan Na ulfeessan,Giiftii naaf kennanii na jajjabeessaa akkan Ummata Duratti Beekkamtii horadhu na taasisan waan taheefuu ummata Kabaja naaf laate kana Galateeffatuufi guyya dhaloota kiyyaa Waggaa 27ffaa koo Kana Isaanin waliin dabaruufin murteesse jechuun Viidiyoo Gaditti agartan kanarratti dubbate.

Kabaja Waggaa 27ffaa Dhaloota Raachuu Hiriyoota isaa waliin Taasisedha.

Egaa Kunis Oromoon Bara dhaloota isaa beekee kabajachuu eegaluun Waan tokko jechuun akka jijjiiramni jiru Namoonni Dubbii jalaatin dubbatan tokko tokkos yaada kaasu. Hundaafuu Obboleessa keenya Raachuu Baga Dhalatte Ammas Umrii dheeradhu jechuu feena Nuuf jiraadhu Oromoon Aadaa Waljaalchuu Uumamaan qabu daran Muldhisuun Akka Addunyaan biraa irraa barattu taasisuu qaba. Galatoomaa Yaada keessan Nuuf katabaa Horaa bulaa deebanaa #Unitedoromia

Artii Oromoo karaa hundaan Haa guddifnuu!

Namoonni Dandeettii Drama Gaggabaabaa Barreessuu fi hojjatuu qabdan Akkasuma Vidiyoo Hoojaturratti Muxannoo Qabdan Appii Kana fayyadamuun Artii Oromoo Haa Guddifnuu.

Short Oromoo Drama Wadaay Atooraraa Bulee Guyyaan Hoteela seene Drama Kana Appii Plaatagoon jedhamuun hojjanne a

Akkuma Viidiyoo Gabaabaa Kana Agartan Drama Gabaabaa Akkanaa Kana Hojjatuun Hedduu salphaadha. Fakkeenyaaf Ani Drama Kana Yaalii jalqabaatin Hojjachuu Dandaheera. Appilikeeshiniin Drama Kaartoonaa kana Hojjadheen Platagon jedhama. App Store fi Play store keessaa bilbila keessan keessatti Buufatuun Akkaataa Salphaa taheen Hojjatuu dandeessu.

Suuraan Drama Appii pilaatagoon Keessatti hojjannerraa fudhatame.

Jalqaba Appilikeeshiniinerga buufattan booda Akkaataa Itti fayyadama isaa Fakkeenya pilaatagoon isiniif kaahee jira. Maallaqa Xiqqaa kafaluun Manneen fi Iddoo itti drama hojjattu Fudhatuu dandeessa. Fakkeenyaaf Ani Drama Kana Hojjatuuf Maallaqa Ji’aan Gara Qarshii Ethiopiatti Qarshii Dhibba takka hin geenyen kafalee Ji’a tokkoof Fayyadamuuf Bitadhe jechuudha. Egaa wantin jechuu barbaade walumaagalatti Namoonni Dandeettii Dramaa Hojjatuu qabdan Appii salphaa akkanaa kana fayyadamuun Artii Oromoo Karaa hundaan guddisuu keessatti qooda Muxannoo keenyaa haa Bahannuu isiniin jedha. Namoonni Akkaataa Itti fayyadama Appii kanaa Baratuu barbaaddan Yaada keessan Nuuf katabaa Nutis Muxannoo Appii kanaa Erga sirritti fudhanne booda Wanta Barannee fi akkaataa itti fayyadama isaa Takka takkaan Isin barsiisurraa Wanti Nu daangessu tokkoyyuu hin jiru. Unitedoromia’n Isin Barsiisaa Isin Bashannansiisa Chaaynaala keenya subscribe gochuun maatii nuuf taatanii akka nu hordoftan Kabajaan isin gaafanna Galatoomaa Ulfaadhaa