Raachuun Ani Makii Hin Beeku Jedhee Intala Hindii takka eegale

Kanaan Dura Raachuu fi Makii Namoonni Akka Jaalallootatti Ilaalaa ture. Haa Tahuu Malee dubbiin Akkasi Miti. Har’a Waan Hin eegamintu Dhagahame.

Raachuun Makii Oro Hin Beeku jechuun Intala Biyya Hindii Avaa jedhamtu takkatti hime.

Akka Taasaa Osoo Geema Shamarran Waliin Taphatu Guyyaa Arraa Intalti Avaa Jedhamtu tun Afaan Buute. Akkuma Ishee argeen Onnee seente. Miira Keessa Seenuu isaa malee intalli Maalin Akka Isa moohatte beekuu hin dandeenye. Yeruma takkatti Makii Oro Dhalatuu isheetuu dagate. Intalaan bareeda Akka Kee takkaa Adunyaarratti argee hin beeku jechuun kakate. Intala Faaruudhaan Qarxam Gochuutti seene. Intala Hin sobda Mitii jechuun Raachuu Gaafatte. Lakki Siifan Kakakadha Nama Haga kee bareedu takkaa argee hin Beeku jechuun Irra deddeebi’ee Intala Bareedina Ishee Ibsuu eegale. Akka Singilii yookaan Jaalallee Hin qabne erga hubate Innis Akka Jaalallee Hin qabne Himeef. Isaanumaa Haasaha Oowwifate Wanti Addaa Takka Mudatee Raachuu Hirriba Keessaa Dammaasite. Maaltu Mudate seetan? Viidiyoo irraa warri Dhaggeeffatuu feetan Linkii jala jirurraa Dhaggeeffadhaa warrii kuun Linkii gadiin Barreeffama jiru dubbisaa

Makii Oro fi Raachuu Akkasuma Intala Ava Jedhamtu Tan Raachuun Arra Fidate

Makii Intala Jedhamtu Jaalata sitti kijibaa jira jechuun Ijoolleen Afaan English beekan dhaqanii Intalaaf Komantii kataban. Raachuu Na sobaa Jirta Makiin Eenyu jechuun Gaafatte. Raachuun Akka Waan Hirriba Keessaa Baaragetti Hi Hi jechuun Ija Babaasuu eegale. Intaltis Irra deebiin Gaafatte. Tahullee Raachuun Nama Makii Oro jedhamu Takkaa Dhagaheetuu akka Hin beeyne himeef. Lakki Hundi isaanii Akka Makii Jaalattuu fi Jaartii tee taate Katabaa jiran jetteen. Raachuunis waan godhu wallaalee Eeyyeen duraan osoo ati Sin argin dura Jaalallee too turte jechuun Intalaaf Himee,Erga siin argee ammoo Jaalalleen Jiyya Sihi malee isheen Jaalallee tiyya duraaniti malee ammaati miti jechuun Afaan guuttatee Intalaaf hime. Jiddumatti Asliin seene Isa waliinis Akka intala tanarraa jaalalli qabe asliif Himee Asliin Intala Tiyya fuudhe jechuun Intalaaf waan ture himeef haa tahuu malee Raachuun Aslii fi Makillee aslillee hin beeyne Intalatti hime😂 kanarraa Wanti Hubatamu Jaalalli Makii oro fi Raachuu gidduu jiru Jaalala Taphaa Malee yookaan Daldala Tiktokif malee kan Dhugaa Akka hin tahintu hubatama jechuudha. #Unitedoromia yoo isinitti tole waliif dabarsaa yaada keessan Nuuf katabaa Horaa Bulaa deebanaa

Abbootiin Amantaa Sinoodosii Oromia Hidhaman Hiikamuu

Adeemsi Manni Amantaa Ortodoksii Ethiopia itti Adeemaa jiru Kan Waliigaltee Keenya Sinoodosii Oromia Faallessuudha jechuun Abbootiin Amantaa Ortodoksii Oromia Bakkoota Gargaraa irraa walitti Dhufuudhaan Waltajjii Dhimma Faallaa Sinoodosii Oromia Kan Manni Amantaa Ortodoksii Ethiopia itti jiru kanarratti Waltajii taa’anii Ibsallee baasan.

Waltajjii Abboota Amantaa Ortodoksii Oromia irraa walitti dhufuun Burraayyutti taasisan.

Waltajjiin taa’amee Guyyaa itti Aanutti Bakka Buutonni Sinodosii Oromiatin filaman Magaalaa Burraayyutti Hidhaman. Sababuma Kanaan Magaala qeellam Wallaggaa fi Naqamtee keessatti Hiriirri guddaan Bahamee Mormii dhageessisan. Mormii kanarratti Dhadannoo Abboota Keenya Hiitan Hiikaa jedhuufi kan biroos dhageessisan. Linkii gadirraa agartan kanarraa Guutuu isaa dhaggeeffadhaa waliin gahaa

Abbootiin Amantaa Ortodoksii Oromia Burraayyutti hidhamanii turan hiikamuu fi Maalif Hidhaman?

Gabaasa Isaa eenyuun Akka Hidhamanii fi Maalif Akka Hidhaman Sinoodosiin Oromia Akkuma ibsa baasen guutuu isaa Isin biraan geenya galatoomaa Ulfaadhaa waliin gahaa

Eenyutu Abbootii Amantaa Ortodoksii Oromia Burraayyutti hidha maalif hidhaman?

Nabi Yuusuf Obboleeyyan 11 Qaba Sheik Amin Ibroo

Sheik Amin Ibroo Seenaa Nabi Yuusuf Irraa Maalif ummatatti Himuu Eegalan?

Sheik Amin Ibroo Seenaa Nabi Yuusuf

Sheik Amin Ibroo Ilmi Namaa Ijoollee isaa walqixxeessuu Akka qaban,Jidduu Ijoollee Ofii Onnee keessattis walqixa jaalachuu yoo dadhaban Garuu Gubbaa Kana Walqixxeessuun Barbaachisaa tahuu Osoo barsiisaa jiran Seenaa Nabi Yuusuf ummataaf himan. Seenaa Nabi Yuusuf Keessatti Abbaan Waan Ijoollee Isaa 11 hafan irra caalchisee jaalatuuf jecha Obboleeyyan Nabi Yuusuf Mucaa Xiqqaa Kanatti Hinaafanii Akka Eelatti Gatanii,sababa kanarraa ka’uun Nabi Yuusuf Biyya Masrii akka gale Himan. Linkii Viidiyoo gadirraa Agartan kanaan Sheik Aamiin Seenaa Nabi Yuusuf himuun Eegalanii Akkaataa Ijoollee ofii itti Walqixxeessuu qabanirraa gorsan. Obsaan Dhaggeeffadhaa waliin gahaa galatoomaa

Sheik Amin Ibroo Seenaa Nabi Yuusuf Irraa Maal barattan? Gorsa Ajaa’ibaa Ummataaf dhaaman

Jaartii Tee Haala Kamiin Waliin jiraatta? Sheik Amin Ibro

Sheik Amin Ibroo Akkaataa Ati Haadha Warraa kee waliin itti jiraatuu qabduu fi Namni Jaartii Ofii Kunuunsuun malee Uleedhaan reebudhaan miti jechuun Gorsa Ajaa’ibaa Ummataaf dabarse

Sheik Amin Ibroo

Linkii Viidiyoo gadirraa Gartan kana keessatti Sheik Amin Ibroo Akkaataa Guddisa Daa’imman keetii Osoo barsiisu jiru, Dhimma Haadha Warraa yookaan Jaartii ilaalchisee Gorsa Ajaa’ibaa kenne. Akkuma Beekamu Biyya keenyatti Namoonni Haadha Warraa isaa uleedhaan reebuu jaalata kuni sirrii akka hin tahinii fi Akkamitti akka waliin jiraatuu qabdu asirraa dhaggeeffadhaa waliin gahaa galatoomaa.

Sheik Amin Ibroo Akkaataa Maatii kee waliin itti jiraattu fi Ijoollee Maal Barsiisuu akka qabdu Gorsan

Akka Sheik Amin Gorsanitti Ijoollee ofii Kadhachuu hin barsiisan. Ijoolleen Amma Kadhaa baratte gaafa guddattes akkanumatti ummata Rakkifti jedhan. Kanaafuu Ijoollee Akkaataa Itti Kennatan barsiisuu qabdan jechuun gorsa isaa itti fufee, akkaata Ijoolleen Nyaata Itti Nyaatuu qabduu fi Akkaataa Itti Hiccitii eeguu qabdus Dabalanii Barsiisan. Gama biraatin Ijoollee Ofiitis tahee Haadha Warraa Yoo badillee qabaatan Suuta Akka gorsuu qabdan jajjabeessanii Baraiisan. Jaartii Ofii Uleedhaan Osoo hin taane Jaalalaan Waliin Taphataa Jiraatuu Akka qabdan Sheik Amin Ibroo Gorsa Ajaa’ibaa Akkaataa Adaba Ijoollee fi Nama Nama Kadhataa oolufis Dhaamsa Jabaa dabarsan Waliin gahaa galatoomaa https://youtu.be/zFASDB6JqNM

Makii Oro fi Abduseen Tiktok irraa Miliyeenara tahuuf?

Makii oro fi Abduseen Akkaataa karaa Gabaabaa fayyadamuun Tiktok irraa Miliyeenara itti tahan Dubbatuun Hiccitii Namoota Geema Tiktok taphatuun galii gurguddaa sassaabbataa jiranii himan.

Makii Oro fi Abdusee

Akka Makii Oro fi Abduseen hicciticha himanitti Tooftaan Ittiin Geema Tiktok irraa Yeroo gabaabaa keessatti Galii guddaa argatuu dandahamu, oromoo Goyyoomsuun Akka Miira Xiiqii keessa galan taasisuun Salphaattii Giiftii gurguddaa Argatuun danadahama jechuun Abduseen Himaaf. Haa tahuu malee Makii Oro dubbii kana Abdusee Harkatti Qabuuf yaaltus dubbiin Akkuma Abduseen Jechaa jiru Tooftaa kanaan Namoonni Baayyeen Milkaahaa jira Linkii gadii irraa Vediyoo guutuu Dhaggeeffadhaa Yoo isiniif milkaahe carraa keessan yaalaa.

Makii Oro fi Abduseen Akkataa Yeroo gabaabaa keessatti Tiktok irraa Miliyeenara tahuun itti dandahamu Himan.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa

Hubachiisa Linkiin Jalatti Agartan Chaaynaala Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Jala Kan Jiruudha. Ustaaz Raayyaan Sagalee 36ffaa Kanaan Haala Keessa Dabarre,Rakkoos haa tahuu Gammachuu Waan Argannee fi Waan mudanne Kan Itti Nu yaadachiisaniidha. Akkaatuma Kanaan Sagalee 36ffaa Kana Kutaadhaan Addaan Qoodanii Chaaynaala Isaanii Jalatti Maxxansan. Linkiin Jalqabaa Kan Kutaa Tokkoffaa Yookaan Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa 1444 (A) Isaan Jedhanii Chaaynaala isaanii Jalatti Maxxansaniidha. Nutis Linkuma sana Asjala isiniif keenye. Erga Kana dhaggeeffattan booda Gama Jalaa Linkiin Lammaffaa B jedhu jira dhaggeeffadhaa waliin gahaa galatoomaa.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa A

Akkuma Ustaaz Raayyaan Chaaynaala Isaanii Kana Jalatti A fi B jechuun Maxxansanitti Kutaan Itti aanu yookaan B jennee Linkii Gaditti Agartan kana isiniif keenyee jirra. Egaa Ustaaz Raayyaan Sagalee 36ffaa A jalatti Haala Rakkisaa Muslimtoota Ethiopia Mudataa turee fi dhimma Rakkisaa Majlisa Fedraala Ethiopia waliin Wal qabatu Kan Keessa dabarre Kaasee Namoota Milkaa’ina Kanaaf Tumsa Gochaa turan Galateeffatuun Rabbiif Galata Galchee Akkasuma Dhimma Baankii Dhalarraa walabaa Kan Barana Muslimtoonni Ethiopia Argatanis Yaadachiisuun Warra Tumse hundumaa Galatoomfata. Kutaa itti aanu yookaan Raayyaa Abbaa Maccaa 36ffaa B jechuun Maxxanse kana keessatti Ammoo Haala Ummata Keenya Mudataa ture Rakkoo Namtolchee fi Balaa Hoongee Ilaalchisee Waan Hedduu Tuttuquun Irraa Dubbatee sagalee isaa Damma Saniin Ummata Keenyaafis Gorsaa fi dhaamsa Bareedaa dabarse. Kutaa 2ffaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa 36ffaa B linkiin isa Jala jiru kanaadha Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa horaa Bulaa deebanaa.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa B

Sagalee 26ffaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Kan Seena Umar Bin Khattab Keessatti Seenesse Meeqa keessantu yaadata? Seena Umar Kan Raayyaa Abbaa Maccaa Achi keessatti seenesse sana Dhaggeeffatee Addunyaan tun dhumtuu akka taate fi Aakiraan Ummata Muslimaa Biratti Sadarkaa Hammamii Akka Qabdu Nama Hubachiisa. Sagaleen Ustaaz Raayyaa 26ffaa Keessaa kan fudhatame Seenaa Umar Binkhattab Bakka itti seenese linkii gadii kanarraa dhaggeeffadhaa.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 26ffaa keessatti Seenaa Umar Bin kattab seenesse

Galatoomaa Ulfaadhaa yoo isinitti tole waliif dabarsaa yaada keessan Nuuf katabaa #Unitedoromia

Faayidaa Nama waanyuu dhiisuu fi Miidhaa Nama Gowwomsuun qabu Sheik Amin Ibroo

Sheik Amin Ibro

Hadiisa Amma Isiniif Himu Kana Hiriyoota Keessan Hundaaf Qoodaa Barsiisaa jechuudhaan Sheik Amin Ibroo Hadiisaa Himuu Eegale. Ergamaan Rabbii Nagahaafi Rahmanni Isaanirra Haa Jiraatuu Gaafa Tokko Osoo Ummata Walitti Qabee Baraiisaa jiruu,Namna Tokkootu Amma Olseenuf jira,Namni Amma Olseenu kun Warra Jannataati Jedhanii Namoota Barsiisaa jiran Kanatti Dubbatan. Namoonni Barataa Jiran kun Eenyu Argan? Maal irraa baratan Waan jedhu Sheik Amin Ibroo Dubbatan.

Sheik Amin Ibroo Faayidaa Nama Waanyuu dhabuu fi Miidhaa Nama Gowwomsuun qabdurraa Gorsan

Sheik Amin Vediyoo Linkii isaa Gadirraa Muldhatu Kana Keessatti Namni Namatti Hinaafu Kan Guddina Obboleessaa Hin feene akkasuma Namoota Nama Goyyomsuun Bu’aa Argatan ilaalchisee Miidhaa Nama Gowwomsuun qabduu fi Kanneen Biroo irraa Baldhinaan Ibsa Godhaa Hadiisa Ergamaa Rabbii Ummata Barsiise. Viidiyoo kana dhageeffadhaa walifis dabarsaa Galatoomaa Ulfaadhaa horaa Bulaa Deebanaa.

Sheik Aamiin Ibroo Nama Namatti Hinaafee Waanyu fi Nama Nama Gowwomsu Miidhaa Isaa gorsan

Makiin Raachuu Uffata Iidaa Bichisiifte

Makii Oro Tapha Arra Raachuu Waliin taphatan Kanaan Akka Raachuun Uffata Fi Koohpee bituuf gaafatte. Raachuunis Tole Iidaaf Siifan Bita jedheen. Makiinis Uffata Feetu Kanneen Akka Abaayaa fi Kophee himuufi eegalte. Raachuunis Uffata Aadaa Hedduu bareedu Kan Si dura namuu dizaayinii sanaan Hin Uffatin siif hodhisiisa Jechuun Waadaa galeef.

Raachuun Makiidhaaf Uffata iidaa Akka Bituuf Waadaa Galeef

Makii Oro fi Idiris Yeroo Tapha jaalalaa taphatan

Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar Namoota Agarte Hunda waliin tapha yookaan Geema Tiktok taphatuun Galii Mataa ishee Argatutti Fuulleffattee Hojjataa jirti. Kanneen keessaa Tokko Idiris Nama jedhamu Lammii Eritrea Kan taheedha. Nama kana waliin Tapha yeroo taphattu Akka waan jaalalloota fi Kana dura jaalallee biraa Homaa hin qabnetti deebisaa Gaafi Idiris gaafateef deebifti. Yeroo kanatti daawwattoota ishee keessaa Namoonni ishii fi Raachuun Akka wal jaalatanitti Yaadaa turan makii Oro Nu sobaa jirta jechuun Akkamitti Akkana jetta jedhanii Makiif yaada kataban. Haa tahuu malee Makiin Namoota yaada akkasii katabu yeroo agarte ni kofalti.

Suuraan Kan Makii Oro Aslii fi Idiris

Sababni Makiin Namoota Maalif Idiris waliin kofaltee taphatta Jedhanii gaafatan kanatti kofaltuuf, Dhimma dhiirota waliin Jaala fakkeessitee geema taphattuuf jaalalaaf Osoo hin tahin daldala Tiktokif akka tahe Ummata hubachiisuf yaaltullee namoonni Sammuun isaanii Akka waan dhugaa tahetti Isheef Raachuu yaadaa turan garuu kana hubatuu hin dandeenye.

Makii Oro Yeroo Jaalala Fakkeessitee Lammii Eritrea Kan tahe Idiris waliin taphattu

Walumaa galatti Vediyoo olirraa agartan kanarraa Wanti Hubatamu Makiin Tiktok irratti Dhiirota waliin Kan qoostuf Jaalalaaf Osoo hin taane Tooftaa Jaalalaatin Qoostee Ummata Ishee daawwatuu fi Yeroo isheen taphattu Giiftii isheef kannan Qabatuuf qofa akka tahe Nama hubachiisa. Gama Biraatin makii Oro Dhiirota Habashaa Baayyee Waliin Geema Taphatti. Inumaa Dhiironni Oromoo Yoo Makii waliin taphatuu fedhanii eeganiif Isheen Kan Oromo kana jalaa qabuu hin jaalattu. Dabree dabree Aslii Onnee sabaa kan Isheen Abbaa Jettee waamtufi Raachuu Ishee waliin Maqaan ka’u irra deddeebitee yeroo itti waliin taphatu argurraa Kan hafe Makiin Dhiirota Oromoo waliin geema Taphatuu hin jaalattu jechuun Namoonni baayyeen komatan. fakkeenyaaf Mucaan Gaditti Agartan Kuni Nama An Oromo jedhuu fi Garuu Oromoo miti jedhamuun komiin irratti Ka’uudha. Makiin Yeroo baayyee Akka waan Jara Habashaa Kana jibbitutti odeessiti malee Jibba Jaraa Hin qabdu Inumaa Nama Immiyyee Ethiopia jedhii mazmuurii zammari jedhuun kana Waan Jaalatte fakkaatta Osoo Ijoolleen jettuun Sa’aa Shanii oliif Livii Irratti Waliin geemii taphatti.

Makii oro fi Ermiyaas

Makiin Mucaa Kana ni jaalatte Warri jedhee Yaada Komantii ishee jalatti barreessuf Baayyeedha. Makiin Dhimma Namoota Gaafi Akkasii kaasuf kana Hin qabdu. Callifteetuma Qaxaqqaxkuh jechaa Ija Jalaatin Mucaa Ilaalaa Yoo xiqqaate sa’aa Afurii Oliif Livirra Waliin Fataa jechaa bulti. Kun kan agarsiisu Mucattiin Jibba Jaraa Hin qabdu. Inumaa Jara Akka Jaalattu Ragaan Viidiyoo isheen Jara qofa waliin Tapha taphatuu Agarsiisu Kumaatamaatu jira. Afaanin Jara jibbita onneedhaan Jara irraa fagaatuu hin dandeessu Jechuudhaan Komiin Deeggartoota ishee biraa Ka’aafii Oolus Dhimma Komantii Namoota akkasii sana hin qabdu. Sababni isaa Yoo laalte Makiin Dhimma Jaalalaa Hin qabdu Dhimma Jara Amaarotaa kana taphattee Oromoo Xiiqii keessa galchitee Giiftii irraa Sassaabatuu malee Kan Jedhu Yaada Namoota Ishee daawwatanirraa Yeroo baayyee kennamuufidha. Baraatu Bara Fakkeessanii Buluu tahe. Dhiisaa Haa Daldalattuu Raachuu maalif Akkana Goota jettanii Komii Ooftan dhiisaa ofirra. Jaalala Wanti jedhamu hin jiru. Makiin Fedhiin Ishee Maallaqa Argatuu qofadha kanuma. Yaada keessan katabaa Namoonni Maalif Vediyoo Makii fi Idiris Waraabdee maxxansita, Makiifi Raachuu gargar baasufi jettanii komii kaaftan Dhugaa Kana Beekuu waan qabdaniif isin hubachiisuf yaale Nagaan Turaa

Shamarran Kittaanuu ilaalchisee Sheik Amin Ibro

Sheekni keenya Kabajamaafi Jaalatamaan Yeroo hunda Qoosaa Babbareedduu fi Makmaaksa Oromootin Dabaalee Hadiisa Ergamaa Rabbii Ummata Qaraasisuun Beekamu Sheik Amin Ibro Jidduu kana Waa’ee Qulqulleeffannaa Akka Qeensa Murachuu, Rifeensa Bobaa Haaduu, Kittaannachuu fi kanneen biroo Irratti Baruumsa Ummataaf Kennan. Namoonni Vediyoo namaa Muranii Peejii guddifatuuf Waanuma itti tole godhan Vediyoo Sheik Amin Dhimma Kittaanuu Shamarranii Irratti dubbatan jidduu muranii kofla Irratti hidhanii deddeemaanii jiran.

Sheik Amin Ibroo Barsiisaa Amantii Islaamaa Beekamaa fi Qoosaan Ummata Booharsaa Barsiisu

Egaa Dhimmi Kittaannachuu Ilaalchisee Sheik Amin Ibro Barsiisan Shamarran irraahis Akka dubbatu Taasisee sheik Aminis Sirritti Waa’ee kanaa Irraa Ummata Hubachiise Vediyoo linkii gadirra jiru Guutuu dhaggeeffadhaa

Sheik Amin Ibroo Dhimma Kittaannaa Shamarranii fi Araadotaan Namoota qabamaniif Gorsa laatan

Sheik Amin Sagantaa Barsiisuu Kan Asrii Booda Ramadaana Kana Sababeeffachuun Ummata Barsiisaa Jiran kanaan Waa baayyee Dargaggoota Keenya hubachiisuun Akka Badiirraa Towbatanii ofii isaanillee fayyadan Irratti Gorsa Bareedaa Dabarsaa Jiran Keessaa Tokko Dhimma Namoota sigaaraa,Farsoo,jimaa fi Wantoota Araada Hamoo Namatti tahanii sammuu namaa jijjiiran irraa Baldhinaan Dubbatuun Wanti Sammuu Namaa Hadoochu Hundi Haraama Akka tahee fi Adabbiin isaa Guyyaa qiyaamaa Maal akka fakkaatus Himee Kanarraa Akka of eeganiifis Dinniina kennaafi ture. Sheik keenya Sheik Amin Ibro Umrii Nuuf dheeradhaa Galatoomaa Jechaanii Waliif dabarsuun Gorsa Isaa kana Ummata Biraan Akka geessan Kabajaan isin gaafanna galatoomaa Ulfaadhaa #Unitedoromia

Sheik Amin Ibroo https://youtu.be/NXj_uKKOGfM