Deebii Abiy Ahmed Gaafi Hawaasni Magaalaa Naqamtee Gaafateef Kennan

Guyyaa Arraantanaa MM Ethiopia Dr Abiy Ahmed Dabalatee Peresdaantiin Mootummaa Naannoo Oromia Hawaasa Magaalaa Naqamtee fi Naannawa sanii Waliin Marii Taasisaniiru. Maricharratti Hawaasni Gaafi Nageenyaafi Kan birootis Gaafatan

MM Ethiopia Dr Abiy Ahmed Deebii Hawaasa Naqamteef Kennan

Hawaasni Magaalaa Naqamtee fi Nannawa ishee Marii Kanarratti Gaafiwwan Baayyee MM Abiyiif kan dhiheessan Yemmuu tahu Baayyinaan Gaafin Dhihaate Rakkoo Nageenyaa ture. Dr Abiy Ahmed Jalqaba Oromoon Tokkoomuu Akka qabuufi Rakkoo Keessoo keenyaa Mariidhan Hiikkachuu Akka qabanis Dubbachuudhaan Yoo Nuti Waltaane Homtuu Nun dandahu jechuunis Dubbataniiru. Gama Biraatin Dr Abiy Akka jedhanitti Sababaa Garaagarummaa Yaadaa Qabnuuf jecha carraa Kanatti fayyadamnee Akka Wal takaaluu Hin qabnes Hundaaf dhaaman. Keessattuu Hojii Misoomaa Irratti Namuu Waliin Haa dhaabannuu Jechuun Gorsan. linkii Kanarraa Haasaha Isaa Dhaggeeffadhaa

Gaafii Hawaasni Magaalaa Naqamtee Gaafataniif Dr Abiy Ahmed deebii kennaniidha.

Itti fufuunis MM Ethiopia Abiy Ahmed ( PHD ) Sababaa Nuti Walirratti Duulluf Diinni Ija babaasa kanaafuu Lola Gidduu keenyaa Karaa Mariitin furachuu qabna jechuudhanis Yaada Kennatan. Gama biraatin Oromoon Lolee Injifatuu Akka Beeku Himuun Gootummaa Oromoo Dubbatee,Goota keenya Waan Nuti Hin Jajiniif yookaan Nuti Awwaalef Seenaan Isaani Dhokataa Akka Ture Himee,Oromoon Gootummaan Komii Hin qabu jechuun Dubate. Dhumarratti Jala muree kanin Isiniif Himu Kana Booda Abbaan Fedhe waces dhiises Nu Arrabses Dhiises,Humnaan Deemes Dhiises humni Nu Injifatuu Dandahu Hin Jiru. Kana waan taheef Oromoon Hin Yaadinaa jechuudhanis Yaada dabarfateera. Tokkummaa Keenya fi Gidduu keenyatti Jaalala Horachuu Akka qabnus dhaamaniiru. Guutuu Haasaha Dr Abiyyi Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Galatoomaa Ulfaadhaa horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

MM Ethiopia Dr Abiy Fi Shimallis Marii Naqamteetti taasisan

Oromoon Nagaha Dhabe Malee Qabeenya Hin dhabne. Akkuma Beekamu Yeroo garagaraatti Oromia Badhaatuu jennee Afaaniin Dubbanna. Garuu Qabeenya Oromian qabdu Maalfaa akka tahe hin beeynu. Oromian Albuudota Gara garaatin Badhaatudha. Warqii Baayyeenis Oromia keessaa Baayyinaan Qotamee Ethiopia Tajaajilaa jira. Akka fakkeenyaatti Godinaalee Oromia Gujii fi Boorana Keessaa Warqiin Yeroo ammaa Kana Qotamee Tajaajila kennaa jiraatus Ummata Oromo Hagam fayyadama jiraan gaafii namoota baayyeeti. Jidduu kana Dhimma Warqiitin wal qabatee Oduu Addaa Tokkootu Dhagahame. Innis Warqiidha.

Dr Abiy Ahmed fi Obbo Shimallis Abdiisaa Ummata Magaalaa Naqamtee fi Hawaasa Ishee waliin Marii taasisan

Oduun Ajaa’ibsiisoon dhiheenya Kana Dhagahame Ummanni Godina Arsii Lixaa Sangaa tokko Qarshii 40k Kuma Afurtamaan Bitatanii Qircaa Qalatan. Sangaa kana Keessaa Warqii Giraama 18.5gm argatanii Warqicha Qarshii Ethiopia 53k Kuma Shamtamii saditti gurguratan. Kanaanis Baayyee gammadanii Foon Sangaa Addaan Hirachuun Sangaa Biraa Bitatuuf Akka Walii galan Ibsan. Gama Biraatin Guyyaa Arraa MM Ethiopia Dr. Abiy Ahmed fi Presidentiin Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallis Abdiisaa Dabalatee Aanga’oonni Mootummaa Hawaasa Magaalaa Naqamteef fi Naannawa sanaa waliin Marii taasisan.

Warqii Sangaa Keessaa Argamee fi Marii MM Ethiopia Abiy fi Shimeen Naqamteetti taasisan

Marii Hawaasa Keenya Magaalaa Naqamtee fi Naannawa Sanaa Waliin Taasisan Kanaan Haala Rakkoo Nageenyaa fi Kanneen Biroo Irratti Baayyinaan Mariyatan. Linkii Olirra Jirurraa Viidiyoo guutuu Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Aadde Adaanech ilaalchisee Dubbiin Mucaa Xiqqaan Komii Kaafte

Dhiheenya Kana Haarawoomsa Magaalaa Finfinnee kan Manneen Seeraan Alaa Diiguun Deebisanii Ijaarsisuu Magaalaa Finfinnee keessatti taasifamaa jiru Ilaalchisee Komiin Miidiyaalee Hawaasummaa Irratti Adeemsifamaa jira.

Rakkoo Ijaarsaaf Manneen Diigamuu Magaalaa Finfinnee ilaalchisee Comedian Isheetuun Donkey tube irratti Mucaa Xiqqaa Afeere. Mucaanis Adaanech Abeebee Komate. Kanarratti Yooni Magna deebii kenneef

Akka Mucaan Xiqqaan Comedian Isheetuun Donkey Tube irratti Afeeruun Dubbatetti Aadde Adaaneche Abeebee(bulchiinsa Magaalaa Finfinnee) Maalif Manneen Namootaa Diiydi. Silaa Ani Aangoo sana Qabaadhee Manneen Hin diigu Nan ijaaraaf jechuun Dubbiin Mucaan Xiqqaan dubbate ijoo Miidiyaa Hawaasummaa taate. Kanarratti Yoni Maanyaan Comedian isheetuuf deebii kenneen Akkana jedha. Linkii gadirra Jiru kanarraa Obsaan Dhaggeeffadhaa

Dubbii Mucaa xiqqaa Donkey Tube irratti dubbateef Yooni maanyaan deebii kenne

Akka yooni maanyaan jechuun deebii kennetti Mucaa xiqqaan Humaa Hin beeku,isin warra donkey Tube yookaan Hundeessaa donkey Tube comedian Isheetuu isinintu Polotikaa Ittiin hojjatuuf mucaa kana akkas akka jedhu taasise jechuun komii dhiheessee,gorsas dabarseef. Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf qoodaa galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa #unitedoromia

Jibbaa Zamadkun Muslimtoota Ethiopia Garsiisuf Yoni Magna Deebii kenne

Obbo Zemedkun Baqqalaa Namni Jedhamu miidiyaa hawaasummaa irraa yeroo baayyee Saba Oromo fi Muslimtoota Ethiopia baayyinaan Yeroo Jibba Agarsiisutu muldhata.

Muslimtoota Ethiopia ilaalchisee Yaada Yooni maanyaa Jibba Zemedkunirratti kenne

Obbo Zemedkun Maqaa Ortodoksii Ethiopiatin Yeroo baayyee Muslimtoota Ethiopiatti Duula garagaraa banuun beekama. Akkasuma Addatti Saba Oromo Baayyinaan Jibbuun jechoota fokkuutin maqaa kaasee Arrabsaa oola. Kuni Ammoo Ethiopiawinnat hin jedhamu jechuun yoonii Maanyaa Obbo Zemedkuniif Yaada Gabaabaa dabarsee,Waa’ee Muslimtoota Ethiopia Baayyinaan Haalaaf Amala Islaamummaa Waan beekurraa himuun Silaa Akka Isaanii Kana tahuu qabna jedhee yaada gabaabaa kana kenneefi jira.

Yoonii Maanyaa Jibba Obbo Zemedkun Beqqalaa Muslimtoota Ethiopiatti agarsiisu ilaalchisee Yaada kennate

Tolegaa Kabajamtoota Dhaggeeffattoota keenya Yaada Nuuf qabdan Nuuf katabuu hin dagatinaa isiniin jechaa waan Nuwaliin Turtaniif baayyee galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. Waliif dabarsaa #unitedOromia

Sheekaa Roobee fi Makii Oro Maalirratti walitti Mufatan?

Sheekaa Roobee fi Makii Oro ykn Makfiraa Muniwar

Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar Jedhamuun Tan Beekamtu Obboleettiin Teenya Kaleessa Obboleessa Keenya Raachuu waliin Halkanirraa Toora Hiraabaa yookaan Subiin Gahe kana Taphataa turan. Sheekaan Roobee Makii Raachuu Waliin Taphattu Arge,akkaataan Isaanii Hoggaa Laalu Tahuufii Dide yookaan Maalaayaanii Hammaatte waan taatef Sheekaan Roobee Komantii Makiif barreessen Akkana Jedheen. Makii Oro Rabbumaa Jedhii Livii kanarraa Bahi jedheen. Makii Orotis Jechi sheekaa Roobee barreessef kuni baayyee Dallansiisee Maal jechuudha jechuun Sheekaa Roobee gaafatte. Sheekaanis Akkana jedheen.. ittifufa Barreeffama Kanaa Linkii gadirra Jiruu gaditti dubbisaa. Yookaan Vediyoo guutuu linkicharraa Dhaggeeffadhaa.

Makii Oro ykn Makfiraa Muniwar fi Sheekaa Roobee Maalirratti walitti Mufatan?

Makii Oro Maal jechuudha Sheekaa Roobee Naaf ibsi mee jechuudhaan Sheekaa Roobee Afaanin dubbattee gaafattee,itti fufuunis Komantii isaa irratti Reply gochuun Maal jedhuudha jettee gaafatte. Sheekaa roobeetis Akkana jedheen, Lakkii Makii Oro Ani Waanuman Hedduu isin jaaladhuufin yoo sifayyadeef Bahi Siin jedhe jechuun Komantii Jalqabaarratti makiif Deebii kenne. Haa tahuu Malee Makii Oro Ammallee Komantii sheekaa Hin agarre fakkaatti Akkamitti bahi Naan jedhan, Ani Namni Tokkolleen Tiktok kanarratti Na Ajajuu yookaan Seeni Yookaan Bahi Naan jechuu Hin dandahu Jechuu Komii Ishee itti fufte.

Sheekaa Roobee Komii Makii Oro kanas dhaggeeffataa Jechoota Raachuun Anaatu Siif jira Maalif Si jeeqan,Balaan tokko yoo sitti dhufe dura Na tuqee ergasii sibira Gahuu Qaba jechuun qoosaa Bifa dhaadannoo fakkaattuu qoose. Sheekaan Roobeetis Siitu Ibidarraa Yookaan Guyyaa gaafa Rabbi dura dhufnuu san Ishee irraa Gaachana tahaafi komantii jettu Jechoota Raachuun dubbatan kanaaf Manuma Makii oro jalatti deebii kenneef. Makii Oro garuu Hanga Ammaa Maalif Bahi Naan jedhaa kanatti Dallantee jirti waan taheef jecha Akkamitti bahi Naan jedha jecha jedhu kana guddiftee irra deddeebiin dubbatuu itti fufte.

Sheekaa Roobeetis Irra deddeebiin Ani Bar Soomana Dhumarra Jiru kana Keeruma Haa dalagannuu jechumaafin siin jedhee jechuun Akka Hedduu ishee kabajuuf jaalatu himeefi Komantii Katabeef. Makiin Ammallee Jechoota Namoonni Gariin Kataban Kanatti koflaa fi Kanneen Waan sheekaa Roobee barreesse dhugaadha jechuun Katabaniif Ani Namni Tokkolleen Na Ajajuu Hin dandahu jechuun Komii ishee itti Fufte. Sheekaa Roobee irra deebiin Mee Na galchii Baldhinaan yaada kiyya siif ibsaa jechuun Makiif katabe.

Makii Oro garuu Baayyee Dallantee jirti waan taheef Sheekaa Roobee Asjalaa bahi sin galchuu jechuun dubbatte Barbaachisaa taanan Namoota Kilaafa dheeressan Bilookii akka Gochuu qabdus dubbatuun Ishee Akka Namoonni Biraatis Fakkeenyaaf Rachuu Dabalatee Namoonni Biraatis Akka Bilook ofirraa Godhi jedhaniin taasise. Deeggartoonni Makii Baakkeen Bilook godhi jechuun Makii Ajajaa turan. Makiin Qoosaa Ummatatti koflaa Daranuu Dallansuu ishee jabeessuun Ijjennoo ishee ibsuu eegalte.

Kophaatti Baatee Akkuma Yaada ishee kennataa turteen Kan Isheen Abbaa jechuun Yaamtu Aslii Mohamed Yookaan Aslii Onnee sabaa Seenuun Waliin tapha eegale. Namoonni Makiin sheekatti balleessuu hubatan Akka Makiin sheeka dhiifama gaafattu Asliif barreessan. Asliin Makirra Wanta tahe hubatee Akka Makiin dhiifama gaafattu Ajajullee Garuu Makiin Abadan Ani dhiifama hin gaafadhu jechuun Diddee jirti. Nutis Kanarratti Akka Makii Oro sheeka dhiifama gaafattu Gaafanneerra. Waan dubbiftaniif hedduu galatoomaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Makii Oro fi Raachuun Waliin Baduufii? Kutaa 34ffaa

Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar fi Raachuu yookaan Raache Tasfaayee

Taphni Jaalalaa Kan Makii Oro fi Raachee Tasfaayee gidduu Akkuma Itti Fufetti jira. Kutaa 34ffaa Kanaan Waa baayyee Waliin Taphataa jiran. Dhaggeeffadhaa Yoo yaada qabaattan Katabaa

Makii Oro fi Raachuu Tapha Jaalalaa Kutaa 34ffaa

Kutaa Kana dhumarratti Waan sheekaa Roobee dubbatetti Kan mufatte makii Oro Yaada qabdi. Yaada ishee fi waan sheekaa Roobe Barreesse qophii kanatti aansinee isin biraan geenya Obsaan Nu eegaa Ulfaadhaa galatoomaa. Yaada keessan Nuuf katabaa #UnitedOromia

Masaafintichi Rakkatee Iyya Yoni Magnan Itti qoosa

Manguddichi Gaara Keessaa Waraanta Toohata. Yeroo Ammaa kana Tapha Namoota Miidiyaa tahuun itti koflamaa jira. Manguddichi Humna Waraana Faannoo Jedhu Ofjalaa qaba. Amma Rakkanneerra Waan nyaachifnu feena jechuun Miidiyaa irratti akka gargaarsa Argataniif Lakkoofsa Herregaa kanaan Nu gargaaraa jedhee vediyoo hojjatee maxxanse. Kanarratti Namoonni Baayyeen Itti Qoosaa Jiran. Yooni magna Dhaamasa isaaf dabarseen Akkana jedheen.

Yoni magnaan dhaamsa Masaafintichaaf dabarse

Ati Umrii kanaan Ijoollee keetis baaftee Maalif Rakkifta? Atuu bara meeqa Bosona keessatti dabarsite. Lolli siifuu humaa hin goone maalif Ijoollee kee Osoo hin hafin akka Lubbuusaani Bilaasha baduuf Bobbaafta? Jechuudhaan gaafatee,namoota Lola Jedhuufis dhaamsa dhaame. Viidiyoo gadii kanarraa dhaggeeffadhaa

Yoni maanyaa yookaan Yoni Magna Masaafintichaaf deebii kenneen gorseera.

Dhiisa Lolli gaarii mitii jechuudhanis Warra Aktivistoota Naannoo Amaaraa Kanneen Lola deeggaraniif dhaamsa dhaameera. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf qoodaa galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Asliin Haadha Warraa Isaa(Jamiilaaf) Yeroo Du’aaii godhu

Yeroo Baayyee Ani Ummata Waliin Qooseen,Shamarran Baayyee waliin Taphadha. Haati seenaa yookaan Haati Warraa isaa Jamiilaan Guyyaa Tokkollee Natti Hin Mufattu. Ishee Hinaaftee Naan Ooddu Hin argine. Haati Warraa Koo kabajamtuun Haqa Guddaa Narraa Qabdi Jechuudhaan Ummata Duratti Asladdiin Mohammed yookaan Aslii Onnee saba Oromo jedhamuun Baayyee biratti kan beekamu Abbaan Seenaa Haadha Warraa Isaaf Livirratti Du’aaii godheef

Haadha Warraa Aslii Yookaan Jamiilaa fi Abbaa a Seenaa Yookaan Asladdiin Mohammed

Asliin Kana Kan Godhe Osoo Taa’ee Ummataaf Du’aaii gochaa jiruu Haati Warraa isaa Akkuma Livii seenten Aslitti Ergattee,Isa waliin Taphatuu barbaadde,Asliin Isaa Du’aaii Afaanirraa qabu Afaan buutee Du’aaii irraa fudhatte. Namoonni Isaa Jechoota Ajaa’iba kana Fayyadamuun du’aaii Godhaafi jiru kana argan Itti Gammaduun Aamiin jechaa turan.

Asliin Haadha Warraaf Yeroo Du’aaii kadhatan.

Asliin Yeroo Baayyee Qoosuun Beekama. Shamarran Osuma Inni Livirraa Ummataaf Kadhannaa taasisuu seenanii,akka Isa jaalatan Himaniif Innis Qoosaatuma deebii kennaafi ture. Waan Nuwaliin Turtaniif Hedduu galatoomaa Ulfaadhaa Kabajamaa Yaada Keessan Nuuf qoodaa Waliin gahaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Tapha Kofalchiisaa Yooni Magna fi lij Yaared

Comedian Lij Yaared Baayyeen Keessan yeroo Inni Qoosuun yookaan Artii qabu Fayyadamuun Hojii isaatin Aadaa fi Dandeettii Oromoon Uumamaan Qabu agarsiisu beeytan. Akkasuma Yoonii Maanyaa Yookaan Yoni Magna yeroo inni Faallaa Oromoo dhaabatee Jara waliin Oromorratti duula banu beeytan. Har’a Garuu wanti tahe Waan addaati.

Suuraan Yoni Magna yookaan Yoonii Maanyaa fi Comedian Lij Yaared

Arran kana Yooni Maanyaa fi comedian Lij yaared Tapha Addaa Tiktok irraa taphataa jiran. Tapha isaanii Kana Waa’ee Biyya keenya keessatti deemaa jiru kanarraa Wal agarree Haasonnee Dhugaa Ummatarraa dhokate Ummata barsiisuu fi Warra Maqaa Ethiopiatin Ummata Sobu Kana Dhugaa itti himuuf Beellamanne jechuun Ummata isaan daawwatutti himuun Haasaha eegalan. Wantoota Baayyees jechuudhaan Hanga Garaan Nama dhukkubutti Ummata kofalchiisaa Tapha isaanii Kan Linkiin gadirraa muldhatu kana Taphatuu itti fufan.

Comedian Lij Yaared Vs Yooni Magna

Tapha isaanii Kana Keessatti Namoota Waan itti tole kansaanii godhatan fi waan Jibban ammoo Balaaleffatuun jechoota arrabsoo fayyadamii Ummata Dallansiisan ilaalchisee Yaadota baayyee kaasan. Fakkeenyaaf Arrist Teddy Afroon Sabni Isaanii Guraadhe garuu Dirqamaan Keenya jedhanii Akka waan Amaara tahetti fudhatuu fedhan jechuun Rakkoo Jaraa Yoni maanyaan himee itti fufuunis Nama Tadios Taantuu jedhamu kan inni Sabaan Walaaytaa Tahe Sababa inni Oromo Jibbu qofaaf Akka Kan Amaaraa fakkeessan Dubbatee,siyaasni akkanaa kuni sirrii miti jechuun Himuu fi Comedian Lij Yaaredis gama isaatin Mudannoowwan Baayyee Himuudhaan Ummata kofalchiisaa ture. Viidiyoo guutuu Linkii Olirra Jirurraa Dhaggeeffadhaa yoo isinitti tole waliif dabarsaa waan dubbiftaniif hedduu nuuf Galatoomaa Ulfaadhaa horaa bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Finfinnee Kankeenya Jechuun Keenya taasisaa?

Namoonni Baayyeen Finfinneen Kan keenya Jechuun dhaadatu Haatahuu malee Dubbiin Akkas miti. Finfinnee Kan Irraa Duroomaa jiru qaama Biraati. Nuti Ammoo Finfinnee keenya osoo jennu yeroo magaalaa Finfinnee seenne keessatti Hatamna. Abbaan fedhe nutti taphata. Oromoon Baayyinaan Finfinnee keessa hin jiraatu. Finfinnee hojjatataa Oolee Iddoo biraatti gala. Kuni maalif tahe?

Raachuu fi shivaani Akkasuma Dhimma Magaalaa Finfinnee ilaalchisee yaada Gabaabaa

Qophii Keenya Arraa Kanaan Raachuu yookaan Kan Isinin Makii Oro waliin Baayyinaan beeytan Raachee Tasfaayee Osoo Intala Takka Tan Maqaan ishee Shivaani jedhamtuu fi Makii Oro waliin Atakaaroo keessa seenaa turte waliin Tapha Hin eegalin dura Dhimma Magaalaa Finfinnee fi Mudannoo Oromoon Magaalaa Finfinnee kana keessatti Mudataa jirurraa Dubbatuun Oromoon Finfinneetti Galee qaamaan keessa jiraachuu akka qabu yaadachiise. Tapha Raachuu fi Shivaanii Linkii gadirra jiru kanarraa dhaggeeffadhaa.

Raachuu fi Shivaanii akkasuma yaada Gabaabaa Dhimma Magaalaa Finfinnee irraa kennate.

Egaa yeroo baayyee Namoonni Raachuu Makii Oro waliin Beeka. Haa tahuu malee Raachuun qoosaa isaa keessatti Intala Shivaanii jedhamtu tana Akka Jaartii Dippiloomaasiiti jechuun Ishee waliin Qoosuun Beekama. Akkuma Dhimma Magaalaa Finfinnee irraa dubbateen Intalli Biyya Hindii tan Shivaanii jedhamtu tun Geema ergiteefi waliin Tapha imeegaleen Taphataa Ummata Booharsaa ture. Dhaggeeffadhaa yoo isinitti tole waliin gahaa yaada keessan Nuuf qoodaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia