United Oromia is an Oromian Online entertainment video creator. Oromo comedy, Funny Oromo comedy videos and many more about Oromo and Oromia,Ethiopianoromomusic,Jawarmohammed,Abiyahmed,Oromomusic,Oromodrama
Author: United Oromia
United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.
Seenaa Gabaabaa Artist Zerihun Wedaajoo fi Barreeffama Obbo Shimallis Abdiisaa
Artist Zarihun Wadaajoo Eenyu?
Seenaa gabaabaa Artisti zariyuun Wadaajoo
Artist Zarihun Wadaajoo nama jabaa umurii isaa guutuu jireenya dhuunfaa isaa osoo hin taane uummata isaaf jiraatedha
Artist Zarihun Wadaajoo abbaa isaa obbo Wadaajoo Goobanaa fi haadha isaa Aadde Zawudituu Makoo irraa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti bara 1949 ALI dhalate.
Zarihun jireenya ijoollummaa isaa bakkoota garaagaraatti Nama dabarse. Yeroo barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa barachaa turetti barumsa isaatiin cinattis umurii ijoollummaan qabsoos eegalee Kan eegale ture. Keessumaa, yeroo sanatti Naannoo Mandiitti qabsoo ‘Ye Gubboo Xaaxaa Ke Mandii Yiwuxaa’ jedhamuun kan gaggeeffamaa ture warra qindeessaa turan keessaa Nama tokko ture. Artist Zarihun Wadaajoo umuriidhuma dargaggummaa isaa Kanatti hojiilee aartii ergaa jajjaboo qaban waltajjiiwwan argate irratti uummata biraan gahuu kan jalqabe.
Artist Zarihun Wadaajoo Nama Umrii Isaa Guutuu Qabsoo Oromootif Jiraatedha
Artist Zarihun Wadaajoo sirba isaa “Injiraan mataakoo maalumaaf na nyaattaa, sii obseen dadhabe follokseen si gata,” jedhu waltajjii bulchaan Godinaa kan Kutaa Wallaggaa Nugusee Faantaa irratti argmetti sirbuun Sababaa Sirba Kana Sirbeef jecha Nama Hidhamee turedha.
Artist Zarihun bara 1960moota gara dhumaa artistoota akka Ilfinash Qannoo, Abbitoo Kabbadaa, Ittaanaa Tolasaa, Solomoon Dannaqaa fi kan biroo waliin ta’uun sirboota ergaa jajjabaa qabaniifi Oromoo dadammaqsan sirbaa turani. Sirboota yeroo sanatti artistoota biroo kan akka Ilfinash Qannoofaa waliin sirbe keessaa ‘Nuwaliin dhaadanna, walmalee maal qabnaree’; Koottu aramaa aramnaa midhaan keenya keessaa, Tuufoo bubuqqifnaa cobasaati balleessaa,Lafasaa birqiidha kanaaf tuufoo baasa, …sirboonni jedhan jaalatamummaa guddaa kan isaaf argamsiisanidha.
Sirboota isaa keessaa “Halaalaa halaalaa; Yaa Shaggee Soofumar; Iyyaasee fi kan biroo hedduun Oromoo dammaqsaa kan ture Zarihun nama umurii isaa guutuu Oromoof jiraatedha.
Kufaatii sirna Dargii boodas sirboota qabsoo uummata Oromoo caalaatti finiinsan, tokkummaa Oromoo cimsaniifi gara injifannootti isa geessan akka ‘Ani hin duune dhalootan guddisa; Ani ilma Gandaa mitii gandaan na hin waaminaa, jedhuu fi kan biroo sagalee isaa kiilolee saniin weellisaa ture. Walumaagalatti, ‘Zarihun nama jireenya dhuunfaa isaa Guutumatti Lagatee uummata isaaf jiraatedha. Nama gidiraan Garagaraa Sababaa Inni Qabsoo Oromorratti cicheef jecha Isarra Gahaa ture tahullee garuu Gidiraan Isarra Gahaa ture kun Taakkuu takkallee Kaayyoof Akeekanisaa irraa duubatti isa hin deebifne.
Nagaan Boqodhu Artist Zerihun Wedajoi
Artist Zarihuun Wadaajoon nama kabajaafi walqixxummaa uummata isaaf malee faayidaa dhuunfaa kamiifuu hin jilbeeffanne; nama kaayyoo fi waan itti amane irraa duubatti hin deebine; nama Oromummaa isaatiif miidhamee aarsaa kanfalaa turedha.
Artistoota hedduufis warra daandii saaqanii artistoonni dhaloota haaraa kumaatamaan akka horatamaniif Nama Carraaqaa turee hojiiwwaan dhalootarraa dhalootatti dabran Artistoota Hojjatan Keessaa Artist Zarihun Wadaajoo Nama Tokko ture.
Artist Zarihuun An ilma kutaa miti kutaan nan waaminaa jechuun wal qoqqooduun daandii injifatamuu akka ta’e Akeekee an ilma Oromooti jechuudhanis tokkummmaan humna injifannoo akka tahe Nama Dhaloota Barsiisaa tureedha. Artist Zarihun Wadaajoo gameessa Qabsoo Oromoo yoomuu laphee uummata Oromoo keessaa baduu hin dandeenye; hojiiwwan isaa bara baraan dhaloota waliin kan jiraatudha.
Artist Zarihun umurii ijoollummaa isaa irraa eegalee nama artiif amanamee artiif jiraate waan ta’eef hojiin inni hojjete bara baraan dhalootaa dhalootatti kan darbuufi dhaloonni akka daawwitiitti keessatti kan of ilaaludha. Zarihun nama jaalala uummataa cimaa qabuufi dhaloota artiin walitti hidheefi walbarsiisedha. Hojii isaa kanaanis nama hojii artii Oromoofi Itoophiyaa irratti ashaaraa jabaa kaa’ee darbe waan ta’eef yeroo kamiyyuu laphee uummata Oromoo fi Itoophiyaa keessatti yaadatamaafi jaalatamaa jiraata.
Artist Zarihun nama artistoota Oromoo har’aaf fakkeenya guddaa ta’uun artistoonni Oromoo kumaatamaan akka horataman warra daandii saaqe keessaa tokkodha. Kanaaf, Artist Zarihun ofii seenaa yoomiyyuu hin dabarre hojjetee darbus dhaloota hojii inni eegale itti fufsiisan hedduu horeera. Kanas sirba isaa “An hin du’uu; dhalootan guddisaa; ..” jedhuun kan ibse Zarihun dhugumattuu onnee isaa abidda sanaan dhaloota qabsaa’ee injifachuu danda’u; injifatees injifannoo isaa eeggachuu danda’u oomisheera.
Tokkummaan icciitii injifannoofi qoqqoodamuun daandii kufaatiifi injifatamuu ta’uu sirboota isaa ergaa jajjaboo of keessaa qabaniin “An ilma kutaa miti; kutaan nan waaminaa…” jechuun kan dhaame Artist Zarihun nama jabaa yoomiyyuu sammuu uummata Oromoo keessaa baduu hin dandeenyedha.
Duuti hiree dhala namaa ta’us yeroo uummanni Oromoofi Oromiyaan isa barbaaddutti Artist gameessaafi jaalatamaa kana of biraa dhabuun kan nu gaddisiisu ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsuu barbaada.
Jaalala artii Oromoo, hojii tokkummaa uummataa jabeessuu artist Zarihun eegale uummanni Oromoo cimsee kan itti fufsiisu yoo ta’u Mootummaan Naannoo Oromiyaas aartiin Oromoo akka guddatu kaayyoon Artist Zarihuniifi waahillan isaa eegalan galma akka ga’uuf ni hojjeta.