Mariin Mootummaa fi WBO Gidduu Marsaan Jalqabaa Raawwateera

Marii Kanaan Akka Xiinxaltoonni Baayyeen jechaa jiranitti Kan Dhabnerra Kan Arganneetu Guddaadha Jedhaniiru. Mariin Kun Itti fufiinsaan Irra Deebiyamee Kan Godhamu tahuunis Beekameera.

Ni Mari’anna Rakkoo Keenya Mariidhaan Ni Goolabanna. Suuraan Marroo fi Abiy

Ibsi Garee Mootummaa fi WBO irraahis Dhimma Marii Biyya Tanzaaniyaa Kana Ilaalchisee Maalirra gahan waan jechuuf baasan kanaan Marii Taasifneerra,Kan Irratti Waliif galle qabna. Kan Irratti waliif Hin galiniif yookaan Dhimmoota Marii Dabalataa Barbaadu Kan Biroof deebinee Mari’anna, Kan Jedhu Ibsa Garee lachuurraa Ibsameedha. Akka Hayyoonni Oromo Jechaa Jiranitti Mariin Qaama Waldhabdee qabu jidduutti Yeroo taasifamu hunda Guyyaa tokkoon yookaan Marsaa Tokkoon Hin xumuramu. Hunda caalaa Wanti Hubatuu Qabdan Mariin kun Yeroo Jalqabaatif WBO fi Mootummaa gidduutti Biyya Tanzaaniyaa keessatti Taasifamuun Isaa Abdii Nageenyaa Garmalee Dabaluu himan. Wanti Marii Marsaa Kanaatin Argame Baayyeedha. Wanti Irratti Waldhaban Muraasa. Kanaafuu Abdii Guddaa Marii kanarraa Qabaachuu fi Mariin Itti Aanu Saffisaan Akka Eegaluuf Jajjabeessuu malee,Wantoota Garee lamaan Gidduutti Jibba Hammeessurraa Of qusachuun Wantoota Mariin kun Akka Saffisaan Eegalu godhan Irratti fuulleffatuu Akka qabdan Hayyoonni Oromoo Kanneen Akka Obbo Jawar Mohamme,Yaya Beshir fi kanneen biroo baayyeen yaada kaasurratti argaman. Mariin Kuni Maalfaa Jedhamuun Goolabame kan jedhu linkii Gadii Kanarraa Obsaan Dhaggeeffadhaa Akkasuma Yaada Hayyootaa Gadirraa dubbisaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa

Mariin Araaraa Mootummaa Ethiopia fi WBO gidduu Kan Biyya Tanzania Marsaa jalqaa xumurameera.

Akka Hayyoonni Oromoo Kanneen Akka Obbo Jawar Mohammed Obbo Yaada Bashiirfaan dhimma Marii Nagahaa Har’a Marsaan duraa goolabame kana ilaalchisanii Barreessanitti Miriin kuni Tarkaanfii Duraati Waan jajjabeeffamuu qabu Tahuu himuun Ummanni Ammas Akka Marichi itti fufu jajjabeessuu Akka qabnu dhaaman.

Xumura Marii Mootummaafi WBO Marsaa jalqabaarratti yaada hayyoota Oromoo keessaa fudhatame gadirraa dubbisaa

Obb Jawar Mohammed Akkana Jechuun Barreessan

Lola waggoota shanii booda yeroo duraatiif mariin araaraa WBO fi mootummaa Itoophiyaa giddutti godhame, dhimmoota tokko tokko irratti waliigalamuu baatus, walhubannaan gaariin uumamuu ibsa gama lachuun baherraa ni hubatama. Haaluma kanaan marii marsaa itti aanuu gochuuf waliigaluu isaaniis agarra. Hawwiin ummata keenyaa waliigaltee guutuu nagaya buusuu dhagayuu ta’us, bu’aan marii kanarraa argames gaariidha. Hammasiifuu tarkaanfilee jechaafi gochaa kan bu’aa ( progress) marii marsaa kanaa irratti argame of duuba deebisan irraa gamni lachuu of qusachuu barbaachisa. Inumaatuu hojiilee daran walitti dhiheessuuf fayyadan dalaguutu irraa eeggama. Deeggartoonni gama lachuutis ta’ee ummanni bal’aan mariin marsaa itti aanuu dafee akka eegaluufi waliigalteerra akka gayamu dhiibbaa godhuu feesisa.

Obbo Jawar Mohammediin

Obbo Yaya Beshir Gama Isaatin Namoota Kilaafa Baayyisan fi Marii Bifa Nagahaan Deemaa jiru ilacha keessa galchuu dhiisuun Faallaa Marii deemanii fi Akka waan Mariin fashaletti Yaada Hin taane maxxansan gorsuuf Wanta Hubate akkana jechuun Barreessan

Mariin WBO fi mootummaa jidduu ture haaluma gaariin deeme.

  • Bakka bu’oonni WBO waliigalteen godhamu akkataa hojitti hiikamuun kan hordofu ( monitoring and verification) gareen biyyoota alaa Ameerikaa dabalate jiraatuu qaba jedhanii gaafatan. Bakka bu’oonni mootummaa kana hin fudhanne
  • Sadarkaa naannoo Oromiyaatti mootummaan waloo ( all inclusive government) dhaabbilee mormitootaa hammatee hanga filannoo itti aanuutti bulchuu haa bulchuu jedhan gaafatan. Kana jechuun garuu mootummaa cehumsaa jechuu miti. Kanarrattis ammatti waliigaluun hin danda’amne.

Mariin kun marsaa jalqabaa ta’uun beekkamuu qaba. Marsaa duraatiin osoo waliif galamee gaarii ture. Ummannis kanuma hawwiin eeggataa ture. Garuu mariin araaraa heddu marsaa tokkoon hin dhumu. Kan TPLF waliin taasifameeyyuu yoo laale marsaa shan fudhate. Jalqaba Sychelles keessatti argan. Itti aanse yeroo lamaaf Jabuutitti walgahan. Mariilee Sychelles fi Jabuutii irratti nagaayaan furuuf dubbatan waliif hin galle. San booda Afrikaa Kibbaatti waliif mallatteessan. Keeniyaatti gadi cimsanii hojiitti hiikan. Kanaafuu kan WBO waliin godhamus marsaalee itti aananitti dabra jechuudha.

KANAAFUU, deeggartoonni gama maraayyuu kana beekuun abdii kuatannaa gara siyaasa jibbiinsaa deebi’uu osoo hin taane, gama lachuu walitti dhiibuun yeroo gabaabatti walitti dacha’anii akka xumuran jajjabeessuutu fayyada.
Rabbi haa milkeessu!

Yaayaa Bashiirin

Waan dubbiftaniif Horaa Bulaa deebanaa Waliif dabarsuun Ummata Biraan gahaa Galatoomaa Ulfaadhaa #UnitedOromia

Namni Oromia Dhufe Maalif Asitti Hafa? Yoni Maanyaa

Jaalalti Oromoo walii isaafi Namoota Halaalaa Dhufee Oromia keessa Qubatuuf Qabu Jaalala Addaati. Ani Na Ajaa’iba Oromoon Tuni Akkamitti Akkanatti Ummanni Hundi Jaalata? Namni Yeroo Oromia Dhufe,Osoo Ni Ajjeefamtan Oromoon Ummata Akkanaati,Akkaiiti jedhamanii Akkamiin Umrii guutuu Oromia keessa Jiraata? Maalin Nama tuyyxi oromoon tun. Nama Waa’ee ishee dhaadee kaasun dubbatu malee Nama Hammeenya ishee haasahu Aktivistoota Amaaraa qofa maalif tahe jechuun Yooni Maanyaan Gaafii Gaafataa jira.

Suuraan MM Ethiopia Abiy Ahmed fi Yoonii Maanyaa Kan Dhimma Ethiopia Fi Oromoo dubbataa jiruuti

Akkuma isin Oromoon Ummata Hamaadha jechuun Arrabsitan kana Silaa Sabaaf Sablammiin Ethiopia guutuu Kanneen Oromia Keessa Jiraatan,Osoo Oromoon Ummata Hamaa tahanii Isaanis Ni dubbatan turan jechuun Aktivistoota Amaaraatti Dhugaa hime. Amma Ilaalaamee Tigraay Afaan Oromo Naannoo Kiyyatti Akka Baratamu Jettee labsitee jirti Kuni Maalif tahe isinitti fakkaata jechuunis Gaafii Gaafata. Gama Biraatin Waa’ee Magaalaa Finfinnee kaasuudhaan Magaalaa Finfinnee keessa Akka Baayyina Saba achi keessa qubatuutin yoo ilaalle,Sabni Amaaraa Humeddummina qaba. Garuu Lafti Tan Oromoo tahuu Ragaan Agarsiisu Baayyeedha jechuun Takka takkaan Maqaalee Nannawa Finfinnee keessa jiran Maqaa durii Kaasuun Himeefi,Lafti Tan Oromia Tahuu Jala muree himaaf. Gama Biraatin Silaa Oromoon Akka Hammeenya Aktivistoota Amaaraa Kanneen Addis Ababaan Yookaan Finfinneen Tan Amaarati Jedhan tana Dura Ofirraa Akka Bahan taasisa. Garuu Oromoon Hammataa Waan taheef Nagahaan Lafa Oromia Tana Keessa Jiraattan jechuun itti himee,Ammalle Aktivistoota Amaaraatin Ofitti deebi’aa jechuunis Gorsaa jira.

Oromoon Ummata Nama Jaalatu Tahuu Namni Oromia Dhufe Asumatti Dullooma Jechuun Yooni Maanyaan Warra Oromoo Diinomfatuuf hima.

Gama Biraatin MM Ethiopia Dr Abiy Ahmed Mootummaa Ethiopia Tahuu Liqimsaa jechuun Itti Himee Jaalalaan Isa Waliin Walii galamee Jennaan Rakkoo feete Waliin Furuun Akka dandahamus itti hime. Kanaan Alatti Arrabsoo fi Zaachaa gochuudhaan Abiy Ahmed Ni Injifanna jettanii yoo yaaddan,Ani Isiniif Himeera. Dhukkee taatan kana Sirritti ofitti Himaa Jechuunis Itti Himaa jira. Guutuu Haasaha Yoonii Maanyaa Linkii Olirraa Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Makii Oro Osoo Asliin Gabbara Nyaatin Jaarsa Fidde

Asliin Gaafa Dubbii Kana Makii Oro tan Intala too jedhurraa dhagahu Dachiitu Itti garagale. Walleenuu Gabbara Malee Eessaa Fiddee jaarsa kiyya Naan jetta Waan jedhu fakkaata. Baayyee Nama Kofalchiisa. Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar Fi Asli Mohammed Yeroo baayyee waliin Qoosuun,Makiin Asliidhaan Abbaa jechuun waamti. Tahullee Arra Dubbiin Faallaa taate. makiin Jaarsa yookaan Jaalallee Nanqaba jecha jedhu Osoo Adabbii fudhatuu Asliif Himte. Asliin Kiw jechuun Ammagaa jechuun Biyya Kofalchiisee,Gurbaa Makiin Jaalattu Kana Baruuf Ija Babaasuu eegale. Saffisaan Akka Makiin Himtuuf Gaafate.

Suuraan Makii Oro,Aslii fi Raachuudha Kan makiin Jaalallee kiyya jechuun garsiifte Viidiyoo keessaa jira.

Yaa Makii Natti Qoostaa Saffisaan Natti Agarsiiftu malee Wal gaggalaafata taatin Dhaamsa Asliin Makiif dabarsaa jiruudha. Makii Orotis Jaalalleen ishee Aanaa oh dhiifama Abdi Akka Jedhamu Maqaa Himteef. Abdi kuni kami jechuun Makiitti gaafii jabeesse. Makiinis Namni Maqaan Abdii Hundi Jaalallee kiyya jechuun qoosaan bira dabarsite. Yoonin Makiinaa Diimaa argadhe Akka Suuraa Mucaa Jaalallee ishee kana Agarsiiftu Makii Gaafate. Makiinis hayyee jechuun Waadaa seentef. Namoonni Jaalallee Makii Arguuf Fedha qaban Giiftii Asliif kennan. Asliinis Jaalallee Ishee Akka Agarsiiftu dirqisiise. Makiin..

Makii Oro Jaalallee ishee Jechuun Agarsiisuu Tapha Aslii,Raachuu fi Makii Jidduutti tahe

Mucaan Makii Oro Agarsiisuuf Yaalte Alan Fira isheeti jechuun Namoonni Beekan Yaada Kaasan. Haa tahuu malee Asliin Mucaan Baayyee Akka bareedu Makiif Hime. Mucichi Eenyudha laata? Akka warri beekan himanitti Jaalallee Osoo Hin tahin Mucaan Fira Makii Oro Akka tahe Kataban. Tahullee garuu Firri Fira Fuudhuun Dhoorgaa miti waan taheef jecha,Akkaataa Makiin Itti dhaadataa dubbatteen walbira Qabanii Yoo xiinxalan Duraan Fira Turullee Amma Gara Jaarsa Makiitti Geeddaramuufi jechuun Namoonni Shakkii Qabanii fi Dubbii keessa beeyna jedhan Hasaasuu eegalaniiru. Hundaafuu Tapha Kana Hordofaa Yaada keessan Nuuf katabaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Taateen Obbo Kaffaaloo Paraankii Osoo tahin dhugaadha

Namoonni Akkuma Feesbuukii seenaniin Barreeffama Obbo Kefyalew Tufaa Yedataa kan

“Bor Ganama sa’aaati 2:00 irratti addunyaa tana irra nan obbafadha. Gara Haaceettin deema Live na egaa”! jedhu arganii Baayyee Gaddan. Maaltu Dhalate jechuunis wal odeeffataa turan. Kanarratti Namoonni Baayyeen Yaada Garagaraa kaasuun Irraa haasahaa oolan. Obbo Kaffaaloon Akkuma Waadaa seene Sa’aa jedhame eeggatee liivii seenuun Namoota 3k oliin daawwatamaa jira. Daqiiqaa kudhantu yeroo inni jedherraa hafaaf. Kana gidduutti Wanti tahe uumame.

Suuraan Obbo Kaffaaloo Tufaa fi Raache Tasfaayeeti

Yeroo Obbo Kaffaaloon Addunyaa kanarraa godaanuf nuuf beellame gahuuf daqiiqaan kudhan qofti weeyta haftu Dargaggoonni Magaalaa Finfinnee Jiraatan Hulaa Mana isaa darbanii seenuun Lubbuu isaa du’a oolchan. Sababni Obbo Kaffaaloon Murtii Hagana Guddaa kana fudhatuuf Murteesseef Kan biraa tahullee garuu Namoonni Miidiyaa gubbaa Yaada garagaraatin Ibsataa oolan. Gariin isaanii Jaartii Yookaan Haadha Warraa isaatu Nama Biraa Jala deeme jedha. Gariin Haadha Warraa isaatu Manarraa ari’e jechuun Olola oofan kana cinaatti Namni Mana Amantaa Yookaan Waldaa Amantaa Gurgurate Yoo hobbaafate Naman dinqu,jechuun dhaadata. Walumaa galatti Namoonni Olola Banuudhaan Akka Obbo Kaffaaloon Badu barbaadan Daranuu Gammachuu ibsataa Yaada Garagaraatin Waa’ee Kaffaaloo Barreessan. Haa tahuu malee dhimmi isaa Kan Odeeffamu kana miti Asirraa Dhaggeeffadhaa

Dhimmi Obbo Kaffaaloo Kan Addunyaarraa Haara fudhatuuf waadaa galee Sababni isaa kunooti.

Obbo Kaffaaloon Erga Artist Hacaaluu Hundeessaa Ajjeefamee Guutumatti Nama Siyaasaa Xiinxaluu fi Rakkoo Saba Oromo kana Dubbaturraa Akka tahe Feesbuukii isaa jala seenuun Mirkaneeffatuun ni dandahama. Haatahuu Malee Dhiheenya Kana Waa’ee siyaasaa dhiisuun Waldaa Amantaa Tokko Banatee Ummata Tajaajiluuf Akka murteesse Ibseera. Tarkaanfii Ofajjeesuuf Fudhate sababni Rakkina fi Olola Namoonni Irratti Oofaniin Akka Taheefi Baldhinaan Ibsa Guutuu Rakkina Kana uumee Linkii Olirra jiru kanarraa dhaggeeffadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa waliifis dabarsuun Ololtoota Biraan gahaa Ulfaadhaa galatoomaa. Yaada Keessan Nuuf Katabaa. #UnitedOromia

Kana Booda Biyya Alaa Teessee Ethiopia Jeequn hafe

Ibsa Addaa Qindoomina Humna Waloo fi Tasgabbii Biyyoolessaarraa Eebla 22/2015 Akka Lakkoofsa itiyoophiyaatti Amma Baheedha. Ibsa Isaanii Kanaan Namoota Biyya Alaa Dahoo Godhatuun Jeequmsa Biyya keenya Ethiopia keessatti Kaasaa Jiran Irratti Hojjannee Gara Biyya dhalootaatti deebisiisuun seeratti dhiheessuuf Hojjatamaa jiraachuu ibsan.

Ibsa Qindoomina Humna Waloo Tasgabbii Biyyoolessarraa ebla 22/2015 Akka Ethiopia bahedha.

Ibsi Waloo Qindoomina Taagabbii Biyyoolessaarraa Amma Bahe kun Namoota Garee Shorarkeessummaa Kana keessaa qooda qaban,Biyya Keessaa fi Alaa Eerudhaan Gochaawwan Isaanii fi Shorarkeessummaa isaan raawwataa jiran kan tuttuqee Eerudhan Ibsu yemmuu tahu, garee Shorarkeessummaa kana keessaa qooda qaban Biyya keessaa fi Ala jiranis Seeratti dhiheessuuf hojjatamaa jiraachuu himan. Namoonni Dubbisa Dubbisuu Hin dandeenyefi Rakkattan Vediyoo linkii gadii kanarraa dhaggeeffadhaa waliifis dabarsaa akkasuma Warri dubbisa filattan Linkii gadirra jiru kanarraa dubbisaa galatoomaa Horaa Bulaa

Ibsa Qindoomina Humna Waloo fi Tasgabbii Biyyoolessa Ethiopiarraa Ebla 22/2015 A.L.E bahedha.

Guutuun Ibsa Qindoomina Humna Waloo fi Tasgabbii Biyyoolessa Ethiopia Kan gadii kana.

Ibsa Qindoomina Waloo fi Tasgabbii Biyyoolessa Ebla 22,2015- Shakkantoonni seeraan ala gareedhaan gurmaa’uun socho’aa turanii fi gocha shororkeessummaa irratti bobba’an 47 meeshaalee waraanaa adda addaa waliin to’atamuu Qindoomini Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa beeksise.

Qindoomini Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa ibsa miidiyaaf ergeen akka beeksisetti, shakamtoonni gurmaa’insa seeraan alaan gocha shorokeessummaa irratti bobba’an kunniin meeshaalee waraanaa xixiqqaafi gurguddaa akkasumas meeshaalee quunnamtii saatalaayitii fi laaptoopoota ragaalee adda addaa qabatan waliin to’amaniiru.

Shakamtoonni kunniin ajjeechaa hooggantoota olaanoo naannoo Amaaraa irratti xiyyeeffachuun heera mootummaa humnaan diiguun caasaa mootummaa naannichaa to’achuufi mootummaa federaalaa aangoo irraa buusuuf karaa gurmaa’insa seeraan alaan biyya keessaafi biyyoota alatti ijaaramuun socho’aa osoo jiranii akka irra gahame himeera.

Qindoominni Humni waloo kun ibsa miidiyaaf ergeen mootummaan haala mijataa sirna dimkiraasii babal’isuufi qabsoo yaadaaf carraa bal’aa kennuusaatti akkasumas rakkooleen mariin akka furaman tattaaffii taasifameen baayyeewwan carraa kanatti fayyadamaniiru.

Haata’u malee, Finxaaleyyiin Uummata Amaaraa bakka hin buune filannoo nagaa mootummaan dhiyeesse moggaatti dhiisuun gurmaa’insa seeraan alaa deeggartootasaanii hanga biyya alaatti hidhata uumuun damee Siyaasaa, loltummaa, Intelejensii,Miidiyaafi faayinaansii hundeessuu isaanii irra gahamera jedha ibsi kun.

Damee Siyaasaa, loltummaa, Intelejensii,Miidiyaafi faayinaansii kanas kan hogganu Dr Wandosan Asaffaa nama jedhamu ta’uu kan eere ibsi waloo kun Dameen kun misensota Diyaaspooraa finxaaleyyii ta’an 16 waliin qindoomina uumuun kan hojjetu ta’uu himeera.

Dameen kun deeggarsa loojistiksiifi faayinaansii argatuunis Magalaa Baahir Daari irraa eegalee hanga guutummaa naannichaatti hojii hidhattoota filuu ,leenjisuu,hidhachiisuufi bobbaasuu hojjechuun naannoorraa hanaga federaalaatti shororkaafi ajjeechaa akka raawwatan ergama kennaa akka ture hordoffiifi qorannoo gaggeeffameen irra gameera jedha ibsichi.

Kanaafis qaree finxaaleyyii Ballaxaa Gaashaawufi Mihirat Wadaajoo maqaa masoosaa Mirree jedhamaniifi garee finxaaleyyii isaan waliin hidhata qaban tibbana Itti Gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaa qe’eesaaniitti haala suukkanneessaan galaafatamuun kanaafis agarsiiftuudha jedhe ibsi waloo kun.

Girmaa’insa seeraa alaa gareeen kun uumaniin aanaalee 130 Naannoo Amaaraafi iddoowwan birootti garee seeraan alaa gurmeessuu isaanii ibsichi eereera.

Kanaanis namoota dhuunfaa 450 uummanni Amaaraa filateefi hoggansa sadarkaa gara garaa irra jiran humnaan dhabamsiisuun hojii caasaa haaraan bakka buusuuf karoorfachuusaanii hordoffiifi qorannoo taasifameen irra gahamuusaa ibseera.

Dabalataanis homnoonni finxaaleyyii kunneen humna nageenyaa naannichaa hidhattoota ofiisaaniin bakka buusuuf qophaa’aa turuus eerameera.

Tewodiros Asfaaw dablatee kanneen biroos hojii shororkeessummaa kanaan shakkamanii akka to’ataman ibsameera.

Dameen Miidiyaafi ololaa kan hoggantu Meskerem Abarraa kan jedhamtu ta’us eerameera.

Gurmaa’insa seeraan alaa kana keessattis biyya keessaa Daawwit Begaashaawu nama jedhamu akkasumas biyya alaatii ammoo ‘Ethio 360’fi Marrajaa TV, Habtaamuu Ayyaaloo, Minaalaachoo Simaachoo,Biruuk Yibaasiifi Iyyerussaalem T/Tsaadiq akkasumas Zemedkun Baqqalee fi Lidatuu Ayyaaloo yoo ta’an Miidiyaa Anker jedhamu irraa Masaay Mokonnin akkasumas namoota biroo miseensota garee farreen nageenyaa kanaa ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ibsi waloo kun beeksiseera.

Humnoonni finxaaleyyii kunneen oduu sobaa uumuu fi olola shororkeessummaa babal’isuun, uummata sabaa fi amantaan qooduufi walitti buusuun humnaan Mootummaa Naannoofi Federaalaa kuffisuuf akkasumas biyyattiin daandii jijjiiramaa fi misooma eegalte dhiistee gara hokkoraa fi jeequmsatti akka galtuuf garee seeraan alaa gurmaa’anii hojjechaa akka jiran Qindoomini Humna Waloo kun beeksiseera.

Namoonni sobaan biyya keessaa fi alaa taa’anii biyya diiguuf hojjetan kanneeniifi namoota dhuunfaa jaarmiyaa garee seeraan alaa keessa jiran biroo dabalatee shororkeessummaadhaan qoratamaa akka jiran ibsichaa irratti eerameera.

Humnoonni shororkeessummaa kunneen biyyoota keessa jiraatan Dhaabbata poolisii Idil-addunyaa (Interpol) fi dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii mootummaa tumsa taasifamen gara biyyatti dabarfamaanii akka kennamaaniif seeraan akka gaafatamaniif hojjechaa akka jirus himameera.

Ibsi Qindoomina Humna Waloo itti dabaluun, namoonni biyya alaa jiraatan kunneen qabeenya biyya alaafi keessa qabaniin fayyadamanii gocha badii kanaaf itti fayyadamaa akka jiran qoratamee waan bira gahameef qabeenya biyya keessaa qaban adda baasuun seeraan to’achuufis hojiin hojjetamaa akka jiru beeksiseera.

Humnoonni finxaaleyyii heera mootummaa fi sirna mootummaa humnaan diiguuf humnoota farra nageenyaa biyya alaa tokkummaa Itiyoophiyaa hin barbaanne waliin ta’uun mootummaa humnaan aangoo irra kaasuuf hojjechaa turan to’annoo jala oolchuun qorannoo irratti adeemsifamaa jiraachuus ibsi kun eereera.

Hawaasni tarkaanfiiwwan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhataman hidhannoo hiikkachuu waliin walqabsiisuudhaan namoota burjaajii uumuun odeeffannoo dogoggoraa babal’isuuf yaalan irraa of qusachuun tokkummaan akka qabsaa’u waamicha dhiyeesseera.

Dhumarrattis Oppireeshinii seera kabachiisuuf eeggalame galma akka gahuuf hirmaannaa olaanaa hawaasni taasisaniif Qindoominni Humna Waloo nageenyaafi tasgabbii galateeffata jedheera.

Qaamolee to’annoo seeraa jala akka oolanif hordoffii cimaa irratti taasifama jiru bakka jiranii eeruun akka qabamaniif carraa kanaan waamicha dhiyeessina jedheera.

Fuuladurattis bu’aan qorannoo irraa gahame uummataaf akka ibsamu Qindoominni Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa beeksiseera.

Qindoomina Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa
Ebla 19 bara 2015

Fincaan Dubraatin Areeda koo haadaa jedhee ture

Ani Sheik Khaab Butta Naan Jedhan jechuun Yeroo baayyee Fokkora. Maqaan Isaa Hordofaa jedhamaa. Kan jiraatu Biyya Ameerikaa Hoggaa tahu,Mootummaa Ethiopia Abiy Ahmed Hundaa olitti deeggaruun Dhugaa fi Soba Baayyee dubbatee Abbichuu koo jechuun Abiy Ahmed Dhadhessuun Beekama. Sababaa Abiy Ahmed Namni Inni Hin xiqqeessin yookaan Irratti Hin duulin Waan jiru Hin sehu. Kanaan Dura Waadaa Tokko Ummata Oromootif seenee ture. Waadaan isaa Fincaan Dubraatin Areeda koo Haadaa kan jedhu ture. Sababni inni Waadaa sana seenef maalifi? Har’a Guyyaan Waadaa isaa Guutuu qabu Gaheera fakkaata.

Waa’ee Marii Araara Mootummaa fi WBO Gidduu ilaalchisee Obbo Khaab Buttaa Waan dubbatu qaba.

Sheeytichi Qoma dhahatee Dhaadataa ture. Kanaan Dura Yeroo tokko Ajajaan Olaanaa WBO Ajjeefameera jechuun Oduu sobaa Dabarsee ture. Oduun Kuni Kan dhagahame Miidiyaalee Mootummaa Ethiopiatin Hogganamurraa Waan dabreef Ajaja Kaadirummaa fudhachuun Akka Marroon Ajjeefame Ifatti bahee dubbate. Xiqqollee Osoo hin Turin Jaalle Marroo Dirribaa Bakka Isaan Irraa hin eegin Miidiyaa Guddicha Addunyaa Aljaziiraa irraan Ummata Addunyaatti Gadi bahee warra Oduu sobaa dabarse hunda Afaan qabachiise. Namoonni Oduu sobaa Kan Marroon Ajjeefamuu Hafarsaa turan keessaa Tokko Obbo Khaab Buttaa yookaan Hordofaa Nama Jedhamu kana ture. Akkuma Haasaha Marroo Aljaziiraa Irratti dhagaheen Gama Fuula feesbuukii isaatin seenee Dhaamsa dabarfate Dhaamsi isaa Kunis Jaal Marroon Osoo hin Ajjeefamin dura Vediyoo waraabee Aljaziiraaf erge jechuun Ifatti Dubbatee ture. Kana qofa miti Jaal Marroo fi Waraana Inni Hogganu Kana Yoo Ji’a Lama Booda Agartan Koottaa Fincaan Dubraatin Areeda Narraa Haadaa Anaatu Isiniif hayyame jechuun ifaan Ifatti Ummata Oromootif Waadaa seene. Arra Ammoo Guyyaan Kuni erga Inni dubbii sana Dubbatee Waggaa Lama Booda Guyyaa Waadaa isaa kana Itti Guunnu Akka tahe innumti Ragaa Ofitti bahe.

Dubbii Waadaa Fincaan Dubraa Nuuf seene fi Dhimma Marii Araaraa Irratti Khaab Buttaa

Jaalle Khaab Buttaa Guyyaa Arraa Dhimma Marii Araara Mootummaa Ethiopia fi Waraan Bilisummaa Oromo Irraa Yaada Kennataa jiru kanaan, dhugaa Rabbii Ajajaan WBO Jaal Marroon Akka Goota Tahe fi Injifates dubbatee, erga Dubbiin Araaraan Akka Dhumatu Labsitan Araara Kana Waan barbaachisu hunda Gochuun Akka Milkeessitan dubbate. Kanaan Dura Ajaja Kaadirummaa Fudhatee Akka Kijibaa Turellee Ummataaf Ifa gochuudhaan Kana Booda Hin kijibnu Jedhee Wanta Keessa Isaa jiru Dubbataa Jira. Viidiyoo isaa Guutuu Olirraa Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Aadde Nasraa Gursum fi Asliin Walirra deemanii Ajab Nama jechisiisan

Artist Nasraa Gursum fi Aslii Onnee Sabaa Yeroo baayyee waliin qoosuun ummata Booharsaa turan. Har’a Ammoo Wanti Tahe faallaa saniiti. Qoosaa Fi Akka Oromootti waliin tahanii Gargaarsa Dhuunfaa fi sabaafis gochaa turuu wal yaadachiisun Dubbii Jajjaba Walitti Facaasuu eegalan. Maaltu tahe? Maalirratti Mufannaan gidduu isaanitti uumame?

Obbo Asladdiin Mohammed fi Aadde Nasraa yookaan Artist Nasraa Gursum

Wanti Tahe Maali? Artist Nasraa Gursum Tapha Beellamaa Qabaachuu turte. Guyyaan Naannawee Dabareen Tapha Nasraa Gursum kan Ittin Fayidoomanii Kun Har’a Taphatame. Aadde Nasraan Tapha Kanaan Injifatamtullee Galii Doolaara Ameerikaa Kuma Shanii Ol argatteetti. Tahullee garuu Nasraan Aara qabdi. Maaltu Aarse? Aadde Naaraan Injifatamuu ishee osoo hin mirkaneeffatin Taphicha Addaan Murtee Forfeen baate. Obbo Asliin Taphicha Daawwataa kan turan yemmuu tahu Sababa Aadde Naaraan baatef garuu baayyee dallanuu hima. Yeroo taphichi dhumarra gahu Qabxii intalli Dursaanii jirtu kana Itti jijjiireen Naaraatti leenca lama darba jedheen Ati Tapha Addaan murutti baayyee dallane jechuun Nasraatti Hima. Tahullee Nasraan Aslii dhagahuu Hin feetu. Sababni Shakkii Keessa isheetti uume wahii Akka jiru dubbatti.

Obbo Aslii fi Aadde Naaraa Gursum

Aadde Nasraan Komii Akka qabdu Hasaassii fi Shakkii Irraa Kaatee Akka Isheetti wal mariyatan Himti. Asliin Garuu Ani Shakkii Ati Odeessitu kana keessaan qabu jechuu Aadde Nasraaf deebii kennuuf yaala. Isa Dura Taphni Akkuma Addaan Murameen Gaatii Naaraa seenuf yaallan Akka Naaraan keessaa isa darbite yookaan Isa Galchuu didde dubbatuun Komii Naaraa irraa qabu Livii isaa banatee haasaha eegale. Kanaanis Maalif Asliin Akkana jedha jettee Mufachuun livitti deebitee Asliif deebii kennaa Osoo jirtu Asliin Nasraa Mana isaatti Afeerun Waliin Dubbii kanarratti Afaan wal fuudhaa jiran kanuma. Waan dubbiftaniif galatoomaa Olirra Viidiyoo guutuu Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa. #UnitedOromia

Hangaasaa Ibraahim An Hin jenne Jedhee Kakate maalif?

Akka Duraanii Haasaha Jajjabaa Lolaan Guutame Darbatuun Ummata Kofalchiisullee baatu Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Gama Fuula feesbuukii isaatin Haasaan inni Arra Taasise kun Maal Ilaallata? Ajandaa Sadiin Qabadhee dhufe jechuun Haasaha isaa Eegala. 1, Dhimma Ajjeefamuu Obbo Girmaa Yeshixilaa hoggaa tahu, 2ffaan Dhimma Marii Nageenyaa Mootummaa fi WBO gidduuti. Akkasuma 3ffaan Dhimma Rakkoo Jimaa Harargeen wal qabaturraa Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallis Abdiisaaf Dhaamsa Jajjabaa dabarseera.

Suuraan Obbo Hangaasaa Ibraahim Obbo Girmaa Yeshixilaa fi Obbo Shimallis Abdiisaati

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Kaleessa Ajjeefamuu Itti gaafatamaa Waajira Paartii Badhaadhina Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshixilaa Ilaalchisee Gadda Itti dhagahame Feesbuukii isaa Irratti barreesse. Barreeffama isaa Kana Namoonni Hiika Biraa kennuun Daldala siyaasaaf yookaan Bu’aa dhuunfaaf Itti fayyadama ou Hafarsaa oolan. Kanarratti Hangaasaa Ahmed Ibraahim Gama Fuula feesbuukii isaatiin Livii seenee Ibsa Kenneen,Isiniif Hin milkaahu Jechuudhaan Yaanni Kiyya Akka isin itti fudhattan miti jechuudhaan ibsa kenne. Barreeffama isaa kaleessaa Dabalatee Haasaha Inni dhimmicharratti Taasise Viidiyoo guutuu asii gadii Dhaggeeffadhaa.

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Hangaasaa Ahmed Ibraahim Anaa Miti Jechuun Yaada Kennataara

Gama Biraatin Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Hangaasaa Ahmed Dhimma Marii Araara kan Mootummaa fi WBO giddutti Biyya Tanzaaniyaa Odola Zanzibar keessatti taasifamaa jiru ilaalchisee Yaada dabarfatee jira. Akkasuma Dhimma Baldhinaan Irraa Haasahe dhimma Jimaa Harageetin wal qabatu kan Sababa Keellaan baayyateef Qotee bulaan Rakkoof saaxilame ilaalchisee,Rakkoon Kuni Saffisaan Ummatarraa Dhaabatuu Akka Qabu Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallis Abdiisaafi Hoggantoota Naanawa Harargeetif Dhaamsa Jabaa dabarseera. Guutuu Haasaha Hangaasaa Ahmed Ibrahim Olirraa Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Akkasuma Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Mariin Nagahaa Mootummaa fi WBO Gidduu Malirra gahe?

Guyyaa Arraa Taatee Baayyeetu tahe. MM Ethiopia Waamicha Marii Nagahaa Taasisuuf Biyya Tanzaaniyaatti Taasifama Jechuun Dubbatuun Isaa Akkuma Dhagahameen WBO’n Insa Baasen Maricharratti Hirmaatuu Ibsee turuun kan Yaadatamuudha. Mariin Nagahaa Kunis Biyya Tanzaaniyaa Odola Zanzibaritti Gaafa ebla 25/2023 Ifatti Eegalee turuun Ni yaadatama. Amma Maalirra Gahe?

Mariin Mootummaa fi WBO Gidduu Maalirra Gahe? Ajjeefamuu Girmaa Yeshixila fi Yaada Yoni Magna

Mariin Mootummaa Ethiopia fi ABO-WBO Gidduu Guyyaa Sadaffaaf Akkuma Itti Fufetti jira. Haatahuu malee Hamma Waan tokkorra geenyuu Odeeffannoo Kennurraa Of qusatan. Tahullee garuu mariin kun Haala Bareedaan Adeemaa jiraachuu fi Kan Hamma Dhuma Ji’a Kanaa Jedhamee ture Ji’a Itti Aanu kanallee Akka itti fufuuf jiru beeksisaniiru. Rabbiin Milkiin Haa Xumursiisu jenna. Gama Biraatin Aanga’aa Mootummaa Ethiopia Kan Tahan Obbo Girmaa Yeshixilaa Guyyaa Arraa Ajjeefameera. Obbo Girmaa Yeshixilaa Itti Gaafatamaa Waajira Paartii Badhaadhinaa Kan Naannoo Amaaraati.

Mariin Nagahaa Mootummaa Ethiopia fi WBO gidduu Maalirra Gahe? Akkasuma Ajjeefamuu Obbo Girmaa

MM Ethiopia Abiy Ahmed (PHD) Ibsa Gaddaa Fuula feesbuukii isaa Irratti Barreessaniin Qaamonni Yaadaan Nu Moohachuu Dadhabanii jennaan Afaan qawweetin Sochii Eegalan Obbo Girmaa Yeshixilaa Nurraa Nyaataniiru. Yaadaan Wal mormuun Osoo Dandahamuu Afaan Qawweetin Socho’uun Nama Ajjeesuun kuni Finxaalessummaa keessa Hoonga Gahuudha jechuun Ibsan. Gama Biraatin Afaan Qawweetin Abbaan fedhe Homaa fiduu akka hin dandeenye Jala muranii Himanii turan. Akkasuma Obbo Yoni Magna Dhimma Kanaa fi Daawwannaa Mootummoonni Naannolee Tigraayitti Arra taasisan ilaalchisee Yaada Gabaabaa Kennate Guutuu Gabaasa Kanaa Linkii Olirra Jirurraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa. Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Bu’aan Masaanuu fi Miidhaan Maali Gaafi Ustaazaaf Deebii Shamarranii

Ustaaz Ibsaan Gaafi dhimma Masaanuu Waliin Walqabatu,kan sababa masaanuu Gidduu kana Biyya Guutuuf Ajandaa tahe kanarratti Gaafii Gabaabaa Gaafateene Akkana jedhe, Shamarran Maalif Masaanuu Jibban? Bu’aa Fi Miidhaan Masaanurraa argamuhoo maali jechuun Gabaabsee gaafate. Kanarratti Shamarran Dhagaan Isaan Buqiisaanii Hin darbine jiru.

Masaanuu Ilaalchisee Ustaaz Ibsaan Gaafii Gabaabaa Gaafateef deebii Shamarranii

Shamarran Keenya Masaanuu Jibbuudhaan beekaman. Sababa kanaa Duulli torbaan tokkoof Osoo Addaan hin citin adeemsifamaa ture. Dubbiin masaanuu tuni Garamitti deemaa jirti jechuun sheekkotiin ija jalaatin duula deemaa jiru kana argaatuma Osoo Homaa hin jedhin callisa filatan. Tahullee garuu Erga Kaleessa Galgala Duulichi tasgabbaahe booda Ustaaz Ibsaan Gama Fuula feesbuukii isaa Irratti Bu’aa fi miidhaan Masaanuu Maali? Shamarran Maalif Masaanuu jibban jechuun gaafaterratti Shamarran Akka waan Waraabessa Rooba Keessa Goflola argatetti Irratti Wal gahuun Dachee komantii qofa godhan. Irra Baayyeen Isaanii Kan Balaaleffatan tahullee Lakkoofsaan Muraasni Akka Masaanuu jaalatan Yaada isaanii agarre.

Shamarran Maalif Masaanuu Jibban? Bu’aa fi Miidhaan Masaanuu Maali? Gaafi Ustaaz Ibsaa

Dhimma Kana Irratti Akkuma Guutuu Addunyaatti Biyyoota Akka Naayjeeriyaa,somaaliyaa,gaaboon fi Biyyoota Afrikaa biroo irraa akkasuma indiyaa fi Biyyoota eeshiyaa kanneen biroo keessaa Namoota Haadha warraa Lamarraa Haga Afurii Kanneen Cidha guyyaa tokkotti gochuun fuudhan Dabalatee Muraasa Akka fakkeenyatti kaafnee Ummata Hubachiisuf yaalle. Gama Biraatin Namoota Sababaa Masaanu kana qoosaa jabeessan Kanneen Akka Haadha Faaxee fi Fatihaa Qoosaa isaanii dabaluun Yaada Makii Oro dabarsite Gabaabaa Kana waliin isiniif qindeessine dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia