Maalif Gaafii Jaarsaa Na gaafataa ooltan/Makii Oro

Yeroo Baayyee Namoonni Makii Oro Livii Irratti arganii Heerumi,Ati Jaarsa Qabdaa? Maalif Hin Heerumneefi kan biroo gaafatuun Rakkisuu Makiin Himti. Kaayyoon ishee dheeraa fi Ammatti Jaarsa Akka Hin Barbaanne dubbatti. Tapha Gabaabaa Abdusee fi Aslii Waliin Taphatte kana Akkuma Goolabdeen Gaafii Namoonni Komantii Jalatti Barreessaniif deebii kennuu eegalti

Suuraan Makii Oro,Abdusee fi Asliidha

Makiin Namoota Ishee faarsu Galateeffataa Namootaa Dhimma Yaaddoo Heeruma Ishee qaban,kanneen Ati Maalif Hin Heerumne jedhee gaafatutti Ija baafti. Gaafii Akkanaa Tasuma dhagahuu Hin feetu. Livii Kanarratti Isin Warri Gaafii Jaarsaa Na Gaafattan kunneen ofiif fuutanii ykn Heerumtanii Jechuun Ummata Gaafatti. Mirkaneeffatuufis akka Namoonni eeyyeen heerumne jedhan Lakkoofsa Tokko kataban Ajajji. Ummanni Bultii Qabatan Baayyinaan Eeyyeen jechuun Lakkoofsa tokko barreessuun,Mana Ishee Lakkoofsa 1 guutan.

Makiin Ammas Jara Kana Ajaa’iba gochaatuma Akkas taanan Isin warri Na Hordofu Hundi yookaan Walakkaa ol Warra Maatii qabu jechuudhaan Gaafataa, hayyee Rabbi Ilmoo isiniif haa kennu jechuun Ummataaf Du’aaii godhaa, Mee Namoonni Ilmaan qabdan hoo Lakkoofsa tokko katabaa jechuun Gaafatuu eegalti. Oromoon Ishee daawwattu Akkuma Gaafatamaniin Katabaniif. Hayyee Rabbiin Isiniif Haa guddisuu Garuu Dhimma Kiyya Keessa Hin seeninaa Jechuun Ummata Akeekkachiifti.

Makii Oro Gaafi Jaarsa qabdaa jedhu Narraa Dhaabaa jette. Tapha Abdusee fi Aslii waliin

Ani Kaayyoon Qaba. Kaayyoon Kiyya Hangan Waa hunda sirreeffadhuu Heerumuu miti. Kanaafuu Gaafii Akkanaa kana Lammada Nan gaafatinaa,Jaarsi Ammaa Kuni Yeroo Nama Fuudhe akkuma fedhu Nama Godha jechuun komii ibsataa Ummataaf deebii deebifti. Hundaafuu Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Jaalallee Online Irratti Filattaa? Sagantaa Koflaafi Taphaa

Sagantaa Livii Irratti Jaalallee Filatuu Kanaan Namoonni Baayyeen Akka Booharaa Jiran Hubachuu Dandeenyeerra. Qopheessaan Sagantaa Jaalallee Yookaan Namoota Sitti Agarsiisan Keessaa Nama Sitti Tole Filatuu Akka dandeessan Kana Kan Qooheesse Ibsaa Jedhama. IBsaan Yeroo Baayyee qoosuudhaan Kan Beekamu yemmuu tahu, Sagantaa Kanaan Dubraaf Dardara Gama Livii isaa Afeeruun keessaa Filachiisa.

Ibsaan Kan Wal jaalachiisuf Afeeru kana

Sagantaa Kanaan Shamarree Takka Yookaan Dargaggoo Tokko Gama Liivii isaa Afeeruun Ulaagaalee Guuttachuu qaban gaafata. Dhiira Yoo tahe Shamara Akkam feeta fi Gaafiwwan Eenyummaa isaa Ibsan Gaafatuun Shamarran Baayyee Afeeree keessaa Filachiisa. Yoo Shamara Taates Akkasuma Gaafi Gaafatamu kan Gariin Gaafii Isaa Nama kofalchiisan Gaafata. Ergasii Fedhiin Shamarran Oromoo Maal Akka Tahe Baruuf Dhiira Akkam Akka Feetu Gaafata. Haa tahuu malee Fedhii Shamaraa Yookaan Nama Akkam Akka Feetu Arguufi Hin dandahu. Akkaataa fedhii ishee hordofeen Dhiironni Ulaagaa Isheen Gaafatte Guutuu Dandeessan yookaan Qabdan Seenaa jechuun Akka Seenanii Filattu Taasisa. Sagantaa Kanaan Shamara Takka Tan Dhiira Barbaaddufi dhiira tokko Kan Shamara Barbaadu Afeere. Intalli Takka Boodarra Jalaa Miliqutti Baayyee Gaddee Mucaa Isheen filatte Shamarran Biraa Akka Filatan Taasise. Kanaanis Ummanni Baayyee Boohare.

Sagantaa Filannoo Jaalallee Livii Irratti Filatan.

Ibsaan Namoota Carraan Walitti Hanbise Akka Wal Janajjanan Gaafata. Isaanis Wal Janajjanuun Ummata Booharsaa,Kanneen Janajjanaa Kanarratti Haalaan Janajjanan Carraa Daawwattoota isaaf kennee Abbaan Irra Janajane eenyu Akka Tahe Ibsatan. Walumaa Galatti Sagantaan Kuni Akka Tapha Taheefi Boohartii qofaaf Qophaahe Ummata Hubachiisa. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Namoota Praankii Sobaa Hojjatanii fi Dhugaa Adda Baasaa Obbo Yeroon geessee

Taate Obbo Kaffaaloo Mudate Hordofuun Gariin Namootaa Qoosaadhaan Guyyoota Dabran Kana Lubbuu ofiitin qoosuu aadeffataa dhufeera. Kuni Ammoo Gara fuula Duraa Rakkoo isinirraan Gahuu dandaha. Keessafuu Sababa Rakkoo Qabduuf jecha Yookaan Akka Namoonni Baayyeen Si Hordofaniif Jecha Koottaa Ofin Galaafatuuf jettee livii irratti Ummata Afeeruun Keessan Ofdura Ummanni Akka Isin sobduu taatanitti Isin Fudhatuu dandahu jechuudhaan Gorsa Kennuu Kan Eegale Obbo Yeroon geesseen Dhimma Kaffaaloo Mudaterraahis Dubbateera.

Aktivistii Yeroon Geessee yookaan Obbo Abdurazaq

Dhimmoota Praankii Hojjattan Addaan Baasaa beekaa Jechuudhaan Namootaaf dhaamee,Dhimma Obbo Kaffaaloo Mudaterrattis Yaada kennateen,Taateen Obbo Kaffaaloo Mudate Dhugaa Akka tahe himuun Namoota Olola Oofaniif Gorsa Kenneera. Akkasuma Namoota Praankii Hojjataniifis Gochaan Akka Kanaa Ofdura Akka Namoonni Isin hin amanne taasisa jechuun Dhaameef

Wanta Obbo Kaffaaloo Mudatee fi Qoosaa Namoota Muraasaaf Dhaamsa Obbo Yeroon geessee

Namni Amma Wanta Tokko Osoo hin hubatin Itti qoose Gara fuula Duraa Gafuun Akka kanaa si mudatuu dandaha. Kanaafuu Qoosaa keessatti ofeeggadhaa jechuun Gorsa Obbo Yeroon geesseen. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Hangaasaa Ahmed Waa’ee WBO Maal dubbatan?

Hangaasaa Ahmed Ibrahim Kaleessa Gama Fuula feesbuukii isaatin Live Seenee Waan Ajaa’ibaa Dubbataa Turan. Kaleessa Haasaha Isaa Maxxansuun Linkiis Isiniif Qoonnee turre. Viidiyoo kana Keessatti Bakka Nu Jala Dabree fi Jechoota Tokkummaa Oromo Cimsan Kan WBO ilaalchisee Inni Dubbatan Dhageessu

Miseensa Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ibraahim Waa’ee WBO fi Araara Mootummaa

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaan Guntutan dhoffadhaa fi Nin Sirbaan Walitti Hin Deemtu jechuun Gorsuu eegalan. Kanaanis Mootummaan Naannoo Oromia Bulchu Akkuma Mootummaa Naannoo Tigraay Araaraaf Jecha Aangoo isaa caala, Dantaa Ummata Isaa Dursuun Aangoo Gadilakkisan Kan Oromiyaas Ofqopheessuu Akka Qabuufi Ummata Isaatif Yoo Kan Yaadu tahe Gaafi WBO Kana Hojitti Hiikuun Dirqama Akka tahe hima. Gama Biraatin Nageenyaaf Jecha Hundi keenya Wanta Nagaya Kana Lafa qabachiisu hojjachuu akka qabnus dhaamaniiru. Linkii kanarraa Guutuu Haasaha Kaleessa Nujala dabranii dhaggeeffadhaa.

Obbo Hangaasaa Ibraahim Marii Nageenyaa WBO fi Mootummaa idduu Kana Deeggaruu fi Jajjabeessuu Akka qabnu dhaamaniiru.

Obbo Hangaasaan Ana Caalaa Namni WBO qeeqaa ture Hin jiru Jechuun Dubbatanii,Amma Garuu Oromian Nagaya Barbaaddi waan taheef jecha Hundi keenya Qeequmsaa fi Jibbiinsa gidduu keenyaa dhiifnee Tokkummaa Jabeessuu Akka Qabnu Dhaamaniiru.

Ijoolleen Kaayroo Tuni Oromo Akkuma feete gooti.

Oromoota Biyya Cairo Egypt Jiraatan keessaa Gareen Muraasni Wal tahanii Ummata Oromoo kanaaf Ajandaa Baasuun Beekaman. Arra Ammoo Dubbii Kaffaaloo Tan fakkaattu Anis Ofin Balleessaara Koottaa Jechuun Liivii seenee Obbo Abdii Muktaar Ummataaf Ajandaa yookaan Praankii Hojjatuun Namoota Miskiina Garaa naase. Kan Nama dhibu sana miti.

Makii Oro Yeroo Kijiba Abdii Muktaar Dhugaa fakkeessuf yaaltudha.

Abdiin Livii seenee Akkuma Kaffaaloon Ofi koo galaafadha jedhe Jedhamtee Dubbii Akka dhageesse Livii ishee irratti ummataaf himuu Tan Eegalte Makii Oro,Viidiyoo waraabamee taa’u Banuun Ummata Akka Daranuu Miira Keessa seenee dhimmichi Ajandaa Guddaa yookaan dhugaa fakkaatu Gochuuf yaalaa jirti. Yeroo baayyee Ajandaa Hoggaa tolchan Akkaataa kanaan Babaldhisuun Ummataaf Hojii baasan. Kan Nama dhibu Afaanin Ani Ajandaa hin jaaladhu Ni beeytan jechaa kijibuun Goowwota Amanaiisuf Yaaluu isheeti. Ummanni Oromoo Ajandaa Namoota Akkanaa Kana Irraa Of eeguu Akka qabu hubachiisuf Viidiyoo Guutuu Linkii gadii Kanaan Dhiheessineerra.

Akkaataa Ijoolleen Kaayroo Ummata Oromootif Ajandaa itti baaftu Makii Oro dubi Abdi Muktar

Egaa Hordoftoota keenya Viidiyoo guutuu yoo dhaggeeffattan Akkaataa Isaan Itti Ummataaf Ajandaa Baasan kana agartan yookaan Hubattan jedheen amana. Waan hundaafuu Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Jara Joottaniif Hangaasaa Ibraahim Likki isaani Himeef

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Gama Fuula Feesbuukii Isaatin Livii seenee,Namoota Faallaa Tokkummaa Oromo deemaa jiranii fi Kanneen Ergamni isaanii Maal Akka tahe Hubatuun Nama dhiburratti Yaada Kannateen Dubbii Jajjabduu Itti roobseera.

Miseensa Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ibraahim Dhimma Marii Araara WBO fi Mootummaa

Obbo Hangaasaan Mariin Kun Marii Oromo Gidduutti Godhamaa Jiru Tahuu fi Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromo Kumsaa Dirribaa Yookaan Jaal Marroon Nama Kutataa Waan Itti Amane Hanga dhumaatti Hojjatee Ummata Isaa Biraa Jaalala Horate,Akkasuma Goota Onnee Sibiilaa Kan Ija Barbadaa Tahuu isaa Ragaa Bahuudhaan,Nutilleen Akka Irratti Olollu Nu taasisan Jechuun Ceephuu buufatee Jabina WBO Himuun Tokkummaa Oromo Jabaachuu Akka Qabullee Irra Deddeebiin dubbate.

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Kanaan Dura Namni Isa Caalaa ABO WBO Irratti Duulaa Ture Akka Hin Jirre Himuudhaan Sababaan Irratti Duulef Fedhii Paartii Tokkof Akka Tahellee dubbata. Gama Biraatin Obbo Hangaasaan WBO Jechuun Waraana Oromo Kan Oromoof jecha Barootaaf Laffa’aa Ture tahuu dubbatuun Dhimma Araaraa kanas Hedduu Itti Gammadee Akka Jiru hima.

Hangaasaa Ahmed Ibrahim Dhimma Marii Araaraa Irratti Yaada Kennateen Joottanii Gorseera.

Obbo Hangaasaan Gaafi Dhiheenya Komii Kaafte Tan Dabballoonni Mootummaa of fakkeessun Gaafi Dhimma Waliin Oromia Bulchuu Irratti Yaada Kennataniin Akka Hedduu Dallane himee Kuni Waan Atakaaroo Uumuu qabu miti jechuudhaan, Oromia Waliin Bulchuuf Aangoo Qoodachuuf Gaafatuun WBO sirriidha jedhee Dhugaa Jirtu Himeefii jira. Guutuu Haasaha Obbo Hangaasaa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Yoni Magna Kana Booda Ethiopia Olaantummaa Saba Tokkootin Bultu Hin Jirtu

Ethiopia keessa Sabaaf Sablammii 84 oliitu Jira. Garuu Hanga Ammaa Dramaalee fi Movei Sabaaf Sablammii Biroo Tokkollee hin beeku. Sababni Kuni Taheef yoo Laalle, Sababaa Olaantummaan Saba Tokkoo tureef Kanneen Biroo Hunda Ukkamsite. Kanaafuu Amma Booda Hundi Akka Walqixa tahan Beekudhaan,Aadaaleen sabaaf sablammii Akka Bahanii Muldhataniif Oromoon Hangafee Hundinuu Sub title waliin Akka Movei fi Comediilee Nuuf Dhiheessuu qaban gaafanna jechuun Yoni Magna Waan Ajaa’ibaa Gorsaa jira.

Suuraan Yoni Magna fi MM Ethiopia Abiy Ahmedi

Hubadhaa Yoo dhugaa dubbanne sirnoonni Dabran Kanneen Ethiophia Bulchaa Turan Sirna Olaantummaa Fiudaalaan Bulaa turan. Kuni Ammoo Sabaaf sablammii Ethiopia Ija tokkoon Kan hin ilaallefi Cunqursuudhaan Bulchaa turaniidha. Akka Fakkeenyatti Mootummaa Haylasillaase fi Mootummaa Minilik eeruudhaan akkaataan Isaan itti Ummattoota Bulchaa turan Sirrii akka hin taane Jala muree himuun, kana Booda Ethiopian Olaantummaa Saba tokkootin bultu hin jirtu jechuun Walqixxummaadhaan Bulla jedhee,Namoonni Kana Hin feene yoo jiraate Warra Saba Tokkorraa tahan kanneen Maqaa sabaatin Finxaalessummaa oofan qofaadha jechuun Dhugaa kana Akka liqimsuu qabanis gorsaa jira.

Yoni Magna Kana Booda Olaantummaa Saba Tokkootin Ethiopian Bultu Hin jirtu jedhe

Yaada Isaa Kana Namoonni Akka qoosaatti Fudhatanis ni jiran. Haa tahuu malee Warra Numalee Sabni Biraa Nuu gadi jedhee amanu Baayyee isaanii Amansiisuun Dhugaa kana Fudhachiisaa jira. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Gaafii Jaalallee Mu’aaz Makii Oro gaafate

Makiin Gaafi Kana Gaafatamutti Aara qabdi fakkaatti. Tahullee Afaan Faranjiitin Mu’aazin dubbatuu shaakalti. Haa tahuu Malee Afaan Biraa tokkoon Ammoo yookaan Afaan Kukkuyyuutin Mimi Nakkuppeendaa saanaa jetteen Akkana Jechuun Ani Hedduun Sijaaladha jechuudha. Afaan Kisuwaahiliitin jechuudha. Garuu Jechoota kana Mu’aazdu Bakka Tahe wahitti Akka Inni Jedhe dubbatti. Tahullee Garuu Waan Garaa jiru Ibsatteetti . Baga Nagahaan Dhuftan Qophii Kanaan Makii Oro fi Mu’aaz Mohammed yeroo waliin qoosan agartu. Duraan Miidiyarratti Waliin Hin taphatan ture. Garuu Walitti Jajjaboodha Gama Duubaatin. Arra Mu’aaz Akkuma Tasaa Yookaan Beellama Tasa fakkaatun Makii Oro irratti Hulaa dhadhahee manatti lixee Haasaha eegalan.

Suuraan Mu’aaz Mohammed fi Makii Oroti

Makii Oro Sossodaachaatuma Mu’aazin Haasaha eegalti. Mu’aaz Gaafii Eenyu Mucaan Ati Jaalallee kiyya jechuun dhihoo muldhifte,jechuun Gaafii Makii Oro Gaafata. Makiin Maalif Gaafatte jennaan Mu’aaz Baruu Akka fedhu Himaaf. Dubbiin Dheertudha Linkii gadii kanarraa Dhaggeeffadhaa

Makii Oro fi Mu’aaz Mohammed Gaafi Mu’aaz Gaafate deebisuu Rakkatte Makiin

Kabajamtoota Hordoftoota Keenya Waan Dhaggeeffattaniif Hedduu galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Atleet Fayyisaa Leellisaa Maal Tahe? Nagahaaf Jecha Yaada Obbo Taayyee Dendea Aredo

Dhimmi Atileet Fayyisaa Leellisaa fi Gaazixeessaa Dammaqaa Nagaasaa Dabalatee Faallaa Nagaha Oromiyaaf jecha Marii Taasifamaa Jiruu Kana Deemaniif Namoota Baayyeetti Gaafii Tahaa jira.

Suuraan Asirraa Muldhatu Obbo Taayyee Dendea, Obbo Dammaqaa fi Atleet Fayyisaa leellisaati

Obbo Taayyee Dendea Aredo Dhimma Marii Nagahaa Kan Biyya Tanzaaniyaatti Marsaa Duraatif Mootummaa Ethiopia fi WBO gidduutti Taasifame Ilaalchisee Yaada Kaleessa Barreesseen Nageenyi Filannoo Dhumaati. Wanta Nagaha Keenya Mirkaneessurratti Hojjatuu qabna jechuun Gorsanii,Mariin Taanzaaniyaatti Taasifame Bu’aa Guddaa Buusuu himuudhaan Namoota Faallaa Kanaa Deemanii Oromiyaan Akka Nagaha Hin Arganne Gochuuf, Jechoota fi gochaan Qaamota Marii Nagahaa Kana Taa’aa jiran gidduu deemee Addaan Fageessuf yaaluf Bira Qabee Gochaa Akkanarraa Akka Of qusatuu qabnu Himuun Wanta Marii Kana Akka Itti fufan taasisan Hojjatuu Akka Qabnu Dhaaman.

Faallaa Kanaa Namoonni Gariin Kan Aangoo Mootummaa homaatuu hin qabnee fi Mootummaa Dahoo godhachuun Akka waan Mariin Nagahaa Kuni Sababaa Qaamni Tokko Wanta Hin Taane gaafateef fashale jedhanii Olola Oofan Akka Fakkeenyatti Gaazixeessaa Dammaqaa Nagaasaa Fuchuun ni dandahama Isa Dabalatee Namoonni Akka Isaa Jechoota Fokkuu yookaan Jecha Gareen Marii Nagahaa Kanarratti Hirmaataa Jiran Hin Jaalanneen Yeroo Maqaa Kaasuun Salphisuuf Yaalan Ni Muldhata.

Gorsa Obbo Taayyee Dendea Aredo fi Barreeffama Atileet Fayyisaa Leellisaa Irratti Yaada gabaabaa

Atileet Fayyisaa Keellisaa Barreeffama Gabaabaa Afaanif Funyaan Hin qabne Barreessuun,Akka nagaha hin Barbaanne Himee jira. Kuni Ammoo Oromoota Baayyee dallansiisuun Yaada Garagaraatin Maqaa Fayyisaa Leellisaa Kaasurratti Argaman. Sababni Inni Nagaha Jibbuuf Maali? Guutuu Linkii Olirra Jirurraa Dhaggeeffadhaa. Gama Biraatin Obbo Taayyee Dendea Aredo Yaada Dabalataa Arraankana Barreesseen Qoosaa Dhiisaa Wanti Nagaha Dursu tokkolleen hin jiru. Nagaha Nuu Mana Hoo’aa keessa Diriirfatee ciisee Katabu caalaa Haadholii teenya Ishee Ilmaani waliin Mana isheerraa Buqqatetu Beeka jechuun Nagaya Buusuuf Haa hojjannuu jedhee gorseera. Guutuu Isaa Vediyoo keessaa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Kaab Buttaa Ofitti deebi’uun Gammachuu Ibsate

Dhimma Marii aaraa Kan Marsaa Jalqabaa Biyya Tanzaaniyaa Keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Ethiopia Gidduutti Taasifamee Har’a Xumuramuu Marsaa Tokkoffaa Kan Mootummaa fi WBO’nis Ibsa Baasun Beeysiserratti Obbo Khaab Buttaa Gammachuu Qabaatu ibsataa jira. Maaltu Akkas Isa Gammachiise laata? Wanti Addaa Kan Kaadiroonni Biroo Olola Oofaa Jiran Isaaf Kophaatti Maaltu dhalate?

Obbo Khaab Buttaa Yookaan Hordofaan Dhimma Marii Araara Mootummaa fi WBO kanatti Gammade

Mee Suuta Jedhaa Ilaalaa jechuun Dhimma Marii Araaraa Kan Marsaa kanaatin Bu’aan Argame Maali jedhaa of gaafadhaa. Marii Kanarraa yoo xiqqaate Oromoon Hulaa cufatee Torbaan Tokkoo Oliif Waliin Haasahaa Jiraachuun Diinota Keenya Rifaasisuun,Mariin Maalirra gahe jechuun Akka Gaafatan taasise. Kana Qofa Miti Mootummaa Ethiopia Kan Takkaa ABO Akka Dhaabatti Maqaa isaanii Yaamee beeyne Yaamsisee Akka Mariin Kuni Taa’amu Taasisee,Addunyaan Dhaaba Oromoof Lolaa Turetu Biyya San keessa ture jechuun Sababa Marii Araaraa Kana Miidiyaaleen Addunyaa Gurguddaan Irraa haasahaa jira. Kuni Akka Oromootti Nuuf Injifannoo Guddaa tokko. Kana qofa miti Oromoon Waan Waliin Dhabe malee waan Irratti wal dhabe akka hin qabne Wal hubachiisuun Marii Obboloota lamaan Giddutti Taasifame kanarraa Firaa miti Diinnuu Hubateera. Kanaafuu Kana Booda Waan Oromo gargar fageessu Tasuma Hin hojjannu Jechuunis Gorsa Ajaa’ibaa laatee,Namoota Maqaa Mootummaa Cehuumsaatin WBOrrati Ija Babaasuu fedhuufis Dubbii Ajaa’ibaa itti dubbata

Sheek Khaab Buttaa Dhimma Marii Araaraa Kanarraa Gammachuu qabaatu hima

Namoonni Deeggartoota Mootummaa of fakkeessuun WBO’n Mootummaa Ce’uumsaa gaafatte jedhee Olola oofuf Dubbiin Obbo Khaab Dubbatan Yaada Dabsaadha. Fakkeenyaaf Yaadadha Jarri Dhihoo kana Paarlaamaa Ethiopia keessatti Aangoo Maalif Gad hin dhiifne jechuun haafatanii,Kan keenya Garuu Naannoo Oromia a Hanga Filmaatatti Waliin Bulchina Jechuun Badii Maalii qabaaf iyyitan,jedhee Gaafii Gaafataa. Baga Gaafatan Gaafatamullee qaba jechuun Ilmaan Abbaa tokkootu Aango Waliin Bulchuu Gaafate Kani Rakkoo Miti jedhee Gaafiin WBO sirrii tahuu Ragaa Bahe. Hundaafuu Guutuu Haasaha Obbo Khaab Buttaa Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada Keessanis Nuuf Katabaa Waliifis Dabarsaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia