Fuulli Makii oro fi Abdusee Fuula Sadaqaa Hin Fakkaatuu?

Makii Oro fi Abduseen Osuma Geema Tiktok taphatan Dubbii wahii dubbatuu eegalan. Dhimmichis Dhimma sadaqaa kadhatuu irratti xiyyeeffata.

Fuulli Maakii Oro fi Fuulli Abdusee sarbia Fuula Sadaqaa kadhatu hin fakkaatu

Namoota Geema Tiktok irraa taphatan Barri Itti bare fakkaata. Namuma Geema taphatu hundaan Ilmaan Kadhattootaa,Sadaqa kadhattuu jechuudhaan Namoonni Komantii Barreessuu baayyisan. Kanarratti Makii Oro fi Abduseen Osoo waliin Taphataa jiran dhimma Sadaqaa kana dubbatan. Anaafi Ati sababni Namni Giiftii Nuuf kennuu dhiisef fuulli keenya Fuula Sadaqaa hin fakkaatu jechuun Abduseen Makitti dubbata. Dhugaa jette Ani Namoota Giiftii Namaaf kennan Baayyeen beeka. Garuu Giiftii Naaf hin kennan. Deemanii Nama Biraatif kennan jechuun Komii ibsataa,sababni Giiftii kennuufii dhiisaniif Ammoo Sababa Fuulli ishii fuula Sadaqaa Kadhatu hin fakkaanneef akka tahe Makiin Himti. Haatahuu Malee Wanti Isaan Kana dubbataniif Dhimma Biraati fakkaata

Fuulli Makii Oro fi Fuulli Abdusee Fuula Sadaqaa kadhatu hin fakkaatu Tapha gabaabaa

Aadaan Geema sababeeffatanii Namoonni Sadaqaa kadhatuu tun Oromoo Tiktok fayyadamaa jiran Biratti Babaldhataa dhufe. Wanta kana Yeroo ammaa Oromoon Baayyeen Komii kaasuun,Namni keenya Aadaa kadhaatin hin beekamu waan taheef Namoota Maqaa geemaatin kadhatanii Aadaa Oromoo balleessaa jiran kana Dhaabaisuu qabna jechuun,Namoonni Aqlii qaban Dhimma Kanarratti Hojjatuu eegalan. Kanarraa kan ka’e jechi Namoota geema taphataniin “kadhattuu„ jechuun Komantii Jalatti barreefamu Kun Baayyataa dhufeera. Kanuma ilaalchisee dhimma kadhaa kanarratti Kan Abduseen Qoosuun Maaloo Naaf kennaa jedhee Akkaataa itti Sadaqaa biyya keessaa kadhatamu Agarsiisee Ummataa fi Makii Oro akka Koflan taasise. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Jaalallee Filatuuf Dhiirota fi Shamarran 80 oliitu Hirmaate

Sagantaan Ibsaan Qopheessu kan Shamarran Hirmaachisu fi akkasuma Dhiirota Filannaaf Dorgomsiisu kun akkuma itti fufetti jira. Sagantaa Har’aa Kana Irratti Obbo Caffee Raammis hirmaatuun waan jajjabeeffamuu qabu Akka tahe Himeefi Jajjabeesse.

Shamarran fi Dhiirota Oromo Walitti Xabbasuuf Sagantaa Ibsaan qophessurratti hirmaatan keessaa

Sagantaa Kanaan Shamarree Lamaa fi Dhiira Lamaatu Filannoof dhihaate. Shamaraa fi Dhiironni baayyeen Hirmaatuun Haala Baayyee Nama Kofalchiisuun Hirmaatanii Ummatas Baahannansiisan. Akka Ibsaan jedhutti Sagantaa kana Kan qopheessineef,Ummanni Keenya Wal loluu waan baayyiseef Ummanni Keenya Ajandaa waliif baasurra, Sagantaa Akkanaa kanaan Baahannanuu qaban jedhee waanan Amaneef qopheesse jechuun Hima.

Sagantaa Jaalallee Filatuu Dubraa fi Dardaraa

Kabajamtoota Dhaggeeffattoota fi Hordoftoota keenya Yaada Sagantaa kanaaf qabdan Nuuf katabaa isiniin jechaa Hiriyoota keessaniif qooduun Akka Booharsitan Abdanna. Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Harmee YKN Haadha jechuun Siif Maali? Guyyaa Haadhaa Beeytuu?

====>> Haadha <====

Guyyaa Haadhaa Jedhamuun Kan May 14 Akka Addunyaatti Kabajamu kana beeytuu?

Harmee yookaan ====>> Haadha <====
-Yeroo Tokko Osuman Deemun Viidiyoo tokko arge. Viidiyoo Kanaan Maaltu Maal tahe seetan?Jawwee tokkootu Ilmoo Hamtuutaa takka Qabee Liqimsuuf jedha. Haati Ilmoo san dahattee Guddisaa jirtu,Ilmoo too Sirraa Hin dheessu jechuun Jawwee kana Gama Duubaatin Irratti Utaalti. Jawwichis Gama Duuba Isaa Hoggaa Mildhatu,Hamtuuta Ilmoo sanirra Guddoo tahuu hubate. Ilmoo Afaanin Gahatee ture darbeetu Gama Haadhaa Utaale. Bofti Kun Akkamitti Akka Harkaa Baatetti waan aare fakkaata. Gama Haadha Hantuutaa kana loohuu akkuma eegaleen,Haati Hamtuutichaas Daftee fiigdee Ilmoo Garaa Bofaa jala jirtu fuutee Lubbuu ishee baraarte. Dhugaa Kana Hanga Argitutti Hin Amantu taha. Garuu Gaafa agarte,Hoggasuma Maalummaa Haadhaa Hubatta.

-Hubadhu Hamtuuti Bahaa’ima Afaan Hin beeyne,Tan qalbii Hin qabneedha. Tahullee garuu Haati Hammam Ilmoof Haga Dhimmamtu Nama Hubachiisa. Haati Ilmoo Namaahoo Hangam Takka siif dhimmamti? Hangam Takka Laffaatee si guddifatti? Meeqaatu Ofii Agabee Ilmoo quubsatee bula? Meeqaatu Si guddifatuuf jecha Aduu keessa miila qullaa Deema? Meeqaatu Si guddifatuuf jecha fuula Namaa Dhaabbata? Meeqaatu Si Jiraachisuuf Lubbuu ofii Dhaba? Haati Ilmoo Ofiitif Waan Hin taane tokkollee hin qabdu. Tan Si Guddisuuf jecha Of gurgurtulleen tuulaadha.

Walumaa galatti Guyyaan Haadhaaf Jecha Waggaatti Yeroo takka qofa kennamu Sirrii miti jedheen Amana. Haadhaaf Waggaan Guutuun Yoo kenname Itti xiqqaata Malee Ittin Guddatu.

Namni Haadha Qabdu Haadha Tantee Kaddamadhu. Jaalala Isheen siif qabaachaa turte daran Jaaladhuu,Akka Jaalattu itti himi. Tasuma Haadha tantee Hin Aarsin. Yoo Haati tantee Aara Qabaattellee Kokkofalchiisi Gammachiisi. Haati Tantee Yoomuu siin dhaadatti. Ilmootoo jettee Siin boonti. Akka ati Bakka Guddaa geessuf Yeroo hunda Yaaddoftee cinqatti. Tasuma Si dhabuu hin feetu. Osoo ati Lubbuun Jirtuu Si dura du’uudha Hawwiti. Hanga Haati Tantee Si Jaalattu Namni Sijaalatu hin jiru.

Yoo Haati Tantee Akiramtee Jiraatte Du’aa’ii Godhiif. Sadaqaa Isheef Niyyadhuu Rakkataadhaaf Raabsi. Akka Rabbiin kee Araaramuuf Rabbii kee Deddeebisii kadhadhuuf.
Osoo Isheen Lubbuun Jirtuus Du’aa’ii Godhiif.

Galanni Haadhaa Yoomillee Hin dhumatu.
Haadha Teenya Lubbuun Jirtu Karaa Isaa keessatti Umrii Nuuf Haa dheeressu.
Tan Gama Fuula Rabbii Deemte,Rabbiin Ija Rahmataatin Nuuf Haa ilaalu. Aamiin

Shamara Dila kana keessaa Takka Dhabe? Jaabuu React

Sagantaan Jaalallee Filatuu Kan Ibsaan Qopheessu Akkuma Itti fufetti jira. Har’a Dabareen kan Jaabuu React yookaan Jabir Husen ture. Jaabuun shamarran Baayyee Afgaafii taphaa yookaan qoosaa gochuun Namoota Kofalchiisuun beekama.

Dabreen Jaalallee Filatuu Kan Jaabuu react ture

Jaabuun Dhalataa Baalee fi amma kan jiraatu UK hoggaa tahu Sagantaa Ibsaan Qopheessu kan Livii Irratti shamarran Jaalallee Filatuu yookaan dhiirri jaalallee shamarranii filatuu kanarratti dhihaatuun Akka Shamarran Filatuu qabu Ibsaan Ajaje. Ajaja ibsaa dhagahuun shamarran Darsa waliin tumaa Gastii irratti olyaate. Jaabuun Marsaa duraa shamarran seenan hundumaa takkalleen naaf hin taatu jechuun Carraa Biraa manaaf kennan. Ammagaa kiw jechuun. Shamarran marsaa jalqabaa hunda harcaasan.

Qophii Funny Sagantaa Jaalallee Filatuu Kanaan Jaabuun Osoo hin Milkaahin Hafe

Marsaa Lammaaffaas akkasuma Seenanii Mana dhiphisan Tahullee garuu Jaabuun Ammas Takkallee Osoo hin Filatin Tuffatee Umrii fi Bakka dhalootaa gaafatuu eegale. Ibsaanis Wallagga qofa jechuu Hin dandeessu seera Manaa eegi jechuun Jaabuu Akeekkachiise. Marsaa kanalle hin filanne. Marsaa Sadaffaa irratti tan seente Gurrattii Magaala Ijatti toltu takka. Sababa Networkii ishee hojjatuu dideef malee Jaabuu Likkii galchitee oolte. Maraafuu sagantaa Bashannasiisaa kana Dhageeffadhaa Ittiin booharaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia

Kana Beeytuu? Yeroo Garii Bilbili Keenya Diina Keenya / Caffee Raammis

Itti fayyadama Social media wallaaluun Nama keenya Rakkaa jira jechuun gorsa Kan eegale obbo Caffee Raammis(Ali Ali) dhimma Namoota Maqaa Oromootin Afaan Oromo dubbataa jechoota Safuu keessa daangaa dabran dubbataa jiran,Akkasuma Namoota Wallaala keessa Bilbila isaatin of saaxilaniif Gorsa Laateera.

Obbo Caffee Raammis Dhimma Fayyadama Bilbilaa fi Intarneeta ilaalchisee Gorsa Kenneedha.

Namoonni Gariin Mana Keessan jira jechuudhaan Dhokatee Intarneeta Osoo fayyadamu Qaama qullaa taa’uu dandaha. Kuni Ammoo Osoo Inni hin beeyne Balaadhaaf Isa saaxiluu Akka dandahu Hubachuu dhabuu irraa Akka tahe Obbo Caffeen tuttuqa. Yeroo Intarneeta fayyadamtan Akkuma Nama Yeroo Ummata keessa jiruu tahuu qabdan. Sababnis Maaltu Akka Bilbila keessan keessatti Hidhamee jiru Hin beeytan waan taheef.

Intarneeta Irratti Jaalallee qabaachuu dandeessa. Isaawaliin/Ishee waliin Vediyoo haasahuu dandeessan. Yeroo kanatti Qaamni Sadaffaan gidduu keessan jiraachuu Akka dandahu Isin hin beeytan. Osoo Linkiilee garagaraa Bantanii Ilaaltan Humni tahe wahii Bilbila keessan kana hatee isinii waliin fayyadamuu dandaha. Yeroo Bilbila keessan Hatan Ammoo Appilikeeshinii isin hin agarre Bilbila keessan keessatti Buusuun Akka Yeroo Hunda Vediyoo isin waraabuu dandahu godhee,yeroo isin Qullaa keessan Viidiyoo Bantanii wantoota garii hojjattan Isin waraabuu dandahu. Kuni Ammoo Boodarra Isin saaxiluuf Akka dandahu Isin yaadachiisuufi kanneen biroo Obbo Caffeen Dubbatee gorsa kennaa jira.

Yeroo garii Bilbili Nuti Fayyadamnu Diina keenya tahuu Akka dandahu gorsa obbo Caffeen

Obbo Caffeen Osoo Dhimma Namoota Safuu wallaalee Intarneeta irraa Waan hin taane haasu kanaaf gorsa kennuuti kan dhimma Bilbili keenya diina keenya tahuu kana kaasuun yaada kennataa jiru. Namoonni Dhimma Kana Hin beeyne baayyeedha. Kanaafuu Waliif dabarsuun Akka Barsiiftan Abdiin qaba. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Artist Galaanaa Gaaromsaa Fi Artist Shukrii Jemaal Oromo Music

Guyyaa Arraa Sirboota Lama Kan Hedduu Nama hawwatan fi Ergaa Cimaa Ofkeessaa qabantu bahee,Oromoo Qaama sossoosaa jira. Sirboonni Lachuu Akeeka Walirraa Fagoo hin taanen kan hojjatame fakkaata. Lachuu Imimmaan Qoorsuu irratti Xiyyeeffata. Kan Artist Shukrii Jemaal Baase Waadaa Hin diigu,Homaa Hin Yaadina Jechuun Akka Jaalalleen Hin boonye Jajjabeessa. Kan Galaanaa Gaaromsaa Dhimma Sabaa kan ilaallatu yemmuu tahu,Arriin Baate Araara Akka Dabsine gorsee Dhimma Rakkina Ummata Keenyaa Kan Sababa Waraanaa Daadarkaahee boohu kana Araarri Akka Imimmaan Sabaa kana qoorsuu dandahu tuttuqee Akeeka.

Artist Galaanaa Gaaromsaa fi Artist Shukrii Jemaal Oromo Music

Namni Waan fedhe Haa Odeessuu,Jaalalan siif qabu hin xiqqeessu. Sumaaf Na dhawatti Qalbiinii,Yaa Habiibtii Narraan fagaatin. Hoggayyuu Ani Siifin Aadaa,kennaa Rabbii koo ati Anaaf qooda jechuun sagalee isaa tan Soora Qalbii Dubraa dardaraa taate saniin,Jaalalloota Lamaan Shakiin gidduu isaanitti Uumamee,Osoo Wal jaalatan Addaan faffagaatuu eegalan,Akka walitti Dhihaatanii Imimmaan walirraa qoorsan Sirba Waadaa Jedhu kanaan Kan Gaafate Artist shukriin

New Oromo Music Galaanaa Gaaromsaa and Artst Shukrii Jamal Ethiopian Oromo music

Asiin Booda Orma Akkan Laalle,Jaalala keen homtuu sin madaalleeee.. hangan Jiru Lubbuun Addunyaarraa,Siifan Kenna Yeroo kankoo maraa An siif seene kana Waadaa,Jaalalaanan Jiraachuu Barbaadaa. Hin Fagaannu Anaafsii gargarii,Jaalalaan Jiraanna Arraaf Borii. Waadaa kee balleessu Ani Barii,Wajjiin jiraannaa Hin Baanu gargarii jechuun Abdiin Akka Jiru Jaalalleesaaf Himee Homaafu Akka isarraa hin yaaddofne Abdachiise. Kanaanis Imimmaan Ishee Akka Qooru yookaan Imimmaan Waadaa Jaalalleeshee Akka Qooru Jajjabeessuu isaati. Linkii barreeffama kana Oliin Suuraan Artist Shukrii Muldhatu Kan Vision Entertainment maxxansedha isarraa Sirba Shukrii dhaggeeffadhaa.

Waadaa New Oromo Music Artist Shukrii Jamal Ethiopian Oromo Music

Artist Glanaa Gaaromsaa Sirba Edaanuu Jedhu Kan Guyyoota Dura Dhufaa Jira jechuun Maxxansee ture Har’a Nuuf Dhiheesseera. Artist Galaana Sirboota Aadaa Oromootin Miidhagee Dhiheessu kanaan Jaalatama Ummata Isaa biraa Kan Argate yemmuu tahu,Sirbi Isaa Kan “Edaanuu„ Jedhu kun Sirnoota Dabraniif warra Amuummatuuf,Hin Manaabinaa Jechuun Gorsa kan laatu fi Jechoota Dhokataa Baayyee Namootaaf Hiikaan Hin galleen Akka Ajaa’ibaatti Irraa Bookkisee Ummataan Jajamaa jira. Linkiin Jala Kanarraa Agartan Youtube Channel Artist Gelaanaa Gaaromsaa Irraa kan Asirratti Maxxanedha. Shakkii Tokko Malee Dhaggeeffadhaa. Walaloo isaa Hamma Tokko Jala Sirbichaatii Dubbisaa.

Duraanuu New Oromo Music Galaanaa Gaaromsaa Ethiopian Oromo Music

Sirba Isaa Kana Keessatti Walaloo Ajaa’ibaa Fi Sagalee Isaa Kiloolee saniin Kan Ummata Hawwate Artist Galaanaan, Yoom Dadhabne Karaan dheerateef,Yoo Dabellee Lafeen Meelatee xannachi Yoom Tiruu Dhuunfate jechuun Warra Humni arrabarratti galteef dhaam. Ololaniif takkaan Hirminee Kanaaf Higoof Cigoon Sirbinee jechuudhaan Onnee Hawwattoota isaa qaa gochaa Kan warra Jibba Oromootin Machaahee ammoo Bakka lamatti addaan facaasa. Diinni kee Diina kooti sobeeti si Naalchaa,Abbaatu Waldhaannata Capha Cinaachaa jechuudhanis Oromoon Tokko Akka tahe eerudhaan Rakkina Harmee Oromia Boochisu kana waliin Waltaanee Imimmaan irraa Qoorsuu Akka Qabnu gorsa.

Itti fufuunis Artist Galaanaa Gaaromsaa Dafqa koo Xiruurseen fidee,Hin fedhu waan Ormaa Didee jechuun Oromoon Kan Isaa Malee Kan Namaa Akka hin tuqne himee, Bar Uleen Dafkanoo Toltuu,Sirni Gaafasii Sichi sin bituu jechuudhanis Kana Booda Warra Humnaan Saamee Ummata Miidhaa Bulchaa ture,Kanneen Sirna Duriitin Bulchuu hawwii qaban Sodaatun Akka hin jirre Oromoof Himee Abdachiise.

Mee ilaalaa Waan jedhu fakkaata Galaanaan walaloo isaa kanaan Nuti Ni Ijaarra Jennaa Jarri Riqicha Diiga. Ajaa’iba Rabbii Kanaa Sirni Gaafasii duubatti fiiga waan jedhu fakkaata Galoon. Xannachi Hin Beektu waan Hidda dhiigaa Nuti Oluu yaana Jarri Ammoo Gadi Fiiga jedhee Warra Sirna Durii san hawwu akkaataa isaanii Sirba isaa kanaan Tuttuqee nutti hima. Nutti Himuu qofaa miti Akkana jechuunis itti hima. Riqicha Diigaan Galaana Hin Ceetuu, godaannisa koos Madaa hin seetu jechuun Safuu dhabuu isaanii Hoggaa himu Taatee Kaleessa Nurraan gahan kana Tasuma Waan yaadatan hin fedhanii ammas akkasitti Isin bulchina yaada jedhu qaban jechuu isaati. Kanaafuu jechuun Oromoo hoggaa gorsu Inni Isin nyaate Nuufuu Guggufaa Bor Nu ciniinuuf har’a Nu suufa jechuun Oromoon Kana Beekee Of Ijaaruu akka qabu,Tokkummaa Ofii Jabeeffatuu akka qabu waan gorsu fakkaata.

Waa malee miti kanan dila kana haasahu akka waan jedhutti Artist Galaanaan Sirbicha hoggaa itti fufu,Ushururuu jedheen dadhabee,kurursa Way Garaan Raffisuu Afuuffaan Madaa Hin Fayyisu Jechuunis Obsinee Waan hedduu irra tarreefi Dadhabne Amma Soba Osoon taane Kan Dadhabame Seeratti galchuuf Humni Harka Nu jira waan taheefuu Sossobaa Dhiisaa Hojjadhaa waan jedhu fakkaata. Itti fufuunis Galaanaan Finxaal Wacaa Waraana Labsuu Haqa koorraa Namuu Nan Maqsu, Nuti Haqa Qabna Kanaaf Dubbannaa Isaan garuu Araara Osoo hinbtaane Waraana Labsan jechuu isaati fakkaatti. Haa waraana labsanii Araara Jibbanillee malee Nuti Ammoo Haqa qabna Kanaaf Tokkummaa Keenya Jabeessuuf Araaraf Mariyanna Akka waan jechuu barbaadee, Arriin Baate Araara dabsu jechuunis Araarri Taa’amaa Jiru Kan Haqaa Akka Tahuu fi Kan wal qixxummaa Qabu Akka tahu Gaafatuu isaati. Diinni kee Diina Kooti jechuunis Akka Sobee Wal Nu dhoorkuu fedhu akeekee Diinni kee diina kooti sobee si Naalchaa Abbaatu Waldhaannata Capha Cinaachaa jedhee Oromoon Tokkoomuun Diina Isaa Qolatee Oromiarraa imimmaan qoorsuu Akka qabu hima. Hubachiisa waan fakkaatus Edaanu Wanni Miidhama keenyaa Miidhaga keenya jechuun Sababa Qabeenya keenyaa,Lafa keenyaa Akka Nu Miidhaa turanis sirba kana keessatti irra deddeebiin tuttuqa. Walumaa galatti sirbi Galaanaa Gaaromsaa Hiikaa Guddaa hammana jennee ibsuu hin dandeenye Kan Ofkeessaa qabuudha. Dhaqaa dhaggeeffadhaa. Hubadhaa Nuti Wanta Nutti fakkaaten ibsuuf yaalle malee sirbi isaa Akkana Jennee Hiika Qabatama Galaanaan itti fedheen Hiikaa Hin jirru. Hundaafuu Hubattan jennee abdanna Yoo isinitti tole Like sheeri godhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Shamarree Saalihaa Saamii Fakkaattu Ajaa’iba Rabbii

Rabbiin Ajaa’iba Qaba. Uumaa Isaa Akkuma Fedhetti Uummata. Nama Rabbiin Uumamaan Walfakkeessee Uume Kanaan Dura Argaa turre. Shamarreen Arra Qophii Sagantaa Filannoo Jaalallee kan Ibsaan Qopheessurratti Muldhatte tuni Akkaataan Haasahaa fi Seeqa ishee Artist Saalihaa Saamii Fakkaatti jechuun Namoonni Baayyeen,saganticha hordofaa turan Ajaa’ibsiifataa turan. Shamrreen tuni Dhalattuu Iluu Abbaa Booraa Akka taatefi Haadhaf Abbaan ishee Harargee Akka taate Himti.

Shamarree Oromo Artist Saalihaa Saamii Fakkaattu Sagantaa Filannoo Jaalallee Ibsaan Qopheessurratti hirmaattee Namootaan Ajajibsiifatamaa Turte.

Shamarreen Tuni Carraa Akka Jaalallee filattuuf argatte kanaan dhiirota Shanii olkeessaa Mucaa Ilkaan Kaarruu,Diimaa Mataan Gaaxaa tokko Filatte. Akkaataan Isaan Itti wal janajjanan Daawwattoota Hawwate. Garii isaanii Baayyee kofalchiisaa ture. Gama Biraatin Sagantaa Jaalallee Filatuu kana Shamarran Sadiitu carraa filatuu argate. Dhira keessa Tokko qofatu Filannoo Kanaaf Hirmaatee Shamarran Baayyee Godaa gadi yaase, tahullee Takkuma Filate. Mucaan Rifeensi shurrubbaa tahuu waliin Bifti diimaa tahuun Daranuu Shamarran Garaa raase. Tan Osoo Jaarsa Qabduu Hirmaatetu jira jechuun Namoonni Kimantii katabanis ni jiran. Maraafuu Sagantaan Baayyee Kofalchiisaadha. Linkii gadirra jiru kanarraa daawwadhaa.

Shamarree Oromo Saalihaa Saamii Fakkaattu Sagantaa Ibsaan dhiheessu kan Jaalallee Filatanirrati

Egaa Video shamarree Saalihaa Saamii Fakkaattu San Daawwattanii Wantoota Saaliha Ishee fakkeessu Akka Nuuf katabdan Abdii qabna. Akkasuma Qophiin Filannaa Jaalallee Kunis Akka Isin Biiharse Abdachaa Waan Hamma Ammaa Nuwaliin turtaniif baayyee galatoomaa Ulfaadhaa isiniin jenna. Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Fatihaa Mujaahid Haadha Kilooriksii jedhamuu beekamti.

Sagantaa Ibsaan Qopheessu Kan Shamarri fi Dargaggoonni Filannoo Jaalallee Irratti gaggeessan Kanarratti Tan Hirmaatun,Dhiirota filatte Fatihaa Mujaahid fi Simboo Jedhaman. Filannoof Dhiirota Dhihaatan Kudhanii ol keessaa Jarri Lachuu Nama qalbiin isaanii feetu hin arganne. Kan Fatihaan Dhiira Hundarraa Jaalalli qaba jedhanii Namoonni Itti qoosan,Arra Dubbiin Adda tahe uumamee biyyi koflaan dhume.

Aadde Fatihaa,Ibsaa fi Simboo jedhaman

Aadde Fatihaan Ye Fiqir Innaat Jedhamuunis Namootaan Waamamti. Sababnis Yeroo Baayyee Sababaa Jaalala Ishee Imimmaan Jaalalaa Gurguddaa Akka Rooba Hancabbii qabuu kana Harcaasuun Namoota Baayyeef Ijoo dubbii taatee,Namoonni Baayyeen Suuraa Fi Suur-Sagale ishee Deddeemaanii Turan. Yeroo tokko Sababa Jaalalaa,Akka Guutuu Oromootti Yeroo Jalqabaatif Kilooreksii Dhuguun,Rabbiin Lubbuu hanbise. Ergasii Fatihaaan Dhiirota Baayyee biratti Goota Jaalalaaf jecha Kilooreksii habbuuqxe jedhamuun Qoosaadhaan Dabaalan.

Aadde Fatihaan Haati Jaalalaa Tuni Arra Taarikii hojjatte. Mana Ibsaa Kan Sagantaan Jaalallee Filatuu Irratti qophaahu kana seenuun Dhiirota Filatuuf carroomte. Carraa Kanatti Fayyadamtee Dhiirota Baayyee Seenanii,Hirmaatan Ilaaltee qoosaa garagaraatin Yookaan Qoosaa Tuffii Fakkaatun Bishaanitti Laaqxee dhiifte. Kuni Namoota Baayyetti Ajaa’iba tahuun,Fatihaan Duraanuu Jaalalaaf Osoo Hin Tahin Taphaaf boochi Jedhamuunis Komatamte.

Tapha Shamarreen Jaalallee Filatte kanaan Fatihaan Dhiirota Bishaan Obaafte/Qoostee dabarsite.

Seensa Vediyoo kanaa booda Kan Jalqaba Carraa Filatuu Argatte shamarree Simboo Yookaan Tigist jedhamtuudha. Isheenis Dhiirota Baayyee seenan Keessaa Waan Filattu Wallallte Afaan qabattee teesse. Namoonni Ishee waan filattu dhabdee Rakkattu Tana Arge Koflaan Kafarra Fiigaa turan. Isheetti Aanseeti Fatihaan Kan carraa Filatuu argatte. Hundumaa Linkii Olirra Jiru Kanaan Dhaggeeffadhaa Ittiin Bashannanaa Yaada keessanis Nuuf Katabaa Isiniin jenna. Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Maadaamiin Ishee Ijoollee dhiiraa Itti ergitee Gudeechisaa jirti.

Akkuma Beekamu Shamarran Keenya Keessattuu Shamarran Oromo Biyya Arabaa deemuun Jireenya Isaanii fi Maatii isaanii Jijjiiraa jiraachuun beekamaadha. Haatahuu Malee Dabree Dabree Miidhaan Garagaraa Shamarran keenya Mudatuun Rakkina Hamaadhaaf saaxilaa Jiraachuun Shakkii miti. Taateen Obboleettii teenya Tanarra Gahe Ammoo Dhugumatti Garaa Nama Nyaatuu qofa osoo Hin taane Gargaarsa Hatattamaa barbaaddi. Maaltu Mudate?

Intala Oromo Biyya Dubai keessa jiraattu Rakkoon Addaa Qunnamuu Boochee Himataa jirti.

Obboleettiin teenya Tuni Gargaarsa Hatattamaa Akka barbaaddu Boochee Himataa Jirti. Akkuma Nama Kamuu Hojjattee Jireenya ofii Jijjiiruuf Biyyarraa baatee,Biyya Arabaa Keessa Mana Arabaa Hojjatti. Kan Jiraatti Dubai Abudabi Akka tahee fi Yeroo Ammaa Kana Rakkoon Akka Ishee mudatte Vediyoo gadirraa Agartan Kanaan Himataa Jirti. Akka Isheen Jettutti,Maadaamiin Isheen Bira Hojjattu Bakka Biraa Jiraatti. Ijoolleen Maadaamii Bakka isheen Hojjattu Jiraatti. Ijoolleen Maadamii Tunneen Fedhii isheetin Maletti Akka Itti Ida’aman Boochee Himatti

Obboleettii Teenya Mana Maadaamii Keessatti Rakkinni Mudatee Boohaa Jirti.

Yeroo Isheen Maadaamii Isheetti Rakkoo Kana Himattu,Maadaamiin Ishee Kiniinii Bittee Akka Hin Ulfoofnef Kennuufi qofa Osoo Hin tahin Ati Duraanuu Dhiira Barbaada Biyyaa Baate jechuun Doorsifti. Akka Oduudhaan dhageessetti Intalli Ishee dura Mana Arabaa Kana Hojjataa Turtellen Rakkoo walfakkaataaf Akka Saaxilamtee Ulfoote himuudhaan Anis Rakkinni Kuni Narra Gaha Jedheen Sodaadhee,Ijoolleen Maadamii Mana fincaanii hundatti Natti seenaa jirti Maaloo Na dhaqqabaa jechuun Iyyataa jirti. Maaloo Oromo Biyya Dubai Jiraatan Biraan Gahaa Gargaarsa Hatattamaa Barbaaddi. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Sababa Tiktokif Jaartiin Tumtee Borsaa Alatti Baaftef/Caffee Raammis

Irra Baayyeen Oromoo Tiktok fayyadamtuu Maalif Akka Fayyadaman Hin Beekan. Gariin keenya Arrabsoo Ilaalaa Yeroo keenya gubna. Gariin keenya Ammoo Namoota Geema Taphatan Daawwataa oollee Bu’aa Malee Taptap gochuun Qubbeen keenya Iitessee Baana. Gariin Keenya Ammoo Maallaqa Baankii Qabnu Baafnee Giiftii Bituun Warra Geema Taphatan kanaaf kennaa oolleet Booda Quba Of Nyaanna. Taatee Ajaa’ibaa takkaatu tahe Obbo Caffeen Dubbii Ajaa’ibaa Fidee dhufe.

Obbo Caffee Raammis TAtee Tibbana Ameerikaatti Nama Sababa Tiktok Bultii Jallise hime

Namoonni Keenya Baayyeen Geema Taphatan. Keessaafuu Yeroo Geema Beellamaa jedhamuun Ummata Kakakaasanii Taphatan,Namoonni Gariin dhugaa sehan. Sababa kanarraa kan Ka’e Jidduu Kana Namni Wahii Maallaqa Guddaa Tiktok irratti Akka Kasaare Obbo Caffeen Hima. Maaltu Mudate? Namichi Waan Hojjatee Baankii keessaa qabu Guutuu Warra Geema Taphatu kanaaf Keessaa Biteeni Baankii duwwise. Sababa Kanarraa Ka’een Jaartiin Waldhaban. Ameerikaatti Shamaraatu Aangoo qaba waan taheef Borsaa Namichaa Ala buusan. Obbo Caffeen dhimmi kuni Yaachisaa tahuu Hubatuun Dhimmicha Irraa Jajjabeessee dubbataara.

Sababaa Giiftii Tiktok Kennaa Ooluf Jaartin Manaa Ariite Obbo Caffee Raammis Gorsa Ajaa’ibaa

Video obbo Caffeen Dhimma Kana Keessatti dubbate kana Salphiftanii Hin Ilaalinaa. Taatee Walfakkaataa gurbaa Waan Ji’a Jaha dalagate Guutuu Tiktok Irratti Warra Geema Tohatuuf kennee Ji’a Tokko dhukkubsatees Obbo Caffeen Himuudhaan Dhimma Kana Oromoon Itti dammaquu Akka qabdu Jajjabeessee dhaame. Namni Miidiyaa Itti fayyadamuu qaba malee Miidiyaan Sitti fayyadamuu Akka Hin qabne gorse. Linkii Olirra Jiruun Guutuu Haasaha Obbo Caffee Raammis(Ali Ali) dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia