Shamarree Mucaa Filattee Koflaa bulte Ethiopian Funny Oromoo Entertainment Jaalallee

Eda Halkan Guutuu Koflaa bulte. Namoonni Baayyeen Ittiin Qoosaa turan. Yeroo mucaan Isheen Filatte Hello Bareedduu koo jedheen Isheen Koflaan Biyya Garaa Bilcheessite. Sababni Maali?

Jaalallee Filattee Koflaa bulte Funny Ethiopian Oromo Entertainment

Sagantaa Ibsaan dhiheessu Kan Namoonni Baayyeen Ittiin Booharaa Jiran kanaan,Shamarreen Takka Carraa Argattetti fayyadamuun Dargaggoota Ishee duran Filatamuuf seenan,filatuudhaaf seente. Mucaa Jaalattes filatte. Taphni Jinjanaa Harargee fi Arsii giddutti Taphatamuu eegale. Yeroo Mucaan Bareedduukoo jedhee Waamu,Mucattiin Hanga Dandeessu Koflaan Dachii Baqeeysite. Jinniitu Si qirqirsamoo Maalif Kofalataan Gaafi Ibsaan Gaafatuudha. Isheen Gaafin Gaafatame kunuu Kofla Itti oowwisee,Daranuu Koflaan Dachee Azoorte. Ee Yaa kofla ishee. Sababni Ishee kofalchiisu lama tahuu dabdaha jedhan.

Shamarree Oromo Jaalallee Filattee Koflaa Bulte. Funny Ethiopian Oromo Comedy Entertainment

Wanti Akkas ishee kofalchiisu yeroo Mucaa filatte kana ilaaltu,Mucaan Ija guutuu dide. Itti xiqqaate. Yeroo inni Bareedduukoo jedheen Kofla keessaa fuuti. Lammaffaan Jaalallee Biroo qabdi taha. Jaalalleen Ishee Yoo tasa Daawwattoota keessa jiraatee waa barreesse,Kana Ilaaltee Kofluu dandeessi. Haa tahuu malee Namoonni Dubbii kana Hin Hubanne fakkaatti. Intalli Yeroo jalqabaaf dhiiraan haasahaa jirtii dhiisaa jedha gariin,Gariimmoo Lakkii Dubrummaa qabdii jedhaniis Mana Kofalchiisaa Turan. Walumaa galatti Wanta kifalchiise Hin Barre. Sodaa Livii tahuus ni dandaha. Maraafuu Linkii Olirra Jiru kanaan Guutuu Tapha Isheefi Kan Biroo Daawwadhaa. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Taayyee Dendea Barreeffama Barreesse fi Rakkoo Ummata Oromo Harargee Saba Jimaa Mudate

Ministeerri Nageenyaa Obbo Taayyee Dendea Aredo Namoota Maqaa Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallisiin Hogganamu Dahoo Godhachuun Kaan Faarsee Kaan Arrabsuuf Deebii kenne. Akkasuma Dhimma Yaaddoo Nageenya Oromia ilaalchisee Yaada Barreesse fi Dhimma Rakkoo Hawaasa keenya Harargee sababa Keellaan Baayyateef Jimaa Gurguratuu dhabanii Beelaaf Saaxilaman ilaalchisee Wanta qabannee dhufneedha.

Sababaa Jimaa Hawaasni Oromo Harargee Rakkoo Mudatee fi Barreeffama Obbo Taayyee Dendea

Hawaasni Oromo Harargee Jiruuf jireenyi isaa Harki baayyeen Jimaa waliin kan walqabatuudha. Ji’oota Muraasa Dura Sababaa Keellaan Baayyateef Qoteebulaan Oromo Rakkina bahachuuf Jimaa Gurguratuu dadhabee,Mootummaa Fedraalaa fi Naannootti iyyatee ture. Mootummaan turraan Hiriira Bahuuf beellamatee ture. Mootummaan Fedraalaa Rakkinichi Akka Hiikamuu qabu xalayaa barreesse. Haa tahuu malee Mootummaa Naannoo Oromia Hanga Ammaa Rakkoo Hawaasichaa Osoo hin hiikin waan tureef jecha,Hawaasni Oromo Harargee Beelaaf saaxilamuu dandahe.

Barreeffama Obbo Taayyee fi Sababaa Jimaa Rakkina Hawaasa Oromo Harargee Mudataa jiru

Yeroo Ammaa Kana Bakkoota heddutti Sababa Jimaan Hin guguraminiif Ummanni keenya Beelaheera. Jimaan Qoteebulaa Oromoo Iddoo irratti badeera. Kan Muramee magaalaaf deeme bakka baayyetti Mootummaan qabamee Guggubateera. Kanaaf jecha Mootummaan Rakkoo kana Saffisaan hiiku Akka qabu Jajjabeessee gaafataa jira. Waamichi Oromoof taasifamaa jiru Ummata Keenya Harargeef Sagalee haa taanu kan jedhu Ijoo miidiyaa Hawaasummaa tahuun Hafarfamaa jira. Hawaasa keenya Harargeetif Sagalee haa taanuun dhaamsa keenya. Waan Nuwaliin Turtaniif Hedduu galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Namni Kaarruu Qabu Maalif Jaalatama? Funny Ethiopian Oromoo Entertainment Jaalallee

Sagantaa Jaalallee Livii Irratti filatuu kan Ibsaan Qooheessu kanarratti,Yeroo baayyee Namni Kaarruu qabu Saffisaan filama. Sababni isaa maali? Kaarruun Bareedina qofa dabaltimoo dhimmi biraas jira?

Sagantaa Jaalallee Filatuu Funny Ethiopian Oromo Entertainment Nama Kaarruu Maalif Jaalattu?

Akka Namoonni Tokko tokko Yaada kaasanitti Shamarris tahee Dhiirri Kaarruu qabu Jaalatama namoota Biratti saffisaan argata jedhama. Kaarruun Wanta Bareedina Namaa Dabalu keessaa tokkodha. kanaaf Namoonni Nama Kaarruu qabu saffisaan filata yookaan Jaalata jedhu Namoonni Muraasni. Keessa beeytinni Tokko tokko Akka jedhanitti Namni Kaarruu qabu oowwaadha jechuun Yaada kennatu. Oowwina Namoota kaarruu qabanii Harkaan qabatee laalemoo tan jettu gaafii biraati. Tahulle Oowwa yookaan Fedhii Baayyinaan qaban jechuun Namoota yaada kaasan Baayyinaan Argeera.

Namni Kaarruu qabu Maalif Dafee filama? Jaalallee Funny Ethiopian Oromo Entertainment

Maaltu Oowwisa tan jettu Wanti ifatti beekamu hin jiru. Maraafuu kuni Yaada namootaati malee wanta qorannoon mirkanaahe miti. Isin Yaanni keessan dhimma kanarratti maal fakkaata? Tapha Sagantaa Jaalallee Filatuu kanaan Namoota Kaarruu qaban Baayyee keessummeessuun Isiniif dhiheessuun keenya ni yaadatama. Akka carraa tahee Arras Namoota Lama Kan Nama Lamaa filatan agarre. Lachuu Kaarruu qaban. Kanaaf yaada kana dhiheessine. Isinis yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Tg Dheeraa Jaalallee Filatte. Funny Ethiopian Oromo Entertainment

Youtubariin Takka Sagantaa Jaalallee Filatuu Kan Ibsaan dhiheessurratti hirmaatun Jaalallee filatte. Maqaan youtube ishee TG Dera tube yookaan Maqaan Ishee Tigist tantaate Sagantaa Kanarratti Hirmaatun Mucaa Harargee tokko luqqaaftee gudii goote.

Tg Arsii dheeraa Gurbaa Warra Harargee filatte

Tigistiin dhalattuu Arsii Dheeraati. Youtube Hiriyaa ishee waliin hojjatuu himti. Sagantaan Insaan dhiheessu kun Akka isheef tahe himuun irratti hirmaattee Dargaggoota Baayyee keessaa Tokko filatte. Ibsaan kan Sagantaa kana dhiheessu akka Isheen Janjanuun Dandeettii ishee agarsiiftu ajaje. Akka Lolatti Taphni Jinjanaa Livii irraa Kuni Arsiif Haragee gidduutti baname. Turtii Daqiiqaa Muraasaa booda Mucaan warra Harargee miliqe. Maalif miliqe? Ni moohameen Yaada ummataa ture.

Tg Dheeraa Sagantaa Funny Jaalallee Filatan Irratti Hirmaatte. Ethiopian Oromo Entertainment

Mucaan Ofjajjabeessee Hanga dandahu Janjanaa Yaalee ture. Tahullee Intalti Ta ibiddaan bishaani jetteetu deema. Mucaa Hafarsitee Dubbii itti dhangalaafte. Mucaan Moohamuu isaa barraan Miliqee tare. Guutuu Tapha Kanaa Linkii olirra jiruun Dhaggeeffadhaa. Yaada keessan Nuuf katabaa. Tapha Arraa Namoota Hirmaatan Boru guutuu isiniif maxxansina. Waan Nuwaliin turtaniif galatoomaa Ulfaadhaa. #UnitedOromia

Ethiopian Oromoo Funny Entertainment Jaalallee Filatuu livirraa

Sagantaa Funny Livii Irratti Jaalallee Filatuu kana Namoonni Baayyeen Ittiin Boohara. Muraasni Namoota Seenanii Filatanitti qoosuuf Komantii katabu.

Jaalallee Filatuu Livii Irratti Ethiopian Oromo Funny Entertainment Ibsaan Dhiheessudha.

Sagantaa Kanarratti Seeraan Shamarree jedhamtuu fi Kanneen Birootu Filatuuf hirmaate. Seeraan Nama Ofitti Amantamummaa Guddaa qabuudha. Kan Jiraattu Saudi Arabiyaa fi Umrii Amma 17 Akka dabre dubbatti. Ijaan Yoo laaltu Bareedduudha. Ilkaan Ishee duraa Kuni Tokko irraa Caphaa qabdi. Akka Shamaratti Onnee fi Hamilee ishee Baayyee Namatti Tola. Yeroo namoonni gariin Qoosanii Ilkaan ishee ilaalchisanii Yaada Kennatan,deebiftee yaada namootaa saniin Ummata Kofalchiifti.

Funny Ethiopian Oromoo Entertainment Comedy Jaalallee Filatuu Livii irraa

Seeraan Onneen Ishee Namoota Baayyee biratti Ajaa’ibsiifatame. Osuma Itti qoosuf Yaalan Kan qoosaa gootee Filattee Ummata Booharsitee baate. Akkasuma Lina Shamrree wallaggaa fi Hilwaa shamrree Harargeetu Filate. Dhironni lama Warra Akkaan Ummata Kofalchiisantu Askeessa jira. Guutuu Sagantaa Jaalallee Filatuu Arraa kana Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa. Galatoomaa Ulfaadhaa. Horaa Bulaa Deebanaa. #UnitedOromia

Jaalallee Filatuun Akkuma Itti fufetti jira. Ethiopian Oromoo funny Entertainment

Sagantaan Filannoo Jaalallee Ibsaan qopheessu Akkuma Itti fufetti jira. Tapha Kanaan Jaalallee Filatuuf seenanii shamarran Walitti Hinaafuun Miirri masaanummaa itti dhagahameera. Kanaanis Namoota Baayyee Kifalchiisuu dandahe. Tapha Guyyaa Arraa keessaa Muraasa Linkii gadii kanarraa Dhaggeeffadhaa Guutuu isaa Kana Jalatti Isiniif dhiheessina

Jaalallee Filatuuf walitti Haanfan Funny Ethiopian Oromo entertainment

Taphni Kun Namoota Baayyee Hirmaachisaa jira. Baayyeen Ammoo Namoota Hirmaatan kana daawwachuun Booharaa jira. Gulaallii Yaada Namootaa Qindeessinee Kan isiniif dhiheessinu tahuu isin hubachiifna. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa.

Funny Oromo Entertainment Sagantaa Jaalallee filatuu

Funny Ethiopian Oromo Entertainment Jaalallee Filatuu

Sagantaan Entertainment kan Ibsaan Qopheessu Akkuma Itti fufetti jira. Qophii kanaan Namoonni Hanga ofirratti Fincaananitti Koflan. Maaltu akkas nama kofalchiise kan jedhuuf Viidiyoo guutuu Linkiin gadirra jiruun Dhaggeeffadhaa.

Jaalallee Filatuu Funny Ethiopian Oromo Entertainment Sagantaa Ibsaan dhiheessu

Linkiin Vediyoo Sagantaa kanaa jalarra jira. Oromoon Yeroo dheeraaf boohicharra ture. Koflaan walin beeku. Sagantaa Bshannansiisaa Ibsaan dhiheessu fi Kanneen Biroo baayyeedhaan dhiheenya kana Oromoon waan seeqatuu eegale fakkaata. Qophiin Jaalallee filatuu kuni Dubraafi dardara baayyee hawwataa dhufeera. Sagantaa Arraa kanaan Dhiira tokko kan Ija shamarrani hawwatu fi Shamarran Godaa yaase Akka filatan taasise fi Shamara lamaatu Filatuuf Dhihaate.

Kanaanis Shamarri Lama Filattee Comedy hojjatuuf jinjanaas agarsiifteetti. Mucaa garuu baayyee itti qoosuun Deemi Nyaadhu jedhanii itti qoosaa turan.

Funny Ethiopian Oromoo Entertainment Jaalallee Filatuu Livii irraa Kan Ibsaan qopheessudha.

Walumaa galatti Qophii kana daawwatee Namni Hin kofalle yoo jiraate Rakkoo qaba jechuun Namoonni sagantaan kun kofalchiise yaada kennataa turan. Viidiyoo guutuu olirra jiru kanaan Akka boohartan abdataa,waan dhuftanii nujajjabeessitaniif,akkasuma Qooduun hiroota keessaniin booharsitaniif galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa isiniin jenna. Yaada keessanis Nuuf katabuu hin dagatinaa. #UnitedOromia

Sagantaa Jaalallee Filatuu kanarratti hirmaattee Waan Filattu Wallaalte

Sagantaan Bashannansiisaan Livii Irratti Jaalallee filatuu Kan Ibsaadhaan dhihaatu Akkuma ittifufetti jira.

Sagantaa Livii Irratti Jaalallee Filatuu Ibsaan qopheessu kanaan Mucattiin Waan Filattu Wallaalte

Sagantaan kuni Kan Shamarreen Dhiirri Ija dura deemanii Kan filattu Irratti wallaaltedha. Dhumarra Mucaa Maqaan Abbaa isaa Ibsaa Tahe filatuun ishii daranuu Ummataa fi Ibsaa Sagantaa kana qopheessellee Iyyisiisaa ture. Nama Booharsa Guutuu Kanatti Aanseen isiniif dhiheessa. Kan Shamarree Kanaa Linkii Gadirra jiru kanarraa Dhaggeeffadhaa Ittiin booharaa

Shamarree Jaalallee Filatuuf seentee Waan Filattu Wallaalte Biyya Koflachiisaa bulte

Hordoftoota keenya Kabajamoo Sagantaa Kanatti Aanseen Guutuu Qophii Arraa isiniif dhiheessa Hammasiifuu Nagahaan Nuuf turaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Finfinneen Tan Oromooti sabbaraa/Yoni Maanyaa

Kanaan dura Hanga takka Irra qabaa kan turee fi Finfinneen Tan lafa Oromoo Akka taate Kan Dubbataa ture Yoonii maanyaa Har’a Dhugaa jirtu dhodhoosee Dhimma Finfinnee Himeefi jira.

Yoni Magna Dhimma Finfinnee fi kan biraa irratti

Jaalattanis Jibbitanis Magaalaan Finfinnee Abbummaanis Lafummaanis Kan Oromooti. Miniliktu Ijaare kan jettan Minilik Magaalaa Duraan jirtu Ijaare taha malee Lafti Fi Magaalan Kan Oromoo Akka tahe Dhugaa kana liqimsaa jechuun,Haqa Oromoo dubbate. Oromoon Ummata Kabaja qabu fi Ummata Jaalalaa Waan tahaniif jecha Magaalaa tiyya keessaa bahaa jedhee Hin gaafanne. Oromoon Magaalli Finfinnee Magaala Guddoo Ethiopia Akka tahe Nuuf Mirkaneessuun Faayidaa Xiqqoo Finfinnee Irraa Argachuu qabu gaafate. Kuni Ammoo Dhugaa Haalamuu hin qabneedha. Kanaafuu Oromoon Faayidaa Addaa Finfinnee irraa argatuu qabu Dirqama Argatuu Akka Qabu himeef.

Finfinneen Kan Oromooti Yooni maanyaa Dhugaa Himeef

Gama biraatin Magaalaa Finfinnee kan Naannoo Amaara Namoonni gochuuf yaalan warra Mataan hin hojjanne Akka tahan himuudhaan,Ummati Aktivistoota Amaaraati jedhan Hundi Akka Haasidummaa guddaan guutaman hima. Yaada isaa itti fufuun Yooni Maanyaan Ethiopiatti Walqixxummaa dhugaa hanga Mirkaneessinutti,Akkasuma Namoota Olaantummaa Saba tokkootif Qabsoofna jechuun Ethiopia Jeeqaa jiran Hanga Qulqulleessinuti Qabsoo Dimokraasiif goonu itti fufna jechuun Dubbate.

Kanaan Booda Ethiopia Hundaaf taatu malee tan Afaan Saba Tokkoo ukkaamsitee Afaan Saba Tokkoonqofaan buluu feetu Hin jiraattu Jechuun Dhugaa Ummattoota Ethiopia Himee warra Haqa dabsaniif Akeekkachiisa kenne. Akkasuma Yooni Maanyaan Alaabaan Lummuxii Ummata Ethiopia Akka Bakkan buune Dubbatuun Kanaan Booda Alaabaa Lummuxii Akka hin fayyadamne Dubbate. Sababa Hin fayyadamneef Dubbii Addaa himuun Namoota Baayyee Ajaa’ibsiise. Guutuu haasaha Yooni maanyaa Linkii Olirra jirurraa Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Qawwee dhukaasuu Ka beeku Naaf barbaadi jetteen Sagantaa Jaalallee Filatuu

Sagantaan Jaalallee Filatuu Ibsaan Qopheessu Kan Dubraaf dardaraa Akkuma Itti fufetti jira. harra Dabareen Shamarree Wallaggaa Takkaa fi Tan Harargee akkasuma Nama Lama Kan Biraatu Fikate. Siin gitan Namni jedhamu tokko Intala Filate Miira keessa galche Osoo janajjanuu

Sagantaa Jaalallee Qilleensarraan Filatuu Ibsaan qopheessu kanaan Namni Afur Filate

Taphni kun Namoota Baayyeedhaaf Iddoo boohartii tahuun Baayyeen Namootaa Haalaan Akka Koflanii Bashannanan Himaa jiran. Tahullee Namoonni Muraasni Komii qaban ibsataa jiran. Komiin isaanii Yeroo namoonni muraasni wal janajjanan Wallahi jechuudhaan Akka waan dhugaa tahee fakkeessu. Kanaafuu hin sobinaa Jechuun Akka komatan hubanne. Gama biraatin Namoota shamarran taphatan kanarraa komii qaban agarreerra. Carraa keessan gara fuula duraa Balleessa taphni kun jedhan. Garuu Akka dramaa fakkeessuun hojjatamaa jira malee Namoonni Akka Dhugaatti fudhatan kan jiran kana Hubatuu qaban.

Tapha Kofalchiisaa Jaalallee filatuu Kanaan Shamara Lamaafi Dhiira kamaatu filate kan filamuuf seene meeqaa?

Hundaafuu Qophiin Filannoo Jaalallee Kan Guyyaa Arraa kun Hedduu Nama Kofalchiisa. Namoota Filatan keessaa Namni lama Hanga Garaan nama dhukkubutti Jinjanaa Taasisuun Biya guutuu afaan banaiisaa turan. Guutuu isaa linkii olirra jirurraa Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia