Nuti Ummanni Oromo Gaafa Obbo Jawar Mohammed Ilma Jalqabaa Yeroo Haadha Warraa Isaa Arfaasee Gammadaa Irraa Argatu ummata Jaalatuuf ifoomsee,Maqaa Isaa Ummanni Akka Moggaasuf Maxxanse,Maxxansa Isaa Ilaalee Ummanni Maqaan Isaa Oromo akka Jedhamuu qabu Baayyinaan Oromoo Waan Jedhee Yaada kennateef Maqaa Oromo kana Moggaasef Sana qofa Beeyna.
Maqaan Ijoollee Jawar Mohammed Qabsoo,Qeerroo fi Oromo jedhamu
Haa Tahuu Malee Obbo Jawar Mohammed Dhiheenya Afgaafii Artstvworld waliin Taasiserratti Ilma Sadi Akka Qabu Himuun Obbo Jawar Mohammed Baayyee keenyatti Gaafii tahee, Yoom fuudhee Yoom Ilmaan Lama Dabaluu Nutti Hime Jechuun Gaafi Garagaraatin Dhimma Ilmaan Isaa Ilaalchisee Jawar Dubbaterratti Yaada kennataa jira.
Daranuu Namoota Garii Kan Ajaa’ibeefi Akkaataan Moggaasa Maqaa Ilmaan Jawar Kuni jechoota sadi Kan Walitti Hidhamuun Hima Tokko Kan Ergaansaa Ummata Oromootif Ifa tahe Uumuun Kuni Garii Keenyatti Lakkii Ilmaan Isaa Osoo hin taane Waa’uma Qaboo keenyaati Nutti Hime jennee Ilmaan Jawar Tahuu Keessi Keenya Hin fudhanne.
Obbo Jawar Mohammed Imaan Dhiiraa Sadi Qabaachuu Hime. Qabsoo, Qeerroo fi Oromo jedham
Tahullee Garuu Dubbiin Dhugaa Akka Tahe Keessa beeytotarraa Mirkaneeffannerra. Akka Keessa Beeytonni jechaa Jiranitti Obbo Jawar Erga Biyya Galee Haadha Warraa Isaa Tan Dhuma kana Miidiyaa Irratti Argan Waliin Sadi Akka Fuudhetu Keessa beeytota Irraa Mirkanaahe.
Keessa beeytonni Kunneen Kijiba Nuuf Saffaranillee garuu Jawar Mohammed Ilmaan Sadi Qabaachuu fi Maqaan Ilma Isaa Dhumarra Argate Qabsoo Akka jedhamuu fi Kan Walakkaa jiru Qeerroo Akkasuma Kan Jalqabaa Ammoo Kan Nuti Hundi Beeynu fi Ummanni Maqaa Moggaasef Oromo akka jedhamu Obbo Jawar Afgaafii Darajjee waliin Taasiserratti Himuun Mirkaneessee jira.
Ijoolleen Isaa Sadan Xiqqaa Irraa Hanga Guddaatti Yookaan Jalaa olitti Yoo Maqaan Isaanii waamamu,Qabsoo,Qeerroo,Oromo jedhamu. Maqaan Ijoollee Isaa Kuni Yoo Laalamu Ofiifuu Hima guddaa Ummanni Guutuun Mataa keessaa qabuudha. Hima Kana Gara Afaanota Gurguddaa Akka English fi Birootin Yoo Ilaaltan Hangafa irraa Gara Quxusuttis Hiikuma Qabsoo Qeerroo Oromo jedhu Kennuu Dandaha.
Akkaataan Moggaasa Maqaa Ilmaan Jawar Kuni Ammoo Namoota Gariif Hinaaffaa Uumee Keessa Isaanitti Dinqisiifannaa Ajibaatin Kan guutamee fi Osoo Dhaggeeffatamee Dibbeen dhahannaa Onnee isaanii Bakkoota Akka Moollida Sirritti Oowwee yookaan Ammoo Giistee shammarran Keenya Dur Gaafa Ilma Argatan Walitti Dhufee Godhaturratti dhagahamu fi Bakkoota Akka Bara dur keessaa Baaroo Sheekaa Husseen Jedhee Gariin Namootaa shubbisa Harkaa fi Dibbeetin Oowwisanirraa Sagaleen Akkasii Yoo dhagahame Malee Bakka Biraa Irraa Hin Dhagahamu.
Kan Gaafi Namoota Garitti Tahe Ammoo Obbo Jawar Mohammed Haadha Warraa Takka Qofa Akka Qabu beeynaa, Takkittii Sanirraa Ammoo Ilma Oromo Jedhamu Akka Argatee fi Gaafa Jijjiiramni Amma Xalafamee Durriyyeedhaan Nyaatame kun dhufutti,Jiraadhu Wal garraa Du’u Ilma Kiyya Oromoo Isiniif Dhiiseen Deeme Waan taheef Kana Guddifadhaa Nuun jechuu isaa qofa beeynaa Ilmaan Lamaan Boodaa Kan Maqaan Isaanii Qeerroo fi Qabsoo jedhaman Kana eessaa argate Kan jedhuutu Keessa Sammuu Isaanii Deddeebi’uun Gaafi Gubbaan Gaafii Itti tahee Rakkisaa Jira.
Obbo Jawar Mohammed Ilma Dhiiraa Sadi Kan Maqaan Qabsoo Qeerroo Oromo jedhaman qaba.
Haati Warraa Obbo Jawar Mohameed Tan Jalqabaa Aadde Arfaasee Gammadaa Intala Jabduu Fi Qabsoottuu Hiddi dhalootashee Warra Qabsaahotaa tan taate Wallaggaa fi Yoon Dogongoru baadhe Boorana Irraa Akka Taate Kanaan Dura Afgaafii Tahe wahii Irraa Dhageenye. Jawar Mohammed Ammoo Maatii Qabsaahota Oromoo Arsii fi Shawaa (Salaale) irraa Akka Dhalate Dhageenyaan Ilma Isaanii Hangafaa Kan Maqaa Oromo Kana Baguma Moggaafnef Jedhee Namoonni Yaada Kennataa Turanis Baayyedha.
Amma Ammoo Ilmaan Lamaan Qabsoo fi Qeerroo Kana Eenyurraa Horate Kan jedhu Gaafi Namoota Ajandaa Barbaaduti Waan taheef Jala Qotuu eegalle. Akka Keessa beeytonni Nuuf Saffaranitti Ilmi Qeerroo Jedhamu Dhalatee Akka Jiruu fi Haati Warraa Qeerroo Dhalte Tuni Ammoo Maatii Qabsaahota Oromoo Arsii Akka Taate fi Intala Loosha Ajibaa Tahuu akkasuma Ganda ishees Nuuf Himanillee Nuti Isiniif Saffarurraa Ofqusatuu keenya sin Yaadachiifna.
Ilmi Isaa Sadaffaan Yookaan Quxusuun Kuni Ammoo Maatii Qabsaahota warra Harargee irraa Akka Taatefi Qabsoon Ammayyuu Akka Hin Dhalatinu Nuuf Saffaramee. Qabsoon Yoom dhalata kan Jedhu Gaafii keessan Akka Tahe Nuuf Gala. Gaafa Dhalatu Rabbumaatu Beekaa Maaltu beeka Yoona Dhalatee Lafa jiraa jechaa Qabsoon Gaafa Dhalate Isin Maal gochuuf Yaada qabdaniin Gaafi Keenya.
Akka Hundaafuu Kan Jedhameefi Hin jedhamin kan argameefi Hin Argamin Maalif Accamaallaqxa Jedhee Kan Yaadulleen Hin dhabamu Waan taheef Na Ofkolchaa Isiniin jechaa Hasaassii fi Ololli Jidduu tana Deddeemaa jiru tana fakkaattii Katabadhu. Seeqqachaa Yaada kankee Nuuf Katabi garuu Waan Gurra keetti siif saffareef Ammoo Na Ofkolchi siin jechaa Waan Nuwaliin Turteef Galatoomi Ulfaadhu Nagahaan Nuuf Turi. United Oromia