Diigama Maajidaa Ilaalchisee Hiriirri Balaaleffannaa Bahamuu fi Sheekkotiin Abaaruu

Gochaan Fokkotaa Ummata Islaamaa Irratti Raawwatamaa jiru,Hatattamaan Akka dhaabatu,Hiriirri Balaaleffannaa Bahame. Sheekkotiin teenya Dhimma masjida Diiguu Kanatti Akka Gaddanii fi Rabbitti Himataa jirantu dhagahame.

Maqaa Magaalaa shaggariin Masjidni diigamu sirrii miti jechuun Hiriirri Bahamuu fi Sheekkotiin Rabbitti Himataa jiraachuu

Magaalaa Shaggar Ijaarra jedhanii Maajidoota Diiguun Cimee itti fufe. Masjidota qofa miti Manneen Ummataatis Kan Garii isaanii Diigamaa jiraachuun Barame. Dhimmi Marii fi Hayyama Kominitii islaamaan Alatti Mootummaan Humnaan Dhufee,Maajidota diiguu kun Kan Dallansiifte,Muslimtoonni Ethiopia Guyyaa Arraa Hiriira Nagahaa Bakkoota Heddutti Bahan. Sodaa Ummanni Muslimaa Jummaa Booda Hiriira Baha Jedhuun kan Guutame Mootummaan,Waraana Isaa Baayyinaan Buusuun miidhaan geessise akka jirus Odeeffannoon bahaa jiru Ni addeessa.

Diigama Masjidaa ilaalchisee Hiriira Balaaleffannaa fi Sheekkotiin Rabbitti Himatuu Dhagahaa.

Iddoon Ummanni Baayyinan Itti Hiriira Bahan Magaalaa Finfinnee Naannawa Anawar Masjid akka tahe suur-Sagalee achirraa Baherraa Mirkaneeffatuun Ni dandahama. Maalif Hiriira Baatan Jechutti kan Dallane Mootummaan waraana Baayyinaan Itti buuse. Waraanichis Ummata Gaafii sirnaa gaafatutti Boombii Imimmaanessu baayyinaan Darbatuu fi Dargaggoota Muraasa Uleefi Dhukaasan Akka Miidhellee Vediyoo achirraa Baherraa Mirkaneeffanneerra. Walumaa galatti Mootummaan Ummata Injifatuu dandahu hin jiru. Kanaafuu Masjidota Seeraan ala diigamaa jiru kan Sababa Kanaa Ummanni Hiriira bahaa jiruu fi Gaafin Ummatarraa dhihaataa jiru kanaaf Mootummaan Deebii kennuu Qaba jennee amanna. Kabajamtoota Hordoftoota keenya Waliif dabarsuun Sagalee Akka Tahuu qabdan Isin yaadachiisaa, waan Nuwaliin Turtaniif Hedduu galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Funny Ethiopian Oromoo Comedy Ani Lakkoofsa 8 Maammadoo Dabbaa qabu?

Yeroo garii Filannoon Shamarran keenyaa Nama Kofalchiisa. Sagantaa Jaalallee Filatuu kanarratti Shamarreen Arsii Takka Hirmaatte Biyya Koflaan Garaa bilcheessite. Maaltu Tahe seetan?

Tapha Jaalallee Filatuu Kanaan Shamarree Lakkoofsa 8 taate Dhiira Dabbaa qabu hin feetu funny

Shamarreen Tun Waan Isheen barbaaddu arguuf rakkanne. Maammadoo Dabbaa Hin qabne,Kan Qoma Hin Baldhanne,Kan kofli isaa Natti tolu,kan Jaalala Beeku.. jechuudhaan Filannoo ishee tarreessiti. Ofii isheen Tan Akkami? Oorruun Ishee Akka Xiquma Nyaatamtee fi Akka Baadoon baadoo hin tahin Himti. Tanatti kofallaa fi Dubbii ishii Tan Dhiira Dirqamaan Kofalchiiftu sanitti kofallaatu Nu rakkise.

Isheen Lakkoofsa 8 Dhiira Dabbaa qabu hin feetu? Tapha Jaalallee Filatuu Funny Oromo Ethiopian Comedy

Ee bannekaa barana Baasuma argaa jirra. Mudhiin Tiyya Lakkoofsa saddeeti jetti Warri gariin Lakkii Ati 88ti jedhanii itti qoosan. Kaw jechuun ammagaa. Marsaa Jalqabaa sadi filatte. Irra deebiin Akka Koflan ajajje. Jara dirqiin kofalchiiftutti,Manni Guutuun kofle. Dhumarra Tokko keessaa luqqaafte. Ni filteeree Inuma Luqqaaftee. Maal waliin Jedhan? Guutuu Tapha Kanaa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Hanga Dandeessan Koflaa. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Baga Dhalatte Makii Oro Raachuutu Kabjeef

Ji’a Kana keessa ture Makii Oro yokaan Makfiraa Muniwar Haadhaf Abbaa isheerraa Dhalatte Kan duniyaa Tanatti As baate.

Baga Dhalatte Makii Oro jechuun Raachuun Guyyaa dhaloota ishee kabaje

Makiin Gaafa 23/05/2003 Haadhaf Abbaa Isheerraa Magaalaa Ciroo yookaan Magaalaa Guddittii Godina Harargee lixaa keessatti dhalatte. Makiin Guyyaa Dhalootaa Hin Kabaju jettee turtullee garuu,Hiriyoota Isheeti waliin Akka Kabajuuf jirtu Himtee turte. Tahullee garuu Sababaa Rakkoon Mudateef Guyyaa 23 Osoo hin kabajin Dabarsiteetti. Tahullee garuu Gaafa sanbata Dhufu kana Akka kabajuuf jirtu himti.

Baga Dhalatte Makii Oro jechuun Raachuun Kudraadhaan kabajaafi jira

Raachuun Maal asii goota jechuun Iddoo Bashannanaa Isheen irraa isa waliin taphataa jirtu gaafate. Makiinis Akka fataa jechaa jirtu himteefii Gaafa sanbataa Birthday Ishee Akka kabjuuf jirtu himteef. Kanuma Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Nama Si Jaalatu Wanta Xiqqootu Aarsa. Makii Oro,Abdusee fi Isaaq

Video Gabaabaa Kanarraa Wanti Hubatamu,Yeroo tokko tokko Namni Si Jaalatu Wanta xiqqoo Takkatti Aaruu Akka dandahu Hubatta.

Suuraan Artist Isaaq Seeynuu,Makii Oro fi Abduse

Video kana Sababa Tahe wahiif Akkan Qindeesse Isin Yaadachiisaa,Tapha Gabaabaa Makii Oro fi Abdusee akkasuma Artist Isaaq Zeeynuu Waliin Taphatan Kanaan,Artist Isaaqa Zeeynuu Akka Mufate agartu. Maalif Mufate? Namni Tokko Nama Kabaju Yookaan Nama Jaalaturraa,Gochaa Tuffii fakkaatu Gaafa Argu Baayyee Dallana. Wanta Isa Aarse Hanga Beekuu hin dandeenyetti Aaruu dandaha. Namoonni Nama Jaalatan Irraa Kabaja Arguu jaalata. Akka Jechoota Bareeda Fayyadaman Qofa Arguu Hawwu. maaltu Artist Keenya Mufachiise kana keessatti?

Makii Oro Fi Abduseen Akkamitti Artist Isaaq Mufachiisan? Tapha Gabaabaa

Makii Oro Kophaa Teessee Namoota Ishee Hordofan waliin Yaada waljijjiiraa Osoo Jirtuu,Artist Isaaq Onlina argitee,Tapha Waliin taphatuuf Itti ergite galchite. Osoo Isaan Haasaha Hedduu waliin Hin Haasahini Kan Abduseen Fiigaa dhufe. Artist Isaaqin Makii Oro Biratti Arguun Waan Gammachiise Hin Fakkaatu. Saffisaan Dhiisee Utaale. Yeroo kanatti Isaaq Yoo Kan Isin Dabbaru tahe Anatu Baha jedheen. Tahullee Garuu Makii Oro Osoo Humaa Hin Jedhin Utaaltee Abdusee Jala Kutte. Kanaatu Artist Isaaq Aarse. Wanta Biraa Keessa Deemee Hin Laaqu. Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Namani Waan Ani Vediyoo kana Qindeessef Hubate,Yaada Kee Naaf katabi. Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Furmaanni Jimaa Harargee Maalif Dhabame? Akkamitti Argama?

Ummanni Oromoo Harargee Ummata Jaalalaa Jedhamuun Waamama. Rakkoon Sabaa Galte taanan Takkaa Duubatti jedhee hin beeku. Saba Nama Jaalatuu fi Rakkoo Sabaatif quuqamu kanaatu arra Boohaa jira. Rakkoon Harargee Maali? Maaliif Furamuu dide?

Dhimmi Rakkoo Jimaa Harargee Dhimma Oromo hundaati. Kuni Ammoo Dhugaadha.

Harargeen Gaafi Dhimma Jimaa Isaanii Erga Gaafatuu eegalee bubbulee jira. Hanga Ammaa Deebisaa homaatuu hin arganne. Rakkoon Jimaa Akkamitti Mudate? Keellaa Humnaa Ol Baayyisan. Qoteebulaan Harargee Maddi Galii isaa Jimaa tahuun walnama Hin gaafachiisu. Sababa Keellaa Mootummaan Naannoo Oromia Baayyiseef Ummanni Jimaa Gurgurata dhoowwame. Hunderratti Goggogaa jira. Dhimma Jimaa Harargee Kanaaf Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Yaada kennateen,Ummanni Gaafi mirgaa gaafatuuf Hiriira Karaa Nagahaa Bahuu Akka qabu yaadachiise. Akkasuma Mubaarak Musammaa Dhimmicha Jajjabeessuun Hubachiise. Akkasumas Obbo Khaab Buttaa ( Hordofaa Mohammed ) Ummanni Mirga isaa gaafachuu Akka qabu yaadachiise.

Rakkoon Jimaa ilaalchisee Mudataa jiru Maalif Furmaata dhabe? Hangaasaa,Mubarak fi Khaab

Ummanni Jireenya Isaa Guutuu saba Isaatif Jiraate kun Sababa Jimaan Jalaa Uggurameef Rakkinarratti Kufaa jira. Rakkoon Ummata Harargee Rakkoo Hawaasa Oromo guututi. Namuu Ummata Kanaaf Sagalee Akka Tahuu qabu Isin yaadachiifna. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Funny Ethiopian Oromoo comeddy Entertainment Jaalallee Filatuu Shawaa fi Harargee

Sagantaan Jaalallee Filatuu kan Ibsaan Qopheessu Akkuma Itti fufetti jira. Qophii kanaan Shamrree shawaa fi Dargaggoo Harargee takkaatu Ajaa’iba hojjate

Funny Ethiopian Oromoo Entertainment comeddy Jaalallee Filatuu Livii irraa

Gurbaan Ka Ibidda Nyaatee Bishaan tufu jedhan san fakkaata yeroo Intalatti Haasahu. Shamarreen Kanaan Dura Jaalalli Ishee qabuu dide Takkumatti Garaan jiidhe. Nuutu itti iyyee miira keessaa baase malee laga biraa nu geessanii oolan. Sagantaa Baahannansiisaa Jaalallee Filatuu kana Namoonni Akkuma Jaalatanitti jira.

Funny Oromoo Entertainment comedy Jaalallee Filatuu Tapha Kanaan Shawaa fi Harargee daawwadhaa Booharaa

Tapha Guyyaa guyyaa kana Jaalattoonni Sagantaa kanaa Akka Suusitti Araadayuun eegatuu akka eegalan yaada namootaa dubbisneerra. Qophii kanaaf Haarawa yoo taate Yaada kee Nuuf katabi Viidiyoo guutuu linkii olirra jiruun dhaggeeffadhu. Hiriyoota keef qooduun Bashannansiisi Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaan Dhumaatii Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu Ilaalchisee

Guyyaa Lama Gaheera. Guyyaa Oromian Hayyoota fi Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu,Balaa Konkolaataan Dhabde. Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Dhimma Kanarratti Yaada qaba.

Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu Balaa Konkolaataan Lubbuun Dabre laalchisee

Baraiiftonni Univarsitii Madda Walaabuu Kun Balaan Kan Isaan qaqqabe,Madda Walaabuu Univasty irraa Gara Kaampaasii Shaashamannee osoo Imalaa Jiran,Arsii Lixaa Keessatti Konkolaataan Gaara Olfageenya Meetira 120 caalurraa Kufuun Yoo xiqqaate Lubbuu Nama Digdamaa Galaafate. Namoota Maqaan Isaanii Beekame Linkii Haasaha Hangaasaa Ibraahim kanaa gadii argattu. Hangaasaan Dhimma Dhumaatii Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu kanarratti Yaada kennateen,Mootummaan Naannoo Oromia Hatattamaan Karaa Kana Sirreessuu Akka qabu gaafateera.

Miseensa Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ibraahim Dhimma Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu Ilaalchisee Yaada gabaabaa qaba.

Konkolaataa Barsiiftota feete Kana keessa Namoota Shantamaa Oltu jira ture. Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu Dabalatee Kanneen Lubbuun Dabran battalumatti Namoota 18 Akka tahan Namoonni Afgaafii Aadde Masarat Dhaabaa Waliin taasisan Dubbatanii,Namoota Miidhaman Baadhatanii Karaatti Akka Olbaasan dubbatan. Ergasii Gariin Isaanii Yaalarra Osoo jiran Akka Lubbuun Dabarte Gabaasaaleen Garagaraa Addeessu.

Barsiiftota Keessaan Maqaan Namoota Beekamanii Kanneen Asii gadii kana.

Namoota hanga ammaa lubbuun darban!

1.Dr.Kafalow Tasammaa

2.Dr.Dassaaleny

Dr.Shifarraa Balaachoo

Dr.Antene,

B/sa lyoob shifarra,

yebegashet Alamaayoo,

Endaalkaachoo Girmaa,

Awwal sa’id,

Sulxaan Muhaammad,

Fooziyaa Abdujabbaar,

Abdulmaalik Rashlid,

Tasfaayee Maammoo,

Abdii Huseen Abdii Baalee

Tasfaayee Hordofaa,

Medaanit Tarreessaa,

Talilaa laggasee,

Aberaash shifarraaw,

barsiisota barnoota ol aanoo 15 Walii galatti hanga ammatti lubbuun barsiisoota 19 darbeera, kanneen hafan yaala hospitaala dodolaa, Naggeellee Arsii fi hawaasatti Akka Yaalamaa Jiran Adde Masarat dhaabaa Dubbatti. Kabajamtoota fi Jaalatamtoota Hordoftoota keenya Dhimma Barsiiftota keenya Lubbuun Dabranii Kana Akkamitti Laaltan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Waliifis dabarsuun Ummata keenya biraan Nuuf gahaa Galatoomaa Ulfaadhaa horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Funny Ethiopian Oromoo Entertainment Jaalallee Filatuun hammaatte

Taphni jaalalaaf Waldorgomuu kan Ibsaan Dhiheessu,Qilleensarraan Jaalallee Filatuu Akkuma Itti fufetti jira. Sagantaa Kanaan Shamrree Lamaa fi Dhiira Kanaatu Filate.

Sagantaa Funny Ethiopian Oromo Entertainment Jaalallee Filatuu Livii irraa

Tapha Arraa Kanaan Shamrree Mudannoo Jaalalaa,Kan Nama Walfakkaaturraa qabduu fi Dargaggeessa Faaxee Lama dhukaase jechuun Biyya Koflachiise daawwattu. Sagantaa Qilleensarraan Wal Xabbasuu Kuni Jaalatama Horataa kan dhufe tahuu wanti beekamuun,Namoonni Jaalallee Filatuuf seenu baayyataa dhufe. Viidiyoo Qophii Kanaa Harki Guddaan Jalqabaa Hamma dhumaa daawwata. Kuni Akka Ummanni Sagantaa Jaalallee Filatuu kanaan booharaa jiru Nama Hubachiisa.

Funny Ethiopian Oromoo Entertainment Jaalallee filatuun Hammaatte

Qe’een Namoota Tiktok irraa Geema Taphatanii Onaa dhufe. Iyyeensa Ummata Anfariiree Tap tap godhaa jedhuu fi Maaloo Abaaboo takka Naaf kennaa jedhuu waan hifate fakkata. Sababa kanarraa kan ka’e Baayyeen Namootaa Sagantaa Jaalallee Filatuu kana Daawwatuun Ittiin Bashannanaa jira. Gaafiwwan Namoota Filatuuf seenaniif dhihaattus Akka Booharsaa taheetu Yaada Namoonni Kennanirraa Hubatama. Guutuu Viidiyoo Sagantaa Kanaa Linkii Olirra Jirurraa Dhaggeeffadhaa Ittiin Booharaa. Akkasuma Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Miseensa Paarlaamaa Hangaasaa Ahmed Ibrahim Shaggar fi Masjiida

Shaggar Masjiida Rabbii Diiydu Gonkumaa Hin Hayyamnu jechuun Komii Guddaa dhiheeffataa kan Jiru Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Maal jedhan?

Hangaasaa Ahmed Ibrahim Dhimma Shaggar fi Diigamuu Maajidaa Ilaalchisee

Erga Shaggar Ijaarra jedhanii Hojii eegalanii Hanga Ammaatti Masjiidonni Afur Akka diigame kan himu Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim, dhimmi Maqaa shaggar Dahoo godhatanii Masjiida Diigan Kun sirrii Akka hin taane fi Hatattamaan Furmaata Argatuu Akka qabu gorsa. Akka Obbo Hangaasaan Jechaa jirutti President Waliigala Muslimtoota Ethiopia Obbo Hajii Ibrahim Xalayaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo oromiatif akka barreesse hima. Haa tahuu malee Hanga ammaatti Naannoo Oromia Irraa Deebii Waan dhabeef jecha,Gama Mumicha Ministeera Ethiopia Dr Abiy Ahmed Akka barreessee jiru himuun,Dhimmichi Hatattamaan Furamuu Akka qabu gaafata.

Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Dhimma Diigamuu Masjiidota Magaalaa Shaggar ilaalchisee

Mootummaa Naannoo oromia dabalatee Kanneen Akka Bulchiinsota Shagga Bulchaniif Tajaajila kennantu kana Raawwataa jira kan jedhu Hangaasaan,Jarri Hundi Bakka Biraatti Lafa Saamaa turan jechuudhaan Akka Ragaa Qabus dubbata. Sababn Isaan Masjiida Diiganiif Akka Kiristaanota yookaan Warra Amantaa Biraa Hordofan Gammachiisuf Osoo Hin taane,Amantiin Wal nu shakkisiisee Tokkummaa Oromo Diigufi jechuunis yaada kennata.

Komii Namoota garii Kan dhaggeeffate Hangaasaan,Sababni Inni Paarlaamaa keessatti Gaafi Akkanaa Hin gaafatiniif Carraa dhaburraa kan ka’e Akka tahe himuun,Gaafi Baayyee Osoo qabuu,Muraasa Kanneen Akka Fuula feesbuukii isaatin liivii seenee Dubbatu na taasiseera jedha. Haasaha Dhimma Masjiida diigame ilaalchisee taasise kan Linkiin Olirraa Muldhatu kana dhageeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Kabaja Waggaa 10ffaa Tola Ooltummaa Mubaarak fi Hiriyyoottan isaa

Oromoon Waliif Tola Oolun Beekama. Namoota Ummata Isaatif Tola Oolun Beekamu keessaa Tokko Mubaarak Musammaati. Hojiiwwan Waggoota Kurnan Dabraniif Hojjate Sababeeffachuun,Hiriyoota fi Sheekkota Waliin Yaadaturratti argamu.

Waggaa 10ffaa Kabaja Tola Ooltummaa Mubaarak Musammaa fi Hiriyootan isaa

Ilmi Namaa Hanga Duniyaarra Jiru Saba Isaatif Wanta Gaggaarii Hojjatee Dabruu Akka Qabu Kan Dubbatu Mubaarak Musammaa Waggoottan Kurnan Dabran Kana Ani Saba Kiyyaaf Hojjadha jedhee hin yaannen ture. Tahullee garuu Rabbiin Hojii Gaarii kana Akkan Hojjadhu Na taasisuu isaatti Galatan Galchuu barbaada. Namoonni Hojii Akka kiyyaa kana Hojjatuuf Fedhii qabdan Kuni Carraa guddaadha. Akka Hojjattan Isin jajjabeessuun fedha. Rakkoon Nama Mudachuu Dabdaha. Arrabsoo fi wantoonni Baayyeen Nama Mudachuu dandaha. Garuu Nama hojjatuutu qeeqama waan taheef,Hundumaa Obsaan Irra Tarkaanfatuu Akka qabdan jechuun Gorsa.

Waggaa 10ffaa Kabaja Tola Ooltummaa Mubaarak Musammaa fi Hiriyoottan isaa

Ani Waa baayyee Jedhameera. Garuu Dhawaatuman Hojii Gaggaarii akkanaa Kana Hojjadhuun Wanti Namni Muraasni Naan jedhu akkan ani Jabaadhu Na taasise jechuun Yaada kennata. Yaada Mubaarak Musammaa fi Hojiiwwan isaa keessaa Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia