KFO’n Diigamuu Manneen Amantaa fi Dhuunfaa Ilaalchisee Ibsa Baase

Ofumaaf Jalqaba Harka Lafa Jalaatin Lafa Kennitaniifi,seera Cabsitan. Amma Maqaa Pilaanii Magaalaatin Manneen Amantaa fi Dhuunfaa Diiguun Sirrii miti jedhe KFO’n

Ibsa KFO’n Diigamuu Masjida Dabalatee Manneen Amantaa Biroo fi dhuunfaa ilaalchisee baase

Lafti Seeraan Ala Saamamuu Nan Balaaleffadha Kan jedhe KFO’n Dhimma Diigamuu Manneen Amantaa Kan Ummata Dallansiise fi Manneen Namoota Dhuunfaa,kan sababa Diigameef Mana Maleeyyii taasise kun Seer maleessummaa Akka Tahe Ibsa Isaanii Kanaan Eeranii jiran. Ibsa KFO’n Baase Guutuu Isaa Linkii Jala Jirurraa Dhaggeeffadhaa

KFO’n Diigamuu Masjidota Dabalatee Manneen Amantaa Biroo fi Dhuunfaa ilaalchisee Ibsa Baase

KFO’n Ibsa Isaa Kana Keessatti Hawaasa Sababa Masjiida Diigameef Karaa Sirnaatin Gaafi Dhiheeffatan,Humni Nageenya Mootummaa Akka Hoowkare kaasudhaan,Namoonni Nagahaa Ajjeefamuu Ibsan. Akka Ibsa Isaanii Kanarraa Hubatamutti Mootummaan Qaama Maqaa Seera Kabajchiisutiin Ajjeechaa Raawwate kana,qoratee yookaan Qaamni Walaba tahe Qoratee seeraaf Akka dhiheessuu qabu yaadachiise. Hawaasa Muslimaa fi Warra Maatiin Jalaa Wareegameef Jajjabina Hawweera. Guutuu Ibsa KFO Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Waliifis dabarsaa. Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Nuti Dhaloota Jiila Qabudha/JaalMarroo Haasaha Teessuma Araaraa Booda Taasise

Ajajaa Olaanaan Waraana Bilisummaa Oromo Jaalle Marroo Dirribaa (Kumsaa Dirribaa) Sirna Eebba WBO Faana Elemoo Irratti Arra Argamee Haasaha Taasise.

Jaal Marroo Dirribaa Haasaha Sirna Eebba WBO Faana Elemoo irratti Argamuun Taasise

Jaal Marroon Haasaha Ajaa’ibaa Taasise Kanaan Oromoo onnachiise. Duraan Shanee Nuun Jedhan Amma Baayyattee Kum-shantama Dabarraan Waraana Bilisummaa Oromo (WBO) jedhamneerra. Kana Caalaa Torbaanirraa Eebbisiisuu itti fufna. Oromoon Siyaasa Biyya Sanaa Baratee WBO Humna Qabu Na Barbaachisa Waan jedheef Nu ijaarratte. Nutis Hamma Kaayyoo Oromootaa Galmaan Geenyutti Waraana Guddaa Sodaatamu Tahuuf Horsiisaa jirra.

Haasaha Jaal Marroo Erga Teessuma Araaraati Arra Taasiseen Humaa shakkinaa jedhe

Dhimma Araaraa Ilaalchisee Haasaha Taasiseen Jaal Marroon,WBO Nagaha Waan Dhabeef gaara seene,waan taheefuu Nagaha Sirna Qabeessa,Bakka Nuti Barbaannutti Akkuma Amma Eegalamee ture,ammas Itti fufna. Nagaha Waan nu dhoorganiif Gaara galle malee jaalannee miti. Ummata Keenyaaf Fedhii Guutumatti Guutuun Dandahamnaan Ammas Taanan Karri keenya Banaadha jedhan. Guutuu Haasaha Isaa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Taayyee Dendea Dubbii Milkii Waggaa Lamaa Akkasuma Dhimma Masjidaa Caffee fi Jaafar

Obbo Taayyee Dendea Aredo Milkii Waggaa 20tti Hin Argamne Waggaa Lamatti Arganne jettan. Ee dhugaa baantan jechuudhaan jecha “Tan„ jedhuun Jechoota Ajaa’ibaa fi Shiroota Isaanii Tarreesse

Obbo Taayyee Dendea Dubbii Milkii Waggaa Lamatti Argame jedhan Irratti Waan barreessani fi Caffee fi Jaafar Dhimma Diiggaa Masjidaa Irratti Yaada

Ee dhugaa jettan. Wanti Waggaa Digdamatti Hin Argamin Waggaa Lamatti Argame. Suni Ammoo Gadadoo Ummataati malee Milkiin Isin Haasottan Qullaadha,jechuun Shiroota fi Daba Mootummaa Naannoo Oromia Kan Saaxile Obbo Taayyeen,Gochaan Keessan Waggaa Lamaan dabran kana Ummata Oromoo kanarratti Raawwataa turtan Kan Waggaa Digdama Diinni Oromotti Roorrise caala jechuun Himeef.

Barreeffama Obbo Taayyeen Dhimma Milkii Waggaa Lamatti argame jedhamee Irratti Barreesse fi Dhimma Diigamuu Masjiidotaa Irratti Yaada Obbo Caffee Raammis fi Jaafar comedy

Obbo Taayyeen Akka walaloon Barreeffamutti Jecha Tan Tan jedhuun Barreeffama Isaa Kan Tokko Dhadhaa obaasee Hattuu fi shirtuu Lafetti laalessu saniin Darbate. Gama Biraatin Dhimma Diigamuu Masjidaa Ilaalchisee Obbo Caffee Raammis Yaada kennateen Mootummaa Maajida diiyde caalaa Warra Waliin Qabsaahaa turre,kanneen Wanta fokkuu barreessantu Na aarse jechuun komii qabu Ibsate. Jaafar Comedyn gama isaatin Dhimmi Amatii Tapha Akka Hin tahin jala muree Hime. Akkasuma Yaadachiisaaf Yaada dabalataa kan dhiheessinetu jira. Guutuu Viidiyoo keenya Linkii Olirraa Jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Accountiin Aslii Deebi’eera. Baga Gammadde Aslii Mohammed

Asladdiin Mohammed Guyyaa Lama Dura Dhimma Masjida Diigamaa Jirurratti yaada kennate. Namoonni Diigamuu Masjidaa deeggaran Muraasni Komantii Arrabsoo katabaniif. Aslii Miira Keessa galchan. Innis Warra komantii katabeef deebii kennee ture. San booda maaltu tahe?

Baga Gammadde Aslii Akkawantiin Tiktok Aslii Deebi’eera

Asliin Dhimma Masjida diiguu kanarratti Baayyee dalallanee Warra Biyya Bulchuuf dhaamsa dabarsaa ture. Amantaa Nama Kamiituu Hin Tuqne. Tahullee garuu Namoonni Komantii Badaa Barreessuun Miira Keessa Aslii Galchan. Asliinis Namoota Saniif deebii kenne. Tahullee garuu Namoonni Sagalee dhageessisuu dhimma Masjidaa Kan Asliin Irratti Haasahaa Ture sana hin jaalatin,Durumaa Jechoota Afaanii Baasuu Waan barbaadaniif Viidiyoo Muranii Faffacaasan. Achiin Siyaasa Ittiin Isa Cabsan Tolfatan. Ani Waa malee miti Kanin Kana Jedhuuf. Viidiyoo Guutuu Haasaha Aslii Waraabeen Ture. garuu Gulaaleen Haasaha Dhimma Masjidaa qofa maxxanse.

Tiktok Aslii Deebi’eera Baga Gammadde

Namoonni Viidiyoo Namaa Waraabanii Deddeemaniin Yeroo garii Biyya Wal nyaachisuu dandahan. Asliin Gaafii Seeraa Mootummaaf dhiheessaa ture Haasaha isaa keessatti. Deebisaa komantii Isa aarsiteef kenne Garuu Sababa Namoonni Vediyoo faffacaasan Osoo Hin Gulaalin Maxxansaniif Namoota Mufachiisee ture. Kanaafuu Namoonni Viidiyoo Namaa Fayyadamtan Tokkummaa Oromoof jecha Viidiyoo gulaaltan malee Hin maxxansinaan dhaamsa keenya. Hundaafuu Asliin Vediyoo Erga Account isaa Amma Deebi’e booda Waraabe kana Linkii Olirra jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Maajida Hin Tuqinaa Biyya Keenyaaf Amantaan Hundi Ni Barbaachisa Yoni Magna

Amantaan Adaba Nama Barsiisa. Akka fakkeenyaatti shamarran Muslimaa Ilaalaa Adaba Isaan qaban. Hijaabni isaanii Bareedina isaaniti jechuun Gorsuu Kan eegale Yoonin Dhimma Masjidaa irraahis dubbateera.

Biyya Keenyaaf Amantaan Hundi Ni barbaachisa hin tuqinaa jedhee gorse Yoni Magna

Dhimma Masjida Diigamaa Jiran ilaalchisee,Maajidni Mana Rabbi Itti gabbarani. Malee Bakka Itti dhuganii Machahaani miti. Masjidni Adaba Barsiisa Malee Baalagummaa Hin Barsiisu,kanaafuu Mana Namni Rabbiin Itti Gabbaru diigdanii,Wanti Ijaaruu dabdeessan tokkolleen Akka Hin jirren,isiniif hima jechuun Dhugaa jirtu Itti himeera.

Manneen Amantaa Tuqaa hin tahu. Amantaan Hundi Biyya keenyaaf Ni barbaachisa jedhe Yoni magna

Dhugaa Dubbachuuf,Osoo Akka Amantaan Ajajutti Kan hojjannuu fi Hundinuu seera amantaan barsiisu hojirra oolchee,silaa Biyyi Keenya Eessa geesse,jechuun Yaada kan kennate yooniin,Qaama Manneen Amantaa diigu kamuu waliin akka hin dhaabanneefi Akka Hin deeggarre Jala muree hime. Waan kana Saffisaan sirreessaa jechuunis Gorseera. Yaada isaa guutuu linkii gubbarra jiruun Dhaggeeffadhaa Waliin gahaa galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Taayyeen Ergamtootaaf Deebii kennuu fi Dhimma Masjidaa Khaab Buttan Yaada Gabaabaa Qaba.

Jidduu kana Dhimmi Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa tahe Diigamuu Masjiidota Naannawa Magaalaa Shaggari. Kanarratti Shufuroon Takka takka Oromo wal Afaan Deebisuuf Waan fataffatuu eegalan. Kana Kan sirritti Ilaale Obbo Taayyee Dendea Deebii Gabaabaa Kenneef.

Barreeffama Obbo Taayyee Dendea fi Yaada Khaab Buttaa Dhimma Diigamuu Masjiidaa Irratti

Obbo Taayyeen Kan Kanaan Dura Qe’eef Qabeenya Isaanii Irraa Oromoota Tuulamaa Buqqiftan isin Hanqatee,Ammas Dabalataan Boochisuuf wixxifataa jirtan jechuun Gocha Fokkotaa Isaan Oromoota Tuulamarratti Hojjatan Saaxiluudhaan tarreessee Biyya Ajab jechisiise.

Qoosaa Keessa Jirtan kana Dhiisaa,Haqni Ummata Miskiina Kanaa Isin balleessuu dandaha jedhee Wanti Isin Gochaa Jirtan Oromoota,Tuulamaa fi Obboloota Isaanii Addaan fageessuuf Shira Barattan,shiraa jirtan jechuunis Dhuga dhugaa Himeef.

Ergamtoota Shimeef Deebii Obbo Taayyee Dendea Aredo fi Dhimma Masjidaa ilaalchisee Yaada Gabaabaa Obbo Khaab Buttaa

Dhimma Diigamuu Masjidaa kana duuba Kan Jiru Abiy Ahmed Mataa isaati jechuun,Gaafii Ummataa Saffisaan Deebisuu qaba jedhee,Yaada kan kaase Obbo Khaab Buttaan yookaan Hordofaa mohammed Sababa Isaan Masjiidota Diiganiif Tarreessa. Guutuu Barreeffama Obbo Taayyee Dendea fi Haasaha Obbo Khaab Buttaa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia

Namoota Diigama Maajidaa Deeggaraniif Aslii fi Maammeen Deebii kennan

Oromoon Tokko. Kutaa fi Amantiin Gargar bahees hin beeku. Jidduu kana Namoota Faallaa Mooraa Oromoo deeman Muraasa Argaa jirra. Jara akkasii sana Warra Maajida Diigaa jiruutu Bobbafate. Kanarratti Mohammed BinAljaziira fi Asladdiin Mohammed Yaada gabaabaa kennatan.

Aslii fi Maammeen Ergamtoota Shimeetif Dhimma Diigamuu Masjidaa Irratti dhugaa himan

Mohammed BinAljaziiraan Oromoon Hundi Tokkuma. Rakkoon Oromo kamuu Mudatu Rakkoo Oromoo Hundaati jedhee Amana. Kanaafuu Namoota Muraasa Faallaa deemuudhaan Diigumsa Masjidaa kana deeggaruu fi jechoota oromoo qoodu fayyadaman,Kanneen Akkawaan Ergama Addaa fudhatanii Yaada Qoodumsaa facaasaa oolaniif dhaamsa Jajjabaa dabarse.

Maammee fi Asliin Dhimma Diigamuu Masjidaa Irratti Ergamtoota shimeetif dhugaa himan

Dhaamsa isaa kanaanis Maammeen Mee yaadadhaa Nuti Oromoon Muslimaa Sababa Tokkummaa Oromoo Tuqa jennuuf Wantoota Amantaan keenya Hin Heyyamne Hojjataa turre jechuun,waa baayyee yaadachiisee,Dhimmi Maajidaa Dhimma Amantaa Akka Tahe hunachiisuun,Kanarratti Mootummaa gaafanne malee Isin Hin gaafanne Nurraa Dhaabadhaa jechuun,Namoota Jechootaan Oromo qoqqoodaniif Gorsa Jabaa dabarseera. Walumaa galatti Asliin waan haasaheefi Maammeen Waan haasahan Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Presidentiin Dhimma Muslimtoota Ethiopia Haaji Ibraahim Tufaa Diigamuu Masjidaa Ilaalchisee

Dubbiin Maajidni Ajaja Keenyaan Ala,Beekkamtii keenyaan Ala Qaamota Biyya Diiguu barbaadun diigamuu kun Tuffii Muslimtoota Ethiopia irraa qaban tahuu,Presidentiin Mana Maree dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Haaji Ibraahim Tufaan Dubbatan

Haasaha President Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Haaji Ibram Tufaa

Masjidni Naannawa Magaala Finfinnee Kan Amma Magaala Shaggar Jedhamuun,ijaaraa jiranitti Baayyinaan Diigamaa Jira. Wanta Kana Gaafa Jalqaba Eegalan Obsinee,Mariidhaan Rakkoo Keenya Furanna Jennee Abdiin Eegaa turre. Hanga Dandeenyutti Qaamota Dhimmi Ilaallatu Hundatti,Irra deddeebiin Lallabannee Jirra. Akkuma Beekamu Muslima Jechuun Nagaha jechuu qofa Osoo hin tahin Nuti Wardiyaa Nagaya Biyya Kanaati. Nagaha Malee Jeequmsa hin jaalannu. Garuu Qaamni Nagaha Hin jaalanne yookaan Qaamni Biyya Kana Diiguuf karoora qabu Nurraan,tarkaanfatanii Masjida Diiguu itti fufan.

Haasaha President mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Haji Ibram Tufa

Hubadhaa Wanti Amma Masjidni Diigamaa Jiruuf Waan Muslimni Nagaha jedhanii,Yoo tuqanis hin dubbatan jedhanii yaadaniif,qaamni Ofiif Amantii Hin Qabne Masjida Diiguu eegale,jechuudhaan Rakkoon Mootummaa Keessa akka jiru akeekee,Garuu Masjida Diiguu Kana Waan Tuffii Muslimtoota Ethiopia Irraa qabaniifi jechuun Dubbatan. Muslimma Balleessuu Hin dandeessan,Muslimaa Mitii Masjida Rabbii Diiguu Hin dandeessan Nuutu diigama malee jechuunis Jala muree itti himeera. Guutuu Haasaha Presdaantii Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Afaan Oromotti Hiikeera linkii gubbarra jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Amantiin tapha hin taatu Asladdiin Mohammed Dhimma Diigamuu Masjidaa

Waan hedduu obsuu dandeenya garuu kana obsuu hin dandeenyu. Ani Nabeeytan Nama Durriyyeedha. Garuu Amantiin Natti dhufnaan Namni dura duulu Ana tahuu Jala mureen isiniif hima,jechuun kan yaada jajjabaa kennate Asladdiin mohammed Kan Doktor Aslii Onnee sabaa jedhamuun miidiyaarratti waamamu,dhimma Diigamuu Masjidaa Irratti dheekkama qabu agarsiiseera.

Aslii Onnee sabaa(Asladdiin Mohammed) dhimma diigamuu masjidaa Irratti yaada kennate.

Asliin Ofii jedhii Na dhugi jedhe dhadhaan jechuudhaan Makmaaksaan Kan Eegale Dubbii isaa,Mootummaan Ethiopia Bulchaa jiru Mootummaan Abiy Ahmed Badii gurguddaa akka hojjate dubbate. Maqaa Magaalaa Shaggar Ijaarra jedhuun Muslima Balleessuf Hojjataa Jirtan jechuun yaada isaa kan itti fufe Asliin,Mootummaan Haylasillaasee,Darguu fi Minilikis Muslima Balleessuf yaalanii dadhaban jedhee Seenaa Yaadachiisee,dhimmi Muslima Tuttuquu Mootummaa Ofwallaaltuu Ni balleesse jechuun gorse.

Aslii Mohammed Dhimma Masjida Diigamaa jirurratti Mootummaaf Dhaame

Asliin Yaada Isaa Itti fufee,Hundi keessan Na beeytan Ani Nama Durriyyeedha. Wanta Amantii tiyya faallessu baayyeen hojjadha. Tahullee garuu Gaafa Amantiin Natti dhuftan,Asirraa galee akkan qabsaahuu barbaachifnaan wanti na Daangessu hin jiru. Amatiin kiyya Anaaf waan hunda dursa kana beekaa jechuudhaan Akeekkachiisa Mootummaa Ethiopiatif kenneera. Kanaafuu Hatattamaan Gochaa Fokkotaa Masjida Muslimni Rabbii Ofii itti gabbaru diiguu amma eegaltan kana Akka dhaabdanis jedhee Gorseera. Guutuu Haasaha isaa Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Gaheera Kan Komatamu Abiy Ahmad Malee Shimallis miti Jedhe Kaab Buttan

Ani Sheek Kaab Buttaa Kan Jechuun Of waamu Obboleessi keenya Hordofaa Mohammed Dhimma Diigama Maajidaa Ilaalchisee Waan Ajaa’ibaa dubbataa jira.

Hordofaa Mohammed (Kaab Buttaa) Dhimma Masjida Diigamaa Jirurratti Yaada kennate.

Obbo Kaab Buttaan Nama Adda Dureedhaan Mootummaa Ethiopia Deeggaruudha. Deeggaruu qofaa miti Nama Xiqquma MM Ethiopia Abiy Ahmeditti bu’u yoo arge Ilkaaniin Nyaatuf deema ture. Haa tahuu malee Hanga Arraa Obsaan Akka Abiyyiif waa hedduu Dhossuun Sobaafi ture dubbata. Sheeytichi Arra Ija tiyyaan natti dhufte, si dhiisi Haadhaf Abbaan Kiyyaahu Osoo Amantii kootin Natti dhufanii,Obsa Hin qabuuf jechuun Abiy komatuu kan Eegale Khaab Buttaan,Dhimma Maajida Magaalaa Shaggaritti Marii fi Marabbaa malee Diigamaa Jiru Kanarratti Dheekkamaa Dubbate.

Kana booda kan komatamuu qabu Shimallis Osoo hin taane Abiy jechuun Kaab Buttaa Dhimma Diigamuu majlisaa Irratti Yaada kennate

Khaab Buttaan yookaan Hordofaan Obbo Shimallis Komataa Akka Ture Himuun,Namni Komatamuu qabu Shimallis Osoo Hin taane Abiy Ahmedi jechuun,dhugaa walitti Himuun Dirqama jedhee,Namni Shimallis Ajaja irraa fudhatu Mootummaa Ethiopia Abiy Akka Tahe Hime. Garuu Obsinee Dadhabne Isaatu nutti Bobbaasa Kana Booda Jaardii Keelloo Abiyyiif kenneera jechuun,waan akeekkachiisa fakkaatu dhaameera. Sababnis Dhimmi Dhimma Amantii waan taheef waliif Hin obsinu jedhee Saffisaan Gaafin Muslimtootaa Deebii Argatuu Akka qabu hime. Yaada keessan Nuuf katabaa Linkii Olirra Jiruun Guutuu Haasaha isaa dhaggeeffadhaa waliin gahaa Galatoomaa Ulfaadhaa horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia