Barbaachisummaan Hundeeffama Mana Maree Dhimma Islaamummaa Magaalaa Shaggar kun, Rakkoowwan Garagaraa Kanneen Akka Masjidota Diigamaa Jiran kanaafi Kanneen Birootif Furmaata Argatuuf Akka Tahe dubbatan.

Guyyaa Arraa Bakka Ulamaa’onni,sheekkonnii fi Muftoonni Gurguddaan Islaamaa Argamanitti,akkasuma Hoggantoonni Mootummaa Kanneen Naannawa Magaalaa Shaggar Bulchuu keessaa Qooda Qaban Aragamanitti,Yaa’iin Hundeeffama Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Shaggar Kun Gaggeeffamee oole.
Yaa’ii kanarratti Dura taa’ota Bulchiinsa Dhimma Islaamummaa keessatti,kanaan dura Muxannoo Gahaa Qabantu Filame. Kaayyoon Yookaan Sababani Barbaachisummaa Kanaatis Rakkoowwan Magaalaa Shaggar keessatti Masjida waliin Walqabatee jiruu fi Kanneen biroo irratti, Mootummaa waliin Furmaata Akka Kaahaniif Kan kaayyeffate tahuus waltajjicharratti dubbatameera. Haasaha Dhimma Kana Irratti Sheik Amin Ibroo taasisan Kana Linkii Olirra Jiru kanarraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia








