Goda Ergamaan Rabbii (S.A.W) Abubakar Waliin Seenan/Sheik Abdusalaam kadir Gorsa Gabaabaa

Sheik Abdusalam Kadir Seenaa Imala Hijraa Ergamaa Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Sheik Abdusalaam Kadir Nagahaan Gara Biyyaa Deebi’ee jira. Turtii Umraaf Biyya Saudi Arabia Keessatti taasiseenis,Imala Hijraa Kan Ergamaan Rabbii Nagahaa fi Rahmanni Isaanirra Haa Jiraatu Abubakar Saddiiq waliin Osoo deeman,Goda Seenan daawwatuun,Seenaa sana nu Yaadachiisee,Gorsa Bareedaas Nuuf Dabarseera. Gorsa Kanaanis Seenaa Kana Akka Yaadattaniif Malee Akka Waan Biratti Hiikkattaniif Miti jechuun gorseera.

Sheik Abdusalam Kadir Erga Umraaf Garas Imalee Nagahaan Gara Biyya Abbaa Isaa Deebi’uu Gama Fuula Feesbuukii isaatiin Ummataaf Dhaameera.

Sheik Abdusalaam Imala Hijraa Ergamaa Rabbii (S.A.W) Kan Abubakar Waliin Goda seenan ilaalchise

Akka Sheik Abdusalam biyyarraa Gorsa kennanitti,Biyyi Keenya Biyya Badhaatuu,Rabbiin Waan Hundaan Badhaasedha. Footoo Namni Konkolaataa Namaa Jalatti Ka’ee isin agarsiisu Birrii seetanii,Biyya Namaa deemudhaaf karatti Hin Halaakaminaa jechuunis Jajjabeessee gorsuun,Rizqiin Asuma Miila Keessan Jala Jirti Jechuun,Jabaadhaa Hojjadhaa Waan Feetan Asittuu argatuu dandeessan jechuudhaan,Garreen Baale Dinshoo jala dhaabatee Gorsa Bareedaa Dabarseera. Linkii Olirraa Agartan Kanaan Seenaa Imala Hijraa Ergamaa Rabbii(S.A.W) fi Gorsa Dinsho irraa Dabarsan Kana Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Hamzaan Intala Biraa Argate Haati Faaxee Walirratti qabdee?

Hamzaa fi Haati Faaxee Maal waliif tahan? Namoonni Baayyeen Akkawaan Jaarsaaf Jaartii tokkotti ilaalaa turan. Akkas miti,garuu Wahiitu jira.

Tapha Gabaabaa Hamzaa fi Haadha faaxee gidduu

Hamzaan Shamarree takka Waliin Osoo deemu qabame. Haati Faaxee Dhokattee ilaalaa turte. Akka Waan Hin Arginitti Ija Irraa Qabattee Bira dabarte. Amma Loltee Balaa Buusuuf Kaati fakkaatti. Ee magan,jedhe Namichi. Karaa Irratti Agarte. Dubbichi dhugaa Tahuu Hamzaan Amane. Tahullee Waan Intala waliin Walitti Gaarreffatan Akka Hin argin hima.

Ani Suutuma Bira Dabre jette. Ergan dabree booda Gara galeetin Intala Ilaale jette. Intaltis Ofshakkitee Ofirra deebitee na ilaalte jette. Garaatu Na Belbele,silaa Qabeetin Hudha keessaa kutan ture. Garuu Sin qaanessu jedheen dhiise jechuun Hamzaatti Himti.

Hamzaa fi Haadha Faaxee gidduu Maaltu ture? Tapha gabaabaa Dhugaa ofkeessaa qabu

Hamzaan Akka Akkas Tahe Hin Hubannen ture. Garuu Aariin Guyyaa sana si aarse Arra Baaseen Si afeera jechuun,Haadha faaxee araarsuf Yaala. Haati faaxee Bakka Dhiironni Kaayroo Nama Geessan jechuun Hiccitii wahii gadi baasuf kaanan,afaanitti qaban. Maraafuu kuni Tapha Dhugaa ofkeessaa qabuudha. Ittumaan Booharaa Jechuuf qindeessine. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Mucaan Feesbuukii Kennaa Utaalchise Qabame. Marii Kennaa,Numeeyri,sumayyaa fi Abdii

Shurxaa Tiktok jedhamuun Kan Beekamu Numeeyriin Erga Feesbuukii Kennaa Jalaa Fudhatee badee,Shurxaa Feesbuukii jedhamuunis Waamamaa jira. Akkamiti feesbuukii Utaalchise,

Suuraan Kennaa,Numeeri,Abdii fi Sumayyaadha

Kennaa fi Numeeyri Waldhaansoo Imala Jaalalaa Erga Waliin Eegalan Waggaa Gahuutu Dubbatama. Haa tahuu malee Akka Na Barsiisuf walitti dhihaanne malee,Jaalalaaf Miti Shakkiin jettu,erga Kennaan Numeeyriin Komatuu eegalte Namootaan Dubbatamaa ture. Tahullee dhimmi Kennaa fi Numeeyri yookaan Shurxaa Tiktok Kan jedhamuun waamamu gidduu Hariiroon Jaalalaa Akka ture,Aadde Sumayyaan Himteetti. Akkasuma Numeeyris Akka Barnootaf walitti hin dhihaatin hime. Kennaan Gama Isheetin Maalif feesbuukii Ishee Akka Hate Jabeessitee gaafatti. Dura Akkamitti itti kennite?

Kan Feesbuukii Kennaa Bute Numeeyriin Har’a Sababa isaa dhoffatee himeera.

Kennaan Rakkoo Feesbuukii isherra gahe Akka sirreessuf,yeroo waliin Nagaha qabanitti Akka itti kennite dubbatte. Numeeyriin Miseejii Namoota Biraa,Feesbuukii kennaa keessatti agarraan dallanee,Kennatti Fuula guure. Osoo Homaatuu Kennaan hin Mariyatin Gama Livii Tiktok isaatin Hiccitii Kennaafi Nama waliin Haasahanii jechuun,Ummatatti Muldhisaa Komii qabu ibsate. Dubbiin kuni Kennaa Baayyee aarsite. Achumaan feesbuukii Kennaa Akka Kennaan seenuu hin dandeenye gochuun,Bilbila cufatee bade.

Kennaan Barbaaddee,gaafattee,Namootas itti ergitee deebii dhabnaan Livii isheetin seentee komii qabdu Himatte. Hanga Arraa Kan Bade Numeeyriin,erga Torbee tokkootii Guyyaa Arraa Sumayyaadhaan Afeeramee,kennaa waliin Marii taasise. Tahullee Sababa Kennaa jalaa Feesbuukii buteef himuu dide. Dhimmichi Dhimma Hinaaffaa Jaalalaa Akka Tahe hubatame. Abdii Geetachoo Ababee Akka Keessaan dhimmicha Goolabuu qabu gaafateera. Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Tapha Kennaa fi Abduseen waliin Taphatan Kanaan Maal hubattu?

Sagantaa kana Waa malee miti kanin qopheessee,isiniif dhiheessef. Namoota Garii Gorsuu fi Warra Akka Biratti Yaadan Hubachiisuf,akkasuma Miidhama Dhokataa Shamarran Keenyarra gahu,kan isaan Dubbachuu dadhabanii Isaan Rakkisu Ifatti Akka Irraa Hubatuu qabdaniifi.

Suuraan Abdusee fi Kennaadha Tapha Gabaabaa Waliin Taphatan Kanarraa Wahi hubattu

Shamarree Kennaan jidduu kana Namoonni Muraasni Mufachiisaa turan. Sababuma Kanaaf Livii seenuun Hordoftoota ishee waliin Taphataa,Abdusee waliin Geema taphatuu eegalan. Dhimma Jiruuf Jireenyaa Irrattis Haasahuun Daawwattoota isaanii booharsaa Turan. Maqaa Ishee Barsiisutiin Namni Isheetti dhihaatee,hariiroo Jaalalaa Waliin Ooffatuuf Yookaan Ishee fuudhuuf Nama Fedhii qabutu ture. Namni Kun Akka Sababa Hin Taanef Mufatee,Wanta Hin taane,maqaballeessii,Obboleessa Nagahaa Irratti Oofuun,account Feesbuukii ishees jalaa fudhate bira qabdee dubbatti kennaan.

Tapha Gabaabaa Abdusee fi Kennaan Waliin Taphatan kanarraa wahi Hubattu

Abduseen Kan Yeroo baayyee qoosuun beekamu Dhimma Ishee rakkisu kanarraa Bira qabee gorsaa jira. Isheenis Namni Isheen Akka Irraa Barattuuf itti dhihaataa turte,akka Beekkumsarraa fagoo jiru dubbatuun,Akka Baratuuf Ammoo Bakkoota Garee Barnootaa keessatti Isa Afeerte himti. Tahullee garuu Mucaan isheen Komattu kun fedhii baratuu Akka Hin qabne himti. Kanarratti Abduseen kofalchiisaa Akka Suuta herumuu qabdu himaafi Jiddumattis afaan Mimmi’eeffatee janajjanuuf tattaafata. Maraafuu Dhimma Kana Video Linkiin Olirra jiruun yoo Dhaggeeffattan Sababa Kennaa Miidhaa jiru ni hubattan. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Seenaa Sahaabticha Zulbijaa Zeeyni/Abdal Uzaa

Seenaa Sahaabticha Zulbijaa Zeeyni yookaan Abdal Uzzaa Jedhamuu,Nashiidaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa keessatti Dhagahaa turtan. Zulbijaan Maqaan Isaa Jalqaba Abdal uzzaa ture. Seenaa Ajaa’ibaa Diinii Islaamaa Kana Keessatti galmeesse. Seenaa Isaa Kana Ustaaz Raayyaan Sagalee Isaa Qulqulluudhaan Irra Deebiin Nutti hima.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Seenaa Zulbijjaa

Zulbijjaan Sahaabaa Umriidhaan Xiqqaati. Osoo Amantaa Islaamaa Hin qabatin Dura Umrii isaa joollummatti,Qabeenya Guddaa argate. Yeroo Diinii Ergamaa Rabbii Isa Qaqqabutti,tole jedhee qeebalee Amantaa Islaamaa Fudhate. Tahullee Rakkoon Guddaan irra qaqqabe. Maatiin Inni keessaa dhalate warra Amantaa Islaamaa Hordofu miti. Sababa kanaa dhossee Salataa Akka ture seenaan isaa Hima. Boodarra Diinii Mi’aawaa kana Maalifin dhossa jedhee,Ifa baafate. Yeroo kanatti Maatuma isaa keessaa Tokko Qabeenya Isaa hunda irraa Fudhate. Uffatas irraa Baasuun Ari’e.

Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa Seenaa Sahaabticha Zulbijaa Zeeyni

Linkii Olirraa Agartan Kanaan Nashiidaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa kan waggaa 14 caale keessaa,Ustaaz Raayyaan Irra deebidhaan,Sagalee isaa qulqulluudhan Nashiidesse. Kanaanis Namni Diinii kanaaf Aarsaa kafalaa ture,Nuhubachiisufi Kabajaa fi Tola Ooltummaa Jidduu keenyaa Maal gochuun Akka Diinii keenya Bareeffatuufi jabeeffatuu qabnu gorsuuf Akka tahe nutti hime. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Ummata Islaamaa Jechuun Ummata Nagaha Jaalatu jechuudha. Dhimma Masjidaa

Walii galtee Mootummaa fi Ulamaa’ota keenya jiddutti Uumame Hordofee Haalli Ture Hundi Tasgabbii Argatuun Nagaha duritti deebi’e

Ummanni Islaamaa Ummata Nagaha Jaalatu jechuudha.

Gaafin Hawaasani Muslimtoota Ethiopia Dhimma Masjidaa Irratti gaafatan,Gaafii Sirrii tahuu amanuun Mootummaan,Hoggantoota Amantaa Waliin Marii taasisee turuun Kan Yaadatamuudha. Kanuma Hordofee Manni Maree dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Guyyaa Kaleessaa Ibsa Baase. Ibsa Ulamaa’ota islaamaatin Bahe kana Kan Dhaggeeffate,Hawaasni Muslimaa Guyyaa Arraa Bifa Nama Gammachiisun,Tasgabbahee,Jummaa salaatee,Nagahaan Gara Mana Isaatti deebi’eera.

Ummanni Muslimtootaa Ummata Nagaha Jaalatuudha Homaa Hin Yaaddahinaa.

Hubadhaa Ummanni Muslimaa Ummata Kaayyoofi Ajaja Hoggantoota Isaa Dhagahu akkasuma Hawaasa Hunda Caalaa Nagaha Jaalatu tahuun beekama. Ibsa Kaleessa Dhimma Kanaaf Bahe hordofuun,Namoonni Gariin Shakkii Mootummarraa Qaban Ibsataa Jiran. Tahullee Garuu Ummanni Muslimaa,Ummata Yeroo Hunda Of dhagahu,waldhagahuu fi Wal argee Mari’atuun Rakkoo isaa Aarsaa fedhe kafalchiisullee Furachuuf,Dandeettii fi Rabbiif Jecha Amantaa Isaa Kabajchiifatuu dandahudha. Kanaafuu,Wanta Irratti Waliif galame,Abdii Rabbiitin Hojirra Akka Oolu ni Kajeella. Kanaa Miti taanan.Ammas Yeroo kamillee Qophiidha Jechuun Namoonni Baayyeen Yaada kaasaa jiran. Hundaafuu Linkii Olirra Jiruun Gorsa Gabaabaa Kana Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Ibsa Manni Maree Dhimma Islaamummaa Ethiopia Dhimma Masjidaa irratti Baase Kanaan Maalfaa Milkoofne?

Taatee Tibbana Maqaa Magaalaa Shaggar Ijaarutin,Masjidoota diigan,kana Irratti Ummanni Dallanee,Ethiopiatti Howkara Uumee Ture.

Ibsa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Dhimma Masjidaa Irratti Har’a baase

Dura Taa’onni Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Erga Diigamuun Masjidaa Dhagahamee,Rafanii Hin beekan. Hanga Dandeettii isaanii,Qaama Dhimmi ilaallatu hundumaa Bira Deemuun,dhimmichi Akka Furmaata argatuuf gaafataa turan. Tahullee Namni dhagahu waan dhabameef,Ummanni Hiriira Bahuun Masjidni Rabbii Akka Hin diigamne,Mootummaan gochaa kanarraa Akka Dhaabatu gaafatan. Tahullee Deebiin Magaala Finfinnee keessatti Rasaasa tahe.! Kanarraa Ka’uun Ummanni Daran Dallannee Hiriiraaf of qopheessuu itti fufe.

Ibsa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia dhimma Maajidaa Irratti Har’a baasan

Sochii fi mufiin Ummanni Agarsiise kun Dirqamsiisee,Mootummaan Hoggantoota Muslimaa waliin Marii Akka Taa’an Dirqee,kaleessa Marii sa’aa shanii oliif taasisanirratti Qabxiiwwan waliif galtee hedduu Raggaasisaniiru. Haala Magaala Shaggar Bareechuu fi Hawwatuun Masjidonni Akka Ijaaramuuf Haalli Mijjate. Guutuu Ibsa Kanaa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Galanni Rabbii Oltaheef Haa gahu. Dhimmi Masjidaa Hulaa Furmaataa Argataara.

Namni Waan Xiqqoo Argateef Rabbii Isaa Hin Galateeffanne Guddoo Barbaadu hin argatu.

Dhimmi Masjidaa Furmaata Argatuuf Hulaan Takka Banamteetti. Galanni Rabbi Haa Gahu

Rabbii Waan Fidu Hunda Sababaf Fida. Hamtuu fi toltuunis Rabbuma Irraa Argamti. Hamtuu Nama Tuyxurraa Rabbitti Maganfataa,Gaarii Argataniif Rabbiin Shakkaruu,Amantiin Islaamaa Barsiifti. Guyyaa Arraa Dhimmi Yaaddoo Muslimtoota Ethiopia Kan Torbaanotaaf Hoowkara Uume,Marii Baldhaa Kaleessa Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallisii fi Presidentii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia sheik Haaji Ibraam Tufaa Fi Sheekkota keenya Baayyee Waliin Taasisaniin,Waliigalteen Argameera.

Waliigaltee Dhimma Masjidaa Irratti Ibsa Manni Maree Dhimma Islaamummaa Ethiopia Baase Hordofuun Ustaaz Naasir Hamzaa Galata Halche

Qabxiiwwan Gara 19 irratti Waliif galterra Gahamuu Ibsa Guyyaa Arraa Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Baaserraa Hubatamuun Dandahameera. Wantoonni Hanqina Qabanis jiraatudha malu. Tahullee Garuu Xiqqoo Argametti Rabbii Ofii Shakkaruun Galata Galchuun Barbaachisaadha jechuun,Ustaaz Naasir Hamzaa Namoota Dhimma Masjidaa Kanaaf,Yaaddahuun Hojjataa,sagalee tahaa turan Hunda Galateeffateera. Haasaha Isaa Guutuu Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Haasaha Ustaaz Sufiyaan Taasisan Afaan Oromootin

Guyyaa Jummaa Dabre Masjiida Anawaar Keessatti Humni Nageenya Mootummaa Ummata Masjiida Keessatti Ugguruun Reebaa ture.

Haasaha Ustaaz Sufiyaan Ousman Taasise Afaan Oromotti Maammeen Jijjiire

Taatee Achi Keessa ture Himuun Kan Eegale Ustaaz Sufiyaan Ousman,Haasaha Marii Qaamota Nageenya Mootummaa waliin Taasisan Muranii Hamma Ofiif Barbaadan qofa baasuun, Ummata Akka Mufachiisan Himee,Komiin Ummatarraa Ka’aa Akka Ture Kaasuudhaan,Dhimmicha kanarratti Yaada Kennataa Jira. Mohammed BinAljaziiraa(Maammeen) Haasaha Isaa Kana Ummanni Akka Hubatuu qabuuf,Afaan Oromotti jijjiireera.

Haasaha Ustaaz Sufiyaan Afaan Oromootti Deebise

Sababaan Marii Taasisanii Turan sana Hamma Komii Kaasu yookaan Ofiif Fedha qaban maxxansaniif maali jettanii yaaddu? Guutuu Viidiyoo Linkii Olirra Jiruun Obsaan Dhaggeeffadhaa Waliifis dabarsaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Dhimma Masjida Shaggaritti diigameef M/N/Oromia Obbo Shimallis Waliin Mariyatame Ibsi Boru Ganama sa’aa 4 Irrat

Diigamuu Masjidota Naannawa Magaalaa Shaggar ilaalchisee Marii Baldhaa Sa’aa Shan fudhate Har’a Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallis Abdiisaa Waliin Taasifame

Marii Dhimma Masjidota Shaggaritti diigamee Mootummaa Naannoo oromia waliin Taasifamee fi Komii Ustaaz Sifiyaan Motummaaf

Taatee Tibbana Dhimma Diigamuu Masjidota Magaalaa Shaggar waliin walqabatee,Hoowkara Uumameef,Qaama Nageenya Mootummaa waliin Mariyatuu Kan Himu Ustaaz Sufian Ousman, Marii Taasifame Guutuu Osoo hin tahin Hamma Ofiif barbaadan qofa keessaa muranii Ummata Mufachiisan jechuun,komii isaa ibsatee,Guutuu Marii Isaanii Ummataaf Akka Maxxansan gaafateera. Qabxiiwwan Marii Gaafa sanaa Takka takkaan ibsee,deebii Mootummaan yookaan qaamni nageenya Mootummaa deebiseefis himeera.

Marii dhimma Masjidaa Obbo shimallis Abdiisaa Waliin taasifamuu fi Yaada Ustaaz Sufian Ousman Kennatan

Dhimma Maajidaa Irratti Ibsi Garagaraa Baayyinaan Bahaa Kan jiruu fi Mootummaan Gochaa Masjida diiguu kana akka dhaabuu qabu gaafatuun Daran Cimee itti fufeera. Akkasuma Guyyaa Arraa Marii Baldhaa Mootummaa Naannoo #Oromia Obbo Shimallis Abdisaa Waliin Jilli Presidentii Mana Maree dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Haaji Ibraahim Tufaan Durfamu marii sa’aa Shanii olii kanarratti hirmaatun waliin tahanii Dhimmicharratti Mariin Taasifamuu ibsuudhaa,Guyyaa Boruu Ibsa kennuuf Sa’aa 4 irratti beellamataniiru. linkii Olirra jiruun Dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan Nuuf qoodaa galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia