Hamzaan Fatanaa Ashittiin Dhiheessiteef Kufeera.

Shamarri Takka Gaafa Sijaalattu,Yeroo itti si qorattu siif kenniti. Yeroo kana keessatti Wantoota Ati irraa ofeeguu qabdutu jira.

Suuraan Hamzaa fi Ashittiidha

Ashittiin Jaalala Afaanii Qofa Hin Barbaadu jechuun,yeroo Hamzaaf kennitee Akka Jaalalli Hamzaan Ishiif qabu dhugaa taheefi soba tahe mirkaneeffatuuf Ifatti Hamzaaf himtee yeroo kenniteefi turte. Hamzaanis Dhimmicha Kana Ofitti Amanamummaa qabaachuu isaa yoo feete Waggaa naaf kenni jechuun,Akka Ashitti Malee tan biraa Ijaan Hin Ilaalle Himeefi ture. Tahullee Kaleessa wanti addaa Tokko Tahe.

Hamzaan Shamarran Arge Hunda waliin Geema taphatuu jaalata. Intala Findigamtuu Safuufi Seera Shari’aan teenya Hayyamte Sarbuun Akkuma Ofiin feete taatu takka waliin Tapha Eegale. Taphni Isaa Kunis Jalqaba Ashitti Hin Mufachiifne ofiifuu Akka itti Koflaa Turte Himteef. Boodarra Hamzaa Miira Biraa keessa seenee Wajjiin Dhiichisu Argutti Akka Baayyee gaddite himuun,Akkamitti Na yaadatuu dhabde jettee Gaafatti. Hamzaanis Akkamittin Si dagadha Jechuun Ashittif Deebii kennuu eegala.

Hamzaan Fatanaa Ashittiin Dhiheessiteef Kufeera.

Ani Shamara Warqii enullee Naaf Caaltu Siin Ofduubaa qaba,Akkanumatti Waliin Taphadhe malee Dhimma Biraa Ishee waliin Qabaadhee miti jechuun,Ashittii zara Araarfatuuf Yaala. Wanti Tahe taheera. Qabxii Tokko siif galmeesseera. Kan Hafe keessaan fixanna jechuun Hamzaaf Deebii kenniti.

Dhiironni keenya Shamara Takka Yeroo jaalalaan itti dhihaattan Dhugumatti Onnerraa Jaaladhaa. Haala hunda keessatti Akka isheen isinitti Hin Mufanne taasisaan dhaamsa keenya. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Fatihaan Cidha Ishee Arra Gammachuu ibsatte

Guyyaan Cidhaa Shamarraniif Guyyaa Addaati. Guyyaa Kana Arguuf shamarran Hawwii guddaan eeggatu.

Aadde Fatihaan Guyyaa Geema ishee Beelloo keewwattee biyya Ajaa’iba goote

Makii Oro Dhuma Geema Arraa kanarratti Aadde fatihaadhaf Warqii Gurraa Bituun Badhaafte. Fatihaa Haadha imimmaanii jedhamuun Namoota biratti beekamti. Fatihaan Guyyaa Geema ishee beelloo uffatuun Ummata Ajaa’iba gochuun,Sababaa beelloo uffatteef himte. Guyyaa Arraa Geema Guddaa Beellamaan taphatuuf turte. Tahullee Injifatamuun Baate. Baayyina Ummata Oromo 23k oliin daawwatamte.

Fatihaan Harmee ishee baayyee jaalatti turte. Harmeen ishee Hawwii guddaan Cidha Intala ishee Fatihaa Eeggataa Turtullee,Tan Rabbii Qabnaan,Gammachuu intala ishee Osoo hin argin Gama Fuula Rabbii deemte. Hawwiin Harmee kiyyaa Anaa Beelloo uffatee,Abbaa Warraa Kiyya Waliin Dhaabatu arguudha ture tan jette Fatihaan, Osoo Ani Hin Heerumin Waan Boqotteef Beelloo Kana Guyyaa Cidha Kiyyaa Hin Uffadhu,Har’aantanan Uffadha Jechuun Aadde Fatihaan Yaada ishee ibsatte.

Aadde Fatihaan Beelloo Uffattee geema taphatte

Hireen Qooda Rabbiiti. Duutis murtii Rabbiiti. Guyyaan Hawwii Harmee Fatihaa Guutamee arguu dhabuu ishetti Kan Gaddite Fatihaan,Yoo Rabbi jedhee Heerumte garuu,Guyyaa Cidha ishee kana Beelloo Akka Hin Uffanne Himuun,Guyyaa Sana Uffaturra Arran Uffadhe Jechuun Yaada Ishee ibsatte. Gama Biraatin Fatihaan Akka Namoota Garii injifatamtellee Gammachuudhaan Hawaasa ishee waliin Seeqqachaa dabarsite. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Mohammed Bin Aljaziiraan Kennaa Jaalatee Shawaa galuuf Qophaahaara fakkaata.

Sagantaa Bashannansiisaa Guyyaa Yaadannoo Hacaaluu Hundeessaa Sababeeffachuun Mohammed Bin Aljaziiraan Qopheesse Kanarratti Kennaan Afeeramtee seenete. Maaltu taheree? Saadamis Waldhaansoo Seenuun Maammee ija babaasisee Koflaan Ummata Bashannanaiise.

Suuraan Mohammed Binu Aljaziiraa,Aade Kennaa fi Saadaami

Maammeen Afaan Arabaatin Qabaa gadi nadhiisaa jechuun Fokkoraa bule. Afaan Arabaa Kan warra Kalaamu suuqi jedhan kun nuuf galuu baatus garuu Afaan Quraanni Rabbii Ittiin Buufame waan taheef,Guutullee tahuu baattu Muraasa Hubachuun Nun Rakkifne. Qaa jennee gurra bannee Mohammed Yookaan Maammee Jedhamuun Kan Ummanni Waamu kanaaf Gurra liqeessinee dhaggeeffatuu itti fufne.

Maammee Atiin kuni Yoom fuuta jechuun Gaafiin Maammeedhaaf dhihaatuu erga jalqabee bubbuleera. Maammeen Akka Waan Uffanni Aadaa Oromoota shawaa kan Inni Uffatee,Ittiin bareedee dhufe kuni Onnachiisee tokkotti Of jajjabeessaatuma Kennaa Afeerratee,Mataa Lafaan gahee Kotaasisuuf tattaafata. Dubbiin Xiiqiis ni fakkaatti, tahullee garuu Maammee fi Kennaa Haasaha Oowwifatan,Saadam Calaw jechuun Gastii Maammee lixee,Haasahaan Jara Lafatti qabe.

Maammeen Guzoo jaalalaatif Jimmarraa Ka’ee Gara Shawaa Miilaan Imaluuf Kennaa waliin Shukshuktaa keessa jira. Saadaamis dhufee Waldhaansoo eegale funny Ethiopian Oromo Comedy Jaalalaa

Saadaam Gaafii Maammeen Oromoon Bakka Garagaraa Jiraatu,fakkeenyaaf Jimmi Shawaa fuuchuu qaba,Shawaan Harargee Arsii fi k.k.f fuchuun firooma Jabeessaa Gandummaa dhiphisuun Barbaachisaadha. Anis Kanaafin Gama Shawaa kana gadi ilaalaa jiraa Maal jettan Jechuun Kajeellaa Kennarraa qabu kanaaf gaafi Ummataaf dhiheesse. Saadaamis kana deebisuuf ture,kan Gastii Maammee lixeef.

Tahullee garuu saadaam Faallaa Gaafi Maammee goree,waldhaansoo Maammeen qabe. Ishee anaatu jaalataa,Ati Tanuma Biraa Barbaadadhu waan jettu Afaan Saadamirraa kan Dhagahe maammeen,Ija Babaasun Akka Waan Nama Qama’ee dhamahee tahe. Daranuu Kan Maammee Ija babaasise deebii kennarraa dhagaheedha. Kiw jechuun ammagaa,Jimmi Shawaa itti fakkaachun ammagaa 😂 baayyee Nama Booharsuu qofa Osoo hin tahin ergaa bareeda Ofkeessaa qaba waan taheefuu Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Haasaha Haadha Warraa Artist Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damissee Sirna Hacaaluu Award Irratti Taasifte

Yaadannoo Waraagama Artst Hundeessaa Sababeeffachuun,Waggaa Waggaan Sirni Badhaasa Hacaaluu Award Jedhu Waggaa Dabre Jalqabamuun Kan Yaadatamuudha.

Haasaha Aadde Faantuu Damisso Sirna Badhaasa Hacaaluu(Hacaaluu Award) Irratti Taasifte

Sirna Badhaasa Hacaaluu Award Waggaa waggaan Kan Gaggeeffamu yemmuu tahu,Yaadannoo Wareegama Artist #Hacaaluu Hundeessaa Waggaa sadaffaa Kanarratti Sirni Badhaasa Hacaaluu Waggaa Lammaffaa Haala Hoo’aa Taheen Gaggeeffamaa jira. Sirnicha Kanarratti Haasaha Haati Warraa Artist Hacaaluu Aadde #Faantuu Damissee Taasisaniiru.

Haasaha Haadha Warraa Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damissoo Sirna Badhaasa Hacaaluu Irratti taasifte

Haati Warraa Artist Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuun Waa’ee Faundeeshinii Hacaaluu,Kan Cichoominaan Irratti Hojjataa Jituu kanallee Yaadachiisuun,Hojiiwwan Boonsaa Bara Kana keessa Hojjataa baates dubbattee,Fawundeeshii kana Ummanni Oromo Baldhaan jajjabeessuu Akka qabus Gaafattee jirti. Haasaha Aadde faantuu Guutuu isaa Olirra Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Saalim Makii Raachuu Harkaa Fuudhuf? Haati Faaxee Hamzaa Himatte

Saalim Omer Makii Natti Fuutan Malee Jechuun Manguddummaa Ergate😂 Eessatti ergate? Makii Oro Maal jettee? Haati Faaxee Hamzarraa Hafuu dadhabdee Himatte

Suuraan Haadha Faaxee,Hamzaa,Ashittii,Makii Oro,Raachuu fi Saalim Omer jedhamu

Haati Faaxee Hamzaan Sababa Ishee dhiisef yookaan Sababa Hamzaadhaaf hayyamteefii Akka Hamzaan Aadde Ahittii Irratti Jaalatu gootef,hoggaa Himtu Koflaan Garaa Nama Bilcheessiti. Ofii Hamzaa Dhaggeeffatee kofluu malee Homaa Hin dubbatu fakkaata. Tahullee Warri Haati Faaxee Itti Himatte Deebii kennaa fi jiran. Gama Biraatin obbo Saalim Omer Aadde Makfiraa Muniwar Akka Fuudhuf karoorfate hime. Makiin Nama Maqaan Qubee S irraa ka’u Mormarra Gidhachuun Shakkii Uumte.

Takka Jedhanii Lama Jedhan jedhama. Akka Obbo Saalim Omer Jedhutti Makii Oro Waliin Jinjanaarra Akka turan Hima. Tahullee Garuu Makiin Raachuun,Akka Hiriyaa Ishee gammachiisu tahe Naaf Himte Malee,Akka Dhimma Jaalalaatif Raachuu Hin Barbaadin Himte jechuun,Akka Isa Jaalattee,bultiif Barbaadduu Qabatamatti Isherraa Dhagahullee baadhu garuu Beekeera jechuun hima.

Funny Ethiopian Oromo Comedy. Saalim Omer Makii Oro Fuudhuf Gaafata. Haati Faaxee Hamzaa Himataa jirti.

Dhimma Kana Haati Faaxee Kan Obbo Saalim Itti Ergatee,Akka Dubbii fixuuf Gaafate Raachuu Malee Saalim Baadoon Baafte. Dubbiin Haadha Faaxee Dhibde Ati Moluudha. Diyaaspooraa tahuu kee waliin Akka Raachuun Makii Gammachiisetti Hin Gammachiifne jechuun,Komii Afaanif Funyaan Hin qabne Saalimirratti Dhiheessite. Kuni Komii Tahuu Hin Dandahu jechuun Afaanitti Qabaa jiran.

Haati Faaxe waan beeytu qabdi,dubbii ifatti baasurraa ofqusatteetti. Kanaan Dura Makii Oro Nama Moluu qabu Akka Hin jaalanne Dubbattullee garuu Amma Dhimmichi Dhimma Diyaaspooraati waan jettu fakkaatti. Yoo dhugaa kan tahu tahe. Obbo Saalim Omer Moluu tahullee Rifeensa Magarsaan jira Hin yaadinaa Abdii jedhu Tuttuqee dubbata. maraafuu Tiruun dhawaatuma bultuun Dhakaa Taati jedha Makmaaksi Oromo. Itti dhufnee Agarra. Kuni Tapha Tahuu hubachuun Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Fayidaan Qayyaa Maali? Waan agarre Hunda Hin dubbannu jette jedhan Booliti Qayyaa

Kanaan Dura Dhimma Qayyaa fi Faayidaa Qayyachuu Irratti Maxxansa Gabaabaa Asii Gadii kana Isiniif Maxxansinee turre. Guyyaa Arraa Dhimma Qayyaa Kana Ilaalchisaa Haadha Faaxee fi Obbo Asliin Waan Nubiraan gahan Qaban Viidiyoo gabaabaa Kana Asii gadii dhaggeeffadhaa.

Faayidaa Qayyaa Qayyachuu fi Akkaataa Ittiin Qayyatan Irratti Haati Faaxee Maal Jetti? Obbo Aslii Mohammed waliin Turtii Gabaabaa Taasisan.

Akkuma Viidiyoo kana Dhaggeeffattaniin Maxxansa Gadii Kana Akka Dubbiftaniifi Linkii Viidiyoo Dhimma Qayyaa Ilaallatu Facebook keenyarra maxxansinee turre Tuquun Dhaggeeffatuu dandeessu.

Makmaaksa Boolliti Qayyaa Waan Agarre hunda Hin dubbannu jette sana eenutu beeka? Fayidaan Qayyaa Maali?

Faayidaan Qayyaa Maali jechuun Gaafi Ashittiin gaafatteef Deebii Kennamedha

Linkii Gadirraa Agartan Kanaan faayidaa Qayyaa Kan Gaafatamte Obboleettiin teenya,deebii Ashuttiin gaafatteef deebii kennuun eegalti. Shamarran Qayyatuu qaban tan Heerumte qofa akkan tahin himti. Shamarran Qayyatuun Sababa Barbaachiseef Keessaa Tokko👇 Viidiyoo irraa linkii kanaan Dhaggeeffadhaa https://fb.watch/lkd1V-E3Pc/?mibextid=j8LeHn

Fayidaan Qayyaa tokkoffaa,Bara Durii keessa Shittoo fi Meekaappiileen Waan hin Jirreef shamarran Qayya qayyatuun,Abbaa Warraa Isaanitiif Urgaahan. Fayidaan Qayyaa,Qaama Isaanii Bareechuu,Lallaaffisuun,Akka Abbaa Warraa Hawwatu taasisa jetti.

Fayidaan Qayyaa Inni Lammaffaan Ammoo Shamarran Muraasni Kan Uumamaan,Dhangalaa’aan Qaama Isaanirra Bahuutu jira,Dhangala’aa san Akka Abbaan Warraa,isaanii Sababa Sanii Hin Jibbineef Akka Qoorsu taasisa jechuun deebifti.

Fayidaan Qayyaa Inni Sadaffaan Shamarri takka Yeroo Ilmoo Dahatte Jiidha Ammaaf Amma Qaama isheerratti Muldhatu qoorsuuf,maloota Aadaa Keessaa Kan Qayya Jedhamu kanatti akka Fayyadamaa turan Himuu fi Shamarri Dahatte Mudhii dhukkubufaa Akka Irraa Fayyisu himti.

Funny Aslii Fi Haadha Faaxee Dhimma Qayyaa fi Faayidaa Qayyachuu ilaalchisanii

Fayidaan Qayyaa Inni Afraffaan,Shamarri Yeroo Qorri dhahe,maloota Aadaa Kanaan Akka Qayyatanii Dhukkubbii Irraa Of ittisan dubbatti. Guutuu Haasaha Isaanii Linkii Olirra Isiniif kaahen Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Gareen Ijaaramtee Accownt Tiktok Makii Oro report gochuun Guban maalifi?

Makii Oro Yeroo Baayyee Ni qoosti,Ni Taphatti Malee Hamtuu Namaaf Akka Hin qabne ani itti dhiheenyaan beeka.

Tiktok Makii Oro Garee Jaaramteen Akka Report tahe Mirkaneeffanneerra.

Garee Jibba Malee Jaalala hin beeyneen accowntiin Makii Oro Akka Reporti tahe Viidiyoolee Ishee jalaa Warri Tiktok kaasanirraa Hubanneerra. Video Warri Tiktok Remove godhan,Vediyoo Sirbaa (Music video’s) Walitti dhaabanii,report gochuun Akkawaan Makiin Seera Tiktok cabsitetti Report godhan.

Haa tahuu garuu Carraa Iyyata itti galchuun Warra Tiktok itti beeysiftu waan hin kenniniif Karaa Biraatin Yookaan Karaa Emailii Gargaarsaaf Tiktok kaaheen Feedback itti erguuf Yaalii Godhameen,Warra Tiktok qunnamuuf yaalleerra. Carraa Kanaan Yoo Hin deebisin Karaalee Hedduudhaan Iyyata Galfatuu Akka Yaada Qabdu Makiin Himteetti. Yoo dadhabame Ummanni Akka Irratti Hirmaatun Gargaaruun,feedback Galchuu qabdan Yaada isiniif qooddee jirti.

Account makii Oro Guruppiin jaaramanii Qilleensarraa buusaniiru.

Makii Oro Kana Dura Account Baayyee Jalaa Gubaa turan. Tahullee accownt kana Gubuu dadhabuun,Hanga Ammaa Osoo hin gubin tureera. Makiin Guyyaa Muraasa dura,maqaa ishee makii Oro ❤️💚❤️ jechuun Jijirtee turte. Sababa kanarraa wahi gubanii kan jedhus,Yaada Namoota Muraasati. Hundaafuu Wanta irra gahame Hordofnee Isin Hirmaachifna Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa

Makii fi Raachuu kutaa 37ffaa

Makii Oro fi Raachuu Kutaa 37ffaa kanaan Waan addaa agartu. Erga yeroo dheeraa Addaan Fagaatan booda dheebuu Jaalalaa Walirraa habbuuqqataa jiran.

Makii Oro fi Raachuu kutaa 37ffaa

Makii Oro Tan Qalbiin Bakka Kuma Takkatti Facaatu,Erga Nama Biraa Janajanuu eegalte bubbultee jirti. Eenyu Janajjanaa jirti kan jedhu Rabbi Haa beeku. Ofii isheetu Raachurraa Fagaate. Hoggaa Dhiira Janajjantuun Fuula walitti guurte qofa,Raachuu Barbaada Darsa facaasaa fiiydi. Yaada Komantii Isheefi Raachuu Jalaa Agarreedha.

Wanti Tahe maali? Makiin Mansuur Janajjanaa jirti,jechuudhaan Namoonni Yaada garagaraa katabanis ni jiran. Tahullee garuu Makiin xawalwaallee,qalbiin dhiira tokko waliin Jiraachuu hin dandeenyedha,jechuun Namni Giftara ishee ture tokko Mana Biraa jalatti yeroo katabu Komantii argeen Taajjabe. Isas janajjantee Dhiiftee laata shakkii jedhu nakeessatti uume.

Tapha Jaalalaa Makii Oro fi Raachuu kutaa 37ffaa Kanaan Tap Tap waliif godhaa jiran

Raachunis Ka Abidda Nyaatee Bishaan tufuudha. Dhalaa Takkaa waliin Jiraatuu Yookaan Yeroo hunda Itti fufuu hin dandahu. Yeroo Makiin Hin jirres,dhalaa Gurraattii fi diimtuun,Adii fi Daalattiin takka Isa jala dabartu. Hunda ishee Walirratti Qabee nyaatu fedha.

Akka maraafuu Kuni Tapha Malee Dhugaa miti. Namoonni Akka Horiitti yaaddan Keessaafuu,Namoonni Hojiin qabne,kanneen jaalallee Keessaan Tapha Kanatti Obsuuf Yeroo hunda Makii Raachuu jechaa ooltan,Akka Waan dhugaa tahetti Bakka Hunda Deemtanii,Raachuu Makii jechaa hin Oolinaa. Ijoolleen Tooftaa Sadaqaa ittiin nyaatan waan baratteef Akka waan wal jaalatanii fakkeessuun,Horii Biyya Ameerikaa fi Kanadaa Jiru Harakaa Birrii Nyaataa jiran. Dhugaan jirtus kanuma. Wanti Addaa tokkolleen hin jiru. Dhumatte. Duraanuu Nama Dhugaa Isinitti himu Hin jaalattanii,waan feetan naan jedhaa. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Jafar Tapha Hin Beeku Ashuttii Ummata Duratti Hicciticha Dhodhooseef

Ashuttiin Jaafariif Waadaa Jabaa seenteef. Jaafar Comedy Kan Jedhamuun Beekamu,Hanga Arraa Obsaan eegaa ture.

Suuraan Jaafar Comedy,Ashuttii fi Hamzaadha

Ashuttiin Waadaa Jaafariif Seenten Biyyatti Galanii Akka wal fuudhuf turan Amante. Jaafar Garuu Hanga Ammaa Obsaan Eegaa ture. Jaalala Keenya Dhandhamanna,Ilma Argachuuf Waadaa Naaf seente,sanaaf Hamma Ammaa Sin eegaa jira. Ati Ammoo Asirraa Kan Biraa Waliin Taphatta jechuun Dhossaa Jiru Livirratti diigef.

Hubadhu,Kuni Tapha. Garuu Tapha Dhugaa Dhokatte Ofkeessaa qabuudha. Hamzaan Haadha Faaxee,dhiisee Ashuttiin erga Duddibattee Gamtaa Sadaqaattii dabalamtee,Amma Torbee muraasa lakkoofsifteetti.

Ashuttiin Waada Jafar Comedy nyaatte. Amma Hamzaa Jala kutte. Jaafar Hiciticha dhodhoosee

Hamzaan Haadha Faaxee waliin Maqaan Yaamamu,Lafa Warra Harargee guutumatti Qabsiisuun,Ashuttii Akka gabbaruuf jiru,waada galeef. Ashuttiinis,Dhimmicha Dhuguma seete. Lafa Harargee dhabu,Hamzaa Hin dhabu Abdii jedhu qabdi. Arra Jaffeen,Waada koo eessa kuchiifteti,kan Asirraa Hamzaadhaan Sin jaaladha jettuuf,jechuudhaan Ashuttii Hudhee qabe.

Ashuttiin Akkam taatiree,dhugaa jirtu Ummatatti Himuun Biyya Afaan qabachiifti. Dhumarra Mee dhimmicha kana Keessaan haa goolabnuu jechuun,Jaaffeen Haasaha Karaatti Akka Muran Taasise. Taphani isaanii Ummata Baayyee hawwatuun,Haa jechisiisee,Akka Qaruuraa xajjiin irraa dhugametti Afaan Bansisiise. taphattoonni Hundi,warra Leenjii Draamaa hojjachuu qaban fakkaatti. Maraafuu Linkii Olirra jiruun Tapha isaanii Dhaggeeffadhaa Ittiin Booharaa,yaada keessanis Nuuf katabaa isiniin jenna. Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Dubbii Lukkuu Gurraattii Ajandaa Miidiyaa Hawaasummaa tahe.

Magaalaa Mojoo Keessatti Taateen Kuni kan tahe. Baayyee Namootaatif Ajaa’iba tahullee Warri Hojiin Isaanii Kana tahe ammoo Gadda keessa jiru.

Magaalaa Mojoo Keessatti Namoonni Osoo Lukkuu Gurraattii Qalanii Awwaaluf jedhan qabaman

Abbaa Amantii Tokkoo fi Dargaggoon tokko Magaalaa Finfinnee irraa,Ganama Subiin Konkolaataa Kaafatanii,Gara Magaalaa Mojoo Imaluu Eegalan. Essatti deematan,Maalin deemtan,Maal gochuuf deemtan Jedhee Namni Oduu isaanii qoratee beeku hin jiru ture.

Itti guutamte arra jedhee,Kan Yaada Garagaraatin Dhimma Jara kanaa Kaasu Ammoo Dudda feesbuukii,Magaalaa Lukkuu Gurraattii fakkeessan. Balaan Buute maali jarana,jedhee kan dubbii kana hin hubatin,Akkuma feesbuukii isaa seenen Dachii Lukkuu Gurraacha qofa taate argee baarages numa Jira.

Kaw jechuun ammagaa!! Kaw goonaf mojoon dhufne,Nutti Guutamnaan Mataa lafatti fixnee Hawaasaan Arrabfamaa jirra Waan jedhan fakkaatan hoggaa,Mataa Lafaan gahanii,Akkawaan Miskiina Namaaf Nahu fakkaatutti ummata gidduu deeman.

Maaltu Tahe seetan! Abbaan Amantii Kunii fi dargaggeessi kuni,akkuma Finfinnee irraa Magaala Mojoo seenaniin,Magaaladhaan Marsaa erga turanii booda,Lukkuu fuudhanii Naannahaanii oolan tana Boolla Qotanii Awwaluf Osoo yaalan qabaman. Akkatuma Olirraa Agartan kanaan Qabamuu Isaanii Poolisiin Magaala Mojoo Mirkaneessuun Warra BBC Afaan Oromootif Himeera.

Iddoon Isaan Boolla Qotanii Itti Awwaluf turan ammoo,Daranuu Namoota Aarse. Naannawa Mana Baruumsa Imala Boruu Sadarkaa 2ffaatti boolla qotanii Osoo Awwaaluf Yaalan qabaman. Ajab Dubbii Warra Xonqolaa,warri jedhee Dhimmicha Kana Akka Funny tahetti irraa haasahus Lafa guute.

Ofii Lukkuu Gurraattii kana Maal Ittiin Dhamaaauf Qalanii Awwaluf turan? Jedhee kan Gaafi kana gaafatus baayyeedha. Kan deebii kennus Ni jira. Yeroo Shira wahii shiruu barbaadan,Lukkuu Gurraattii Kana Qalanii,Mana Namaa irratti darban,Mana Namaa Jala kaahan,yookaan Hulaa Namaa Jalatti darbamaa Akka ture,Namoonni Waan akkanaa kanaan dura argan Yaada kaasun dubbataa jiran.

Arra Shirri isaanii Suni Isaanumatti deebi’inna. Nama dhiba dubbiin Bara kanaa. Maal gochuu barbaadan laata? Ee magan Baguma Rabbiin Salphise. Kan Hamtuu Namatti Yaadu,Ni tura malee Guyyaa tokko Inuma Qabama. Isin Yaanni keessan maali? Maalif Lukkuun Gurraattiin Haala kanaan qalamee Awwalama jettan? Oromoon Waan akkanaa Hin Beeku warra Oromotti yaadutu,Silii fi silata gochaa akkanaa kana Oromorratti Hojjataa ture. Ammalle Namoota wanta akkanaa Kana Hojjatu Jala Hojjadhaa,Mootummaaf saaxilaan dhaamsa keenya. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia