Hawwiin Anaaf Imaanaadha jechuun Waa’ee Haadha Manaa isaa Nasri Aanolee himeera.

Nasrii Aanolee Waa’ee Haadha Manaa Isaa Aadde Hawwii Yeroo dubbatuu fi dinqisiifatu.

Dubartiin Imaanaa Akka Tahe Rabbiitu Nuuf Dhaame. Haadha warraa Obbo Nasrii Aanolee Ilaalchisee Namoota Ololuuf deebii Kennuun kan eegale Nasrii Aanolee,Hawwiin Isaaf Imaanaa Akka taate himeera.

Yeroo Baayyee Jireenya Haadha Warraa Nasrii Kan Osoo Nasriin Hin Fuudhin Duraa Kaasuun,Ololli Irratti Oofamaa Tureera. Haatahuu Malee Nasrii Aanolee Guyyaa Tokkos dhimmicha kanarraa Hin dubbanne jechuun,Namoota Bultii Namaa Diiguuf Halkanii Guyyaa Hojjataniif Deebii Kenneera.

Haati Warraa koo Aadde Hawwiin Anaaf Imaanaadha jedhe Obbo Nasrii Aanolee

Nasriin Haadha Manaa Isaa Aadde Hawwiin Dubartii Jabduu Rabbiin Na Badhaasedha Jechuun,Waa’ee Jabina Ishee fi Obsa Ishee Hoggaa Himu,Ummata Qalbii dhaabe. Namoonni Haadha Warraa Qaban Akka Jaalatuu qabaniif Jechi isaa Kuni Onnee Namootaa Seene.

Hawwiin Shamarree Oromo,Dhalattuu Iluu Abbaa Boor Hoggaa taatu,Namoonni Yoo Akka Tasaa Ani Waa balleesses,Gara ishee fiiguun Isherratti Duulan jedhee,Ani Sababa Isin Ishee xiqqeessitaniif Tasuma Jaalala Ani Isheef qabu Xiqqeessuu hin dandeessan Jechuudhanis Jala muree dhaameefi jira.

Dhumarrattis Obbo Nasriin Onnerraa Haadha Warraa isaa Akka jaalatu himuun,Osoo Shamarran Kumaatamaan dhufanii Na kadhatanii Bakka Hawwiin Onnee kiyya keessaa qabdu seenuu Hin dandahan jechuun,Jaalala Hawiif qabu Himee,Hawwiin Imaanaa Ustaazota Oromoo Ishee itti fuudhanii Akka Isarra jirus Himeera. Maashaa Allah Umrii waliin dheeradhaa. Mee isin Maal jettan yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Baga Gammaddan Hamzaa Fi Ashittii

Hojiin Rabbii Nama Ajaa’iba. Namni Amane Hin Jiru. Gamaaf Gamasii Waca Bayyatu malee dhugaa ni taha jedhee Namni Yaadu Muraasa. Rabbii Oltahe Galatoomfachaa Namoota Duuba Jaraa Dhaabachuun Haala Tolchaafi jiran Hundaan Galatoomaa Jenna.

Hamzaa Fi Ashiita Baga Gammaddan Congratulation

Akkuma Taphaatti Eegalanii Tapha Jaalalaa Waliin Taphatuu Kan Eegalan Aadde Ashiitee fi Obbo Hamzaan Amma Gama Nikaa Hidhachuu Fuulleffatan. Viidiyoo Gadirraa Agartan Kana Irratti Haalli Isaanii Baayyee Jijjiirame. Taphni Isaanii Mararfattootafi Jaalattoota Isaanii Hawwate. Tahullee Garuu Namoonni Isaan Kana Walbiratti Arguu Hin Jaalanne Akkuma Fuula Guuranitti Itti fufuun,Duula eegalan. Viidiyoo Lammaffaa Kanuma Gama Gadii Jiru Jalatti Murtee dhumaa fi dhugaa Jirtu Ashittiin Takka Takkaan Ummataaf Ifa Taasiftee Akka Hamzaa Filatte himte.

Tapha Ashittii Fi Hamzaa Kan Namoota Garii Mufachiisun Jaalattoota Isaanii Gammachise Isaanii

Taphni Isaanii Kan Miira Jaalalaa Keessatti wal agarsiisan kuni,Namoota Garitti Bowwoo Mataa tahe. Gareen Jaaramanii Hamzaa fi Ashitti Addaan Baasuuf,Tiktok Hamzaa fi Duula Arrabsoo fi Maqa balleessii Gareen Oofuu eegalte,Vediyoo kana Isaan jala taa’uun Dhaggeeffatan. Baayyee aaranii Duula Addaan Jara Fageessuu kan eegalan Itti fufuuf Jechootaan Darbatuu fi Accownt Hamzaa Cufsiisuuf Baayyee Laffa’an.

Laffaatii Isaanii Kana Tan Agarte Ashittiin Dhiisaa Hin Laffa’inaa Jechuun,Kaayyoo isaanii Ifatti Baasuun Akka Hamzaa Filattee Jirtu Himte.

Aadde Ashittiin Murtee Ishee Beeksifte. Hamzaa Akka Filatte Ummataaf Ifa Goote.

Jaalalti Kennaadha. Jaalalti Miidhagina. Jaalalti Qabeenya.Jaalalti Gaafa Dhugaa Tahee wal fuudhan Ammoo Hunda Caalaa,Barakaa fi Bareedina akkasuma Jabinaa fi Ulfinas Namaaf Hora. Obbo Hamzaa Fi Aadde Ashittiin Akka Taphaatti Jaalala Waliin eegalan,Amma Murtii dhumaa Irra Gahuun Gara Abbaa Warraa fi Haadha warraatti Tarkaanfatuuf Nikaa Godhachuuf,Imalarratti Argaman.

Wanti Jennu Baayyeen Osoo Jiruu Garuu Jette jettee fi Ololtoota Hamzaa fi Ashittii Gargar Baasuf Rakkataa Turaniin,Ammatti Homaa Jechuu Hin Barbaannu. Yaadadhaa Sheeyxaanni Akkuma Isaan Akkanatti Fakkeessanii Tiktok irraa wacan Fedha malee Akka Isaan Waliin Bultii Jaaran hin fedhu. Kanaafuu Baga Rabbiin Sadarkaa Amma Irra Jiran Kanaan Isaan gahe hoggaa Jennu Onnee qulqulluu fi Jaalala waliini. Congratulation Hamzaa fi Ashittii ❤️ Mee Isinis yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Shamarran Bara kanaa Maaltu Akkanatti Balleesse? Gorsa Gabaabaa

Shamarran Oromo Oljedhee Ija keessa Nama Ilaaluu Hin dandahan turan.

Gorsa Gabaabaa Shamarran Oromo Miidiyaatif

Oromoon Aadaa qaba. Safuu beeka. Keessaafuu shamarran oromo Wanta Biraa dhiisaatii Nyaata Nyaataatuu,Miidiyaa Irratti Mitii Karaa Irratti Nyaata Tahe wahii nyaachaa deemuun Safuu Akka tahetti beekama. kanaaf Hedduu Saalfatu. Kabajaa isaanii Eeguun Jiraatu turan. Bara kana Wanti Argaa jirru Gurra Nama Duuchee,Ija Nama Hogaaga.

Safuun Bara Durii dagatame. Waaree salphinaa uffanne. Shamarri Takka Ija Soogiddaan dhiqattee,waan Dhiirri jechuu sodaatu Miidiyaa Irratti Akka Waan Aadaa tahetti dubbatuu eegaluun,Kuni Alaamaa qiyaamaati.

Shamarran Oromo Miidiyaa irraa safuu dagatanii Wanta Dubbataa jiraniif Gorsa gabaabaa

Shamarran Suur-sagalee Armaan Olii keessatti Agartan tunneen,Safuu beekuu mitii,Bakka Safuun Bule waan bulan hin fakkaatu. Shamarran Muslimaa mitii,warri Adiituu Wanta Akkanaa Miidiyaa Irratti Ni dubbatan yoo jenne waan sobne hin seenu.

Shamarran keenya Kan Safuu Dagatee,Rabbi sodaa dhiisee,Miidiyaa Irratti Wanta Fokkuu,akkaataa Abbaan Warraa Ittiin Haadha warraa gammachiisuu qaban fi Wantoota Gurraan dhagahuun Namatti Ulfaatu dubbatuun Baayyee Namootaa Boochisanii,Qaanfachiisanii Akkam jedhanii Akka irraa itti dubatanillee Ummata Wallaalchisan.

Maammee dabalatee Namoonni Viidiyoo asiin Olii keessatti agartan Dhimma Kanarraa Gorsa kennaafi jiran. Rabbiin Safuu keenya Isa ganamaatti Nuhaa deebisu. Rabbiin Isaanis Haa qajeelchu Jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Kennaan Asuu Barsiiftee Boochifte. Shamarran Akkanatti Bareedan

Naamusa Yookaan Haalaaf Amalli Bareedina Shamarraniiti. Kennaafi Asuun Harkaan Iimaanaa fi Harkaana Islaamaa Irraa Wal gaafatan. Asuun Deebisuu sodaatte

Gaafii Kennaan Gaafatteef Asuun Harkaan Islaamaa Deebisuuf Yaalte

Kennaa jechuun Shamara Dhiheenya Gara Amanataa Islaamaa Dhufteedha. Asuun Garuu Amantaa Islaamaa Keessatti dhalattee guddatte. Harkaana Islaamaa fi Harkaana Islaamaatis joollummatti Baratte. Haala Amma Keessa jiruun garuu Hundumaa Dagatullee baattu,Akkaataa isaa Yookaan Tartiiba isaa narraa bada jechuun,Ummanni Viidiyoo na marata jettee Akka Kennaan Baraiiftu gaafatte.

Kennaan garuu Humaa Hin sodaatin,Waanuma beeyturraa Himi Jechuun Asuudhaaf Gorsa kennite. Gorsa kanaanis Nuti Yoo Of yaadannee Amantaa jeenyaaf yeroo kenninee Hin Baranne Booda Rakkoo Nutti taha jechuun,Akka Baratuu qaban Himteef. Asuun Wanti Kennaan Gorsaa jirtu kuni dhugaa Akka tahe amanuun Gorsa ishee kana Arra irraa jalqabee Hojirra Akka Oolchitu Himteef. Harkaana islaamaa fi Iimaanaa Deebiftee Asuun? Jalarraa dubbisaa

Kennaan Asuu Harkaana Iimaanaa fi Harkaana islaamaa barsiisuun boochifte.

Gaafi Kennaan Gaafatte Tan Harkaana Islaamaa Asuun Deebisuuf Osoo Hin yaalin Akka Kennaan Barsiisuu qabdu Gaafatte. Kennaanis akkana jechuun Itti Himuu eegalte Harkaanni Islaamaa Shani. 1, Rabbiin Malee Rabbiin Biraa Hin Jiru Mohammed Ergamaa Rabbii tahuu. 2,Salaata Salaatuu. 3, Soomana Soomanuu 4,Zakaa Baafatuu fi 5, Namni Dandahe Hajjii Godhuu Akka tahe himteef.

Itti dabaluunis Harkaanni Iimaanaa Akka Jaha tahe himtee fi Kan Duraa 1,Rabbii Tokkichatti Amanuu. 2, Maleeykota Rabbiitti Amanuu (Isaan Maleeykota Tahuu dhugoomsuu) 3, Kitaabban Isaatti Amanuu(Kitaabban Rabbii Rabbuma Biraa Buufame jettee dhugoomsun itti Amanuu) 4,Ergamtoota Rabbii Isaan Ergamtoota Rabbiiti Jettee beekuun itti Amanuu. 5, Guyyaa Aakiratti Amanuu (Guyyaan Aakiraa Yookaan Qiyaamaan dhugaa tahuu Amanuu). 6, Hamtuu fi Keeyrii yookaan Toltuunis Rabbumarraa Akka taatu beekuun Amanuu Kana Jechuun Duuti Rabbii biraa tahuu fi Qadarris Rabbuma Biraa Tahuu Beekuun Amanuu Akka tahe Kennaan Asuudhaaf himte.

Asuunis Wanti Kennaan Gorsite fi baraiifte Kuni Dhugaa Tahuu fi Joollummaattii Akka Barattee turte hinteef. Tahullee Amma Sheeyxaanni Akka hedduu ishee dage himuun,Kana Booda garuu Akka Hin Dogongore Nutti Himteetti. Caalatti Baratuuf Akka jirtus dubbatte. Hundaafuu Olirra vediyoo Guutuu Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Kiyaar bashiir Hinaaffatu Boochisa malee jaalala miti Jedhan Ashittii fi Hamzaa

Tapha Arra Obbo Kiyaar Bashiir fi Ashitti Gidduu kana Ilaalee Bishaan Litira digdama dhuge,jechuun Hamzaatti Qoosamaa jira.

Taphni Obbo Kiyaar Bashiir fi Ashittii gidduu Hamzaa Aarsuu hin oolle

Ashittiin Akkuma Jette Hijaa Hamzaa kan dhihoo kanaa bahachaa jirti jedhan Namoonni Yaada kennatan. Kiyaar Bashiir Haruu Miira Hinaaffaatin Waan guutame fakkaata. Ashittiin Osoo Nuti Asuma jirruu Tasuma Kaayroo deemtee Hamzaatti Heerumuu Hin qabdu Jechuun Ashittiin Akka Isa heerumuu qabdu Gaafata. Tahullee deebii Ashittirraa hin arganne.

Dila Ani Asuma sibira ture kana maalif Guyyaa tokko sitti muldhatuu dhabe jechuun,Kiyaarif gaafi tan dhiheessite Ashittiin,Taphni Akka kanaa Nabiratti Hin hojjatu jechuun Jala Murtee itti himte. Tahullee Kiyaar Abdii Muratuu dide. Akka ashittii bashannansiisuu barbaadu himeefi jira. Garuu Ashittiin No jettee jirti. Maaltu Hamzaa Aarsuu danda’a beeytuu? Gadirraa dubbisaa

Ashittiin Hamzaan Akka Bishaan Dhugaa bulu taasifte. Kiyaar Miira Hinaaffaatin Jaalala insate

Hamzaan Tapha Isaanii Daawwataa ture. Adabbii Ashittiin dhiheessiteef Fudhachuu diduun Adabbii Salphaa tahe Akka fudhatuuf Ashittiin Kiyaarif Garaa laafummaa agarsiifte. Haa tahuu Malee Kiyaar Akka ofii fedhetti Adabbii Fudhachiisuun Hamzaan Akka aare Komantii Jalaa,Namoonni Hamzaattiin qoosaa turan.

Aaruu qofa miti Bishaan Koddaa tokkoo ol dhuge jechuunis Hamzatti qoosaa jiran. Keessaafuu Viidiyoo kana dhumarratti adabbiin Ashittiin Fudhatte Hamzaa Danfa Mataa Buufte jedhan warri gariin. Maraafuu Ashittiin Kan dhihoo aartee turte sana arra Qabbaneeffatte warri jedhus ni jira. Hundaafuu Kuni Tapha Qoosaa Ofkeessaa qabuudha. Kanaaf Akka dhugaatti Hin yaadinaa jechaa yaada qabdan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Ilmi Namaa Maalif Waa dagata? Fajirii fi Isaam Kijibaan Yeroo Kakatan

Kijibni Haraami. Taphaafis tahu Dhugaaf,Garuu Kijibuun Haraami. Shamarri Yeroo Saalfattu Waan feetellee taatu,Wanta Sana dhossuuf Kakatanii Bira dabru.

Fajirii fi Isaam Akka wal jaalatan Nutti Himanii turan. Garuu arraysobanii Kakatan

Fajirii fi Isaam Akka wal jaalatan Nutti Himanii turan. Garuu arraysobanii Kakatan. Kanaan Dura Ifatti Public Irratti Akka wal jaalatan Nutti Himanii,inumaa Fajriin Guyyaa sana Intala Biraa takkaan Isaamirratti wal lolanii,Aartee Buute. Jalqaba Suuraawwan Fajrii Histooriinirratti Guuratee Fajriin Akka Isa Jaalattu Taasise.

Fajriin Mana Isaa dhaquun,Akka Isa jaalattu Ifatti Nutti Himte. Isaamis Caalatti Akka Afaqqare Nu olka’ee hojii waliin Shururuu jechaa Nutti agarsiise. Har’a Garuu Wanti tahe sanaan ala. Duraan Najaalatti mitii jechuun Fajrii Gaafata. Fajriin Ani takkaa sin jaalanne jechuun Kaadde. Akkaatuma walfakkaataa kanaatin Namoonni Keessatti Wal janajjanus Gocha akkanaa kana walirratti raawwatuun,wal madeessee gargar baha.

Fajrii fi Isaam Yeroo Kijibaan Kakatan.

Kuni Kan Liivii Irratti Wal mararfataa turan waan taheef garuu,Akka wal sobuun kuni Hirdhatuuf Isiniif dhiheessine. Kan Nama Aarsu garuu Wal Jaalachaa turuu isaanii miti. Gaafa wal dhiisan garuu Akka waan walin jaalannetti Kakatanii Dilii hojjatuu isaaniti. Silaa Gaafa sana akka taphaatti wal jaalanne jedhanii Dubbatanii maaltu isaanin morma? Namni isaanin mormu hin jiru.

Garuu Akka Walin jaalatin Dubbatuun Kijibanii Sanuu Maqaa Rabbiitin Kakatuun isaanii,Akka waan Maqaan Rabbii Tapha tahee tokkotti,Ummata duratti Irra deddeebi’anii kakatuu isaaniti. Beey magan jedha warri keenya Waan akkanaa tanaan. Maraafuu Kakuu isaanii saniif Sadi sadi soomanuu qaban. Towbaa Deebi’uu qaban. Badii keenya Hunda Rabbiin Nuuf Haa dhiisu. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Tarree Makmaaksa Oromo Kan Shamarran Qofa Irratti Xiyyeeffatu.

Aadaa Oromoo keessatti Oromoon Haasaha Taasisu baayyinaan Makmaaksa Keessa makuun dubbii Mi’eeffata.

Tarree Makmaaksa Oromoo Shamarran Qofa Irratti xiyyeeffatu.

Makmaaksota Armaan Gadii Kana Kan Jalqabarra jiru Yaada Ummatarraa Funannedha. 👇👇👇

  • Intalli Garaa Laaftu,Garaa Qullaa Hin Heerumtu. (Abdu HD) Nuuf Barreesse.
    -Shamarranii fi Gaangee Alangaan Leenjisu. (Umar Mohammed) Nuuf Barreesse.
    -Waan Qalbiin yaaddu Dubartiin Qaayxi. (Obsinaan Ta Arsiit) Nuuf barreesse.
    -Dubartii fi Harreen Ulee Jaalatti (Hassan Waado) Nuuf Barreesse.
    -Cidha Dubartiin Feete Aannan Qodaa Hanqatu. (Sultan Hassoo) Nuuf barreesse.
    -Haadha Laali Intala Fuudhi (suudi Abdulatif) Nuuf Barreesse.
    -bareedduu fi Asheeta Bira Hin Kutan. (Shukran Ebrahim) Nuuf Barreesse.
    -Kan Waa Namaaf Hin Goone Mucaa kee Harma Guusi jetti. (Umar Kadir) Nuuf Barreesse. -Sagalin heerumee gaggaba dhiiraa hinqabuu jatte tan sagal Heerumtee Baate. (Abdallahi Ahmad) Nuuf barreesse.

-1, Durbaa fi jiboota garaa gogaa leenjisu.
2, ijaa laafettiin durbaa obolessaaf Ulfoofti.
3, Takkattii qayyannee taduraa hanqannee ykn takkaa Lukaa gubannee,
4, Akkumaa dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate.
5,sirbaaf Bayanii morma hin dhofatan jettee intalti waa hin saalfannee. Makmaaksa Shaman kana Nasruu Abdallaatu Nuuf Katabe

👉 Makmaaksota Asii gadii kana nuutu Kanneen Dhageenyee beeynu fi kanneen Bara kanaa jechuun Itti Dabale.

-Hardha hin jedhin malee Nutis dubra jette Harmalleen.

-Ni beeyta ni beeyta jennaan jaartiin sheekaa kitaaba dhiiyxe jedhan.

-Intala Of dhageesse Sirbi bade jedhan.

-An ofillee hin jennee Mucaan keessan kun fuudha gahee jette haftuun.

-Dubartii fi Udn xiqqoo hin qaban.

-Wajji dhalootarra wajji gangaloota wayya jette shamarri.

-Kumaatu na kajeela tokkumaatu na fuudha jette shamarri.

-shamarree Garaa laaftu, Obboleessaatu kajeela.

-Harmallaa Mana Boohichaa hin geessan ta ofii keessa boochi.

-Nan sirbaa fi harman dhoffadhaan walitti yaatu.

-Mindaa fi umrii shamarranii hin gaafatan.

👉Makmaaksa Bara kanaa 😂

-Ani duraan akkattin bareeda jette meekaappii dibattee.

-Jaalannee miti Kan akkas daddabnee Suuraa kaanuf jeette shamarran zabanaa.

-Dubrummaa ni qabnaa Afaan lama nun tahin Jette Shamarri zabanaa.

-Hedduun janajjanaa Tokkootu natti tola Jedhe shamarri Miseenjara keessa bultu.

-Ka nu jaalatu dhiifnee kan Nun jaalanneef boonye. Kunis Shamara zabanaa ilaallata.

-Sagal heerumanii sagalee dhiiraa baran jette Shamarri Bultiin barakatuuf diddee.

-Dubrummaa barbaannan qeeraa dhaqi jette shamarri Ija jabaattu.

-Feesbuukirraa na fuudhee Imotti na hiike jette shamarri Durriyyee janajjantee.

-Waan fedhan siin jedhanis ati anaaf goota jette shamarri Tiktok durriyyee Jaalattee😂

-An akkana sin seene jette Viidiyoo Waraabamtee.

-Kilooriksii Barbaadachuun ammagaa jette Ta durriyyeen Akkas goote.

Makmaaksota Beeytan Nuuf Katabuu hin dagatinaa

Ana Jaalatuu dura Manaa fi Konkolaataa Qabdaa jechuun Fajriin Gaafii Maammee Tuffatte

Shamarran Keenya Baayyeen Isaanii Waan yeroon isaanii isaan jala taru hin sehan. Tapha Gabaabaa Maammee fi Fajrii kanaan,Maammeen Fajrii fuchuuf gaafannaan waan deebifteef

Tapha Gabaabaa Maammee fi Fajrii gidduu tahe kanaan Shamarri Maalif Birrii jaalatu barattan

Gaafiin Ati Maalif Hin Fuutu jettu mana Keessaa Maammeedhaaf dhihaate. Maammeenis Aaree Fajrii waliin Jiru Natti Heerumi jechuun Gaafi Jaalalaa dhiheessef. Fajriin Garuu Maammeen Akka Qabeenya qabu gaafatuun,Deebisuu eegalti. Maammeen Akka Homaa hin qabne himaaf. Jaalala Qulqulluu fi Amanamummaa Isheef Akka qabaatu himuufis,Fajriin abadan jechaa jirti.

Bara Kana Keessa Namni Maallaqa Hin qabne Shamara kajeeluun Ulfaataa tahaa dhufe. Shamarran Nama Birrii qabu malee Hiyyeessa Onnee qulqulluu qaban Osoo Waan fedhellee tahee Jaalalaan wajjiin jiraatuf fedha Akka Hin qabne deebii Fajriin Maammeef kannite kanarraa hubachuun ni dandahama.

Maammeen Gaafi Jaalalaa Fajriif dhiheesse. Fajriin Nama Manaa fi Konkolaataa qabu feeti

Ani Nama Humna qabu,kan Karoora qabuudha. Ammatti Konkolaataa fi Mana ati jettu siif hin qabu. Garuu Akka ergan sifuudhe jijjiiramu abdiin qaba jennaanis,Fajriin Tasuma Hayyamuuf hin deemtu. Ani Sababni Biyyarraa Baheef Birriifi waan taheefuu Birrii yoo hin qabaanne sitti heerumuu hin dandahu jechuun Jala murtee maammeef deebii kennite.

Maammeenis Erga Akkas tahe hangan Maallaqa argadhutti,Gaafii Mammee Maalif Hin fuutu jettu Akka Nan gaafannen isiniif hima jechuun Ummata Gaafidhaan Maammee hiraarsef yaada kennata. Walumaa galatti Taphni Maammee fi Fajrii kuni Hedduu kofalchiisaa fi Ergaa guddaas Ofkeessaa qaba. Isin Maal jettan? Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Sirni Awwaalcha Obboleettii teenya Hayaat Tube Gaggeeffamee ooleera.

Hayaat Tube jedhamuun Beekamti. Biyya Yaman Keessa jiraataa turte. Guyyaa Kaleessaa Addunyarraa Godaante.

Artis Kadir Martuu Waa’ee Obboleettii teenya Hayaat Tube ilaalchisee Gorsa Nuuf kenne

Hayaat Chaaynaala Ishee kan Hayaat Tube jedhu Irratti Vediyoo baayyee dabarsuun Hawaasa Tajaajilaa turte. Viidiyoo ishee Kanneen Baayyinaan Faffaca’aa jiran keessaa,kan dhimma Masjidaa ilaalchiftee dubbattee fi Gorsa Waa’ee qadaraa fi Azalaa Irratti Dubbatteedha. Hayaat Kurnan Zulhijjaa Keessa yookaan Guyyoota Muraasa Dura Vediyoo Hojjattee turte.

Obboleettiin teenya Hayaat Biyya Yaman Keessa Maatii waliin Jiraatti turte. Akkan Haasaha Artist Kadir Martuu kanarraa Hubadhetti Balaan Tasaa Hayaat Mudate kun,Ishee Harmee ishiitif Soomana Kurna Zulhijjaa Soomanaa waan jiraniif,ishii Suhura yookaan Hiraaba Hojjatuuf,Alawaada Bakka Nyaanni Itti Hojjatamu seente Gaazni Itti Dhoohee Miidhaan Guddaan Irra Qaqqabe. Achirraa fuudhanii,Hospitaalatti Yaalarra Turte. Turtii Torbee olii booda Guyyaa Kaleessaa Addunyarraa Du’aan Boqotte. Rabbiin Badii ishii Hunda Araarameefi Jannataan Haa Qananiisu.

Sirna gaggeessaa/Awwaalcha Obboleettii teenya Hayaat fi gorsa Artist Kadiir Martuu dabarsan.

Du’aan Boqochuu Obboleettii teenya Hayaat ilaalchisee Artist Kadiir Martuun Gorsa Bareeda Hunda keenya fayyadu dabarsee jira. Rabbiin Wanta Tokko Hoggaa Fidu Ilmi Namaa Irraa Baratuu qaba jechuudhaan,hundi keenya Du’uuf jiraannaa Haa qophoonnuu jedhee gorsa laateera.

Artist Kadir Dargaggoota Keenya Miidiyaa Irratti Viidiyoo hojjatan,Kanneen shamarranii fi Dhiirotaafis Gorsa Kenne kanaan,Hojii babbareedaa malee Hojii Fofokkotaa Akka dhiifnee hin deemne jechuunis Gorsa Ajaa’ibaa hunda keenya fayyadu dabarseera. Egaa Ilmaan Oromoo Guutuu Addunyarra jirru Obboleettii teenyaaf Du’aaii godhaa isiniin jechaa. Waliifis dabarsuun Gorsa kanarraa Haa barannuun isiniin jedha Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Hadhaa Jaalala Hamzaaf Qabdu Raachutti Bahaate. Tapha Haadha Faaxee fi Raachuu

Haati Faaxee Arra Xiqqo malee Ilkumaan Raachuu Hin Nyaatini. Dubbiin Qoosaa Bira Dabarte fakkaatti. Tokko deemu tokkootu dhufa waan jedhu san Hojirra Oolchuuf kaati fakkaatti.

Suuraan Raachuu fi Haadha Faaxeeti.

Yeroo baayyee Ni qoosti,Jechootaan Darbattee Garii Kofalchiisaa Garii Madeessuun beekamti. Maqaan Ittiin Beekamtu Haadha Faaxee Yookaan Haadha Dhungoo jedhamuunis Hawaasa Biratti Yaamamti. Jidduu Kana Nyaata Nuaachuu fi Hirriba gahaas Rafaa Hin Jiru jechuun Himatti. Maaltu Maal taheen Gaafi Ummataati. Deebii kennurraa Of qusattullee,Dhukkuba keessa Ishee jiru Maqaa Hamzaa Yaamuun Irra dibaa gootee dudubbatti. Maalif Kan jedhu Gadirraa Argatuu

Gubaan Keessa isheeti muldhatu Waan Bifa Qabu fakkaata. Namoota Kana dura Jaalalaan Waxalameetu Dhimma Kana Hubata. Kuun Ammoo Ishee Gubichaan Mankaraartu kana laalee I feel Your pain jedhee itti kofla. Takka Nu qabattu baranagaa. Kiw jechuun Ammagaa ka jedhee Katabus Hedduudha. Hamzaan Qoosaa Jaalalaa Haadha Faaxee waliin erga dhiisee Bubbuleera. Isheenis Ni dhoffatte malee Garaa Muruu dadhabdee Ittiin Rakkachaa Jirti fakkaatti.

Haati Faaxee Raachuu Lafatti qabdee Baasa baafte.

Tanaaf tana Jidduu Raachuun Geema Itti ergate. Kanatti Hijaa koo bahadha waan jettu fakkaatti. Simannaan Raachuu dhungoodha Taate. Mucaan Maaltu Maal tahe jedhee Ija babaasa. Cadhii nurraa jettee Jechaan Afaan Buute. Ba Igzaabeer Jechuun Dubbiin Giraa Itti gale. Rakkoo ishee Hubatuuf Yaale. Haati Faaxees Akka Garaan Dhukkubutti Jaalachuu Itti Himte.

Ka duraanuu Shamarran Bira Taa’uu Akka Waan qaanfatuu Ija Liphliph gochaa Ture,Raachuun Kana Afaan Haadha Faaxerraa Dhageenyaan Galatoomi Jedheen. Haati Faaxees qoosaa Ishii Itti fufuun Akka Inni Intala Masaasa hodhaa turte Yookaan Makii Jechuu ishiiti. Ishee waliin Jinjanaa Sana Dhaabe Himteefi Duraanuu Ni dogongorte jetteen. Ee magan.

Ani Ittuma Kofle. Amma Qabdee Na qabi jechaa Mucaa Godatti Rakkifte. Kuni Tapha Malee Dhugaa Miti. Viidiyoo Keessaa Dhaggeeffadhaa Ittiin seeqadhaan Dhaamsa Keenya. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia