Baga Rabbiin Isin Gammachiise Hamzaa fi Ashittii

Viidiyoo Bakka Lamatti Asuma gama jalaa jira lachuu Dhaggeeffadhaa. Rabbiin Akka Ofii Fedhu dalaga. Namni Hamzaa fi Ashittiin Tapha Jaalalaa Kan Halaalatti eegalan kanaan Bultii Ijaarratan jedhee yaadu Hin turre.

Baga Gammaddan Obbo Hamzaa Hajii fi Aadde Ashiitaa

Jaalalati dhugaa firii godhata. Akka Taphaatti Jaalala Eegalan. Jidduu isaanitti Rakkoon Garagaraa ka’ee Hamma Kutaaf Gandaan wal qooduf tattaafin taasifamutti Waan hedduutu jedhamee ture. Tahullee Guyyaa Arraa Jaalalti isaanii sun dhugoomee Gidduu isaanitti Nikaan Rassuull Taasifame. Kanaanis Haadha warraa fi Abbaa Warraa Waliif Tahuun Raggaasifame.

Baga Gammaddan Obbo Hamzaa fi Aadde Ashittiin Bultii ijaarratan

Namni Dhugaan Kaayyoo dhugaatif wal jaalatu waan yaadu bira Ni gaha. Obboleessa Keenya obbo Hamzaa fi Obboleettii teenya Aadde Ashittii baga Rabbiin Isin Jaaree,isin Gammachiise. Horaa Bulaa,Umrii waliin dheeradhaa,yaamaa ergadhaa,Arrii waliin Filadhaa jechuun Yeroo ammaa kana Ummanni Du’aa’ii godhaafii jira.

Gammachuu Ustaazonni Walfuudha Hamzaa fi Ashittii Irratti qaban ibsachaa jiran

Warra Jaalala waliif kennee Ilmaan diin babaldhisu walirraa horee,Umrii waliin dheeratu isin haa taasisu jenna. Mee Daawwattoonni keenya Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obbo Jawar Mohammed ilaalchisee Olola Waca kaase

Obbo Jawar Mohammed Hojii Boonsaa Yoomillee hin dagatamne hojjatee jira. Kanaanis Addunyaan Seenaa Ethiopia Keessatti Dargaggeessa Qawwee malee Qalamaan Mootummaa Buuse Jetteenii,Galmee Namoota Bebbeekkamoo keessatti Galmeessitee jirti. Amma Maaltu Tahe?

Artist Kadir Martuu Jawar Mohammed Ilaalchisee Waan dubbate qaba.

Jidduu kana Duula Fokkotaa Tokkootu,Sakkaaraamtota Hoji maleeyyii,gantoota fi Warra Garaaf Jiraatu Biraa Obbo Jawar Mohammedirratti Baname. Duulli Kun Kan Baname Maqaa Waraana Bilisummaa Oromo Dahoo godhachuun yemmuu tahu, duula Kana Namoonni Baayyeen Akka waan waraanni Bilisummaa Oromo duuba jiruu Fakkeessuun Yaada kennataa jiran. Garuu Dubbiin akkasi miti

Namni Tokko Nama Tokkoon waa jechuu kan dandahu,Sochii Namni sun taasisaa jiru hordofee namni sun Akkana Akkasi jedhee yaada kennatuu yookaan Jibba Labsatuu dandaha. Haa tahuu malee Dhiheenyatti Obbo Jawar Mohammed Dubbiinis tahee gochaan Sochiin inni taasisaa jiru tokkolleen hin jiru.

Olola Jawar Mohammed ilaalchisee banameef Yaada Gabaabaa Artist Kadir Martuu kennate

Gareen Ergama Biraa Qabdu Maqaa Jawar Mohammed kana Dahoo godhachuun,akka ummanni Waraana Bilisummaa Oromoo jibbu taasisuuf,Halkaniifi guyyaa Dhagaan Gara hin galchine hin jiru. Ofii Isaan Deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromo fakkaatu. Garuu Isaan Ergamtoota Akka Ummanni Waraanicha Jibbu taasisuuf,Halkanii guyyaa,yeroo fedhan Kutaadhaan hawaasa qoodu,yeroo fedhan Hayyoota oromoo arrabaan xiqqeessuun Tiktok Irraa Hammeenya Lallabaa Oolaa Bulan.

Gareeleen Akkasii Sun Waraana Bilisummaa Oromo Bakka Hin buutu,Waraanni Bilisummaa Oromo Kaayyoo Akka Isaan Qabanii kana qabaatufuu yaada hin qabu. Kaayyoon Garee farriftuu Maatii fi firoottan isaanitiin Abaaramtee Hawaasa oromo diigudhaaf Halkanii Guyyaa qabsooftu tunniin,Kaayyoon isaanii Waraana Bilisummaa Oromo Ummata Jibbisiisuuf Hojjatuudha.

Namoota Keenya Humaa Hin Hubanetti fakkeessuuf baayyee laffa’u,waan waraana Bilisummaa Oromo Jaalatan fakkaatu,Garuu Akeekni isaanii Durattii Oromoo diiguun faffacaasuudha. Sana Booda Maqaa Waraana Kanaatin Ummata Sobanii Birrii Guuratuudha. Birrii guurame Ofiif Dhimma Itti bahatuu fi Wantoota Tokko tokko Maqaa Ummata Oromootin dhaabbatoota Garii irraa Fudhatanii Dhimma Itti Bahatuuf Kana Godhaa jiran.

Kana Waan taheefuu,Ummanni Oromo Jechoota fi Hojii jara kanaa Hubachuun Akka Irraa Ofeeggannoo gootan Isin Hubachiisuu Barbaanna. Viidiyoo keessatti Artist Kadir Martuu Yaaduma Kana Fakkaatu Kennataa jira. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Iisaan(Yesuus) Eenyu? Kutaa 1ffaa fi 2ffaa Ustaaz Abdul Hafiz fi Ustaaz Hamzaa

Nabi Iisaan Ergamaa Rabbii Kan Rabbiin Ergate Tahuu Ragaa Qur’aana fi Wangeela Irraa dhiheessuun Ummataaf Hubannoo Kan kennan Ustaaz Abdul Hafiz fi Ustaaz Hamzaa Takluu Kutaa 1ffaa fi 2ffaa wal duraa duubaan Asuma Jalatti Argattu.

Kutaa 1ffaa Nabi Iisaan(Yesuus) eenyu? Sheik Abdul Hafiz fi Ustaaz Hamzaa

Kutaa Lammaffaa Wantoota Ummanni Nabiyyanaa Isaa m(Yesuus) Akka waan Rabbi tahetti Itti yaadanii Ilaalchisee Qabxiiwwan Muraasa Akka Armaan Gadii Kanatti Ummataaf Ragaa waliin ifa Taasisanii jiran. Kutaa 2ffaa 👇

Kutaa 2ffaa Nabi Iisaan(Yesuus) eenyu? Sheik Abdul Hafiz fi Ustaaz Hamzaa Takluu

Kabajamtoota Hordoftoota keenya Baruumsa Bareedaa Sheik Abdul Hafiz fi Ustaaz Hamzaan dhimma Nabiyyanaa Iisaan(Yesuus) Ergamaa Rabbii tahuu isaan isiniif kennan kanarraa waa baayyee hubattan jennee abdanna. Yaada Yoo qabaattan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Kutaa 1ffaa fi 2ffaa Nabi Iisaan(Yesuus) eenyu jettu Ustaaz Abdul Hafiz fi Ustaaz Hamzaa Takluu

Haati Faaxee Sobdee Raachee Ofjaalachiisuuf Laffa’aa Jirti.

Ammallee Abdii Waan Murte Hin Fakkaattu. Qoosaan Ishee Akkuma Ittifufetti jira. Haa tahuu malee Hubadhaa Haati Faaxee ni taphatti malee Dhugaa miti.

Tapha Raachuu fi Haadha Faaxee Gidduu

Haati Faaxee Jechoota Jaalalaatu Jalaa badeef Rakkatte Malee,Waan Faranjiin waliin jettu Hunda Rachuun jechuuf Yaalaa Jirti. Qoosaan Ishee Namoota Baayyee Kofalchiisuun Garii Isaanii Ofirratti Fincaansisuun shakkii.

Hamzaan Kunoo Ammallee Manatti Na Nyaachisaa jira waan jettu fakkaatti,hoggaa Raachee shawwaduuf yaaltu. Tahullee Garuu Hamzaan Akka Nyaata hin geessiniif Numa waliin Achi Jalaa Koflaa ture. Afaan Arabaatin Ati eenyudha jechuun Nama Shamaraa Gaafatte. Tahullee Raacheen Hamzaadhaa jennaan Miira keessa Isa galchuuf Eeyyeen Afaanin Usii jetteen.

Tapha Kofalchiisa Haadha Faaxee fi Raachuu Gidduu

Qoosaan Qoosaadha. Hubadhaa Haati Faaxee Ni taphatti,Ni qoosti Malee Wanti Isheen Raachee Jaalalaaf Akkana godhattus homtuu hin jiru. Ummatuma Ishee daawwatu Kofalchiisuuf akkana godhachaa jirti. Tahullee garuu Kijibni Haraami. Shari’aan Islaamaa Haala Kanaan Sobuu Ni dhoorgiti. Kanaafuu Kijiba dhiisi jechuunii Barbaanna.

Maraafuu Viidiyoo guutuu Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Ani Eenyu? Sagantaa Ajaa’ibaa Ustaaz Ibsaa fi Ustaaz Xaahir

Ani Eenyu? Gorsa Haala Yeroo Ustaaz Ibsaa fi Ustaaz Xaahir Waan Ajaa’ibaa Seenaa fi Hayyootarraa

Ani Eenyu Jechuudhaan Seenaa fi Waan Hubatanirraa,Haala Amma Ummanni Keenya Keessa jiru ilaalchisanii Hegeree Boruuf Maaltu Nurraa Eegama Waan Jedhurratti,Ustaaz Ibsaa fi Ustaaz Xaahir Marii Ajaa’ibaa Fakkeenyota Ergaa Guddaa Ofkeessaa qabaniin Ummataaf Dhiheessaniiru.

Ani Eenyu? Ustaaz Ibsaa fi Ustaaz Xaahir

Seenawwan dabranii fi Kitaabota dubbisanirraa Kan Hubatan Ustaaz Ibsaa fi Xaahir Haala Keessa jirru,keessaafuu Namoota Wacee Ummataaf Ajandaa Baasuf Gorsa Ajaa’ibaa dabarsaniiru.

Ilmi Namaa Maalif Akka Uumame beekuu qaba. Sababni Ummanni Of dhabee Wal dhabeef Maali? Kanaafi Gaafiwwan Baayyee Deebisuuf Ani eenyu waan jedhu Yeroo fudhatanii Ummataaf Gorsa kennaniiru. Guutuu Haasaha isaanii Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Amma Akkam Taana Ajaa’ibaatu Nu qabate. Jechuun Waan Shamara Boochisuuf Ustaaz Hamzaa

Kana Dura Waanuma qabdaniin wal fuudhaa,Hin sodaatinaa Bultii Ijaaraa jechaa turre. Amma Kunoo wanti sodaanne dhufte. Jechuun Waan shamarran Boochisuu eegalerraa Dubbii Ajaa’ibaa Kan dubbataa Jiru Ustaaz Hamzaan,Arra Waan dubbatee komii kaasef Deebii kenne.

Ustaaz Hamzaa Hashim Waan shamarran Boochisuu eegalerraa yaada kennate.

Shamarree Seenaan Aslii Jaalatuu kaleessa Nama Kuma shan Irratti Ifa goote. Dubbiin isheen Achi keessatti dubbatte,Dargaggoota Baayyetti Abdii Horte. Ka Gariifaan qaata Manaaf Birrii Gaggaafatuu eegale. Dubbiin Shamarree seenaan dubbatte suni Ustaaz Hamzaaf Baayyee Taate.

Waan Qabdaniin Hin Taa’inaa Wal fuudhaa jechaa turre. Kunoo Amma Waan Ajaa’ibaatu Nutti as bahe. Tan Birrii fi Mana Qabduutu! Rabbiif Jecha Na fuudhif dhiira Gaafatte. Anis Kanarraan Gammachuu ibsadhee Asliidhaf fuudhi dhaamsa jedhu dabarse. Dubbiin Kuni Ammoo Akkan Vediyoo lammadaa Hojjadhu Na dirqisiise.

Shamarree Kaleessaa ilaalchisee Ustaaz Hamzaan Gorsa Ajaa’ibaa Dabarfate.

Shamarrumti Agarte Cufti Lafaa Kaatee Rabbiif Jecha Na fuudhi Yoo kan jettu taate,Atilleen Yoo Hin Jaalaltin Rabbiif jecha Na dhiisi jedhiin Waan jedhu Deebii,Gaafi Komantii Jalatti Gaafatameef kenne. Osoo Nuti Isinitti Iyyinuu Diddanii Teessan. Kunoo Amma Rabbiif Jecha Qabeenya koo waliin Nafuudhirra geessan. Maaltu Kanaan dhufe jedhee gaafan yaadu Deebii Argatuu dandaheera.

Sirba Tokkootu Gadi Bahe. Sirbichis Aa’ishaa qalloo fi Furdoo Miskiina fi Dureettii Dabalatee Balaaqalaa Dila Takka Kan Odeessu Shamarran Tiktok Irratti Akka Sirbichaan Ragadan taasise. Kunis Shamarran Oowwisee Waan gootu wallaalchisee jennaan Gadi Yaatee Rabbiif Jecha Na fuudhi jechaa jiran.

Yaa Warra sirbaan Ummata Hallayyaatti Naqaa jirtan Sirba akkatti Nama Oowwisu kana Nurraa dhaabaa jechuun Gorsa Ajaa’ibaa Dabarse. Kanarratti Likki Likkii walitti Himna Jechuun Liivii banatee Dhugaa Jirtu Dhaame. Gorsa Kana Hamma Dhumaa Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Asliin Na Janajjanaa Ture. Manaa fi Birrii kiyya Hunda Haa fudhatee Na fuudhu jette.

Dhiirti Shamara dhabne jettee Rakkatti. Shamarri Ammoo Dhiira Jaartii Qabuuf Boochee mankaraarti. Bara Boodaa jirra Yeroo jennu Ragaa waliini.

Ani Aslii Natti Fuutan Malee Jette Seenaan

Aadaa Oromoo keessa shamarri takka dhiira jaalatte,Mana Isaanii Dhaquun Hiddii Utubaa jala keessi. Warri Mucaa Akkuma Hiddii argeen Ammoo Eenyu Akka Isheen Jaalatte Gaafatuun Dirqamanis tahu Jaalalaan Itti Heerumsiisu. haala Saniin Shamarran Mana warra Mucaa Jaalattee dhaquun sun ASEENNAA jedhama.

Tarii Seenaan Haala Kanaan Waan Aslitti dhaqatte fakkaatti. Dubbiin ishii Kamtu dhugaa kamtu soba jettee beekuun Ni Ulfaata. Akka Asliin Janajjanaa Ture ifatti Ummata 5k oliin Isaan daawwaturratti himte. Tahullee Garuu Aslii Dubbii kana Ni Haale. Yoo isheen Ragaa Wanta dubbattuu kana Fidde Ani Haadha Warraa Tiyya Miilarratti Kufeen Kadhadhee fuudha jechuun Ifatti dubbate.

Asliin Na Jaalata Anis Jaaladhe Qabeenya Kiyya Hunda fudhadhuu Na fuudhi jechuun gafate

Intalli Garuu Akka Aslii Baayyee jaalatte Himuun,Aslii Dhabdee Jiraatuu Akka Hin dandeenye Boochee himte. Qabeenya Guddaa Akka Qabdu Himte. Mana Qarshii Miliyoona Lamatti dhihaatun Adaamaa Bitattee Akka Qabdu himte. Mana Kanaa fi Qabeenya Qabdu sana Hunda Asliidhaaf Dabarsitee a Akka Kennitu yookaan Maqaa Aslitti Akka Deebiftu Himte. Dubbii Tana Dhageenyan Asliin Akka Waan Jaalala isheetin Weeraramee fakkaata.

Dubbiin Masaanuu Amma Dubbatamuu eegale. Akka Hinaaffaa qabdu Dubbatte. Siree takka Irra Aslii fi Haadha Warraa isaa waliin Galuu Akka Barbaaddu Himte. Asliin Kaw jechuun Ammagaa Eessaa Baate Tun jechuun Ammagaa Maraafuu Ani Jalqaba Kijiba seha ture. Tahullee Haalli Mucattii Dhugaa Fakkaata. Haasaha Kana Dura Dhugumaan Boohaa turte.

Akka Maraafuu Dhumarra Akka Jaarsa Hin qabne Himte. Jaalalti Aslii a Akka Ishee laboobaa jirus dubbatte. Nama Dubbiin Kuni Praankiidha jedhu Abaarsaan darbatte. Guutuu Viidiyoo dhaggeeffattee ati Maal Hubatte? Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Fatihaan Arra Faranjii Adiiwaliin Jaalala eegalte

Linkii Viidiyoo Kana Jalatti Sababaa Vediyoo kana Dhiheessef Isiniif Katabeera. Kanarraa Baratuu Akka qabdaniif Dubbisuu Hin dagatinaa

Fatihaan Ammagaa Ameerikaan Deema jettee Mirqaanun. Jalarraa Sababaan Viidiyoo kana Qindeesseef Hanga dhumaa dubbisaa

Ammagaa Fatihaan Kaw jechuun Kana Dura Natti Qoosaa turtan Arra Jaarsa Birrii qabu Rabbiin Na Milkeesseera jechuun,Aadde Fatihaan Ajibatti Mirqaanaa jirti. Namichi Birrii Akka erguufi qabus himeefi,Eessaan Akka Erguufis Gaafate.

Fatihaan Amanuu diduun Hamma Jaalatu Gaafatte. Namichis Himeefi,Rakkattullee Fatihaan Afaan Faranjii Kan Biyya Guutuu Kofalchiisu Tokkoon Jaalala Isaaf qabdu Himti.

Qoosaa Kana Sababa Malee Miti Kanin Isiniif Dhiheessef,Tokkoffaa Namni Tokko Alan Ati Hin beeyne Haala Amma Agartan Kanaan yoo wal bartan,Gama Keessaatin Tasa Birrii fi Wantoota Garagaraatin Isin Mirqaansee,Tasa Waan biraa Yoo Isin Gaafate,Tasuma hin Hayyaminaa.

Fatihaan Jaarsan Argadhe jettee Yeroo mirqaantudha

Namoota Akka Kanaa Amanuun Hin Barbaachisu. Haala Kanaan Dubartoota Baayyee Qullaa Qaama Isaanii Bakkoota Garagaraatti Maxxanfamanii Agartan. Kuni Haalota Amma Agartan Kanaan Shawwadamanii Yookaan Ofirraanfatanii,Dagamanii Erganiif. Ergasii jara jalaa badu. Kan Milkaahuf Namoota Muraasa qofaafi. Kanaafuu Wantoonni Akkanaa Kuni gama Fuula Duraatti Miidhaa Shamarran keenyaa malee Bu’aa Hin qabu Waan taheef Irraa Ofeeguu Akka qabdaniif Isiniif dhiheesse. Maraafuu Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa Jireenya Baqaatif Maalif dhabne Furmaata?

Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa Dhimma baqattootaa

Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa Dhimma Jiruu Baqaa Ilaalchisee Kana Dura Nashiidaa Isaa Bara 2009 Akka lakkoofsa Ethiopiatti baase keessatti Dubbatuun,Rakkoo Ummata Keenyarra Gahaa Jirtu Kana Himee Turuun Kan Yaadatamuudha.

Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa Taatee Kaleessa Biyya Maarii Magaalaa Kaayroo keessatti Tahe ilaalchisee Yaada Baldhaa dhiheesse. Kanaan Dura Waa’ee Baqataa waliin Walqabaturratti Gaafa Jalqaba Shimallis Abdiisaa Aango qabatu Marii Isaa waliin Taasisanirratti,Jireenya Shamarran Keenya Biyya Arabaa Ilaalchisanii Waan Ajaa’ibaa Tokko Obbo Shimallisiif Namni Isaan waliin Maricharratti hirmaate Akka Himaniifi Shimallis Sanif jecha boohe Himan.

Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa Jireenya Baqarraa

Obbo Shimallis Abdiisaa Akka Mararfatee Boohaa ture Dubbatan. Amma Maaltu Argameef Jireenyi Baqaa Ummatatti Akka Hammaate Baayyee Nama Dhiba Jechuunis Akka seenatti Dhimma san kaasanii dubbatan. Dhaggeeffadhaa Guutuu Haasaha Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Dhimma Obboleessa Keenya Biyya Egypt Kaayroo Ilaalchisee Gorsa Kadir Martuu

Guyyaa Kaleessaa Obboleessa keenya Tokko Biyya Egypt Ciro keessatti Lubbuun dabarte.

Dhimma Obboleessa Keenya Biyya Egypt Ciro keessatti Ajjeefamee Ilaalchisee Artist Kadiir Martuu Yaada gabaabaa fi Gorsa Gabaabaa Dabarse.

Obboleessa Keenya Badii Malee Durriyyeen Biyya Kaayroo keessatti Ajjeeftef Rabbiin Jannata Haa kennu,Badii isaa hunda Rabbiin Haa Araaramuuf. Biyya Egypt kaayroo sanitti Taateen Akkanaa Kuni Namoota Baayyerra Gahaa Turee,ammas akkuma itti fufetti jira. Dhimma Kanarratti Hawaasni Oromo l Kaayroo keessa jiraatu,Hiriira Waajira UNHCR Duratti Bahuun Rakkoo Isaanii Ibsataa oolaniiru.

Hawaasni Keenya Biyya Sanitti Rakkina Akkanaa Kanaan Hubamaa Hanga Arraa Jiraate obsa Fixatuun,UNHCR Hatattamaan Ajjeechaan Kuni Nurraa Akka dhaabatu jechuun Gaafataniiru. Yoo Rakkinni Kuni Biyya Kanatti Kan Nurraa Hin dhaabanne tahe ammoo Hatattamaan Gara Biyya sadaffaa Akka Nubaasuu qaban jechuun Gaafataniiru.

Dhimm Obboleessa Keenya Biyya Egypt Kaayroo keessatti Ajjeefamee Ilaalchisee Artst Kadir Martuu

Dhimma Kanarratti Artist Kadir Martuu,Gorsa kenneen Ummanni Keenya Wal jaalatuu,wal dhagahuu fi Waliif Tumsuu Akka qabus dhaameera. Artist Kadir Martuu Seenaa Nabiyyanaa Yunus Yaadachiisuun,Ummanni keenya Gama Rabbii isaa deebi’uu Akka qabus Gorseera.

Rabbiin Keenya Nama Isatti Towbaa deebi’eef Araaramaa fi Abbaa Rahmataa Akka tahe himuun,Namni Rabbi Sodaannan Rabbiin Isaanif Tumsuus himee,Gargaarsa Ilma Namaarra Kan Rabbiitu Caala Kana beekaa jechuunis Gorseera. Obboleessa KEENYA Badii Malee Lubbuu Dhabeef Rabbiin Haa Araaramu,Jannata Isaatin Nuuf Haa gammachiisu jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. Waliif dabarsuun Hawaasa keenya Biyya Kaayroo jiraatuf Sagalee haa taanuun dhaamsa keenya. #UnitedOromia