Finfinnee fi Oromoon Maal Waliif tahan? Alex Taayyee

Dhimma Finfinnee Fi Haalota Amma Deemaa Jiran Ilaalchisee Alex Taayyee Barreeffama Dhaaraa Maxxanse. Barreeffama Kana yeroo Maxxansu Dubbisi Qoodi,kuni Kan dhumaa Tahuu dandaha Jechuunis Sodaa Qabu Tuttuqee yaadachiisa. Haalli Oromoon Finfinnee Keessatti Tahaa Jiru Ammoo Nama Dhiba Jechuun Barreeffama asii gadii kana Maxxanse

Alex Taayyee Barreeffama Dhimma Finfinnee fi Rakkina Oromorra Magaalattii keessatti gahaa jirurraa Barreesse. Obsaan dubbisaa

Dhaamsa koo…

Tarii kan xumuraa ta’uu mala obsaan dubbisaa, waliif qoodaa!

Finfinneen akka Oromoon ishee jaalatutti Oromoo hin jaalattu. Maqaa isheetiin Qeerroo kumaatama, hayyoota qarsoo sabaa hedduu dhabne. Finfinnee keessatti Warra miidiyaarratti ba’anii mul’ataniin ala Ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan lubbuu isaanii dhabaa oolanu lakkoofsa hin qaban. Manneen hidhaa magaalaa kana keessa jiran jaarraa tokkoo oliif dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoo soorataa as ga’an. Addababayiiwwan, Daandiiwwan, Hoteelonni, Hospitaalonni… Finfinnee keessaa lubbuu ilmaan Oromoo soorataa jiraatan. Finfinnee m°rma ilmaan Oromoorratti funyoo hidhaa as geesse. Walumaa galatti Finfinneen akka nuti “Keenya” jennee jaalannuu fi faarsinu keenya ta’uu ishee bineensa, Buluu taatee nutti mul’iste. Finfinneen Oromoof gara jabeettii dha. Faayidaa isheen Oromoof buusturra, Lubbuu qaqqaaliiwwan Oromoo Finfinnee keessatti dhabaman, Gaddaa fi gadadoo isheen Oromoof buustutu caala. Sabni barootaaf irraa dhiibamee jiraachaa ture kan kooti jedhee akka nama kamiittuu keessa jiraachuuf yoo dhufu hanga warra maxxantummaa fi galtummaan dhufanii itti galanii illee hiree jiraachuu hin arganne. Sabni biraa isheerratti hojjatanii sooromanii Qarshii, Warqee, Kennaa qaqqaalii yeroo Ayyaanaa fi Cidhaa Maatii fi firoota isaaniitiif ergiti. Oromoof garuu, Ilmaa fi intala, Haadhaa fi abbaa lubbuun simatte a*eestee reeffa ergitiif.

Finfinneen hallayyaa gaddaa fi gadadoo Oromoo erga taatee bubbulteetti. Anumti kun ergan of baree as sababa magaalaa kanaa gadda hedduu keessummeesseera. Irra caalaa immoo waggoota muraasaa as taateen Ilmaan Oromoorratti raawwatu addadha. Bo’iin lolaa daandiiwwan magaalaa Finfinnee cina jiran reeffa Oromoo baraniiru. Hoteelonni magaalaa Finfinnee bakka ajjeechaan qaqqaalii Oromoo itti ‘Direct’ godhamu erga ta’ee bubbuleera. Finfinneen Oromoo isa waan qe’ee kooti jedhee fagoo fi dhiyoorraa waan humnasaa hojjatee jiraachuuf, Akka hiree isaatti buluuf itti gale caalaa, Diinota Oromoo adamsanu, Dhabamsiisuuf, saamuuf gara ishee dhufantu dachaa lamaa ol baay’ata. Artistoonni kanneen akka Eebbisaa, Hacee, Mulunaa, Yooseef, … dargaggoonni kanneen akka Moo’iboon, Soraa, fa’a… Kanneen an maqaa hin dhoofne hedduun magaalaa kanatti nyaataman. Dhugaan isaaniis gumaan isaaniis hin baane. Hayyoonni hedduun as keessatti rasaasaa fi gidiraa mana hidhaan lubbuun darbe manni haa lakkaa’u.

Egaa Finfinneen gara jabeeyyii lubbuu dhala namaaf naasuu fi rigaatuu hin qabneen guutamteetti. Oromoon immoo hundarrayyuu Oromoo malee silaa fira biraa hin qabu ture. Isheenumti Finfinnee keessa jirtuyyuu wal hin beektu. Isheen wal beektuyyuu wal hin jaalattu. Paartii paartii deeggartu qabattee, Amantii hordoftu maxxanfattee, ganda ganda moggaafattee dalga wal ilaalti. Wal cabsuu, wal tuffachuu, walitti hinaafuu, Wal baqachuu, Hammeenyaa fi shira walii labsuutti yeroo ishee fixxi. Inni silumaa Oromoo adamsu qaawwa kana fayyadamee Oromoo akak fedhe gochaa jira. kaan gowwoomsee, kaan sodaachisee, kaan ajjeesee, kaan yaaddessee itti taphata. Oromoon walirratti Kormee ta’uudhaan yeroo isaa fixee diina isaa ofirratti goobse.

Waggaa lamaa as Jireenyi Finfinnee keessaa baay’ee ulfaataadha. Keessumaa immoo Oromoo yoo taate. Afaan Oromoo yoo dubbatte. Bakka deemtu maratti nama si miidhu, si saamu, si ajjeesu, Si ukkaamsu tu si eega. Taaksii yoo eeggattee dhaabsifatte, Inni si hordofu Odeeffannoo kee qindeeffatee garee isaa beeksisa. gaafa ati yaabbattu akka imaltootaatti guutanii si eeganii bakka nama tokkoo qofa hambisanii dhufu. Taaksiidha jettee yoo seentu ukkaamsanii bakk fedhan geessanii akka fedhan si godhu. Gaafa hojii ooltee mna keetti galuuf deemtu inni si saamuu barbaadu bilbilaa fi qarshiif jedhee Cuubeen kalee waraanee lafa si buusa. Yoo fedhe morma Hudhee boolla si buusee yoo qabaatte fudhattee yoo dhabde si ajjeesee deema. Inni siyaasa Oromoo jibbu Meeshaa waraanaa kan akka Shugguxii tiin si adamsa. Dhugaa dubbatta yoo ta’e, Oromummaa kee jibba yoo ta’e bakka ati seentu, waan ati nyaattuu fi dhugdu hordofee, ba’aa fi gala kee qulqulleeffatee gaafa haalli mijatuuf akka ati deebitee hin jiraannetti addunyaa kanarraa si geggeessa.

Ijoolleen Oromoo kanneen Sababa gara garaan bakka dhaloota isaanii irraa magaalaa guddoodha namni na adamsee akka fedhetti na argachuu hin fanda’u jedhanii Finfinneetti galan hedduun reeffi isaanii maatiif ergamee, kaan dhoksaadhaan manni qopheessaa awwaalaa oola. Keessumaa immoo Ijoolleen godinoota Wallaggaa Afran irraa gidiraa baqa gara Finfinnee dhufanu qormaata jireenyaarratti qormaata lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaan mudataa oolu hiriyoota koo dhalattoora Wallaggaarraan argaa oola.

Wanti dubbatan hedduun osoo jiruu hedduu dubbadhee baafachuu hin danda’u. gabaabumatti jechuu kanan barbaadu Ijoolleen Oromoo Finfinnee keessa jirtanu hanga dandeessan wal iyyaafadhaa. Rakkoo keessan walitti himadhaa. rakkina keessan wal gaafadhaa. Diinaa fi fira keessan nama itti siqxan, nama amantanitti adda baasaa dubbadhaa. Karaa baatan irra deebitanii hin galinaa. bakka wal fakkaataadhaa nyaachuu, dhuguu, taa’uu, ooluurraa ofeegaa. Naannoo tokko yeroo dheeraaf hin turinaa. Ofeeganii jiraachuun hin danda’amu nan beeka. bakka sodaachisuu fi yaaddessu kophaa hin deeminaa. Waan hunda caalaa immoo diina walitti hin ta’inaa. Yoo wal taatanii diina qoluu baattan illee, hanga fedhe walloltan diinaaf dabarsitanii wal hin kenninaa. yoo kun hin taane immoo, dandeenyaan magaalaa keessa jirtan jijjiiraa.

Tibba kana Sodaachisoo fi dhaadannoon baay’achaa jira. Maatii fi hiriyoota koo hin dhiphisu jedheen callisa malee dabareen itti aanu kan keenya akka ta’e nutti himaa jiru. Qaamoleen sodaachisoo fi dhaadannoo natti himanu kunniin baay’ee ofeeggannoon kan guutamanidha. bilbilli isaan ittiin bilbilan gaafa na biraa waamu “NO NUMBER” jedha. Lakkoofsa hin qabu. Whatsapp irratti sagalee naaf ergu. Bilbila isaanii banuu yoon deemu hin jiru. Sagalee isaanii ‘Screen record ‘ gochuuf yoon yaalu hin dandeessu jedha. Karaa hundaan iccitii isaanii kan eeggatanii fi saaxilamuurraa kan of ittisanidha. Soraa lan ajjeese, kan ajjeessise Oromoo akka ta’e asirraa naaf galeera. Har’a ta’ee fi bor ta’ee hin beeku jedheen dhaamsa isiniif dhaamuuf dhufe. Namoonni miidiyaa hawaasaarratti, karaa adda addaa dhugaa dubbattanu, haqaaf dhaabbattanu, Oromummaa leellistanu ofeeggannoo godhaa! Yaada kana waliif qoodaa🙏

Haqa Soraas ta’ee, kan ilmaan Oromoo dabaan dhabamanii hanga lubbuun jirruu ni hordofna. yoo dandeenye ni baafna, yoo dadhabne lubbuu itti dhabna. Yoo nuti akka tasaa toorarraa dhabamne isin akka itti fuftan abdiin qaba!

Keessatti hojjannee, jijjiiramnee, maatii keenyas deeggarra, jiruu keenyas fooyyeffanna jennee jooraa turre. garuu hin taane. kanaaf Yeroof Finfinnee keessaa socho’uun mala ta’a. Bilbila kootiinis na argachuu dhiisuu maltu. Namoonni.of eegi jettanii naaf dhiphattan hedduudha. galatoomaa. garuu Nama waliin waanan jiruuf Hin dhiphatinaa!

Alex Tayetu Barreesse Waan Dubbiftaniif Galatoomaa Ulfaadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Shamarreen Comedian Soraa Waliin Turte Toohatamuu Odeeffannoo Haarawa

Shamarreen Obboleessa Keenya Comedian Soraa waliin Turte Toohannoo Seeraa Jala Akka Ooltefi Hoteelli Soraan Keessatti Ajjeefames Akka Cufame akkasuma Abbaa Hoteelichaa Dabalatee Hojjattoonni Hoteela Sanaas Toohannoo Seeraa Jala Oolfamuun Qorannoon Irratti Gaggeeffamaa Jiraachuu Odeeffannoo hanga yoonaatti jiru Ni Addeessa.

Odeeffannoo Haarawa Dhimma Obboleessa Keenya Comedian Soraa

-Hoteelli #Avola kan Soraan keessatti du’ee argame cufameera. Abbaan Hoteelaa fi hojjattoonni to’annoo jala oolanii, Hoteelichi qaamolee nageenyaan eegamaa jira. kana qaamaanin arge jechuun Obbo Alex Taayyee Gama Fuula feesbuukii isaa Irratti maxxanse. Qorannoon bal’aa tahes akka irratti geggeeffamaa jiru odeeffadheera jedhe Alex Taayyee.

-Intalli Soraa bira turte jedhamte qorannoo cimaadhaaf qaama olaanaatti dabarfamteeti kan Jedhe Obbo Alex Taayyee,Odeeffannoo isheerraa argameenis hordoffiin godhamaa jiraachuu himeera. Ogeessonni seeraa, Namoonni Ogummaa isaaniitiin Teelee,Security fi kkf keessa jiran dhimma soraa itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu fi Dhugaa Obboleessa Keenya Obbo Soraa baasuufis waan danda’an mara akka gochaa jiran nuuf himaniiru jedheera.

Odeeffannoo Ajjeechaa Comedian Soraa ilaalchisee Guyyaa Arraa Baheedha Viidiyoo Dhaggeeffadhaa

Qorannoon Hospitaalaa fi Odeeffannoon Hojjattoota Hoteelichaa irraa argame wal qabsiifamee haqa Obboleessa keenyaa baasuuf gama hundaan tattaafii gochaa jirachuus himee,Hojiiwwan hojjatamaa jiran hunda Asirratti baasanii dubbachuun,qaama yakka kana obboleessa keenyarratti raawwate miliqsuu yookaan Yakkamtoonni tooftaa akka barbaaddatu gochuudha waan ta’eef,waan mara dubbachuurraa of qusatanii akka jiranis Obbo Alex Taayyee Dabalee dhiheesseera.

Dabaluudhanis Gorsa Kan Laate Obbo Alex Taayyee,yaadota burjaajii gara garaa asirra deeman dura dhaabbadhaa. Namoonni asirraa xiyyeeffannoo argachuuf “Ragaa Viidiyoo waliin…” jedhanu gaafa sana kaameeraa qabatanii dhaabbatanii waraabaa turanmoo Akkamiin Akkas Dubbatan jechuun Gaafatee,Wanti godhame yakka waan taheef jecha Odeeffannoon Akkas Jedhamu Soba tahuu Hubachuu qabdan Jechuunis Dhaameera.

Dabaluunis Obbo Alex Taayyee Lubbuu namaatu ba’e waan taheefuu namni lubbuu namaa baasuu viidiyoo waraabaa godha taanaan Wanti Akkasii fiilmii Qofarratti Yoo Tahe malee Dhugaa Akkasii Kanarratti Miti jechuun Dubbateera.
Osuma dhugaan jiru beekamee immoo hanga guyyaa 2tti obsa akkamiin tura namni sun? Akkamiin sammuun namaa boqonnaa argata? Jechuun Gaafatee,kanaafuu wanti akkasii Odeefannoo Sobaa tahuu beekuu qabdan kedheera.

Comedian Soraan Magaala Finfinnee Hoteela Evola jedhamutti Ajjeefame

Comedian Soraan Dargaggoo Dhiheenya Ummata Duratti Beekkamtii Argatee,komediin inni Hojjatu Namootaan Jaalatamaa dhufe yemmuu tahu. Guyyaa Arraa Garuu Odeessi Du’aan Boqochuu Soraa Ilaalchisee Magaala Finfinnee irraa Bahe Oromoota Dukkana Uwwise. Maaltu Tahe waan jechu Askeessatti Gaggabaabsinee isiniif dhiheessineerra.

Du’aan Boqochuu Comedian Soraa Ilaalchisee

Akka Odeessi Aamma Kana Finfinnee Irraa Bahaa Jiru jedhutti,comedian Soraan Hoteela Evola Jedhamutti Akka ajjeefame ibsa. Namoonni Comedian Soraa,Reeffa Isaa Hospitaala Irraa Baasuf dhaqan Akka dhanitti,Obbo Soraan Adda isaa irraa Dhahaa Akka qabuufi Uffata Qaama Isaarra Haguugamee jiru irraa saaqnee ilaaluf Doktoroonni Nu dhoowwanillee,Humnaan Irraa Fuune yeroo ilaallu Qaama isaa irraa Waraanamaa Akka tahe dubbatan.

Dhimma Ajjeefamuu Comedian Soraa Ilaalchisee Odeeffannoo Gabaabaa Asirraa Dhaggeeffadhaa

Qaamni Maalif Waraaname jennee Gaafannus Nuti Maraammaruuf Opereeshini goone malee Humaa beeknu Nuun jedhan jechuun,Namoonni Reeffa Isaa Achii baasuf dhaqan kuni Fagaa Bahaa jiran. Kanarraa Wanti Hubatamu Comedian Soraan Hoteela Evola Kan Warshaa Daawwitii fuula dura jiru Sana Keessatti Miidhamuu Isaati. Kanaafuu Dhimmi Obboleessa Keenya Comedian Soraa Qorannoo Gadifagoo Akka feesisu Namoonni Yaada Kaasaa jiran.

Mootummaan Dhimma Kana Hatattamaan Qorannoo Irratti taasisee,Haqa Soraa Akka Baasu fi Dhugaa jiru Ummataaf Ifa godhu cimsinee gaafanna. Keessattuu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Hoteelicharraa Dhimma Soraa kana Akka Qulqulleeffatuu qabu yaadachiifna. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Majlisa Oromia Irraa- Namoota Hajjii Bara 1444 Hajjuuf Imalanii Gama Fuula Rabbii Deeman Shan Ifoomsan

Majlisni Oromia Hujjaajota Barana Hajjii Bara 1444 Hajjuuf Gara Makkaa Imalanii,Gama Fuula Rabbii deeman Namoota Shan Maqaa,Iddoo dhalootaa fi Sababa Isaan Itti Aakiramaniif Ifa Taasisanii Jiran.

Hujjaajota Gama Fuula Rabbii Deeman Majlisni Oromia Ifoomse.

Hujjaajonni 5 fuula Rabbii deemanii Makkatti awwaalamanii jiru.

عن ابن عباس رضي الله عنهما: (أن رجلاً خر من بعيره -أي: من فوق بعيره- فوقص فمات، فقال النبي عليه الصلاة والسلام: اغسلوه بماء وسدر، وكفنوه في ثوبيه، ولا تخمروا رأسه، فإن الله يبعثه يوم القيامة ملبياً)

Hajjii bara 1444 biyya keenya Itoophiyaa irraa gara Suudii imalan waliigalaan naannoo 11245 dha. Baay’een isaani nagaan biyya isaanitti yennaa deebi’an isaan keessaa hujjaajni 5 du’uun kabajaan makkatti awwaalamanii jiru.

  1. Haji Aliyyii Abbaagissaa Abadaamaa gara arafaa osoo hin deemin dhukkubsatanii fubii deeman.
  2. Hajiyat Maryem Hamiid Abdullaa darbannaa (jamaraa) erga raawwataniif booda Miinatti dhukkubsatanii mana haakimaatti fuula rabbii deeman.
  3. Haji Molid Awwaluu Saadiq arfaa booda hajjii raawwatanii dhukkubsatanii fuula rabbii deeman.
  4. Hajiyat Mariya Amaan Dargii hajjii xumuranii gara biyyaa galuuf meeshaa fe’atanii xayyaara keessa erga seenanii booda dirree xayyaaraa keessatti kufanii sababa Onneen isaanii dalagaa dhabdeef gama fuula Rabbii deeman. Janaazni isaanii gara Makkaatti deebifamee awwaalaman.
  5. Haji Adam Muhammad Yimer hajjii isaanii raawwatanii, balaliin ramadameefi, tikeeta xayyaaraa fudhatanii xawaafa dhaammannaa (xawaaful wadaa’i) raawwatanii harama yennaa ba’an konkolaataan rukutamanii fuula Rabbii deeman.

Jilli Majlisaa dhimmi kun isaan ilaalu Haaj Aadam Muhammad irraa kan hafe namoonni du’an hundinuu sanada barbaachisu raawwataniifii, sirna awwaalcha isaanii irratti argamuun kabajaan geggeessanii jiru.

Hujjaajni 6ffaan hajjii raawwatanii erga biyya galanii fujla Rabbii deemuu isaanii kanaan dura ibsuun keenya ni yaadatama.

Rabbiin gaafa guyyaa du’aa ka’uu, akkuman hadiisa armaan olitti caqasameen warra labbayik jecha ka’an isaan haa taasisu. Maatii fi firoottan isaanii hundaaf Rabbi sabrii haa kennuuf

Gabaasa: Barsiisaa Bedru Sheik Mohammed Makka irraa Gabaase Majlisni Oromia Maxxanse. Barreeffama Suuraa Gadiin Jiru Majlisa Oromia Irraa Fudhanne Galatoomaa Ulfaadhaa waliif dabarsaa. #UnitedOromia

Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti Maaltu Tahe?

Viidiyoon Gabaabaan Taatee Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti Tahe tokko muldhisu Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa tahe.

Taatee Godina Jimmaa Aanaa Geeratti Raawwatame

Taateen Kaabinee Gandaatin tahe kun Godina Jimmaa Aanaa Geeraa Ganda Boorcoo deekkaa keessaatti Akka tahe Maddeen qulqulluu irraa mirkaneeffachuun dandahameera.

Namni Manguddoota Biyyaa Haala Kanaan xiqqeesse kun Kaabinee Ganda sanii Dinquu Abbaa Olii Akka jedhumus maddeen Mirkaneessanii jiran. jarreen ummata duratti xiqqeeffaman keessaa Manguddoon Huccuu gurraacha uffatan Raayyaa Abbaa Olii Kan jedhamuu fi Kan Uffata Magariisaa Uffate sun Ammoo Abdee Tamaam Kadir jedhama.

Taatee Godina Jimmaa Aanaa Geeraa keessatti Raawwatame.

Taateen Kuni Kan taheef,Bulchiinsi ganda sanii walgahii ummata waame,walgahirrattis Manguddoonni Amma Ummata duratti Salphifaman kunneen,Gaafi Jajjaba Gaafatanii turan,Gaafi Isaan gaafatan Deebisuu kan dadhabde Kaadiroonni Kunneen,Maqaa Shanee jedhamu Itti Moggaasuun Haala Isin Agartan Kanan salphisaa fi Tumaa Jiran jechuudha.

Mucaan Inni Uffata Magariisa Uffate Yeroo ammaa kana Haalan Miidhamee Mana Yaalaa galuun Yaalarratti Akka Argamu Maddeen Ifoomsanii jiran Viidiyoo Olirra Jirurraa Dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan Nuuf qoodaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Makii Oro Sababa Baddeef Gaafi Asliin Gaafateef deebii kenniti

Sababa Jaalalli Nama Qabeef Namni Akkamitti Qilleensarraa bada? Gaafi gaafidhaan deebisuuf Makiin Yeroo yaaltudha.

Makii Oro fi Aslii Mohammed

Jaalalli Yoo Na qabe maali Ni’imaa Rabbiiti,jette makii Oro. Hayyee Nama Jaalattee badde san Nutti himiin Gaafi Asliin Gaafatuudha. Tahullee Himuu didde. Asliin Makii Oro Akka Masaanuu Jaalattuuf Hin Jaalanne gaafatuun gaafi isheef dhiheesse.

Makiin Sababa Rakkinni Gama Kiyyaan Uumameef yoo tahe Masaanuu wantin Jibbuuf Hin jiru jechuun deebii kennuu eegalti. Maali Sababni Ati Masaanuu Hayyamtuuf gaafin jettu aslii biraa Dabalataan dhihaattif. Makiinis Yoo Akka Tasaa Ani Nama Hin dhalle tahe,Inni Akka Ilmoo argatuuf Tabiraa Akka Fuudhu nan Hayyamaaf jechuun deebifte.

Makii oro fi Asliin Waa’ee Bultii irraa Yeroo qoosan

Yoo akkanumaan taatehoo Masaanuu Ni hayyamtaa jechuun Gaafi Dabalaaf, makiinis Abadan Hin Tahu,Osoo Ana Biraa Wanta Hunda Argatuu,Yoo deemee tanbiraa Alatti Barbaade Dhukkeen irraa kaasa jechuun miira keessa galtee dubbatti.

Asliinis Dhagahi Sittin himaa,Ani waan Ilmoo tiyya taatefi Amala kankee beekuf jecha,Jaarsi kee sirratti fuudha tilmaama jedhun qaba jedheen. Makiin Loltullee sababa jaarsi ishii Irratti fuudhuf keessaa tokko Ati Amala Oowwita,Dhiirti Ammoo shamara Amalli qabbanaahu Jaalata jechuun deebii kenninaanif,Makii Xiqqo malee Kaatetuma hin fiigini,xiinxalli aslii kuni tasuma naaf hin liqimfamu jechuun Komii qabdu ibsatti. Akka Maraafuu Isin Maal jettan dubbii Kanarratti? Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Maammee fi Fajrii Dubbiin Garamitti?

Fajriin Kuni Birrii Jaalatti. Tahullee garuu gidduu kana Yaada Jijjiiraa Jirti fakkaatti. Jireenya Baadiyyaa Akka Jaalattu Himte.

Barana Maammee fi Fajrii Dirqamaanis Tahu Walumatti Fuuna Qabaa Irratti

Qoosaan Maammee Ammoo Fajrii Kana Hawwataa dhufeera. Afaani Baatullee Gara maatii kootii Caatii ergadhu jetteetti. Tahullee Yaada Mana Fi Birrii Kan Jaalattu Sana Waan Jijiruf Fedha qabdu fakkaatti.

Magaalaa Tahullee Baattu,Buna Baayyee Yoo qabaatte sittan heeruma Waan Jedhu dubbatte. Isheen kan Hin Jaalanne,Sharaa waxxanii keessa galuuf Karoora Maammeen Isheef dhaame qofaadha. Haa xiqqaattu Haa guddattu Xiqquma ishee Qabanya qabaannan Naaf taata Yeroon isheen itti jettu fagoo miti jedha keessa beektonni Muxannoo Jaalaalaa qaban.

Maammee fi Fajriin Gara Jaalala Dhugaa deemuu qabu murtaahe 😂

Amma Kan Nu Yaachisaa Jiru Maammeen Kuni Yoom qoosaa dhiisee,Dhugaadhaan Janajana Kan jedhuudha. Eeyyeen Akka Janajanuu qabu Deeggartoonni Maammee Yaada Kaasaafi jiran. Walitti Chaasow jennee duuba dhaabannee,walitti fuudhu qabnaan Ana dabalatee Yaada Namoota Baayyeeti.

Jaalala Fajriin Birriif qabdu Jaalala dhugaatin Onnee rukunnee keessatti laamshessuun Hojii teenya Tahuuf deemti fakkaatti. Kan dhugaan wal jaalatu walitti fuudhuun Nu Gammachiisa. Kan Kijibaan Ummata Jeequ Addaan Harcaasuunis Hojii keenya Tahuufi fakkaatti. Barana Keeyrii Dalanna Jenneetu Warra Walfuudhu fedhu deeggarraan Yaada Dargaggoota Hamzaa Haashim Ijaareti 😂

Qabdee qabi Maammee Jechaa Jirra Isin Maal Nuun jettan? Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa.

Obboleeyyan Keenya Mana Hidhaa Saudi Arabi Irraa Dhaamsa Dhaammatan

Aktivistii Kadiir Assir Kiiloo Jedhamuun Beekamu Dabalatee Namoonni Baayyeen Rakkina Keessa Jirra Sagalee Nuuf Tahaa Jechuun,Akka Mootummaan Ethiopia Gara Biyyaatti Galchuuf Gaafatan.

Hidhamtoota Ilmaan Oromo Fi Sabaaf Sablammootaa Ethiopia Mana Hidhaa Saudi Arabia jiran

Akka Hidhamtoonni Mana Hidhaa Saudi Arabia kunneen jechaa jiranitti,Haalli Isaan Keessa jiran Hedduu ulfaataa fi Yaachisaa Akka tahe himuun Mootummaan Ethiopia Gara Biyyaa Nufudhachuu Akka Qabu Sagalee Nuuf Tahaa jechuun Gaafataniiru.

Hidhamtoota Kanneen Keessaa Kan Yaada Kennate Aktivistii Duula Garagaraa Gaggeessaa ture Obbo Kadir Assir kiiloo jedhamuun Kan Beekamu,Dhugaadha Intarneeta Irratti Badiiwwan Garagaraa Gaggeessaa turre. Kanaanis Ummata Oromo dabalatee sabaaf sablammii Baayyee Dallansiiseera.

Dhaamsa Ariifachiisaa Obboloota Keenya mana Hidhaa Saudi Arabia irraa Dhufeedha

Badiin Kiyya Guddadha. Wallaalatu Na godhe. Hundi Keessan Dhiifama Naaf Godhaa Haalli Nuti Keessa Jirru Hedduu Yaaddessaadha jechuun boohee,Dhiifama Gaafataa,Nuti Biyya Keenyatti Gallee Osoo Kophellee Namaaf Xaragnee jiraannee,santu irra Filatamaadha waan taheefuu Mootummaa Ethiopiatti Nuuf Iyyaa jechuun Boohaa dhaamsa Dabarfateera.

Akkasuma Ilmaan Oromoo Hedduunis Afaan Oromootin Dhaamsa Nuuf Dirmadhaa jedhu dhaammataniiru. Hundi keessan Sagalee Akka tahuufi qabdanis isin Gaafataniiru. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa waliifis dabarsuu hin dagatinaa #UnitedOromia

Finniisa Jaalalaa Irraa Yeroo wal barsiisan Ajiba dubbii baranaa

Aadde Fajrii, Obbo Raachuu,Makii oro,Haadha Faaxee,Aadde Fatihaa fi Kanneen Biroo yeroo Qoosaniidha.

Finniisa Jaalalaa Isaanitti Bahe irraa Yeroo wal gaafataniidha. Makii,Raachuu,Fajrii,Fatihaa fi Haadha Faaxee

Yeroo tahe wahii Obbo Raachuu fi aadde makii Oro Osoo Waliin Taphataa jiran,Makii Oro Finniisni Maalif Natti Bahuu Guddise jechuun Raachuudhaaf Gaafi dhiheessite. Raachun Dawaan Ana Bira Jira Kaayroo fideen dhufa jechuun Itti qoosee Akka Zeeytii jijiruu qabdus Namoonni Komantiin Himaniif.

Zeeytiin Jijiramu kuni kam Akka Tahe beekullee baannu,Dabareen Raachuu geessee Arra Ammoo Finnisatu Natti Bahee Dawaan maali jechuun fajrii kadhataara. Fajriinis zeeytii Akka jijiruu qabdu Himtiif. Ofii zeeytiin Jijiramu kun Filtiroodhamoo Fasaadroodha tan jettu Gaafi Daawwattoota Dubbiin Kuni Maalif Miidiyarratti haasahamuun barbaachise,jedhee mormii qabu biraa Ka’aa jirtuudha.

Baratu jijiramee,Durriyyeen Fasaada babaldhisuuf Waan akkasii Ummata Barsiisuuf dhamaati warri jedhee yaada kennatus hin dhabamne. “Ammuma Naaf Ife jette Maraattun Mana Ibidda itti qabaiiftee” Osoo isaanitii Muudii Hawaasarratti qabatuudhaf tattaaffii taasisaniiru. Kuni Waan silaa boohamuu qabuudha malee ittiin koflamu yookaan Qoosaaf Ittiin Seeqamu hin turre.

Dawaan Finniisa Dardarummaa Maali Waliin Jechaa jiran isin Maal jettaniin?

Haa tahuu Malee Waan Hunda Yoo Callisanis Gaarii miti,Yoo dubbatanis gaarii miti warri jedhus ni jira. Erga Raachutti Bahe Anis Natti bahe Tan jette Haati Faaxishoos Finniisahuu dubbatte. Kunilleen Raajii miti. Raachuun Gaafa Maaki Oro Irratti Argu Akka dawaa beeku hime. Arra Ofiif dawaa barbaadutu gaafii uume.

Maraafuu Ani Gama Kiyyaan Daranuu Finniisahaa Fuula Itti Kadhattan Kana Haa Burreessuu Jedhees Isin Hin Abaaru. Garuu Rabbumti Salphina Ummata Barsiisuf yaatan kana Isin Haa lagun jedha. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Mucattiin Kijibaan Asliif Booche Bultii Ishee Kasaarte

Jaalalaatu Aslirraa Na qabe. Qabaa gadi Nadhiisaa. Aslii dhabnaan Maraatu kiyya,jettee Kijibaan Ummata Sobdee Imimmaan Naachaa Booche. Amma Bultiin Ishee Balaa irra buufte.

Bultiin Qoosaa Hin taatu. Warra Jaalala Sobaatif Aslii Jaalanne jechaa Bultii Ofii diiguf Gorsa qabna.

Amma Jaarsaaf Jaartii Walitti Araarsuf Manguddummaan dhamaate. Praankiin shamarran keenya Boollatti guurte. Kijibni Haraam Tahuu Ni dagattemoo beekaatuma goote? Asliidhan jaaladheef Jaarsa Dallansiifte. Amma Boollatti Kufuu ufagarte.

Jaarsa waliin Walitti Haadeebisuu jechaa Arra Ammoo Tabiraatu Godaa bahe,Qabaa Gadi Nadhiisaa,Aslirraa Maraadhe. Kanan jiraadhu Ameerikaa,kanan Hojjadhu kaampaanii,Waan Maallaqaa Humaa yaadinii,atummaan naaf hayyamii Jechaa jirti. Maaltu Beeka Yoona Jaarsaaf Borsaa Ala keessee Asirraa Minniq jettii.

Jaalalli Taphaa Bultii Keessan Miidha. Asladdiin Jaalanne jettanii Kijiba Hin odeessinaa

Akka Hundaafuu Praankiin Haraami. Praankii jechuun Kijibaan Fakkeessuu jechuudha. Kijibni Haraami. Jaalalti Kijibaa Jaalala Miti. Praankiin Hojjadhee beekkama jettee Shamarran Miidiyarratti Olyaatu,Hundi Ishii Kasaaraa Malee Bu’aan Argattu Homtuu Hin jiru. Asladdiin Mohammed Ni qoosa,Jaartii Onnerraa Jaalatu Tan Ilmoo Irraa Qabu qaba.

Isaatu Nu jaalata jettanii Olyaatanii Bultii teessan Hin Kasaarinaan dhaamsa keenya.! Yoo diddan ammoo kan Irra Isinitti Mi’aawu Isintu beeka. Kabajaan Shamarran Keenyaa Haa eegamuun qabsoo teenya. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia