Shamarran Keenya Biyya Faranjii Abbaa Warraa Keessan Akkas gochaa jirtuu? Sheik Amin Ibroo

Gorsa Hawaasummaa Sheik Amin Ibroo Dhimma Shamarran Keenya Biyya Faranjii Ilaalchisee

Sheik Amin Ibro Gorsa Hawaasummaa Keessaafuu Shamarran Biyya Faranjiitif Dhaamsa Jabaa

Dur Biyya Keenyatti Abbaan Warraa Haadha a Warraa isaa Akkuma fedhe gochuun bulchaa ture. Inumaa Kan Gariifaan Uleedhaan Baayyisee dhaana/Tuma. Akka waan shamarran keenya Hijaa bahataa jiranii waan fakkaatu,bara kana Shamarran Biyya Faranjii Jiraatan Abbaa Warraa isaanii Ajiba Gochaa jiran.

Kan Silaa Ajajuu qabu Abbaa Warraati. Garuu Barri Faallaa tahee,dubbiin Hijaa Bahannaa waan fakkaatu,Shamarrantu Akka ofii fedhetti Dhiirota bulchaa jira jechuun,Sheik Amin Ibroo dhimma kana Gadi Jabeessee Gorsa Laataa Jira. Nuti Duratti Gaafa Haadha warraa teenya Tumnee,Nujalaa sokkite,Manguddummaa Erginee galfannaa,Isinis gaafa Abbaa Warraa Keessanitti Aartanii Alatti Ofirraa Ariitan,Maaloo akkuma keenya sanitti sokkituu galfadhaa jechuun Gorsa Ajaa’ibaa kana dabarsaa jira.

Sheik Amin Ibro Gorsa Shamarran Biyya Faranjiitif

Baratu Geeddarame,Aangoon Abbaa Warraa Haadha warraa Harka gale. Bultiin Namoota Baayyee Baddee,Ilmaan isaanii Abbaa malee Guddatuu eegalan jechuun Yaadachiisee,Gamni lachuu waliif obsuu fi Irra Walii Kutuun Bultii Ofii Jabeeffatuu Akka Qabus Gorsa Bareeda Haala Nama Kofalchiisun dabarseera.

Ummanni Keenya Gosummaa fi Gandummaan Wal qooduun,Jidduu keessanitti Jibba Babaldhisuu dhiisaatii Tokkummaa keessan Jabeessaa jechuunis,Gorsa Tokkummaa Jabeessuu dhaameera. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Sheik Amin Ibro Muhaadaraa Hawaasa Oromo Biyya UK waliin

Muhaadaraa Sheik Amin Ibroo Biyya UK’tti Hawaasa Oromoo Achi jiraatuf Taasisan.

Muhaadaraa Sheik Amin Ibro Hawaasa Oromo UK waliin

Hawaasni Oromo Biyya UK Waamicha Kabajaa Kana Aawwatun Sheeka Keenya Sheik Amin Ibro Haala Kanaan Simatuu keessaniif Guddaa Galatoomaa

Sheik Amin Ibroo Turtii Hawaasa Oromo Biyya UK waliin Taasisan Kanaan,Gorsa Bareedaa dabarsuun,Hawaasni Oromo UK jiraatu,Fakkeenya Hawaasa Oromo Diyaaspooraa Taatan Jechuun,Waamicha Muhaadaraa Kanaaf Akkanatti Baatanii Na Simatuu Keessaniif Guddaa Galatoomaa jedhaniiru.

Sheik Amin Ibro Muhaadaraa Hawaasa Oromo Biyya UK waliin Taasisan.

Gama Biraatin Akkuma Hawaasni Oromo UK jiraatu Kun Wal yaadachiisuf jecha,Sagantaa Akkana Fakkaatu kana qopheessan,Hawaasni Oromo Guutuu Addunyaa bakkoota hedduu jiraatanis,Sagantaa Akkanaa Kana Akka Qopheessuu qaban Gaafataniiru. Guutuu Haasawa sheekaa Olirraa Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Sirna Eebba Kitaaba Hin Duune Jedhu Kan Mohammed Deeksisoon Barreeffame/Dubai

Lubbuudhaan Jiraatee Kitaaba Hin Duune jedhu barreesse. Kitaabichas Ummata Oromo Biyya Dubai Jiraatu Giddutti Haala Hoo’aa taheen eebbise. Ofii Mohammed Deeksisoo eenyu?

Sirna Eebba Kitaaba Hin Duune jedhu kan Mohammed Deeksisoo barreese Biyya Dubai

Mohammed Deeksisoo Bara 2020 Univasty Jimmaattii Barnoota Isaa Xumuruun,Guyyaa Hawwiin Barattoonni eeggatu Guyyaa Eebbarra gahame. Barattoota Kumaatama keessaa Bakka Mootummaan Naannoo Oromia fi Aanga’oonni Gurguddaan Argamanitti Ol ka’ee Haala Yaachisaa fi Rakkisaa Ummanni Keenya keessa jiruu fi Hayyoota Keenya Badii Malee Hidhamaniif sagalee tahe.

Sirna Eebba Kitaaba Mohammed Deeksisoo Biyya Dubai keessatti

Maalif sagalee taate jechutti kan gadde Mootummaan Obboleessa keenya kana Ukkaamsuun Mana Hidhaatti darbate. Turtii yeroo dheeraa booda Akka Badiin qabne Manni Murtii Ifa taasisuun Hidhaarraa bahe. Achiin Doorsisni waan itti jabaatef biyyarraa baqate. Biyya Kenia erga tureen booda Haala Ummata keenyaa irratti Kitaaba Hin Duune jedhu barreesse.

Kitaaba Kanas erga Biyyatti Marsaa duraa Eebbisanii booda,Biyya dubai imaluun Guyyaa Arraa Kitaaba Hin duune jedhu haala hoo’aa fi Gammachiisaa taheen eebbisiise.

Sirna Eebbaa kanarrattis Taatee Guyyaa eebba isaa sana tahe yaadatuun seenessan. Kitaaba qofa miti jechuun Akka Haarawatti Obboleessa keenya kana uffata eebbaa itti kaayuun eebbisan. Oromoonni Biyya Dubai Hedduu galatoomaa isiniin jechaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Hamzaa fi Ashittiin Yeroo Yaadaan Haalalarraa Jaalala waliif kennan

Sila Jarri Kuni Lameen erga wal fuudhani Amma Torbee lama gahaa jiraa,Yoomitimmoo Ilmoo Argatanii sossobaa jiraniin,Yaada Namoota Komantii jalatti Katabanirraa Arganneedha.

Obbo Hamzaa Fi Aadde Ashittiin Yeroo Jaalala waliif qaban Livirratti ibsataniidha.

Jaalalti isaanii Kuni Kanuma qilleensarraa qofa tahee hafuuf jiramoo,Akkam waansaa jedhee kan yaaddoo qabu ibsatulleen baayyeedha. Ani Ammoo Jaalala isaanii kana ilaaleen yaadaan sokkee,Biyya galee,Akkaataan itti duraan Harmee koo gargaaraa ture Na Yaadachiisan akkasuma ammoo Abbaa Warraa koo fi Ilmoo Kiyya Na yaadachiisan jechuudhaan Kanneen Yaada kennatulleen baayyeedha.

Tapha Hamzaa fi Ashittii livii Irratti Funny Ajaa’ibaa taasisanii ummata kofalchiisan

Aah Jaalala Halaalaa jedhee kan waa yaadatee Keessa isaatti Miirri tahe wahii itti uumames hin dhabamne. Akka Maraafuu Galgala edaa Obbo Hamzaa Hijii fi Intalti Abilee yookaan Ashittiin Livirratti Namoota Kuma 10k oliin Daawwatamaa turan. Erga Viidiyoo bahanii lamaan isaanii waliin haasaha taasisuu dhiisan Bubbulanii jiran. Eda galgala ture kan wal arganii Ummata Kofalchiisaa bulan. Maaltu taheree?

Obbo Hamzaan Erga Nikaa Hidhatee,Aadde Ashittiin Akka Vediyoo hin Baane ajajee ture. Ashittiin Turtii Yeroo dheeraa booda Hamzaan waliin Taphannaa seeni jechuun Afeerrate. Ashittiin Gammachuu sanirraa Kan Ka’een,Nyaata Nyaachullee Akka Hin dandahin himti. Mushirrittiin Fooddaa Tiktok isheetin Calaw jettee Hamzaa eegaa jirti. Garuu Hamzaan Hin seenne ni bade.

Garaatu qullaa Na jira,Akkan Koflee taphatuu dandahuuf Ammoo,Nuaachuun qaba jedhee Hoteela deeme. Ashittiin Meekappiidhaan Fuula Ishee kana Garagalchitee Livii seente,Hamzaan dafee liivii seenutti aarte. Itti bilbiltee,Yaamuun Komii irraa qabdu ibsatte. Turullee Hamzaan Boodarra ishee Meekappiin irraa dhiqame seenee,Dhiifama Gaafata.

Tapha Muraasa Erga Waliin Taphatan,Akkaataa Itti Yeroo Ashittiin Magaalaa deemte,Ilmoo sossobuufi qabu Gaafatte. Hamzaanis Hojii waliin Boraatii Harkatti qabatee,Ilmoo isaa fakkeessuun Sossobuu eegala. Ashittiin Akkaataan Hamzaan Ilmoo Ishee itti qabu kana ilaaltee rifatuun Lakki Akkas miti Akkana Godhi sossobi jechuun Hamzaatti Agarsiifti. Hamzaan Kaw jechuun Ammagaa😂 Akka Maraafuu Guutuu Viidiyoo Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Waamicha Muhaadaraa Sheik Amin Ibroo Biyya Uk

Sheikni Keenya Sheik Amin Ibroo Waamicha Ulamaa’onni Biyya Uk taasisaniif Qeebaluun,Ummata keenyaaf Gorsa Dabarsuuf yookaan Muhaadaraa taasisuuf Isin Giddutti argameera.

Sheik Amin Ibroo Oromoota Biyya UK Birmingham jiddutti argama dhihaadhaa irraa Hin Hafinaa

Sheik Aamin Ibroo Yeroo Gorsa Ummataaf taasisu,Gorsa Nama Hin Hifachiifnen,Kofalchiisaa Akkaataa Jiruuf jireenyaa Akkasuma Diin isaa akkamiin jabeeffatuu Akka qabuufi,Akkmiin Badirraa of eegee Akka Rabbii isatti dhihaatuu qabu,Osoo Nama Hin Hifachiifne Dabarsuun beekama.

Haasaha Sheik Amin Taasisu Dardarrii fi Guddaanis,Hanga dhumaa Dhaggeeffata. Sababnis Yeroo Hadiisa Ergamaa Rabbii(S.A.W) Ummatatti odeessu,Hin Hiffisu,Akkasuma Hin Lolu,Tooftaa Qoosaa fi Taphaatin Ummata Hawwataa,da’awaa taasisa. Akkaataan Isaan Ummata Ittiin Gorsan kuni Baayyee Namoota Akka Isaan Jaalatu Taasise.

Sheik Amin Ibro Biyya UK’tti Argaman

Biyya UK Keessatti Ummataaf Da’awaa Taasisuuf Sanbata Xiqqaa fi Guddaa Fuuldura keenya Jiru kana beellamatee waan jiruuf Hundi keessan Akka Irratti Hirmaattan Kabajaan isin gaafanna. Waliif dabarsuun Biraan gahaa isiniin jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Hamzaan Lolaa Jira Sababni Ashittiin Nyaata Hojjatuu Hin beeytu 😂

Ashittiin Hamzaa Ni Shawwadde. Oromoo Ani Badeeraa Na qaqqabaa Jechuun Jamzaan Ija babaasee lolaa jira. Dubbiin Dubbii Ashittiin Nyaata Hojjatuu Hin beeku jettee Hamzaa sobuuti.

Ashittiin Yeroo Nyaata Godhuu Hin beeku jettee Hamzarratti Praankii Hojjattu funny oromo

Ani Video Ashittiin Nyaata Hojjataa Kanaan Dura Feesbuukii ishee Irratti maxxansitun arge. Nama Jiruu miti Osoo Namni Du’e Duniyarratti kan deebi’u tahee silaa Nyaata san Foolee argee qabrii cabsee baha. Ashittiin Ummata Duratti Hamzicha keenya Iyyisiifteeree😂

Ashittiin Indoomii Akka Baayyee jaalattuu fi Nyaata Hojjatuun Nama Rakkifne kan Bishaanumaan oowwisuu qofa gaafatu Jaalatuu fi isan siif Hojjadha jettee Hamzaaf Himti. Magani Hamzaan Argaa Indoomii Hin dandahu Maaltu Furmaataree.

Hamzaa fi Ashittii Yeroo Dubbii Nyaata gochuu Irratti waliin Qoosan

Ashittiin Hamzaa Sobaa jirti. Praankii irratti hojjatte. Ummanni Itti Koflee Gangalate. Dhumarra Ashittiin Waan Hamzaan Jettu qabdi. Waan isheen jettuun kanatu Hamzaa Wayyeeyse. Viidiyoo keessaa guutuu Dhaggeeffadhaa.

Shamarran keenya Osoo Hin Heerumin Nyaata Hijjatuu baratuu qabdan. Dubartiin Nyaata Hojjatuu hin beeyne,mana Qulqulleessus tahee Tajaajilaa abbaa warraa isheef shamarri qabdu Guutuu hin dandeessu. Kanaafuu Shamarran Nyaatas tahee hojii mana keessatti Hojjatamu Hundumaa Baratuu qabdi.

Shamarran qofa miti,dhiironnis Beekuun Hojii mana keessaa wal gargaaruun jireenya isaanii Bareeffatuu qaban. Bara kana Akka durii hojii mana keessaa shamarran qofarratti dhiisuun sirrii miti. Kanaafuu Bofti Abbaatu Of mara jedhe jedha makmaaksi Oromoo tokko. Akkasiin beekaa Waliin Waan Hunda hojjadhaan dhaamsa keenya. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Ustaaz Hamzaan Waan Shamarran Tiktok Fedhii Nama Qaraasisanirraa Gorsa kenne

Bara durii Shamarri Oromo Safuun beekamati. Kabaja Ofii Eeggatti. Tan Ammaa Akkaataa Itti Safuun Caphu Irratti Barsiisa sheeyxaanaa Ummata barsiisaa jirti. Kanaaf Ustaaz Hamzaa Takluu Gorsa Ajaa’ibaa dabarseera. Hundi keessan Dabarsaa biraan gahaa.

Gorsa Shamarran keenyaaf Ustaaz Hamzaan kennan

Ustaaz Hamzaan Fakkeenya Burtukaana Lamaa Kan Tokkoon Burtukaanichaa,qunceen irraa kaafamee fi Kan Tokko Haguugamaa Kamiin Keessaa filattan jechuun Gorsa kennuu eegale. Gorsa Kanaanis Shamarran Keenya Safuu dagatee waa’ee wal qunnamtii saalaa Barsiisuu eegalan Jajjabeessee Gorsuun dhaameera.

Ustaaz Hamzaa Takluu Gorsa Bareeda shamarran keenyaaf dabarsan.

Ustaaz Hamzaan Kana Qofa Miti Waa’ee Haadha Warraa Ergama Rabbii(S.A.W) Kadijjaa(R.A) kaasuun Himee,Achumaanis Mihraaba fi Mihraaja Imala Ergamaan Rabbii Gama Samii Deemuun Salaata Shantama Shanitti Nuuf deebisanirraahis Dhumarratti Yaadachiiseera. Dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Asliin Arruma Gudii tahe. Kaw jechuun ammagaa

Lachuu Wal qixan jaaladha. Takka Daabboo Tiyya Takka Ammoo Biddeena Tiyya. Ofii Maqaan Biddeena fi Daabboo Maqaa warri isaanii Baasefi miti. Asliitu Baasef

Suuraan Aslii,Jaaluu fi Kuulleedha. Funny Oromo comedy Ajaa’ibaa Taasisan

Shamarran Lamaatu Aslirratti wal qabee Biyya Halkan guutuu Iyyisiisaa bule. Takka Ameerikaa takka Suudii jiraatti. Maqaan Shamarree Suudii jirtuu,Kuullee Yusuf hoggaa tahu Tan Ameerikaa Jirtuu Jaaluu jedhamti.

Tapha Baayyee Kofalchiisaa Gidduu Aslii,Jaaluu fi Kuulleetti Maqaa Dorgommii Jaalalaatin Gaggeeffameedha. Funny Ethiopian oromo

Dorgommii Jaalalaatu Gaggeeffame. Abbootin Murtii Gidduu taa’anii Qabxii qabaniif. Hundi Wanta jedhee Aslii faarsu fi Wanta Gochuu qabu Dubbatuun Miira Daawwattootaa hawwatu. Eenyutu Irra Jaalalaan Jaarsa isaa kunuunsuu dandaha laata?

Dhungoon isaan aslirratti Roobsan Daawwattoota garii Miira keessa galcha. Asliinuu xiqqo malee Fiiguuf ture. Haadaan hiinee Giddutti Qabne. Asliin Kaw jechuun ammaggaa,Hancufti Afaanii dhumee Waan jedhu dhabuun Ammagaa. Walumaa galatti Tapha baayyee hawwataa fi kofalchiisaa tahetu Mana Harootti Qophii Hiriyaa Jaalalaa Irratti gaggeeffamee bule. Guutuu isaa dhaggeeffadhaa Ittiin booharaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Maaltu Akkas Kennaa Gammachiise? Herumuufmoo

Guyyaa Akka Arraa Ture Kanin Isliminnaa Qabadhe. Gammachuu kiyya Kana Akkan Ibsadhu Keessuma Kiyyatu Na ajaje malee Kabajni Addatti Amantaan koo Ajajee Akkan Kabajadhu Na dirqe hin jiru.

Waggaa 1ffaa Kennaan Gammachuu ibsatuu fi Tapha Gabaabaa

Jireenya Koo keessatti Yeroon Dabarse Yaadadheen Guyyaan Amantaa Islaamummaa Qabadhe Kana Gammachuu koo irra deebin insataa jira. Hiriyoonni Ishees waliin Kabajaafi jiran.

Amantaan Islaamaa Na Ajajaee Osoo Hin Taane,Anumatu Gammachuu koo Ibsatuuf Sagantaa kana Qopheeffadhe jechuun dubbatte. Hiriyaan ishee Sabummaa fi Amantaan Gargar tahan kan waliin Bakka tokko Hojjatanis Haala Isheen Keessa Turtee fi Isa Ammaa Dinqisiifataa ibsiti.

Isaanii Haala Kanaan Gammachuu insataa jirani kan Hiriyaan ishee takka Dhiira tokko qabattee Taphaaf bira seenan. Yeroo kanatti Isaanumaa Xiqqo qoosee taphatu Namni Biraa tokko seenee gorsa bareedaa kennaafi jira. Kanuma Tapha isaani Olirraa Dhaggeeffadhaa

Waggaa Tokkoffaa Kennaan Gammachuu isatuu fi Tapha Gabaabaa Hiriyoota Ishee waliin

Aadde Moonet Kunoo Aslii Seenaa Jaalalaa Himsiiftee Boochisaartimo?

Gaazixeessituu OBN Tan Yeroo Jaalalaa Irratti Dhiirota Seenaa Jaalalaa Himsiisuun Boochisaa Ooltu Aadde Mooneet,Arra saalii waliin Dabaree argattee xiqqo Malee Asliin Boochisuuf turte.

Gaazixeessituu OBN Aadde Mooneet Yeroo Jaalalaa Tiktok Irratti aslii Waliin Afgaafii Taasiftee Himsiifte

Aadde Mooneet Tiktok Mataa ishee fi Youtube Mataa ishee banattee Akka jirtu Hawaasaaf Himuuf Akkuma Tiktok seenteen,Aslii Waliin Tapha eegalte. Tapha kanaanis Asliin Seenaa Jaalala isaa Akka Himu Gaafatte. Hawaasni Aslii daawwatu Dubbiin tuni baayyee taatefi Kofluuf ilkaan Rigachaa Komantiin Mana Oowwisu eegalan.

Obbo Asladdiin Mohammed yookaan Asliinis Seenaa Jaalala Kan Erga Biyya Masrii Kaayroo dhufee,Akkaataa Itti Haadha Seenaa waliin jalqaba wal baran Irraa Kaasee Akka himuuf gaafatte. Asliinis Seenaan Jaalala Haadha warra isaa Jamiilaa,shamarree biraa Walin walitti Hidhata qaba waan taheef Achirraa eegalee Himuufii eegale.

Seenaa Jaalala Asliin Himee Kofalchiisaa Jira

Jiddutti Waa yaadatee Imimmaan Ija Marraan Sooftii Naaf kenni Jechuun Mooneet Gaafatee Biyya Koflaan Garaa Bilcheesse. Akkaataa Itti Haadha seenaa waliin wal baran Himee,Raawwatee,dhugaa tokko kan dhosses Hawaasaaf ifa taasise. Sunis Maqaa isaa Kan Doktora jedhu kana Akkamitti Akka Haati seenaa moggaaftef himuudha ture.

Walumaa Galatti Taphni Seenaa Jaalala Aslii Kan Aadde Moonetiif Hime kuni Baayyee Nama Kofalchiisa. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia