Likki Likkii teenya Nuuf Hime Sheik Amin Ibroo Muhaadaraa 4ffaa Biyya UK keessatti

Gorsa Dhaggeeffatamee Hin Quufamne Sheik Amin Ibroo Biyya UK irraa

Sheik Amin Ibroo Muhaadaraa 4ffaa Biyya UK Magaalaa Sheffield Bara 2023

Namni Yoo Likkii Ofii Beeke gaaridha. Namni Bakka Irraa Ka’e Hin Beeyne Bakka Itti deemullee hin beeku. Sheik Amin Ibroo Gadi qabee Haala Nuti keessa Jirruu fi Fedhii Jireenya duniyaatif jecha Keeyrii xiqqoo qabnullee Ofjalaa balleessaa jirru kana Ilaalchisee,Muhaadaraa Arra Yeroo 4ffaatif Biyya UK Magaalaa Sheffield Keessatti Taasise Kanarratti,Waan Dargaggoonni Ofii daddabanii Jaartii Saaliha Naaf Barbaadaa Jedhanirrattis,Gorsa Ajaa’ibaa Laateera.

Sheik Amin Ibroo Muhaadaraa 4ffaa Biyya UK Magaalaa Sheffield keessatti taasise

Haasawa Isaa Kan Namuu Jaalatu,Kan Qoosaa Keeyriitin Dabaalamee Nama Hin Hiffifne Kanaan,Haala Qalbiin Teenya Itti Goggooydee Dawaa Fudhachuu didde Kanarraahis Gorsa Ajaa’ibaa Kenneera. Namni Obsaan Haasaha Yookaan Gorsa Sheik Amin Ibroo Taasisu Kana Dhaggeeffate,Akkuma Nama Mana Entertainment dhaqee kofla Barbaada,Birrii Kafalee Achitti Koflu Daran Bilaasha Koflaa,Waan Duniyaaf Aakiraa Nama Fayyadu Irraa Barata.

Sheeka Keenya Sheik Amin Ibroo Rabbiin Ummata Kana Keessatti Umrii Isin Haa dheeressu Jechaa,Gorsa Isaa Bareedaa Kana Waliif Daddabarsuun Hunda Biraan Akka Geessanis Kabajaan Isin Gaafanna. Isinilleen Viidiyoo olirra jiru Kana Akka Dhaggeeffattanii Irraa Barattan Isiniif dhaamna. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Kamaal Abdallaa Haada Kutuuf deema. Gorsi Kadiir Ammallee Hin dhaabanne

Kadiir Martuu Ani Kanin jedhe,Dhugaadha. Rabbiitu Dhugaa Waliif Dhaamaa Nuun Jedhe kanaafin Dhugaa Jirtu Hunduma keessaniif dhaame jedhe. Kamaal Abdallaa Garuu Galgala edaa Walitti Gadi Yaana Waan jedhu fakkaata. Kanarratti Waan gamaaf gamanaa qindeessinee dhufneerra.

Kamaal Abdallaa Ammallee Gorsa Sheekkotii fi Kadiir Martuu Fudhachurraa Fagoo jira.

Kamaal Abdallaa Ani Da’awaa Isinirraa Dhagahuuf Qophii miti jechaa jira. Mirga isaati Garuu Aayaa Takkallee Osoo Taatee Waan Narraa Dhageessan Geessaa Obboleeyyan keessaniin Gahaa,, Hadiisa Jedhu Kan Ergamaa Rabbirraa Odeeffame amma Hin hojjatu jechuu Hin dandahu.

Kamaal Abdallaa Gorsa Kadiir Martuu irraa Fagoo jira. Kanaaf Yaada Dabalataa Kennineef

Obbo Kamaal Hadiisa Kanaaf Fatwaa Gochaa,garuu Nama Da’awaa Asirratti Godhu Hunda Keessan Beekkamtii Malee Akka Hin dandeenye Beekuu Qabdan jechuun isaa Sirrii Miti. Kanarratti Kan Gorsa Laannef.

Kamaal Abdallaa Ummata Duratti Wanti Inni Hojjate Badii tahuu Amanuun,Dhiifama Gaafatee ture. Tahullee garuu Badii Malee Dhiifama Gaafadhe Waan jedhu kan fakkaatu Eda Galgala Haarawatti Rabshaa Gochaa Bule. Kanarraa Dhaabatuu Akka Qabu Hundi Keessan Akka Irra deebiin Gorsuu qabdan Kabajaan isin gaafanna.

Sababa Ati Vediyoo tokko Hojjattee,ummata dallansiiftee,ummanni Viidiyoo sirratti Hojjateen diliintee Dachaa Dachaa Akka Tahuu dandeessu Yaaduu qabda. Kanuma Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Hamzaa Fi Ashittiin Dhaamsa Dhumaa Dhaammatan

Kana Booda Namoonni Gama Lachuu Fakkaachuun Gidduu keenya deemtanii Ololtan Dhaabbadhaa jechuun Dhaamsa Dhumaa Dhaammatan.

Dhaamsa Dhumaa Obbo Hamzaa fi Ashittiin Dhaammataniidha

Obbo Hamzaan Arra Waan Ajaa’ibaa hima. Nama Birrii Kafalee Nama Nutti Bituun Akkuma Nuti Addaan Baanu barbaacha,Nurratti Hojjataa jiruutu jira. Kanaafuu Namoonni Akkasii sunneen dhaggeeffadhaa Dhugaa Kanas Liqimsaa jechuun dhaamsa kenna. Dhaamsa Isaa Kanaanis Waa’ee Nikaa Isaanii Hime.

Hamzaa fi Ashittiin Nikaa Walingodhanne jechuun Nurratti Ololama. Garuu Anaafi Ashittiin Imala Waa’ee Jireenya keenya fuula Duraa Malee Kitaaba Isin Amma Odeessitan kana keessaa turaa baane. Torbee dhufu Cidha keenyaan Isin Bashannansiisuf jiraanna.

Obbo Hamzaa Fi Aadde Ashittiin Dhaammatan

Warri Anaafi Ashittiin Nikaa Hin Hidhanne jechuun Nurratti Ololaa jirtan dhaggeeffadhaa. Maatiin Kiyyaa fi Maatiin Ashittii Walitti Dhufuun Intala Naaf Kenni,Tole Isiniif kennine jechuun Guyyaa Nikaaf Beellamatanii Harka wal fuudhanii Guyyicha eegaa Jirra jechuun Obbo Hamzaan Yaada kennatee,Kanaafuu Gahee Nurraa dhaabadhaa jechuunis dhaamsa dhaammate.

Bultii Namaa kan diigu sheeyxaana qofa. Namni Sheeyxaana waliin Hojjatus Bultii Namaa Diiguuf Asirraa Maraata. Kanaafuu gochaa Akkanaa Kana dhiisaa,Akkaataa Isaan Itti walitti dhufan gochurratti Keeyrii Hojjadhaan dhaamsa keenya. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Deebii Asliin Kamaal Abdallaa Kan Kadir Martuu aarsef kenne

Artist Kadiir Martuu Jidduu Kana Namootaf gorsa laataa jira. Gorsi Inni Kennaa Jiru Kuni Sheik Kamaal Abdallaa Dallansiise.

Artist Kadiir Martuutif deebin Kamaal Abdallaa kenne,Aslii fi Hawaasa Oromo dallansiise

Maalif Gorsa Na Gorsita Anuu sheekaa waan jedhu kan fakkaatu,Kan Namoonni Artist Kamaal jechuun Waamu,kan Inni King Kamaal Ofiin jedhurraa Wanti Hin Eegamne dhagahame. Kuni Ammoo Namoota Baayyee Dallansiifte. maaltu tahe seetan?

Sheik Kamaal Akkaataan Ati Tiktok Irratti tahaa jirtu Kuni Amantaa keenyaf Salphina Agarsiisudha. Yookaan Tuffachiisudha waan taheef,Akkaataa Kankee kana sirreeffadhu waan jedhu,Dhaamsa gabaabaa Artist Kadir Martuu Sheik Kamaalif dhaame. Haa tahuu malee Gorsi Kadir Kuni Kamaal Abdallaa dallansiise.

Deebii obbo Asliin Sheik Kamaalif Deebise. Dhimma Artist Kadir Martuu waliin wal qabaturratti.

Maalif Na Gorsita Jechuudhaan Jechoota Kabaja Artist Kadir Xiqqoossu fayyadamee,Viidiyoo hojjate. Wanti Kuni Ammoo Hawaasa Kadiir Martuu Jaalatu Dallansiise. Namoota Baayyee Keessaa,Obbo Aslii Mohammed Sheik Kamaalif dhaamsa dhaamuun eenyummaa Arrist Kadir Martuutis Himeef.

Tahullee Sheik Kamaal Ammas Ijjennoo isaa waan jijjiire hin Fakkaatu. Daranuu Aarii fi dallansuun guutamee,Aslii Arrabsuuf yaale. Asliinis Arrabsoo yoo feete Ilkaan itti cabsine jechuun Kamaal Abdallaatif Deebii Gabaabaa kenneef. Walumaa Galatti Anis Arrabsoo Jara Lachuu Viidiyoo keessatti hin fayyadamne Bakka Gorsaa Qofa Gulaaleenisiniif dhiheesse. Guutuu Viidiyoo Olirra jirurraa Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Shamarraniif Giiftii Kennanii Qullaa Waraabu eegalan/Mubaarak Musaammati himatan

Shamarri Isheen Mubaarak Waliin Suuraa Agartan Kana Osoo Hin Taane Shamarran Tiktok Irraa Geemii Taphatan Baayyeen Giiftaroota isaanitiin Qullaan isaanii waraabamaa Jiraachuutu,Himamee Mubaarak Dhimicha fidee dubbataa jira.

Namoota Shamarraniif Giiftii kennuun Qullaa Waraaban Mubaarak Musammaa saaxile

Shamarri Ammaaf Maqaan Hin Beekamin takka Boohaa Mubarak Musammaati Dhimmicha himatte. Mubaarak Musammaa Dhimmicha akkuma dhagaheen,Namicha Wanta kana hojjatetti bilbiluun Yaada Achii argateefi,Akkasuma Rakkoo walfakkaataa Argamerraa Livii seenee yaada kennataa jira.

Giiftaroota Shamarraniif Giiftii kennuun Shamarran qullaa waraaban Mubaarak saaxile

Wanti Akkasii Kuni Bubbulee jira. Haa tahuu malee Namni Dandahee Olbaasee Dubbatu Hin turre. Ni sodaatame. Haa tahuu malee Shamarri Amma Mubaarak Dhimma ishee dubbattu suni,Akka Giiftarri Giiftii Biteefi Tiktok irratti Geemii Taphachiisaa ture,Qullaa ishee waraabe himte.

Akka Mubarak Waa’ee shamara tanaa himutti,Intalli Kuni Harmee isheetu dhukkubsate. Mana Maadaamii Hojjattee,Waldhaanuu Rakkatte. Sababa kanaa Geemii irraa Galii Argattu Kana Harmee isheetin Waldhaanatuuf Giiftaroota Ishee Kanatti dhihaachuu eegalte.

Giiftaroonni Baayyeen Shamarran Giiftii kennaniif,Keessaan Janajjanu. Qullaa isaanii ilaalu. Kanarraa Kanka’e Isheenis Waraabamtee Dhimma Kana Mubarak Akka Giiftara ishee waraabe kana Gaafatuuf Kadhatte. Asumaanuu Shamarran Tiktok irraa Geema taphattan Namoota Akkasii Kanarraa Akka Of qusattaniif Sagantaa kana isiniif dhiheesse. Guutuu Viidiyoo Olirra Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Waltajjii Guddoo Sheik Amin Ibro/Hawaasa Oromo UK Bolton waliin

Muhaadaraa Sheik Amin Ibroo Hawaasa Oromo Biyya UK Bolton Jiraatu Waliin Taasisan

Sheik Amin Ibroo Hawaasa Oromo UK Bolton waliin

Waltajjii yookaan Muhaadaraa Kanarratti Hirmaatuf Shittoo Dibatee,Ganamaan Ummataaf Dhaamsa Kan Dhaame,Artist Kadir Martuu kan Yeroo Ammaa Kana Baayyeen Namootaa Artist Kadiir Osoo Hin Taane Ustaaz Kadir Jechaanii Jiru Obboleessi keenya Kadir Martuu,Sheik Amin Ibroo waliin Wal Arguu isaattii Gammachuu Qabu Ibsataa jira.

Sheik Amin Ibroo Waltajjii Kanarratti Gorsa Ajaa’ibaa Haasaha Isaa Kan Dhaggeeffatamee Hin quufamne saniin,ummata booharsaa,Waan Jiruu fi Jiruu Booda Aakirattis Jiruu Teenya Zalaalam Bareechu,Gochoof Maaltu Nurraa Eegama jedhee Gorsa Ajaa’ibaa Ummataaf dabarseera.

Sheik Amin Ibroo Hawaasa Oromo Uk Bolton jiraatu waliin Turtii Taasisaniidha.

Kabajamtoota Dhaggeeffattoota keenya Haasaha Sheik Amin Ibroo Waltajjii UK Bolton Irratti taasise kana Olirraa Guutuu isaa Dhaggeeffadhaa Keeyrii tana warra hin Dhaggeeffatin Hunda Biraan gahaa hoggaa isiniin jennu,Kabajaafi Jaalala isiniif qabnu waliini. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Shamarri Tiktok Irratti Maqaa Badaan Waamamtu Aadde Risqoon Gorsa Artist Kadir Qeebalte

Aadde Risqoo Ahmed jedhamti. TikIrratti Namoota Wantoota Fokkattuu Dubbatuun Beekkaman keessaa Aadde Risqoon Nama Tokko turte. Har’a Wanta Addaatu Dhagahame.

Aadde Risqoon Gorsa Artist Kadir Martuu Qeebaluun Badirraa Akka Deebite Himte

Dhimma Shamarran Tiktok irra Oowwa waan fakkaatu,safuu oromoos Cabsaa jiran Ilaalchisee Artist Kadir Martuu Gorsa Gabaabaa tokko akkuma qoosatti dhiheesse. Viidiyoo sana Duet gochuun Aadde Risqoon,Bira Teesse Muldhatte.

Artist Kadir Martuu,Akka Ishee arge dubbatuun,Islaamummaa jechuun Maal Akka Tahe Viidiyoo biraa keessatti Himee,aadde Risqoon Akka Towbatuun Gama Rabbii Ishee deebitu Maqaa Yaamuun gaafate. Aadde Risqoonis Gorsa Kadir Kana Onnee guutuun akka qeebalte himte.

Kan Akka Waan Arra Ishee argetti Aadde Risqoo Irratti Hojjatuun Arrabse,tokkoof Aadde Risqoon deebii Kennuun Akkana jette “Ani Kabajan Artist Kadir Martuutif qaburraa Kan ka’e,Gorsa Isaa dhagahee Laga Saree sana keessaa baheera. Na Tuttuuyxanii Akkan Achitti deebi’u Nan Godhinaa jettee Dhaammatte„

Aadde Risqoon Gorsa Kadir Martuu qeebaluun Badirraa deebi’uu himte.

Kana Kan Dhagahe Artist Kadir Martuu Ishee Galateeffatuu fi Namoota Shamarran Arrabsee gara badiitti oofaniifis Gorsa Laateera. Guutuu Viidiyoo isiniif Qindeessee Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Taphni Akka Qaba Jechuun Artist Kadir Martuu Dhaamsa Jabaa Hamzaa fi Ashittiif Dhaame

Miidiyaa Irra Ummata Bultii Namaa Diigutu jira. Akkaataan Jaalala Itti Waliif Ibsan Kan Miidiyaa Irraa Kuni Nan Gammachiifne jedha Artist Kadir.

Artist Kadir Martuu Gorsaa fi Dhaamsa Jabaa Obbo Hamzaa fi Aadde Ashittiif dhaaman

Kanaan Dura Keessaan Si gorseera jechuun Obbokeessa Keenya Hamzaadhaaf Dhaamsa Kan Dhaame Artist Kadir Martuu,Akkaataan Jidduu kana Dhimmi Obbo Hamzaa Fi Aadde Ashittii Ijoo miidiyaa Hawaasummaa Itti Tahe kuni Sirrii miti Jechuun Gorsa Dabarseefii jira.

Addatti Soddoonni Keenya Sii Akkasin Utaalu sana Yoo si argan Maal Nuun jedhan jechuun Qoosa Fakkeessee,Hamzaadhaaf dhaamuu qofa Osoo hin Taane,Guutuun Ilmaan Oromo Dhiiras tahii,shamarri,Miidiyaa Hawaasummaa Irratti kabaja ofii eeggatuu qaban jechuunis jajjabeessee dhaamsa dabarfate.

Artist Kadir Martuu Gorsa Obbolummaa Obbo Hamzaa fi Aadde Ashittiif dhaame.

Gama Biraatin Haalli Amma Miidiyaa Irratti Deemaa jiru kuni,Aadaa Keenya Fi Amantaa Keenyas kan Faallessuudha jechuun Dhaamsa Obbolummaa dhaamee,Namni Diin Ofiitif Haala Hunda keessatti Kabaja qabaatu qabas jedhee Gorseera. Guutuu Haasaha Artist Kadir Martuu Olirra dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Artist Kadir Martuu Ma’anaa Jaalalaa fi Sadarkaa Jaalalaa himeera

Warri Asirraa Maqaa Jaalalaatin Ajandaa Nuuf Baaftan Sababa Keessan Abadan Walitti Hin Mufannu jechuun Gorsuu Kan Eegale Artist Kadir Martuu,Gorsa Bareedaas Namoota Muraasaaf dhaaman.

Artist Kadir Martuu Gorsa Bareedaa Dhimma Jaalalaa Gorsan

Ani Sadarkaa Jaalalaa tan irraa dhumaa irran jira Waan Jaalalti taates Isinin barsiisa. Afaanin Shamarran Keenya Asirraa Hin sobinaa. Yoo Jaalala Dhugaa Taate Karaa Seeraatin Nikaa godhadhaa fuudhaa,Kanaan Ala Maqaa Jaalalaa Dahoo Godhattanii shamarran keenya Hin Miidhinaa jechuunis Jajjabeessee dhaame.

Artist Kadir Martuu Shamarran Keenya Jaalalaan qabdanii,Hojii irraa Busy godhuu fi Akka Isaan isinuma qofa Yaaddus Hin Godhinaa Jedhee yaada kennatee,Addatti Waan Obboleettii teenya Irratti hojjatan jedhee yaadu waa’ee Makii Orotis Gadi Qabee Dubbatuun,Abbaan Ishee jaalate Abbaa fedhe yoo tahes dhufee Nikaa Godhachuun fuudhuu qaba jedhee dubbateera.

Artis Kadir Martuu Gorsa Waa’ee Jaalalaa irraa

Kana qofa Miti Artist Kadir Martuu Waa Baayyee Gorsuun Akka waan Amantaa Hin Qabnee nun taasisinaa,Amantaa Keenyafis Kabaja qabaadhaa jedhee Dhaameera. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Obboleessi Soraa Akkamiin Akkana jedha? Kuni Obboleessa Miti Yaadota jedhuuf Deebii Maammee fi Kumsaa

Waa’een Ajjeefamuu Comedian Soraa Abdataa Ammayyuu Gaafi Hawaasa Oromoo Guutuuti.

Artist Kumsaa Taammanaa fi Maammeen Waa’ee Obboleessa Soraa jedhamerraa yaada kennatan

Jidduu Kana Dhimma Du’aan Boqochuu Comedian Soraa Ilaalchisee,Mohammed Binu Aljaziiraa fi Art Kumsaa Taammanaa Dabalatee Hiriyoonni Comedian Soraa Mana Maammeetti Marii Gochuun,Waan Obboleessi Comedian Soraa dhimmicha Ilaalchisee Dubbate,Viidiyoo Gama Tiktok Kumsaa(Hiree Drama) irratti Maxxanfamee ture. Viidiyoo kana Kan Daawwate Hawaasni Oromoo Komii Qabaachuutu Hubatame.

Kuni Obboleessa SORAA Miti Komii jedhuuf Deebii Artist Kumsaa Taammanaa fi Yaada Maammee

Komiin Hawaasichaa,Mucaan Inni Guddataa Abdataa jedhamu Kuni,Akkaataan Inni Itti Dubbatu,Nama Dhugaa Soraa Baasu Osoo Hin Taane,Nama Dhugaa Isaa Dhossu fakkaata jechuun Kuni Obboleessa Soraa Miti Nuuf Yaa Qoratamuu,yookaan Obboleessi Isa Dhugaa Dhimma Soraa Nuuf Haa Ibsuu Waan jedhuudha ture.

Gama Biraatin Namni Obboleessa Soraa Tahe tokko Akkamiin Miira Gaddaa Tokko Malee waa’ee Artist Soraa Nutti Odeessa jechuunis Komatama. Kanarratti Artist Kumsaa Taammanaa,Isa Video Obboleessa irraa Waraabes Ija qeeqaatin Ilaaluu fi Komantuun Cimee itti Fufnaan,Dhimma Kanarraa Mana Mohammed Binu Aljaziiraatti Marii Taasisanii Yaada kennataniidha. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia