Hayyoonni Oromo Qaamaan wal arguun marii taasisan.

Rakkoon Oromo fi Oromia irratti akkasuma sabaaf sablammoota biyyattii Ethiopia guutuu irratti murna Maqaa Oromoo baadhatee aangorra jiru kanaan deemaa jira. Kanaafuu Rakkina deemaa jiru kana dhaabachuu akka qabu fi furmaanni akka ummata kanaaf dhufuu qabu maal gochuu qabna kan jedhu ummanni baldhaan yaada garagaraa kaasuun Hayyoota keenya oromootif waamicha taasisaa turan.

Marii Hayyoota Oromo Giddutti Qaamaan Wal arguun dhimma Oromo fi Oromia irratti taasifame.

Waamicha kana dhagahuunis Hayyoonni Oromo Gama YouTube horn conversation irratti walgahuun marii baldhaa taasisan. Marii qilleensarratti taasisan kana wal arganii qaamaan taa’anii irratti mari’atuu akka qabanis gaafataman. Hayyoonni Oromo kunneen marii qilleensarratti torbee tokko dura taasisan kana ittifufsiisuufi tokkummaa ummanni keenya jaalatuu fi akka isa fayyadu sirritti beeku kan diinni diigaa ture deebisanii ijaaruuf qaamaan wal arguu akka qaban murteeffatan. Oolanii osoo hin bulin guyyaa kaleessaa jechuunis adoolessa 31/06/2025 Biyya Ameerikaa Magaala Seattle Washington keessatti wal arguun marii baldhaa taasisan. Ajajaa Ol’aanaan Waraana Bilisummaa Oromo Marroo Dirribaa Marii kanarratti qaamaan Argamuu baatus sagaleedhaan hirmaatee jira. marii Baldhaa erga taasisan booda murtii qabxii saddeet ofkeessaa qabu dabarsanii jiran.

Hayyoonni fi bakka bu’oonni paartilee Oromoo Adoolessa 19, 2025 marii kallattii Horn Conversation irratti taasifne guyyaa har’aa jechuun Adoolessa 31, 2025 magaalaa Seattle, Washinton keessatti walgahii taasisuun haala Oromiyaa, Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaa ilaalchisee maree fi xiinxala baldhaa erga
gaggeessinee booda, murtoowwan armaan gadii irra geenyeerra.

1, murni amma biyya Itoophiyaa bulchaa jiru uummata Oromoo dararaa fi cunquisaa gita hin qabneef kan saaxile ta’uu hubannee sirni kun jijiiramuu akka qabu waligalleerra. Murni kun gochaa fi
imammata farra Oromoo raaw’achaa maqaa saba kanaa jala dhokachuuf yaalii inni godhu cimsinee ni balaaleeffanna. Bifa walfakkaatuun adeemsa dogoggoraa qaamonni gariin murna kanaan ‘mootummaa
Oromoo’ jedhanis dhugaa qabatamaarraa kan fagaate waan ta’eef fudhatama hin qabu.

2, sirni cunqursaa Abiyyi Ahmad miidhaa inni saboota biyyattii keessa jiran hunda irraan gahaa jiru cimsinee ni balaaleffanna.

3, jijjiirama barbaachisu argamsiisuuf akkasumas ce’umsa dhufu milkeessuu keessatti qabsoo
jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo (ABO-WBO, KFO fi ABO) geggeessan bifa qindaa’een cimee akka itti
fufu gama hundaan tumsuuf waligalleerra.

4, tooftaalee sirni Abiyyi Ahmad bu’uura aangoo isaa godhate keessaa tokko saboota gidduutti
waldhabdee uumuudha. Keessumattuu uummata Oromoo fi saboota obbolaa gidduutti walshakkii fi
waldhibdee uumuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu isaa hubannee, saboonni fi lammileen biyyattii hundi yoomiyyuu caalaa tumsa yeroon gafatu tolfachuun sirna hamaa kana jijiiruu akka gaban waamicha
dhiyeessina.

5, humnoonni waraanaa fi siyaasaa sirna Abiyyi Ahmad tajaajilaa jiran, sirnicha tiksuu irraa gara fedhii uummataa tiksuutti akka ce’an waamicha goona.

6, mariin Oromoo gidduutti eegale akka ittifufuuf akkasumas mariin saboota fi lammilee biyyattii biroo waliin akka taasifamu waliigalleerra.

7, sirni Abiyyi Ahmad umrii aangoo isaa dheereffachuuf, uummattoota gidduutti waldhabdee
uumuun buqqaatii fidaa akka ture ammas akka itti jiru hubannee, uummattoonni akka tooftaa kana irratti dammaganii tokkummaa fi obbolummaa gidduu isaanii jiru akka tikfatan waamicha dhiyeessina.

8, sirni Abiyyi Ahmad badiwwan armaan olitti tarreeffaman uummata Oromoo dabalatee
sabootaa fi lammilee biyyattii hunda irratti raawwataa akka inni jiru hubachuun biyyoonni ollaa Itoophiyaa
fi hawaasni fi dhaabbileen idil-addunyaa jijiirama fi ce’umsa dhufaa jiru milkeessuuf dhiibbaa barbaachisu
akka taasisan waamicha dhiyeessina.

Dhumarrattis, gophii fi karoora jiru milkeessuuf marii eegalame kana galmaan gahuuf koreen qindeessitu tokko hundeeffamee jira.
Adoolessa 31, 2025
Seattle, Washington

Abiy Obbo Lammaa Magarsaa Dabarsee akka kennu Mootummaa xaaliyaan gaafate jedhan.

Gaafa Aangoo Naannoo Oromia irraa kaasu fedhii Obbo Lammaa magarsaa malee garaaf bultoota irratti ijaaree,osoo lammaan hin beekin halkan walkkaa itti dhufanii maqaa federaalatti na barbaachisa jedhuun lammaa aangoo irraa kaasanii Shimallis muudan.

Sanbooda ministeera negeenyaatimo waantahe wahii irratti aangoo maqaa takka kennaniif. tahullee mana isaa keessaa akka bahuu hin dandeenye godhee hidhamaa manaa taasise. kadhaa abbootiin gadaa fi manguddoonni biyyaa kadhataniin hidhaa manaa jalaa bilisa akka bahu taasisan.

Moruummaan Abiy Ahmed Xalayaa M/Xaaliyaanif barreessen Obbo Lammaa magarsaa dabarsee akka kennu gaafate jetti oduun amma achirraa baate.

achi booda Obbo Lammaa magarsaa Dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessa hojii argateen dabalata barnoota isaa itti fufuuf xaaliyaan jiraata ture. Waggootaaf sagaleen isaa osoo hin dhagahamin obsee hojjataa baruumsa isaatis ittifufaa jira ture.

Amma ammoo oduun achirraa dhagahamtu waan addaati. Abiy Ahmed Obbo lammaa magarsaa mootummaan xaaliyaan akka dabarsee kennuuf xalayaadhaan gaafate. Xalayaa sana irra ragaa jeneraalli biyyattii G/Biraanuu Juulaa Obbo Lammaatu waraana hidhachiisee Mootummaa keenyarratti dhiibbaa godhaa jira jedhee barreessee mallatteessetu jira jetti oduun achirraa baate.

haatahuu malee Mootummaan xaaliyaanii hojjattoota mootummoota gamtoomanii eeguun Dirqama keenya waan taheef dabarsee hin kennu jedheenii akka dide oduun addeessiti. Abiy kanatti waan hin gammadiniif tooftaa biraa baafatee karaa ambaasaaddara Ethiopia kan xaaliyaan jiruutiin humna tikaa harka lafa jalaatin achitti galchee lammaa qabsiisuufi biyyetti dabaluuf hojjataa waan jiruuf Obbo lammaan akka ofeeggannoo godhan dhaamaniifi jiraachuu maddeen Lammatti dhihoo tahan odeeffannoo kana ummataaf ifa godhan.

Abiy kana dura Jawar mohammedis mootummaan keenia dabarsee akka kennuuf gara doolaara miliyoona shanii kafalee osoo itti hin milkaahin hafe. Obbo Lammaa Magarsaatis akka dabarsanii kennaiif Doolaraa Miliyoona shan kafalee irratti hojjataa jiraachuun dhagahame. kanaafuu Oromoon Hayyoota keessan eegadhaa jechuun waliif dhaamaa jiran.

Oromiyaa Dabalatee Ethiopia Bakka Garagaraatti Buqqaatonni Dabalaa jiraachuu UN beeksise.

Buqqaatota Ethiopia keessa bakka garagaraatti faffaca’anii jiran

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Oromiyaa keessatti buqqaatonni miliyoona 1 ta’an qe’ee isaanitti osoo hin deebi’in dirree irratti faca’anii jiru jedhe.

Naannichatti lammiileen sababa walitti bu’iinsaa fi hongeetin qe’ee isaanii irraa buqqa’an keessaa kuma 137 ol kan ta’an gara qe’ee isaaniitti deebi’anis ammallee naannicha keessatti buqqaatota miiliyoona 1 ol jiraachuu Dhaabbatichi ibsee jira.

Tokkummaa Mootummootaatti Waajjirri Dhimma Baqattootaa (UNHCR) gabaasa baaseen, sadarkaa biyyaalessaatti lammiilee miiliyoona 2.5 ol gara qe’ee isaanii deebi’ani jiru jedhe.Haa ta’u malee, buqqaatonni miiliyoona 4.3 ol ta’an ammallee gara qe’ee isaanii akka hin deebine ibse.

Akka gabaasni Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (UNHCR) mul’isutti, buqqaatonni harki caalaan (dhibbeentaa 65) sababa walitti bu’iinsa naannoo isaaniitti uumameen qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, dhibbeentaan 18 ammoo sababa hongee uumameen buqqa’an.

-Buqqaatota biyyattii keessatti argaman keessaa baay’inaan kan argaman naannoo Somaalee keessatti yoo ta’u, naannichi buqqaatota miiliyoona 1.3 ol keessummeessaa akka jiru ibsame.

-Naannoo Guddicha Ethiopia Oromiyaatti ammoo buqqaatota miiliyoona 1 fi kuma 64 qabachuun sadarkaa lammaffaa, naannoon Tigraay ammoo buqqaatota miiliyoona 1 fi kuma 21 qabaachuun sadarkaa sadaffaarra argama. Akkasuma Naannoo Amaaraa keessattis buqqaatota kuma 436 ol akka argaman ibsameera.

-Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaasa Amma baase kanaan, hanga Waxabajjii 30, 2024tti lammiilee miliyoona 2.5 gara qe’ee isaaniitti deebi’an keessaa naannoo Tigraayitti namoonni kuma 900 fi kuma 67 fi 257 gara qe’eetti deebi’uu fi ammallee kanneen miliyoona tokko ol ta’an buqqa’anii argamu.

-Naannoo Oromiyaattis namoonni kuma137 fi 230 ta’an gara qe’ee isaanitti kan deebi’an ta’uus, ammallee kanneen miiliyoona tokko ol ta’an gara qe’ee isaanitti deebi’uu akka hin dandeenye ibsee jira.

Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti Ummatanni cidharra ture jumlaan Dhumate.

Gochaan akka kanaa kuni irra deddeebiin Oromia bakkoota garagaraatti Raawwatamaa jira. Gocha akkanaa kana yeroo raawwatamu hunda Faannootti qubaqabama. tahullee eenyutu raawwataa jira jedhamee beekuuf rakkisaadha.

Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo keessaatti ummanni cidharra ture jumlaan dhumuutu gabaafame.

Sii cidharra jiru,maatii fi firoonni,Aalii fi Ollaankee dhufee cidha kee siwaliin dabaalaa jira. yeroo ummanni manatti wal gahu ammoo hulaa alaan itti cufanii bombiidhaan darbatan. Namoonni Mana keessa jiran tokkolleen akka hin bahin Bulchaan Aanichaa BBC’f hime. Kan kan hojjate ammoo Faannoodha jedhame. Akka OMN jiraattota gandaa irraa mirkaneeffatuun gabaasetti ammoo Yoo xiqqaate Namoonni soddoma tahan lubbuun dabruu himuufi,namoota birmannaa dhufan warri alaan hulaa jaratti cufe kunneen itti dhukaasun battalumatti namoota afur kan lubbuun dabartee fi namoota baayyee kan madeessan tahuu OMN gabaase.

Shawaa lixaa Noonnoo Bakka jedhamtutti taateen kuni tahe. Maali Jarana sababni Ummata Cidharra jiru haala kanaan gaaga’aniif kuni maali? Jarana ummata keenyaf nagaha kennaa!! Marii araara dhugaatin ummata Kana haara galfachiisaa. Ummata Nagahaa dhiisaa. yoo dandeessan akka feetan walgodhaa ummata nagahaa keessaa bahaa. Sababni isin jiddutti ummanni rakkatuuf maali? faannoodha jechuu malee qabatamatti warra gocha kana raawwataa jiru beekuun rakkisaadha. Nudhiisaa jarana.

Seenaa Nabi Iisaa(yesus) fi Harmee isaa Maryam Kutaa 1ffaa fi 2ffaa Sheik Amin Ibrootin.

Jalqabni Dubbii Maqaa Rabbii Rahmanni Isaa dhuma hin qabneeti. Seenaa(Qissaa) Nabiyyanaa Iisaa Fi Harmee isaa Ragaa Qur’aana Rabbii Keessaa Fudhatuun Kan Kitaaba Ambi’oota(Nabiyyoota) Rabbii Jedhurraa Sheik Amin Ibroo (Rahima Hullah) Darsii Ramadaana Bara 2024 keessa Ummata Barsiiserraa Fudhannee Osoo itti hin daballe irraahis Hin Irrifne isin biraan geenya. Ani Kan Isiniif Barreessu Kamil Amayu jedhama.

Nabiyyanaa iisaan Erga Nabi Muusaatii Ergame. Inni Quxusuu Nabiyyoota Rabbii Yookaan Wuxusuu Ambiyoota Banii Israa’il irraahi. Quxusuu yookaan Nabiyyii Banii Israa’il Kan Dhumaa Yookaan Kan Ummata Israa’iliif Dhumarra Rabbiin ergerraa tahuu Sheik Amin Ibroo Linkii Viidiyoo Gadirraa agartan kana keessatti addaan baasee himeera. Osoo Waa’ee Dhaloota Nabi Iisaa hin himin dura Waa’ee Harmee isaa(Maryam) Sheik Amin Baldhinaan Nu Barsiisuun eegale.

Haati Nabiyyanaa Iisaa Yookaan Maryam eenyu?

Seenaa Nabi Iisaa fi Harmee Isaa Maryam Kutaa 1ffaa Sheik Amin Ibrootin.

Maryam Jechuun Gabrittii Rabbii Tan Masjida Rabbii Beetal Maqdis keessatti Guddatte tahuu Seenaan Ishii Dubbata. Akkamitti? Maalif Masjidatti Akka Guddattu Taasifamte? Haati Maryam fi Abbaan Maryam(Imraan) Gabroottan Rabbii Jajjaboo Biyyi Beeytu Tahuu Seenaan isaanii Kaasa. Haati Maryam Gaafa Maryam Garatti Qabattu Qodhaa(waadaa akka jedhamu seente) Maal jettee Qodhaa Seente?

Yaa Rabbi Yoo Wannin Ani Garaatti Qabadhe kun dhiira Tahe Nama Masjida Tajaajilun Godha waan jedhu Qodhaa seente. Gaafa Ilmoo garaatti Qabatte Deessu(dhaltu) Ilmoon Ishiin Deesse Dhalaa Taate. Gaafa Kana Waada yookaan Qodhaa ishiin seente Kana Akkam Akka Gootu Rakkannaan,Rabbiin Irraa qeebale. Jiddumattu Abbaan Aakhirame. Ishiinis Nama Guddisutti Akka Kennuu feetu fi Qodhaa Ishiirra jiru waliin Himte.

Intalli Ishiin Akka Guddiftan jetteenii Gaafatte tuni Maryam Harmee iisaa tana tahuu ishiiti. Ummanni Abbaa ishii Nama Biyyi beeytu yookaan Nama Ummata Dura deemuu yookaan Dura taa’aa Ummatichaa waan tureef Intala anaatu guddisa anaatu guddisarratti wal morman jedha seenaan isaanii. Mormiin uumamee jennaan Hixaa akka baasantu Gaafatame. Namni Hixaan Baheef Ni guddisa yookaan Bakka ishiin teessu(masjidatti) ishii tajaajiluun akka Guddisuu qabantu murtaahe. Hixaa kan Baheef Zakariyaa yookaan Innis Firuma Maryam Nama taheedha. Zakariyaan Ufitti fudhatee Maryam Masjidatti Tajaajilaa ture.

Maryam Joollummuma ishirraa Masjida Keessatti Rabbii ishii Gabbarti ture. Qodhaa Haadha ishiitu Akka Masjidatti Rabbii ishii gabbartu taasise yookaan Rabbiin Waan Gochuuf deemu beekaafuu Jalqabumaahu Akkas godhe jedhan Ulmaa’iin waa’ee Haadha Nabi Iisaa Maryam Yeroo dubbatan. Maryam Tana Yeroo Baayyee Maleeykonni Rabbii Akka Dubartii Rabbiin Dubartoota Aalamarraa Filatamtuu taate ishii filee jiruu fi Wantoota Birootis Itti dubbataa turan jedha Ragaan Quraana Keessaa Seenaa ishii yeroo himu.

Maryam Yeroo Masjida Rabbii keessatti Rabbii ishii gabbaraa turte kana Kudraalee Biyya Keessa hin jirreetu Ishii Biratti Argamaa ture. Kanas Nyaataa akka turteetu himama. Gaafa tokko Nabi Zakariyaan Waa’ee Kudraalee Nyaataa kan ishii Biratti Argamu Kanarraa Gaafatee jennaan. Rabbuma Biraa Naaf Dhufe Jechuun Zakariyaaf akka himtee jirtu Quraanni Ragaa baha. Hujiin Rabbii keenyaa Nama Ajaa’iba. Ajaa’ibni isaa Ajaa’ibamee hin dhumu.

Maryam Guyyaa tokko miila diddiriirfatuuf Naannawa Masjidaa sanirraa Baatee deemaa turte jedha seenaan ishii. Yeroo kanatti Maryam Nama Waggaa 13 akka turtellee seenaan Ishii Hima. Yeroo Kanatti Osuma Wokii(qilleensa) fudhannaaf osoo deemtu xiqqo miila achi fageeffatte jedha sheik Amin Ibroo Ragaa Quraana Rabbii keessaa fudhaterraa Yeroo Nuuf himu. Jidduma kana Maleeykaan Rabbi Biraa itti ergamee Bifa Namaa( dardara Bareedaa) fakkaatee itti asbahe jedha Quraanni.

Seenaa Nabi Iisaa(Yesus) fi Harmee Isaa Maryam Kutaa 1ffaa Sheik Amin Ibrootin.

Maryam Yeroo Kana Agartu Ni Rifatte jedhan. Rabbitti Sirraa Maganfadhee Natti hin dhihaatin jetteen. Ani Ergaa Rabbii keetiti jedheen. Akkan Ilman siif kennuuf Ergame jedheen. Maryam Rifattee Ani Takkaa Namni Qaama kiyya Na tuqe hin jiru Akkamittin Ilma Argatuun Naaf Mala? Jechuun Deebii Gaafii gootee gaafatti. Tuni Murtii Rabbiiti Rabbi Biraa Mutooyte jedhee seenaan Sheik Amin Ibroo Nuuf Odeessu dheeraadha Osuma Waliin Dubbatan Maleeykaan ergaa fidee dhufe kun Naannoo Morma Ishii kana jala Hafuuruma isaa itti afuufee kute. Hangasumatti Ilmoon Garatti Hafte. Ilmi Sunis Nabi Iisaa(Yesus) kan Addunyaan Hanga Ammaa Sababa isaa Wareerte kana tahuu isaati.

Amma Gudiin Maryam Qabatte. Waan takkaa hin tahintu Addunyaatti Muldhate. Intala Dubraatu Dhiirsa Malee Ulfaahe. Hujiin Rabbii Keenyaa Ajaa’ibsiifamee Hin dhumatu. Rabbiin Waan Fedhe Kun(Tahi) jedheenii Fayakuun(wanti sun Numa Taati) akkasiinis waan fedhe gochuu akka dandahu Quraana keessatti Nuuf Hime. Kana Qofaa Miti. Rabbiin Ilma Namaa Kana Akkaataa Afuran Armaan Gadii Kanaan Uume.

Nabiyyanaa Aadam Haadhaaf Abbaa Malee Biyyee Gosa Afur Walitti Dhuubee Sanirraa Uume. Harmee Ilmaan Namaa Hawwaa Ammoo Haadha Malee Cinaacha Bitaa Nabi Aadam irraa uume. Nabi Iisaa(Yesus) Abbaa Malee Uume. Ilmaan Namaa Amma Jiran Kana Ammoo Haadhaaf Abbaa Irraa Bishaan Isaanii Walitti Dabaluun irraa uume. Abbaa Malee Uumamuun Nabiyyanaa Iisaa(Yesus) Kuni Rabbii Keenyaaf Wanta Ulfaatu Miti Kanuma Isin Hubachiisuu fedheeti.

Haati Nabiyyanaa Iisaa (Maryam) Nabi Iisaa Garatti Qabattee,Akkuma Dubartiin Biroo ji’a sagalitti Deessu Ishiinis Gaafa Hangas turtu Nabiyyanaa Iisaa Deesse. Gaafa Nabi Iisaa Deessu Kana Akka Malee Yaaddoftee Way sheenaa too Osuma Dura du’ee dhabama tahee jettellee Ofiin haasotte. Rabbiin Garuu Hin Yaaddawin Jedheenii Maryamiif Dhaamsa ergeef. Muka Timiraa Goggogaa Sana Qabadhuu Sochoosi jedhee Lallabbiin Itti Lallabame. Maryamis Muka Timiraa Sochoofattee Timirri Jiidhee firii Ashiitaa Gadi Harcaasef. Timira asheeta sana soorataa Bishaanis Laguma Dur goggoge san Maddisiisefi Sanirraa Dhugaa Ilma Ishii Dahatte Harkatti Qabatte ammas Yaaddoo seente.

Ammas Ajajni Rabbi Biraa Dhufe. Oduu Namaatif gurra hin kennin jedhamte. Akka Hin dubbannes dubbirraa soomani (Qodhaa seeni) akka Hin dubbanne Jedhamte. Ishiinis Dubbirraa Soomante. Ilma Ishii Dahatte Nabi Iisaa Kichaa Yookaan Daa’ima Jiidhaa Amma Dadatte Qabattee Ummatatti Asbaate. Ummanni Duraanuu Olola Garagaraa irratti oofuun dubbii ulfaahuu yookaan ulfa garaa qabaachuu ishii kana Waa meeqa odeessaa ture Gaafa Maryam Ilma Hoosisaa dhuftu Biyyi walgahe. Gudiitu Jara Mudate.

Yaa Maryamoo Yaa Ilmoo teenya Ilmoon Ati deemtun tuni maali? Maaluma taate Yaa Intala Warra Kabajamaa,Warri Kee Warra Badii Hojjatu Hin taane,Haati teetillee Nama Kabajamaa Kabaja Eeggatuu eessumaa fiddee ilmoo jechuudhaan Dubbii garagaraa itti Roobsan. Maryam Hunda Isaanii Jalaa Hin dubbanne. Dubbirraa Soomaniin Ajaja itti kennamedha. Qubaan Gara Ilma Kichaa Harkatti Qabattee(qoma ishirra jiruu) quba ishiitin akka itti akeekte Qur’aanni Dubbata.

Yaa Maryam Nuun Taphatta moo Maal jechuuf Ofii calliftee Mucaa daa’ima Amma Dhalatetti Quba Laatta? Akkamitti Daa’ima Dubbifna Isaanumaa Jedhe Mucaan Kichaan Reefu Dhalate Dubbate. way Baasumaatu Nu Qabate Maaluma Argaa jirra jedhee Baayyeen Isaanii Dhama’anii Harka Afaarinna of kaayanii Daa’ima Dubbate dhaggeeffatutti seenan. Wanni Jalqaba Mucaan Xiqqaan Maryam Dahattee Dhufte dubbate Ani Gabricha Rabbiiti. Rabbiin Kitaaballee Naaf Kenne Ergamaa isaatillee na taasise Jedheen. Guutuu Kanaa Viidiyoo Linkii Olirra jirurraa Dhaggeeffadhaa.

Seenaa Nabi Iisaa Kutaa 2ffaa Sheik Amin Ibrootin

Kutaa 2ffaa Seenaa Nabiyyanaa Iisaa Linkii Asii Gadirraa Jiru kanaan Ammoo,Nabiyyanaa Iisaan Umriidhaan Guddatee Yeroo Umriin 30 tahu Ummata Amantaa Nabi Muusaan Isaan Giddutti dhiisee deeme faallessuun Kitaaba Nabi Muusaan kenname Akkuma Ofii fedhanitti Jijiirun Waan biroo gabbaruu eegaletti Ergaa Rabbiin Keessan Tokkichuma Isa Gabbaraa Jettu Fidee Itti Himuu eegallaan Turtii Waggaa Sadii Qofatti Nabi Iisaa Of gidduu balleessan. Yookaan Rabbiin Gara ofitti olfudhate. Akkamitti Taateen Kuni Tahe?

Seenaa Nabi Iisaa Kutaa 2ffaa Sheik Amin Ibrootin.

Basaastuu wanni jedhamu durumarraa jirti. Gaafa Rabbiin Nabiyyanaa Iisaa Ummata Israa’ilitti ergu san,Waan Iisaan Ergameen Dhugoomsuu fi fudhatuu didan. Tuutti Fudhatuu didde tuni Tuuta Kitaaba Muusaan kenname Jijjiiruun Diin Rabbii Jallisan Turan. Sababa Kanaafuu ergamuun Iisaa raggaatee jara kanatti ergame.

Tuutti Haqa Jallistu tun Haqa Rabbiin Iisaadhaan erge irraa qeebaluu didde. Sababa Kanaaf Olola Nabiyyanaa Iisaa irratti Bante. Mooticha Bara sanii Bira deemuun Erga Iisaan Kuni Ummata keenya giddutti muldhatee Ummanni Keenya Nagaha dhabe. Sababa Nama Tokkoo Biyyi Jeeqameera. Kanaafu Wanti Nagaha Nuuf Buusuu Dandahu Namni Nagaha Nu dhoowwe kuni kutuu qaba jedhanii waan murteeffataniif Mootichaan Akkana jedhaniin. Mucaan Aangoo tee tanas fudhatuuf deema Kanaafuu Akka Malaa gochuu qabda jedhaniin.

Polotikaatu gaggeeffame. Mootichis Sababa Aangoo isaa tiffatuu qabuuf,Olola Iisaa irratti Banames Jaraaf dhugoomsuun Nabi Iisaa Irratti Murtii du’aa Akka dabru taasise. Yeroo Kana Namichi tokko Dubbii Isaan Mariyatan kana Fuudhee Akka Barbaadamaa jiru Garee Iisaa Waliin Jirtuuf himnaan Nabi Iisaan Riphan yookaan dhokatan. Tahullee garuu Tuutuma Iisaafaa waliin jirtu Tanarraa Bakka Isaan Itti dhokatan kana Basaastuun Jara Iisaa Barbaadu Kanaaf himee fidee dhufe. Yeruma Bakka Iisaanfaan jiran kana dura olseenu,Rabbiin Nabiyyanaa Iisaa Gara Samii Olfudhate.

Namicha Basaastuu sanitti Guutamte. Fuula isaa Rabbiin gara iisaa jijiire. Asitti Basaastuun Gudiidha taate. Waxxarameeti Rarraafameen Asirraa kaate. Tuutti Shakkii seente. Yoo dhuguma iisaadha jenne Kan Nu waliin dhufe eessa seene? Yoo Inni kuni Kan Nuwaliin dhufe tahe ammoo iisaan eessa seene? Gaafiin Tuni Hanga Aduu Arraa tanatti Duniyaa Dhamaafte. Ajaa’iba Rabbii keenyaa kam himnee kam dhiifna? Akka Hundaafuu Seenaa(Qissaa) Nabiyyanaa Iisaa Kutaa 2ffaa Sheik Amin Ibro irraa dhaggeeffadhaa. Barnoota Guddaa irraa argattan. Waliifis Dabarsaa Ulfaadhaa galatoomaa.

Nama yeroo jalqabaatif wal ajjeese. Sheik Amin Ibro

Ilmaan Aadam Keessaa Nama Yeroo jalqabaatif wal ajjeese seenaa Abilii fi Qaabil Sheik Amin Ibroo gaggabaabsee,Sababaa Isaan Wal ajjeesaniif waliin nutti hima.

Sheik Amin Ibroo Seenaa Ilmaan Aadam Keessaa Nama Yeroo Jalqabaatif wal ajjeesee Nuuf Odeesse.

Rabbiin Gaafa Aadam Uumu Jannata keessatti Uume. Hawwaa Cinaacha Bitaa Aadam Irraa Uume. Eegasii Seenaan dheertudha Aadam Waan Rabbiin Hin Tuqin jedheen Dagamee Tuqe. Sababa Saniif Rabbiin Aadam fi Haadha Warraa Isaa Duniyaa tanarratti buuse. Asirti Hormaata eegale. Ilmaan Aadam Lakkuu Lakkuu Dhalatan Kana Lakkuun Marsaa Tanaa Lakkuu Marsaa Itti Aanuu waliin Akka walfuudhantu hayyamameef.

Seenaa Nama Yeroo Jalqabaatif wal ajjeesee sheik Amin Ibroo Gaggabaabsee nuuf odeesse.

Ilmaan Aadam Kana Keessa Aabil fi Qaabil Ijoollee jedhamtutu Intala Shamaraa Takka Waliin Jaalatan. Seenaan dheertuudha. Sababa Intala Tanaa Akka Namni Yeroo Jalqabaa Ilmaan Aadam kana keessaa wal ajjeese Sheik Amin Ibroo Gaggabaabsee hima. Obsaan Viidiyoo Olirraa Agartanirraa dhaggeeffadhaa.

Sheik Amin Ibroo waa’ee Allaattii Warqii Hattee Deebifte ilaalchisee gorsa

Hadiisa Bukaariin Odeesse keessaa Waa’ee Warqii Allaattiidhaan Hatamtee,Sababa Warqii Sanaa Shamarree Miidhamte akkasuma Rabbiin Birmateefi Achirraa Deemtee Madiinaa Galte Ilaalchisee Sheik Amin Ibroo Gorsa Gabaabaa Maal Diinif Hojjataa jirra jedhu Hawaasa Oromo Biyya Canada jiraataniif laatan.

Sheik Amin Ibroo Seenaa Allaattii Warqii Hattee Deebifte Himuun Gorsa Gabaabaa Laate.

Shamarree Miskiina Takkaatu Ture. Nama Bira Hojjatti. Maatii Isheen Bira Hojjattu kana keessaa Intala Dubraa Takka heerumaaf qophoofte. Bara Sana keessa Warqii Walirraa ergifatu waan taheef warqii ergifatte. Warqicha Shamara Miskiina Biratti dhiiftee dhiqannaaf Mana Dhiqataa seentee yeroo baatu Warqiin Hatameera. Kan Warqii Fudhate Allaattii Akka tahe Hadiisni Hima.

Sheik Amin Ibroo Gorsa Gabaabaa Hawaasa Oromo Biyya Kanaadaa jiraniif Laatan.

Warqii Hatame kana Siitu Hate fidi jechuun Intala miskiina tana sakatta’uun dhabnaan Baayyee Reeban jedha seenaan. Osoo Dhuma Reeban Allaattiin Warqii Fuutee Turte Ajajuma Rabbiitin(Amrii) fiddee Ummata Shamara Tumaa Jiru kana gidduutti Akka Buufte Seenaan ishii dubbata. Jarri dhiifama Gaafatanillee Garuu Shamarreen suni Achirraa deemtee Amantaa Islaamaa Qabatuun Madiinaa Galuun Masjida Ergamaa Rabbii(S.A.W) qulqulleessaa akka turtee fi Ergamaan Rabbii Gaafa Isheen Duniyaarraa Godaantu Akka Qabrii ishee dhaqanii Irratti Salaatan Sheik Amin Ibroo Hadiisa Bukaariin Gabaase wabeeffatuun Ummataaf Gorsa Laate.

Caffeen Oromia Oolmaa Guyyaa Arraatin Mirga Obbo Taayyee Dendea Himatamuuf qabu Mulqeera.

Deetaa ministeera Nageenya Ethiopia Duraanii Kan Turanii fi Miseensa Caffee Oromia Kan Turan amma Erga Hidhamee ji’oota Lakkoofsiseera.

Oolmaa Guyyaa 2ffaa isaatin Caffeen Oromia Mirga Himatamuu Dhabuu Obbo Taayyee dendea mulqeera

Obbo Taayyee Dendea Sabab Mariin Nagahaa Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromo(WBO Gidduutti taasifamaa jiru kuni Milkiin Akka Goolabamuu qabuu fi Ummata keenyaf Nageenyi Akka Bu’uu qabu Irra deddeebiin gama Fuula Facebook Isaanii Irratti Maxxansaniif jecha,Mootummaan Ija shakkiitin Waan hubateef Aangoo fedreraalaa tan Deetaa Ministeerummaa irraa akka kaafamu taasise.

Guyyaa itti aanu Mana Obbo Taayyee Dendea Aredo sakatta’uun Meeshaalee waraanaa arganne sababa jedhuu fi Mootummaa Qeeqe sababa jedhuun Mana hidhaa buusan. Haadha Warraa isaa fi Ilmaan Obbo Taayyee Dendea Aredo Mana Jieenya keessa jiraatanirraa akka baafamu taasisan. Haa tahuu malee hanga Guyyaa arraatti Mana Murtiitti Hin dhihaanne.

Caffeen Oromia Mirga Himatamuu dhabuu Obbo Taayyee dendea qabu Irraa Kaaseera.

erga Gaafa hidhamerraa hanga ammaatti obbo Taayyee dendea irratti Himatni baname tokkolleen hin turre. Sababni isaas mirgi Obbo Taayyee dendea Himatamuuf Caffee Oromia keessatti qabu irraa hin kaafamne ture. Guyyaa Arraa Caffeen Oromia Oolmaa Guyyaa Lammeessoo isaatin Mirga Obbo Taayyee dendea Himatamuuf qabu irraa mulqeera. Guutuu Sababa Caffeen Oromia Obbo Taayyee Irraa Mirga Himatamuu kaasef Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Ustaaz Mohammed Bayaan Dhiifama Gaafateera.

Ustaaz Mohammed Bayaan Jechuun Mana Barattoota Baayyee Gama Online irratti Barsiisaa Turee fi Ammallee Markaza Isaa Gama Imo fi whatsapp irratti Barattoota Dhibba Hedduu Barsiisaa jiruudha. Dubbiin Jidduu tana Maqaa Ustaaza Kanaatin Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Tahe Maali Kan jedhurraa eegalla.

Ustaaz Mohammed Bayaan fi Booniyyee Intala Warra Shawaa(Haadha Warraa Mohammed Bayaan)

Ustaaz Mohammed Bayaan Booniyyee Intala Warra shawaa Tana Nikaa Hidhachuun Fuudhe. Dhimmi Inni Booniyyee Fuudhuu Kuni Ammoo Yeroo Silaa Hawaasni Oromoo Dhimma Minilik fi Siidaawwan akka Aanolee fi Calanqoo Diigamuuf jedhamuun Hayyoota Oromoo Biraa Qeeqa Kaasuun,Dhagahamaa Jirutti,Ajandaan Jaalalaa Kan Ustaaz Mohammed Bayaan fi Booniyyee Kuni Miidiyaa Hawaasummaa Dhuunfate. Dhimmi Jaalala Mohammed Bayaani fi Booniyyee kuni ajandaa Oromoon Dhimma Siidaawwan Ofii Irratti Dubbataa Jirtuu Kana Ukkaamsuuf Bocameedha jechuun Komiin Namoota Muraasa Biraa Dhagahamuu eegale.

Haa Tahuu Malee Hanga Qoradhetti Ajandaa kana Warra Hafarsetu Ummataaf Ajandaa Godhe malee Ustaaz Mohammed Bayaan Dhimmicha Kanarraa Homaa Waan beeku hin qabu. Ustaaz Mohammed Bayaan Osoo Barattoota Isaa Barsiisaa Jiru, Komantii Argee dubbiseef deebii Jaalalti Osoo Bifa Qabaattee Booniyyee Intala Shawaa fakkaatti jechuun Gaafii Komantii Irratti Gaafatamte Deebise. Viidiyoon Jidduu Muramee Faffacaate. Viidiyoo Biraa Keessatti Komantii Namootaaf Deebii Kenne,Ani Osoo Dubartii feete fiddee Booniyyee Irratti Fuudhi jettee Ciisetin du’a Malee Booniyyee Irratti Hin Fuudhu jechuun Deebiseef. Viidiyoon Kunis Jidduudhaa Muramee faffaca’e

Akkatuma kanaan Viidiyoolee Baayyee Irratti Osoo Barattoota Isaa Barsiisu Deebii Kennate. Muraan viidiyoolee kunneen immoo Faffaca’uun Biyya walgeesse. Inni Ustaaza Yookaan Barsiisaa Tahuu waliin Ajandaan Isaa Babaldhate. Namoonni Jechootaan Darbatuu eegalee Ustaaz Mohammed Bayaan Gocha Fokkotaa Qoosaa fakkaatu tokko Hojjatuun Hawaasaaf daranuu ajandaa boce. Ofii sababni Inni Beeltii Ofitti Kaahuun ofin ajjeesa isa jechisiise maali?

Ustaaz Mohammed Bayaantu Jaalalaaf Haada Fudhate Jechuun dhugaa?

Ustaaza Of ajjeesutu jira Jechuun qoosaa fakkaatti. Shari’aa Islaamaa keessatti Namni Harka Ofiitin Of Ajjeese Zalaalam Akka Ibiddatti Gubatu Sheekkonni Nu Barsiisaa Turan. Namni Ustaaza tahe Osoo Ilmii Yookaan Beekkumsa shari’aa Mataa Qabuu Tasuma Akka Ofin Ajjeesa jedhee Ofirratti Hin Murteessu jennee Yaada Keenya Kennine.

Hayyee Ni qoose yookaan Hawaasaan Kofalchiisuuf Wanta Kana Ofirratti Raawwatuuf deema shakkii jedhu Hawaasa keessa Buusuuf yookaan Praankii Hojjataa Jira Akka Hin Jenne Namni Islaamaa Praankii Hojjatee Namaan Kofalchiisuun Haraama Akka Tahe Ofumaaf Nama Barsiisaa Ture waan taheef Kunis Hin Fakkaatu jenne. Kanaafuu Dubbiin Ustaaz Hamzaa Tan Viidiyoo Olii Kanarraa agartantana tahuu shakkine.

Waanin jala deemee argerraa.. akkuman Olitti isiniif ibsuuf yaaletti Namootaatu Akka Ajandaa Kana bocu taasise malee Ofiisaa miti kan jedhu shakkine. Namni Tokko Akka Fedhetti Haadha Warraa isaa faarsuuf mirga qaba.
Ustaaz Mohammed Bayaan Haadha Warraa Isaa faarsuf liivii seenee Isaa Haasaha taasise takkaa hin agarre.

Viidiyoon inni dhimma haadha warra isaa ilaalchisee keessatti dubbate hunda yeroon faana bu’ee madda viidiyoo sanaa ilaalu,Namoota Ajandaa barbaadantu Osoo inni Barnoota Barattoota isaatif kennaa jiruu,waa’ee haadha warraa isaa Itti dubbatan.

Ustaaz Mohammed Bayaan fi Haadha Warraa Isaa Ilaalchisee Kadir Martuu fi Ustaaz Hamzaa Hashim Maal jedhan?

Garii Komantii Namootaa Ilaaleetuma irra dabraa ture. Namoota Garii kan Jechaan isa tuquuf yaalaniifi Akka Inni dhimmicharratti dubbatu fedhantu miira keessa isa galchuun,akka inni deebii kennuuf taasisan.

Ani Akka Nama Ajanda Baaftota sababa ajandaa baasaniif waliin Barreessuun seenaaf kaahuu tokkotti,Ustaaz Mohammed Bayaanis Namoota Akkasii waliin Galmeessee kaayuuf,Jala deemee dhimmicha kana qoratuuf hangan yaaletti,Ustaaz Mohammed Bayaan ajandaa kana itti yaadee,Ummataaf Ijoo Miidiyaa Gochuuf waan godhe natti fakkaatuu didullee garuu Dhimmi Qabattoo Fayyadamuun Viidiyoo Hojjatee suni Gaafii deebii dhabe tahee Na Rakkisaara.

Kadir Martuu,Ustaaz Hamzaa Hashim akkasuma Munashid Anas Dhimma Ustaaz Mohammed Bayaan ilaalchisanii Yaada gabaabaa

Akka Ustaaz Hamzaa Hashim jedhe,wahi Nyaaphi isaa waa itti godhee tan jettu,hanga ammaa anaaf Gaafii tahee jira. Tahullee garuu Ustaaz Mohammed Bayaan Guyyaa Arraa Tiktok Irratti Yaada kennateen,Namoota Natti Daangaa dabruun Na Komataniifi jechootaan Na Haleelan akkasuma Namoota Komantiis tahee Viidiyoo qoosaa Narratti Hojjataniif Dhiifama godheera jechuun dubbachuun isaa dhagahame. Anaafis Dhiifama godhaa jechuun Ummatarraa Ofkoltii gaafateera.

Dhumarratti Ustaaz Mohammed Bayaan Ajandaa Qabattoo Kaayatuu sana Akka Ummataaf Baasuf qaamni isa kakaase yoo jiraate,Ummataaf akka ifa godhu,akkasuma yoo osoo hin beekin Miira isaa toohachuu dadhabuun ajandichi akka babaldhatu kan taasise tahes Osoo Nuuf ibsee natti tola. Jechaa Namoonni Mucaa Kana Akka Waan Biraa tokkotti ibsuuf yaaltan,Ani Mucaa Kana Itti dhiheenyaan beeka. Fedhiin Inni Diin Rabbii Ummata Baraiisuf qabu Akkaan Guddaa Akka Tahee fi Nama Diin Rabbii Jaalatu tahuu waliin Nama Dafee Mufatu Akka Tahe Nan Beeka. Kanaaf Osoo Waa Baayyee jechuun Itti Qoosuu Baattanii Natti tola. Rabbiin Hunda Keenya Badii Teenya Nuuf Haa dhiisu.

Dhimma Ustaaz Mohammed Bayaan Ilaalchisee Ustaaz Sa’aad Aliyyii Yaada gabaabaa Kennate.

Viidiyoo Gabaabaa Olirra jiru Kanaan Ustaaz Sa’aad Aliyyii Hawaasa Saba Ustaaz Mohammed Bayaan Kana Dilaawaa jiraniifi Akkasuma Sababa Isaan Wantoota hin taane jechuun Ustaaz Mohammed Aarsaniif Yoo Gaaga’amni Dhufe Hundi Nama Dhimma Kanarratti Hirmaatee Itti Gaafatama Jalaa Hin bahu waan taheef Kanarraa Ofeeggadhaa jechuun gorsa kennan agartu.

Hiccitii Qubee Afaan Oromoo Fayyadamuun Barreessuu.

Waa hunda dura Afaan Oromoo Kan Jechoonni isaa akka cirracha lagaa kana Rabbii Afaan Keenya godheef galata galchina.

Oromoon Afaan Oromoo keessatti Jechoota hedduu fayyadamuun Hiika jecha tokko bakka buusuun fayyadamuu dandahe. Kuni Ammoo Seenaa Afaanota biroo irraa adda isa taasisu keessaa isa tokko. Fakkeenyaaf Jecha “GAARII” jedhu kana Oromoonni Kutaa Garagaraa Jiraatan Akka tokkotti Yaamuu baatanis,Hiika jecha biroo isaan fayyadamanii akka kennu ni beekan.

Jechi “Gaarii” jedhu Jecha “Dansaa fi Mishaa” jedhuun hiika wal fakkaataa kan kennu akka tahe Kan waakkatu hin jiru. Ammoo jechoonni sadeenuu Afaan Oromooti. Afaan Oromoo Akkasiin Jechi tokko Jechoota baay’atuun isaa Ofiifuu Afaan Jechoonni isaa akka cirrachatti baayyatu tahuu waliin akka Addunyaatti sadarkaa akka qabatu isa taasisa.

Afaan Jechoota Akkasiin Baayyatu qabu kana yeroo Qubee Afaan Oromoo Fayyadamuun Barattu Ammoo,Hiccitii Baay’ee Ittiin Daddabarsuu akka dandeessu carraa siif kenna. akka fakkeenyatti Qubee Afaan Oromoo Fayyadamuun Jecha “Nama” jedhu keessaa jechoota baayyee baafta.

Qubee biraa tokko osoo itti hin daballe Jecha Nama jedhu keessaa Jechoota akka “Amma,Mana,Namana,Naanaa,Aanaa,Ana,Manna(isaa Manna akka jedhamuuti),Namaan(Namaan Hojjatame akka jedhaamuuti) akkasuma Jecha akka Namaa? (Amma Kuni Namaa jedhamee akka gaafatamuuti) jechoota kanneen fi kanneen biroos baasuu dandeessa. Hiccitii namni biroo yookaan qaamni biroo Akka hin agarre feetu Yeroo Qubee Afaan Oromoo fayyadamuun Ilmaaf dabarsitu akka fakkeenyatti jecha “Jaalala”jedhu qofa Barreessuun Ilmaaf Dabarsite yoo jenne,ilmi kee Wanta Ati Dhaamtef san akkamitti beekuu dandaha?

Tolaan Ganda Baadiyyaa Naannawa Magaalaa Jirtu keessa Jiraataa Ture. yeroo dargaggeessa turetti Afaan Amaaraatin malee Qubee Afaan Oromootin Barachuun Hin eegalle(Jalqabamne) ture. Tahullee garuu Erga Fuudhee(Haadha Warraa Godhatee) Bultii ijaarrate booda Qubeen Afaan Oromo Haayyootaan Qubee Laatiinii Irraa Liqeeffatamullee,Akka Oromoof Tahutti bocamuun Rakkoo Dheeraa booda Oromiyaa keessatti Ittiin Baratamuu eegale.

Tolaan Yeroo Qubeen Afaan Oromoo Itti barsiifamuu jalqabu kana Ilma Jalqabaa argate. Tolaan Erga Ilma Argate kana akka durii mataa gadi buusee hin deemu. mataa ol Qabatee boonuun Lafa dhiitaa deema. Tolaan erga ilma argate kana boonuu eegale jechuun Hawaasni ganda sanii Walitti hasaasuu eegale. Hasaassii ollaa isaa kana kan dhagahe tolaan,dhugaa jettan jedhee keessa isaatti ofiin hasayaa waan takka murteesse. Ilma isaa Reefu dhalate kana Maqaa Boonaa jedhu itti moggaase.

Tolaan Yeroo Ummanni Boonuu eegale jedhee hasaasu kanatti ABO irraa dhossaadhaan Qubee Afaan Oromoo kana Barataa ture. Tolaan Nama Faxina(Nama Saffisaan waa hubatu) waan tureef Qubee Afaan Oromoo kana Jabaafi Laafaa,Dheeraafi Gabaabaa akkasuma Qubee Dubbachiiftuu fi Qubee Dubbifamaa akkasuma Qubee Dachaa Addaan Baafatee Sirritti Dubbisuu fi Barreessuu dandaheera.

Ilmi Tolaa Guddatee Barris Jijjiiramuun Qubee Afaan Oromootin Baratuu eegaleera. Guyyaa tokko Ilma isaa kanaaf Waan Qubeen taatefi sababa Moggasa Maqaa isaa akkasuma hiika dhossaa Maqaa kana keessa jiru himuufii eegale. Ilmi isaa boonaanis Tole jedhee,Garaan ciisee miila Lamaan isaa duuba isaatin ol dhadhaabee tafa isaarra ciibsee,Harka lamaanin Boqoo(Mallaalee) lamaan isaa qabatee, waan Abbaan Isaa jedhuun sirritti dhaggeeffatuu eegale.

Gaafa(yeroo) ati dhalattu sana Ummanni Ganda keenyaa kuni Tolaan Jidduu kana Boonuu eegale naan jedhan jechuun himeefii jennaan Boonaan Ati Ni Boontee silaa? Jennaan eeyyeen akka maleen boonaa ture. Jennaan,Ammas Maalif Boonte? Gaafi jedhu Gaafate. Yeroo Ati dhalattu sana si qofaa miti Kan Dhalate jennaan,Boonaan Rifatee,Ilma Na dhossite qabdaaree jedheen. Lakkii Yeroo Ati Dhalatte sana Qubeen Afaan Oromoos Oromoof Dhalatte jedheen.

Kanaaf Boonaa Naan jetteeree? jennaan,Maqaa kankee kana keessattin waa dhoffadhe(Olkaayadhe,Ija Namaa duraa Akka Namni Hin beeynef haguuggadhe) jedheen. Hiikni isaa Boona qofa kan ilaallatu miti jenaanin, Maal jechuudha Kan Jedhu amma Sammuu Boonaa keessa Naannahuu Eegalee,Duuba Maal Maqaa kiyya keessatti dhoffatteree? jechuun Abbaa(Tolaa) Gaafata. Abbaan Ammas Sirritti dhaggeeffadhu jedheen.

Tole Hayyee jedheen Ija Hirriibni Guute harkaan Rirrigataa. Gaafa Nuti Joollee Akka Keessan kana Qubee Afaan Oromootin Baratuuf Carraa Hin Arganne ture. Kanaaf Afaan Amaaraatin Baranne. Silaa Maqaa Kankee Kan Qubee Afaan Oromootin Boonaa Jedhu kana Qubee Lama Boo jettuu fi Naa jettu Qofaan Katabna ture. Qubee Lamaan Tana keessatti jecha dhossaa Yookaan Jechoota Biroo Qubee tana Lamaan qofa fayyadamuun Baafatuu hin dandeenyu jedheen.

Garuu Maqaa kee kana Qubee Afaan Oromootin Yeroo barreessinu Boonaa taha. Qubee Dubbachiiftuu Lamaa(B,N) fi Dubbifamaa(A,O) Lama arganna jedheen. Mee Osoo Qubee Biraa Tokko alaa itti Hin Daballe Jechoota Meeqa Baafatuu Dandeenya Yaali jedheen. Boonaanis Jechuma Haa tahuu malee Duraaf duubaan,Garii dheeressee garii gabaabsuun Jechoota askeessa jiran tarreessuuf yaalullee Wallaalee callifnaan Abbaan Itti agarsiisuu eegale.

Jecha Boonaa jedhu keessa Qubee Afaan Oromoo fayyadamuun Jechoota Akka “Boonaa,Bona,Boona,Ona,Onaa,Obaa,Abbaa,ABO,Abaaboo, jedhee Barreessinaan Mucaan Gaafi Qaba fakkaata. Jechoota inni beeynetu askeessa seene. Kana baratuuf, Ona jechi jedhu maali jedheen? Handuraa fi Qullummaa Bakka bu’a jennaanin Maal jechuudha Jedheen irra deebi’ee. Abbaanis Fakkeenya Himuufin eegala.

Baldhina Lafa teenyaa tana agartee? Jedheen ee Anuu keessa deemee fixuu hin dandahu jedheen. Lafti Baldhoon tuni Ona Akaakiyyoota keenyaati ture. Duraan Asirra Loowwan tiffatanii Laga Gadii san loowwan Obaa Buusuun Obaasanii Galgala Galfataa turan. Ahaa jecha Obaa jedhulleen Dura Na dhibee gaafatufan turee amma naaf galeera. Garuu Jechi Ona Jedhu Akkamitti Qullaa Bakka bu’a jennaan.

Manni tokko Yoo Namni Keessaa Deeme Ni Ona(Ni qullata) jedhee himnaanif Hayyee Onaa jechi jedhu hoo jennaan,FKN yoo Waanin Hanga ammaa si barsiisaa jiru kana Mataatti Hin Qabatin Onaa jedheetin Si arrabsa. Yookaan Ammoo Nama Mataan Qullaa (Horoqaa keessi Humaa Hin qabne) jechuudha. ati akkas jedhamtee arrabfamuu feetaa jedhee ilma isaa gaafannaan,Lakki! Jedheen. saniifuu Jecha Kanas Maqaa kankee keessa jiraa Moggumatti Naaf qabadhu jedheen.

Hayyee ABO jechuun Maali Anoo Beeku jennaan,ABO jechuun Adda Bilisummaa Oromoo jechuudha. Gabaajeen Hoggaa Barreeffamu ABO jedhama jedheen. Maal jechuudha Adda Bilisummaa Oromo jechuun jennaan deebii isaa Gaafa Guddatte siif gala,ammaaf Jecha kana Maqaa kankee keessattin Dhoffadhee Sababnis ABOtu Qubee Afaan Oromoo Na Barsiisee Akkasiin Beeki jedheen. Tole Jedheenii Irraa Fudhate.

Hayyee Bona fi Abaaboohoo Maalif Maqaa kiyya keessatti dhoffatteree jennaan,Abaaboon Jaalala Bakka Bu’a. Abaaboon Ijaaf yeroo laalan Namatti Tola Kanaaf Ijaan Yeroon si argu Hunda Abaaboo Natti Fakkaatta Kanaaf jecha kanas Maqaa kankee keessattin Dhoffadhe jedheen. Jechi Bona jedhu ammoo yeroo ati dhalatte sana Ganni dhumatee oomisha Alaa galfataa turre. yeroo Ganni dabre Maaltu Seena jennaan,Mucaan Bona jedheen. Jecha Kanas Kanaafin Maqaa kee keessatti dhoffadhe jennaan,Boona jechi jedhuhoo Jennaan,akkan Ani Fedhutti Jabaa Taatee Hunda caaltee akka Na Boonsitu Waanin Abdii sirraa qabuuf Yeroo Hunda Sittin Boona jechuu kiyya. Kanaafuu Jechoota maqaa Kankee keessa jiran kana Hunda Naaf Kabaji Yeroo Hunda Naaf Kunuunsi Jedheenii barsiisaa ture.

Gaafa Tokko Ooyruu Guddoo Mana Isaanii gama Jalaa Jirtu Keessa Ilma Isaa fuudhee Seenaa Akaakiyyoota Isaa Barsiisaa Naannawa Oorruu sanaa Abuuraa Turan. Osuma Maasaa Abboota Isaanii Kana Keessa Muka Guddaa Firiin Mi’aawu tokkootu Ture. Muka Kana Waliin Koranii Firii muka sanaa Kutatanii Nyaataa Waliin Koflaa Turan. Guyyaa Tokko Boonaan Akkuma Mana Baruumsaa Irraa Manatti galeen Namoota Boohaa Jiran Arge. Maaltu Tahe jedhee Baayyee Rifatee,Yeroo Mana seenu Abbaa Isaa Boqote(du’e) argee Gaddaan Haguugame.

Abbaan Boonaa Obbo Tolaan Harka Namaatin Ajjeefamuun Hubatame. Qaamni Isa Ajjeese Ammoo Warruma Bulchiinsa Qabalee ganda Baadiyyaa Magaalaa Jalaa sankeessa Obbo Tolaa waliin Tajaajila Ummataaf kennaa turan tahuu Harmee(haadha) Tolaa qofatu beeka. Akka Hin dubbanne ilma kankee dhabda jedhamtee Sodaachifamtee jirti. Dhiigni Tolaa Lafa badullee garuu ilmaan akka deebi’uuf jiru haati Hin shakkitu.

Tolaan Guddatee Baruumsa isaa Xumuruun Ganda Isaatti Deebi’us Hojii Hin arganne. Harmee isaa tana waliin Rakkina Dhamdhamachaa Hojii Barbaadatuuf Gara magaalaa naannawa sana jirtuu deemuun Tattaaffii Gochaa jira. Namoonni Abbaa Boonaa Ajjeesan Ammoo Harmee Boonaa Rakkisuu Hin Dhiifne. Sababni Isaa Waan Guddaa Dhoffametu jira. Harmeen tolaa Homaa Hin Beeytu. Tahullee Garuu Xalayaa Abbaan Ilmaaf Barreessee Kaahe,tan Gaafa Tolaan Guddate Itti Kenni jettu Qofa Beeyti.

Obbo Tolaan Gaafa Xalayaa Tana Barreessee Harmee Boonaatti kennu Qubeedhaan jedhiin jecha jedhu qofa Dhaamuufii isaa yaadatti. Harmeen Tolaa Xalayaa Tanarraa Wanni Agarte Jecha Afaan Amaaraatin Fiqir jedhu qofa waan taheef dubbiin galuufi diddee Olkeessee turtee arraan geesse. Namoonni sababa Hiccitii Tolaan qofti bakka beekuu kanaaf Tolaa Ajjeesan Ammoo Waan Tolaan Boonaaf Himi siin jedhe Nutti Himi jechuun Halkaniif guyyaa Harmee Boonaa Rakkisaa Turan.

Guyyaa Dhumaa Tolaan Magaalaa Irraa Gara Baadiyyaa sanaa Akkuma dhufaa Jiruun Namoota Harmee isaa Reeban argee Obsa Fixate. Harkaan Itti Dabree Jennaan Ilma Koo Najalaa Ajjeesurra jettee Xalayaa Dhossitee turte baaftee Addaan Bantee Boonaa Agarsiisaa Jaratti achi kennite. Jarris Ergamuu malee warra Barate miti. Xalayicha fuudhanii Gara Nama Ergamaniifitti Deemaniin.

Abbaan Jara erge Xalayaa Argee Kofle. Min Aabbaatu jedhee Kaballaan Jara Gurra Duuche. Tahullee garuu Xalayaan Turtuu tahuu waan Hubateef Akka Tolaan Barreesse Hubate. Tahullee Wanta Barbaadu Argatuu Hin Dandeenye. Boodarra Waa Yaadate. Intala Tolaan Dur Ija kaayate(Fedhe Hamile) takka Yaadate. Maqaan Intalaa Fiqir Jedhama. Ammas Haaraatti Intala Bultii Nama Biraa Keessa Jirtu Rakkisuun Fidi waan Tolaan Si bira kaahe jedhanii Reebuun Rakkisaa Turanillee Intalli Tolaan Eenyu akka taheehuu Hin yaadattu.

Boodarra Boonaan Waa Yaadate..