United Oromia dhimma Oromoo fi Oromia irratti xiyyeeffata

Oromia Badhaatuu Dachee Magariisaa,Obsituu Hundumaa Hammattuu Keessummaa, dhaloonni Seenaa keef Teessuma kee akkasuma Bareeduma Ummata keef Haala qilleensa kee Addunyaatti Agarsiisuuf Kan Barateef Hin Baratinis Waan danadahu Hundumaan barabaraan Siif Hojjata.

Oromia Haadha too Walaloo Siif Barreeffame kana Narraa Hin Tuffatin! Waloo Barsiisaa Haylamikael Taaddasaan Bara 2017 keessa Barreeffameedha

Baras as hin turree?

Biyya baddaa Shawaa
Bara gidduugaleessaa
Biyya warra Tuulamaa
Tuulama Walakkeessaa
Bara Ergama wangeelaa
Dukaa bu’oota Jaarsaa
Isin asi hin turree?
Ergaan isin hin geenyee?
Moo homaa hin agarree?
Hin agarre hin dhageenyee?
Ija amantiitiin
Kiristoos hin laallee?
Ilmuummaan anga’uun
Mootuummaa hin dhaallee?

Nan dhageenye moo?
Warra Guullallee Yaayyaa
Warra Liiban Ammayyaa.
Kan biraa kan biraa,
Galaanis hin tarre.
Isin mee yaa jamaa
Baras as hin turree?
Bara lallaba warqee
Bara ijoollee Taklee
Bara gidduu galeessaa
Duukaa bu’oota ijoollee,
Gooftaan hin jiraannee?
Gooftaan walii hin gallee?
Waliigalee tolee
Gooftaan alaa hin gallee?

As eessa hin jedhinaa?
Iddoon asum jiraa,
Walitti hin butamu
Lafti asumarraa.
As eessaan maalinnii?
Oromoof handhuraa.
Karaa kaaba biyyaa
Daangeessaan Abbayaa
Daangaan laga Gudar
Gara lixa Oromiyaa
Daangaan kara Bahaa
Baasoo fi Duullacha
Haroon tulluu guddoo
Kibbaan ni naanneecha.

Yoo asi jiraattan
Bara Waaqni roobe
Wangeelli dorroobe
Kiristaanoota turtan
Isin asii qabee
Asin durallee
Xu’aashiin jalqabee.

Bra Aksuum durii
Bara Sudaan Nuubiyyaa
Bara Agaw Kuushii
Qaroomaa hammayyaa
Erga as jraattannii
Cuphamtan Yooyyaa
Amantiin ganamaa
Dhawaata daraaraa
Gidduugalas ga’ee
Isin hammateera. Galata https://www.facebook.com/hailemichael.tadesse.58?mibextid=LQQJ4d

Gujii Dachee Warqii Simattuu Hundumaa Qabeenya Oromoo Miidhagina Uumaa Oromian Siin Boonti Si jaalatti

Gujii Girjaa Deemnaa!!

Gujii Dudda Lamaa,
Daarimuu fi Kontomaa
Gujii Baalbala Torbaa,
Badhaatuu Uumamaa
Gujii Baallii/Fincaan Shanii,
Biyya Aadaa fi Sirnaa
Gujii Haganaa Sadii,
Biyya Gootaa fi Jannaa
Qachaa Dhugaa fi Haqaa,
Fakkeenna Jannataa
Mana Bultoo Waaqaa,
Gujii Girjaa Deemnaa!!!

Dansaa fi Shaggaa Lafaa,
Qe’ee Worra Angafaa
Argama Waan Gumaa/Hundumaa,
Biyya Jiruun Quufaa
Biyya Eebbifamtuu,
Biyya Biyya Caaltuu
Oromiyaa Xiqqoo,
Qe’ee Filatamtuu
Oromiyaa Boontuu,
Biyya Hunda Keennaa
Jiituu fi Magariituu,
Gujii Girjaa Deemnaa!!

Bokko Teennee Fallaa,
Mari’annee Mallaa
Mucuca Gaafannee,
Waaqaan Wolii Gallaa
Harsutti Dhibaafannaa,
Daraartutti Foorfannaa
Dibbee Dhugoo Teennee,
Aadaarraa Barannaa
Tuulaa Surroo Dhaqnee,
Gootota Yaadannaa
Oromiyaa Xiqqoo,
Gujii Girjaa Deemnaa!!!

Uraagaa Nu Baasii,
Urii Nu Fullaasii
Maattii Nu Araarsii,
Nyaapharra Nu Aansii
Hookkuu Nu Woyyoomsii,
Kabajaan Nu Marsii
Gujii Hin Jiillee Yooyyaa,
Alaadduu Of Ibsii
Gujii Worraa Angafaa,
Gujii Qe’eeJannaa
Oromiyaa Xiqqoo,
Gujii Girjaa Deemnaa!!

Haganaa Uraagaa,
Gujiin Girjaa Aagaa
Haganaa Maatti’ii,
Dhufeera Si Dhaggaa
Haganaa Hookku’uu,
Nageenni Siif Ta’uu
Worra Gujii Hin Jiillee,
Alaadduun Hin Gu’uu
Nu Gujii Saadannaa,
Gujii Beessifannaa
Oromiyaa Xiqqoo,
Gujii Girjaa Deemnaa!!

➲➲ #Ijoollee_Booree_Maattiirraa!!

Barreessaa_Wolaloo_Kanaa, Dargaggoo AYYAANOO MULUGEETAA LOLEE NOOKAREE Hedduu Galateeffanna!

Teessoon Keenya_ Godina Gujii Bahaa, Aanaa Booreeti. Namootni Walaloo Sirba Ammayyaa fi Aadaa Barbaaddaan Keessaan Nu Quunnamuu Dandeettu. Mata Duree Kamiinuu Walaloo Bareedaa fi Ergaa Cimaa Qabu Isiniif Qopheessuu Dandeenna!

Oromia Faarsuuf Sirboonni Fi walaloon Hin Tarreeffamin Hin jiru kanneen keessaa Sirboota Dur walaloon isaa Maal akka fakkaatu Muraasa dubbisaa Dhaggeeffadhaa

Waan Hortee Nafxanyaa Iyyisiisaa:

Galmee seenaa bara – 1979-ii (waggaa 41 duraa) keessaa:

Nu biyyoo ni qabna, biyya biyya caaltuu
Haadha jeeyna kumaa, Oromiyaa quuftuu

Walaloo: Abbaa Urjii
Wallisaa: Abdi Buuh

Araddaa boqqolloo, daggala bunneenii
Baddaa midhaan dansaa, raaree dheeda loonii
Biyya deeymaa dhadhaa, bishaan sii aannanii

Adoolaa Ziqeehaa, Shaggar abbaa meetaa
Jimmaa galma bunaa, Harargee sangootaa
Kan dhaadatu eenyu, eega Oromootaa?

Awaash, Xaanaa Baaroo, Mormorii fii Waabee
Kan alagaa quubsu, dachii isaa dabree
Burqaa bonaa gannaa, si biraa hiin agabe

Masnoo muuzaa aalaa, bunaa burtukaanaa
Gaarran, malkaa, haroo, caffee bonaa ganaa
Dirree xaafii adii, shankoora bosonaahttps://www.facebook.com/100000285958466/posts/pfbid05mJefgBv2HHC3TUg8hbpRV9wwv4Xf4Qnf7N4zqgvEEQmaAEUMdptWYkFcvwNVUAfl/?mibextid=v7YzmG

Dhimma Oromoo fi Oromia Dabalataan Asirratti Isiniif Maxxansina Galatoomaa

Leave a comment