Rakkoon Oromo fi Oromia irratti akkasuma sabaaf sablammoota biyyattii Ethiopia guutuu irratti murna Maqaa Oromoo baadhatee aangorra jiru kanaan deemaa jira. Kanaafuu Rakkina deemaa jiru kana dhaabachuu akka qabu fi furmaanni akka ummata kanaaf dhufuu qabu maal gochuu qabna kan jedhu ummanni baldhaan yaada garagaraa kaasuun Hayyoota keenya oromootif waamicha taasisaa turan.

Waamicha kana dhagahuunis Hayyoonni Oromo Gama YouTube horn conversation irratti walgahuun marii baldhaa taasisan. Marii qilleensarratti taasisan kana wal arganii qaamaan taa’anii irratti mari’atuu akka qabanis gaafataman. Hayyoonni Oromo kunneen marii qilleensarratti torbee tokko dura taasisan kana ittifufsiisuufi tokkummaa ummanni keenya jaalatuu fi akka isa fayyadu sirritti beeku kan diinni diigaa ture deebisanii ijaaruuf qaamaan wal arguu akka qaban murteeffatan. Oolanii osoo hin bulin guyyaa kaleessaa jechuunis adoolessa 31/06/2025 Biyya Ameerikaa Magaala Seattle Washington keessatti wal arguun marii baldhaa taasisan. Ajajaa Ol’aanaan Waraana Bilisummaa Oromo Marroo Dirribaa Marii kanarratti qaamaan Argamuu baatus sagaleedhaan hirmaatee jira. marii Baldhaa erga taasisan booda murtii qabxii saddeet ofkeessaa qabu dabarsanii jiran.
Hayyoonni fi bakka bu’oonni paartilee Oromoo Adoolessa 19, 2025 marii kallattii Horn Conversation irratti taasifne guyyaa har’aa jechuun Adoolessa 31, 2025 magaalaa Seattle, Washinton keessatti walgahii taasisuun haala Oromiyaa, Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaa ilaalchisee maree fi xiinxala baldhaa erga
gaggeessinee booda, murtoowwan armaan gadii irra geenyeerra.
1, murni amma biyya Itoophiyaa bulchaa jiru uummata Oromoo dararaa fi cunquisaa gita hin qabneef kan saaxile ta’uu hubannee sirni kun jijiiramuu akka qabu waligalleerra. Murni kun gochaa fi
imammata farra Oromoo raaw’achaa maqaa saba kanaa jala dhokachuuf yaalii inni godhu cimsinee ni balaaleeffanna. Bifa walfakkaatuun adeemsa dogoggoraa qaamonni gariin murna kanaan ‘mootummaa
Oromoo’ jedhanis dhugaa qabatamaarraa kan fagaate waan ta’eef fudhatama hin qabu.
2, sirni cunqursaa Abiyyi Ahmad miidhaa inni saboota biyyattii keessa jiran hunda irraan gahaa jiru cimsinee ni balaaleffanna.
3, jijjiirama barbaachisu argamsiisuuf akkasumas ce’umsa dhufu milkeessuu keessatti qabsoo
jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo (ABO-WBO, KFO fi ABO) geggeessan bifa qindaa’een cimee akka itti
fufu gama hundaan tumsuuf waligalleerra.
4, tooftaalee sirni Abiyyi Ahmad bu’uura aangoo isaa godhate keessaa tokko saboota gidduutti
waldhabdee uumuudha. Keessumattuu uummata Oromoo fi saboota obbolaa gidduutti walshakkii fi
waldhibdee uumuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu isaa hubannee, saboonni fi lammileen biyyattii hundi yoomiyyuu caalaa tumsa yeroon gafatu tolfachuun sirna hamaa kana jijiiruu akka gaban waamicha
dhiyeessina.
5, humnoonni waraanaa fi siyaasaa sirna Abiyyi Ahmad tajaajilaa jiran, sirnicha tiksuu irraa gara fedhii uummataa tiksuutti akka ce’an waamicha goona.
6, mariin Oromoo gidduutti eegale akka ittifufuuf akkasumas mariin saboota fi lammilee biyyattii biroo waliin akka taasifamu waliigalleerra.
7, sirni Abiyyi Ahmad umrii aangoo isaa dheereffachuuf, uummattoota gidduutti waldhabdee
uumuun buqqaatii fidaa akka ture ammas akka itti jiru hubannee, uummattoonni akka tooftaa kana irratti dammaganii tokkummaa fi obbolummaa gidduu isaanii jiru akka tikfatan waamicha dhiyeessina.
8, sirni Abiyyi Ahmad badiwwan armaan olitti tarreeffaman uummata Oromoo dabalatee
sabootaa fi lammilee biyyattii hunda irratti raawwataa akka inni jiru hubachuun biyyoonni ollaa Itoophiyaa
fi hawaasni fi dhaabbileen idil-addunyaa jijiirama fi ce’umsa dhufaa jiru milkeessuuf dhiibbaa barbaachisu
akka taasisan waamicha dhiyeessina.
Dhumarrattis, gophii fi karoora jiru milkeessuuf marii eegalame kana galmaan gahuuf koreen qindeessitu tokko hundeeffamee jira.
Adoolessa 31, 2025
Seattle, Washington