Gaafa Aangoo Naannoo Oromia irraa kaasu fedhii Obbo Lammaa magarsaa malee garaaf bultoota irratti ijaaree,osoo lammaan hin beekin halkan walkkaa itti dhufanii maqaa federaalatti na barbaachisa jedhuun lammaa aangoo irraa kaasanii Shimallis muudan.
Sanbooda ministeera negeenyaatimo waantahe wahii irratti aangoo maqaa takka kennaniif. tahullee mana isaa keessaa akka bahuu hin dandeenye godhee hidhamaa manaa taasise. kadhaa abbootiin gadaa fi manguddoonni biyyaa kadhataniin hidhaa manaa jalaa bilisa akka bahu taasisan.

achi booda Obbo Lammaa magarsaa Dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessa hojii argateen dabalata barnoota isaa itti fufuuf xaaliyaan jiraata ture. Waggootaaf sagaleen isaa osoo hin dhagahamin obsee hojjataa baruumsa isaatis ittifufaa jira ture.
Amma ammoo oduun achirraa dhagahamtu waan addaati. Abiy Ahmed Obbo lammaa magarsaa mootummaan xaaliyaan akka dabarsee kennuuf xalayaadhaan gaafate. Xalayaa sana irra ragaa jeneraalli biyyattii G/Biraanuu Juulaa Obbo Lammaatu waraana hidhachiisee Mootummaa keenyarratti dhiibbaa godhaa jira jedhee barreessee mallatteessetu jira jetti oduun achirraa baate.
haatahuu malee Mootummaan xaaliyaanii hojjattoota mootummoota gamtoomanii eeguun Dirqama keenya waan taheef dabarsee hin kennu jedheenii akka dide oduun addeessiti. Abiy kanatti waan hin gammadiniif tooftaa biraa baafatee karaa ambaasaaddara Ethiopia kan xaaliyaan jiruutiin humna tikaa harka lafa jalaatin achitti galchee lammaa qabsiisuufi biyyetti dabaluuf hojjataa waan jiruuf Obbo lammaan akka ofeeggannoo godhan dhaamaniifi jiraachuu maddeen Lammatti dhihoo tahan odeeffannoo kana ummataaf ifa godhan.
Abiy kana dura Jawar mohammedis mootummaan keenia dabarsee akka kennuuf gara doolaara miliyoona shanii kafalee osoo itti hin milkaahin hafe. Obbo Lammaa Magarsaatis akka dabarsanii kennaiif Doolaraa Miliyoona shan kafalee irratti hojjataa jiraachuun dhagahame. kanaafuu Oromoon Hayyoota keessan eegadhaa jechuun waliif dhaamaa jiran.