Oromiyaa Dabalatee Ethiopia Bakka Garagaraatti Buqqaatonni Dabalaa jiraachuu UN beeksise.

Buqqaatota Ethiopia keessa bakka garagaraatti faffaca’anii jiran

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Oromiyaa keessatti buqqaatonni miliyoona 1 ta’an qe’ee isaanitti osoo hin deebi’in dirree irratti faca’anii jiru jedhe.

Naannichatti lammiileen sababa walitti bu’iinsaa fi hongeetin qe’ee isaanii irraa buqqa’an keessaa kuma 137 ol kan ta’an gara qe’ee isaaniitti deebi’anis ammallee naannicha keessatti buqqaatota miiliyoona 1 ol jiraachuu Dhaabbatichi ibsee jira.

Tokkummaa Mootummootaatti Waajjirri Dhimma Baqattootaa (UNHCR) gabaasa baaseen, sadarkaa biyyaalessaatti lammiilee miiliyoona 2.5 ol gara qe’ee isaanii deebi’ani jiru jedhe.Haa ta’u malee, buqqaatonni miiliyoona 4.3 ol ta’an ammallee gara qe’ee isaanii akka hin deebine ibse.

Akka gabaasni Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (UNHCR) mul’isutti, buqqaatonni harki caalaan (dhibbeentaa 65) sababa walitti bu’iinsa naannoo isaaniitti uumameen qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, dhibbeentaan 18 ammoo sababa hongee uumameen buqqa’an.

-Buqqaatota biyyattii keessatti argaman keessaa baay’inaan kan argaman naannoo Somaalee keessatti yoo ta’u, naannichi buqqaatota miiliyoona 1.3 ol keessummeessaa akka jiru ibsame.

-Naannoo Guddicha Ethiopia Oromiyaatti ammoo buqqaatota miiliyoona 1 fi kuma 64 qabachuun sadarkaa lammaffaa, naannoon Tigraay ammoo buqqaatota miiliyoona 1 fi kuma 21 qabaachuun sadarkaa sadaffaarra argama. Akkasuma Naannoo Amaaraa keessattis buqqaatota kuma 436 ol akka argaman ibsameera.

-Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaasa Amma baase kanaan, hanga Waxabajjii 30, 2024tti lammiilee miliyoona 2.5 gara qe’ee isaaniitti deebi’an keessaa naannoo Tigraayitti namoonni kuma 900 fi kuma 67 fi 257 gara qe’eetti deebi’uu fi ammallee kanneen miliyoona tokko ol ta’an buqqa’anii argamu.

-Naannoo Oromiyaattis namoonni kuma137 fi 230 ta’an gara qe’ee isaanitti kan deebi’an ta’uus, ammallee kanneen miiliyoona tokko ol ta’an gara qe’ee isaanitti deebi’uu akka hin dandeenye ibsee jira.

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment