Seenaa Nabi Iisaa(yesus) fi Harmee isaa Maryam Kutaa 1ffaa fi 2ffaa Sheik Amin Ibrootin.

Jalqabni Dubbii Maqaa Rabbii Rahmanni Isaa dhuma hin qabneeti. Seenaa(Qissaa) Nabiyyanaa Iisaa Fi Harmee isaa Ragaa Qur’aana Rabbii Keessaa Fudhatuun Kan Kitaaba Ambi’oota(Nabiyyoota) Rabbii Jedhurraa Sheik Amin Ibroo (Rahima Hullah) Darsii Ramadaana Bara 2024 keessa Ummata Barsiiserraa Fudhannee Osoo itti hin daballe irraahis Hin Irrifne isin biraan geenya. Ani Kan Isiniif Barreessu Kamil Amayu jedhama.

Nabiyyanaa iisaan Erga Nabi Muusaatii Ergame. Inni Quxusuu Nabiyyoota Rabbii Yookaan Wuxusuu Ambiyoota Banii Israa’il irraahi. Quxusuu yookaan Nabiyyii Banii Israa’il Kan Dhumaa Yookaan Kan Ummata Israa’iliif Dhumarra Rabbiin ergerraa tahuu Sheik Amin Ibroo Linkii Viidiyoo Gadirraa agartan kana keessatti addaan baasee himeera. Osoo Waa’ee Dhaloota Nabi Iisaa hin himin dura Waa’ee Harmee isaa(Maryam) Sheik Amin Baldhinaan Nu Barsiisuun eegale.

Haati Nabiyyanaa Iisaa Yookaan Maryam eenyu?

Seenaa Nabi Iisaa fi Harmee Isaa Maryam Kutaa 1ffaa Sheik Amin Ibrootin.

Maryam Jechuun Gabrittii Rabbii Tan Masjida Rabbii Beetal Maqdis keessatti Guddatte tahuu Seenaan Ishii Dubbata. Akkamitti? Maalif Masjidatti Akka Guddattu Taasifamte? Haati Maryam fi Abbaan Maryam(Imraan) Gabroottan Rabbii Jajjaboo Biyyi Beeytu Tahuu Seenaan isaanii Kaasa. Haati Maryam Gaafa Maryam Garatti Qabattu Qodhaa(waadaa akka jedhamu seente) Maal jettee Qodhaa Seente?

Yaa Rabbi Yoo Wannin Ani Garaatti Qabadhe kun dhiira Tahe Nama Masjida Tajaajilun Godha waan jedhu Qodhaa seente. Gaafa Ilmoo garaatti Qabatte Deessu(dhaltu) Ilmoon Ishiin Deesse Dhalaa Taate. Gaafa Kana Waada yookaan Qodhaa ishiin seente Kana Akkam Akka Gootu Rakkannaan,Rabbiin Irraa qeebale. Jiddumattu Abbaan Aakhirame. Ishiinis Nama Guddisutti Akka Kennuu feetu fi Qodhaa Ishiirra jiru waliin Himte.

Intalli Ishiin Akka Guddiftan jetteenii Gaafatte tuni Maryam Harmee iisaa tana tahuu ishiiti. Ummanni Abbaa ishii Nama Biyyi beeytu yookaan Nama Ummata Dura deemuu yookaan Dura taa’aa Ummatichaa waan tureef Intala anaatu guddisa anaatu guddisarratti wal morman jedha seenaan isaanii. Mormiin uumamee jennaan Hixaa akka baasantu Gaafatame. Namni Hixaan Baheef Ni guddisa yookaan Bakka ishiin teessu(masjidatti) ishii tajaajiluun akka Guddisuu qabantu murtaahe. Hixaa kan Baheef Zakariyaa yookaan Innis Firuma Maryam Nama taheedha. Zakariyaan Ufitti fudhatee Maryam Masjidatti Tajaajilaa ture.

Maryam Joollummuma ishirraa Masjida Keessatti Rabbii ishii Gabbarti ture. Qodhaa Haadha ishiitu Akka Masjidatti Rabbii ishii gabbartu taasise yookaan Rabbiin Waan Gochuuf deemu beekaafuu Jalqabumaahu Akkas godhe jedhan Ulmaa’iin waa’ee Haadha Nabi Iisaa Maryam Yeroo dubbatan. Maryam Tana Yeroo Baayyee Maleeykonni Rabbii Akka Dubartii Rabbiin Dubartoota Aalamarraa Filatamtuu taate ishii filee jiruu fi Wantoota Birootis Itti dubbataa turan jedha Ragaan Quraana Keessaa Seenaa ishii yeroo himu.

Maryam Yeroo Masjida Rabbii keessatti Rabbii ishii gabbaraa turte kana Kudraalee Biyya Keessa hin jirreetu Ishii Biratti Argamaa ture. Kanas Nyaataa akka turteetu himama. Gaafa tokko Nabi Zakariyaan Waa’ee Kudraalee Nyaataa kan ishii Biratti Argamu Kanarraa Gaafatee jennaan. Rabbuma Biraa Naaf Dhufe Jechuun Zakariyaaf akka himtee jirtu Quraanni Ragaa baha. Hujiin Rabbii keenyaa Nama Ajaa’iba. Ajaa’ibni isaa Ajaa’ibamee hin dhumu.

Maryam Guyyaa tokko miila diddiriirfatuuf Naannawa Masjidaa sanirraa Baatee deemaa turte jedha seenaan ishii. Yeroo kanatti Maryam Nama Waggaa 13 akka turtellee seenaan Ishii Hima. Yeroo Kanatti Osuma Wokii(qilleensa) fudhannaaf osoo deemtu xiqqo miila achi fageeffatte jedha sheik Amin Ibroo Ragaa Quraana Rabbii keessaa fudhaterraa Yeroo Nuuf himu. Jidduma kana Maleeykaan Rabbi Biraa itti ergamee Bifa Namaa( dardara Bareedaa) fakkaatee itti asbahe jedha Quraanni.

Seenaa Nabi Iisaa(Yesus) fi Harmee Isaa Maryam Kutaa 1ffaa Sheik Amin Ibrootin.

Maryam Yeroo Kana Agartu Ni Rifatte jedhan. Rabbitti Sirraa Maganfadhee Natti hin dhihaatin jetteen. Ani Ergaa Rabbii keetiti jedheen. Akkan Ilman siif kennuuf Ergame jedheen. Maryam Rifattee Ani Takkaa Namni Qaama kiyya Na tuqe hin jiru Akkamittin Ilma Argatuun Naaf Mala? Jechuun Deebii Gaafii gootee gaafatti. Tuni Murtii Rabbiiti Rabbi Biraa Mutooyte jedhee seenaan Sheik Amin Ibroo Nuuf Odeessu dheeraadha Osuma Waliin Dubbatan Maleeykaan ergaa fidee dhufe kun Naannoo Morma Ishii kana jala Hafuuruma isaa itti afuufee kute. Hangasumatti Ilmoon Garatti Hafte. Ilmi Sunis Nabi Iisaa(Yesus) kan Addunyaan Hanga Ammaa Sababa isaa Wareerte kana tahuu isaati.

Amma Gudiin Maryam Qabatte. Waan takkaa hin tahintu Addunyaatti Muldhate. Intala Dubraatu Dhiirsa Malee Ulfaahe. Hujiin Rabbii Keenyaa Ajaa’ibsiifamee Hin dhumatu. Rabbiin Waan Fedhe Kun(Tahi) jedheenii Fayakuun(wanti sun Numa Taati) akkasiinis waan fedhe gochuu akka dandahu Quraana keessatti Nuuf Hime. Kana Qofaa Miti. Rabbiin Ilma Namaa Kana Akkaataa Afuran Armaan Gadii Kanaan Uume.

Nabiyyanaa Aadam Haadhaaf Abbaa Malee Biyyee Gosa Afur Walitti Dhuubee Sanirraa Uume. Harmee Ilmaan Namaa Hawwaa Ammoo Haadha Malee Cinaacha Bitaa Nabi Aadam irraa uume. Nabi Iisaa(Yesus) Abbaa Malee Uume. Ilmaan Namaa Amma Jiran Kana Ammoo Haadhaaf Abbaa Irraa Bishaan Isaanii Walitti Dabaluun irraa uume. Abbaa Malee Uumamuun Nabiyyanaa Iisaa(Yesus) Kuni Rabbii Keenyaaf Wanta Ulfaatu Miti Kanuma Isin Hubachiisuu fedheeti.

Haati Nabiyyanaa Iisaa (Maryam) Nabi Iisaa Garatti Qabattee,Akkuma Dubartiin Biroo ji’a sagalitti Deessu Ishiinis Gaafa Hangas turtu Nabiyyanaa Iisaa Deesse. Gaafa Nabi Iisaa Deessu Kana Akka Malee Yaaddoftee Way sheenaa too Osuma Dura du’ee dhabama tahee jettellee Ofiin haasotte. Rabbiin Garuu Hin Yaaddawin Jedheenii Maryamiif Dhaamsa ergeef. Muka Timiraa Goggogaa Sana Qabadhuu Sochoosi jedhee Lallabbiin Itti Lallabame. Maryamis Muka Timiraa Sochoofattee Timirri Jiidhee firii Ashiitaa Gadi Harcaasef. Timira asheeta sana soorataa Bishaanis Laguma Dur goggoge san Maddisiisefi Sanirraa Dhugaa Ilma Ishii Dahatte Harkatti Qabatte ammas Yaaddoo seente.

Ammas Ajajni Rabbi Biraa Dhufe. Oduu Namaatif gurra hin kennin jedhamte. Akka Hin dubbannes dubbirraa soomani (Qodhaa seeni) akka Hin dubbanne Jedhamte. Ishiinis Dubbirraa Soomante. Ilma Ishii Dahatte Nabi Iisaa Kichaa Yookaan Daa’ima Jiidhaa Amma Dadatte Qabattee Ummatatti Asbaate. Ummanni Duraanuu Olola Garagaraa irratti oofuun dubbii ulfaahuu yookaan ulfa garaa qabaachuu ishii kana Waa meeqa odeessaa ture Gaafa Maryam Ilma Hoosisaa dhuftu Biyyi walgahe. Gudiitu Jara Mudate.

Yaa Maryamoo Yaa Ilmoo teenya Ilmoon Ati deemtun tuni maali? Maaluma taate Yaa Intala Warra Kabajamaa,Warri Kee Warra Badii Hojjatu Hin taane,Haati teetillee Nama Kabajamaa Kabaja Eeggatuu eessumaa fiddee ilmoo jechuudhaan Dubbii garagaraa itti Roobsan. Maryam Hunda Isaanii Jalaa Hin dubbanne. Dubbirraa Soomaniin Ajaja itti kennamedha. Qubaan Gara Ilma Kichaa Harkatti Qabattee(qoma ishirra jiruu) quba ishiitin akka itti akeekte Qur’aanni Dubbata.

Yaa Maryam Nuun Taphatta moo Maal jechuuf Ofii calliftee Mucaa daa’ima Amma Dhalatetti Quba Laatta? Akkamitti Daa’ima Dubbifna Isaanumaa Jedhe Mucaan Kichaan Reefu Dhalate Dubbate. way Baasumaatu Nu Qabate Maaluma Argaa jirra jedhee Baayyeen Isaanii Dhama’anii Harka Afaarinna of kaayanii Daa’ima Dubbate dhaggeeffatutti seenan. Wanni Jalqaba Mucaan Xiqqaan Maryam Dahattee Dhufte dubbate Ani Gabricha Rabbiiti. Rabbiin Kitaaballee Naaf Kenne Ergamaa isaatillee na taasise Jedheen. Guutuu Kanaa Viidiyoo Linkii Olirra jirurraa Dhaggeeffadhaa.

Seenaa Nabi Iisaa Kutaa 2ffaa Sheik Amin Ibrootin

Kutaa 2ffaa Seenaa Nabiyyanaa Iisaa Linkii Asii Gadirraa Jiru kanaan Ammoo,Nabiyyanaa Iisaan Umriidhaan Guddatee Yeroo Umriin 30 tahu Ummata Amantaa Nabi Muusaan Isaan Giddutti dhiisee deeme faallessuun Kitaaba Nabi Muusaan kenname Akkuma Ofii fedhanitti Jijiirun Waan biroo gabbaruu eegaletti Ergaa Rabbiin Keessan Tokkichuma Isa Gabbaraa Jettu Fidee Itti Himuu eegallaan Turtii Waggaa Sadii Qofatti Nabi Iisaa Of gidduu balleessan. Yookaan Rabbiin Gara ofitti olfudhate. Akkamitti Taateen Kuni Tahe?

Seenaa Nabi Iisaa Kutaa 2ffaa Sheik Amin Ibrootin.

Basaastuu wanni jedhamu durumarraa jirti. Gaafa Rabbiin Nabiyyanaa Iisaa Ummata Israa’ilitti ergu san,Waan Iisaan Ergameen Dhugoomsuu fi fudhatuu didan. Tuutti Fudhatuu didde tuni Tuuta Kitaaba Muusaan kenname Jijjiiruun Diin Rabbii Jallisan Turan. Sababa Kanaafuu ergamuun Iisaa raggaatee jara kanatti ergame.

Tuutti Haqa Jallistu tun Haqa Rabbiin Iisaadhaan erge irraa qeebaluu didde. Sababa Kanaaf Olola Nabiyyanaa Iisaa irratti Bante. Mooticha Bara sanii Bira deemuun Erga Iisaan Kuni Ummata keenya giddutti muldhatee Ummanni Keenya Nagaha dhabe. Sababa Nama Tokkoo Biyyi Jeeqameera. Kanaafu Wanti Nagaha Nuuf Buusuu Dandahu Namni Nagaha Nu dhoowwe kuni kutuu qaba jedhanii waan murteeffataniif Mootichaan Akkana jedhaniin. Mucaan Aangoo tee tanas fudhatuuf deema Kanaafuu Akka Malaa gochuu qabda jedhaniin.

Polotikaatu gaggeeffame. Mootichis Sababa Aangoo isaa tiffatuu qabuuf,Olola Iisaa irratti Banames Jaraaf dhugoomsuun Nabi Iisaa Irratti Murtii du’aa Akka dabru taasise. Yeroo Kana Namichi tokko Dubbii Isaan Mariyatan kana Fuudhee Akka Barbaadamaa jiru Garee Iisaa Waliin Jirtuuf himnaan Nabi Iisaan Riphan yookaan dhokatan. Tahullee garuu Tuutuma Iisaafaa waliin jirtu Tanarraa Bakka Isaan Itti dhokatan kana Basaastuun Jara Iisaa Barbaadu Kanaaf himee fidee dhufe. Yeruma Bakka Iisaanfaan jiran kana dura olseenu,Rabbiin Nabiyyanaa Iisaa Gara Samii Olfudhate.

Namicha Basaastuu sanitti Guutamte. Fuula isaa Rabbiin gara iisaa jijiire. Asitti Basaastuun Gudiidha taate. Waxxarameeti Rarraafameen Asirraa kaate. Tuutti Shakkii seente. Yoo dhuguma iisaadha jenne Kan Nu waliin dhufe eessa seene? Yoo Inni kuni Kan Nuwaliin dhufe tahe ammoo iisaan eessa seene? Gaafiin Tuni Hanga Aduu Arraa tanatti Duniyaa Dhamaafte. Ajaa’iba Rabbii keenyaa kam himnee kam dhiifna? Akka Hundaafuu Seenaa(Qissaa) Nabiyyanaa Iisaa Kutaa 2ffaa Sheik Amin Ibro irraa dhaggeeffadhaa. Barnoota Guddaa irraa argattan. Waliifis Dabarsaa Ulfaadhaa galatoomaa.

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment