Ustaaz Mohammed Bayaan Dhiifama Gaafateera.

Ustaaz Mohammed Bayaan Jechuun Mana Barattoota Baayyee Gama Online irratti Barsiisaa Turee fi Ammallee Markaza Isaa Gama Imo fi whatsapp irratti Barattoota Dhibba Hedduu Barsiisaa jiruudha. Dubbiin Jidduu tana Maqaa Ustaaza Kanaatin Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa Tahe Maali Kan jedhurraa eegalla.

Ustaaz Mohammed Bayaan fi Booniyyee Intala Warra Shawaa(Haadha Warraa Mohammed Bayaan)

Ustaaz Mohammed Bayaan Booniyyee Intala Warra shawaa Tana Nikaa Hidhachuun Fuudhe. Dhimmi Inni Booniyyee Fuudhuu Kuni Ammoo Yeroo Silaa Hawaasni Oromoo Dhimma Minilik fi Siidaawwan akka Aanolee fi Calanqoo Diigamuuf jedhamuun Hayyoota Oromoo Biraa Qeeqa Kaasuun,Dhagahamaa Jirutti,Ajandaan Jaalalaa Kan Ustaaz Mohammed Bayaan fi Booniyyee Kuni Miidiyaa Hawaasummaa Dhuunfate. Dhimmi Jaalala Mohammed Bayaani fi Booniyyee kuni ajandaa Oromoon Dhimma Siidaawwan Ofii Irratti Dubbataa Jirtuu Kana Ukkaamsuuf Bocameedha jechuun Komiin Namoota Muraasa Biraa Dhagahamuu eegale.

Haa Tahuu Malee Hanga Qoradhetti Ajandaa kana Warra Hafarsetu Ummataaf Ajandaa Godhe malee Ustaaz Mohammed Bayaan Dhimmicha Kanarraa Homaa Waan beeku hin qabu. Ustaaz Mohammed Bayaan Osoo Barattoota Isaa Barsiisaa Jiru, Komantii Argee dubbiseef deebii Jaalalti Osoo Bifa Qabaattee Booniyyee Intala Shawaa fakkaatti jechuun Gaafii Komantii Irratti Gaafatamte Deebise. Viidiyoon Jidduu Muramee Faffacaate. Viidiyoo Biraa Keessatti Komantii Namootaaf Deebii Kenne,Ani Osoo Dubartii feete fiddee Booniyyee Irratti Fuudhi jettee Ciisetin du’a Malee Booniyyee Irratti Hin Fuudhu jechuun Deebiseef. Viidiyoon Kunis Jidduudhaa Muramee faffaca’e

Akkatuma kanaan Viidiyoolee Baayyee Irratti Osoo Barattoota Isaa Barsiisu Deebii Kennate. Muraan viidiyoolee kunneen immoo Faffaca’uun Biyya walgeesse. Inni Ustaaza Yookaan Barsiisaa Tahuu waliin Ajandaan Isaa Babaldhate. Namoonni Jechootaan Darbatuu eegalee Ustaaz Mohammed Bayaan Gocha Fokkotaa Qoosaa fakkaatu tokko Hojjatuun Hawaasaaf daranuu ajandaa boce. Ofii sababni Inni Beeltii Ofitti Kaahuun ofin ajjeesa isa jechisiise maali?

Ustaaz Mohammed Bayaantu Jaalalaaf Haada Fudhate Jechuun dhugaa?

Ustaaza Of ajjeesutu jira Jechuun qoosaa fakkaatti. Shari’aa Islaamaa keessatti Namni Harka Ofiitin Of Ajjeese Zalaalam Akka Ibiddatti Gubatu Sheekkonni Nu Barsiisaa Turan. Namni Ustaaza tahe Osoo Ilmii Yookaan Beekkumsa shari’aa Mataa Qabuu Tasuma Akka Ofin Ajjeesa jedhee Ofirratti Hin Murteessu jennee Yaada Keenya Kennine.

Hayyee Ni qoose yookaan Hawaasaan Kofalchiisuuf Wanta Kana Ofirratti Raawwatuuf deema shakkii jedhu Hawaasa keessa Buusuuf yookaan Praankii Hojjataa Jira Akka Hin Jenne Namni Islaamaa Praankii Hojjatee Namaan Kofalchiisuun Haraama Akka Tahe Ofumaaf Nama Barsiisaa Ture waan taheef Kunis Hin Fakkaatu jenne. Kanaafuu Dubbiin Ustaaz Hamzaa Tan Viidiyoo Olii Kanarraa agartantana tahuu shakkine.

Waanin jala deemee argerraa.. akkuman Olitti isiniif ibsuuf yaaletti Namootaatu Akka Ajandaa Kana bocu taasise malee Ofiisaa miti kan jedhu shakkine. Namni Tokko Akka Fedhetti Haadha Warraa isaa faarsuuf mirga qaba.
Ustaaz Mohammed Bayaan Haadha Warraa Isaa faarsuf liivii seenee Isaa Haasaha taasise takkaa hin agarre.

Viidiyoon inni dhimma haadha warra isaa ilaalchisee keessatti dubbate hunda yeroon faana bu’ee madda viidiyoo sanaa ilaalu,Namoota Ajandaa barbaadantu Osoo inni Barnoota Barattoota isaatif kennaa jiruu,waa’ee haadha warraa isaa Itti dubbatan.

Ustaaz Mohammed Bayaan fi Haadha Warraa Isaa Ilaalchisee Kadir Martuu fi Ustaaz Hamzaa Hashim Maal jedhan?

Garii Komantii Namootaa Ilaaleetuma irra dabraa ture. Namoota Garii kan Jechaan isa tuquuf yaalaniifi Akka Inni dhimmicharratti dubbatu fedhantu miira keessa isa galchuun,akka inni deebii kennuuf taasisan.

Ani Akka Nama Ajanda Baaftota sababa ajandaa baasaniif waliin Barreessuun seenaaf kaahuu tokkotti,Ustaaz Mohammed Bayaanis Namoota Akkasii waliin Galmeessee kaayuuf,Jala deemee dhimmicha kana qoratuuf hangan yaaletti,Ustaaz Mohammed Bayaan ajandaa kana itti yaadee,Ummataaf Ijoo Miidiyaa Gochuuf waan godhe natti fakkaatuu didullee garuu Dhimmi Qabattoo Fayyadamuun Viidiyoo Hojjatee suni Gaafii deebii dhabe tahee Na Rakkisaara.

Kadir Martuu,Ustaaz Hamzaa Hashim akkasuma Munashid Anas Dhimma Ustaaz Mohammed Bayaan ilaalchisanii Yaada gabaabaa

Akka Ustaaz Hamzaa Hashim jedhe,wahi Nyaaphi isaa waa itti godhee tan jettu,hanga ammaa anaaf Gaafii tahee jira. Tahullee garuu Ustaaz Mohammed Bayaan Guyyaa Arraa Tiktok Irratti Yaada kennateen,Namoota Natti Daangaa dabruun Na Komataniifi jechootaan Na Haleelan akkasuma Namoota Komantiis tahee Viidiyoo qoosaa Narratti Hojjataniif Dhiifama godheera jechuun dubbachuun isaa dhagahame. Anaafis Dhiifama godhaa jechuun Ummatarraa Ofkoltii gaafateera.

Dhumarratti Ustaaz Mohammed Bayaan Ajandaa Qabattoo Kaayatuu sana Akka Ummataaf Baasuf qaamni isa kakaase yoo jiraate,Ummataaf akka ifa godhu,akkasuma yoo osoo hin beekin Miira isaa toohachuu dadhabuun ajandichi akka babaldhatu kan taasise tahes Osoo Nuuf ibsee natti tola. Jechaa Namoonni Mucaa Kana Akka Waan Biraa tokkotti ibsuuf yaaltan,Ani Mucaa Kana Itti dhiheenyaan beeka. Fedhiin Inni Diin Rabbii Ummata Baraiisuf qabu Akkaan Guddaa Akka Tahee fi Nama Diin Rabbii Jaalatu tahuu waliin Nama Dafee Mufatu Akka Tahe Nan Beeka. Kanaaf Osoo Waa Baayyee jechuun Itti Qoosuu Baattanii Natti tola. Rabbiin Hunda Keenya Badii Teenya Nuuf Haa dhiisu.

Dhimma Ustaaz Mohammed Bayaan Ilaalchisee Ustaaz Sa’aad Aliyyii Yaada gabaabaa Kennate.

Viidiyoo Gabaabaa Olirra jiru Kanaan Ustaaz Sa’aad Aliyyii Hawaasa Saba Ustaaz Mohammed Bayaan Kana Dilaawaa jiraniifi Akkasuma Sababa Isaan Wantoota hin taane jechuun Ustaaz Mohammed Aarsaniif Yoo Gaaga’amni Dhufe Hundi Nama Dhimma Kanarratti Hirmaatee Itti Gaafatama Jalaa Hin bahu waan taheef Kanarraa Ofeeggadhaa jechuun gorsa kennan agartu.

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment