Hiccitii Qubee Afaan Oromoo Fayyadamuun Barreessuu.

Waa hunda dura Afaan Oromoo Kan Jechoonni isaa akka cirracha lagaa kana Rabbii Afaan Keenya godheef galata galchina.

Oromoon Afaan Oromoo keessatti Jechoota hedduu fayyadamuun Hiika jecha tokko bakka buusuun fayyadamuu dandahe. Kuni Ammoo Seenaa Afaanota biroo irraa adda isa taasisu keessaa isa tokko. Fakkeenyaaf Jecha “GAARII” jedhu kana Oromoonni Kutaa Garagaraa Jiraatan Akka tokkotti Yaamuu baatanis,Hiika jecha biroo isaan fayyadamanii akka kennu ni beekan.

Jechi “Gaarii” jedhu Jecha “Dansaa fi Mishaa” jedhuun hiika wal fakkaataa kan kennu akka tahe Kan waakkatu hin jiru. Ammoo jechoonni sadeenuu Afaan Oromooti. Afaan Oromoo Akkasiin Jechi tokko Jechoota baay’atuun isaa Ofiifuu Afaan Jechoonni isaa akka cirrachatti baayyatu tahuu waliin akka Addunyaatti sadarkaa akka qabatu isa taasisa.

Afaan Jechoota Akkasiin Baayyatu qabu kana yeroo Qubee Afaan Oromoo Fayyadamuun Barattu Ammoo,Hiccitii Baay’ee Ittiin Daddabarsuu akka dandeessu carraa siif kenna. akka fakkeenyatti Qubee Afaan Oromoo Fayyadamuun Jecha “Nama” jedhu keessaa jechoota baayyee baafta.

Qubee biraa tokko osoo itti hin daballe Jecha Nama jedhu keessaa Jechoota akka “Amma,Mana,Namana,Naanaa,Aanaa,Ana,Manna(isaa Manna akka jedhamuuti),Namaan(Namaan Hojjatame akka jedhaamuuti) akkasuma Jecha akka Namaa? (Amma Kuni Namaa jedhamee akka gaafatamuuti) jechoota kanneen fi kanneen biroos baasuu dandeessa. Hiccitii namni biroo yookaan qaamni biroo Akka hin agarre feetu Yeroo Qubee Afaan Oromoo fayyadamuun Ilmaaf dabarsitu akka fakkeenyatti jecha “Jaalala”jedhu qofa Barreessuun Ilmaaf Dabarsite yoo jenne,ilmi kee Wanta Ati Dhaamtef san akkamitti beekuu dandaha?

Tolaan Ganda Baadiyyaa Naannawa Magaalaa Jirtu keessa Jiraataa Ture. yeroo dargaggeessa turetti Afaan Amaaraatin malee Qubee Afaan Oromootin Barachuun Hin eegalle(Jalqabamne) ture. Tahullee garuu Erga Fuudhee(Haadha Warraa Godhatee) Bultii ijaarrate booda Qubeen Afaan Oromo Haayyootaan Qubee Laatiinii Irraa Liqeeffatamullee,Akka Oromoof Tahutti bocamuun Rakkoo Dheeraa booda Oromiyaa keessatti Ittiin Baratamuu eegale.

Tolaan Yeroo Qubeen Afaan Oromoo Itti barsiifamuu jalqabu kana Ilma Jalqabaa argate. Tolaan Erga Ilma Argate kana akka durii mataa gadi buusee hin deemu. mataa ol Qabatee boonuun Lafa dhiitaa deema. Tolaan erga ilma argate kana boonuu eegale jechuun Hawaasni ganda sanii Walitti hasaasuu eegale. Hasaassii ollaa isaa kana kan dhagahe tolaan,dhugaa jettan jedhee keessa isaatti ofiin hasayaa waan takka murteesse. Ilma isaa Reefu dhalate kana Maqaa Boonaa jedhu itti moggaase.

Tolaan Yeroo Ummanni Boonuu eegale jedhee hasaasu kanatti ABO irraa dhossaadhaan Qubee Afaan Oromoo kana Barataa ture. Tolaan Nama Faxina(Nama Saffisaan waa hubatu) waan tureef Qubee Afaan Oromoo kana Jabaafi Laafaa,Dheeraafi Gabaabaa akkasuma Qubee Dubbachiiftuu fi Qubee Dubbifamaa akkasuma Qubee Dachaa Addaan Baafatee Sirritti Dubbisuu fi Barreessuu dandaheera.

Ilmi Tolaa Guddatee Barris Jijjiiramuun Qubee Afaan Oromootin Baratuu eegaleera. Guyyaa tokko Ilma isaa kanaaf Waan Qubeen taatefi sababa Moggasa Maqaa isaa akkasuma hiika dhossaa Maqaa kana keessa jiru himuufii eegale. Ilmi isaa boonaanis Tole jedhee,Garaan ciisee miila Lamaan isaa duuba isaatin ol dhadhaabee tafa isaarra ciibsee,Harka lamaanin Boqoo(Mallaalee) lamaan isaa qabatee, waan Abbaan Isaa jedhuun sirritti dhaggeeffatuu eegale.

Gaafa(yeroo) ati dhalattu sana Ummanni Ganda keenyaa kuni Tolaan Jidduu kana Boonuu eegale naan jedhan jechuun himeefii jennaan Boonaan Ati Ni Boontee silaa? Jennaan eeyyeen akka maleen boonaa ture. Jennaan,Ammas Maalif Boonte? Gaafi jedhu Gaafate. Yeroo Ati dhalattu sana si qofaa miti Kan Dhalate jennaan,Boonaan Rifatee,Ilma Na dhossite qabdaaree jedheen. Lakkii Yeroo Ati Dhalatte sana Qubeen Afaan Oromoos Oromoof Dhalatte jedheen.

Kanaaf Boonaa Naan jetteeree? jennaan,Maqaa kankee kana keessattin waa dhoffadhe(Olkaayadhe,Ija Namaa duraa Akka Namni Hin beeynef haguuggadhe) jedheen. Hiikni isaa Boona qofa kan ilaallatu miti jenaanin, Maal jechuudha Kan Jedhu amma Sammuu Boonaa keessa Naannahuu Eegalee,Duuba Maal Maqaa kiyya keessatti dhoffatteree? jechuun Abbaa(Tolaa) Gaafata. Abbaan Ammas Sirritti dhaggeeffadhu jedheen.

Tole Hayyee jedheen Ija Hirriibni Guute harkaan Rirrigataa. Gaafa Nuti Joollee Akka Keessan kana Qubee Afaan Oromootin Baratuuf Carraa Hin Arganne ture. Kanaaf Afaan Amaaraatin Baranne. Silaa Maqaa Kankee Kan Qubee Afaan Oromootin Boonaa Jedhu kana Qubee Lama Boo jettuu fi Naa jettu Qofaan Katabna ture. Qubee Lamaan Tana keessatti jecha dhossaa Yookaan Jechoota Biroo Qubee tana Lamaan qofa fayyadamuun Baafatuu hin dandeenyu jedheen.

Garuu Maqaa kee kana Qubee Afaan Oromootin Yeroo barreessinu Boonaa taha. Qubee Dubbachiiftuu Lamaa(B,N) fi Dubbifamaa(A,O) Lama arganna jedheen. Mee Osoo Qubee Biraa Tokko alaa itti Hin Daballe Jechoota Meeqa Baafatuu Dandeenya Yaali jedheen. Boonaanis Jechuma Haa tahuu malee Duraaf duubaan,Garii dheeressee garii gabaabsuun Jechoota askeessa jiran tarreessuuf yaalullee Wallaalee callifnaan Abbaan Itti agarsiisuu eegale.

Jecha Boonaa jedhu keessa Qubee Afaan Oromoo fayyadamuun Jechoota Akka “Boonaa,Bona,Boona,Ona,Onaa,Obaa,Abbaa,ABO,Abaaboo, jedhee Barreessinaan Mucaan Gaafi Qaba fakkaata. Jechoota inni beeynetu askeessa seene. Kana baratuuf, Ona jechi jedhu maali jedheen? Handuraa fi Qullummaa Bakka bu’a jennaanin Maal jechuudha Jedheen irra deebi’ee. Abbaanis Fakkeenya Himuufin eegala.

Baldhina Lafa teenyaa tana agartee? Jedheen ee Anuu keessa deemee fixuu hin dandahu jedheen. Lafti Baldhoon tuni Ona Akaakiyyoota keenyaati ture. Duraan Asirra Loowwan tiffatanii Laga Gadii san loowwan Obaa Buusuun Obaasanii Galgala Galfataa turan. Ahaa jecha Obaa jedhulleen Dura Na dhibee gaafatufan turee amma naaf galeera. Garuu Jechi Ona Jedhu Akkamitti Qullaa Bakka bu’a jennaan.

Manni tokko Yoo Namni Keessaa Deeme Ni Ona(Ni qullata) jedhee himnaanif Hayyee Onaa jechi jedhu hoo jennaan,FKN yoo Waanin Hanga ammaa si barsiisaa jiru kana Mataatti Hin Qabatin Onaa jedheetin Si arrabsa. Yookaan Ammoo Nama Mataan Qullaa (Horoqaa keessi Humaa Hin qabne) jechuudha. ati akkas jedhamtee arrabfamuu feetaa jedhee ilma isaa gaafannaan,Lakki! Jedheen. saniifuu Jecha Kanas Maqaa kankee keessa jiraa Moggumatti Naaf qabadhu jedheen.

Hayyee ABO jechuun Maali Anoo Beeku jennaan,ABO jechuun Adda Bilisummaa Oromoo jechuudha. Gabaajeen Hoggaa Barreeffamu ABO jedhama jedheen. Maal jechuudha Adda Bilisummaa Oromo jechuun jennaan deebii isaa Gaafa Guddatte siif gala,ammaaf Jecha kana Maqaa kankee keessattin Dhoffadhee Sababnis ABOtu Qubee Afaan Oromoo Na Barsiisee Akkasiin Beeki jedheen. Tole Jedheenii Irraa Fudhate.

Hayyee Bona fi Abaaboohoo Maalif Maqaa kiyya keessatti dhoffatteree jennaan,Abaaboon Jaalala Bakka Bu’a. Abaaboon Ijaaf yeroo laalan Namatti Tola Kanaaf Ijaan Yeroon si argu Hunda Abaaboo Natti Fakkaatta Kanaaf jecha kanas Maqaa kankee keessattin Dhoffadhe jedheen. Jechi Bona jedhu ammoo yeroo ati dhalatte sana Ganni dhumatee oomisha Alaa galfataa turre. yeroo Ganni dabre Maaltu Seena jennaan,Mucaan Bona jedheen. Jecha Kanas Kanaafin Maqaa kee keessatti dhoffadhe jennaan,Boona jechi jedhuhoo Jennaan,akkan Ani Fedhutti Jabaa Taatee Hunda caaltee akka Na Boonsitu Waanin Abdii sirraa qabuuf Yeroo Hunda Sittin Boona jechuu kiyya. Kanaafuu Jechoota maqaa Kankee keessa jiran kana Hunda Naaf Kabaji Yeroo Hunda Naaf Kunuunsi Jedheenii barsiisaa ture.

Gaafa Tokko Ooyruu Guddoo Mana Isaanii gama Jalaa Jirtu Keessa Ilma Isaa fuudhee Seenaa Akaakiyyoota Isaa Barsiisaa Naannawa Oorruu sanaa Abuuraa Turan. Osuma Maasaa Abboota Isaanii Kana Keessa Muka Guddaa Firiin Mi’aawu tokkootu Ture. Muka Kana Waliin Koranii Firii muka sanaa Kutatanii Nyaataa Waliin Koflaa Turan. Guyyaa Tokko Boonaan Akkuma Mana Baruumsaa Irraa Manatti galeen Namoota Boohaa Jiran Arge. Maaltu Tahe jedhee Baayyee Rifatee,Yeroo Mana seenu Abbaa Isaa Boqote(du’e) argee Gaddaan Haguugame.

Abbaan Boonaa Obbo Tolaan Harka Namaatin Ajjeefamuun Hubatame. Qaamni Isa Ajjeese Ammoo Warruma Bulchiinsa Qabalee ganda Baadiyyaa Magaalaa Jalaa sankeessa Obbo Tolaa waliin Tajaajila Ummataaf kennaa turan tahuu Harmee(haadha) Tolaa qofatu beeka. Akka Hin dubbanne ilma kankee dhabda jedhamtee Sodaachifamtee jirti. Dhiigni Tolaa Lafa badullee garuu ilmaan akka deebi’uuf jiru haati Hin shakkitu.

Tolaan Guddatee Baruumsa isaa Xumuruun Ganda Isaatti Deebi’us Hojii Hin arganne. Harmee isaa tana waliin Rakkina Dhamdhamachaa Hojii Barbaadatuuf Gara magaalaa naannawa sana jirtuu deemuun Tattaaffii Gochaa jira. Namoonni Abbaa Boonaa Ajjeesan Ammoo Harmee Boonaa Rakkisuu Hin Dhiifne. Sababni Isaa Waan Guddaa Dhoffametu jira. Harmeen tolaa Homaa Hin Beeytu. Tahullee Garuu Xalayaa Abbaan Ilmaaf Barreessee Kaahe,tan Gaafa Tolaan Guddate Itti Kenni jettu Qofa Beeyti.

Obbo Tolaan Gaafa Xalayaa Tana Barreessee Harmee Boonaatti kennu Qubeedhaan jedhiin jecha jedhu qofa Dhaamuufii isaa yaadatti. Harmeen Tolaa Xalayaa Tanarraa Wanni Agarte Jecha Afaan Amaaraatin Fiqir jedhu qofa waan taheef dubbiin galuufi diddee Olkeessee turtee arraan geesse. Namoonni sababa Hiccitii Tolaan qofti bakka beekuu kanaaf Tolaa Ajjeesan Ammoo Waan Tolaan Boonaaf Himi siin jedhe Nutti Himi jechuun Halkaniif guyyaa Harmee Boonaa Rakkisaa Turan.

Guyyaa Dhumaa Tolaan Magaalaa Irraa Gara Baadiyyaa sanaa Akkuma dhufaa Jiruun Namoota Harmee isaa Reeban argee Obsa Fixate. Harkaan Itti Dabree Jennaan Ilma Koo Najalaa Ajjeesurra jettee Xalayaa Dhossitee turte baaftee Addaan Bantee Boonaa Agarsiisaa Jaratti achi kennite. Jarris Ergamuu malee warra Barate miti. Xalayicha fuudhanii Gara Nama Ergamaniifitti Deemaniin.

Abbaan Jara erge Xalayaa Argee Kofle. Min Aabbaatu jedhee Kaballaan Jara Gurra Duuche. Tahullee garuu Xalayaan Turtuu tahuu waan Hubateef Akka Tolaan Barreesse Hubate. Tahullee Wanta Barbaadu Argatuu Hin Dandeenye. Boodarra Waa Yaadate. Intala Tolaan Dur Ija kaayate(Fedhe Hamile) takka Yaadate. Maqaan Intalaa Fiqir Jedhama. Ammas Haaraatti Intala Bultii Nama Biraa Keessa Jirtu Rakkisuun Fidi waan Tolaan Si bira kaahe jedhanii Reebuun Rakkisaa Turanillee Intalli Tolaan Eenyu akka taheehuu Hin yaadattu.

Boodarra Boonaan Waa Yaadate..

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment