Dhimma Qubee Khuullee Jedhamerratti B/B/Oromia Ibsa baase.

Qubee Khuullee Oromo jedhamerratti Biiroon Barnoota Oromiyaa Ibsa baase.

Dhimmi Atakaaroo guddaa uumuun Ijoo Miidiyaa Hawaasummaa tahe kan Khuullee Oromo jedhuun Akka Qubee Afaan Oromotti Ummataaf dhihaate jedhamuu haasaha al idileeti malee wanti nubira gahe Hin jiru jechuun Biiroon Barnoota Oromia ibsa baase.

Biiroon Barnoota Oromia Al idileedha jedhullee garuu Qubee khuullee kanaan Kitaabonni Maxxanfamuu fi barattoonni ittiin barataa jiraachuun kan yaachifte Hayyoonni Oromoo baayyeen dhimma Qubee Qorannoo malee biyya keessatti tajaajila eegale jedhamu kana jabeessanii balaaleffataa jiran.

Biiroon Barnoota Oromia Dhimma Qubee (Khuullee) Oromo jedhameeratti ibsa baase.

Qubeen Afaan Oromo Seera Mootummaa Naannoo Oromia keessatti Caffeedhaan Raggaasifamee Barattoonni Ittiin barataa har’a gahuu fi Kan Qubee jijjiiruu dandahu ammoo Caffee Oromia qofa jedhee Biiroon Barnoota Oromia ibsa isaatin yaadachiise.

Qubeen Afaan Oromo erga seeraan Ummata keenya tajaajilaa jiraate,kan seera malee Kitaabni ittiin maxxanfamee Barsiifamuunin jalqabame jedhan Kan Khuullee Oromo jedhamu kana Maalif seeraan hin gaafanne jechuun Hawaasni Oromoo Mootummaaf Gaafii dhiheessaa jira.

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment