Kanaan dura Baankiin Misooma Afriikaa, humnoota nageenyaa mootummaatiin haleellaa hojjettoota isaarratti raawwatame hordofuun, hojjattoota isaa erga baasee baatii 1 booda hojjattoonni isaa hundi gara #Itoophiyaatti akka deebi’an Guyyaa Kaleessaa Beeksiseera.
Ji’a darbe Pireezidaantiin Baankii Misooma kanaa Akiinwaamii Adeesinaa M/M Ethiopia Dooktar Abiy Ahimad waliin erga dubbatanii booda, Dr.Abiy Ahimad baankii misooma Afrikaa dhiifama gaafachuun, nageenyi hojjattoota isaas akka eeggamu wabii kennanii Akka Jirantu Gabaafame.

Baankichi ibsa har’a baaseen hojii idilee isaa akka eegaluuf aanga’ootaaf wabii nageenyaa akka kennan ibsanii Baankichi Ethiopiatti Deebi’ee Hojii Idilee Isaa Akka Itti fufuuf jiru Beeksiseera. Dhimmuma Kanarratti Obbo Kaab Buttaan Yaada kennates Viidiyoo Olirraa Agartanirraa Dhaggeeffadhaa.
Baankiin Misooma Afrikaa ibsuma kanaan,Marii M/M Ethiopia Abiy fi Adeesinaan gaggeeffame hordofuun, Mootummaan dhiifama gaafachuu isaa fi dhimmoota taatee kanaan walqabatan furmaata barbaaduuf kutannoo cimaan akka jiru, baankichis Itiyoophiyaatti hojii isaa akka eegalu ibseera. kanarratti Hojii Bareeda jechuun Namoonni Abiy Ahmed Baga Dhiifama Gaafate jedhanii Jajaa jiran. Isin Maal jettan Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia