Baqattoonni Oromo Biyya Somaliyaa Jiraatan Rakkoo Nageenyaa Hamaadhaaf Saaxilamanii Jiraachuu Himan.
Rakkoo Nageenyaa Kanaaf Saaxilamuun Keenya erga Mootummaan Ethiopia fi Somaliland Waliigaltee Hulaa Galaanaa Mallatteessan Akka Tahe Himuun Ummanni Keenya Mootummoota Gamtoomanitti (UN) Akka Nuuf Iyyitan Jechuunis Dhaammatanii Jiran.
Dura Taa’onni Koree Hawaasa Gabaasa OMN’f Erganiin Akka Jedhanitti,Nannawa Akka Torobooroo,Aadii fi Kanneen Kana Fakkaatan Keessa Hawaasni Oromoo Jiraatu Baayyee Tahuu fi Yoo Xiqqaate Manneen 300 Ol Tahan Guyyaa Shan keessatti Akka kaafattan Jechuun Akka Doorsifaman Himaniiru.

Baqattoonni Biyyoota Biraa Jiraatan Bakka Qubsiifaman Qaban Kan Jedhan Jiraattonni Biyya Somaliyaa Kunneen,Biyya Kanatti Garuu Akkaatuma Suur-Sagalee yookaan Viidiyoo Olirraa Agartan Kanaan Faffacaanee Jiraanna malee Iddoo Baqataan Qubatu Hin Qabnu Jechuun Rakkina Keessa Jiran Kana Himanii,Mootummoonni Gamtooman Akka Furmaata Nuuf Laatan Nuuf Gaafadhaa Jechuun Hawaasni Keenya Akka Nuuf Iyyitan Jedhanii Dhaammatan.
Gama Biraatin Hawaasni Oromo Biyyuma Somaliyaa Naannawa puutland Bosooso Jiraatan Manneen Jireenyaa Irratti Diigamee,Amma Guyyaa Afuriif Ala Bulaa Jirra Jechuun Iyyatanii,Hawaasni Keenya Nuuf Iyyaa Rakkoo Keenya Kana Addunyaa Nuuf Beeysisaa jedhanii jiran. Biyyuma Somaaliyaa Keessa Jiraattu Somaliland keessattis Hawaasni Keenya Rakkoo Keessa Jiraachuu Himuun,Hanga Ammaa Namoonni 20 tahan Miidhamuu Himanii Jiran.