Haalli Biyyi Keenya Keessa jirtu Yaachisaa fi Walwaraansi Gidduu keenyaa Miidhaa malee Bu’aa Hin Qabu Kan Jedhan Ministeerri Nageenya Ethiopia obbo Binnalfoon Ammas Taanan Hulaan Keenya Araaraa Mariyatuu Banaa jira Jedhan.
Kanaan Dura Dhimmi Araaraan Furachuu Biyya Keenya Keessatti Taasifne,Guutumatti Hin Milkoofne Jechuu baannus Kan Osoo Hin milkaahin Hafanis Ni jira. Naannoo Keessatti Mariin Nuuf Milkaahe Haalli Jiru Tasgabbaahaa Tahullee garuu Kan Naannoo Oromia fi Amaaraa Yaaddoo Guddaa Tahu Kan Himan Ministeerichi Ammas Taanan nuti Mariyachuuf Fedha qabna jedhaniiru.
Waraana Bilisummaa Oromo ( WBO ) waliin Mariin Araaraaf Taasifne Nuuf Hin Milkoofne jechuun Deebinee Hin Mariyannu jechuu miti kan Jedhan Ministeerichi Yoo WBO’n Fedha Qabaate Nuti Mariyachuuf Qophiidha Jechuun Walgahii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Irratti Tibbana Taasisanirratti Dubbataniiru.

Gama Biraati Dhaadannaan Waraanaan Moohachuuf qaban Garee Lamaanurraa Dhagahamaa kan Jiru Tahuus Dubbiin dhiheenya Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa Dubbatan Namootaaf Qoosaa Tahuun Ijoo Miidiyaa hawaasummaa godhatanii Yaadota Garagaraatin Ibsaa Jiran.
Dhimmuma Kana Irratti Obbo Kaab Buttaa Yaada Kennateen Mootummaan Jaalatees Jibbeef Furmaanni Inni qabu Mariitti Deebi’uu qofa jechuun Yaada Kennatee,Haala Rakkisaa Ummanni Keenya Oromo Oromia Bakkoota Hedutti Sababa Gibira Itti Baayyateef jecha Rakkina Gubbaan Rakkina Dabalate jedhees Kuni Ummatarraa Dhaabatuu qaba jechuun Gaafateera.