Dhimma Oromoota Somaliyati Rakkataa Jiran Kana Oromoon Maalif Itti Callise? Kaabutaa

Haalli Oromoota Biyya Somaliyaa Jiraatanii Yaaddoo Uumuun,Hawaasni keenya Somaaliyaa fi Naannawa sana jiran Sagalee Nuuf Tahaa jedhanii Iyyataa jiran.

Hawaasa Oromo Biyya Somaliyaa Jiraniif Sagalee tahaa jechuun Oromoof Dhaame

Dhimma Kanarratti Yaada Kan kennate Kaab Buttaan Hayyoonni Oromoo Maalif Itti Callisan Jechuun Komii Isaa Gaafii Gochuun Gaafatee, keessattuu Sheekkotiin Oromo Sheekkota Somaliyaaf dhimma Kana Maalif Hin Ibsine jedhee sheekkota,Qeesota,Hayyoota fi Aktivistoota Oromoo Hundaaf Dhaamsa dhaame.

Oromoonni Biyya Somaaliyaa Jiraatan Sagalee Keessan Barbaadu jedhe Kaabutaan

Sheekkonnis tahee Abbootiin Gadaa Akkasuma Hayyoonni Oromo Ummanni Keenya Biyya Somaaliyaa Jiraatan Dhimma Hulaa Galaanaa Kanarraa Wanni Beekan Hin jiru jedhaa Hawaasa Somaaliyaa Beeysisaa Jechuun dhaamee, Ummanni Ofiifuu Mootummaa Kana Baqatee Biyya Keessan Keessa Jira Jedhaa Hubachiisaa Jechuun Dhaamef.

Gama Biraatin Oromoon Afaan Somaalee Beeytan Dhimma Kanarratti Callisuu Hin Qabdan Ummata Keenya Haala Yaachisaa Kana Keessaa Baasuf Hawaasa Somaalee Hubachiisaa jedheera. Hawaasni keenya Oromo Mootummaa Dheefa Biyya Somaalee Akka Jiru Himaafi jechuun, Hawaasa Keenya Nuuf Baraaraa Sagalee tahaafi jechuun waamicha taasiseera.

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment