Oromoonni Biyya Ollaa Somalilaand jiraatan Yaaddoo Nageenyaa Qabna jedhan.

Haalli Lammiilee Ethiopia Biyya Somalilandi fi Somaliyaa Keessa Jiru erga Waliigalteen Hulaa Galaanaa Mallatteeffame Nageenya isaanitiif Yaaddoo Uumuu Himan.

Lammiileen Ethiopia Biyya Somaliland jiraatan Yaaddoo Nageenyaa Qabaachuu BBC’f Himan

Gaafa Jalqaba Waliigalteen Hulaa Galaanaa Mootummaa Ethiopia fi Somaliland Gidduutti Mallatteeffamu Gammachuu Guddaatu ture. Haatahuu malee Guyyoota Muraasa Booda Haalli Jiru Jijjiiramuun Nageenya Keenyaaf Yaaddoo Uume jechuun Ittigaafatamaan Dhimma Nageenya Baqattoota Gaanfa Afrikaa Obbo Ibsaa Namni Jedhamu BBC’f Gabaasa Erge kanaan beeysise.

Rakkoo Nageenyaa Kanaan Lammiileen Ethiopia Biyya Somaliyaa Jiranis Yaaddahuu fi Ammatti Balaan Homtuu Akka Isaan Hin Mudatin Ibsanii jiran. Haa tahuu malee Jiraattonni Oromo Biyya Somaliland Keessa Jiraatan Yaaddoo Guddaa Keessa Jiraachuufi Miidhaan Qaqqabelleen Akka Jiruutu Ibsame.

Lammiileen Ethiopia Biyya Somaliland Jiraatan Yaaddoo Nageenyaa Qabaachuu Himan.

Xalayaa Qaama Hin Beekkamnerraa Afaan Somaleetin Barreeffamte dubbisanii Sodaachuu Kan Himan Lammiileen Keenya Biyya Somaliland jiraatan,Mootummaan Hamma Tokko Naannawa Oromoon Qubatu Humna Nageenyaatin Eegaa Akka ture himanii, Garuu Gahaa Miti Jechuun Ibsa BBC Afaan Oromootif kennan keessatti Beeysisanii Jiran. Guutuu Haala Achi Turee Viidiyoo Olirraa Agartanirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa.

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment