Afgaafiin Obbo Jawar Mohammed Arts Tv worlds waliin Taasise Kutaa 2ffaan Kaleessa Maxxane. Kanarratti Gaafii Dhimma Fashaluu Marii Araara WBO Fi Mootummaa Gidduu Gaafatame.
Obbo Jawar Mohammed Mariin Araaraa Suni Hanga Ani eege Olitti Waa Baayyee Irratti Waliif Galameera. Biyyi Keenya Siyaasa Mariitif Haarawa Waan taheef Rifatame malee Milkaa’ina Baayyeetu Maricharratti Argame jechuun Haala Marii sanii Hime.
Gareen Lachuu Fedhinnaan Isaan Araara Buusuuf Qaban Guddaa Tahurraa kan Ka’e Achitti Argaman. Yoo Akkas Tahe Miidiyaalee Mootummaa Irraa Gaafa Mariin Eegalu Ololli Damassasne fi Caccabsine jedhu Maalif Lallabamaa ture Jedhee Jawar Gaafate.

Obbo Jawar Mohammed Akkan Ani Yaadutti Akka Waan Moohatanii Harka Kennachiisanii yookaan Dirqamaan Marirratti Akka Hirmaatan Taasisan Wahitti Ummatatti Fakkeessuf Yaalameeti taha malee Gareen Lachuu Fedhinnaan Isaan Nagaya Buusuuf Qaban Guddaa Akka Ture Himeef.
Biyya Sanitti lolli Faannoos tahee WBO waliin Adeemsifamu Marii Araaraa Qofaan Xumurama Kuni Garuu Biyya Keenyaaf Siyaasa Haaraa Waan Taheef Obsaan Itti Deemamuu Akka Qabus Himuun Olola Garee Lamaan Addaan fageessurraa ofeeggatuun Barbaachisaa Akka tahe Dubbateera. Afaan Oromotti Jijiireera Viidiyoo Olirraa Agartanirraa Guutuu isaa Obsaan Dhaggeeffadhaa jechaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia