Taateen Tibbana Magaalaa Finfinnee Keessatti Tahe Muslimtoota Ethiopia Gadda Uwwise.

Guyyaa Kaleessaa jechuunis Ammajjii 6 Bara 2024 taateen Tokko Magaalaa Finfinneetti Tahuun Muslimtoota Ethiopia Gaddaan Haguuge.

Ethiopian Sheik Abdu Yasin Magaala Finfinneetti Qaama Hin Beekamneen Ajjeefaman.

Sheik Abdu Yasin Jedhama. Hayyuu fi Barsiisaa Amantaa Islaamaa Tahuun Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Jedhamutti Nama Diinii Islaamaa Qaraasisaa turee fi Masjida Badir jedhamuttis Akka Duree yookaan Imaama Masjidaatti Nama Salaachisuu fi Guyyaa jum’aa Kuxbaa Gochuun Hawaasa Muslima Naannawa Sanaa Nama Tajaajilaa Tureedha.

Ammajjii 6/2024 galgala Erga Salaata Ishaa’ii Salaatanii Masjida irraa Gara Manaa Deemuu eegalan Karaatti Balaan Mudate. Qaama Ammatti Eenyummaan Isaa Hin Beekaminiin Rasaasni Duuba isaatin Itti Dhukaafame. Lubbuu Isaa Baraaruf Gara Hospital Abet jedhamu Geeffamee Yaalamuuf Tattaafatamullee Garuu Lubbuun isaanii Hafuu Waan Hin Dandahiniif Gama Fuula Rabbii Deemanii jiran.

Sheik Abdu Yaasin Magaala Finfinneetti Ajjeefaman

Taatee kana Kan Balaaleffate Ustaaz Kamil Shamsuu,Hamma Eenyummaa Nama Gocha Fokkisaa Akka Kanaa Raawwate Addaan Baafamutti Miidiyaa Hawaasummaa Irratti Shakkiidhaan Akka Waa hin Barreessine jechuun Hawaasa Sirna Awwaalcha Sheik Abdu Yasin irratti Hirmaatef Dhaamaniiru.

Eegaa Sheik Abduu Yasin Rabbi Jannataan Haa gammachiisu jechaa Mootummaan Lubbuu Lammiilee Nagahaa Haala Kanaan Magaalaa Finfinnee keessatti Darbaa jiran Kana Qoratee Namoota Gocha Akkanaa Kana Raawwatan Akka Seera jala oolchu kabajaan Gaafanna. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment