Hulaan Galaanaa Biyya Keenyaaf Waan Gammachiisaa fi Nuboonsu tahee Osoo jiruu garuu Mariidhaan Tahuu Akka qabu Kaabutaan Irra deebiin Gaafatuun,Odeeffannoo Haarawa Jiru Akkanaan Himaa jira.
Akka Kaab Buttaan Odeeffannoo Keessoon Arganne jechuun Himaa Jirutti,Mootummaan Naannoo Somaliyaa Obbo Musxafeen Dhimma Hulaa Galaanaa Kanarratti Mootummaa Biyya Somalia waliin Akka Bilbilaan Haasahan Dubbatan Himee,Haasaha Waliin Taasisaniinis Dhimma Hulaa Galaanaa Kan Ethiopian Somaliland waliin Mallatteessiterraa Obbo Musxafeen Humaa Akka Qubaqabne Itti Hime jedhe.
Obbo Musxafeen Ani Akkan Peresdaantii Somaliland Simadhu qofan ajajame malee Maalirratti Akka Waliigalameefi Maalif Akkan Simadhu wantin Beeku Hin Jiru Jechuun Mootummaa Somaaliyaatif Hime jechuun Odeeffannoo Keessoo Mootummaa Isaanii irraa Argate Nuuf Hima.

Akkuma Obbo Musxafeen jedhe Itti Aanaan Mumicha ministeera Ethiopia Obbo Demmeqaa Mokonenis Namni Dhimma Hulaa Galaanaa Kanarratti Nuun mariyatamee Taasifame Hin Jiru. Nutis Guyyuma waliif Mallatteeffamu qofa dhageenye jechuun Waltajjii Marii Naannoo Amaaraa keessatti taasisanirratti Akka Dubbatan Hima Kaabutaan.
Gama Biraatin Dhimmi Kuni Marii Hayyoota fi Qaama Dhimmi Ilaallatu Hunda Hirmaachisuu qaba Jechuun Yaadachiisee, Waan Tahu Hin Beekamu Ummanni keenya Biyya Simaliyaa Keessa Jiraatan Ofeeggannoo Gochuu Akka qabu gorseera. Isin Maal jettan? Viidiyoo Olirraa Gartanirraa Guutuu Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia