Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Miidiyaa Irraa Eessatti Badaniin Gaafii Ummanni Gaafataa jiruudha.
Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Jaala Obbo Taayyee Dendea Kan Turanii fi Miseensa Paarlaamaa Ethiopia Tahuun Waggaa Lamaa Oliif Tajaajila Kennaa Kan Turan Miidiyaa Hawaasummaa Irraa Baduun isaanii Akka Ummanni Iyyaafatu Taasise.
Hangaasaan Yeroo Garagaraatti Miseensa Paarlaamaa Tahee Osoo Jiruu Haala Rakkisaa Oromia Keessa jiruu fi Dhimmoota Ethiopia Ilaalchisee Shira Deemaa Jiru jechuun,wantoota Ragaa Itti qabnu jedhee Rakkoo ummataa Gama Fuula feesbuukii isaanii Irratti Liivii seenuun Dubbataa turan.

Tahullee Jidduu Kana Sagaleen isaa Miidiyaa Hawaasummaa Irraa fi Fooddaa Tv Mootummaa keessattis Muldhatuu Dhabuun Hawaasatti Yaaddoo Uume. Keessattuu Jaalli Isaa Obbo Taayyee dendea Hidhamuu waliin Hangaasaan Hanga Ammaatti Homaa Dubbatuu dhabutti Yaaddofneerra jedhee Namoonni Yaada kennatanis ni jiran.
Tarii Obbo Hangaasaan akka Hin Dubbanne sodaachifamemoo sababni Inni Badeef Maali Jedhanii Gaafatanillee Hangaasaan Hanga Ammaatti Homaa Jechurraa Ofqusateera. Kanaafuu Obbo Hangaasaan Bahee Akka Jiraachuu fi Nagaha qabaachuu isaa nuuf Mirkaneessu Akkasuma Haala Jirurratti Yaada Nuuf Laatan Kabajaan Gaafanna jechuun Jaalattoonni Isaa Gaafataa jiran. Isin Maal jettan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia