Hulaa galaanaati moo Hulaa Abiddaa Bantan/Kaabutaa

Dhimma Hulaa Galaanaa Jedhamee Lammiileen Ethiopia Gammachuu Ibsataa Jirurratti Kaabutaan Yaada kennate.

Hulaan Galaanaa Ethiopian Argatte Akka Hulaa Abiddaa Hin Taane jedha kaabutaa

Hulaan Galaanaa Biyya Keenyaaf argamuun Waan guddaa fi bareeda kan jedhe kaabutan Garuu Wanti Kuni Hulaa Galaanaa Kan Nu Fayyadumoo,Hulaa Abiddaa Kan Nu Laboobu yaada jedhu kaasan. Sababni Isaas Biyyi Somaaliyaa Dhimma Kana Ilaalchiftee Komii qabdu ibsataa jirtis jedhee Yaada Isaa Itti fufa.

Ethiopian Biyya Beekkamtii Idil Addunyaa Hin qabne Somaliland waliin Akka Biyya Beekkamtii qabduu takkatti Waan Mallatteessiteef Gumgummiin Somaliyaa irraa Nutti Ka’e. Kanaafuu Hulaan Galaanaa Kuni Wahi Hulaa Abiddaa Nutti Tahaa laata shakkii jedhun qaba jedhee,wanti kuni Lola Malee Karaa Nagaatiin Akka Xumuramuu qabus Yaada kennate.

Hulaan Galaanaa Ethiopian Argatte Akka Hulaa Abiddaa Nujalaa Hin taane jedhe Kaabutaan

Dabalataan Kaabutaan Mootummaan Ethiopia Ajandaa Hulaa Galaanaa Kana Kan Nuuf Laatef Sababa Mootummaa fi WBO’n Araara Buusuu qaba Jedhee Dhiibbaa Gochuu jabeesseef Ajandaa Kana Ukkaamsuuf Kana Godhe jechuunis Yaadachiisee, Mootummaan Gama Araaraa Akka Socho’uu qabu Gaafatuun,Ummanni Keenya Ajandaa Hulaa Galaanaa Kana Dhiisaa Mootummaafi Waboon Akka Gama Marii deemuun Araara Buusanirratti Dhiibbaa Godhaa jechuun Gaafateera. Olirraa Viidiyoo Agartan Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment