Jawar Dabalatee Igad fi Ibsi Mootummaan Dhimma Waliigaltee Ethiopia fi Somalilandirratti Komii ka’eef baasan Maal jedha?

Waliigalteen Hulaa Galaanaa Kan Ethiopia fi Somaliland Giddutti Mallatteeffame Somaliyaa irraa komii kaase.

Jawar Mohammed Kanneen Biroo Waliigaltee Ethiopia fi Somaliland Ilaalchisee Maal jedhan?

Dhimma Kanarratti Obbo Jawar Mohammed Yaada kennateen Akka Jedhetti,Biyyi Keenya Hawwii fi Fedhii Guddaa Hulaa Galaanaa Argatuu Kanatti Gammaduu fi Akkasuma Waliigalteen Akka Kanaa Qaama Na Ilaallata jedhu hunda Hirmaachisuu Akka Qabu Yaada kennate.

Mootummaan Somaliyaa Qaamni Somaliland Qaamakoo taatef Beekkamtii Biyyummaa Nan kenna jedhu yoo jiraate Hadheeffannee balaaleffanna Jechuun,Kuni Birmadummaa Biyya kootti Waan Qiyyeeffatameedha Jettees Akka Balaaleffattu Irra deddeebiin Ibsaa jirti.

Waliigaltee Ethio fi Somaliland Somaliyaa Mufachisurratti Yaada Jawar Mohammed fi Igad Akkasuma Ibsa Mootummaan kenne

Igad Gama Isaatin Biyyoonni Lamaan Dhimma Kana Mariidhaan Hiikkachuu Akka Qabaniifi Biyyoonni Lamaan Gaanfa Afrikaaf Murtees Akka Tahe Yaadachiise.

Mootummaan Irra deebiin Ibsa Baasen Waliigalteen Dhimma Hulaa Galaanaa Irratti Ethiopian Somaliland waliin Mallatteessite Kennanii fudhachuu Kan Hammateedha Jedhanii, waliigaltichi Amantiis tahee Seerri Faallessu Akka Hin jirre Ibsaniiru. Guutuu Taatewwan Dhimma Kanaa Viidiyoo Olirraa Agartanirraa Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment