Obbo Jawar Mohammed Miidiyaa Asrat Jedhamu waliin Afgaafii Taasise. Namoonni Baayyeen Dhiiroo Maaluma Nuun jedha Jechuun Mata-dure Afgaafii Sanaa Kan Miidiyaan Asrat Jedhamu Maxxansuun Sanbata Guddaa Nu eegaa jedhe Jalaa Qooduun Yaada Garagaraatin Dabaaluu eegallaan garuu Garee Namoota Muraasaa Dallansiisee,waccisiise. Kuni Maal Agarsiisa jechuun Kaab Buttaan Yaada Isaa qooddate.
Obbo Jawar Mohammed erga Yeroo dheeraa miidiyaa irraa fagaate Booda Afgaafii Miidiyaa Asrat waliin Taasise. Afgaafii Kana Keessatti Wanti Jawar Dubbate Namoota Baayyee Afaan Qabachiise. Ani osoon Hin Hidhamin dura Waa Lama Akka Na qunnamuuf Jiru Bareecheen beeka jechuun Dubbiin Inni Viidiyoo Akka Seensatti Maxxanfame Miidiyichi Maxxanse Keessaa Dhagahame Garee Muraasa Mufachiise.

Kan Garee Kana Mufachiise Shira keenya Hayyummaa Isaa Sanatti Fayyadamee saaxila Waan jettuudha jechuun Obbo Kaab Buttaan Yaada Isaa Itti Fufee,Ani Intarviiw yookaan Afgaafii Akkanatti eegamte Hin Agarre jedhees Dinqisiifannaa Obbo Jawariif qabu Himuun Nama Kana Oromoon Jabeeffatuu Akka Qabu Dhaame.
Oromoon Osoo Hayyuu Akka Jawar Mohammed Kana Jala Hiriiree Silaa Akkanatti Faffaca’ee Qe’een isaa Yeroo Mara Boohicha Hin Taatu Jechuudhaan,Haasaa Jawar Duraan Taasise Kan Qabatamatti Amma Itti Dhufame Himuun Gurbaan Diimaan Kuni Hayyuu Oromoo qofa Osoo Taane Kan Addunyaati jechuunis Jajeera. Maraafuu Viidiyoo Olirra Jirurraa Obsaan Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia